Finfinnee Waajjira Daandiiwwanii fi Lojistikii Godina Harargee Bahaatiif



Yüklə 15,63 Kb.
tarix31.12.2021
ölçüsü15,63 Kb.
#113137
Daandii Gobentii Ramiis



Lakk____________________________

Guyyaa___________________________

Biiroo Daandiiwwanii fi Lojistikii Oromiyaatiif

Finfinnee

Waajjira Daandiiwwanii fi Lojistikii Godina Harargee Bahaatiif

Harar

Dhimmi;- Sarara Daandii URRAP Karra Dimaa-Gola Nagayaa (Gobeenti Raammis) ilaala

Akkuuma olitti ibsamuuf yaalametti Akka Ragaa Gorsa Waajjira Daandiiwwanii fi Lojistikii Aanaa Gola Odaa irraa argannee jirrutti Sararri Daandii URRAP Karra Dimaa-Gobeenti Raammis KM 32 keessaa Hojii lafaa bara 2007 Hojjatamee Osoo jiru Biiroon Daandiiwwanii fi Lojistikii Oromiyaa Sababa hin Beekkamnen Bajat Line Keeysaa Baasee jira.



1) Araddaa Diima Jannata, Sarara Daandii Kaarra Diima– Diima Jannata km 10

2) Araddaa Diima Jannata fi Gola Nagaya, Sarara Daandii Diimaa Jannata-Gola Nagaya (Gobeentii Raammis) km-22 tahu keessaa KM-7 Hojjatamee Karratti Dhaabbatee jira.

Sababni Guddaan Hojiin Kun addaan cite tureef keessaa inni ijoo fi Murteessa tahe jiru Keessa Haalli Tessuma lafaa (Terrain Type) isaa Gaara Qarree (Escarpment Terrain Type) tahuu irraa kan ka’e Kontaraktarri Hojii san Fudhatee Hojjachaa jiru Bifa Hojii san Hojjate Nama hin jechisiifneen Waligaltee fi Designa tokkon Alatti iddoowwan tokko tokko Karaa Ummanni Humna Isaatiin ciree Haxawee irra Mashina Gireedara fi Excavataran Xuxxuqun Ummata Araddoota Afurii (4) Sobuudhaan Maallaqa hirmaannaa Ummataa WALQOO Aanaa Gola Odaa jiru Seeraan ala fudhatee Rakkoo Bulchinsa Gaarii Hammaata keeysatti Ummata kuffisee Osoo Jiruu Km-25 Hojjadhe jedhee Mana Murtii Ol’aanaa Godina Harargee Bahatti Galmee Lakk. 61030 gaafa Guyyaa 20/03/2009 Lakk. MD/018/09 Himannaa ATD fi MWD Aanaa Gola Odaa irratti Banuun isaa ni yaadatama. Bu’uruma Kanaan ATD Aanaa Gola Odaa Xalayaa Lakk.Pu-2/ATD/04/3096/09 Gaafa Guyyaa 14/06/2009 ATDO’tiif barreessen Himannaa fi Ragaa Guutu Sararoota Kana galchuudhaan Bakka Bu’ummaa Kenninee jirra. ATDO’tis Xalayaa Lakk. DHB/8/S/4610 Guyyaa 17/06/2009 Deebii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Harargee Bahaatif Barreesseen Deebisa Kanan Dura Abbaa Alangaa Aanaa Gola Odaatin Kenname ture akka foyyeefatan xuquudhaan Ogeeysa Seeraa ATDO Obbo Waldee Waaqootin MMO Go/Ha/Bahaa akka Qaqqabsisan Godhanii turan. Kana Malees Xalayaa ATDO’n Lakk. ADO/M/URRAP/5280 Gaafa Guyyaa 12/07/2009 barreesseen Ogeeysa Mahandiisaa fi Ooditara ATDO tokko tokko Qaaman Aanaa Gola Odaa Dhufudhaan Dhimmicha Ququlleeyfatani turan. Haa tahuu Malee MMO Go/H/Bahaa Dhaddacha Guyyaa 19/04/2010 Ooleen Murtee Dabaa Nurratti waan Murteesseef Ol iyyannaa fudhachuudhan MMWODB Adamatti Bakka Bu’ummaa ATDO’tin Himata Kana Kufaa haa Goonu malee Marsaa lammaffaf MMO Go/H/Bahatti Himata Fooyyeffadha jechuudhan bifa Haarayaan Galmee waan Banamteef Kanaas Of irraa Falmachuudhaan Dhaddacha Guyyaa 29/03/2012 Ooleen Qarshii 7,839,321 Kufaa Goonee Bara 2013 Hojjitti kan galle yoo tahu garuu osuma Ragaan isaa Guutuun Biiroo Daandiiwwanii fi Lojistikii Oromiyaa jiru Sababa hin Beekkamnen Bajat Line Keeysaa Baahee waan jiruuf Biiroon Daandiiwwanii fi Lojistikii Oromiyaa kan Hubachuudhan Hubannoof akka isiiniif Tolutti Ragaa Sarara Kanaa Fuula_______________ Xalayaa geggeeysitu Kanaan Wal Qabsiifne Isiniif erginee Waan jiruuf Isiniis Kana Hubattanii iddoo Hojiin kun itti Hojjatame jennu yoo danda’ame Qaamaan argamuudhaan Sirrummaa isaa Qaama dhimmi ilaaalu irraa akka Qulqulleyfattani Hawaasa Rakkoo Keeysatti Kufanii jiran kana Keeysaa Baafnu Maqaa Hawaasa Aanaa Gola Odaatin Kabajaan isin Gaafanna,



N/Waajjiin///

G/G

Biiroo Daandiiwwanii fi Lojistikii Oromiyaatiif

Finfinnee

  • Wajjira Bulch/ Go/Har/Bahaatif

Harar

Burqaa
Yüklə 15,63 Kb.

Dostları ilə paylaş:




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin