2.3. Itti fayyadama Tekinoloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo Irratti Muuxannoo Manneen Murtii Biyyoota Biroo
Itti fayyadama TQO keenya cimsachuuf muuxannoo manneen murtii biyya keessaa fi alaa ilaaluun barbaachisaa dha. Reeling barbaachisummaa muuxannoo Manneen Murtii biroo akka itti aanutti ibsu.
Courts and judiciaries, in order to be successful in their adoption of IT to improve the quality of justice, may benefit by learning from experience. The need to learn is evident: either IT development activities are new to judiciaries, or the functionalities are new. It is in the nature of the activity of developing new IT for courts that what needs to be done has mostly not been done before. They can learn from their own experience as well as that of others. Learning from others’ experience can be done by observing successes and by studying failures. 25
Akka yaada ogeessa kanaatti muuxannoo irraa barachuun kan barbaachiseef guddinnii fi itti fayyadamni tekinoloojii mana murtii keessatti akkuma waliigalaatti haaraa waan ta’eef yoo ta’u milkaa’inaa fi kufaatii isaanii qorachuudhaan barnoota argachuun ni danda’ama. Mata duree kana jalatti muuxannoo Manneen Murtii biyyoota lamaa kan biyya Hindii fi Singaapor ni ilaalla. Sababni muuxannoo biyyoota lameen kana filanneefis tokkoffaa biyyootni kunniin TQOtti gargaaramuudhaan yeroo gabaabaa keessatti rakkoo sirna haqa isaanii keessattuu gama kuufama dhimmootaan jiru furuuf waan milkaa’aniif yoo ta’u, lammaffaa haalli itti fayyadama tekinoloojii biyyoota lameen kanaa bifa tarsiimowaa fi qorannaa irratti hundaa’een waan ta’eef toorri deemsa isaanii illee madaqfamuu kan danda’u dha. Kana malees, biyyootni garaagaraa fi dhaabbileen idil addunyaa kan akka Baankii Addunyaa muuxannoo biyya Singaapor biyyoota birootiif qorannoodhaaf akeeku. Muuxannoo manneen murtii biyyoota kanaa yoo ilaallu xiyyeeffannoon keenya tekinoloojiidhaan fayyadamuun tajaajila kennan fooyyessuudhaaf toftaa hordofan malee meeshaalee tekinoloojii isaan fayyadaman irratti miti.
2.3.1. Muuxannoo Manneen Murtii Biyya Singaapor
Waggaa 20 dura manneen murtii biyya Singaapor rakkoo kuufama dhimmaa, dhaqabamaa hin taanee fi abbaa dhimmaa baasii ol aanaaf saaxiluun beekamu ture.26 Bara 1991 keessatti yaaddoon guddaa mana Murtii biyyattii kuufama dhimmootaa ti. Yeroo sanitti dhimmi tokko Murtii argachuuf gidduugaleessaan waggaa shanii fi sanii olitti fudhata ture.27 Kuni immoo karoora dinagdee biyyattiin qabatte kan deemsisu ta’ee hin argamne.28 Kanaafuu, manneen murtii biyyattii yeroo sana irraa jalqabee rifoormii bal’aa gaggeessan. Tarkaanfiiwwan fooyya’insaa waggoota 10 walitti aansuun fudhataman irra jireessaan kuufama dhimmootaa xiqqeessuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u toorri rifoormii isaaniitis sirna hooggansa dhimmootaa jabaataa ta’e diriirsuu, hiikkaa wal diddaa filannootti (ADR) fayyadamuu fi tekinoloojiidhaan deeggaramuu hammata.29 Gama itti fayyadama tekinoloojiidhaan rifoormiin taasisan tarkaanfiiwwan armaan gadii hammata.
A-Kaayyoo Tekinoloojii Itti Fayyadamuuf Qaban Dursa Karoorsuu: - Manneen murtii biyya Singaapor meeshaalee tekinoloojiitti yoomii fi maaliif akka gargaaramuu qaban bifa tarsiimowaa ta’een karoorfataniiru. Kaayyoon itti fayyadama isaaniitis;30
-
Tekinoloojiin dhaqabamummaa manneen murtii haala mirkaneessuun hojii irra ooluu qaba. Itti fayyadamni tekinoloojii Manneen Murtii tajaajila kennan keessatti ga’ee isaanii akka caalmaatti fooyyessan haala deeggaruun ta’uu qaba.
-
Tekinoloojiin qulqullina fi gahumsa bulchiinsa sirna haqaa fooyyessuu qaba.
-
Tekinoloojiin beekumsa, dandeettii fi Murtii akka bakka bu’uuf kan fayyadamnu miti. Namootni beekumsa, dandeettii fi Murtii kennan keessatti isaan akka gargaaruuf fayyadamuu qabu.
-
Tekinoloojiin turtii dhimmootaa xiqqeessuun fi baasii xiqqeessuun bu’aa qabeessummaa dabaluu qaba.
-
Odeeffannoo sirrii dhiyeessuun deemsa kenniinsa murtii fooyyeessuu qaba.
-
Tekinoloojiin itti fayyadamtoota biratti fudhatama kan qabuu fi mijataa ta’uu qaba. Kanaaf, dantaawwan akka amanamummaa, icciitii eeguu fi mirga dhuunfaa namootaa eeguu illee ilaalcha keessa kan galche ta’uu qaba.
