Boonsaa tahe hojjechaa ture



Yüklə 0,97 Mb.
səhifə1/13
tarix09.01.2019
ölçüsü0,97 Mb.
#94561
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13

  1. Seensa

Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannicha keessatti misooma ariifataa, itti fufiinsa qabuu fi ummatni naannichaa hundi sadarkaa sadarkaadhaan irraa fayyadamaa tahuu danda'u galmeessisuudhaaf tattaaffii gochuu erga jalqabee waggoottan kurnan lama lakkoofsisee jira. Hojiiwwan hanga ammaatti gama misoomaa, ijaarsa sirna dimokraasii fi nageenya mirkaneessuutiin hojjeteenis bu'aan galmeessifameefi jijjiiramni gama hundaan naannicha keessatti calaqqisaa jiru ragaa dha.

Mootummaan misoomawaa fi dimokraatawaan keenya gama misooma dinagdee hawaasummaatiin akkuma injifannoo galmeessisaa dhufee fi ammas galmeessisaa jiru hunda gama seenaa,afaan,aadaa fi artiin ummata Oromoo akka guddatuufis hojiiwwan boonsaa tahe hojjechaa ture , Ammas hojjechaa jira.Sabaafi sablammootni biyya keenyaa mirgaa fi faayidaa heera mootummaatiin akka argataniif mirkanaa'e hojiitti hiikudhaan akka biyyaatti bu'aan galmaayaa jiru akkuma jirutti tahee Mootummaan Naannoo Oromiyaas mirga ummanni oromoo heera mootummaatiin argate dhandhamuu akka danda'uuf hojiilee misoomaa biroo wajjin walcinaa irratti karoorfachuudhaan irratti hoojjechaa tureea. Akkasumas Seenaan, Afaan, aadaa fi artiin ummata Oromoo waggoottan dheeraadhaaf gadi qabamaa ture ifatti akka bahee beekkamuu fi faayidaa hawaas dinagdeetiif oolu hojjechaa tureera. Hojiiwwan gama hundaan baroota karooraa GT dura jiran keessattii hoojjetamanii fi bara KGT marsaa tokkooffaa keessa hojjetaman KGT Marsaa 2ffaa kanaaf Ka'umsa gaarii dha.

Hojiileen hanga ammaatti gama hundaan keessattuu gama seenaa,aadaa, afaanii fi artii oromoo guddisuudhaaf hojjetaman akka walii galaatti yoo ilaallu amma sadarkaa jalqabbiirra kan jiran malee hanga guddachuu qaban kan guddatan miti. keessattuu Godina keenya keessatti qabeenyi uumamaa fi nam tolchee hedduminaan qabnu kan misoomee hawwata turizimiitiif oludhaan guddina hawaas dinagdee Godinicha keessatti gahee guddaa taphachuu danda'u hanga ammaatti kan itti hin bu'amnee fi irratti hin hojjetamnee dha.

Kanaaf Karoora Guddinaafi Tiraansiformeshinii marsaa 2ffaa Waggoota Shanan dhufan keessa gama Afaan, Seenaa, Artii, Qabeenyoota Aadaafi Tuurizimii qorannoo raawwannaa Misoomaa, Hawwata Turistiifi qabeenya Hambaalee Misoomsuu, Kunuunsuufi itti fayyadama qabeenya Uumamaafi eegumsa Naannoo, dhaabbilee tajaajila Tuuristii kennan qulqullinaafi gahumsa isaanii guddisuuf akka karoora ijootti qabannee irratti hojjechuudhaan bu'aa gama kanaan ummanni keenya argachuu qabu akka argatuuf hojjechuu qabna. kanuma bu'ura godhachuudhaanis karoorri Guddinaa fi Tiraanisformeeshinii marsaa lammaffaa kuni haala armaan gadiitiin kan qophaa'e yoo tahu marii sadarkaadhaan irratti taasifamuunis akka gabbataa deemuu yaada keessa galchee jira.

  1. KGT 2ffaatiif Haalota Waliigalaa ka'uumsa tahan

    1. Toorrii fi Imaammanni Mootummaa Misoomawaa fi Dimokraatawaa keenya Bu'ura waa hundaa ti.

Akkuma beekkamu mootummaan keenya misoomawaa qofa osoo hin tahin dimokraatwaadhas. Biyya/Naannoo akka keenyaa sabaafi sablammootni hedduun keessatti argaman keessatti misooma saffisaa itti fufiinsa qabuu galmeessisuun ummata fayyadamaa taasisuun kan danda'amu karaa dimokraatawaa qofaan yoo deemame qofaa dha. Mootummaan keenya ganamuma uumama isaa irraa eegalee dhugaa kana kan hubate yoo tahu, karaa kanaan deemuu isaatiinis guddina addunyaan yeroo ammaa kana ajaa'ibsiifachaa jirtu kana galmeessisuu danda'ee jira. Guddina akka biyyaatti dhufe kanaafi ammas galmeeffamaa jiru kana keessatti gaheen Godina keenyaa olaanaa dha.

Biyya keenya keessatti qabsoo sabaafi sablammootni biyya keenyaa godhanii fi as keessatti ammoo kan ummata Oromoo yeroo ilaallu gaaffii guddaa kan ture gaafii dimokraasii fi misoomaa ti. gaaffiin misoomaa gaaffii dimokraasii irraa addatti bahee deebi'uu akka hin dandeenye mootummaan keenya dursee kan hubate tahuu irraa kan kahe amala isaatinis yoo ilaalle mootummaan keenya mootummoota addunyaa biroo irraa adda kan tahe kan qabuu dha. kana jechuun toorri keenya ifatti toora misoomawaa qofaa osoo hin taane dimokraatwaadhas. karaa kanaan deemuu keenyaan biyya/naannoo keenya keessattis gama misoomaatiin qofaa osoo hin taane gama dimokraasistiiniis injifannoo argannee har'a ummanni Oromoo mirga afaan, seenaa, aadaa isaa dagaagfachuu fi guddifachuu argatee jira. Toorri niyoolibiraalizimii walqixxummaa mirga sabaafi sablammootaa kan hin kennine mirga dhuunfaatiif dursa kan kennuu fi kunis qabatamaan haala keenya wajjin kan hin deemnee fi sirna dinagdeetiinis yoo ilaalle haala keenya wajjin deemuu qofaa osoo hin taane isaanumaaniyyuu balaa irraan gahaa akka jiru haalli qabatama isaaniituu kan ibsuu dha.

Walumaagalatti waa'ee guddina seenaa,aadaa,afaanii, artii fi gama guddina tuurizimiitiin bu'aa buusudhaan hawaasa keenya fayyadamaa taasifna yeroo jennu fi KGT marsaa lammaafaa yeroo karoorfannu dhimmoottan kana yaada keessa galchinee kan ilaaluu qabnuu fi guddina gama kanaan eegnufis haalli toora keenyaa yaada keessa kan galee dha.

2.2. Mul'antni Yeroo Giddu galeessaa fi Yeroo Dheeraa Keessatti Akka Biyyaa/Oromiyaatti Qabnu KGT 2ffadhaaf Ka'umsa isa birooti.

Naannoon keenya toora sirrii Naannoo kana jijjiiruu danda'u baafachuudhaan hojii keessa erga galee waggoottan muraasa lakkoofsifnee jirra. Deemsa hanga ammaatti deemameenis akka Biyyaafi Naannottis ka'umsi gama hundaan irraa kaanee fi yeroo gabaabaa fi dheeraa keessatti eessa gahuudhaaf akka hojjennu ifatti taa'ee irratti hojjetamaa jira. KGT marsaa tokkoffaa karoorfamee fi raawwatamaa tures qaama karoora kanaa ti.Kana irraa kaanee akka Godinaatti waa'ee karoora guddinaafi tiraansformeeshinii marsaa lammaffaa yeroo karoorfachuudhaaf yaannu ka'umsi keenya guddaan waggoottan kurnan keessatti biyyi keenya gara biyyoota galii giddugaleessaatti guddachuudhaaf tumsa taasifamaa jiru keessatti hojiin gama aadaa fi turizimiitiin hojjetamu karaa guddina kanaaf galtee tahuudhaan guddinicha gama dinagdeefi hawaasummaatiin jalqabame itti saffisiisuu danda'uuni fi yeroo kaa'ame keessatti karaa milkeessuu danda'uun yaadamee kan karoorfamee dha. kana jechuunis biyyi keenya akka biyyaatti bara 2017 tti biyyoota galii giddu galeessaa qabanii gahuudhaaf karoorfattee jirti jechuu dha.

Gama biraatiin guddina Aadaafi Tuurizimii keessatti biyyi keenya waggottan dhufan keessa biyyoota Afriikaa 10 keessaa ga'úmsa Tuuristiin biyyoota Shanan keessaa tokko ta'úuf ergama fi muláta qabachuun hojjatamaa jira. Mul’ata kana galmaan gahu keessattis Godinni keenya qooda guddaa qabdi.

Galma akka biyyaatti qabame kana mirkaneessudhaaf gaheen Godina keenyaa gama AT tiin yeroo ilaallamu eessa irra gahuu akka qabnu ifaan kan kaa'ee fi hojiiwwan kana milkeessudhaafis wantootni raawwataman maal fa'a akka tahe ifaan kan kaa'ee waan taheef hojiin hojjennu hundi galma kana karaa gahuu danda'uun kan karoorfaman qofaa osoo hin taane miirri karoorri keenya hundi waaggoottan shanan itti aanu keessa ittiin raawwatamuu qabus kanuma karaa milkeessuu danda'uun tahuutu isa irra jiraata. Kanaaf akka Godina keenyaattii gama AT tiin hojiilee hojjennu hundaaf mul'anni akka biyyaa/ Naannootti jiru ka'uumsa isa tokkoo fi bira darbamuu hin qabne tahee fudhatamee jira.

2.3. Imaammataa fi Tarsiimoo Aadaa fi Tuurizimii

Akka biyyaa fi naannoo keenyaattis imaammataa fi tarsiimoo ifa tahe kan toora keenya irraa waraabamu gama misooma dinagdeetiin akkasumas gama seektaroota birootiin kan qabnu yoo tahu imaammatootni kanneenis qabatamaan hojiirra olanii bu'aa buusuun isaaniis mirkanaa'ee jira. Akka Ministeera AT Federaalaatti toora misoomawaa fi dimokraatawaa akka biyyaatti kaa'ame irraa ka'uudhaan imaammata aadaa bara 1990kan misooma tuurizimii kan biyyaaleessaa Hagayya bara 2001 bahee jira. Akkuma imaammata kana irratti ifaan taa'eetti mul'anni imaammta kanaa misoomni tuurizimii kallattii hiyuummaa hir'isuutiin xiyyeeffannaan itti kennamee karaa itti fufiinsa qabuun hoogganamuudhaan guddina biyyaa keessaatti gahee isaa bahee arguu yoo tahu kaayyoon isaa inni guddaanis, Misoomni tuurizimii biyya keenyaa industirii turizimii akka addunyaatti jiru keessatti itti fufiinsaan dorgomaa tahuudhaan keessattuu ammoo biyyi keenya biyyoottan Afrikaa jiran keessaa iddoo ga'umsa tuuristiitiin filatamtuu akka taatuu fi faayidaa dinagdee kallattii fi al kallattiidhaan jiran guddisuudhaan fayyadamummaa biyya keenyaa gama hundaan jiru mirkaneessuu, Sharafa biyya alaa argamsiisudhaanfi qusachuudhaan guddina dinagdee biyya keenyaa wajjin walitti hidhamiinsa kan qabu industirii tuurizimii ijaarudhaaf, ummata naannoo hawwata tuurizimiitti argamaniif carraa hojii bal'aa uumudhaan galii achi irraa argamus bali'sudhaniifi hojiirra olchudhaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuufi akkasumas hirmaannaa ummataa misooma tuurizimii keessatti mirkaneessudhaaf. Misoomni industirii ijaarramu karaa fuula gaarii biyya keenyaa ijaaruun, itti fufiinsa karaa qabuun misooma seektarichaa karaa mirkaneessuu danda'uun, karaa haala jireenyaa hawaasaa fi aadaa isaatti osoo hin bu'in akkasumas qabeenya uumammaatti hin buuneen gaggeeffamuu akka qabu fi seektaricha keessatti hanqinaalee gama dandeetti fi dhiyeessa tajaajilaatiin jiru karaa furuu itti danda'uutinii fi turmaata tuuristootaa dheeressuu danda'uun akkasumas dhaabbileewwan tajaajila kennan humna isaanii yeroodhaa gara yerootti industirii cimsuu danda'u ijaaruu dha.

Akka waliigalaatti mul'ataa fi kaayyolee armaan olitti tarreeffaman kana yoo ilaalle KGT marsaa lammaffaa keessatti xiyyeeffannaa kenninee karaa kaayyooleen kuni milkaa'udhaan bu'aa akka biyyaa,naannoofi Godinaatti eeggamu buusuu danda'uun xiyyeeffanaadhaan karoorsuu qabna. bu'uruma kanaan imaammanni akka biyyaatti gama misooma turizimiitiin jiru kuni KGT marsaa 2ffaa keenyatiif ka'uumsa tahee fudhatamuu nidanda'a.

2.4. Komiiwwanii fi Fedhii ummatni Seektaricha irraa qabu akka ka'umsaatti

Bara KGT marsaa tokkoffaa keessattii fi sanaan duras akka Seektarichaatti hojiiwwan gama Afaan Oromootiin, Qormaata Afoola Oromoofi Qormaata galmee jechoota Afaan Oromoo hojjetamee jira. Gama Seenaatiin, Seenaa ummata Oromoo Godinichaa awwaallamee ture ifatti baasuun akka barreeffamuu fi beekkamu taasisudhaafis Qorannoo gaggeessuudhaan bu'aan qorannichaas uummata bira akka ga'uuf BATOf ergamee jira. Hanbaaletam Godinichaa keessatti argaman kunuunfamanii dhaloota dhufuuf akka darbaniif Aanaaleen Godina keenyaa hundi Gadambaa akka qabaatan akkasumas Hambaaleen Godina keenya bakka bu'uun haala jiruufi jireenya uumma Oromoo Godinichaa ibsuu danda'an g/gala Aadaa Oromootti akka galan taasifamee jira.

Haata'u malee dhiibbaa fi hacuuccaa akka sabaatti ummata Oromoo irra ture irraa kahee yeroo madaallu yeroo gabaabaa kana keessatti hojiileen hojjetaman kan hin tuffatamnee yoo ta'eeyyuu iddoo gahuu qabnuu fi fedhii fi dheebuu ummanni Oromoo guddina gama afaanii,seenaa,aadaa fi artiitiitiin qabu guutuu hin dandeenye .Kuni ammoo ummanni keenya komii fi gaaffilee adda addaa akka nu irratti kaasuuf carraa banee jira.

Gaaffii fi komiin ummanni Oromoo mootummaa irraatti gama seektara keenyaatiin kaasuu maddi isaa hawwii fi dheebuu misooma aadaa fi tuurizimii akka Godinichaatti dhufuu qabu kan bu'ureeffateefi gaaffii sirrii fi deebi'uu qabuu dha. kanaafuu, komiiwwan gama misooma ardaalee jilaa, guddinaa fi babal'ina gama sona aadaa fi kkf jiru gadi fageenyaan qoratamee sadarkaa sadarkaadhaan karaa hirmaannaa ummataa mirkaneesseen deebii argachaa deemuu qaba. kanaaf isaan kunis haala qabatama Godinichaa tiin Aanaaleen addaan bahanii KGTmarsaa lammaffaa kana keessatti akka ka'umsa karoora keenyaatti qabatamanii irratti karoorfamuun kan hojjetamu ta'a. Keessattuu barri KGT inni 2ffaan kuni yeroo ummanni Godinichaa dhaaba keenya sagalee olaanaadhaan filee amantaa isaa karaa guutuu taheen mootummaa keenyaaf kennetti kan karoorfamu waan taheef xiyyeeffannaan addaa itti kennamee akka seektara keenyaatti karaa dheebuu fi hawwii isaanii kana deebisuu danda'uun kan karoorfamu taha.


    1. Godinicha keessatti Gama Aadaa fi Turizimiitiin guddina galmeessisuuf carraa jiru akka ka'umsaatti

Godinni Wallaggaa Bahaa qabeenya aadaa fi tuurizimii Hedduminaan jiru gadi fageenyaan qorachuun, misoomsuu fi faayidaa ummatichaatiif yoo oolchuu dandeenye guddina dinagdee Godinichaa keessattis gahee guddaa taphachuu danda’u hedduu qabdi. Aanaaleen Godina keenyaa hunda keessatti qabeenya aadaa fi uumamaa miira namaatti tolan kana osoo haalaan irratti hojjetamee hawwata tuurizimiitiif ooluu danda'u hedduutu jira. haa tahu malee, hanga ammaatti qabeenya Godinni keenya gama kanaan qabdu (potential) sirriitti qoratamee adda bahee hin beekkamu kanaaf hojiin qabeenya qabnu beekuu ykn qorachuu xiyyeeffannaa addaatiin hojjetamuu qaba. qoratamuun mataan isaa galma waan hin taaneef misoomee hojiin bebbeeksisuu ykn piromoshinii balinaan biyya keessaa fi alaattis maloota adda adaa piromoshinitiin fayyadamanee hojjetamuun dirqama taha. karoora keenya bara KGT 2ffaa keessattis hojiin kun hojii guddaa fi haala ofii beekanii kana ka'umsa godhachuudhaan karoorfachuu haala Aanaalee keenyatiin adda bahee kan irratti hojjetamu taha.

    1. Ka'umsaa fi Raawwii KGT 1ffaa (2003 – 2007) akka ka'umsa KGT 2ffaati.

Bulchiinsa Mootumma Naannoo Oromiyaa keessatti angoo biiroo argachuun kan hundeeffaman keessaa BATO isa tokkodha.Seektarii aadaafi tuurizimii seektaroota diinagdeefi hawaasummaa naannoo keenyaa keessaa isa tokko ta’ee hojiiwwaan misooma dinagdeefi hawaasummaa naannoo keenyatti gaggeeffama turee fi ammas gaggeeffamaa jiru keessatti gahe guddaa bahachaa kan tureefi ammas bahaa kan jiru gama guddinaafi babal’ina afaan, seenaa, aadaafi artii ummata Oromoo dagaagsuufi qabeenya tuurizimii umamaafi nam-tolchee misoomsuufi kunuunsuun hojii bal’ina qaban raawwachaa tureera.

Hojiiwwan akka biirootti labsiidhaan kennameef hojii irra olchudhaafis riiformiiwwan tajaajila mootummaa ariifachiisanii fi akka mootummaatti qoratamanii hojiirra akka olaniif taa'an kanneen akka jijjiirama bu'uraa adeemsa hojii (JBAH), sirna madaallii bu'aa karoora tarsiimo'aa (SMBKT), Ijaarsa raayyaa jijjiiramaa,Chaartarii lammiilee fi kkf hojiirra olchuudhaaf tattaaffiin taasifamee jira. Bu'aan gama kanaan galmeeffameefi jijjiiramni akka seektarichaatti galmaa'es jajjabeessaa dha jedhamee fudhatamuu kan danda'uu dha. Kanaan alattis seektara keeenya keessatti dhimmootni seektaara hundaa kanneen akka korniyaa idileessuu,HIV/AIDs dargaggoo fi dagaagina naamusaa xiyyeeffannaadhaan hojjechuudhaaf tattaaffii godhameen hojiiwwan hedduun hojjetamanii jiru. Hojiiwwan kanas tokko tokkoon ka'umsaa fi raawwii bara 2007 irra geenye haala armaan gadiitiin ilaaluun ni danda'ama.



      1. Gama Qorannoo Afaaniitiin

Afaan Oromoo; Afaan hojii, barnootaa, ogbarruu , saayinsiifi teeknoloojii gochuu galma jedhuu milkeessuuf hojiiwwan qorannoofi qo’annoo adda addaa caasaa sadarkaan jiruutiin akkasumas qindoomina dhaabbilee barnootaa olaanaa fi qoratoota dhuunfaa waliin hojiin bal’aanaan hojjatama tureera. Hojiiwwan karoorfaman kana milkeessuuf manneen hojii adda addaa gahee qaban fi dhaabbiilee Barnootaa olaanaa fikoollajjootaa jalqabe hanga manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa naannoo keenyaa keessatti gumileen guddinaafi dagaagina afaan Oromootiif hundeeffan waliiniis qindoominaan hojiileen bal’dhina qabu hojjatameera.

Raawwii hojiiwwann gurguddoon hojjataman ilaalchisee;



  • Afoola Oromoo akaakuu adda addaarrattii qorannoo gaggeessuun jildiidhaan walitti qabuu, qindeessuufi jildeessuu ilaalchiisee bara 2003hanga bara 2007tti jildii 68 karoorfamee 59 jildaa’ee jira. Kunis karoora waggaa shanii irraa %86.7 ta’a.

  • Ragaalee Galmee Jechoota Afaan Oromoo bara 2003 - 2007tti lakkoofsaan 4,700 walittii qabuuf karoorfamee keessaa jachoota 3985 walittii qabamee jira. kunis Karoora waggaa shan irraa % 84.7 dha.

  • Akkaadaamii Afaan Oromoo hojiilee qorannoo fi qu’annoo afaanii sadarkaa olaanaattii ceesisuuf sad.BATOtti hundaa'ee jiruuf BATO waliin hojiiwwan haal duree mijeessuu hojjecuuf karoorfamee bara 2003-2007tti hambaawwan Godina keenya ibsan 200 walitti qabuuf karoorfamee 183 yoo raawwatu (%91.5) ta'a.

  • Dogoggora barreeffama Afaan Oromoo( qubee barreessuu, caaseeffamaa afaanii) fi kkf. irratti Aanaalee keenya keessatti mul’atan 1470 qorannoo gaggeessuun adda baasuun fi akka sirreeffaman taasisuuf karoorfamee 1167 yoo raawwatu %n 79.38 ta'a.

  • Kora Afaan Oromoo gaggeessuu ilaalchise 2003 hanga bara 2007tti yeroo 5 sad.BATOtti gaggeessuuf karoorfame irrattii hirmaachuun marii gaggeessuun karoorfamee yaroo 4 hirmaachuun danda’ameera. Kunis karoora waggaa shanii iraa immoo % 80 ni ta’aa.

      1. Qorannoo Seenaa Oromoo

Qorannoo Seenaa Uummata Oromoo ogeessootaa Sadarkaa Godinaattii jiran, caasaa sadarkaan jiran fi uummata hirmaachisuun gaggeeffamaa tureera. Dabalataan ogeessoota kanaan qorannoo seenaa gaggaabaabaan iddoowwan seenaa qabeessaa ta’anii fi naamoota beekamoo, ardoota jilaa, magaalota aanaalee gaggeeffamaa turera. Sochii kana keessattii hayyoota dhaabbiilee barnootaa ol’aanaatiinis hojiiwwan gorsa kennuu fi qorannoo gama isaaniitiin gaggeeffame hammachiisuutiin hirmaachisuuf yaalamee jira.

Hojiilee gurguddoon gama kanaan raawwataman ilaalchisee;



  • Mataduree Seenaa Oromoo hanga Jaarraa 20ffaatti jedhurrattii bara 2003 irraa eegalee hanga 2007 qorannoo fi qu’annoo gaggeeffame irratti hirmaachuuf karoorfamee hirmaachuun danda'ameera %n 100

  • Mataduree Seenaafi Sirna Gadaa Oromoo Maccaa jedhurrattiis bara 2003 irraa eegalee hanga 2007 qorannoo gaggeessuun BATOf dabarsuuf karoorfamee haaluma karoorfamee raawwateera .

  • Qormaata Seenaa gaggabaabaa iddoowwan seenaa qabeessaa ta'an, seenaa namoota beekamoo , Ardoota jilafi magaaloota aanaalee qorachu ilaalchiisee bara 2003- 2007ttii walumaagallattii qorannoo 20 gaggeessuuf karoorfamee 25yoo raawwatu %n 125 ta'a .

  • Qorannoowwan gaggabaabaan gaggeeffamaa turee kuniis sirna kabajaa ayyaanootaa irreechaa, Guyyaa Tuurizimii Addunyaa fi kkf. Irrattii maxxansaa adda addaatiin ummata bira akka gahanii gochuun danda’amee jira. Dhaabbiilee sabqunnamtiiniis hojiin ummata barsiisuu raawwaatamee jira.

      1. Qorannoo Artii Oromoo

  • Qabiyyeefi bifiyyee sirboota Aadaa Oromoo Wallaggaa ilaalchisee bara 2003- 2007tti 34 qorachuuf karoorfamee 24 rawwatmee jira. Kunis karoora waggaa shanii irraa % 70.5 ta’a.

  • Namoota ogummaa artii irratti dandeetti addaa qaban addaan baasuun galmeessuu,leenjii gaggabaabaa akka argatan, sagaantaa daddaraaroon irrattii hirmaachisuu ilaalchisee bara 2003- 2007tti namoota 55 adda baasuun galmeessuun leenjii gaggabaabaa kennuuf karoorfamee 47 raawwatamee jira.Kunis karoora waggaa shanii iraa %85.45 ta’a.



      1. Qorannoo qabeenyaa Aadaa fi uumamaa (Applied Research)

Hambaalee qabatamaa hin taane sirna gadaa, sirna waaqeeffanna, sirnoota amantaalee uummata Oromo hirmaachiisaa turaniifi guddina hawaasummaa uummata Oromootiin wal-qabatan cimsuurraatti hojjatamaa tureera . Hambaalee qabatamoo aadaafi seenaa Oromoo keessatti bakka ol’aanaa qaban qorachuu, misoomsuufi kunuunsuun dhaloota haaraatti akka darbaan gochuu, akkasumas iddoowwaan hawwataa Godina keenyaa akka dabalaan taasisuuf bal’inaan kan hojjatameefi ammas kan hojjatamaa jiru dha.



  • Hambaalee aadaafi umamaa hawwata tuurisitii akka Godinaatti galmaa’an ilaalchisee 2003- 2007tti 80 galmeessuuf karoorfamee 67 galmeeffamee jira .Kunis karoora waggaa shanii iraa % 83.75 ta’a.

  • Hambaale Godambaa Wallaggaa keessatti argaman 1500 ibsa ga'aa waliin qopheessuuf karoorfame 1200 raawwatamee jira. Kunis ta’uu karoora waggaa shanii iraa % 80 raawwatee jira.

  • Hambaawwan kiliyaa (intangible cultural heritage) ta’an Qorachufi galmeessu ilaalchisee,2003- 2007tti 12 Qorachuufi galmeessuuf kan karoorfame yoo ta’u 10 raawwatamee jira.Kunis karoora waggaa shanii irraa immoo %83.3 ta’a.

  • Qorannoo beekumsa aadaa Xabboo (indigenous knowledge) fuudhaa fi heerumaa, nyaata aada, uffanaa fi faaya, sirna gadaa, sirna gumaa, sirna facaasa, sirna ateete, siinqee, sirna daboo/hojii gamtaa, adda addaa ilaalchisee 2003- 2007tti 8 qorachuuf karoorfame 6 raawwatamee jira. Raawwiin isaas karoora waggaa shanii iraa immoo %75 ta’a.

  • Hambaawwan uumamaafi aadaa adda baasuun poteenshalaa guddina tuurizimiif qaban irraatti dokumeentii qopheessu ilaalchisee2003- 2007tti dokumeentii 5 qorachuuf karoorfame 5 raawwatamee jira. Raawwiin isaas % 100 karoora waggaa shanii iraa immoo % 100 ta’a.

  • Godahambaa haaraa gidduugaleessaa Oromiyatti hundeeffame keessattii hambaalee aadaa Godina keenya ibsan 2003- 2007tti 200 walitti qabuuf karoorfamee 183 raawwateera kunis %n 91.5 ta'a .



      1. Misoomaa qabeenyaa aadaa fi turizimii ilaalchisee;

Hojileen misooma bu’uuralee tajaajila tuurizimii ilaalchisee hambaalee qabatamoo tajaajila hawaasaafi qaamoolee ilaaluun wajjin walta’insaan hojjatamaa kan ture yoo ta’uu, misoomni tuurizimii Aanaalee Godina keenyaa keessatti geggeefamaa tureera. Kanneen keessaa:

  • Fayyadamummaa dubartootafi dargaggoota sektera aadaafi turizimii guddisuuf waldaan ijaaruun carraa hojii uumuu ilaalchisee 2003-2007tti hoji dhabeeyyi 12,190 carraa hojii uumuuf karoorfamee,carraa hojii 5,764 uumamee jira.Kuniis karoora waggaa shanii irraa % 47.2 ta’a.

  • Hojiin Suphaa Godambaa Wallaggaa Projaktii bara kana gaggeessuuf turre keessaa tokkoo yoo ta’uu hojiin kun sababii dhabiinsa baajetaatiin hin gaggeeffamiin turullee bara kana (2007 ) deeggarsa baajeta Gamtaa Awurooppaa (EU) BATO irraa argameen eegalamee jira .

  • Hojiiwwan misoomaa,kunuunsaa fi eegumsaa hojjachuun hawwattoota filataman 10 irrattii hojiilee akka bu’ura misoomaa, fi tajaajilaa adda addaa babllisuu qindoominaa qaamootaa adda addaa waliin hojjachuuf karoorfamee haalaa qindoomeen ta’uu baatullee 6 yoo raawwatu % 60 ta'a .

  • Hawwattootaa akka bishaan ho'aa qaxqaxoo kanneen biraas sagantaa daandii baadiyyaa waliin gahuu keessatti hammatamuun daandiin akka galu ta’ee jira.

  • Hawwattootaa kan akka holqa gadaa gilindee,fi kan biraas hojiiliiwwan lafa hambaalee kanaa daangeessuun raawwatee jira .

  • Hojiiwwan hoggansa qindoomaa uumuun hawwattootaa keenya iddoo gahumsaa daawwannaa gochuu kun jijjiirama bu’uraa fiduun akka raawwatamuu gochuuf Mannii Marii Tiraansfoormeeshinaa sadarkaa Godinaattii hundeeffamuun sad.Godinaafi Aanaalee tti hundeeffameera.




      1. Hojii Deeggarsaa ogumaafi mirkaneessaa gahuumsa dhaabbilee Aadaa fi Tuuriizimii

  • Hoteelota, dhaabbilee aadaafi tuurizimii kan birootiif leenjii leenjistoota daanbiiwwan, keessumeessaa fi kkf ilaalchisee 2003- 2007tti 170 kennuuf karoorfamee 155f kennamee jira.Kunis Karoora waggoottan shaniif qabamee keessaa % 91 ta’a.

  • Hoteelotaafi dhaabbiile tajaajila tuuristiif qulqulinaafi keessumeessa irraatti hubaanna bu’uura kennuu ilaalchisee 2003- 2007tti 803 kennuuf karoorfamee 529 raawwatamee jira.Karoora waggootan shaniif qabamee keessaa % 65.8 ta’a.

  • Dhaabbilee tajaajila kennan (hoteelota, loojiwwan, pensiyoona, manaciree) faanaa bu’uun deeggaruu,hordofuufi to’achuun kan hanqina qaban sirreessuu2003- 2007tti 672 karoorfamee 419 raawwatee jira. Karoora waggootan shaniif qabamee keessaa % 62.3 ta’a.

  • Heyyama gahumsa ogummaa haala dambii fi qajeelfamaatiin dhaabbileef kennuu ilaalchisee 2003- 2007tti 672 kennuuf karoorfamee 419 kan kenname yoo ta’u.Karoora waggootan shaniif qabamee irraa % 62.3 ta’a.

  • Daddararroo Oromiyaa naannolee oromiyaa hunda keessa deemuun dargaggoota artii irratti dandeettii qabaniin dorgomsiisuu ilaalchisee 2003- 2007tti dorgomtoota 150 adda baasuun claluuf karoorfamee 120 raawwatamee jira.Karoora waggootan shaniif qabamee irraa % 80 ta’a.



      1. Promooshinii Qabeenya Aadaa fi Turizimii

  • Tamsaasa Odeeffannoofi ragaalee qabeenyaa aadaafi tuurizimii ilaalchisee2003- 2007tti 81 karoorfamee,120 raawwatamee jira.Kuniis % 148 ta’a.

  • Kabaja Ayyaanoota ummataa gurgurdoofi beekamoo haala gaariin akkka kabajaman qiindeessuu carraa kanaan qabeenya Aadaafi tuurizimii Godina keenyaa bal’inaan beeksiisuu ilaalchisee 2003- 2007tti Ayaanota (events) 30 kabajuuf karoorfamee 35 raawwatamee jira. Kunis karoora waggaa shanii irra % 116.6 ta’a.

  • Qabeenya Aadaafi Tuurizimii beekamoo Godinaa irraatti Biroosheroota, Postaroota, Baanerii kkf qopheessuufi Uummataaf raabsuu ilaalchisee bara 2003- 2007tti gosa maxaansaalee 3 kooppii 15,000 karoorfamee Koppii 13,000 raawwatee jira. Kunis karoora waggaa shanii irraa % 86.67 ta’a.

  • Igzibiishinii qabeenya Aadaa fi tuurizimii Godinichaa ibsu gaggeessuun Qabeenya Aadaa fi tuurizimii Godina keenyaa bal’inaan beeksisuu ilaalchisee 2003- 2007tti 5 karoorfame kana keessaa 4 yoo raawwatu %n 80 ta'a.

  • Dhangala’iinsa turiistii guddiisuu ilaalchisee bara 2003- 2007tti turiistoota 150,000n ga’uuf karoorfamee 127,452 ga’ee jira. Kunis karoora waggaa shanii irraa % 84.9 ta’a.

  • Galii daawwannaa irraa dinagdee naannoo keessatti gale ilaalchisee bara 2003- 2007tti galii turiistoota irraa Qarshii 209,623 walitti qabuuf karoorfamee,186,460 raawwatee jira. kunis karoora waggaa shanii irraa %88.9 ta’a.

Hojiiwwan armaan olitti kaayaman haa hojjetamaniiyyu malee seektaricha keessatti kanaan olitii hojjechuudhaan bu'aawwan akka seektarichaatti galmaayan kana caalaatti guddisuun ni danda'ama. haa tahu malee hanqinaalee gaggeessummaa wajjin wal qabatan kanneen haala beekanii karoorsuu dadhabuu, karoora qulqulluu kan hirmaannaan qaamolee misoomaa sadeen keessatti hirmaatananii fi ragaa qulqulluudhaan deeggarameen karoorsuu fi karooruma karoorfamees qajeeltoo hojii guyya guyyaa taasisanii itti fayyadamuu irratti hanqinni kan jiru ta'uu, gama ilaalchaatinis yeroo ilaallu hojii keenya hunda karaa raayyaa jijjiiramaa siviil sarvisitiin hojjechuu akka qabnu kanaan alattis riiformiiwwan biroo tajaajila mootummaa ariifachiisan guutummaatti hojiirra olchuudhaan seektaricha keessatti bu'aa galmeessisuu qabna jedhamee yoo taa'ees gaggeessaan olaanaan seektaricha gaggeessu irraa eegalee hanga raawwataa tokko tokkootti dhimma kana amantaa guutudhaan waan hin fudhanneef gaafa raawwii keessa galamu akkaataa taa'ee fi jedhameen raawwatamuu hin dandeenye. Kuni kanumaan osoo jiruu seektarichi mootummaadhaan xiyyeeffannaa hin argannee seektara mootummaan gate jechuudhaan hojii mana hojichaa xiiqiifi gara kuteenyaan hojjechuu irra callisanii ilaaluu, qabsoo laaffisuun rakkoo guddaa kan turee fi gara fuula duraattis xiyyeeffannaa kan barbaadu tahee ifatti bahee jira.Gama dhiyeessitiinis yoo ilaalle seektaricha keessatti hojiilee mana hojichaa guutummaatti hojiirra olchudhaaf hanqinni loojestikii fi ogeessa ga'umsa qabuu dhibuun rakkoo guddaa dha.

walumaagalatti akka Godinaatti haala waajjirichaa yeroo ilaallu ammas hanqinaaleen gama ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeessiiitiin keessa hin ceenee fi KGT lammaffaa keessatti xiyyeeffannaa barbaadan akka jiran ilaalamuu kan qabanii fi kunumtis adda bahee xiinxallaa haalaa gabateedhaan karoora kana keessatti taa'e irratti ifaan kan taa'e waan taheef qabsoo finiinaa fi itti fufiinsaan hiikuu akka qabnu kan mul'isuu dha.



    1. Haala raawwii Ka’umsa Sirna Madaallii Bu’aa Tarsimo'aa

Addunyaan ammaa jaarraa teeknoloojiin hedduu ammayya’aa deemaa jiru keessa jirachuu isheetiin sochii dorgommii dinagdee kallatti adda addaatiin taasifamuu injifannoon keessaa hulluquuf karoora hirmmaachiisummaafi itti gaafatamummaa hordofsisuu qopheeffatanii raawwachuu, sagantaan madaaluufi argama raawwii irraatti sirreeffama fudhachuun wal gaafachiisaa miti.

Jijjirama addunya yeroo amma keessatti ergama dhaabbataniif beekanii ittiin qajeelfamuu dhabuu ciina ergama isaanii milkeessuudhaan itti quufiinsa tajaajilamtootaa mirkaneessuuf fedhiin of-kennanii hojjachuu xiqqaa ta’uun rakkoo jaarmiyalee isa ijooti.

Rakkoolee quunnamaniin kamiin iyyuu moo’aachuuf immoo bu’aawwaan guyyaa guyyaan galmaa’an sirritti safaruu, madaaluufi yeroon sirreessa deemuun dhimma xiyyeefannoo argachuu qabu dha.

Sochii dinagdeefi teeknoloojii aritiin jijjiramaa jiru wajjin wal-simuu, fedhiin guddina dhaabbilee guutuu ta’eefi kenninsa tajaajilaa kan qajeelchuu danda’u sirni madaallii bu’aarraatti xiyyeeffatee qabatamaan qoratanii diriirsuudhaan hojiirraa olchuun dirqama ta’a.

Dhaabbileen rakkoo hojii keessatti qunnamaniin gamaaggamuudhaan akka furmaatatti sirna madaallii bu’aa tarsimoo/SMBT/ kan eegalan ta’u illee, dandeettii qabatamaan hin mullatne /intangible assets/ gabbisani walsimsisanii sochoosuun kan isan irraa eegamu dha.

Madaalliin isaan gaggeessa turaniis kallatti faaynaansii qofa irraatti waan tureef, hojiiwwaan bu’a fidan kan biro itti quufiinsa maamilaa, adeemsa hojii keessa fooyyeessuufi dandeetti raawwachiisuma cimsuu of-keessatti hamachuu dhabuu isaatiin bu’aalee eegaman argamsiisuu hin dandeenye.

Rakkoolee hojii gama hundaan mulataan kana furuuf bara 1990 ALA sirni madaalli bu’aa tarsimoo qoratame hojiirra oluu eegaleera. Faayidalee BSC jalqaba xiyyeeffanno itti laatameefi sirna madaalli raawwii hojii ciinatti hojiirra oolmaafi ijaarsa tarsimoo haaratiin gumaacha qabachuu hojiilee guyyaa guyyaan adeemsalee hojii garee fi namadhunfaa waliitti hidhanii itti fayyadamuu, caalmaatis humna hoggansaafi qunnamti ta’un hojjachuu danda’uu dha.

Mootummaan tarsimoofi imaamata misooma sirna dimookrasiifi bulchiinsa gaarii qophaa’an galmaan ga’uun uummata daran fayyadama taasisuudhaaf, sagantalee rifoormii adda aadda JBHA, PBG, caasaa biiroo qorachuun hojiirra ooluu eegalame akkataa sektara aadaafi tuurizimiitti qabatamaan gubba hanga dakaatti hojiitti jijjiiruuf adeemameefi ammas adeemamaa jiru jajjabeessadha.Ta’us ciminaan dhimma hojjatamu qabu dha.

Sirni madaalli duraan bahanii turan caalmaansanii raawwiin hojii haala gurmaa’een akka qabamu kan nama hin taasifne, bu’aa seektara qofa malee akka waliigalaatti /biyyaatti ilaaluu kan hin dandeessifne, sochiiwwan hojii taarsiimoo wajjin wal-qabatee ciccitinsa malee akka deemu kan hin gonee, hoggantoonis adeemsa hojiif xiyyeeffannaa akka itti laatanu kan hin dirqisiifnefi sirna too’annoo kan hin qabanedha. Madaalliin taasifamaa tures namarraatti malee hojii kan giddu galeessa godhate hin turre.

Kanaafuu, hanqinoota gangalataa dhufan furuufi hojiirra olmaa raawwii tarsimoo seektarri aadaafi tuurizimii qaamoolee ilaallatu mara waliin waliitti hidhamuun qajeelchuufi haala itti fuufiinsa qabuun jijjiirama argamsiisuuf sirna madaallii bu’aarraatti xiyyeeffate diriirsuun murteessa akka ta’ee amantaadhaan fudhachuudhaan hojii keessa kan seename dha. Kana irraa ka'uudhaan jijjiirama qabatamaa galmeessesisuudhaaf hojii akka waajjiraatti hojjetame yeroo ilaallu akkuma waliigalaatti jijjiiramni barbaadamu kan hin dhufneefi madaalliin gaggeeffamaa jiruufi bu'aan argamaa jirus karaa baratameen deemuu irraa kan adda hin baaneefi jijjiiramni amalaa gaggeessaa seektarichaa irraa eegalee hanga ogeessa hundaatti kan bu'ura irraa hin dhufneefii KGT 2ffaa keessatti guutummaatti hojiirra olchuudhaan jijjiirama bu'uraa mana hojiichaa keessatti fiduun bu'aa eegamu galmeessisuuf socho'uu akka qabnu ifatti kan mul'isuu dha.


Gulantaa Tokkoffaa /Step One/

  1. Yüklə 0,97 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin