Manu’álii hojii



Yüklə 432,84 Kb.
səhifə1/6
tarix18.08.2018
ölçüsü432,84 Kb.
#72833
  1   2   3   4   5   6

powerpluswatermarkobject12993013 powerpluswatermarkobject12993011powerpluswatermarkobject5709357Manu’alii A/H/Tajjaajila Odeeffanno fi Babal’inaa Gabaa-2003




Baaffata


Seensa 3

1.Kaayyoo Maanuwaalicha Qopheessuu 4

2.Tooftaa Qophii Maanu’alii 5

3.Ergama, Mul'ataa fi Duudhaalee 5

4.Angoo fi Ga’ee Hojii Biiroo Daldala fi Misooma Gabaa Oromiyaa 6

Qaamaan argamuun 21

8.Ibsa Adeemsa Hojii Ijo TOBG 21

12.Hojiiwwan GurguddooA/H/I/TOBG 25

13.Ibsa Hojjiilee A/H/I/TOBG keessati Raawwatamu 27

Seensa

Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma dinagdee ariifachiisaa fi itti fufiinsa qabu galmeessisuun hiyyummaa balleessuu, sirna demookiraasii fi bulchinsa gaarii mirkanessuuf kutannoon sochoáa jira.Sochiilee kanaanis gama hawwaas-dinagdee fi siyaasatiin bu’alee gurguddoo galmeesisee jira. seekteroota dinagdee gurguddoon gaée isaan guddina dinagdee keessatti qabaachuu dandaán akka taphataniif, haala miijessaa tureera, ammas miijessaa jira. Haaluma kanaan, mootummaan poolisii fi karoora tarsiima’aa misooma baadiyyaa baase irrattii akkasumas kallattiilee misoomaa biraa irrattii ifaan akka kaa’ame misooma baadiyyaa gidduu galeessa godhatee galmaan gahuun kan danda’amu qonnaan bulaan oomisha gabaa dhaan barbaadamuu oomishuu dhaan gabaa biyya keessaa fi biyya alaattii dhiyeessuu yoommuu danda’uu dha. Qonnaan bulaanis oomisha oomishee hanga gabaan barbaduu dhiyeessuu kan danda’u oomisha oomisheef gatii wal-madaalaa ta’ee argachuu yoo danda’e qofaa dha. Kanaafuu, tarsiimoon misooma baadiyyaa akka mul’isutti qonnaan bulaan oomisha gabaa dhaan hogganamee akka oomishuu jajjabeessuu fi deeggaruun hojii dursi kennamuufii ta’uu akka qabu ni mul’isa.

Kana gochuufiis hojiilee gabaan walqabatee hojjetaman keessaa inni tokko Tajjaajila Oddeeffanno fi Babal’ina Gabaa ijaaruu akkassumaas kan jiran fooyyeessuu dha. Keessattuu sirna fi Buu’ura gabaa haammayyaa, haaqa qabeessa, ariifachiisaa fi ifa ta’ee diriirsuuf hojiilee hubannoo uumuu irraa kaasee hojiileen garaa garaa hojjetamaa kan turan yoommuu ta’u maanu’aliin kunis hojiimata Tajjaajila Oddeeffanno fi Babal’ina Gabaa fooyya’aa naannoo keenya keessatti diriirsuu ka’umsa godhatee kan qophaa’ee dha.

Adeemsa Hojii Ijo Tajjaajila Oddeeffanno fi Babal’ina Gabaa, Sochi Hojii BDMGO Jijjirama Buu’uraa qopha’e hojii irraa olchuuf Kan garggaaruu maanuwaalii hojiin ittin raawwatamuu (working manual) qopheeessuun barbaachisaadha. Maanuwaaliin qopha’u hojii ijo Tajjaajila Oddeeffanno fi Babal’ina Gabaa sadarkaa feedhii addaan baasuu irraa jalqabe hanga sadarkaa tamsaassuti hojiilee hojjatamaan tokko tokkon Kan ibsuu wan ta’ef qaamolee raawwii A/H/I Tajjaajila Oddeeffanno fi Babal’ina Gabaa kana keessatti hirmaatan hundaaf ni gargaara.

Maanuwaaliin hojii qopha’e Kun kan A/H/I Tajjaajila Oddeeffanno fi Babal’ina Gabaa, Kaayyoo maanu’aalii, Barbaachisuummaa qoraanichaa, Daangaa maanu’aalii, Gurmaa'ina Qorannoo (Organization of the Study), Tooftaa maanu’aalii, ibsaa Adeemsa Hojii Ijo Tajjaajila Oddeeffanno fi Babal’ina Gabaa, yaa’insa adeemsa hojii tokko tokkoo, ibsa yaa’insa adeemsa hojii , chaartti yaa’insaa fi Istaandaardii adeemsaa hojii fi gurmaa’insaa humna nama kan off keessaa qabuu fi ibsuu ta’a.