B-Tekinoloojii Qorannoo Irratti Hundaa’e:- Tekinoloojiiwwan haaraa fayyadamuu yoo barbaadan kallattii karoora isaaniin erga qoratanii booda hojii irra oolchu. Kanuma cimsuuf bara 2006 tti dipaartimentiin “iCourtLab” jedhamu kan tekinoloojiiwwan Manneen Murtii fayyaduu danda’uu fi bakka itti fayyadamuu qaban irratti qoratu hundaa’eera. Gareen kun tekinoloojiiwwan akkamiitu mana murtiif fayyada, haala kamiin? Bakka kamitti kan jedhu qoratee barbaachisaa yoo ta’es yaalii erga taasisee booda bu’aa isaa irratti hundaa’ee hojii irra akka oolu yaada dhiyeessa. 31
C-Itti fayyadama Tekinoloojii Irratti Yaada Haaraa Dhiyaatu Deeggaruu: - Itti fayyadama tekinoloojii irratti yaada fi kalaqa haaraa dhiyeessuun ni jajjabeeffama.
D-Tekinoloojii Irratti Leenjii Abbootii Seeraa fi Ogeessota Mana Murtiif Kennuu: - Sagantaa leenjii hojjetaa hunda tekinoloojiin wal barsiisuu fi hubannoo cimsuu dhaabbiidhaan ni gaggeeffama. Itti fayyadama tekinoloojii haaraaf sagantaa hubachiisa tekinoloojii ni jira.32
Toora kana irratti hundaa’uudhaan manni Murtii waliigalaa fi Manneen Murtii distiriiktii pirojektiiwwan garaagaraa hojii irra oolchaniiru. Fakkeenyaaf bara 1995 sagantaa “court technology” jedhuun kompiitarootni mana Murtii keessa jiran hundi akka neetwoorkiin wal-quunnamuun kallattiin odeeffannoo waliif dhaqqabsiisan ta’eera,33 meeshaaleen tekinoloojii falmii dhaddacha irratti gaggeeffamu deeggaran akka maashina sagalee waraabuu, tiraaniskiriipshinii, viidiyoo konfiraansii hanga bara 1999ti guuttataniiru. Bara 1998 asitti manni kitaabaa elektiroonikii hojii irra ooleera, adabbiiwwan xixiqqoo akka dambii tiraafikii darbuu osoo gara mana Murtiitti hin dhufiin sirna tekinoloojii fayyadamuun akka itti kaffalan, dhimmoota yakkaa irratti qaamolee hirmaannaa qaban tekinooloojii ittiin odeeffannoo waliif qoodan (Integrated Criminal Justice System) bara 2002 asitti itti fayyadamaa jiru. Kana malees, mala iyyannoo elektirooniksii (Electronic File System) bara 1998 as hojii irra oolchuu danda’aniiru. Kuni immoo namootnii fi waraqaan bakkaa bakkatti deemuu hambisuu irra darbee saffisni isaanii akka dabaluuf gargaareera, baasii waraqaaf baasanis hambiseera.34 Gama baasiitiinis galmeewwan waraqaadhaan kaa’uurra bifa elektroonikiin kaa’uun fooyya’insa akka qabu qabatamaan mirkaneessaniiru.35
Manneetiin Murtii biyya Singaapor jijjiirama rifoormiiwwan kanaan fidaniin biyya keessattis ta’e sadarkaa addunyaatti beekamtii ol’aanaa argataniiru. Fakkeenyaaf yaada uummataa bara 2007 funaanameen namoota yaada kennan keessaa% 95 kan ta’u manneen murtii fi tajaajilli manneen murtii salphaatti dhaqabamaa akka ta’e yaada kennaniiru, 93% kan ta’an immoo manneen murtii dhimmoota yeroo gabaabaa fi hatattamaan Murtii kennu jechuun yaada isaanii kennaniiru.36 Waan kana ta’eef bara 2006 tti badhaasa ol aanaa biyyattii “Singapore Quality Award (SQA)” argatan. Garaagarummaa yeroo waggaa 10 hin geenye keessatti badhaasota biyya keessaa 10 gad hin taane argataniiru.37 Akkasumas, sadarkaa addunyaattis beekamtii fi badhaasa garaagaraa argachuuf gahaniiru. Bara 1999 ALA konfiransiin biyyooleessaa Manneen Murtii Amerikaa (The United States National Center for State Courts Conference ("NCSC")) Manneen Murtii biyya Singaapor iyyannoo elektiroonikii fayyadamuu isaaniin gahumsa tajaajila abbaa seerummaa isaanii kan dabaleef ta’uu mirkaneeffachuun akka muuxannoo gaariitti fudhateera.38 Baankiin Addunyaa Manneen Murtii Singaapor kunniin biyyoota biroof fakkeenya gaarii akka ta’an akeekeera.39 Walumaagalatti, Manneen Murtii biyya Singaapor jijjiirama fakkeenyummaaf caqafamu fiduu kan danda’aniif itti fayyadama tekinoloojii qaama rifoormii isaanii gochuudhaan bifa tarsiimowaa ta’een waan hojii irra oolchaniif ta’uu ni hubatama.
Dostları ilə paylaş: |