Gaaffii Oromoo Hangafticha kan Deebii hin Argatin: Gaaffii Lafaa, Gaaffii Lafee Tulluu Argaa Hagayya 29, 2010 Kutaa 1ffaa



Yüklə 29,9 Kb.
tarix12.01.2019
ölçüsü29,9 Kb.
#96456

Gaaffii Oromoo Hangafticha kan Deebii hin Argatin: Gaaffii Lafaa, Gaaffii Lafee

Tulluu Argaa

Hagayya 29, 2010

Kutaa 1ffaa

1. Seensa

OPDOn mirga Oromoo kabajchiise jechuun gurra duuchaa jirti. Oromiyaa daandii misoomaa qabsiifne jechuun bookkisu. Kuni ammo abjuu qofa utuu hin taane raatuu guyyaa adiidha. Barreefama kana keessatti sirna Wayyaaneen gaggeessaa jirtu keessatti mirga Oromoo kan haga ar’aatti deebii utuu hin argatin ukkamamaa jiru keessaa gaaffii daangaa addatti baasuun gaafiin Oromoo kan waliigalaa gonkuma akka tuqamee hin jirre agarsiisuu yaalla.

Itophiyaa keessatti Oromiyaaan bal’inaa fi dheerina lafaan naannoo mara caalti. Heddumina ummataanis ni dursiti. Maqaaf mootummaa naannoo Oromiyaaa jedhamu ni jiraa, daangaan isaa haga ar’aatti hin beekamu malee. Daangaan akka hin beekamne gochuun lafa Oromoo yeroo barbadan irra muruun kan barbadaniif kennudhaf akka tolutti akka qinda’ee beekuun barbachisadha. Oromiyaan akka amma kaartarra jirtutti naannoo Tigraay irraa kan hafe naannoolee biroo hunda wajjin wal daangessiti. Seenaa addunyaa keessatti lolli irra hamaan kan waldhabbii daangaa irraa maddu waan ta’eef kan Oromiyaa sararamuu dhabuun balaa akkamii fidaa akka jiru gadi-fageenyaan xiinxalla.

Lafti tokko kan ummata beekame tokkoo ta’uu ulaagaa adda addaa laalanii murteessuun ni dandayama. Ulaagaalee kana agarsiisan keessaa:

1. Lafti sun lafa aadaa fi afaan ummata sanii irratti dagaage ta’uu,

2. Seenaan ummata sanii lafa san wajjiin kan wal dhungatee addaan ba’uu hin dandeenye ta’uu,

3. Lafa sanitti kan fayyadamu ummata sanaa ta’uu,

4. Jiraattota lafa san irra qubatan keessaa wayyabni ummata san ta’uun faa akka qabxiilee murteessootti laalamuu danda’u.

Ulaagalee kanarra dhaabbachuun lafti tokko kan ummata sanati jedhamee beekama. Ummanni tokko yeroo heddu ummatoota biroo wajjin wal keessa jiraachuu mala. Ummanni Oromoo ummatoota biroo wajjin wal kabajee waliin jiraachaa ture, jiraachaa jira, fulduras itti fufee jaalalaa fi nagayaan wajjiin jiraata. As irraatti beekamuu kan qabu garuu ummanni Oromoo hangamuu fayyaalessaa fi dada-jaalataa ta’u mirga lafa isaa bulchuu fi itti fayyadamuu dabarsee kennu akka hin dandeenye, hin qabneedha. Mootummaan tokko mootummaa kan jedhamu lafa bulchu yoo beekeedha. Daangaan isaa sirritti beekamuu qaba.

Haata’u malee mootummaan naannoo Oromiyaa daangaa beekkamaa hin qabu. Wayyaaneen daangaan Oromiyaaa akka beekamu hin taasifne. Waan hingoonef, gochuus wan hin barbadneef sababa qabdi. Lafa Oromoo bibbiinxuudhaan (addaan qoqqooduun) bituun akka danda’amu lafti Oromoo walitti hidhatee akka hin beekamne gochuuf yoo ta’uu gama biraan immo lafa Oromoo yeroo barbaadan irra muranii keessummootaaf kennuudhan ofiif fira bitatanii, Oromoo ammoo abbaa lafummaa dhabamsiisuudhafi.

Kana duwwaa utuu hin ta’iin daangaa Oromiyaaa irrattti yeroo hundaa jeequmsi akka uumamu gochuun ummatni Oromoo bara baraan dhumaa jira. Oromoon lafa isaa dabarsee kennuu irraaa du’aa akka filatu waan beekanif yeroo hundaa dhigni ilmaan Oromoo akka dhangala’uu karaa waan isaanif saaquufidha. Mootummana kun mootummaa yoo namni du’uu gammadu. Oromoon yoo du’u Wayyaaneef cidha.

Dhimma kana hubachuudhaf bakka tokko tokko kaafnee ilaaluu dandeenya. Fakkeenyaaf aanaa Hundanee Godinaa Baha Barargee keessatti ummata murasa Adareen wajjIin naannoo tokko akka taatu godhameera. Dirree Dhawaan referendamii fakkeessuun murtii dabaa dabreen mootummaa giddu galeessaaf badhaafamtee jirti. Aanan Moyaalee Borana keessatti bulchiisi isaa bakka lamatti qoodamee gama tokko Sumalee, gama tokko immo OPDO akka bulchuu lafti Oromoo dabarsamee kennameera. Daangaan Gujii fi naannoo Kibbaa sirritti hin beekamu. Daangaan Benishangulii fi Wallagga hin bekamu. Daangaan Baha Shawaa fi kan Amaaraa walittti nam'uu irraa walitti bu’iinsatu jira. Daangaan Finfinnee fi aanoota ollaa jiranii tilmaama malee ifaa miti. Yeroo barbaadan aanolee naannoo Oromiyaa jiran irraa gamana mulqu. Finfinneen magalaa Oromiyaaa guddittii ta’uu utuu qabduu fayidaan Oromiyaaan irra argattu illee heera mootummaa irra taa’ee utuu jiru utoo hojiirra hin oliin kunoo waggota 20 guuteera.

OPDOnis gaaffi garaa isaanii guutuu malee gaaffii mirga ummata Oromoo kan kaasan yoo mula’tanis rukutama, ariyama, kan hafes akka hin kaafnee ukkamamaa kan dhufedha. Ummataa Oromoo naanno biraa jiratani (Wambaraa, Kamisee, fi kkf) mirgi isaanii akka eegamu bifa ijaarameen hojjechuu irra ummata kan biroo naannoo biraa irraa Oromiyaatti akka galan taasifamaa jiraachuun kaayyoo yeroo dheera uf keessaa qaba. Amaara irra Wallagatti, Somalee irra Diree Dhawatti, Harargetti, Booranatti, Baaleetti galfamaa jiru.

Kuni hundinuu kan hojjetamu nageeynii akka hin jirane gochuuf kan xiyyeffatedha. Nageenyi yoo hin jirane immoo misoomni hin jiraatu. Misoomni yoo hin jiraane bulchiinsi gaariin hin jiraatu. Ummanni Oromoo gaaffi yoo kaasu jimlaadhan ummata Oromoo kan ittiin arabsanii fi OPDOn ameen jedhanii fudhatan ”ummata Oromoo dhiphummaatu keessa jira” jedhu. Barreefama isaanii keessas ifatti kaa’anii miseensooni OPDO irratti mariyatanii dhiphummaa Oromoo keessa jiru ballessaa jedhamanii ergamu.

Hunda isaafuu dhimmoota kana tokko tokkon ilaaluuf yaalii goona. Giddugalessa irraa kaanee gara dangalee fagotti ceena.

2. Daangaa Oromiyaa bakka rakkoon ifaan mula’tu

2.1 Finfinnee

Finfinnen handhura Oromiyaati. Teesson lafaa fi, umanni achira jalqaba ture, seenaa fi qooqni Oromoo ta’uun ifaadha. Mootoliin wal duraa duubaan Finfinnee bakka qubannaa isaanii godhatan Finfinee keessaa Oromummaa haxaa’uuf tattaaffii heddu godhanis Oromummaan Finfinnee ar’as kan jirudha. Finfinneen lafa Oromoo ta’uun beekamus Oromoon akka irraa hin fayyadamne ta’uun ifaadha. Lafa isaa irraa buqa’uun weeraraan jalqabame ammallee tartiibaan itti fufaa jira. Wayyaanee dhimma kana inumayyuu itti babal’iste. Warreen dur Finfinnee hin beekneyyuu qooda lafa Oromoo adutti qooddachaaru.

Heera Wayyaaneen baafteratti akka ilalamu “Oromiyaaan Finfinnee irraa fayyadamti. Kunis seeraa fi dambiidhan ni ibsama” jedhee jechoota Oromoo gowwomsuun ergii kaa’amee waggooti 19 lakkofsiseera. Dhimmi kun hojirraa akka oolu sabbontonni Oromoo OPDO keessas jiran yoo kaasani, yookaan ummanni Oromoo gaaffi kana yoo kaasu ilaalcha ABO qabdu jedhamanii sababni barbaadamee tayitarraa akka ariyamani, hidhamani fi ajjeefaman taasifama. ABOnis gaaffii kana yoo kaasu dhaaba farra ummatatii jedhamee yakkamaa akka jiru ifaadha. Tuutni Wayyaanee murasa taate dhimmi kun akka hin hiikamne gochuu daran calmaatti wal xaxaa akka ta’uu godhaa jirti. Kunis maqaa investmentiin lafti Oromoo garee Mallasiif bakka murteessaa ta’ee akka kennamu gochuun hiriyyoota isaanii fagoo fi dhiyoo jiran akka waraabessa raqa argatetti wal waamuun ittiin sooramanii, fira itti baafatanii, misoomni dhufe jechuun qabaattota addunyaa suraa abaaboo fi kondomiiniyemii ija jala qabanii sobaa jiran.

Kuni utuu isaan hin ga’iin magaaloota naannoo Finfinnee jirani kan akka Burrayyuu, Galaanaa, Dukam, Sabbataa, fi Laga Daadhii tartiiba tartiiban gara Finfinnetti daangessudhaan caalmaatti firoottan garee Wayyaanee hunda gara Oromiyaatti galchuun abbaa lafummaa Oromoo dhabamsiisuuf Oromoota buqqaasanii biyya alarraa kan qarshii waliin qooddatan, tutni Wayyaanee maqa hin jirreen lafa bal’ifachuuf tarkaanfii adda adda fudhachaa jiru. Daangaan Finfinnees sirritti akka hin beekamne kan ta’ees weeraruma kanaaf haala mijeesufidha.

Akka adeemsa kanatti Finfinnee gara Lixaan Ambotti, gara Lixa Kibbaan Sabbatatti, gara bahaan Bushooftuu fi Mojotti fullaasuun Oromiyaa akka Falasxiin Gazzaa fi West Bank tti addaan qoodanii eenyummaan isii deebi’ee akka hin margine godhanitti hojjchaa jiran. Maqaa investimentiin qonnaan-bulaa qe’ee isarraa buqqisanii harka qullaa magaalatti galchuun akka Indiyanota Ameerikatti eenyummaa isaa irranfatani farsoo fi haraqee araara godhatuun akka joonja’anii jireenya gadadoof saaxilaman gochaa jiran.

OPDO keessa sabbontonni akkuma jiran kan garaa isaanii har’aa guutachuuf tuuta Wayyaanee jala fiigan danuudha. Isaan kuni immoo yakka ummata Oromoo irran ga’aa jiran, booru seenan isaan gafatu raawwachaa akka jiran beekuu qabu. Dhimma hegeree ilmaan isaanii balleessu kana irraaa uf qusatani ummata Oromoof qabsaa’uu qabu.

Caffeen Oromiyaaa teessoon isaa Finfinnee akka ta’uu yeroo ce’umsaa irraa kasee yeroo murasaf ittin hojjechuuf yaalamee booda ajaja Mallasaatin Adaamatti akka jijjiramu taasifamee qabsoo sabbontonni Oromoo keessaa fi alaan tasifameen gara Finfinneetti akka jijjirame yaadannoo yeroo dhiyooti. Finfinneetti haa jijjiramu malee hanga yoonaaa wal ga’iin caffee achuma Adamatti gaggeeffama. Waajjirri Caffee Oromiyaa magaalaa Finfinnee mana kiraa keessa mallaqa ji’aa ji’aan qarshii 60,000 baajeta ummata Oromoo irra kafalanii Finfinneetti deebi’uun Caffeen gama kanaan adabamaa jira.

Caffeen Oromiyaas ga’ee hojii rawwachiftotaa too'aachuu isaa akka hin baane ta’era. Ta'e jedhamee afaan miseensa Caffee ukkamsamee jira. Waa’ee mirga Oromoof falmuu miti bakka wal ga’ii isallee murteeffachuu kan hin dandeenye ta’ee asifi achi oofamaa jira. Yoo miseensi tokko mirga ummatasaf dubbate ilaalcha ABO qabda jedhamee hordofama.

Oromoon tokko yoo ta’ee mirga isaa akka gonfatu wan beekamuuf Wayyaaneen kanaan dura godinaan, bakka dhalootan, amantiidhaan qoodudhaan lubbuu tuuta Malasaafa akka dheeratu tasifameera. Yeroo amma garuu ummanni Oromoo akka wal baru ta’ee jira. Rakkoon ummata Oromoo godina hunda jiruu fi amantaa fedhe yoo hordofellee wal fakkata. Haa ta’u malee ijaaramee mirga namoomaa fi siyaasaa isaa akka barbaade tarkaanfachisuu hin dandeenye. Sirna ukkaamsaatu isarra diriiree jira. Saba abbaan lafummaa irraa mulqamaa jirudha. Gabrummaa haga ammaa caalatti ofamaa jira. Finfinneen bal’achaa deemuu fi qonnaan bulaan Oromoo naanno irra jiruu buqqa’ee firoonni Mallasaa abba lafaa ta’anii, Oromoon deebi’ee isaanif akka qaxaramu taasifamaa adeemuu irra yakki caaluu maaltu jira? Jarra 21ffaa kana keessa mirgi dhala namaa tokko illee kabajamaa bara jirutti ummanni Oromoo gutummatti salphinna keessa jira. Foon keenya fixanii lafee keenya qorqaa jiru.

Kondominiumii Finfinne keessatti ijaarame enyuuf kenname? Mallasaan firottan isaa biyya jiran ijoolleen utuu hin hafiin akka galma’an taasisee namni tokko mana shanii ol akka argatu ta’ee tokko keessa taa’aa kan hafan kireessaa jiraatu. Kuni kan ta’ee immoo dursanii odeeffannoo ummanni kaan utuu hin beekin malaan wal ijaaranii Finfinnee wareeraniifi. Ummanni Oromoo ummatoota hundaa wajjin wal kabajee jirata. Duulli kan gaggeeffamuu qabu sirna cunqursaa irratti. Sirna ummata waliin xaxee mirga Oromoo dabarsee kennu fonqolchuu ta’uu qaba.

Finfinneen naannoo mataa ishee dandeessu taatee akka bultu yoo ta’uu fayidaan galiin ishee irra galu mootummaa federalaa wan galuuf Oromiyaaan irraa fayyadamtuu miti.

OPDOn yeroo dhiyoo bara 2010 keessa wajjirota mootummaa sadarkaa ol’aanaa jirani hunda isaaniif lafti Oromoo Finfinnee keessa bareedaa ta’ee utuu jiru bakka qalmaa horii ”Qeeraa” jedhamee wamamutti too’annoof akka tolutti walitti qabeera. Mana kondominiyeemi fakkaatu ijaaranii itti ugguran. Kuni hagam ummata Oromoo akka tuffatan agarsiisa. Bakka Qeera jedhamu kana bakka geejjibaaf mijja’aa hin taane qofa utuu hin ta’iin horii, re’ee fi hoolaan bakka itii qalamtu irra maltu akka eegamu enyuyyu ibsuu danda’a. Hojjetaan mootummmaa Oromiyaa akka rakkatu, tajajilamaan godina Oromiyaaa irraa dhufan akka dararaman tasifamuuf kan karoorfatedha. Ummanni Oromoo Finfinnee keessa jiraatu,magaalaa guddittii Oromiyaa jedhamtu keessatti mirga ilmaan ofii afaan isaaniin barsiifachuu hin qabani. Kuni OPDOf qaani qaanii caaludha.

Kan akka tuuta Mallas faaf garuu Bolee irratti namoota dhunfaaf heektaara kudhan kan ta’uu kennamee galma itti qrixisanii fi parkii konkolataa hedduu dhaabsisu bakki diriiran ni kennamafi. Nama miti kana rabbi ni jallataa? Ummanni Oromoo lafa isaa fi biyya issaarratti akka hin abboomne abaarsa qaba laata? Rakkoo kana mootummaa isaa kamitti himatama? Rakkoo kana kan hiiku lammii dhaloota (generation) kami? Dhimmi kun hagam turuu qaba? Wal qoqqodnee dhimma kana hiikuu dandeenyaa? Nama keessaa moo kan alaatuu qabsa’uu qaba? Hidhii xuxuun rakkoon kuni hin hiikamu. Ilmaan Oromoo marti rakkoo kana furuuf bifa ijaarameen socho'uu barbachisa.

Mootummaan Wayyaanee fakkeessudhan kan bittu asumarratti dhaabachuu qaba. Mee daangaa Oromiyaaa biraa kaafnee haa ilaalu.



2.2 Baha Hararge Aanaaa Hundanee fi ijaarama Mootummaa Naannooo Hararee

Godinni Harargee Bahaa godinalee Oromiyaaa keessatti argaman keessaa ishee tokkodha. Ummanni Oromoo qoqqodamee tokkichummaan akka hin jiraanne bakka xiyyeeffannaan irratti kenname keessa bakka cimaa tokkodha. Naannoon Hararee Godina kana keessatti uumame. Dirree Dhawaanis kanarraa kutamee mootummaa giddugaleessan akka bitamtu tasifame. Kan Dirree booda itti deebina. Mata duree kana jalatti Hundanee fi Hararee haa ilaallu.

Naannoon Hararee yeroo naannoleen biro ijaaraman ijaaramte. Yeroo sana ummanni Oromoo milliyoona 30 qabatee naannoo tokko yoo ta’u, Harareen aanaa hundanee keessaatti argamtu ummata 46,000 qabdu wajjiin naannoo tokko taatee ijaramte. Naannoon Hararee kun aanaa Hundanneetiin marfamtee aanama kana keessa jirti. Ummanni aanaa Hundannee keessa jiraatu 100,000 ta’ee herrregama. Mootummaa ummataa utuu taate Wayyaaneen referendomii gaggefamee dhimma kana xumurun ni danda’ama. Kamiseen naannoo Amaraa keessatti godina addaa taatee Oromiyaa irraa cittee bulti. Haa ta’uu gaaffiin sabbontota Oromoo yeroo baayyee yoo ka’ees Wayyaaneen akka nama gurraa hin qabneetti gaaffii kana jalaa callisaa kunoo waggaa 19 darbe. Harareen ummata muraasaa qabattee naannooo taatee caffee, polisii bulchiinsa mataa ishee gaggeessaa jirti. Ummata kanaaf mirgi maalif kenname kan jedhu hin jiru. Kan jedhamu mirga akkasii Oromoota Kamisee, Wambaraa fi kkf maalif dhoowwatamedha.

Ummanni Oromoo ummatoota biroo wajjiin akkatti bulu ni beeka. Haa ta’uu bulchiinsi isaa akka qoqqodamu toftaa Wayyaaneen karoorfame wagga 19 obsee fooyya’ina isaas eegnan ittumayyuu ummata bal’aa kana tuffi itti fuftee jirti. Referendamii Dirree Dhawaa Somaaleen mo’e jedhame. Boodarra ammoo federaala jala akka bultu kan taasifametti darbina.



2.3 Dirree Dhawaa toftaan Oromiyaaa jalaa baasuu

Hubachiisa: magaalaalee bulciinsa federaalaa jala galchuun Oromiyaa keessa qofatti argama. Magaalaan Tigraay kan federaala jalatti akka bultu taasifamte hin jirtu. Magaalaan naannoo Somaalee, Kibbaa, fi Amaaraa bulchiinsa federaalaa jalatti kufte tokkollee hin jirtu.

Dirree Dhawaan durumaan naannooo tokko taatee akka hundeeffamtu kan barbadame mootummaa federaalaa akka barbade galii ishee irraa argatuufi nammonni murasni akka itti soromaniif ture. Dirree Dhawatti yeroo dhiyoo kana referendomii jechuun Somaleen yeroo sagaleeen lakka’amu konkolataan fidanii magalaa Dirreetti dhangalaasuun sagalee hatuun Oromoon moo’atame jedhame, federaluma jalatti magalaa addaa taatee akka bultu tasifamera. Kana kan raawwachiise Abdulaziiz akka badhaasatti Mallasaan muudamee itti-aanaa prezidaantii Oromiyaa taasifame. Kan nama ajaa’ibu magaala akka Awwadaayis akka waan Oromiyaaf galiin hin barbaachifeeneetti gumrukiif jecha akkuma waan federaala jala jirtuuti. Oromiyaaan magalaa naannooo ishee keessa jiru irraa fayidaa akka hin arganne tasfameera. Dhimma kana namni dubbatuyyu hin jiru. Yoo dubbatanis dubbii ta’ee hafurraa kan darbu miti. Dubbii hiyyeessa ta’ee hafa. Mirgi ummata Oromoo achi keessa jiru hin kabajamu.

2.4 Aanaa Mooyyalee Somaaleef kennuu ilaalchisee

Aanaan Mooyyalee godina Booranaa keessatti kan argamtu yoo ta’uu, Wayyaaneen bulchinsa isaa bakka lamatti biinxitee jirti. Moraadhuma tokko keessa gama tokko Somalee, gama tokko immo OPDOn akka bulchan gochudhan ummanni kan isa bulchu wallalee rakkoo keessa ergii galee wagga 19 guute. Dhimma kana ilaalchisee manguddonni Booranaa dubbin cimnaan Presedantii Oromiyaa kan ta’ani Abbadula Gamadaa waamanii bara 2009/2010 mariisisuuf yaalan. Abbaan Duulaa qophaa hin deemne. Mahammad Diriir (Sumaalee jibbaa Oromoon beekkamu) akka qawweetti fannifatee deeme. Abbootiin Gadaa Booranaa “rakko Sumaalee wajjiin qabnu hiikta jennaan Sumalee fiddee dhufte?” jedhanii Abbaa Duulaatti dheekkamanii si wajjin hin mariyyannu jedhanii deebisan. Ummanni Booranaa obsaan hanga yoonaa dhimma kana baatee tureera. Referendomiin haa gaggeffamu jedhanii gafatanii dadhabaniiru.

"Mootummaan OPDO" rakko kana hiikuuf waan hiika qabu hin hojjetne. Yoo sabboontonni Oromoo gafatanis ilaalcha ABOti jechuudhan rukkutamu. Ummanni Oromoo mirga lafa isaa bulchuu sarbamee abba barbaadaniif qoodaa adeemuuf akka tolu tooftaa ba’edha. Wayyaaneen ummata keeenya gowwomsaa yeroo dhereffachuun asumarratti dhabbachuu qaba.

2.5 Daangaa Wallaggaa fi Benishangul Gumuz irratti lubbuun heddun dhumaa jira

Daangaan ifaa ta’ee wan hin dangeffaminif yeroo bayyee daangaa Benishangul Gumuzii fi Wallaga Lixaa fi Wallaga Bahaa irratti ummanni akka walitti bu’uu godhamaa ture. Bara 2009/2010 keessa mootummaan Benishangul meeshaa waraanaa namoota isaa hidhachiisee qonnaan bulaa Oromoo qotiinsaarra jiran gara nama 100 ol ta’uu rasasan ficcisiisan. Roorroo kana ummanni ofirraa faccisuuf yeroo jedhu humni ittisa biyyoolessaa jidu seenee gama lachuu dhoowwutti ka’e. Yeroo awwalaa kan dubbii jalqabaa kaase dhiisanii, Oromoota quba hin qabne heddu seeratti dhiyeessuun adabbiin du’aa itti murteeffamee yeroo isaanii eeggachaa jiru.

Dubbin kuni amallee xumura kan hin arganne yoo ta’uu lafa barbaadanii Wayyaaneen lafa Oromoo dabarsitee kennuf kan isaan dhoowwu hin jiru. Waggootii 20 Wayyaaneen bulchite keessatti daangaan Oromiyaa akka hin beekamne gochuuf OPDOn daangaa bulchitu utuu hin beekin hanga yoona turame kanaan boodas hin yaadamu.

2.6 Qubanna seeran alaa Bahaa Wallaggaa

Godina Wallaga Bahaa keessumaa aanaalee 6 keessa qubannaan seeran alaa naannoo Amaaraa irraa bosona Oromiyaaa keessa akka qubatan Wayyaaneen haala mijjeessaa turte. Aanaa Giddaa Kiramu, Limmu, Abedongoro, Guutoo Wayyu, Sibu Siree fi Saasigga keessa bali'naan meeshaa qabatanii akka qubatan tasfameera. Oromoo naannoo sana jiru meeshaan sakkatta’mee irraa hiikama, shiftoota naannoo Amaarrara dhufan irraa meeshan hin hikamne. Bosona haftee jirtu ciranii duguugaa jiru. Wayyaaneen meeshaa gurguddaa automatikii qabatanii kan Oromiyaaatti duulan kana irratti tarkaanfii fudhachuu kan dhiisaniif dhiigni yoo dhangala’u mootummaa gamadu waan ta’ee qofaaf utuu hin ta’iin Oromoon akka nageenya hin arganne kan akeekatedha. Nageenyi yoo hin jiraannee misoomni hin jiraatu. Finfinnee irraa Oromoo buqisanii tuuta isaani itti galchu, lafa Oromoo Wallaggatti qubsuma seeraan alaan wareeru. Lafa abbaa hin qabne, ummata mootummaa hin qabnee yoo jedhame Oromoo fi Oromiyaaa qofadha.



2.7 Ummattoota Kibbaa wajjin walqabatee kan jiru

Rakkoon Gujii fi Gede’oo giddu jiru seeran waan hin hiikamneef yeroo kamuu rakkoo umuuf kan saxilameedha. Waggoottan muraasa darban keessa ummanni walitti duulee lubbu nama heddutti galaafatame. Wayyaaneen daangaa ifaa ta’ee ka’uu mannaa ummanni akka walitti bu’uu barbaaddi. Naannoo Wando Gannatii jedhamutti rakkoon walffakkatu Sidamaa fi ummata Oromoo giddutti uumama ture. Falli yeroo kan itti kenname yoo fakkaates yeroo isaa eegee ka’uu hin oolu.



2.8 Baalee fi Baha Boorana fi Somaalee

Naannoo Baalettis kan raawwatamaa jiru kana irraa addaa miti. Gargaarsa Wayyaaneetin han biraa hafee Madda Walaabuu, burqaa Oromoon tolaa fi rakkottis irratti eebbifatuu fi dhibaafatu, falmaa keeessa galchuun dhiiga heddutu dhangala’e. Lafoonni gammoojjii seenaan Oromo heddu keessatti galmeeffaman bulchiinsa Oromiyaa jala hin jiran. Lafti duraan Booranni irratti sirna Gadaa kabajatu fi muudaa kan akka Liban ar’a bulchiinsa Oromiyaa jala hin jiran. Ummanni eelaa fi marga irratti akka walitti bu’u godhame bara baraan lubbuun heddu baddi.



2.9 Ummata Oromoo naannoolee biroo jiraatani

Oromoon naannoolee biyyattii adda addaa keessa jiratu lakkoofsa heddudha. Fakkenyaaf Wambaraa , Asoosaa, Caaboo, Kamisee fi kkf fudhannee ilaaluu dandeenya.

Mirgi ummatoota biroo Oromiyaaa keessatti ni eeggama. Eeggamuu qabas. Garuu akkuma kan biraa eegamu kan Oromoo hoo eegamaa jira laata jedhanii of gaafachuun gaariidha. Oromoo daangaa Oromiyaaa keessayyu jiru mirga isaa hin eegnee daangaa qaxaamuree mootummaan isaanii qaqqabu Wayyaaneen hin uumne. Waan gara nama nyaatu heddutu jira.

2.10 Lafaa fi qabeenni murteessaan cufti federaala jala jiraachuu

Roorroon lafa Oromoo kana qofatti hin dhaabbatne. Qabeenyi murteessaan (commanding hieghts) akka warshaalee, qonna mootummaa (state farms), albuuda (mining), maddisiisa ilektrikaa (power plants), baankii, univarsitiilee fi kkf hundi mootummaa federaalaa jala jiran. Haala qabatamaa nama laaluu barbaade hundaaf ifatti mul’atu kana keessatti mootummaan Oromiyaa maal irratti mootome yeroo jennee gaafatnu maqaa qofa agarra. Poolisni (police) Oromiyaa maqaa sanuu hin ga'u. Erga humni Dafee Daqqabaa (rapid reaction force) ABOn dhuunfame jedhamee diigameen booda biyya tasgabeessuu danda’uun hafee hattuu illee too’achuu humna danda'u hin qabu. Kunis kan ta'eef nageenya naannoo isaa eeguufuu poolisa federaalaa jalatti akka kufuufi.

Afaan Oromoo dagaagsine isa jedhamus, magaalaan Oromoo hundi dhawaataan federaala jalaa yoo galan, kan baratee fi kan lafarraa buqqa’es magaalatti yeroo gale, magaalaleen kun afaan biraan kan hojjatanii fi barsiisan yoo ta’e, Afaan Oromoo eessatti dubbatamuuf deema? Akka beektonni tilmaamanitti waggoota 25 keessatti ummata biyyattii keessaa % 60 oltu magaalaa jiraata. Guyyaa san afaan Oromoo hiyyummaa wajjiin baadiyyatti hafa jechuudha. Akka kanaan goftoliin OPDO kan ar’a sirna kana jalatti Oromoof waa siiksine jedhanii bookkisanii, namas goyyoomsuuf yaalaa jiran umrii isaanii keessatti qaanii kana ija ufiin arguuf jiraatu jechuudha.

Rakkolee kanaa fi kan biroo barreefamni kuni hin ilaalle heddu hiikuun kan danda’amu Oromoon hundi akka nama tokkotti yoo ka’e qofadha. Murtii gara-nyaattii fi tola namoota muraasa miila qullaa dhufanii Oromiyaa irratti sooromanii biliyona lakkaa’aa jiraniif yoo dhiifne akka ummataatti baduuf deemna. Oromoon hundi kana quba qabaachuu qaba. Falli diinota addaan nu qoqqoodanii bara baraan nu bulchan tokkoomnee qabsaa’uun saalfachiisuudha. Tokko taanee keessa fi alaatti yoo sochoonedha. Mirga Rabbi nuuf kenne dabarsinee diinaf kan laate unuma Oromoota. Amantaan, bakka dhalootaan, sadarkaa barnootan wal qooduu dhaabnee, keessa deebinee ufis walis xiinxallee tarkaanfii hadhaawaa jijjirama fidu fudhachuu qabna. Kun jaarsaa fi jaartii, dargagesotaa fi giddu galeessota, ijoollee fi qancaraa, OPDO fi ABO otuu hin jenne, beekaa fi wallalan hiree tokko qabaachuu keenya hubannee tokko taanee mirga keenyaaf falmuu gaafata. Yeroon isas boru utuu hin taane amma. Wayyaanee irraa jijjiramaa eeguun gaangee irraa ilmoo fardaa eegudha. Kanaan alatti erga waraabessi darbee wacuun, quba walitt qabanii wal komachuunn gaabbiin gubachuu malee faaydaa fidu hin qabaatu.





Yüklə 29,9 Kb.

Dostları ilə paylaş:




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2022
rəhbərliyinə müraciət

    Ana səhifə