  1. Kaayyoo Maanuwaalicha Qopheessuu


Ka’umsaa Maanu’alii kanaa inni guddaan rakkoo Adeemsa Hojii Ijoo ‘Tajjaajila Oddeeffanno fi Babal’ina Gabaa’ keestii mul’ateef hikkoo keennudhaan, akkasumas daayinaamiziimii gabaa adunyaa fi sirna globaalizeshinii ilaalcha keessa galchuun, maamiltootnii (Omishtoota, Daldaaltoota, fi Itti-fayyadamtoota Omishaa) tajaajila gabaa haamayaa argatanii, qunamtii wal-qixumaa qabun faayidaa walqixa fi waligaltee irratti hundaa’e akka argatan kan isaan dandeessisu hojimaata jijjiirama bu'uuraa fiduu danda'u diriirsuu dha. Buu’uruma kanaan Kaayyoon isaa:-



  • Wiirrtuu TOG fooyya’aa si’ataa ta’e naannoo keenya keessatti diriirsuun qooda qabdoota gabaa naannichaa fayyadamoo taasisuu

  • Hojiilee A/H/I/TOG keessa hojjetamuu qaban kaa’uu;

  • TOG Iddoowwan gabaa qulqulinaa fi sadarkaa isaani egatan irratti seeraa fi qajeelfama gabaaiiratti hundaa’ani bitaa fi gurgurtaa akka gaggeefamuu haala miijeessuu dha;

  • Omishtootnii ykn dhiheesitoni omisha TOG qulqulinaa, sadarkaa fi yeeroo isa egatee argatani gabaaf dhiheesani gatii dafqa isani yoo argatani fi fayyadamtootni omishaa omisha qullqullin, sadarkaa fi yeroo isa egatee bu’a bahiin malee yoo akka argatani aara.

  • Hirmaatootni gabaa (Omishtoota, Daldaaltoota, Mootumaa, Itti-fayyadamtoota Omishaa fi kkf) gahee isani beekanii gabaa bilisaa fi iftoomina qabuu keesatti akka argaman dha.



  1. Tooftaa Qophii Maanu’alii




  • Dokumantiiwwaan JBHA dame misooma gabaattiin qopha’ee irra hunda’udhaan sakata’un haala jiru hubachuu.

  • Jijjirama fedhii gama motummaa, qooda qabdootaa, fi maamiltotaatin jiru sakata’un, ergamaa fi aangoo Biirichaa irra deebi’anii ilaalu

  • Ragaa gama adda addaatin guurame qindeessuu fi xiinxaluu

  • Yaada furmaataa kaa’u fi wixinnee tokkoffaa qopheessuu

  • Akkaataa yaada kennameen gabaasa jalqabaa qophaa’e irra deeb’anii fooyyessuun Dokumantii xumuraa qopheessuu
  1. Ergama, Mul'ataa fi Duudhaalee

Ergamni barbaachisummaa hundeeffama jaarmiyaa kan agarsiisuu yoo ta’u, mul’anni immoo jaarmayichi waggoota dhufan keessatti jijjiirama kallattii hundaan fi duudhaan maal irra akka gahuun irra jiraatu kan agarsiisuu dha. Haaluma kanaan ergamni fi mul’anni Biiroo Daldala fi Misooma Gabaa Oromiyaa kanatti aansee dhiyaate jira.



    1. Ergama (Mission)

Sirna daldala fi gabaa hammayya’aa fi haaqa- qabeessa ta’e diriirsuun ummaannii fayyadamaa akka ta’u taasisuu dha.



    1. Mul'ata (Vision)

Bara 2012tti Naannoo Oromiyaa keessatti misoomni daldala fi gabaa dagaagee jiruu fi jireenyi uummataa Oromiyaa fooyya’ee gara biyyoottan galii gidduugaleessa argatanitti akka guddattu gochuu dha.



    1. Duudhaalee (Core Values)

Duudhaaleen galma gahiinsa mana hojichaatiif garggaaran haala armaan gadiin ibsamaniiru.



        1. Ittigaafatamummaa (Accountability)

        2. Iftoomina (Transparency)

        3. Tajaajila gahumsa fi bu’aa qabeessummaa qabu (Efficiency and Effectiveness)

        4. Hirmaachisummaa (Participatory)

        5. Jijjiiramaaf hojjechuu (Work for Change)

        6. Qindoominan hojjachuu(cooperation)

        7. Malaanmaltummaa irratti kutannoon qabsaa’uu

  1. Yüklə 432,84 Kb.

    Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin