Qabiyyee Fuula Kutaa Tokko: Waliigala 2


KUTAA SADII: BOQONNAA RAAWWII



Yüklə 268,99 Kb.
səhifə5/5
tarix16.08.2018
ölçüsü268,99 Kb.
#71162
1   2   3   4   5

KUTAA SADII: BOQONNAA RAAWWII





  1. Hojiiwwan Bara 2008 keessa hojjetaman

  • Humna Raawwachiisummaa Cimsuu

  • Hojiiwwan misooma Dinagdee fi Hawaasummaa raawwachuu

  • Hojiiwwan Bulchiinsa gaarii mirkaneessuu



    1. Hojii Ijoo

Hojiin ijoo bara baajataa 2008 keessatti humna raawwachiisummaa cimsudhaan hojiiwwan gurguddoo mana hojii keenyaa guutuummaan guuttuutti raawwachuudha. Kunis rakkoo ilaachaa gaggeessaa, ogeessaa fi adda duree biratti mul’atan hiikuuf qabsoo keessoo barbaadamu cimsuun humna raawwachiisummaa cimsuun gahee fi itti gaafatamummaa barbaadamu daran gonfachuun karoora gama hundaan qabame ilalcha qulqulluu, ummatummaa fi kutannoon akka raawwatamu taasisuudha.



    1. Kaayyoo Gooroo

Karoora hojii humna raawwachiisummaa cimsuun hojjettoonni hundinuu gahee fi itti gaafatummaa hojii isaanii adda durummaan akka bahan gochuu fi qindoominaa (ijaarsa raayyaa misoomaatiin) sadarkaa hundaatti qabsoo barbaachisu finiinsuun qulqullina ilaalchaa toora diimookiraasii gonfachiisuun hojii misoomaa, ijaarsa sirna diimookiraasii, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii guutuutti milkeessuun fayyadamummaa ummataa karaa haqa qabeessa ta’een mirkaneessuudha.



    1. Kallattii Gurguddoo Raawwii Karoorichaa

Kallattiiwwan gurguddoo raawwii karoora bara baajataa kana keessatti dhiimmonni tarreeffaaman:-
  1. Hojiiwwan hundi ilaalchota faallaa kaayyoo keenyaa ta’an kiraa sassabdummaa, dhiphummaa, of tulummaa, ittiin bulinnaa, of- giddugaleessa godhachuu, kkf sakatta’aa fi dhabamsiisaa deemuudhaan raawwatamuu qabu.


  • Hubannoo Hojii ilaalcha jijjiruu raawwachuu

  • Leenjii fi mariiwwan adda addaa adeemsisuu

  • Sakatta’iinsa hojii gaggeessuu

  • Hojii yeroo yeroon madaalaa fi deeggersa barbaachisaa taasisuu




  1. Hojii karooraa karaa hirmaachisaa fi diimookiraatawaa ta’een qofa raawwachuu

  • Hirmaannaa Hawaasaa fi Sivil sarvaantii cimsuu

  • Iftoominaa fi haqa qabeessuummaa baajataa cimsuuu

  • Hubannoo haawaasaa fi sivil sarvaantii cimsuu




  1. Hojin hojjetamu karaa dandeettii raawwachiftuu, gaggeessaa, hojjettootaa fi adda duroota cimsuu danda’uun raawwatamuu akka qabaatu

  • Dandeettii rawwachiisummaa qaama sadarkaa sadarkaan jiran yeroo yerootti cimsuu

  • Hubannoo Hojii ilaalcha jijjiruu raawwachuu




  1. Hojiiwwan hunda keessatti ummata fayyadamaa fi hirmaachisaa jiraachuui isaa keessattuu, fayyadamummaa fi hirmaannaa dubartootaa fi dargaggootaa mirkaneeffachaa deemuu

  • Hirmaannaa fi fayyadamummaa hawaasaa guddisuu

  • Hojii riifoormii giddu galeessa godhannee hojjechuu

  • Pirinsiploota bulchiinsaa gaarii duudhaalee mana hojichaa kabajuu fi akka kabajamu taasisuu

  • Hojii garee fi qindoominaa gaarii mijeessuu




  1. Hojiiwwan hundinuu hojimaataa fi qajeelfamoota mana hojichaa hordofuun naamusa cimaatiin hojjechuu

  • Seera, qajeelfamootaa fi danbiiwwan mana hojii hojimaataa akka ta’u gochuu




  1. Hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaariin kallattiin hordofuu

  • Karooraa, Bulchiinsa faaynaansii fi qabeenyaa irratti hojjetaan hunduu hubannoo ga’aa akka argatu leenjii fi mariidhaan cimsuu




  1. Hojii sosochii ummaataa qindaa’een daangaa hanga daangaatti milkaneessuun hirmaaannaa fi fayyadamummaa ummataa karaa haqa qabeeessa ta’een xiyyeeffannoo olaanaa kennuu

  • Hirmaannaa fi dadamaqiinsa hawaasaa hojii misoomaa dinagdee irratti kallattii hundaa cimsuun abbummaan akka itti dhaga’amu gochuu



    1. Kaayyoo hojii Ijoo

  • Dandeettii raawwachiisummaa sadarkaa olaanaan cimsuun ga’ee gaggeessuummaa fi itti gaafatamummaaa hojii nurraa eegamu ba’uun hojii misoomaa, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii guutummaan guutuutti raawwatamee fayyadamummaa ummataa karaa haqa qabeeessa ta’een mirkaneessuu.




    1. Galmoota Ijoo

Galma 1; Ilaalcha diimokiraasii warraaqsaa sadarkaa hundaatti dagaagsuun dandeettii raawwachiisummaa hooggansaa fi hojjettootaa cimsuun raayyaan ergama isaa baachuu akka danda’u uumuu

Galma 2;- Waltajjii umamaan hundaatti qabsoon akka hoogganan gochuun dandeettii cimsuu uumuu

Galma 3:- Hojii Ijoo raawwachuudhaan hojiiwwwan gurguddoo qabaman guutummaan guutuutti akka raawwatamu gochuun fayyadamummaa ummataa karaa haqa qabeessa ta’een mirkaneessuudha.

    1. Tarsiimoo Raawwii hojii Ijoo galmaan ga’uuf raawwataman

  • Hojii keessoo hojjechuun humna raawwachiisummaa cimsuu

  • Hojiiwwan bulchiinsa gaarii hojimaataa taasisuu

  • Jijjiirama Bu’uraa Adeemsa Hojii (JBAH) hojii irra akka oolu gochuun

  • SMBKT (Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimo’aa) hojii irra oolchuu

  • Ijaarsa raayyaa jijjiiramaa siiviil sarviisii idileessuun hojiin kamiyyuu raayyaa fi raayya qofaan akka hojjatamu taasisuun.

  • Meeshaalee riiffoormii fi bulchiinsa gaarii hojii irra oolchuun


    1. Hojiiwwan Bara 2008 Keessatti Karoorfaman
      1. Hojiiwwan Gurguddoo

        1. Hojii Riifoormii


  • Jijjiirama Bu'uura Adeemsa Hojii (JBAH) cimee akka ittifufu gochuun tajaajila saffisaa fi si’äayina qabu tajaajilamaaf kennuu

  • Akkaataa qajeelfama Sirna Ijaarsaa Raayyaa Jijjiiramaa Mootummaa irraa kennameen hojjattoota mana hojichaa irra deebiin Tokko shaneen, Garee jijjiiramaa fi Gumii Adda durootaa ijaaruun, ijaarsa raayyaa idileessuu.

  • Raawwi hojii Hojjetaa yeroo yeroon madaalaa hanqinaalee raawwii keessatti isaan muudate sirreessaa deemuu fi hojimaata badaa irratti akka qabsaa’an mariin ijaarsa raayyaa idileessuu.

  • Faayidaa dagaagina naamusaa, miidhaa al-naamusummaa fi miidhaa gochi malaammaltummaa hawaasarraan geessisu irratti hubannoo bal’aa kennuun sivil sarvantii gocha badaa obsuu hin dandeenye uumuu.

  • Qajeelfama Raawwii Sirna Madaallii fi Badhaasaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kennamuu bu’uureffachuun Madaallii bu'aa Karoora Tarsiima'aa waggaatti si’a lama gaggeessuun hojjattoota fakkeenya ta’an, naamusa gaarii qabanii fi madaallii sirrii gaggeeffameen sadarkaa daran ol’aanaatti hojii isaanii raawwatan badhaasuu



        1. Hojiiwwan Karooraa

Karoora bara 2008 xumuruu

  • Qophii karooraa waggaa kan bara 2007 haala baajata labsameen sirreessuu fi xumuruu,

  • Sagantaa raawwii hojii piroojektootaa fi hojii fizikaalaa idilee manneen hojii haala baajata mirkana’een wal simmachisuu fi qopheessu,

  • Ibsaa fi facaatii pirojektoota bara 2008 qopheessuu fi raabsuu,

  • Labsii baajataa dabalataa bara 2007 fi labsii baajataa bara 2008 xumuruun Magalata Oromiyaatti akka maxxansamu gochuu,

  • Sagantaa raawwii hojii pirojektootaa fi hojii fiizikaalaa manneen hojii haala baajata mirkana’een wal simmachisuu

  • Deggersa Baajata dimshaashaa (block grant) Aanaalee fi Bul/Magaalotaaf qoodame beeksisuu

  • Labsii Baajata aanaalee fi bulchiinsa magaalotaa qindeessuun Ministeera maallaaqaa fi misooma dinagdee Federaalaaf dabarsuu

  • Karoora Hojii pirojektootaa GBM-4 qopheessuu qaama dhimmii ilaaluuf dabarsuu

  • Ragaa Karoora Pirojektoota Aanaalee Qindeessuu fi horrdofiif haalaa mijeessuu


Bulchiinsa Baajata

  • Baajatni bara 2008 sektaroota softweerii IBEX keessa akka galuu gochuu manneen hojii abbootii baajataa beeksisuu ,

  • Qajeelfama bulchiinsa baajata hojii irra akka oolu hordoofu fi deeggarsa teeknikaa manneen hojii fi aanaaleef kennu,

  • Gaaffii dabalata baajata manneen hojii irraa yommuu dhiyaatu xinxaaluu fi murtii mootummaaf dhiyeessu,

  • Gaaffii jijjiirraa fi dabalata baajataa dhiyaatu xinxaluu murteessu, qaama murtoo kennuuf dhiyeessuu fi raawwii isaa to’achuu.

  • Galii karooraa olii bara 2007 qindeessuu

  • Piropozaala itti fayyadama galii karooraan olii 2007 aanaalee fi magaalotni baajata dabalataa bara 2008 keessatti akka labsataniif qopheessuun MMBMNOtiif dhiyeessuun mirkaneesisuu

  • Haftee saanduqaa baajata aanaalee qindeessuu fi Kanneen rakkoo qabaniif heeyyamu

Hordoffii fi Gamaaggama

  • Gabaasa Mana hojii Mootummaa ji’a ji’aan walitti qabuun xiinxaaluu hojii Misoomaa, Baajata Mootummaa idillee fi kaapitaalaan gaggeeffamaan dirree irratti hordofuu fi gamaaggamuu

  • Gabaasa ittifayyadama Baajataa Naannoo fi Aanaalee kurmaana lamaaffaa irraa jalqabee Ji’a Ji’aan fi kurmaanaa qindeessuu ,kallattii kaa’uu,

  • Hordoffii fi Gamaagamn pirojektootaa waggaatti yeroo lama dirreetti argamuun sektaroota waliin qindaa'uu

  • Mootummaa Xalayaaniin Gaggeeffamuu ”Agricultural Value chain”) fi k.k.f hordoofuu, gamaaggamuu fi deeggarsa teeknikaa kennuu

  • Gabaasa Pirojektoota Galma Misooma Barkumee bara 2008 qindeessuun Qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuu


Karoora waggaa shanii bara 2008 – 2012 Qopheessuu

  • Bu’aalee gamaaggaminsa karoora guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii irratti hundaa’uun karooraa waggaa shanii bara 2008-2012 haala kallattii qophii karoora kennamuu fi tarsiimoo misooma Fedeerala gidduu galeessa godhateen akka qophaa’u ni ta’a.


Karoora bara 2009 qopheessuu:

  • Ragaa qooddii baajataa aanaalee qindeessuu, fi xinxaluu

  • Ragaa qindaa’e irratti hundaa’uun ulaagaa baajaa deggersa dimshaasaa qopheessuu

  • Karooraa waggaa kan bara 2009 haala qabatama karoora wagga shanii 2008 - 2012 irratti hunda’uun karoora waggaa qopheesuu

  • Karoora piroojektootaa kan bara 2008 qophessuu

  • Qabeenya mootuummaa haala iftooma qabuu fi guddina waliqixaa fiduu (equitable development) fiduu danda’uun manneen hojii naannoo fi godinaalee giddutti qooduu

  • Karoora Naannoo bara 2008 qophaa’u ilaalchisee kallattii mootummaan kaahe waliin deemuu fi dhiisuu isaa xiinxaluu fi qindeessuu,

  • Piropozaala qooddii baajata aanaalee fi bulchiinsa magaalotaa qophaa’e qaamolee dhimmi ilaaluuf dhiyeessuun murteesisuu



        1. Hojiiwwan Qorannoo Imaammataa, Tarsimoo Misoomaa fi Karoora Gooroo

Raawwii Karooraa fi baajataa MNO bara 2007 qindeessuu

  • Gabaasa MNO bara 2007 xiinxaluu fi qindeessuu xumuruu

  • Bara 2008tti tilmaama galii Naannoo Oromiyaa madda adda addaa irraa argamu (Resource Envelope) addaan baasuu, qooduu fi ibsa irratti qopheessuu eegaluu

Karooraa fi Gabaasa MNO xiinxaluu fi qindeessuu

  • Karoora bara bajata bara 2008 xiinxaluu fi qindeessuuu xumuruu

  • Karoora Guddinaa fi Tiraansifoormeeshinii MNO lammaffaa qindeessuu fi xumuruu

  • Labsii bajata MNO bara 2009 qopheessuu fi ragaa bara 2008 qindeessuun qaama dhimmi ilaallatuuf dabarsuu

Dhimmoota imaammataan walqabatan irratti qorannoo gagegesuu

  • Hojiilee akkaawuntii galii naannoo kan bara kan bara 2007 tilmaamuu fi raawwachuu

  • Dhimmoota “Regional Macro-Economic Development Indicators “ nannichaa ” bara 2007 gaggeessuu

  • Qorannoo dhimmoota sochii IMX fiInavastimantii Naannichaa irratti gaggeesuun xumuruu

  • Haala hawaas-diinagdee nannichaa bara 1993-2007tti jiru qorachuu, dokumantii tokko baasuu

  • Haala qabatamaa Dimoogiraafii fi Misoomaa Naannoo Oromiyaa irratti qorannoo tokko gaggeessuu

  • Agarsiistoowwan dimoogiraafii misoomaa naannichaa kan bara 2007 qopheessuu

Akkaawuntii Dinagdee Naannoo qopheesuu

  • Hojiilee akkaawuntii galii naannoo kan bara 2007 tilmaamuu, qindeessuu fi qaama dhimmi ilaaltutti dhiyeessuun mirkaneessisuu



        1. Hojiiwwan Ragaa fi Infoormeeshinii Naannoo


  • Ragaalee qooddii baajata aanaalee bara baraan sassaabsisuu, xinxaluu, qindeessuun qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuu

  • Kuusaa ragaalee aammayyaa hojjetamee xumurame godinaalee 3 fi aanaalee 48 hafan keessatti baba’lisuu (‘scaling-up developed modern database management to the remaining 3 zones and 45 weredas’)

  • Ragaa pirojektootni bara baajataa 2008 keessa hojjetamuu qaban fedhii manneen hojii irraa dhiyaate fi tarsiimoo misooma naannoo fiixaan baasuuf filataman baajata manneen hojiif heeyyamamee wajjiin walsimisisuun akka raawwataman gochuu,

  • Sirna bulchiinsa ragaa fi odeeffannoo BMMDO fooyyessuun gurmeessuu

  • Godinaalee fi aanaalee 36 irratti hojii ragaa dhugoomsuu (data verification) gaggeessuu,

  • ragaalee ‘GPS’, Digital Data & ‘Satelite Images’) madda adda addaarraa argaman sassaabuun kaartolee adda addaa facaatii qabeenya uumamaa, hawaas-dinagdee fi kan biroos agarsiissan hojjechuu fi haaromsuu,

  • Hojii pirojeektii ‘Ethio-Italian country program’ kuusaa ragaa hammayyaa Naannoo (Regional modern database management system & GIS) hammayyeessuu ittifufe hojiirra oolchuu,



        1. Hojilee Gugurdoo Dhaabbilee Miti Mootummaa


  • Waliigaltee hojii DhMM haaraa wajjin mallatteessuu

  • Pirojeektota DhMM irraa dhiyaatan xiinxala taasisuun waliigaltee mallatteessuu

  • Gabaasa hojiilee pirojektoota DhMM f duub-deebii itti kennu

  • Hojii kenniinsa tajaajila adda addaa kan akka lakkoofsa gabatee, meeshaalee ashuuraa alaa galanii fi baniinsa herrega baankii raawwachuu

  • Foramii “GO-NGO” sadarkaa naannootti altokko fi sadarkaa godinaatti gaggeessuu



        1. Hojiiwwan Bulchiinsa Faaynaansii Naannoo


Hojiiwwan Kaffaltii Baajataa

  • Kaffaltii Baajataa Idlee fi Kaappitaalaa saanduqa Mootummaa raawwachuu

  • Baajata Mootummaa Naannoo bara baajata 2008 Caffeen ragga'e irratti hundaa'uudhaan Manneen Hojii Mootummaa Naannoo karoora fedhii maallaqa callaa waggaa kurmaana kurmaanaan qoodanii akka dhiyeeffatan taasisuu.

  • Fedhii Baasii Naannoo tilmaama keessa galchuun karoora fedhii maallaqa callaa naannoo kan waggaa baajata marmaartuu fi kaappitaalaan qopheessuun MMMDf dhiyeessuu

  • Karoora fedhii maallaqa callaa irratti hundaa'uudhaan manneen hojii abbootii baajataa naannoof ji'a ji'aan sirna herrega madaala duwwaan kaffaltii baajata marmaartuu fi kaappitaalaa raawwachuu

  • Baajata baraaf mirkanaa'e bu'uurreeffachuun godinaalee,aanaalee fi magaalootaaf deeggarsa baasii ji'a ji'aan dabarsuu,

  • Gabaasa raawwii dabarsaa deeggarsa baasii Manneen Hojii Naannoo, Godinaalee, Aanaalee fi Bulchiinsa Magalotaa tiif taasifamu kurmaana kurmaanaan Ministeera Maallaqaaf erguu

Kafaltii Fandiiwwan adda addaa raawwachuu

  • Kaffaltii maallaqa imaanaa fi fandiiwwanadda addaa (PSNP,PSCAP,GEQIP,ULGDP, WASH,PBS) bu'uura baajataa heyyamamee fi qoodiinsa maallaqa sektaroota dhimmi ilaalu irraa dhiyaatuun abbootii baajataaf dabarsuu,

  • Itti fayyadamni fandiwwanii akka cimuu fi kaayyoo ergameef qofaaf akka oolu hordoffii fi deeggarsa cimsuu

  • Bulchiinsaa fi itti fayyadama fandiiwwanii irratti abbootii baajataa waliin mariyachuun siyyoomina itti fayyadamaa fi dhiyeessa gabaasaa fooyyessuu


To'annoo fi Bulchiinsa Maallaqa Mootummaa Cimsuu

  • Ajaja kaffalti baankf barreefamu yeroon baankii akka dhaqqabu gochuun siyomina dabarsa maallaqaa fooyyessuu

  • Ragaalee Herreegaa galii fi baasii baankii guyyaa guyyaan qopheessuu, galmeessuu fi sirrummaa isaa mirkaneessuu,

  • Madaala maallaqa baankii guyyaa guyyaan galmeessanii qabachuu

  • Araarsa herreega baankii ji'a ji'aan qopheessuu

  • Deeggarsa baasii federaalaa fi galii manneen hojii mootummaa naannoon walitti qabamu yeroon tireezyariitti galii ta'uu isaa hordofuu

  • Hojii bulchiinsa faaynaansii irratti biiroolee naannoo Godinaalee fi aanaaleef deeggarsa kennuu


Herrega Naannoo Yeroo fi qulqulliinaan cufuu

  • Manneen Hojii Mootummaa Naannoo, Godinaalee, Aanalee fi Bulchiinsa Magaalotaa herrega bara 2007 yeroo fi qulqulliinaan cufuu akka danda'an deeggaruu

  • Herreega Naannoo bara 2007 sirrummaa fi qulqulliina isaa mirkanneessuun hanga Onkoloolesaa 30/2008 tti cufuu.

  • Gabaasa herrega itti fayyadama baajata naannoo idilee fi fandiiwwanii bara baajata 2008 kurmaana kurmaanaan qopheessuun qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuu


Iftoominnaa fi Gaafatamummaa faaynaansii cimsuu

  • Baajata naannoo bara 2008 mirkanaa'e Biroosherii, Templetoota Iftoominaa fi Itti gaafatamummaa faaynaansiin fayyadamuun ummatni akka beeku gochuu

  • Waltajjii koree olaanaa (steering committee) bulchiinsa faayinaansii mootummaa kurmaana kurmaanaan geggeessuun hanqinoota bulchiinsa faayinaansii fi ittifayyadama baajataa irratti mullataniif furmaata kennuu

  • koree bulchiinsa faaynaansii naannootiin (PFM team) kurmaana kurmaanaan hojii iftoominaa fi gaafatamummaa faayaansii godinaa fi Aanaalee hordofuun deeggaruu

  • sochii hojii FTA waggatti gamaggamuu


        1. Hojiiwwan Bittaa, Bulchiinsa Qabeenyaa Naannoo


  • Hojiiwwan sirna adeemsa bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa cimsan raawwachuu

  • labsii fi qajeelfama bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa akka biyyattii qopha’ee pirototaypii isaa fudhachuun akka naannootii qopheessuun hojii irra akka oluu taasiisuu;

  • Sanada caal-baasii idilee akka biyyaatti foya’ee qopheessun hojii irra akka oluu taasiisuu;

  • Qajeelfama sirna bittaa mootummaa irra deebiin qopheessuu;

  • Dokumaantii leenjii bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa haala qorannoo raawwii hojii keessatti mulatan irratti hundaa`un qopheessuu;

  • Bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa irratti qorannoo geggeessun hanqinoolee argaman irratti Hoggansa olaanaaf dhiheessun furmaata akka argatu taasisuu.

  • Hojiilee Bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa raawwachuu

  • Odiitii bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa gaggeessuu

  • Bittaa fi Bulchiinsa qabeenya mootummaa irratti deeggarsa teeknikaa kennuu

  • Hayyama waraqaa ragaa dhiyeesummaa kennuu

  • Hojii irra olmaa sirna bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa irratti komii dhiyaatu keessumeessuu

  • hojii irra olmaa Sirna dhabamsiisa qabeenya mootummaa hordofuun mirkaneessuu

  • Sagantaa lakkaa’umsa qabeenya waggaa qopheessuu, haala raawwii isaa hordofuu fi gabaasa raawwii lakkaa’umsa qindeessuu

  • Ragaa konkolaatoota mootummaa naannoo qindeesuu

  • Haala ittiin fufinsa hayyama qabeenya diinni awwaalee irratti qorannoo gaggeessuun yaada murtoo dhiyeessu

  • Hojii irra olmaa sirna bittaa fi BQM irratti komii dhiyaatu keessumeessuu

  • Karoora fi Gabaasa bittaa fi bulchiinsa mootummaa naannoo qindeessuu, qopheessuu fi qaama ilaaluuf dabarsuu
        1. Hojiilee Odiitii Naannoo


  • Sirni Qabiinsa herregaa fi qabeenya Mootummaa diriire kabajamee hojii irra oolu isaa xiinxala ammayya’aa ta’e gaggeessuun hojii irra oolmaa isaa mirkaneessuu bu'aa isaa yeroon hordofuun dhiyeessuu,

  • Qajeelfamni, dambii fi seerri bulchiinsa faaynaasii fi qabeenya Mootummaa hojiirra oluu isaa hordofuun kanneen qajeelfamaan ala raawwataman seeratti dhiyeessuun tarkaanfiin akka irratti fudhatamu gochuu.

  • Karoora hojii manneen hojii mootummaa giddu-galeessaa, godinaalee, magaalota irraa dhiyaatan gamaaggamuu,

  • Raawwii hojii odiitii ji’a ji’aan dhihaatu gamaaggamuun koree odiitiif dhiheessuu, bu’aa odiitii irratti hundaa’ee murtii maanaajmantii biiroo fi kaabineen naannoon kenne akka hojii irra oolu hordofuu,

  • Odiitaroota sabaaba adda addatiin leenjii hin fudhaneef leenjii kennuu,

  • Ajaja qaama ol-aanaa irraa kennamuu fi manneen hojii mootummaa gargaarsa addaa gaafatan odiitii taasisuu,

  • Gamaaggama hojii odiitii, manneen hojii mootummaa giddu-galeessaa 10, irratti gaggeessuu,

  • Gamaaggama hojii odiitii jiini kurmaanaa xumuramee guyyaa 20 irratti rakkoolee gamaaggamichaa irratti mul’ataniif yaada fooyya’iinsaa dhiheessuu,

  • Odiitaroota keessaatiif leenjii hojii irraa kennuu,

  • Haala gamaaggama bu’aa odiitii aanaalee irratti leenjii gabaabaa abbootii adeemsaa godinaaleetiif kennuu,


        1. Hojiiwwan Odiitii Keessaa


  • Odiitii raawwii gaggeessuudhaan bu’aa isaa yeroon dhiyeesuu fi hordoffuu.

  • Odiitii Bulchiinsa Qabeeya Dhaabbii taasisuun bu’aa isaa yeroon dhiyeesuu fi hordoffuu.

  • Cufiinsa Sanduqaa fi Meeshaa Dhumataa Bara Baajataa dhumaa raawwachuu, fi xinxaalaa meeshaa dhumataa raawwachuun bu'aa isaa gabaasuu fi hordoffuu.

  • Fandiiwwan addaa akkaataa waliigalte galameen raawwatamu isaa mirkaneesuu,bu’aa isaa yeroon gabaasuu fi hordofuu.

  • Baajata qoodameef kaffaltii rawwatame, bittan seera eege rawwachuu isaa mirkanneessu, bu'aa isaa yeroon dhiyeesuu fi hordoffuu.

  • Sirni Qabiinsa herregaa fi Qabeeyaa Mootummaa diriire kabajamee hojii irra oolu isaa mirkaneessuu, bu'aa isaa yeroon dhiyeesuu fi hordoffuu.

  • Sirni to'annoo keessaa dirrire hojiirra oluu isaa gammaaggamu fi sireeffamnii akka godhamu yaada bu'aa dabalata mana hojiif uumuu dhiyeessuu.

  • Sirni Bulchiinsa humna namaa seeraa BSSBGO baasee hordoffamee raawwatamuu isaa mirkaneesuu, bu'aa isaa yeroon dhiyeessuu fi hordoffuu.

  • Bu’aalee odiitii yeroo adda addaa dhiyaate tarkaanfii irratti hin fudhatamuu qindeesuu dhiyeesuu fi bu’aa isaa yeroo yeroo hordoffuu.


        1. Hojiiwwan Qophii Karooraa, Bittaa, Bulchiinsa Qabeenyaa fi Faaynaansii Biiroo


Hojiilee Karooraa fi Baajataa

  • Ragaalee baajataaf barbaachisan godinaalee irraa walitti qabuun qindeessuu

  • Karoora mana hojii qopheessuu

  • Ulaagaa qooddii baajataa bu’uura godhachuun baajata 2008 BMMDO fi Waajjiraalee MMD Godinaalee 18 tiif qooddiinsa raawwaachuu,

  • Gamaaggama hojii gaggeessuu

  • Madaallii godinaalee gaggeessuu fi duub deebii kennuu

  • Gabaasa hojii yeroon qopheessuun qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuu


Hojiilee Bulchiinsa Faayinaansii fi Herregaa

HojiiKaffaltii

  • BaajataMindaa hojjatootaaf qabamee labsiin mirkana’e irratti hunda’udhaan kaffaltii mindaa ji’a ji’aan rawwachuu

  • To’annoo baajata gaggessuun kaffaltii duraa fi dhumaa haala barbaachisummaa isaatiin kaffaltii hojii rawwachiftuu rawwachuu.

  • Gaaffii kaffaltii bittaa meeshaa dhumeyyii fi dhabbii karoora bittaa irratti hunda’ee dhiyaatu qulqulleessuun qaama dhimmi ilaaluuf raawwachuu.

  • Hir’dhifamawwan kaffaltii irraa maddan (Hir’dhifamawwan peerolii, Withholding tax, VAT fi kanneen biroo) yeroo isaa eeggatee qaama dhimmi ilaaluuf yeroon dabarsuu.

  • Kaffaltii leenjii addaa addaa kennamu haala sagantaa baheen dirree deemuun kaffaluu.

  • Herreega kaffalamaawwan qaama abbaa mirgaaf yeroon kaffaluun herrega isaa buusuu.

  • Herreega walitti qabamaa akkataa qajeelfamaan ta’ett hojii fi yeroo herreegichi bu’uu qabu giddu galeessa godhachuun herreega buusuu ykn mallaqaan aka bu’u taasisuu.

Hojii to’annoo

  • To’annaamaallaqaCallaa Baankii fi Saanduqaa gaggessuu

    • Ragaawwan herreega baankii (Bank advices and Bank Statements ) yeroo yeroo isaatti hordofuun galmeessuu.

    • Araarsa herreega baankii ji’a ji’aan hojjachuun sirrummaa mallaqa calla baankii mirkaneeffachun to’achuu.

    • To’annoo mallaqa callaa saanduqaa guyyaa guyyaan sa’atii 10:30 irraa egalee gaggeessuu.

Gabaasa

    • Herrega ji’aa ji’a ji’aan cufuun qaama dhimmi ilaaluf yeroo sagantaan (jiinii seenee 1-5 ) kessatti gabaasa herrega idilee qaqabsiisuu.

    • Gabaasa Herrega Fandiiwwan addaa addaa SOE qopheessuun gabaasuu.


Hojiilee Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa biiroo

  • Fedhii bittaa adeemsoota irraa dhiyaatu walitti qabu, xinxaluu, qindeessu, karoora bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa waggaa bara baajata 2008 qopheessuu

  • Ragaalee qophii karooraa bittaa walitti qabuun qindeessuu.

  • Bittaa mootummaa irratti qorannoo gabaa gaggeessuun

  • Bittaa Meeshaalee dhaabbii, dhumataa, Maxxansa adda addaa fi Bittaa uffata seeraa hojjettootaa raawwachuu

  • Maxxansa addaa addaa raawwachuu raawwii isaa hordofuun gabaasuu

  • Galmee lakkofsa addummaa qabeenya dhabbii, Galmee qabeenya dhabbii bulchiinsa qabeeenyaaf barbaachisaan qopheessuu fi itti fayyadamummaa isaa mirkaneessuu

  • Raawwii karooraa bittaa bara baajata 2008 yeroo yeroon hordoofuu fi gamaggamuun, gabaasa dhiyyaatan kurmaanna kurmaannan qindeesuun qaama dhimi isaa ilaaluuf yeroon gabaasuu.



        1. Hojiilee Bulchiinsa Qabeenya Humna Namaa


  • Odeeffannoo qabeenya namaa walitti qabuu, qindeessuu fi tajaajila barbaadamu irra oolchuu,

  • Karoora qabeenya Humna namaa mana hojiichaa yeroo gabaabaa fi dheeraa qopheessuun hojiirra oolchuu,

  • Fo’annoo fi filannoo hojjattootaa gaggeessuu, (qaxara, jijjirraa, dabala mindaa, guddina sadarkaa)

  • Qaxara hojjatoota kontiraataa sagantaa gargaarsa addaa addaa akkaataa Ministeera Maallaqaa irraa dhiyaateen raawwachuu,

  • Lakkoofsa soorataa hojjatoota hin qabneef lakkoofsa soorataa kennisisuu fi dhimmoota soorama hojjettootaa walqabatan raawwachuu,

  • Leenjii yeroo gabaabaa fi dheeraa qindeessuu, kennuu, hordofuu, fi gabaasuu,

  • Komii ykn Iyyannoo hojjetaa dhageeffachuu, keessumeessuu furmaata kennuu fi gabaasuu,

  • Hir’inaalee hojii irratti mul’atanuuf irratti mari’achuu furmaata kennuu, Naamusa hojjatootaa hordofuu,

  • Heyyama hojjetootaa, faayidaalee fi dhimmoota hojjetootan walqabatan hunda raawwachuu,

  • Madaallii hojii hojjetootaa raawwachuu fi qindeessanii qabuu,

  • Dhimmoota hojii gad-dhiisuu fi hojiitti deebi’uu murteessuu,

  • Kuusaa hojjetoota qindeessanii qabuu, ragaa hojjetoota qopheessuu fi ammayyeessuu


        1. Hojiilee DhimmaTajaajila Seeraa


  • Wixinee labsii ,dambii fi qajeelfama bittaa abbootti baajata mariisisuun yaada walitti qabu qopheessuun xumuruu Biiroo haqaa , Kabinee fi Caffeef dhiyeessuu

  • Wixinee labsii baajata idilee bara 2008 fi baajta dabalataa bara 2007 qopheessuu

  • Kaffaltii abbaa seerummaa akka galii ta'u manni murtii ajaajee himata dhiyeessuun galii taasisuu;

  • Murtee maallaqaa fi qabeenyaa irratti himaata raawwii dhiyeessuun maallaqa isaa galii taasisuu;

  • Murtee adabbii maallaqaan walqabatee raawwii himataa dhiyeessuun maallaqaa isaa galii taasisuu


        1. Hojiiwwan TQO


  • Baajatni bara 2008 sektaroota Naannoo, Godinaalee, Aanaalee fi Bulchiinsa Magaaloota hunda irratti softweerii IBEX keessa Adooleessa irraa kaasee akka galuu gochuun softweerii kanaan akka raawwatamuu deggersaa fi hordooffii wal irraa hin ciinnee taassisuu

  • Baajataa bara 2008 walitti qabuun qindeessuudhaan Kitaaba baajataa (Budget Book) qopheessuu.

  • Fayyadama softweerii IBEX ilaalchiisee muuxxannoo gaarii bakka hundatti baballachuu danda'uu (Sadarkaa Biiroo, Godinaa, Aanaa fi Magaalaatti) addaan baasuu fi qaamota fayyaadama IBEX irratti adda duree ta'an badhaasuun jajjabeessuu

  • Kompitaraa fi meeshaalee kompitaraa waliin walfakkaataniif ispeesifikeeshiinii qopheessuu fi jijjirama teeknooloojii wajjin ilaaluudhaan yeroo yeroodhaan sirreessuu

  • Godinaalee fi Biirooleedhaaf fayyadama softiweerii IBEX irratti kompitaroota bilbiilaan qunnamsiisuudhaan (Dial-Up) fi qaamaan argamuudhaan deggersa ogummaa kennuu

  • Immaamata Odeeffannoo Teekinooloojii (IT Policy) Biiroo keenyaa baasuu fi hojii irra oolchuu

  • Sirna Bulchiinsa Odeeffannoo (MIS System) hojjatamee xumaramee hojii irraa akka oluu hordofuu fi gargaarsa itti fayyadamtootaaf kennuu

  • Neetwoorkii Biiroo Babal’achaa turee hojii irraa olee Immaamata Odeeffannoo Teeknooloojii qopha'e irratti hunda'uun bulchiinsa isaa fooyyessuu. Baka hanqina jirutti Networki baballisuu

  • Softiweeroota adda addaa walitti qabuudhaan kuusaa sooftiweerii (Software Gallery) qopheessuu fi yeroo yeroon foyyessuu

  • Kompiitaroota, pirintaroota fi UPS mana kuusa keessa jiran haroomsi (Suupha) barbaachisaa ta'e godhameefii Aannalee hanqinaa qabaniif deggeersa gochuu

  • Meeshaalee Suphaa Odeeffanoo Teekinolojjii haaluma karoora fedhii bittaa irratti guutameen akka raawwatamu hordoffii gochuu

  • "Web site" biiroo keenyaa irratti yeroo yeroodhaan odeeffannoo barbachiisaa ta'ee gadi dhiisuu, odeeffannoo jiru haromsuu fi fooyyessuu

  • "Godinalee fi Aanoolee Ejensii TQO Oromiyaa waliin ta'uun 'WeredaNet' tiin wal qunnamsiisuu

  • Hojii IFMS (Data Center, WeredaNet & etc) karaa MoFED hojjetamaa jiruu hordofuu fi deggersa barbaachisaa ta'e yeroon kennuu

  • Godina hundumaa fayyadamtootaa 'Internet' akka ta'an gochuu

  • Softiweerii hojii salphisuu danda'an qorachuun humna biiroon akka hojjetamuu gochuu


        1. Hojiilee Dhimma Koorniyaa


  • Kallattii karoora hojii dhimma koorniyaa bara 2008 fi waggaa shanii qopheessuun WMMD Godinaalee, Aanaalee fi sekterootaa mootummaa dabarsuu

  • Dhimma koorniyaa karoora qabatamaan guutuutti hojiirra oolchuu, seektara hunda keessatti akka idilaa’u hordofuun deggaruu fi Raawwii karoora bara 2008 kurmaana kurmaanaan hordofuu,

  • Maanuwaalii Sirna baajataa koorniyaaf deebii kennuu akka MOFED iitti qophaa'ee gara qabatamaa naannoo keenyaatti jijjiiramee maxxansiifamaa jiru qaama dhimmi ilaalu hundaaf dabarsuu fi dokimantii kana irratti hubannoo uumuu.

  • Dokmantii Ittiin qajeelfama sirna koorniyaa idileessuu (guide line) maxxansa irra jiru yoo xumurame raabsuun hubanoo uumuu.

  • Hojiiwwan dandeettii cimsuu hanga yoonatti gaggeffaman irratti godinaalee fi aanaa , magaalaa murasaa samuda fudhachuun qorannoo gaggeessuun ciminaa fi hanqinaa jiruu addaa basuun qaama dhimmi ilaaluuf gabaasuu,

  • Waajjira MMD godinaalee fi Magalootaa raawwii hojii keessatti ciminaa fi hanqina mul’atee ka'umsa godhachuun duub-deebii kennuu

  • Hirmaannaa fi Fayyadama dubartootaa guddisuuf (affarmative action) qajeelfamoota jiran eegamuusaa hordofuu fi hojiirra oolmaan isaa akka mirkanaa'u taasisuu,

  • Biiroo fi Godina irratti baajatni 1% qabamee daa’imman harka qalleeyyii deeggarsa barbaadaniif ooluu isaa hordofuun raawwii isaa gabaasuu.

  • Karroorri mana hojii keenyaa dhimma koorniyaa giddu galeessa kan godhatee kan qophaa’eefi hojii irraa oolaa jiraachuu isaa hordofuu fi qindoominaan waliin hojjachuu

  • Dhaabbileen Miti- Mootummaa Naannoo keenya keessa jiran karooraa fi raawwii isaanii keessatti sirni koorniyaa idilaa’uu isaa qindoominaan hordofuu( daayrektoreetii DhMM waliin)




        1. Hojiiwwan Hordoffii fi Dagaagina Naamusaa

  • Malaammaltummaafi hojimaata badaa irratti hubannoo bal’aa kennuun sivil saravantii malaammaltummaafi hojimaata badaa obsuu hin dandeenye uumuu:

  • Hojimaata malaammaltummaaf qaawwa banan qorachuun akka sirreeffaman taasisuu:

  • Qabeenyaafi maallaqa mootummaa sirnaan hojii irra ooluu isaa mirkaneessuu:

  • Qabeenya hojjettootaafi Ogantootaa galmeessuufi beeksisuu

  • Hojii gorsaa:

  • Eeruu fudhachuu

  • Komii maamilaa keessummeessuu

  • Caasaan MMD sadarkaadhaan jiru akka guutamu taasisuu:

  • Qajeelfama naamusaa qopheessuufi hojiirra akka oolu taasisuu:

  • Gamtaa Farra Malaammaltummaa hundeessuufi qabsoo farra malaammaltummaa keessatti ga’ee isaanii akka ba’an gochuu:

  • Koree naamusaa, koree komii bittaa, koree calbaasii, koree qaxarrii, koree guddina keessaa fi kkf keessatti sagalee- malee hirmaachuun adeemsa seeraan alaa akka sirreeffamu taasisuu;

  • Hojii Hordoffii Dagaagina Naamusaa cimsuuf yoo xiqqaate waggaatti yeroo lama dirree bahuun sadarkaa godinaafi magaalotaa/sadarkaa godinaa/hojii hojjetamaa jiru hordoffuufi deeggarsa teeknikaa kennuu.



        1. Hojiiwwan Dhimma Dargaggoo fi HIV/AIDS

  • Karoora seektarichaa keessatti Paakeejiin Guddinaa Dargaggootaa iddileeffamee hojiirra oolu isaa hordoffu.Hojii ittisaafi To’annoo HIV/AIDsii sekitericha keessatti qindoominaan hojachuu

  • Dargaggootaa seektarichaatiif Waltajiiwwan mari dhimma Dargaggootaa irratti qopheessuun mariin akka gaggeeffamuu haala mijaeessau,.

  • Hojiiwwan gama Miti-Mootumman Nannoo keenya keessatti hojjataman Dargaggoota irra fayyadamoo ta’an adda baasuu

  • Qamootaa adda addaa wajiin ittisaafi To’annoo HIV/AIDS irratti qindoominaan hojachuu

  • Mirga dubartoottaafi namoota Vaayirasii HIV dhiiga isaanii keessa jiru akka kabajamuu Taasisuu.

