Qabiyyee Fuula Kutaa Tokko: Waliigala 2



Yüklə 268,99 Kb.
səhifə1/5
tarix16.08.2018
ölçüsü268,99 Kb.
#71162
  1   2   3   4   5


d


Baafata
Qabiyyee Fuula


Kutaa Tokko: Waliigala 2

1.1 Seensa 2

1.2.Daangaa Aangoo fi Gahee Hojii BMMDO 2

Akkaataa Labsii Lakk. 163/2003 Qaamoolee raawwachiiftuu Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebi`uudhaan gurmeessuuf baheen Aangoo fi Gahee Hojii BMMDO tiif seeraan kennaman(Formal Mandate) yoo cuunfamu; karoora misooma dinagdee Naannichaa qopheessuu, qabeenya Naannichaa bulchuu fi sirna bulchiinsa faaynaasii diriirsuu fi hojiirra oolmaa isaanii hordofuun isaan ijoo dha. 2

1.3.Ergama, Mul’ataa fi Duudhaalee 3

1.4. Toora Xiyyeeffannoo fi Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo 3

2. Ka’uumsa Qophii Karoora Bara 2008 4

Dhimmoonni ka’umsa qophii karoora waliigala bara baajataa 2008 tiif akka galteetti itti fayyadamuuf dursi kennameefii ilaalaman: 4

Xiinxala haalawwan waliigalaa gama ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeessitiin 4

Xiinxala keessaa fi alaa ’’internal and external environmental scanning (SWOT Analysis)’’ 4

Gamaaggama raawwii Karoora bara 2007 4

2.1. Xiinxala Haalawwan Waliigalaa 4

2.2.Xiinxala Haala Ijaarsaa Raayyaa Misoomaa fi Bulchiinsa Gaarii 8

2.2.1.Ijaarsaa Raayyaa Misoomaa 8

2.2.2.Bulchiinsa Gaarii 8

2.3.Xiinxala Waliigala Keessaa Fi Alaa ’’Internal And External Environmental Scanning (SWOT Analysis)’’ 9

2.3.1. Xiinxala Haala Keessaa 9

2.3.2. Xiinxala Haala Alaa 11

2.4.Gamaaggama Raawwii waliigala Karoora Bara 2007 12

Karoora bara 2007 Mootummaa Naannoo qindeessuu 15

KUTAA SADII: BOQONNAA RAAWWII 24

1.Hojiiwwan hundi ilaalchota faallaa kaayyoo keenyaa ta’an kiraa sassabdummaa, dhiphummaa, of tulummaa, ittiin bulinnaa, of- giddugaleessa godhachuu, kkf sakatta’aa fi dhabamsiisaa deemuudhaan raawwatamuu qabu. 24

3.7.1. Hojiiwwan Gurguddoo 26

3.7.1.1. Hojii Riifoormii 26

3.7.1.4. Hojiiwwan Ragaa fi Infoormeeshinii Naannoo 29

3.7.1.5.Hojilee Gugurdoo Dhaabbilee Miti Mootummaa 29

3.7.1.6. Hojiiwwan Bulchiinsa Faaynaansii Naannoo 30

3.7.1.7. Hojiiwwan Bittaa, Bulchiinsa Qabeenyaa Naannoo 31

3.7.1.8.Hojiilee Odiitii Naannoo 32

3.7.1.9.Hojiiwwan Odiitii Keessaa 33

3.7.1.10.Hojiiwwan Qophii Karooraa, Bittaa, Bulchiinsa Qabeenyaa fi Faaynaansii Biiroo 33

3.7.1.11. Hojiilee Bulchiinsa Qabeenya Humna Namaa 35

3.7.1.12. Hojiilee DhimmaTajaajila Seeraa 35

3.7.1.13. Hojiiwwan TQO 35

3.7.1.14. Hojiilee Dhimma Koorniyaa 36

3.7.1.17. Dandeettii Raawwachiisummaa Cimsuu 38

KUTAA AFUR: BOQONNAA XUMURAA 41

4.Sirna Hordoffii, Deggersaa fi Gamaaggamaa 41

Sirna hordoffii fi gamaagamaa sadarkaa hundatti diriirsuun, hojiileen karoorfaman qulqulinaan yeroo taa’e keessatti hojjetamuu isaanii mirkaneessaa rakkoolee raawwii keessatti mul’atan hiikaa deemuun barbaachisaa ta’a. Kaayyoolee hordoffii fi gamaaggamaa; hojiin karoorfame akkaataa karoorfameen raawwatamuu fi akka karoorfametti kan hin raawwatamne yoo ta’e sababa isaa addaan baasanii furmaata kennuudha. Kana malees; bu’aa fi jijjiirama inni jireenya uummata keessatti fide xiinxaluuf gargaara. Sirni hordoffii fi deeggarsaa kunis tattaaffii godhamuun bu’aa kan fiduu danda’uu fi gara galmaa fi mul’ata Biiroon kaawwatetti kan geessu ta’u isaa sakata’uun mirkaneessuu qaba. 41

4.1. Sirna Hordoffii fi Deeggersaa 41

4.2.Sirna Gamaaggamaa 41

4.3.Sirna Gabaasaa 42

4.4.Sirna Duub-Deebii 42


37


Kutaa Tokko: Waliigala

1.1 Seensa


Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa, Imaammataa fi Tarsiimoo guddina dinagde ariifataa fi ittifufiinsa qabuu biyya keenya keessatti mirkaneessuuf Mootummaan keenya baasee gara hojiitti hiikuu keessatti hojii baláa hojjataa tureera.

Keessattuu, waggoottan shanan dabran keessatti karoora tarsiima’aa kan ta’e Karoora Guddinaa fi Tiraansfoormeeshinii I baafachuun qabeenyi naannichaa haala bu’a qabeessa ta’een hojii irra akka oolu taasisuun, itti fayyadamni baajata karoora irratti kan hundaa’e gochuun, Sirna bittaa bulchiinsa faayinaansii fi qabeenyaa mootummaa diriirsuun, too’anno qabeenyaaa fi maallaqaa motummaa cimsuun hojii bu’a qabeessa hojjetaa tureera.

BMMDO, yeroo ammaatti hojiilee Karoora Guddinaa fi Tiraansfoormeeshinii I milkaa’inaan xumuruun raawwii hojii gamaaggamuun hanqinaalee fi ciminoota jiran addaan baasuun KGT II waggaa shanii (2008-2012) qopheessee hojiitti seenuuf qophii barbaachisaa ta’e xumuree jira.

Bara kanas BMMDO ergamaa ittiin hundeeffame fi itti-gaafatamummaa Mootummaa Naannoo irraa kenname galmaan gahuuf Karoora KGT II qopheeffate bu’uura godhachuudhaan karoora bara baajataa 2008 qopheeffatee jira.

Karoorri kun hojiiwwan akka walii gala BMMDO tiin hojjatamuu qabanii irratti dhimmoota akka Mootummaa Naannootti xiyyeeffannaan itti kenname kan akka hojiilee riifoormii fi bulchiinsa gaarii, dhimmaa koorniyaa, dhimmaa dargaggoo fi HIV/AIDS fi Hordoffii fi dagaagina naamusaa dabalatee hojiiwwan gama hundaan karoorfaman kan of keessatti hammatee dha.

Walumaagala Karoorichi kutaa afur kan qabu yoo ta’u; kutaan jalqabaa haala waliigalaa aangoo fi gahee hojii, Ergama, Mul’ataa, duudhaalee, toora xiyyeeffannoo fi bu’aa toora xiyyeeffannoo BMMDO kan qabatee dha. Kutaa lammaffaa boqonnaa qophii keessatti xiinxala haalawwan keessaa fi alaa, xiinxala raawwii karoora bara 2007 fi yaada ka’umsa karoora bara 2008 kan qabatee dha. Kutaan sadaffaan Hojiiwwan Gurguuddoo karoora bara Baajata 2008 kan hammatee dha. Kutaa inni arfaffaan boqonnaa xumuraa yoo ta’u, Dhumarratti sagantaan raawwii karoora (action plan) qabatee dhiyaateera.




    1. Yüklə 268,99 Kb.

      Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin