1.3 Kaayyoolee Qorannichaa
Qorannoon kun kaayyoo gooroo fi kaayyolee gooree kan qabu dha.
A.Kaayyoo Gooroo
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa ittifayyadama TQO Manneen Murtii Oromiyaa keessatti hanqinaalee mul’atan adda baasuu fi itti fayyadama isaa guddisuuf kallattii furmaataa akeekuu dha.
B. Kaayyoolee Gooree
Kaayyooleen gooree qorannoo kanaa
A. Ittifayyadama TQO irratti hanqina guddaa (major gaps) adda baasuu,
B. Hanqinaalee ittifayyadama TQO Manneen Murtii keessatti mul’ataniif sababoota gurguddoo (basic factors) adda baasuu,
C. Ittifayyadama TQO ilaalchisee sadarkaa hanqina amma Manneen Murtii keessa jiru (magnitude of existing gaps) adda baasuu fi
D. Manneen Murtii Oromiyaa keessatti ittifayyadama TQO ilaalchisee dhimma ijoo irratti hojetamuu qabu (principal intervention area) adda baasuun kallattiiwwan furmaataa hanqinaalee jiran guutuu danda’an akeekuu dha.
1.4 Gaaffilee Qorannichaa
Kaayyoolee gooree armaan olitti caqasaman kana galmaan gahuuf qorannon kun gaaffiilee gurguddoo armaan gadii deebisuuf yaalii taasiseera.
1. Kenninsa Tajaajila Abbaa Seerummaa keessatti ittifayyadamni TQO bu’aa buusuu malu buu seera?
2. Ittifayyadama meeshaalee TQO waliin walqabatee rakkooleen mul’atan maal maal faa dha?
3. Ittifayyadama meeshaalee TQO Manneen Murtii Oromiyaa keessatti fooyyessuuf kallattii gargaaran maal maal faa dha?
1.5 Mala fi Adeemsa Qorannichaa (Research Methodolgy and Research Approach)
Qorannoon kun mala qo’annoo akkumtaa (qualitative research) kan hojiirra oolche dha. Qorannoon akkumtaa dhimmoota qabatamaa ta’an irratti kan hundaa’u dha. Akka toftaatti ykn kallatiitti malli qo’annoo kanaa dhimmoota walitti hidhaminsa qaban irratti kan xiyyeeffatuu fi hundaa’u dha. Kanaaf, malootni adda addaa qorannoo akkumtaa gaggeessuuf kan hojii irra oolan dha. Fakkeenyaaf qorataan tokko sababa ka’umsaa waanti tokko itti raawwateef beekuu yoo barbaade qorannoo akkumtaatu filatamaa dha. Akka qo’annoo hangamtaa osoo hin taane qorannoon akkumtaa sababoota waanti tokko itti raawwachuu danda’eef kan qoratu dha. Mala qorannoo kana keessatti qorataan qorannoo kana qopheessuu ykn bocuu fi ragaalee walitti qabuu keessatti adda durummaan irratti hirmaata. Kanaaf, qorataan iddoo ragaaleen itti argaman qaamaan deemuun ragaa kan walitti qabu ta’a. Haalli qabatamaa fi dhugaan jiru yeroo baay’ee kan of ibsan ta’a. Kunis ragaaleen walitti qabaman gudduunfaa sirrii ta’e irraa akka gahuuf qorataa kan gargaaran ta’a.
1.5.2 Adeemsa Qorannichaa (Research Approach)
Qorannoo kana keessatti toftaan adeemsa ibsaa fi agarsiisaa (explanatory and descriptive) ta’e ragaalee jalqabaa fi lammaffaa (primary and secondary data) ittiin xiinxaluuf hojiirra oolera. Haaluma kanaan gahee TQOn kenninsa tajaajila abbaa seerummaa keessatti qabu qorannoo kana keessatti akka ibsamu ta’eera. Sababoota meeshaaleen TQO haalaan akka hojii irra hin oolle itti taasifame kan qoratamee fi xiinxalame dha. Kunis ragaalee jalqabaa fi lammaffaa rogummaa qaban walitti qabuun kan gaggeeffame dha. Qorannoon kun sababoota ittifayyadama meeshaalee TQO Manneen Murtii Oromiyaatti rakkoo ta’an kan qorate, ibsee fi xiinxale dha. Kana gochuuf qaamoleen rogummaa qaban ragaa barbaachisaa ta’e akka kennaniif gaaffatamaniiru.
Muuxannoon biyyoota biroo fi biyya keessaa waliin walcinaa qabuun kan madaalamee fi hanqinni qabatamaan jiru kan adda bahe dha. Kunis, haalli qabatamaa ittifayyadama TQO Manneen Murtii Oromiyaa erga ilaalamee booda barreeffamootni adda addaa mata duree kana irratti rogummaa qaban akka ilaalaman ta’eera, muuxannoon biyya keessaa qaamaan ilaaluu bira darbee sanadootni dhimma kanaaf rogummaa qaban qoratamaniiru. Kanaaf, qorannoon kun karoora Manneen Murtii fi haala raawwii isaanii kallattii ittifayyadama meeshaalee TQO kenninsa tajaajila abbaa seerummaa keessatti jiru waliin maal akka fakkaatu kan ilaalame dha.
Madda odeeffannoo jalqabaa fi lammaffaa irraa ragaa walitti qabuuf toftaan adda addaa hojii irra kan oole dha. Ragaan qorannoo kanaaf barbaachisan toftaalee kanaan gadiin walitti qabamaniiru.
A.Toftaa Ragaan Sadarkaa Jalqabaa Ittiin Walitti Qabame
Ragaalee rogummaa qaban walitti qabuuf odeeffannoon jalqabaa karaa af-gaaffii walitti qabameera. Af-gaaffiin kunis odeeffannoo kennitoota murteessoo ykn filatamoo ta’an waliin kan gaggeeffame dha. Isaanis Pireezidaantoota Manneen Murtii Aanaa fi Ol’aanaa, abbootii seeraa, of/seerota seeraa fi ogeessota TQO Manneen Murtii Oromiyaa dha. Akkasumas abbootii adeemsa fi gaggeessitoota dhimmaa Manneen Murtii dhimma kanaaf rogummaa qaban kan hammate dha. Odeeffannoo kennitootni kan filataman ulaagaan inni guddaan dandeettii fi hubannoo isaan dhimma kana irratti qaban irratti kan hundaa’e dha.
Af-gaaffiin odeeffannoo kennitoota murteessoo ta’an waliin taasifame kunis gahee TQOn Kenninsa Tajaajila Abbaa Seerumaa (KTAS) Manneen Murtii keessatti qabuu fi ittifayyadama isaa irratti rakkoolee mul’atan adda baasuuf kan gargaare dha. Akkasumas rakkoolee mul’ataniif furmaata ta’uu mala jedhan akka akeekan taasifameera. Kunis odeeffannoo adda addaa argaman qulqulleessuu fi sirrummaa isaanii mirkaneessuuf kan gargaare dha. Haaluma kanaan af-gaaffiin namoota 34 ta’an waliin kan taasifame yoo ta’u, kanneen keessaa af-gaaffiin gadi fageenya qabu odeeffannoo kennitoota murteessoo ta’an 12 waliin gaggeeffameera.
B. Ragaa Sadarkaa Lammaffaa Walitti Qabuu
Akka barreessaan tokko jedhetti dokimantiin qorannoo akkumtaa keessatti odeeffannoo burqisiisuuf kan tajaajilan dha (Inonda, 2001). Dokimentiin kunneen keesumaa dokimentoota mootummaa fi qaamolee adda addaa qorannoo kana kan waliin walitti dhufeenya qaban dha. Kana malees, ragaan sadarkaa lammaffaa Manneen Murtii fi qaamolee mootummaa biroo irraa walitti qabamaniiru. Gabaasni Manneen Murtii fi qorannoon hayyoota kan ilaalmaan fi odeeffannoo jalqabaa fi kan hin madaalamne (unevaluated data) walitti qabaman cimsuu fi mirkaneessuuf gargaaraniiru.
Odeeffannoon sadarkaa lammffaa immoo bar-gaaffitti fayyadamuun abbootii seeraa, ofiseerota seeraa, abbootii alangaa, abukattoota dhuunfaa fi abbootii dhimmaa Manneen Murtii sadarkaa aanaa hanga waliigalaatti tajaajilaaf dhufan irraa walitti qabameera. Kunis ragaa toftaa af-gaaffiin argame kan qulqulleessuu fi cimsuuf nu gargaaru ta’uu irra darbee odeffannoo qorannoo kanaa balisuun kallattii furmaata sirrii ta’e hanqina qabatamaa irraa madde jiru akeekuuf kan nu gargaaru ta’eera. Muuxannoo dhuunfaa fi daawwannaan adda addaas haala qabatamaa ittifayyadama TQO Manneen Murtii Oromiyaa keessa jiru adda baasuuf nu gargaaraniiru. Ragaaleen toftaalee kana hundaan walitti qabaman immoo gabaasa Manneen Murtii Oromiyaa waggoota shanan darbanii ittifayyadama fi hanqinaalee gama TQOtiin jiru haalaan xiinxaluuf qorannoo kana deeggareera.
Dostları ilə paylaş: |