Motummaa naannoo oromiyaatti biiroo industirii fi misooma magaalaa oromiyaa


Kaayyoo 17: Misooma, Eegumsa (To’annoo) Ittifayyadamaa fi Kunuunsa Naannoo Guddisuu



Yüklə 1,3 Mb.
səhifə6/14
tarix12.01.2019
ölçüsü1,3 Mb.
#96402
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14

Kaayyoo 17: Misooma, Eegumsa (To’annoo) Ittifayyadamaa fi Kunuunsa Naannoo Guddisuu


Safrtuulee fi Manniiwwan

  1. Qulqulinnaa Magaala %55 irra turee waggootan shanan dhufaan gara %88 akka olguddatuu gochuu;

  2. Magaarisuu Magaala %49 irra turee waggootan shanan dhufaan gara %85 akka olguddatuu gochuu;

  3. Qabiinsaa fi dhabamsiisa kosii gogaa fi dhangala’aatiin walqabatee magaalota keessatti carraan hojii namoota 15,000 ta’aniif uumamu keessaa 50% dubartootaa ta’u isaa mirkaneessuu;

  4. Qorannoo misooma miidhaginaafi magariisummaa ilaallatan (qabiyyee seerotaa, staandardiifi maanuwaalotaa) sanada 10 qopheessuu;

  5. Hojii midhaginaa fi magariisummaa magaalotaatiin wal-qabataniin carraa hojii namoota 10,000 ta’aniif uumamuu keessaa % 50 dubartootaa fayadamtoota taasisuu;

  6. Magaalaa Midhaqsuu fi magariisa gochuu (beautification and greening) irratti Dhabbataa Leenjii Teeknikaa fi Ogummaatiin leenjifamtoota 5,100’f leenjii kennamu keessaa gaheen dubartootaa 50% akka ta’u taasisuu.

  7. Magariisummaa magaalaa %80 irra gara % 88 tti guddisuuf magaaloota hundaa keessatti hojii irraa oolchuu;

  8. Iddoo magaarisuu magaalaa hojjatamee hek 13,902 ta’uu qopheessuu .

  9. Qulqullina magaalaa (sanitation) irratti barnoota ogummaa fi teeknikaa namoota 5,032 tiif leenjii kennuu kana keessaas gaheen dubartootaa 50% akka ta’u taasisuu.

  10. Balfi gogaan m3 4,210,000 fi dhangala’aan m3 4,006,250 magaalota keessaa akka ka’u taasisuu

Sagantaa Fooya’iinsa Midhaginaa fi Qulqullinna Magaalaa (City Beautification & Greenery Program)

Hojiiwwan Gurguddoo

  • Dhimma leenjii fi carraa hojii uumuun walqabatee dhaabilee BLTO fi IMX waliin hojjachuu;

  • Magaaloonni hanga jaarmiyaaleefi dhabbilee, manneen nyaataafi kanneen biroo magaalaa keessatti argaman akka adda baafatan deeggarsa gochuu

  • Iddoo lenjiichi itti kennamuufi haala itti dhiyaatu qopheessuu;

  • Magaaloonni haaldureewwan biqiltuuwwan dhaabuu fi kunuunsa barbaachisan akka qopheeffatan taasisuu;

  • hojiiwwan akka daagaa hidhuu, boolla biqiltuu qopheessuu, biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu irratti ciminaan hojjechuu,

  • Hojii misooma qabeenya uumamaa magaalaafi naannoo magaalaa (biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu) irratti qooda fudhattoota (Waldaalee IMX, Dhaabbilee Barnootaa, Abbootii qabeenyaa, Abbootii amantiifi waldaalee hawaasaa adda addaa hirmaachisuun hojjechuu

  • Magaalota keessatti hojiirra oolmaa seerotaa fi staandardoota kosii goggogaa fi dhangala’aa gamaaggamuu dadhabbinaa jiru adda baasuun tarkaanfii sireeffamaa fudhachuu;

  • Ragaa qophii sanadaa gargaaru sassaabuu fi dookimeentii qopheessuu;

  • Qulqullinaa fi magarisuu magaalaa irratti leenjii hubannoo uumuu fi cimsuu qaama hojii raawwatuuf magaalotaaf leenjii kennuu;

  • Tajaajilaa qulqullina magalaa (sanitation), qorannoo haala qabinsaa fi dhabamiinsa balfa googa, dhangalaa fi iddoo gatiinsa balfa (sanitary land fill ) irratti hubannoo uumuu;

  • Qulqulinaa fi Bareedina Magaalaa irratti Hawaasa Magaalaa wajjiin qindoominaan hojjechuu;

  • Qorannoowwaan waa’ee eegumsaa naannoo magaalotaa fi istandardii iddoo balfa gogan itti gatamuu /landfill standard/ duraan jalqabamaan akka xumuru deeggersaa fi hordoffii gochuu,

  • Piroojektoota bu’uuraalee misooma dhiibbaa naannoo irratti geessisan addan baasuu qaama dhimmi ilaaluun mirkaneessisuun akkaataa garee (category) isaaniitiin dhiibbaa naannoo (Environmental Impacct Assessment -EIA) qorachuu qama dhimmi ilaaluun mirkaneessisuu,

  • Magaalota iddoo kosi ammaya’aa qopheessuuf gahumsa qaban qorachuun filachuu fi deggarsa barbachissuu kennuu;

  • Magaalotni hubbannoo qabinsaa fi bulchiinsa kosi goga fi dhangalaa’aa irratti qaban gabisuuf leenjii adda addaa kennuu;

  • Qorannoo gaggeefamee irratti huda’un sanadaa hojeechissuu danda’u qopheessuun qaama dhimmi ilaaluun akka mirkanaa’u gochuu;

  • Leenjifamtoota gara leenjii oggummaa galan akka qopheessaniif magaalota waliin hojechuu;

  • Ijaarsota bu’uuraa misoomaa magaalota 4f deeggarsa (Environmental and Social Management Framework- ESMF, Environmental Impact Assessment, Resettlement Action Plan-RAP and ARAP Abbreviated Resettlement Action Plan-ARAP) irratti kennuu.

  • Naannoo biraa deemuun dhimma sagantaa qulqullinaafi magariisuu waliin kan walqabate irratti muuxannoo fudhachuu .

Kaayyoo 18: Sirna Karoora, Hordoffii, Deggarsa ,To’annoo fi Gamagammaa Foyyeessuu

Safartuulee fi Manniiwwan:



        1. Hojiira Olmaa Karoora dabaalee %90 irraa gara %95tti olguddissuu

        2. Qophii ka’uumsa karooraa kan bara 2008 tokko fi KGT-2ffaa 1 qopheessuu;

        3. Karoora seektara qindaa’a alligment naannoon walsimuu bara 2008 tokko fi KGT-2ffaa tokko qopheessuu;

        4. Oggeessota karooraa qophii karoora fi dhimmoota adda adda irraatti leenjiin humna ogeessoota cimsuu leenjiifamtoota 1000 ni kennama.

        5. Sanada Abstract wixinee 5 qopheessuu



Sagantaa Qophii Karooraa, Bajaata , Hordoffii fi Gamaaggama Immaammataa fi Raawwii

Hojiiwwan Gurguddoo

Ragaalee bu’uura qophii karooraf barbachissaan walitti qabu fi qindeessuu; ragaalee raawwii karoora misooma waliitti qabun abistiraktii qopheessuu fi qaama itti fayyadamuu hundaf kennuu; akkasumas gamaaggama taasifamuun ji'a 6tti hudhaalee gurguddoo adda baasuun gamaaggama isaan hiikuu nama dandeessisu gaggeessudhaan rakkoo dandeettii rawwachissummaa jiruu qorrannoon addaa baasuun leenjii hubbannoo ciimsuu wal irraa hin cinnee kennuun humnaa seektarichaa ciimsaa deemuu.

Hojii riifoormii akka seektara magaalaati gaggeeffamaa jiru caalmaatti lafa qabsiisuuf qindoominaan hojjechuu keessatuu karoora tarsiimawaa bu’aa irratti xiyyeeffate /SMBKT/ (BSC) sadarkaa hundatti hojii irra olchuu fi bu’aa argamu yeroo yeroon madaaluun foyyeessaa deemun hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii magaalaa keessatti gaggeeffaman hunda keessatti karoora irraa eegalee hanga gamaggama raawwiitti uummatni abbummaan akka hirmaatu taasiisuudhaan jiraataan magaalaa fayyadamaa misoomaa akka ta’u, sochiilee magaalaa keessatti gaggeeffaman hunda irratti gahee ol’aanaa akka qabaatu yeroo yeroon hubannoo isaa cimsaa deemuu;

Kaayyoo 19: Ilaalchaa fi Gocha Kiraa sassaabdummaa Dhabamsiisuu

Safartuulee fi Manniiwwan

1. Hojjatoota 3,000 ta’aniif barumsa namusaa akka argaatan ni taasisama;

2. Hooggansa rakkoo ilaalchaa fi kiraa sassaabdummaa hubatee fuula duratti fudhatee deemu danda'uu uumuuf leenjii kennuu



Sagantaa Barnoota Lamummaa fi Naamusa Gaarii

Hojiiwwan Gurguddoo

Magaalota keessatti sochii ummataa uumuun ilaalchi kiraa sassaabdummaa ilaalcha siyaas- diinagdee misoomawaan bakka buusuun, ilaacha fi gochi kiraa sassaabdummaa magaalota hundee gadi fageefate keessatti sochii ummataa uumuu kan nu dandeessisu hojii quunnamtii ummataa cimsuun kiraa sassaabdummaa dhabamsiisuu irratti akka qabsaa’an hojjechuu.

Sirna galmeessaa fi ragaa lafa magaalaa qindoomina qabu dirriirsuun dinagdee kiraa sassaabdummaa lafaan walqabatu hambisuun dinagdee misoomawaan bakka buusuu

Kaayyoo 20: Bulchiinsa fi Misooma Dabaarsa Mannennii Mootummaa Fooyyessuu

Safartuulee fi Manniiwwan:



  • Mannen waliinii ijaaramanii magaalota keessatti harca’anii hafan kan projektii bara 1999 fi 2000 W/G manneen 947 tajaajilamtootaf ni darbaa,

  • Manneen ijaarsi isaani 80% gad ta’anii hanqina mana jireenyaa magaalota keessa jiraan akka deggaruu mannnen 2,758 kallattii Boordiin kaa’ee irraatti bu’uureffachuun hordoffii fi deeggersa taasisuu,

  • Bu’uura karoora akka biyyaatti rakkoo mana jireenya hiikuf ta’ee ka’uumsa godhachuun manneen sagaanta qindeessuumma mootummaattin hojjataman 40/60 manneen 6,000, 20/80 manneen 40,020, 10/90 manneen 12,000 waligalan manneen 58,020 magaalota keessatti akka hojjatamuu deeggersaa fi hordoffiin ni taasifama,

  • Magaalotaa fi godinaalee keessatti Waldaa gamtaa ijaarsa mana jireenyaa 4,350 namoota 78,300 gurmeessun akka abba mana ta’an ni tasifama,

  • Bulchinsa Manneen Mootummaa foyyeessuuf Magaalota keessa jiran 107,000 kartaan abbaa qabeenummaa akka hojjatamuuf hordoffi fi deggarsii ni tasifama,

Sagantaa Misooma Manneen Jireenyaa, Ijaarsaa fi Bulchiinsa Manneen Mootummaa

Hojiiwwan Gurguddoo



  • Qajeelfama raawwii galmee qopheessuu fi unkaa galmeen ittiin gaggeeffamu saamuda qopheessuu,

  • Namoota galmaa’an qusannaa eegaluuf fedha qaban keessummeessuuf baankiin qophii ta’uusaa mirkaneessuu, akkasusmas namoota ulaagaa guutan, gurmaa’anii mana ijaarrachuuf fedha qaban magaalonni ni galmeessu,

  • Manichi sadarkaa irra gahetti gatii ittiin guguramu qophaa’uu mirkaneeffachuu,

  • Manicha ijaaranii xumuruuf baasii barbaachisu ogeessaan qoratamee beekamuusaa mirkaneessuu,

  • Magaalota baajeta ramadanii ijaarsicha xumuruuf fedha qaban qulqulleessu jajjabeessuu,

  • Manneen kanneen ijaaranii xumuruu hin dandeenye sadarkaa gahe irratti caalbaasiin akka gurguramu ta’uusaa hordofuu deeggeruu,

  • Manneen kanneen ijaaramanii xumuraman tajaajilamtootaaf darbuusaanii hordofuu,deeggeruu

  • Manneen kanneen darban waliigalteen liqii baankii waliin mallattaa’uu mirkaneessuu

  • Dhimmoota qaama seeraan mirkaanaa’uu qaban adda baasuun qaama seerummaa aragamsiisuu

  • Pilaanii fi Iddoo manni itti ijaaramu lafti ni qophaa’aaf,

  • ”standard ”diizaayinii mana waldaa gamtaan ijaaramuu akka argatan ni taasifama, ykn

diizaayini mataa isaanii mirkanaa’e akka dhiyeeffatan ni taasifama,

  • Lakkoofsa Heerrega Baankii cufaa akka banamu ni taasifama,

  • Gatii mana ijaaruuf barbaachisu dhibbeentaa 50% herraga baankii cufaa dhimma kanaaf banametti akka galchan ni taasifama,

  • Saayitii fi kaartaan iddoo manni itti ijaaramuu ni qophaa’aaf,

  • Gatii ijaarsa mana waldaatiif barbaachisu Qarshii dhibbeentaa 50% Herraga Baankii cufaatti akka galchan ta’ee lafti ijaarsa manaatiif qophaa’e harkaan ni gahama,

  • Ijaarsi Ejensiii Ijaarsaa fi Misooma Manaa ykn Kontiraaktara filataniin eegalamuu isaa hordoffii fi deeggersi ni taasifama,

  • Dookumantii Moodeela/dambii akka feederaalaatti qophaa’e haala naannoo keenyaatiin walsimsiisuu,

  • Muuxannoo naannolee biroo sakatta’uun naannoo keenyaaf kan ta’u keessaa fudhachuu,

  • Wixinee Dambii/qajeelfamaa qopheessuu; marii magaaotaa fi godinaaleef dhiyeessuu,

  • Yaada dabalataa argame dabaluun manajimantii biiroof dhiyeessuu,

  • Oggaa mirkanaa’e akka hojiirra oolu magaalotaa fi godinaaleef dabarsuu, raawwii isaa hordofuu,

  • Magaalota manneen mootummaa keessatti baayyatu kanneen piroofaayilii manneen mootummaa ”hard & soft copy”n qindeeffatan adda baasuu,

  • Ogeessota godinaalee fi magaalotaa leenji’an adda baasuu fi maateeriyaalii leenjiin irratti kennamu kooppiisaa baayyisuun qopheessu

Kaayyoo 21: Sirna Mirgoota Dimokiraasii Babal’isan Guddisuu

Safartuulee fi Manniiwwan:



      1. Uummata magaalaa hojmaata qaamota mootummaa irratti hubannoo argatan %47 irraa ture gara %80tti ol-guddisuu;

Paakeejii Bulchiinsa Gaarii

Sagantaa Qindoomina Qaamolee Misoomaa

Hojiiwwan Gurguddoo

Mirgoota dimokiraasii fi namummaa mootummaan kennamani uummanii magaalaa beeke fayyadamaa mirgoota kanaa akka ta’uuf hawaasa magaalaa hubbannoo isaani cimsuu; akkasumas kennaa tajaajilaa manaa qopheessaa hordoffuu fi deggaruun dhimmoota mirgoota hawaasa sarbaan irrattii tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun jiruu fi jireenyii hawaasaa magaalaa akka foyya’uuf hojeechuu. Manaa maree magaalotaa hubbanno isaanii ciimsuun uummani rakkoo qabu ifatti karraa manaa maree dhiyyachuun antummaan uummataa manaa maree keesssatti akka mirkana’uuf hojeechuu.


Kaayyoo 22. Gahumsa Hoggantootaa fi Hojjettootaa Fooyyessuu

Safartuulee fi Manniiwwan:



  1. Humna raawwachiisummaa magaalotaa cimsuuf hoggantootaa fi hojjetootaaf leenjii yeroo gabaabaa leenjifamtoota 3000 fi leenjii yeroo dheeraa leenjifamtoota 500 kennuu;

  2. Hoggantootaa fi hojetoota leenjii yeroo dheeraa fi gabaabaa fudhatan %85 irraa gara %90tti guddisuu

  3. Raawwii hoggantootaa fi raawwatoota %89 irraa gara %95tti guddisuu

  4. Gahee hojjetoota digrii 1ffaa fi isaa ol qaban %85 irraa gara 95tti guddisuu

Sagantaa Misooma Humna Namaa

Hojiiwwan Gurguddoo

Qorrannoo fedhii leenjii walii gala gaggeessuun bakka hanqinni dandeettii jirutti leenjiiwwan hojii humna raawwachiiftuu magaalotaa cimsuu danda’an adda baasuun dhaabbilee leenjii waliin akkasumas magaalota waliin qindominaan hojjechuun haala leenjiin itti kennamu mijeessuu; baajata sagantaa ’PSCAP’ irratti hundaa’uun ogeessota seektara magaalaa irraa filataman adda baasuun qopheessuu; leenjii gaggabaabaan sagantaa adda addaatiin, “PSCAP”n mata dureewwan adda addaa irratti qophaa’ee akka kennamu haala mijeessuu;


Kaayyoo 23:- Dhiyyeessaa fi Itti fayyadama Teeknoloojii Guddisuu

Safartuulee fi Manniiwwan:



Safaartuulee fi Manniiwwan

  • Softi weeri “MIS” (CLMS,PMS,soft weri mana galmee) 3 hojii irra olchuu

  • Softii Weerii gosa adda adda 5 Misoomsuun Hojii irraa Olchuu

  • Wirtuu/jiddu gala Odeefanno tokko Biiroo keessatti undeessuun tajaajilaf akka oluu hordoffii tasisuu

  • Uwwisni teeknolojii %64 irraa gara % 80 tti olguddisuu

  • Humna namaa teeknolojiitti fayyadamu %92 irraa gara %99 tti olguddisuu;

  • Waajjiraalee seekteericha MIS’n keessatti dirire %64 irraa gara %80 olguddisuu

Sagantaa Fooyya’insa Tajaajila, Dhiyeessaa fi Ittifayyadama Teeknoloojii

Hojiiwwan Gurguddoo

Teknooloojii bahanii jiranis ta’e kan haaraa bahan diriirsuu fi baayina dhiyeessa isaanii dabaluun dandeetti itti fayyadama teeknoloojii cimsuu, hojii hojjatamu keessatti gaheen teeknoloojii ammayyaa kan yeroo wajjin deeman qixa sirriitti ta’een yeroo barbaadamutti itti fayyadamuuf leenjii yeroo dheeraa fi gaggabaaboo hoggantootaa fi hojjettoota sadarkaa adda addaa irraa jiraniif kennuun dandeettii isaanii guddisuu dha.

Kaayyoo 24. Aadaa fi Naannoo Hojii Fooyyessuu

Safartuulee fi Manniiwwan:


  1. Gad-lakkisa hojii ogeessota /turnover rate/ % 5.4 irra jiru gara % 3tti gad-xiqqeessuu ;

  2. Itti quufinsa hojjetoota %81 irraa gara %85tti geessisuu;

Sagantaa Misooma Humna Namaa

Hojiiwwan Gurguddoo



Humni misoomaa akka cimuu bu’a qabeessummaa siiviil sarvaantii fi hoggansaa dabaluuf caasaalee sadarkaa sadarkaan jiru keessatti naannoo hojii mijaawaa uumuu. Sagantaa leenjii fi hubannoo uumuu qopheessuun dandeettii cimsuu fi ilaalcha duubatti hafaa keessaa bahee hojii raawwatu hundumaa kan kooti jedhee fudhachuun garee fi dhunfaan eeggatummaa keessaa bahee aadaa gareen hojjechuu, naamusa hojii gaarii, kutannoo hojii fi jijjiiramaaf akka hojjetamu gochuu, akkasumas, sirna onnachiftuu diriirsuun naannoo hojii hojjataa fi hoggansa hawwachuu, tursiisuu fi hamilee hojjataa eeguu fi meeshaalee hojiif gargaraan guutuun naannoo hojii mijjawa’a ta’e uumuun kaka’uumsaa fi aadaa hojii hojjetaa fi hoggantoota keessatti uumamee kenniinsa tajaajilaa fedhii irratti hundaa’e uumuun saffina mirkaneessuu.

Yüklə 1,3 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin