Obboo Abduljabbaar Husseen [llb,] Obboo Ahmad Jamaal [llb, llm]



Yüklə 130.63 Kb.
səhifə2/3
tarix30.10.2017
ölçüsü130.63 Kb.
1   2   3

Madda Aangoo Manneen Murtii Keenyaa

Kutaalee asiin duraa keessatti aangoon heera hiikkaa akka haala isaatti kan Mana Maree Fedareeshinaa ykn. kan Komishini Hikaa Heeraa Oromiyaa akka ta’e ilaalleera. Kana taanaan manneen murtii tumaalee mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa heeraan hammataman raawwatamummaa kallattidhaan hojjirra olchuuf angoo qabani? maddi aangoo isaani maalidhaa? kan jedhan gaaffiin ka’uu waan danda’uuf kanatti ansuu ilaalla.

Heera RDFI kew. 9/1/ tiin heerri seera ol’aanaa biyyatti akka ta’e tumameera. Heera Oromiyaa kew. 9/1/ jalattis haala walfakkaatuun taa’eera. Tumaalee kanniin irraa akka hubatamutti heerri qaama seeroota biyyatti keessaa tokko ta’uun waan hubatamuuf, akka waliigalatti, abbootiin seeraa hiikkaa keennu dhaan hojiirra olchuu ni danda’an jechuun ni danda’ama.

Dabalataan, kew. 13/1/ Heera RDFI tiin akkuma qaamolee biroo qaamni abbaa seerummaa tumaalee heeraa boqonnaa sadaffaa heerichaa keessatti tumamani (mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa) kabajuu fi kabachiisuuf ittigaafatamummaa fi dirqama ni qaba. Inumaa hiikkaa afaan Ingliiziffaattiin “… to respect and enforce…” jechuun ifaan kaayeera. Heericha keessatti iddoon guddaan kan laatame immoo mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraatiifi dha. Dhimmoonni kunniin immoo heerri sanada seeraas ta’uu amaloota mul’isan keessaa waan ta’anif, manneen murtii tiin ilaalamuun isaanii kan hin olleedha.

Kunis abbootiin seeraa qabiyyee, daangaa fi haguuggii mirgootaa murteessuu irratti gahee guddaa qabaachuu isaaniti agarsiisa. Kanaafuu Abbaan seeraa mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa qabatamaan hojiirra akka oolan hogguu godhu heera hiikaa akka jiru ni hubatama. Isa kana haala cimsuun Labsii manneen murtii Oromiyaa irra deebi’anii hundeessuuf bahe lakk. 141/2000 kewwata 3 jalatti mannni murtii mirga walabummaa fi dantaa dhuunfaa Heera Fedaraalaa fi Heera Naannoo Oromiyaa keessatti mirkanaayan kabachiisuuf dirqamaa fi aangoo akka qabu tumameera.

Walumaagalatti kan armaan olitti ibsaman irraa akka hubatamutti manneen murtii aangoo heera hiikuu, keessattuu mirgoota fi bilisummaawwan bu’uuraa illaalchisee, akka qaban waan nama shakkisiisuu hin ta’u. Aangoo ni qabu yoo jenne immoo daangaan isaa haangami dha gaaffiin jedhu itti aanuun furmaata argachuu qaba.

Kutaalee armaan olii keessatti Manni Maree Federeeshinaa falmii dhimmoota heeraa, seerri naannoo ykn. federaalaa heeraan walfaallessu jedhu irratti aangoo guutuu akka qabu heera federaalaa kew. 84/2/ jalatti ifaan tumamuu isaa ibsameera. Aangoon mana mariichaa labsiilee Gumii Calaltuu Heeraa Fedaraalaa fi Aangoo fi Hojii Mana Maree Fedarashinaa Jajjabeessuuf bahaniin (lakk. 250/93 fi 251/93) dambiwwanii fi qajeelfamoota qama mootummaa seera baastuudhaa ala jiraniin bahani akka dabalatu godhamee bal’ateera. Bal’achuun isaa kuni garuu bu’uura heeraa hin qabu jedhamee mataan isaatuu falmii dhimma heeraatiif saaxilamaa akka ta’e ogeessonni ibsan ni jiru.

Falmii kana kessa seenuun osoo nu hin barbaachisin, kanuma heera keessatti caqasame yoo fudhanne, manneen murtii falmii dhimma heeraa dambiwwani fi qajeelfamoota qaama mootummaa kan biroo, akkataa hojii muxannoo dhaan argamee (haala hojii) ykn murtii qaama mootummaa ykn. Abbaa taayitaa kamiyyuun walqabatee ka’u ilaaluuf aangoo ni qabu jechuu dha.

Manneen Murtii naannoo Oromiyaa, kan olii akkuma jirutti ta’ee, Heera Oromiyaa jalatti aangoon dhimmoota heeraan walqabatan ilaalchisee qaban yoo ilaallu, Heerichi mataan isaa dhimmoota dambiwwani fi qajeelfamootaan walqabatan koomishinichaaf kan kenneera. Kanaafuu, manneen murtii karaa kallattidhaan tumaalee heeraa mirgotaa fi bilisummaawwan bu’uraa ilaallatan hojirra kan oolchuu danda’ani dhimmoota isaan kanaa ala jirani irratti ta’a jechuudha. Kunis, hojii muxannoo dhaan argame /hala hojii/ ykn murtii qaama mootummaa yookiin abbaa taayitaa kamiyyuun kan heeraan walfaallessan yoo ta’ani raawwatamummaa hin qabaatan jechuun manni murtii kufaa godhee murteessuu ni danda’a yaada jedhu agarsiisa.



Qabxiilee Marii

  1. Labsileen Gumii Calaltuu Dhimmota Heeraa Fedaraalaa hundeessuuf bahe Lakk. 250/93 kew. 2/5/ fi Aangoo fi Hojii Mana Marii Fedareeshinaa Jajjabeessu fi Tarreessuuf bahe Lakk. 251/93 kew. 2/2/ hiikka jecha “seera” jedhuuf kennaniin “ labsiilee seera baaftota federaalaa fi naannooleen bahan, dambiiwwani fi qajeelfamoota qaamolee mootummaa fedaraalaa fi naannoleetiin bahani fi waliigalteewwan adduunyaa Itiyoophiyaan raggaasifte” akka hammatu ibsaniiru. Kuni Heera RFDI kew. 84/1/ waliin akkamitti ilaalama?

  2. Heera Oromiyaa kew. 49/3/A/ jalatti Caffeen Oromiyaa seera adda addaa Heeraa fi seeroota Fedaraalichaa hin faallessine ni tuma. Kew. 9/1/ fi 49/2/ kanuma cimsa. Kuni hoo kew. 84/1/ Heera RDFI waliin akkamitti ilaalama? Kaayyoo isaa wajjiin walqabatee, aangoon komishinichaa hangana bal’achuu isaa akkamitti ilaaltu?

  3. Manneen Murtii heera hiikuuf aangoo ni qabu jenneera. Aangoo kana kan qaban hogguu dhimma harkaa qabaniin walqabatee qofaa dha moo? Kallattii dhaanis iyyaanni yoo dhiyaate ufitti fudhachuun ilaalanii murteessuu ni danda’ani?



  1. Abbaan seeraa heera otoo hin hiikiin haalli mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa itti raawwachiisu ni jiraa? Yoo jiraate ibsaa.

  2. Dhimma barreefama tokko keessatti akka fakkeenya fudhatametti “Manni Murtii Ol’aanaa Federaalaa lakk.G.25/92 ta’erratti waldaan tokko dantaa (fedhii) maqa miseensa isaa kabachiisuuf himata dhiyeessuu seerri waan dhoorguuf hin danda’u” jechuun murteesseera: Kanaaf murtiin Heera Mootummaa kew.37 /2/A/ fi 13(1) xiyyeefannoo keessa hin galchine jechuun bu’uura kew. 9(1) tiin raawwatamummaa hin qabu jechuun murteessuu ni dandeenyaa? Sababa waliin ibsaa?



  1. Hiikkaa manni murtii heera irratti kennu ilaalchisee Manni Mare Federeshinaa/Komishiinni hiikkaa seeraa/ol’iyyannoon ilaaluu qaba jettanii yaadduu? Eessatti ta’uu qaba?

  2. Manni murtii ol’aanaa tokko iyyata mirga wabii namoota 21 yakka mootummaa irratti raawwachuun (SYK 244/2/) shakkamani dhiyaatan, dhimma isaanii erga ilaaleen booda wabii mataa isaaniitiin akka bahan jechuun murteesseera. Qondaalli qorataa poolisii godinichaas ajaja mallatteessee fudhateera. Haata’u malee qondalli qorataa poolisii yakki shakkamtoonni ittiin shakkaman yakka biyyarratti raawwatameen waan ta’eef mirga wabiitiin bahuu waan hin qabneef gadi hin lakkifnu jechuun shakkamtoota mana hidhaa tursiisan. Iyyattoonni immoo gochaa fi yaadni qondaala qorataa poolisichaa mirga keenyaa heera M/F kew 17(2) jalatti tumameen kan walfaallessu fi kan cabse jechuun m/murtichaa bu’uura H/M/F kew 9(1) kufaa godhee akka isaan gadi lakkisu gaafatan.

  1. Isin A/seeraa manna murtii sanaa otoo taatanii dhimmichaaf furmaanni laattan ni jiraa? Yoo jiraate akkam ta’uu qaba? Dhimma kana ofii ilaaltu moo? hiikkaa heeraati jechuun gara koomishiina hiika heeraa oromiyatti qajeelchitu?

  2. Qondaalli qorataa poolisii mirgoota iyyattootaa heeraan kennameef cabsan yoo jiraate tarreessaa. Isin A/seeraa otoo taatanii tarkaanfiin qondaalicharratti fudhatan ni jiraa? Maal?


Boqonnaa II

Sakkatta’insa Raawwii Mirgootni fi Bilissummaawwan Bu’uuraa Manneen Murtii Keessatti Qabani

2.1. Seensa

Kutaa darbe keessatti mirgootni fi bilisummaawwan bu’uuraa falmilee manneen murtii keessatti ka’an irrratti raawwatamummaa kan qaban ta’uu fi akkaataa itti raawwataman ilaalleera. Kutaa kana jalatti immoo kan kutaa darbe keessatti ilaalleirratti hubannaa bifa cimsuun mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa tokko tokko akka fakkeenyatti fudhachuun qabatamatti haala akkamiitiin manneen murtii biyya keenyaa keessatti raawwatamaa akka jiran kan ilaallu ta’a. Haluma kanaan, kutaa kana jalatti dhimmoota gara garaa kaasuudhaan raawwii mirgootaa irratti rakkoolee mul’atanii fi furmaata rakkoolee hiikuu danda’u irratti mariin kan gaggeeffamu ta’a. Marii godhamuuf gargaarsa akka ta’uuf jecha mirgoota ilaallu tokkoon tokkoon jalatti akka haala isaatti yada-rimeewwan isaanii gaggabaabsinee kan dhiyeessinu ta’a.

Kanaafuu, dhuma kutaa kana boodatti leenjiitoonni:-


  • Mirgoota akka fakkeenyatti ka’an jalatti falmiilee ka’an keessatti manneen murtii rakkooleen isaan qunnaman maal fa’a akka ta’an ni hubatuu

  • Hubannoo raawwilee mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uraa irratti qabani ni cimsatu

  • Raawwii keessatii rakkoolee isaan qunnamuu danda’aniif furmaata malu haala itti barbaadan ni hubatu.

2.2. Mirga Saa’aa 48 keessatti Mana Murtiitti Dhiyaachuu

Qondaalli qorataa poolisii namoota yakka raawwatan jedhamanii shakkaman ajaja mana murtiitiin ykn kanaan alatti qabuudhaan, ykn yaamichaan dhiyeessuudhaan to’aannoo isaa jala oolchuun qorannaa gaggeessuu halli itti danda’u ni jira. Bu’uura Heera Mootummaa Federaalaa kew.19(3) tiin namoonni qabaman kuni saa’atii afurtamii saddeeti keessatti mana murtiitti dhiyaachuuf mirga akka qaban tumameera. Kun immoo tilmaama sirrii ta’een mana murtiitti dhiyeessuun yeroo fudhatu akka hin dabalanne ibsameera. Seerri deemii falmii yakkaa kew.29(1) haaluma walfakkaatuun tumeera. Dhimma kanaan walqabatee gaaffiin deebii argachuu qabu saa’aatiin kun eega darbeen booda namootni qabaman hogguu dhiyaatan abbaan seeraa maal godhuu qaba? Namoonni haala kanaan dhiyaatan mirgi heeraan argatan ifatti eerga cabeen boodaa dha. Kanaaf Abbaan Seeraa cabiinsa mirga heeraa kanaaf furmanni (judicial remedy) laatuu qabu maali? Gaaffiin jedhus deebii argachuu qaba.

Namootni qabaman haala qabatama biyya keenyatti mirga kana qabaachuu isaanii irratti hubannoo gahaa kan hin qabne ta’uutu mul’ata. Sadarkaa kanatti abukaatoowwanis maammiltoota isaanitif gargaarsa qabatamaan yoo godhan hin mul’atu. Manni murtii immoo mirgootaa fi bilisummaawaan bu’uuraa hojirra oolchuuf dirqama akka qabu ibsameera. Kanaafuu kabajamuu mirga kanaatiif abbootiin seeraa dirqama isaani akkamitti bayuu danda’anii kan jedhu sakatta’amuu qaba.

Isa kana naannoo keenyatti haalli jiru maal akka fakkaatuu gaaffii marii gonuun kan ilaalamu ta’ee, akka fakkeenyatti muuxannoo biyya Afrikaa Kibbaa yoo ilaallu namoonni qabaman hogguu dhiyaatanif abbaan seeraa 1) Galmee qoraanoo poolisii dhaddacharratti ilaaluudhaan saa’aatiin 48 darbuu fi darbuu dhabuu ni qoratu 2) Mirgi saa’aatii 48 titti dhiyaachuu namoota qabamanii yoo cabe, kanuma dhaddacharratti labsu 3) Achiin booda tarkaanfiin namusaa akka qondaala qorataa poolisii san irratti fudhatamu qaama ilaalutti ni qajeelchuu 4) Dhumarratti akkuma haala isaatti himata (accusation) irratti dhiyaatu haquudhaan ajaja dabarsuu ni danda’u4



Qabxii Marii

Abbaan seeraa mirgoota fi bilisummaawwan hojiirra oolchuuf bu’uura Heera Fedaraalaa kew.13(1) tiin dirqama ni qabu jenneera. Tarkaanfii fi haalli (nature) tarkaanfii poolisirratti fudhatamuu qabu fi furmaata nama mirgi isaa cabe (remedy) kennamu ilaalchisee seera biyya keenyaatiin wanti taa’e jiraa? Haalli barmaatilee manneen murtii (judicial practice) maal fakkaata? Muuxannoon Afrikaa Kibbaa biyya keenyaaf faayidaan qabu ni jiraa?



    1. Mirga Bilisummaa Qaamaa Kabachiisuu (Habeas Corpus)

Akka olitti ibsame namni qabame yeroo murtaa’e keessatti qaamni ykn seera kabachiisan isa qabe mana murttiitti dhiyeessu dhaan sababa qabameef ibsuu qaba. Kuni yoo godhamuu baate, inn qabame manni murtichaa bilisummaa qaama isaa akka kabachiisuuf gaafachuudhaaf mirga qaba (H/M/F kew 19(4)). Mirgi kun SDFHH kew 177-179 jalattis tumameera. Namni kun too’annoo jala akka turu kan ajajamu “Haqni akka hin hirraane haalichi kan gaafatu yoo ta’ee dha. Manni murtii sababa dhiyaatuuf deebii qaamni qabe dhiyeessurratti hundaa’uun bellama yeroo kennus ni danda’a. Hangi yeroo dabalataa bellama yerootiif kennamus bu’uura kew 19(4) tiin qorannoo yakka ittiin shakkamme xumuruuf yeroo fudhachuu danda’uu fi mirga daddafidhaan mana murtii tti dhiyaachuu nama qabamee bu’uurefachuu dhaani.

Qaphxiilee Marii

  1. Kew. 19(4) jalatti “… haqni akka hin hirrannee …” haalichi kan gaafatu yoo ta’e manni murtii namicha qabame too’annaa jala akka turu ni ajaja jedha”. Gaaleen jala sararame akkamitti hiikkamuu qaba? (dhiphoon? moo bal’inaan?). Haqni ni hir’ata jedhamuu kan danda’u yoom akka ta’e fakkeenya kaasuu dhaan mari’adhaa.

  2. Heera Fedaraalaa kew 19(4) jalatti akan tumame waliin tumaaleen SDFSHL 177-179 akkamitti hiikkamuu qaban? Raawwatamummaa mirga nama qabamee ilaalchisee abbaa seeraa irraa maaltu eegama jettu?

  3. Ol’iyyataan L/koloneel Taayyee Mulaat yoo ta’u, deebii kennaan hin jiru. Dhimmi kun jalqaba Mana Murtii Ol’aanaa Kutaa Biyyaa kafaa duraaniin ilaalamee; Manni Murtii Waliigala duraanii ol’iyyannoon (panel division) ilaalee dhimma murtii argatee dha. Ka’umsi dhimmichaa iyyata namoonni 4(afur) ol’iyyataan kun seeraan ala nu hidhe jechuun akka gadilakkifaman Mana Murtii Ol’aanicha tti dhiyeefatan yoo ta’u, manni murtichaas iyyata bu’uura SDFSL 177tiin dhiyaate kana ol’iyyataan bu’uura kew. 178 tiin iyyattoota qabatee akka dhiyaatuu fi sababa itti hin hiikne yoo jiraates akka ibsu ajajeera. Ol’iyyataan yaamichii (ajajinni) dhaqabee waan hin dhiyaatiniif galmichumarratti bu’uura SDFSL 481 tiin balleessaa godhuun qr.500.00 (dhibba shaniin) akka adabamu murtteesseera.

Mani murtii waliigala duraanii dhaddacha paanaalii (panel division) dhimmicha ilaale murtii kenneen: ol’iyyataa bu’uura seeraatiin ajajinni kenname dhaqabee, qondaala ol’aanaa poolisii ta’ee ajajinni maal akka ta’ee fi ajaja mana murtii kabajuu akka qabu beekuun osoo irra jiraatu; gaafa bellamaa hafuun isaa diddaa akka qabu agarsiisa. Gama biraatiin kaayoon iyyata bu’uura SDFSL 177 tiin dhiyaatu nama seeraan ala hidhame yoo jiraate, qaama too’anno jala oolche namoota waliin dhiyeessuun qulqulleessaa barbaachisaa booda battalumatti murtii keenuudha. Ol’iyyataan ajajinni dhaqabee hafuun isaa balleessaa dha; garu adabbiin waan itti baay’ateef qr. 200.00 akka adabamu jechuun “murtii mana murtii ol’aanaa fooyyessuun murteesseera.

Murtii manneen murtii ni deegartu moo? hin deegartan? Sababa waliin irratti mari’adhaa. Ol’iyyataan komii isaatiin manni murtii ol’aanaa sababa bellama irraa itti hafe otoo na hingaafatin murtiin narratti kenname mirga heera kiyya kan cabsuu dha jechuun falmeera. Dhuguma mirgi ol’iyyataa mana murtii tiin cabe ni jiraa? Ni jira yoo jettan manni murtichaa akkamitti murteessutu irra jira jettan?



    1. Mirga Wabii

Kaayyoon mirga wabii namni yakkaan himatame mana murtiitti deebi’e akka dhiyaatu mirkaneefachuuf. Bu’uura H/M/F kew. 17(1)(2) tiin namni tokko osoo himatni itti hin dhiyaatin ykn itti hin murtaa’in hidhamuu hin qabu. Kun mirga bilisummaati, kanaaf, sababa gahaan yoo jiraate malee hidhamuu hin qabu, sababni isaas bu’uura H/F/Kew 20(3) tiin mirga akka nama balleessaatti lakkawamuu dhabuu waan qabuufi mirgi kun kan mirkanaa’u immoo bu’uura H/M/F Kew 19(6) tiin wabummaa gahaan bahuuf mirgi yoo eegamuufii dha.

Heerichi kew. 20/6/ jalatti halli mirgi kuni hala addaatiin itti dhorkamu danda’u seeraan akka tumamu ibsa. SDFY immoo isaan kana L. 63 fi 67 jalatti tumeera. Dabalataanis, SDFYL 66 jalattis manni murtii sa’aatii 48 keessatti gaaffii mirga wabiitiif murtii kennuu akka qabu tumameera. Hangi maallaqa wabummaa immoo bu’uura SDFY 69 tiin ulfina yaakichaa, hogguu barbaadametti mana murtii dhiyaachuu danda’uu, nageenya ummataa irratti rakkoo dhaqabsiisuu, dandeettii kaffaltii fi dhimmoota biros sakata’uu qaba. Kunniin walirratti yoo ilaalaman mirgi wabii haala fedhii ummataa fi mirga himatamaa madaaluun ta’uu akka qabu mul’ata.



Qabxiilee Marii

  1. Haala qabatama manneen murtiitti iyyata mirga wabii qondaallii poolisii ykn abbaan alangaa deebii irratti haa kennuu jechuun beellama heddu eegama. Haala kana SDFYL 66 fi Mirgoota Heera Fedaraalaa Kew. 17, 19(6) fi 20(3) jalatti tumaman waliin akkamitti ilaaltu?

  2. Iyyata mirga wabiitiif Abbaan alangaa deebi isaa qaphxiilee SDFYL 67 jalatti tarraa’an caqasuun hogguu kennu, jireenya qaphxiilee kanaa hubachiisuu kan qabu eenyu dhaa? Maaliin fi hangam hubachiisutu irra jiraata?

  3. Dhimmoota lameen armaan gadii xinxaluun gaaffilee itti aanan irratti mari’adha.

Abbaa alangaa fi Laggasaa Getaachoofaa

Manni murtii Ol’aanaa Fedaraalaa iyyata mirga wabii himatamtoota saamichaan himataman kufaa hogguu godhu “Iyyattoonni ykn himatamtoonni gocha kan raawwatan tumsaan halkan dukkana daheefataniiti. Qabeenya itti hin dadhabin humnaan [argachuu] fi lubbuu fi jireenya namootaa/miidhamtoota balaa keessa buusuun gocha raawwatan ta’uun isaa cimina yakkichaa fi balaafamummaa isaanii waan agarsiisuuf …” jechuu dhaani.



Abbaa alangaa fi Mogos Tafarraafaa

Manni murtii Ol/Go/Goojjam Bahaa iyyata mirga wabii himatamaa1ffaa yaalii saamichaatiin himatame ilaaluun gaafffi mirga wabii kufaa godheera. Manni murtii sababa hogguu ibsu:



“Yakki ittiin himatame ofiif mirga wabii dhoorguu baatus iyyataan himatamtoota hafan gurmeessee karoora baasuun yaalii saamichaa konkolaataa Baankii daldala Itoophiyaa qr. 500,000.00 shallagamturratti raawwachuun isaa; haala aada naannoo kanaatti namni bu’aa human isaa malee qabeenya nama biraa waan hin nyaanneef; Naannoo kanatti meeshaa waraanaa qabatanii qabeenya saamuun waan hin barataminiif gochi kun garee akkanaa of-duratti uumuuf gumaacha waan godhuuf, keessattu qabeenya mootummaa irratti raawwatamuun isaas iyyataan fedhii fi faayidaa dhunfaa isaa jala kan gulufu ta’uu kan agarsiisuun ala gochichi nageenya daldalaa naannichaa fi biyyatti waan miidhuuf; daldala qofa osoo hin ta’in sochii hojii kan biraa irrattis miidhaa waan geessuuf jecha …” jechuun kufaa godheera.

  1. Ajajoonni kunniin sirrii dha jettuu?

  2. Keewwattoota SDFY isaan kam jalatti kennamani?

  3. Ajajoota kanniin Mirga qulqulluu ta’anii lakkaa’amuu himatamtootaa wajjiin akkamitti ilaalamani?



  1. Abbaa Alangaa fi Mokonnin Fiqaadu; fi Abbaa alangaa fi Taalaaqsaw Baqqalaa

  • Dhimmoota Lameen keessattuu himatamtooni mirgi wabii akka eegamuuf manneen murtii gaafataniiru

  • Dhimmoota lameen keessatti Abbaan alangaa iyyattoonni yakka adda addaatiin mana murtii birotti waan himtamaniif jechuun mirga wabii mormeera.

  • Dhimmoota Abbaa alangaa fi Mokonnin Manni Murtii Ol’aanaa Federalaa “Bu’uura heera mootummaa kew 20(3)” iyyataan yakka ittiin himatameef falmirra yeroo jiru, akka nama balleessaa hin qabneetti lakkawamuuf mirga waan qabuuf, manneen murtii heddurratti yakka biraatiin himatamuun isaa yoo mirga wabiitiin gadilakkifame hawaasaaf balaafamaa ta’uu isaa hin agarsiisu” jechuun iyyataan mirga wabiitiin akka bahu ajajeera.

  • Dhimma Abbaa alangaa fi Taalaqsaw irratti immoo Manni Murtii Waliigala Federaalaa “iyyataan manneen murtii heduutti himatamuun isaa wabiin yoo bahe balaafamaa ta’uu isaa waan agarsiisuuf gahaadha” jechuun gaafii mirga wabii kufaa godheera.

  1. Murtii mana murtii kamtu sirrii isinitti fakkaata? Sababa keessan mirgoota heeraan mirkanaa’an waliin ibsaa.

  2. General comment No.8 of the Ethiopian Human rights committee murtii Manni Murtii Waliigala Fedaraala ilaalchisee yaada kenneen “Detention is exception. By reason of presumption of innocence the accused have the benefit of doubt, burden of proof rests on the prosecution. The order of the court is pre judging of the outcome of trial, so being charged on different courts in different courts does not show his dangerous nature” jedheera. Yaada Koree kanaa ni deeggartuu? Maaliif?

  1. Biyya Ameerikaatti “yakkoota bala sammuu namaa hadoochuu daldalu fi meeshaa waraanaatiin yakka shororkeessuutiin walqabaterratti malee yakkoota biraa hundumaaf mirga wabiitiin bahuun ni danda’ama.

  • Manni murtii Waliigala Amerikaa murtii kennee tokkoon yeroo falmiirra dhoorguun mirga wabii himatamaan raga ittisaa qopheefachuun akka qajeellootti ofirraa akka hin ittifne waan isa taasisuuf; akkasumas murtii balleessummaa otoo hin laatamin dura adabuu waan ta’uuf jecha mirgi wabii [argachuun] bal’innaan hiikamuu (ilaallamuu) qaba” jedheera.

  1. Kallatti gubbaatti ibsameen yoo ilaalmu biyya keenya keessatti falmiin hiikkaa SDFYL 63(1) tiin walqabatee manneen murtii keessa jiru akkamitti ilaallamuu qaba jettan?

  2. Sababa hiikka adda addaa SDFYL 63(1) tti kennamuun iyyata mirga wabii irratti ajajni garagaraa manneen murtii keessatti kennamaara. Haalli kun mirga namni kamiiyyuu seera duratti wal-qixa fi seeraan eegumsi wal-qixxaatan ni godhamaaf jedhuun wal hin faallessuu? Furmatarratti mari’adhaa.



    1. Dhaddacha ummataaf ifa ta’etti dhagayamuu.

Falmiileen manneen murtii ummataaf haala ifa ta’een geggeefamuu qaban. Murteen dhadacha ifa ta’etti dubbifamuu qaba. Kunis Heera Fedaraalaa kew.20(1) jalatti tumameera. Falmichi dhadacha cufaatiin dhagayamuu kan danda’u jireenya dhuunfaa falmattootaa, haala hamilee ummatichaa fi nageenya biyyatti eegudhaafi yoo ta’e qofaa dha. Keessaawuu, SDFYL 176(1) jalatti akka ibsametti daa’imman yakkaan himatamanii mana murtii hogguu dhiyaatan dhimmi isaani dhadacha cuufaan ilaallamuu akka qabu tumameera.

Qabxiilee marii

  1. Falmiilee dhaddacha ifa ta’eetti geggessuun walqabatee keessattuu daa’imanii fi dubartoota, muuxaanoo qabdan kaasuun rakkoo fi fuurmaata kennuudhaan mari’adha.

  2. Mirgi kun sadarkaa ol’iyyaannoo irratti rawwatamummaa ni qabaa? (Heera Federaalaa Kew. 20 ilaalaa)

  3. Abbootiin dhimmaa dhimmi isaanii dhaddacha cufaadhaan akka ilaalamuuf yoo iyyatan Manni murtii ajajuu ni danda’aa? Dhimma tokko nageenya abbaa seeraatiif jedhamee dhadacha cufaan ilaaluun hoo ni danda’amaa?



    1. Mirgoota ragaan walqabatan

Falmii yakkaa keessatti himatamaan guutumaan guututti hirmaachuu qaba. Himatamaan qaama mootummaa irreen isa caalu waliin waan falmuuf himata itti dhiyaate ofirraa akka facisu halli mijaa’aan adeemsa falmiichaa keessatti kennamuufii qaba.

Heeroota Fedaraalaa fi Naannoo keenyaa kew20 (4) jalatti himatamaan raga irratti dhiyaate ilaaluuf mirga ni qaba. Kaayoon isaas sirritti ofirraa akka ittisuu dandeessisuufi dha. Kanaaf himata waliin ragaan barreeffamaa fi tarreeffamni ragaa namootaa akkasumas ijoon irratti ragaa bahani dursee ilaaluutu irra jiraata. Qophii akka taasisus yeroon gahaan kennamuufi qaba.

Himatamaan ragoota isa irratti dhiyaatan gaafii qaxxaamuraa gaafachuuf mirga qaba. Ofirraa ittisuufis ragaa isa dandeessisu kamiyyuu dhiyeefachuu, dhiyeessisuu fi dhageesifachuuf mirga qaba.

Gama biraatiin, ragaan walqabatee namni qabame dubbachuu dhiisuuf mirga qaba, yoo dubbate jechi isaa isarratti ragaa ta’uu danda’a. kunis itti himamuu qaba (kew.19(2)). Namni kamiyyuu ofiiratti raga akka ta’u dirqisiifamuu hin qabnu. Ragaan dirqisiisuun argame fudhatama hin qabu(kwe.19(5)). Haala mirga kabajaa fi eegumsa jireenya isaa sarbamutti mana qabeenyaa fi qaamni isaa hin sakatta’amu; walqunnamtiin (barreefamaa fi elektrooniksin) himatamaan godhu hin tuqamu.

Walumaagalatti himatamaa irratti ragaan tolaan argame fi ofirraa itisuuf carraan kennameef ala haala mirga isaa tuquun falmiin geggeefamuu hin qabu.

Qabxiilee marii


  1. Himatamaan ragaa irratti dhiyaatu “chaarjii” waliin itti kennamee ilaaluu qaba jenneera. Ragoota kanniin (barreefama, kan namaa fi kan biro) yoom ilaaluu qaba? Ragoota akka Egzibiitii /Ciraa/ himata waliin hin kennamne ykn raga sandaa fuula hedduu waan qabuuf baay’ee guddaa ta’e akkamitti ilaaluu danda’a? Manni murtii ilaaluu isaa akkamitti mirkaneefata? Haala qabatama jiru kaasuun muuxannoo wali jijjiiraa. Himatamaan hogguu iyyatu ragaan himatamaa dhaan hin ilaallamne jechuun beellama jijjiiruun danda’amaa?

  2. Heera mootummaatiin himatamaan ragaa ittisaa dhiyeefachuuf ykn dhiyeessisuuf mirga ni qaba jenneera. Haala qabatama jiru yoo ilaallu himatamoonni mana amala sirreessaatii deddeebi’anii falmatan ragaa ittisaa kan namaa dhiyeeffachuu waan hin dandeenyeef bira dabarma. Haaluma walfakkaatuun himatamtoonni tokko tokko mallaqa hin qabnu jechuun ragaa hin dhiyeeffatani. Haaloota kanniin mirga himatamtootaa fi humna Abbaa alangaa waliin akkamitti ilaaltu? Furmaanni maal jettu? (Fakkeenyaaf, biyya Afrikaa Kibbaatti murtii haqa-qabeessa kennuuf barbaachisaa ta’ee yoo argame ragaan ittisaa baasii mootummaatiin dhiyaata)

  3. Bu’uura Heera Feedaraalaa fi Naannoo keenyaa kew 20(4) tiin himatamaan ragaa namaa irratti dhiyaate gaaffii qaxxaamuraa gaafachuuf mirga qaba. Manneen murtii immoo bu’uura SDFYL 145 tiin jecha ragaan waajjira poolisiitti kenne yeroo tokko tokko yoo qeebalan ni mul’ata. Jechi kun immoo gaaffii qaxxaamuraatin hin sakata’amne. Kanaaf SDFYL 145 ttin jechi kenname qeebalamuun heeraan walitti bu’a jettanii yaadduu? Ni bu’a yoo jettan furmaata kaayaa?


  4. Dostları ilə paylaş:
1   2   3


Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2017
rəhbərliyinə müraciət

    Ana səhifə