  • Madda galii gabbisuu fi Itti fayyadama Maallaqaa qabisu irratti seeraan fayyadamuu

  • Sektaroota hunda keessatti baajata 2% qabsiisuu fi ittifayyadama isaa Hordooffii fi To’annoo gegeessuu

  • Deggersaa Da’immaan maatii hin qabneefi harka qaleeyyii yeroon akka raawwatuu ta’ee namoota Vaareesiin HIV/AIDS dhiiga isaa keessa jiruufi harka qalleeyyii ta’an baajata ramadameen akka gargaaramaan gochuu.



        1. Dandeettii Raawwachiisummaa Cimsuu


  • Sirna bulchiinsa faaynaansii mootummaa fi hojiiwwan iftoomiinaa fi gaafatamummaa faaynaansii irratti ooggansa naannoof oreenteeshinii kennuu.

  • Leenjii hubannoo baajataa (budget literaay training) Ummataa fi Miseensota Mana Marii Aanaa fi Naannootiif kennuu

  • Ulaagaa qooddii baajata haaraa yeroo amma kana xummuramee irratti koree dhaabbii naannootii fi qaama dhimmi ilaallatu 60 ta’aniif leenjii hubannoo isaanii cimsu kennuu akkasumas Anaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa irratti Itti gaafatamtootaaf leenjii kennuu

  • Maanuwaalii qophii karooraa fi bulchiinsa Baajataa irratti ogeessota MHM sadarkaa aanaatti fi godinaatti argamaan Walumaa gala namoota 450f leenjii kennuu

  • MH Naannootii argaman irraa oggeesoota 45f sirna programme budgeting irratti leenjii kennuu

  • Karoora Qindaawaa Hirmaannaa Hawaasaan qophaa'u irratti aanaalee 23 gandoota 690 irraa haala mijeesitoota namoota 4140f leenjii kennu

  • Karoora qindaawaa hirmaannaa Hawaasaan Qophaa'u aanaalee 101 gandoota 2196 irraa namoota 13,176 tiif leenjii kennuu

  • Humna raawwachiisummaa Biiroo, godinaalee fi Magaalota cimsuuf leenjii hubannoo dhimma adeemsa raawwii pirojektotaa (PCM) irratti kennuu.

  • Hojjettoota hojii bulchiinsa faaynaansii irratti ramadamanii leenjii qabiinsa herregaa maallaqa callaa fooyya'e hin fudhatiniif leenjii kennuu

  • Miseensota garee PFMf Iftominnaa fi gaafatamummaa faaynaansii irratti leenjii kennuu

  • Bulchiinsa fandiiwwanii chaanelii tokko irratti hojjatoota herregaa fi qabdoota maallaqaaf orenteshiinii gabaabaa kennuu

  • Qophii pirojaktoota LED bara 2008 magaalota 8 (Assallaa, Adaamaa, Bishooftuu, Ciroo, Mattuu, Amboo, Shaashimannee fi Naqamtee) keessatti hojjetamaniif qaamolee dhimmi kun ilaallatu hunda qindeessuun marii adda addaa qopheessuun hubannoo cimsuu.

  • Dhimma Macro-Policy analysis fi dhimma qophii GDP irratti leenjii kennuu

  • Leenjiiwwan Hojii Bittaa Bulchiinsa qabeenyaa irratti kennuu:-

  • Labsii fi dambii sirna bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa qophaa’a jiru irratti,

  • Haala qophii karoora bittaa,

  • Haala qophii sanada caal-baasii,

  • Haala gamagama caal-baasii

  • Haala bulchiinsa waliigaltee,

  • Haala bulchiinsa qabeenya dhaabbii fi

  • Istookii irratti Offisaara bulchiinsa man-kuusaa, Ofiisara to’annoo qabeenya mootummaa, Offisaara bulchiinsa qabeenya dhaabbii, fi Odiitaroota manneen hojiif dha.

  • Odiitaroota keessaatiif maanuwaalii odiitii keessaa irratti leenjii kennuu

  • Dubartoota gaggeessummaa irra jiran qindeessuun adda baasuun leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuu kennufi carraa hirmannaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisuu.

  • Barbaachisummaa fi haala guuriinsa, qabiinsaa fi qophii ragaa fi Informeeshinii fi irratti raawwattoota MMD Godinaalee, Aanaalee fi bulchiinsa magaalotaaf leenjii hubannoo uumuu fi dandeettii raawwii hojii cimsuu kennuu,

  • Dubartootaa Biiroo Mallaqaa fi misooma dinagdee 89 fi degartoota waldaan gurmaa’ani jiranii fi leenjii hubannoo uumuu kennuu

  • Dhimma koorniyaa irratti hojjettoota BMMDO hundaaf leenjii hubannoo cimsuu yeroo yeroon kennuu fi bu’aa irra argamuu madaaluu

  • Hojjattootaa hojichaatiif dhiyeenyaa qaban fi hooggantoota Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee sadarkan jiranii, ogeessa seeraa, ogeessa oodiitii hojjattoota humna namaa akkasumas ogeessota karooraa fi fookal parsanoota seektaroota mootummaa naannoo walumaa gala hirmaattota 2000 keessaa 50% carraa dubartootaaf kennuun mata duree dhimma koorniyaa ilaallatu adda adda irratti leenjii keennuu,

  • Tamsa’ina HIV/AIDS fi Miidhaa inni geessisurratti marii hojjattootaa fi hoggantoonii seekterichaa yeroo yerootti akka mari’atan haala Mijeessuu.

  • Fedhii leenjii qorachuun Manuwalii leenjii qopheessuu fi hojjatoota sekterichaatiif HIV/AIDS fi Deggersa fi kuunuunsa ilaalchiisee leenjii kennuu;

  • Dagaagina naamusaa fi farra-malaammaltummaa irratti hojjettoota biiroo, qondaaltota naamusaa fi oggantoota godinaalee fi bulchiinsa magaalotaaf marsaa lamaan leenjii kennuu;

  • Baajatni bara 2008 seektaroota hunda irratti sooftweerii IBEX keessa Adooleessa irraa kaasee akka galuu gochuun sooftweerii kanaan akka raawwatamuu leenjii hojii irraa keennuu

  • Hojjatoota biiroolee, magaaloota fi aanaalee, miseensoota maaneejimantii fi ekispartoota ol'aanaadhaaf haala ittiin fayyadama kompiitaraa ittiin fayyadama gabaasaalee softweerii IBEX, fayyadama Netiworki fi Intarneetii irratti leenjii keennuu

  • Hojjatoota Biiroo, Godinaa fi Aanaa/Magaalaatiif koorsota kompiitara bu'uraa (Basic Computer Courses) akka leenjii argatan taasisuu

  • Hojjatoota Biiroo fi Godinaatiif koorsota kompiitara giddu galeessaa (SPSS, Peachtree, MS Project, Adobe Photoshop & Page Maker) irratti leenjii kennuu

  • Hojjatoota IT Biiroo fi waajjira godinaalee maallaqaa fi misooma dinagdeetiif koorsota piroofeeshiinalii (Microsoft Certification, Cisco Certification, Programming, networking, Database Management, Office Machine Maintenance & Web page design) leenjii biyyaa keessa fi biyyaan alaa akka argatan haala mijeessuu


3.4.18. Hojiiwwan Dhimmoota Komnikeeshii

  • Milkaa'ina karoora keenyaatiin raawwatamuu qabnu hunda Qopheessuu

  • Karoora hojii Mootummaa dhimmamtoonni hundi akka hubatan taasisuu

  • Illachota gufachiisoo sirnaa fi karoora hojii misoomaa keenyaa ta'an adda baasun irratti hojjachuu fi ilaalchi biyyoolessaa akka uumamu tattaafachuu

  • Sochii fi Raawwii hojii misooma keenyaa yeroo yeroon dhimmamtoonni hundi akka beekan hojjachuu

  • Qorannaa haalaa keessaa fi alaa gaggeessuun akka galtee hojiitti itti fayyadamuun hojjachuu

  • Ergaa raggeessisuu (Agenda setting)-kaalaandara hojii fi kaalandara miidiyaa ifa ta'e baatii baatiin qopheessuun toora xiyyeeffannoo adda baafachuun irratti hoojjachuu

  • Miidiyaa monitoring" raawwachuu-haala jiru sakatta'uun dhimmoota deebii barbaadaniif deebii gahaa ta'e kennaa deemuu

  • Eventoota adda addaa qopheessun hojii kominikeeshinii raawwachuu

  • Deeggarsi hidha guddicha laga abbayaa cimee akka itti fufu hojjachuu





KUTAA AFUR: BOQONNAA XUMURAA

  1. Sirna Hordoffii, Deggersaa fi Gamaaggamaa

Sirna hordoffii fi gamaagamaa sadarkaa hundatti diriirsuun, hojiileen karoorfaman qulqulinaan yeroo taa’e keessatti hojjetamuu isaanii mirkaneessaa rakkoolee raawwii keessatti mul’atan hiikaa deemuun barbaachisaa ta’a. Kaayyoolee hordoffii fi gamaaggamaa; hojiin karoorfame akkaataa karoorfameen raawwatamuu fi akka karoorfametti kan hin raawwatamne yoo ta’e sababa isaa addaan baasanii furmaata kennuudha. Kana malees; bu’aa fi jijjiirama inni jireenya uummata keessatti fide xiinxaluuf gargaara. Sirni hordoffii fi deeggarsaa kunis tattaaffii godhamuun bu’aa kan fiduu danda’uu fi gara galmaa fi mul’ata Biiroon kaawwatetti kan geessu ta’u isaa sakata’uun mirkaneessuu qaba.

    1. Sirna Hordoffii fi Deeggersaa


Sirna hordoffii fi deeggarsaa diriirsuun karoora waggaa mana hojii keenyaa haala barbaadamuun hojitti hiikuu fi dhimmoota murtii oggansaa barbaachisu battalummatti dafee akka hiikatu taasisuuf hojimaata jiru kan si’eessudha. Kunis Hordoffiin itti fufiinsan kan gaggeeffamu ta’ee karoorrii waggaa haala karoorfameen raawwatamaa jirchuu isaa; itti Itti quufiinsa maammilaa dabaluuf tajaajilli kennamu bu’aa qabeessaa ta’u isaa fi ittifufiinsa qabachuu isaa sakkata’uun sirreessaa fi deeggaraa deemuu; haala baasii qusachuu danda’uun raawwatamu isaa fi qindoomina barbaadamuun hojjetamaa jiraachuu isaa kan ittii mirkaneessinuufi hanqinoota mul’ataniif atattamaan furmaata kan itti kenninuu dha. Haaluma kanaan:-


  • Daarektaroonni guyyaa guyyaan hordoffii fi deeggarsa gochuun hanqinoota mul’ataniif furmaata kennaa deemuu,

  • Sadarkaa Daarekteerotaatti adda durootaa fi daarekterootaan torban torbanin karooraa fi raawwii irratti gamaagama ni adeemsisu.

  • Raayyaa adda durootaatiin torban lama lamaan karooraa fi raawwii irratti gamaagama ni adeemsisu.

  • Gumii adda durootaatiin ji’a ji’aan karooraa fi raawwii irratti gamaagama ni adeemsisu.



    1. Sirna Gamaaggamaa


Gamaaggamni bu’aa irratti kan xiyyeeffatu ta’ee kaayyoon karoorichaa galma gahuu fi dhiissuu, hojiileen haala barbaadamaniin adeemaa jiraachuu isaanii, rakkoolee uummamanii fi hir’inaalee sirreeffamuu qaban addaan baasuun tarkaanfiilee sirreeffamaa fudhachuu, karoora kana raawwachuun jijjirama dinagdee fi hawwaassummaa argamee kan ittiin maddaallu ta’ee bu’aa gamaagamaa irratti hunda’ee sirreeffamni tarsiimmoo ni godhama. Gamaagamni akka biirootti:-

  • Sadarkaa daarektarotaatti hojetootni torban lama lamaan karooraa fi raawwii irratti gamaagama ni adeemsisu.

  • Manajimentiin sadarkaa biiroo, godinaalee, aanaalee, fi magaalotaa kurmaana kurmaanaan karooraa fi raawwii ni gamaaggamuu



    1. Sirna Gabaasaa


Raawwii sirna madaallii bu’aa karoora tarsiimoo BMMDO yeroo yeroodhaan (guyyaadhan, torbaniin, ji’an, kurmaanaa fi waggan) hoggantoota mana hojichaa sadarkaa sadarkaan jiraniif gabaasa dhiyeesuun barbaachisaa dha. Haaluma kanaan:

  • Gabasaa Raawwii Hojii Sadarkaa Aanaa/Bulchiinsa Magaalaatti jiinii seenuu hanga guyyaa 15tti godinaa qaqqabsiisuu

  • Sadarkaa Godinaatti jiini seenee hanga guyyaa 25 Naannoo qaqqabsiisuu

  • Sadarkaa Daarektatootaatti jiini seenee hanga guyyaa 25 biiroo qaqqabsiisuu

  • Sadarkaa hundattuu hojjetoota hunda waliin yoo xiqqaate waggaatti yeroo lama karooraa fi raawwii irratti mariin ni gaggeeffama.



    1. Sirna Duub-Deebii


Gabaasa raawwii hojii karoora yeroo yerodhaaan (ji’an, kurmanaa fi waggaan) dhiyaatu irratti hundaa’uun duub-deebii adeemsaalee hojii, garee fi raawwatootaaf kennuun idileefamee hojjetamuu qaba. Haalumaa kanaan ejensichi Adeemsaaleef mana hojichaaf gabaasa dhiyaatee fi gamaggama gaggeeffame irratti hundaa’uun dhimmoota fooyya`uu qabanii fi jajjabeefamuu qaban adda baasuun bareeffamaan duub-deebii ji’a ji’aa fi kumaana kurmanaan ni kenna. Adeemsaaleen mana hojichaas gabaasa fi gamaggama adeemsa isaani akkasumaas duubi-deebii kenname irratti hundaa’uun dhimmoota fooyya`uu qabanii fi jajjabeefamuu qaban adda baasuun bareeffamaan duub-deebii gareef torbeedhan, ji’a ji’aa fi kurmaana kurmanaan ni kenna.

  • Qaamni Sadarkaa sadarkaan jiru gabaasa hojii dhiyaatu irratti hanqinaa fi cimina hojii keessatti argamee addaan baasuun yeroo yeroon duub deebii kennuu.






Karoora bara 2008

Yüklə 268,99 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin