Maanuwaalii adeemsa hojii ijoo bulchinsa kontiraataafi hojiiwwan ijaarsaa



Yüklə 1,18 Mb.
səhifə1/15
tarix27.10.2017
ölçüsü1,18 Mb.
#16485
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   15


MAANUWAALII ADEEMSA HOJII IJOO BULCHINSA KONTIRAATAAFI HOJIIWWAN IJAARSAA




Onkoloolessaa Bara 2005
BAAFATAA

1.Seensa 4

2.Daangaa fi Hojii Adeemsichaa 4

2.1 Dangaa 4

2.2 Hojii Adeemsicha 4

2. 3 Bakka Hojii 5

3. Kayyoo Maanuwwalii 5

4. Pirinsiipilii Hordofamuu (governing principle) 5

5. Tarsimoo Fooyya’insa 7

5.1. Qorannoo Gaggeessuu 7

5.2. Piroomoshinii fi Qunnamtii 7

6.Maamiltoota fi Dhimmamtoota Adeemsichaa 7

7.Yaa’nsa Hojii Adeemsichaa 8

7.1. Yaa’nsa Hojii Adeemsichaa 8

7.2.Adeemsa Hojii Bulchiinsa Kontraata 10

7.3.Adeemsa Hojii Hojiiwwan Ijaarsaa 13

8.Walitti Dhufeenya (Interface) Adeemsichaa 15

9.Hojimaata Adeemsichaa 16

9.1. Hojimaata Adeemsa Hojii Bulchinsa Kontiraataa 16

9.2.Hojimaata Adeemsa Hojii Hojiiwwan Ijaarsaa 21

9.3.Hojii Idilee Daandii Gaggeessuu 23

9.4.Hojiimaata Ijaarsaa Daandii ( Road Construction Procedure) 24

9.4.1.Hojii lafaa 24

9.5. Hojimaata Hojiwwaan Suphaa Daandii (Road Maintenance Procedure) 42

9.6. Hojimaata Hojii Dabarsanii Kennuu (Work Delivery) 53

10.‘Istaandard’ Hojii (Place and standard performance) 57

10.1 Bulchinsa Kontiraataa fi hojiiwwan Ijaarsaa 57

10.2 Istanderdii Suphaa Daandii 65

11. Gurmaa’insa Humna Namaa 79

11.1 Adeemsa Hojii Ijoo Bulchinsa Kontiraataa fi Hojiiwwan Ijaarsaa 79

Gahee Hojii Giita Hojii Haaraatiif 80

Pirojektii Ijaarsaa 80

12.Gahee Hojii (Job Description) 83

12.1Hojii Ijoo Bulchiinsa Kontiraataa fi Hojiiwwan Ijaarsa 83

12.2Adeemsa Hojii Ijaarsaa 96

12.3Hojii Suphaa Daandii 97

13.Waliigala Gita hojii, Ulaagaalee fi Muxannoo Barbaachisan 153

14. Waliqunnamitti fi Hordooffi Hojii 155

15. Seeraa fi Meeshalee Hojiif Barbaachisan 156

16.Meeshalee Hojiif Barbaachisan 156

16.1.Adeemsa Hojii Ijoo Bulchinsa Kontiraata fi Hojiiwwan Ijaarsaa 156

16.2. Adeemsa Hojii Bulchinsa Kontiraata 157

16.3. Adeemsa Hojii Hojiiwwan Ijaarsaa 157

16.4. Piroojektii Ijaarsa Daandii 158



  1. Seensa

Tajaajila qulqullina qabu fi saffisaa ta’e kennuun maamila gammachisu irra darbee misooma keessatti hirmaanaa barbaachisu gochuuf Jijjirama Bu’uura Adeemsa Hojii (JBAH) qoratameera.

Qorannoo gaggefamee haala Salphaa fi ifa ta’een hojii irraa olchuuf dhimmoota qorannoon hammate hundaaf qajeelfama hojimaataa qopheessuun barbaachisaa ta’ee argameera.

Haaluma kanaan hojii Adeemsa Hojii Ijoo Bulchinsa Kontiraataa fi Hojiiwwan Ijaarsaa raawwatu hundaaf akkamitti, enyuun hojjetama, sadarkaa hojii ( work standard), sababa hojiitin qaama walqunnamu,unkaalee adda addaa, gurmaa’ina humna namaa, fi kan kana fakaatan haala ofi keessatti qabatuun qajaalfamich qophaa’eera.


  1. Daangaa fi Hojii Adeemsichaa

2.1 Dangaa


Qajeelfamni kun kan fayyadu qaama fi hojjetoota intarpiraayiiziichaa hojiiwwan ijaarsaa rawwatuu hundaaf.

2.2 Hojii Adeemsicha


Haala gabaa biyyaatti qorachuun hojii daandii fi kan biro sadarkaa isaan egatan yeroo, qulqullina fi baay’na barbaachisu gatii madaalawaan hojjete ummata tajaajiluu dha.

Hojiilee gurgudoon adeemsa kanaa:



  • Karoora hojii qopheessuu

  • Hojii barbaaduu

  • Dorgomuu

  • Waliigaltee hojii mallateessu

  • Qabeenyi hojiiwwan ijaarsaaf barbaachisan akka dhihaatu taasisu

  • Hojii ijaarsaa/suphaa daandii raawwachuu

  • Ragaa kaffaltii mikanaa’e dhiheessuu

  • Walharkaa fudhinsa daandii hojjetamee taasisuu

  • Maanuwalii fi ‘check list’ hojiwwan ijaarsaa haala qabatamaa irra jiru irratti hundaa’uun qopheesuu

2. 3 Bakka Hojii


Hojiiwwan armaan olitti ibsaman kun sadarkaale adda adda keessatti hojjetamu. Kunis wajjira olaanaa fi piroojektii ijaarsaa fi suphaa daandiitti. Hojiin qophii ijaarsaa fi suphaa daandii waajira ol’aanaaatti yoo raawwatamu hojiin raawwii ijaarsaa fi suphaa sadarkaa ijaarsa fi suphaa pirojeektii irratti raawwatama.
  1. Kayyoo Maanuwwalii


  • Akkaataa hojiiwwan ijaarsaa/suphaa itti hojjetamu fi maamilaaf hojii qulqullina qabu dabarsanii kennuuf;

  • Hojiiwwan ijaarsaa/suphaa haala waliigalteen(qulqullina,gatii irratti waliigalameen fi yeroo waligalameen) dabarsanii kennuuf;

  • Jiijjirrama gahaa hojiiwwan ijaarsaa/suphaa mirkanneeffachuuf

  • Qaama adda addaa gidduutti hojii haala walfakkatuu fi hojimaata walfakkatuun rawwachuuf

  • Bakka addaa addaatti dhimma wal fakkaatu irratti murtii walfakkatu kennuf;

  • Walqunnamtii qaama rawwatuu addaa addaa ademsichaaf kallattii hojii ka’uf;
  1. Pirinsiipilii Hordofamuu (governing principle)


Hojiwwan ijaarsaa/suphaa qulqullinaa,yeroo fi gatii yaada keessa galchuudhaan sadarkaa

barbaadameen hojjetame itti qufiinsa maamila akkasumas dhiimmaamaa

mirkanneessuudha

4.1. Piriinsipiloota Waliigalaa



  • Hojiiwwan ijaarsaa/suphaa waldorgommi irraatti hundaa’uudhaan gaba keessaa galuun tajaajila kennudha.

  • Hojiwwan ijaarsaa/suphaa istandaardii barbaadamuun raawwatama.

  • Gatiin dorgommuf guutamu hojii qabatamadhaan qulqullina isaa eege kan hojjechiisuu ta’u qaba.

  • Hojiin haala waligalteetin raawwatamuun maamila/dhimmaman itti quufu qaba.

  • Gareen hojii ijarsaa rawwatu yoo xiqqatee giddu galleessan hojii guyyaa guyyan irraa eegamu hojjatee xumuru qaba.

  • Qulqullin hojii adeemsichuma rawwateen mirkannefamu qaba osoo maamila hin dabarsin ykn osoo maamila hin eeginee.

  • Hojiin hojjatamu standardii fi teekinikaal speesifikeeshin irratti waligalame hunda guutee argamuu qaba.

  • Adeemsichi hojiif dorgomuun dura ulaagaa barbachisu guutachuu isaa mirkannefachuu qaba.

  • Hojiin hojjatame hundi maamilan gamagammamu qaba.

  • Adeemsich hojii unkaa sadarkaa eegatee kan qabeenya pirojeektii ykn kutaa adda adda keessa ittin sochoosu fi to’atu, qulqullina hojii, yeroo hojii fi baasii ittin too’atu qopheefachuu qaba.

  • Pirojeektin waan irraa barbaadamu hunda yeroo barbadamutti dhiyeessuu qaba.

  • Adeemsi hojii ijarsaa hojii akka barbadameetti hojjatama jirachu isaa hordoo fi gamaggama yeroo yeroon gaggeessu omishituman qaama hojii raawwatu akka eda’u mirkannefachu qaba.

  • Adeemsi hojii ijarsaa teekinnolojii ijaarsaa haara wajjin walbarudhan fooyya’insa hojii ijaarsa fidu qaba.

  • Adeemsi hojii ijarsaa qabeenya yeroon hojii xumuruf gargaaru mijeefachuu akka danda’u angoon kennamuuf qaba.

  1. Yüklə 1,18 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   15




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin