Obboo Abduljabbaar Husseen [llb,] Obboo Ahmad Jamaal [llb, llm]



Yüklə 130.63 Kb.
səhifə3/3
tarix30.10.2017
ölçüsü130.63 Kb.
1   2   3

Dhimma: Abbaa alangaa fi Mogos Tafarraafaa

Dhimmi kun dhimma Mana Murtii Ol’aanaa tti dhiyaate yoo ta’u himatamtoonni jechi amantaa bu’uura SDFYL 27(2) fi 35 tiin kennine fedhii ykn eeyyama keenya malee dirqamne kan kennine waan ta’eef manni murtii akka ragaatti fudhachuu hin qabu jedhanii kan isaan falman ilaaluun manni murtichaa:

“Bu’uura SDFYL 27(2) tiin waajjira poolisaatti namni qabame dirqamaan jecha akka kennu hin godhamu; dubbachuu dhiisuu mirga akka qabu itti himamuu qaba, yoo dubbachuu filate immoo jechisaa mana murtitti isa irratti ragaa ta’ee dhiyaachuu danda’uusaa afaan isaa galuun ibsamuufii qaba. SDFYL 35 nis haala walitti dhiyeenya qabuun kan tumameedha. SDFY keessatti garuu bu’uura tumaaleen kunniin ajajaniin jechi hin fuudhamin fudhatammummaa qabaachuu fi dhabuu isaa wanti ibsame hin jiru. Dhimma akkanaatii silaa deebii kan laatu seera ragaa yammuu ta’u, biyyi teenya seera kana haala qindoomina qabuun hin qabdu. Tumaleen seera ragaatin walqabatanii fi seerota biraa keessatti tatamsa’anii argamanis deebisaa hin kennan. Jecha bu’uura tumaalee SDFYL 27(2) fi 35 tiin fudhaman irratti falmiin akkanaa ka’uu akka hin qabne ni amanama. Muuxannoo manneen murtii irraa akka hubatamutti yeroo baay’ee himatamtoonni jecha bu’uura 27(2) fi 35nin kennan eeyyama isaanitiin ala akka kennan eeruun yoo falman abbaan alangaa immoo faallaa isaatiin falma. Falmii bitaa fi mirgaa keessaa kamiyyuu sababa gahaa fi amansiisaa ta’een ala fudhachuun fedhii fi mirga ummataa kan hubuudha. Falmii himatamtootni caqasan sababa hin taaneef fudhachuu jecha isaanii akka fudhatama hin qaabaanne yoo goone, bakka ragaan biraa hin jirretti yakki akka raawwatamu kakaasuu ta’a. Falmii Abbaa Alangaa yoo fudhanne immoo qondalli qorataan poolisii humnaan ykn dirqiin jecha himatamtoota irraa akka fuudhu (27(2)) ykn akka fuusisu (kew.35) jajjabeessuu ta’a. Falmiin gama lameenuu fedhii ummataa kan guutuu miti. Himatamtoonnis haala mirga heeraan kennameef mirga ofiisaaniirratti ragummaadhaan dhiyaachuu dhabuu (kew.19(5)) fi mirga akka nama balleessaa hin qabnetti lakka’amuu (kew.20(3)) cabsuun jecha irraa fuudhametti fayyadamuun heera cabsuu ta’a. gama kaaninis ummata dallansiisuu waan danda’uuf fedhii fi mirgi himatamtootaa fi ummataa madaallii keessa galchuun ilaaluun barbaachisaadha. Kanaaf jecha bu’uura SDFYL 27(2) tiin kenname irratti mormiin yoo ka’e ragaa dabalaatiin dhimmicha (yakki raawwatamuu kan raawwates himatamaa ta’uu isaa) qulqulleefachuu qabna. Jecha bu’uura SDFYL 35n kennamerratti yoo ta’e garuu manneen murtii fedhiin ala dirqamaan jecha ni fuudhan jedhamee waan hin tilmaamamneef himatamaan dirqamaan kennuu isaa yoo hubachiise malee fudhatama ni qaba…” jechuun jecha bu’uura 27(2) tiin kennan kuffisuun jecha bu’uura 35 niin kenname fudhateera [Hubachiisa: jechi lameenuu dhimma kanarratti waan wal fakkataniif bu’uaa irratti tokko ta’us, murtiin mana murtichaa jecha 27 fi 35 niin kennaman irratti ejjannoo garagaraa qabaachuu mul’isa]



  1. Murtiin mana murtichaa tumaalee heeraa mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uura mirga “dirqamaan jecha amantaa kennuu dhabuu” waliin ni deema jettanii amantu? Ciminaa fi dadhabbina murtichaa baasuun mari’adha.

  2. Murtii armaan olii keessatti manni murtii jecha amantaa bu’uura SDFYL 35 niin kenname dirqamaan ta’uu isaa hubachiisuu kan qabu himatamaa dha” jechuun ibseera. Manni Murtii Heeraa (Constitutional Court) Afrikaa Kibbaa dhimma kana ilaalchisee murtii kenneen:

The rule or principle that the prosecution must prove beyond reasonable doubt that a confession was made freely and voluntarily; was integral part of the following rights in the constitution:- the right to fair trial, to remain silent after arrest, the right not to be compelled to make confession and the right not to be compellable witness against one self” jedheera.

Yaadni mana murtii kanaa Heera keenya wajjiin yoo ilaalamu dhimma keenya kan gubbaatti ibsameef furmaata kannee danda’a.?



    1. Mirgoota Adabbiin Walqabatan:

Manni Murtii bu’uura SDFYL 149(1) tiin yaadaa fi falmii adabbii salphisuu fi cimsuu ilaallatani dhiyaatan fuudhuun akkuma barbaachisummaa isaatti ragaan qulquulleessuun adabbii haqa-qabeessa kennuu qaba. Adabbiin kun immoo bu’uura Heera Fedaraalaa fi Naannoo Oromiyaa kew 18(1) tiin kan hammeenyummaan guutame, kan farra namoomaa ta’e yookin kan kabajaa namaa salphisu ta’uu hin qabu. Adabbiiwwan keessaa kan du’aa yakkoota baay’ee ciccimoo ta’aniif malee murteefamuu hin qabu. Adabbiin kuni daa’iman irratti gonkumaa murteefamuu akka hin qabne seeraan tumameera (SYL.117(1)).

Dabalataan dargagoota badiirratti bobba’an ilaalchisee murtiin balleessummaa fi adabbiin kennamu cimina yakkichaa fi haala itti raawwatame qofa osoo hin ta’in fedhii hawaasichaa; fedhii dargagichaa fi haala jireenya isaanii sirritti xiyyeeffannoo keessa kan galche ta’uu qabaa. Namoota gurguddaarraa adda bahanii qabamuu fi ilaalamuus qaban.

Filannoon biraa yoo dhabame malee murtiin dargagoota bilisummaa dhabsiisu kennamuu hin qabu. Dargagoota too’annaa jala oolchuun murtii eegachiisuun akka qajeelfamatti (principle) dhoorgaa dha. Sababni isaas xiyyeefannoon guddaan kennamu kan qabu mirga fooyyeessuu fi barnoota dargagichaaf ta’uu waan qabuufi dha.

Gama biraatiin hogguu falmii dargagoonni abukaatoo ittisaatiin akka deegaraman xiyyeefannoon addaa laatamuu fi qaba. Dhimmi isaanis abbootii seeraa dhimmoota namoota gurguddaa ilaalaniin osoo hin ta’in, abbootii seeraa ogummaa fi beekumsa dabalataa gama kanaan qabaniin yoo ilaalme filatama. Adabbii isaan irratti kennamu wantoota heddu bu’uura godhachuu waan qabuuf.



Qabxiilee Marii

  1. Heera Fedaraalaa fi Oromiyaa kew. 15 jalatti namni kamiiyyuu lubbudhaan jiraachuuf mirga akka qabu tumameera. Kun otoo jiru dabalataan daa’iman mirga lubbuun jiraachuu akka qaban kew.36(1) (a) jalatti maaliif tumame isinitti fakkaata? Haaluma walfakkaatuun kew 25 jalatti mirgi wal-qixxummaa tumameera. Dubartootaaf dabalataan kew. 35(1) jalatti mirgi kun kennamuu isaa barbaachisuma waliin mari’adhaa.

  2. Cimina gocha yakkichaa waliin hogguu ilaallamu adabbiin hidhaa akka malee ol ka’ee kenname mirga Heera kew 18(1) jalatti mirkanaa’e ni cabsa jettanii yaadduu maaliif?

  3. Dhimmi kun dhimma M/M/O tokkotti ilaallamee dha. Abbaan Alangaa godinichaa himatamaan umriin isaa waggaa 19 akka ta’e caqasuun SYL 539(1) (a) dabruun ajjeechaa lubbuu namaa raawwateera jechuun himate. Himatamaan jecha kenneen umriin isaa waggaa 13 jechuun waan ibseef gaafii abbaa alangaa tiin umriin akka qoratamu ajajamee bu’aan otoo eegamu waggaa tokkoo fi cinaa booda Q/Po/Godinichaa immoo bajata waan hin qabneef ammaan booda ajaja akkanaa fudhachuuf akka isa rakkisu ibsuun xalayaa qaama ilaalu hundaaf barreesse.

Xalayaa kanarratti hundaa’uun manni murtichaa umrii himatamaan jedhe fudhachuun namoota gurgurdaa waliin hidhamee waan jiruuf maatiin isaa dhiyaatee akka fudhatuu fi deddeebi’ee alaa akka falmatu; akkasumas ragaan bitaa fi mirgaa akka dhiyaatu ajajuun bellame. Gaafa bellamaa himatamaan, sababa ajjeechaa sanaatiif maatiin waan bittinaa’eef namni baasu dhabamee; Mana Amala Sirressaa irraa dhiyaatee ragaan dhagayamee bellama tokko booda murtiin abbaa balleessumaa kenname.

Manni murtichaa cimina yakkichaa bu’uureffachuun akkaata SYL 162 ajajuun himatamaan dhaabbata sirreessaatti (Corrective institution) waggaa lamaa (2) akka turu ajajuun galmee cufeera. [Hub. Godina sana keessa dhaabbanni sirreessaa (corrective inistitution) hinjiru]



  1. Manni murtichaa adeemsa seeraa hordofeera jettanii amantuu? Dogongora manna murtichaa (yoo jiraate) mirga daa’imannii ykn dargaggootaa waliin walqabsiisuun tokko tokkoon kaasudhaan mari’adhaa. Mana murtii irraa dhuftan dhimmi akkanaa uumame yoo jiraate akkaata itti keessummeessaa turtan muuxannoo waljijjiiruun waan ta’uu qaburrattis mari’adhaa.

  2. Akkuma beekamu biyya keenyatti dhaloonni hin galmaa’u; manni yaalaa kamiyyu immoo tilmaama malee umrii nama tokko isa qabatamaa hin agarsiisu. Dhimma olii irratti qorannoo mana yaalaatiin umriin himatamaa otoo beekameeyyuu murtii fi adabbiin isarratti hundaa’uun kennamu; mirgoota fi bilisummaawan daa’imanni kan kabachiisu jettanii amantuu? Maaliif?

2. 8. Mirga abukaatoon bakka bu’amuu fi abuukaatoo mootummaa irraa argachuu.

Heera Fedaraalaa Oromiyaa kew 20(5) tiin namni himatame abukaatoo filateen bakka bu’amuu ykn mootumarraa abukaatoo argachuu akka danda’u tumameera. Mootummaan kan dhaabbatu immoo himatamaan dhaabbachuuf dandeettii yoo hin qabnee fi haalli haqni itti hir’atu danda’u yoo mudateedha.



Himatamaan keessattuu falmiilee seeraan walqabatan fakeenyaaf mormii sadarkaa duraa, fudhatama ragaa ilaalchisee, haalloota adabbii seeraan salphisan, hasaa baniinsaa fi gaafii qaxxaamuraa fi kkf irratti abukaatoon deegaramuun barbaachisaa dha. keessattuu qotee bultoota biyya keenyaa fi warra hin baratin ilaalchisee xiyyeefannoon cimaan kennamu akka qabu gaafii hin qabu.

Qabxiilee marii

  1. Haala qabatama yeroo ammatti mana murtii heddutti abukaatoonni ittisaa namoota gahumsa gahaa hin qabne ta’uun mirga heera kanaan kenname waliin mootummaan Abukaatoo dhiyeesseera kan jechisiisuudhaa? Haaluma walfakkaatuun manneen murtii baay’eetti himatamaa fi Abukaatoon ittisaa dhadacharratti wal’argu, yeroon gahaa fi haalonni barbaachisaa hin guutamani, isaanis bellama yoo gaafatan hin mul’atan, kun hoo akkamitti ilaallama?

  2. Hogguu tokko tokko dhimmoota qajeelfamaan dhoorgaman irratti Abukaatoon ittisaa hin dhaabbattu. Manneen murtii Aanaa tti enumaa hin jirani. Hogguu kana abbaa seeraa irraa maaltu eegama? Afrikaa Kibbatti himatamaan kan barumsa hin qabne yoo ta’e sadarkaa barbaachisaa adeemsa falmii hundarrattuu abbootiin seeraa himatamaa bakka bu’uun gargaaruu qaban. Muuxannoo kana fudhachuu qabna jettuu? Duudhaa naamusa abbaa seerummaa alloogumaa waliin akkamitti ilaallama?

  3. Dhimma: Abbaa alangaa fi Dr. Taayyee W/Samayaat keessatti

  • Himatamaan yeroo hundumaa abukaatoo isaa wajjiin yoo mari’atu poolisiin mana sirreessaa biraa deemuu waan diddeef “abukaatoo kiyya waliin mari’achuu hin dandeenye” jechuun manni murtii gochicha akka irraa dhaabu iyyate.

  • Manni murtichaas iyyata erga ilaaleen booda “Poolisiin mana sirreessaa hogguu iyyataan abukaatoo waliin mari’achuuf jedhu biraa deemuu diduun akka waliin hin mari’annee gochuu waan ta’eef seeran alaa dha. Namni hidhame ykn himatame abukatoo isaatiin walarguuf mirga guutuu qaba; mirgi kun mirga waliigalaa (universal) qofa osoo hin ta’in heera keenyaanis beekumsi kennameefi eegumsi godhamaafii jira. Kanaaf gochi bulchiinsa mana sirreessaa heeraan walitti kan bu’u waan ta’eef gochicharraa akka of qustan jechuun ajajeera”

  • Murtiin kun sirrii isinitti fakkaataa? Manni murtichaa akkasitti murteessuuf aangoo ni qabaa?



  1. Bu’uura Heera Feederaalaa fi Oromiyaa kew.20(5) himatamtoonni kamiyyuu abukaatoo Mootummarraa argachuuf mirga kan qaban:- dhaabbachuuf dandeettii yoo hin qabaatinii fi haalli haqni itti hirrattu danda’u eennaa muudatu akka ta’e tumameera.

  1. Koreen heera wixineesse qabxii kana irratti marii taasise (Hatate za Mikiniyaat)] irraa akka hubatamutti haallota hanqini itti hirr’atu jedhu tarreesseen (1) Barnoota dhabaan sirritti ofirraa ittisuu yoo dadhabe (2) rakkoo bilchinaa ykn guddinnaa sammuu (Mentaly retarded) yoo ta’e, (3) dhadacharratti sodaan kan hollatuu fi afaan kan wal hidhu yoo ta’ee, (4) dubartootaa fi dargagootaa fi (5) daa’imman gaa’ila hin geenye yoo ta’an jedheera. Kuni kan agarsiisu heerri hiirrinni haqaa ilaalamuu kan qabu haalaa fi amala himatamarratti hundaa’uun malee ulfinaa fi salphina yakkicha ittiin himatame irratti kan hundaa’uu miti. Labsiin lakk.141/2000 manneen murtii Oromiyaa irra deebi’uun hundeessuuf bahe kew. 17(2) tiin “yakka hidhaa cimaa waggaa shaniin gadi hin taaneen adabsiisuun himatame” jedha. Labsiin kun ulfina yakkichaarratti waan hundaa’e waan fakkaatuuf heeraan walitti ni bu’a jettanii yaadduu? Yakka hidhaa cimaa waggaa shanii gadiin ykn hidhaa salphaa adabsiisuun hogguu himatame haalli haqni itti hirratu hin jiru jechuudhaa? Labsichi maal bu’uurefate isinitti fakkaata?

  2. Biyyoota biraatti fakeenyaaf Ameerikaatti hirrinni haqaa jiraachuu isaa kan murtaa’u ‘importance of the case’, gosa adabbii fi hanga adabbii isa eeggatu, walxaxummaa dhimmicha fi haalaa fi ammala dhuunfaa himatama irratti hundaa’uun dha. Haala kanas kan murteessu mana murtiiti malee seeraan kan murtaa’uu miti (akka labsii 141/2000).

      • Haala kanaan manneen murtii Oromiyaa ulfinaa fi amala dhimmootaa ilaaluun haalli abukaatoo itti dhaaban ni jiraa?

      • Jalqabarratti haalli haqni itti hir’atu yoo hin muudatin falmii jiddutti garuu ennaa muudatu (fkn himatamaan wabiin jiru dhaddacha jeeqe jechuun hidhame achi booda sodarraa kan ka’e dhaddacharra dhaabbachuu fi dubbachuuf yoo dadhabe) abukaatoo ittisaa dhaabuufii qabnaa?



  1. Himatamaan dandeettii hin qabu waan jedheef qofa abukaatoon ittisaa kan mootummaa dhabnaafi moo? haalli ittimirkaneeffannu ni jira? Sadarkaa diinagdee (qabeenya) himatamaan dandeetti hin qabu jechisiisu kami? Maallaqa dheedhii qabaachuu qaba moo qabeenya hin sochoone? Manni murtii abbaan alangaa mormii hanga kaasutti eeguu qaba moo ofumaa mirkaneefachuu qaba?

  1. Himatamaaf abukaatoon ittisaa dhaabachuuf osoo qabu, kana otoo hin ta’in waan hafeef irratti yoo murtaa’e abukaatoo ittisaa dhaabaachuuf dhabuu akka qaphxii komii ol’iyyannotti dhiyeefachuu ni danda’aa? Yoo dhiyeeffate akkamitti keessumeessitu? Muuxannoo qabatamaan qabdan waliin mari’adhaa.



    1. Mirga Daddaaffiidhaan Mana Murtii tti Dhiyaachuu fi Murtii Argachuu

Bu’uura Heera kew. 20/1/ tiin himatamaan himanni irratti yeroo gabaaba malu keessatti akka dhagaayamuu mirga qaba. Mirgi daddaffii dhaan murtii argachuu kuni akka mirkanaa’u halawwan hojii taasisan keessaa bellama yerootii fi kenniinsa bellamaa kaasuudhaan ilaalla.

      1. Bellama yeroo

Qondaalli qorataa poolisii qorannoo adeemsisuuf dabalanii yeroo ennaa gaafatu manni murtii qorannichaaf hanga barbaachisaa ta’e qofa heyyamuu qaba. Bu’uura SDFYL 59/3/ tiin guyyoota hanga 14tu dabalamuu danda’a. Herri Federaalaas ta’ee Oromiyaa kew. (19(4)tiin “hanga “qorannoof barbaachisaa ta’e” jechuun isaani manni murtii guyyaa 14 gadi akkuma haala isaatti kennuu akka danda’u ni agarsiisa. Qondaallii poolisii bellama yeroo gaafatu qorannoo jalqabuu qaba. Kana qofa osoo hin ta’in manni murtii sadarkaa qorannoon irra jiru, ofdura qorannoo akkamii akka taasisu, maaliif akka taasisu, gosa ragaa sassaabamu, ittigaafatamummaa fi ofeegannoon qorannoon yoo godhame yeroo haangam akka barbaachisu qondaalicha gaafachuu murteessuu qaba.

Kanumaan walqabatee qorannoon xumuramee galmeen qorannoo poolisii abbaa alangaa tiif erga dabref booda abbaan alangaa himata otoo hin banin turuun ni mala. Gama kanaan SDFYL. 109(1) akka tumutti galmichi dhaqabee guyyaa 15 keessatti himata dhiyeefachuutu abbaa alangaa irraa eegama . Heerri mootummaas kanuma ajaja.



Qabxiilee Marii

  1. SDFYL 59(3) guyyaa 14 ol kennamu akka hin qabne malee hogguu meeqa guyyoonni kunniin akka kennaman hin ibsu. Heera mootummaa jalatti mirga taa’e waliin akkamitti ilaalama?

  2. Abbaan alangaa galmeen qorannoo poolisii isa dhaqabee guyyaa 15 keessatti himata dhiyeessuu akka qabu seeraan tumameera. Manni murtii haala kamiin hordofuu danda’a ykn qaba? Abbaan alangaa yeroo kana yoo hin kabajin abbaan seeraa haala kamiin mirga daddaffiidhaan himatamuu mirkaneessuu danda’a? Fakkeenyaaf, USA tti Abbaan alangaa mirga kana cabsee jennaan manni murtii waaraantii hidhaa kenne haaquudhaan himatamaa gadilakkisa. Haala kana seera keenya waliin akkamitti ilaaltu?



      1. Kenniinsa Bellama (Adjournments)

Bu’uura SDF tiin falmiin yakkaa gaafa jalqaba dhagayama falmichatti xumura argachuu akka qabu tumaalee SDFYL 94(2) fi (1) irraa tilmaama fudhachuu ni danda’ama. Guyyaa sanatti xumura yoo hin argatin immoo guyyaa itti anuu fi guyyoota itti aanan gabaabaa keessatti akka belamamu hubachuun barbaachisaadha. Maal irratti hundaa’uun akka bellamni kennamu SDFYL 94 jalatti tarraa’eera.

Keewwatichi kun dheerinni ballamaas hangam ta’uu akka qabu kaay’eera. Dhimmoota tokko tokko ilaalchisee torbaan tokko; tokko tokko immoo sababa bellamaa raawwachuuf yeroo gahaa ta’e jechuun kaayeera. Fkn himatamaan yoo hin dhiyaatin torbaan tokkoodha. Qabatamaan garuu mannen murtii sababaa fi yeroo seeraan kaayame haala faallessuun bellama ni kennu (galmeelee hedduraa ni hubatama). Falmii hariiroo hawaasaas haaluma walfakkaatuun ilaaluun ni danda’ama.



Qabxiilee Marii

  1. Namoonni (ogeessonni seeraa) tokko tokko ragaan abbaa alangaa eegamee bellama hedduu yoo hin dhiyaatin galmee cufnee yakka kanaan lammata akka hin himatamne himatamaa bu’uura SDFYL 141 tiin bilisa gochuu qabana jedhu. Haangam sirriidha? Mari’adhaa.

  2. Dhimma: Abbaa alangaa fi Hayiluu Kaasahun. /lakk.G.3462/88/

  • Abbaan alangaa SAY( kandurii) kew.656(a) caqasuun himatamaa himatee galmeen banamee gaafa 08/10/85 banamee himatamaan akka dhiyaatu ajajauun gaafa 05/11/85 bellamame.

  • 05/11/85 himatamaan abukaatoo waliin dhiyaatee mormii sadarkaa duraa akka dhiyeeffatu jijjiirraa bellama bu’uura gaafatameen kennuun 30/11/85 tti bellamame.

  • 30/11/85 Himatamaan abukaatoo isaatiin mormii sadarkaa duraa kaase. Abbaan alangaa deebii kennuuf bellama gaafate. Gaafa 02/02/86 tti bellamama.

  • 02/02/86 abbaan alangaa galmeen mana murtii waan naaf hin dhiyaatiniif ajaja kenname waan hin beekneef deebii hin kennine jechuun bellama gaafate gaafa 10/03/86 tti bellamame

  • 10/03/86 abbaan alangaa ani dhimmichaaf haaraa dha jechuun bellama gaafate. Gaafa 08/04/86 bellamame.

  • 08/04/86 abbaan alangaa waan hin dhiyaatiniif gaafa 19/05/86 tti bellamame.

  • 19/05/86 abbaan alangaa jechaan deebii kenninaan dhadachi battalumatti mormii sadarkaa duraa kufaa godhe. Himatamaan jecha amantaa fi waakkii kenneen waan waakkateef ragaa abbaa alangaa poolisiin akka dhiyeessu ajajuun gaafa 04/09/86 tti bellamame.

  • 04/09/86 Ragaan hin dhiyaane, poolisiinis deebii hin kennine. Manni murtii poolisiin bu’uura ajaja duraatiin ragaa abbaa alangaa qabee akka dhiyeessuu fi bellama dabre sababa itti dhiyeessuu ooleef akka ibsu ajajuun gaafa 28/11/86 bellame.

  • 28/11/86 ragaa abbaa alangaa keessaa namni sadi dhiyaatee abbaan alangaa garuu hojii barruu heddu waan qabuuf hin danda’u waan jedheef ragoonni otoo hin dhagayamin gaafa 28/04/87 tti bellamame.

  • 28/04/87 ragaan abbaa alangaa namni lama dhiyaatanii dhagayaman. Manni murtii ragaan abbaa alangaa 3ffaan qabamtee akka dhiyaattu ajajuun gaafa 18/09/87 tti bellame.

  • 28/04/87 ragaan abbaa alangaa 3ffaan dhiyaatte, saa’aatiin hojii gaafa sana dhume jechuun gaafa 22/09/87 belamni jijjiirame.

  • 22/09/87 Himatamaan hin dhiyaanne. Dhadachi himatamaan qabame akka dhiyaatuu fi wabiiniis dhiyaate sababa akka ibsu ajajuun bellama gaafa 10/01/88 tti qabe.

  • 10/01/88 Himatamaan dhiyaatee bellama duraa dogongoraan hafuu isaa ibse jennaan manni murtii of-eeggannoon bira dabruun ragaan abbaa alangaa 3ffaan gaafa 24/05/88 akka dhiyaattu ajaje.

  • 24/05/88 RAA 3ffaan hin dhiyaanne; poolisiinis deebisaa hin laanne. Manni murtii poolisiin sababa bellama dabre dhiyeessuu oole waliin raga gaafa 26/07/88 tti akka dhiyeessu ajajuun bellame.

  • 26/07/88 Poolisiin ragaa abbaa alangaa 3ffaa barbaadee dhabuu isaa xalayaa Araddaa irraa barreefame waliin mana murtiitiif deebisaa kenne. Abbaan alangaa kanarratti deebii kennuuf belama waan gaafateef gaafa 06/10/88 tti qabame.

  • 06/10/88 abbaan alangaa galmeen amma waan naaf dhiyaateef hin ilaalle jechuun bellama gaafate. Bellamni gaafa 03/11/88 tti qabame.

  • 03/11/88 abbaan alangaa ragaan akka hin jirre kan ibse poolisii Aanaa 17 yoo ta’u, qorannoon kan qulqulleefame immoo poolisii Aanaa 27 tiin waan ta’eef bu’uura sanaan ajajanni akka laatamuuf gaafate. Manni murtiitiis poolisiin Aanaa 27 ragaa abbaa alangaa 3ffaa akka dhiyeessu ajajuun gaafa 05/0589 tti bellame.

  • 05/05/89 abbaan alangaa galmeen naaf hin dhiyaanne jechuun bellama gaafate. Bellamni bu’uura kanaan gaaa 10/06/89 tti jijjiirame.

  • 10/06/89 abbaan alangaa har’as galmeen qorannoo naaf hin dhiyaanne jechuun bellama gaafannaan bellamni gaafa 09/10/89 tti qabame.

  • 09/10/89 Himatamaan hin dhiyaanne. Manni murtii himatamaan gaafa 16/03/90 tti akka dhiyaatu ajajuun bellame.

  • 16/03/90 Himatamaan du’e jedhame; dhaddachi galmicha cufee mana galmeetti deebise.

  1. Akka hojii dhaddachaa armaan olii irraa hubatametti fi akka waliigalatti harkifama falmii yakka qabatamaan manneen murtii keessa jiruuf sababni maal isinitti fakkaata? Adeemsi falmii akkanaa mirga namoota himatamanii heeraan eegumsi godhameef kam fa’a akka cabsan tarreessuun mari’adha.

  2. Hojii dhaddacha armaan olii akka fakeenyatti fudhachuun adeemsi akkanaa akka waliigalatti kenniinsa tajaajila haqaa irratti dhiibban fiduu fi guddinna biyyattii fi naannoo keenyaa irratti hiikkaan qabu maal akka ta’e xiinxalluun mari’adhaa. Haala kana fooyyessuu ykn sirreessuuf furmaanni maal jettanii yaaddu?



    1. Mirga Dhimma Mana Murtiitti Dhiyeeffachuu fi Haqa Argachuu (Access to Court/Justice)

Bu’uura Heera Kew. 37(1) tiin namni kamiyyuu dhimma murtiidhaan dhumu qabu mana murtiitti dhiyeessu fi murtii argachuuf mirga akka qabu tumameera. Mirgi kuni garuu akka amantaa Mootummoota Gamtoomanitti, mana murtiitti dhimma dhiyeeffachuu danda’uu qofa irratti kan daangeffamu miti.

Access to justice is much more than improving an individuals access to court. It may be defined interms of ensuring that legal and judicial outcomes are just and equitable, particularly for the poor and disadvantaged including women, children and others”5


Bu’uura yaada kanaatiin mirgi haqa argachuu kan mirkanaa’u danda’u dhimma mana murtiitti dhiyeessu danda’uu qofaan osoo hin ta’in murtiin haqa qabeessaa fi walqixxummaa eege yoo kennamee dha. Kana argachuuf gufuwwan daandii kanattii nu geessu irra jirani manca’uu qabani, Gufuuwwan kanniin keessaa adeemsootni baasii dabalani, aangoo seeraan kaayame hojiirra oolchuu dhabuu, falmitoota saalaan, umriin ykn gosaan addan baasuu fi sirni haqaa akka sodaatamee irraa dheeffamu wantoota taasisan caqasuun ni danda’ama. Kanaaf manni murtii keessattu dubartoota fi daa’immaniif xiyyeeffannaa addaa kennuu dhaan baasii xiqqaan yeroo gabaabaa keessatti furmaata qabatamaa kennuutu irra jiraata.

Maatiin ka’umsa bu’uura uumama hawaasaati. Kanaaf hawaasichaafi mootumarraa eegumsa argachuuf mirga qaba. Bu’uura Heera Federalaa fi Oromiyaa kew.34(1) tiin raawwannaa fuudhaa heerumaa, yeroo raga’ee jirutti fi yeroo hiikkaattis dhiiraafi dubartiin mirga wal-qixa ta’e qabani. Yeroo hiikkaas mirgaa fi dantaa ijoolee akka kabajaman godhuu qabna. Kanaaf falmii maatii keessatti Abbaan seeraa bitaa fi mirga araarsuuf tattaaffii cimaa godhuu qaba. Hanga falmiin xumuramuttis mashruufa (qallaba) falmitootaa fi ijoollee akkasumas iddoo jireenya ijoollee ilaalchisee ajaja barbaachisaa kennuu qaba. Hiikkaan kan hin hafne yoo ta’es yeroo seeraan kaayame (bu’aa araara booda baatii tokko keessatti) murtii kennuun qoodinsa qabeenyas bu’uura seeraatin taasisuu dha. Dubartoonni fi daa’immani immoo haala qabatama jireenya keenyaa keessatti yeroo baay’ee midhamtoota waan ta’aniif kutaa haawaasichaa keessaa gareewwani dhimmi isaani xiyyeeffanna argachuu qabanii dha.

Kanaafuu, abbootiin seeraa gufuuwwan kanniin bifa dhabamsiisuun hojii isaanii yoo gaggeessan malee namoonni mama murtii irraa akka fagaatanii fi haqa akka hin arganne kan godhuudha. Hogguu kana manni murtii fi haqa argachuun dhaqabamoo miti jedhamu ni danda’ama. Rakkoo kana hanbisuuf abbootiin seera:-


  • Naamusaa fi akkaataan dhaddachi itti geggeefamu tajaajilamtoota kan sodaachisuufi kan salphisu ykn saalfachiisu ta’uu hin qabu. Qaamilee haawaasichaa midhamtoota ta’an (disadvantaged) kan akka dubartootaa fi ijoollee immoo xiyyeefannoo addaa barbaadu. Kana yoo hin goone namota silaa mirga qaban mana murtiitti akka hin dhiyaanne godha. Barbaachisaa ta’ee yoo argame malee abbootiin seeraa sababa dhadacha jeequtiin “aangoo isaanii seeraan ala dhimma itti bahuu hin qabani. Kunis haala walfakkaatun namoota kan fageessuudha.

  • Gama biraatiin namoonni abukaatoo dhuunfaatiin falman yeroo hundumaa kan murtaa’uuf yoo ta’e; warra dhaabbachuu hin dandeenne abdii kuchisiisuudhaan mana murtii irraa ni fageessa. Kanaaf Abbaan seeraa hanga danda’ameen deegarsa bu’uura seeraa qabu falmitootaa godhuu qaba.

Qabxii Marii

Mirga dubartootaa fi daa’imanni Heera Mootummaa keessatti taa’an dhaqabummaa manneen murtii fi haqa argachuu waliin walqabate hojirra oolchuu irratti qabatamaan rakkoolee mul’atan kasuun mari’adhaa. Furmaatas kaaya.



1 Bill of Rights of South Africa, Section 39(2)

2 Waal, J. D., Iain C. and Gerhard E. (2001) The Bill of Rights: Hand Book. 4th ed. Juta & Co Ltd. Lansdowne, P. 71

3 Ibid, p.69

4 Bachr, P.R. (1999) Human Rights Universality in Practice. Universal Law Publishers Co. Pvt., P. 37

5 UNDP. (2004) Access to Justice. A Practice Note. P. 6


Dostları ilə paylaş:
1   2   3


Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2017
rəhbərliyinə müraciət

    Ana səhifə