Galata /Acknowledgement/ Seensa


Bu’aa:- Ragaa qulqulluu qinda’ee ammayeffamee sirnaan kaa’ame Milkaa’ina:-



Yüklə 2,42 Mb.
səhifə7/20
tarix12.01.2019
ölçüsü2,42 Mb.
#96459
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   20

Bu’aa:- Ragaa qulqulluu qinda’ee ammayeffamee sirnaan kaa’ame

Milkaa’ina:- Bu’a qabeesummaa fi saffisa hojiilee dhufee

8. Gahumsa Dubartootaa dabaluu



Ibsaa:- Hirmaannan dubartootni murtee kennuu fi siivilsarvisii keessatti qaban sirnoota darban keessatti xiyyeeffannoo waan hin arganneef baay’ee gad –aanaa ta’ee argama. Kanaafuu iddoowwan murteessa ta’ani fi hojiiwwan siivil sarvisii irratti dubartootni akka hirmaataniif dandeettii siyaasaa fi oggansa isaanii cimsuun,gahumsa isaanii akka gabbifatan leenjii fi hubannoo akka argatan taasisuu,hirmaanna mana mare sadarkaan jiru keessatti lakkoofsi isaanii akka dabalu hojiilee dadamaqiinsaa hojjechuun hirmaanna ho’aa dubartootaa uumuu dha Gama gara biraatiin manneen maree sadarkaan jiru keessatti dubartootni bal’inaan akka hirmaatanu taasisuuf itti xiyyeffatamee hojjetamuu qaba.

Dubartoota sadarkaa oggansaatti dhufanu adda baasuun , leenjii adda addaa akka argatanu gochuu bilchina siyaasa isaanii gabbisuu fi dorgomtoota cimoo akka ta’an haamilee isaani jajjabeesuun kaayyoo fi imaammata mootumman baasu fudhatanii galmaan gahuu akka danda’aniif isaan qopheesuun cimsamee irratti hojjetamuu qaba. Adeemsa kan keessati humna siyaasaa,dinagdee fi hawaasaa isaanii cimsuuf leenjii fi hubannoo akka argatan taasisuu, hirmaanna mana mare, hoggansa fi Sivil Sarvisii sadarkaan jiru keessattii lakkoofsi isaanii akka dabalu, gahee fi kutannoo oggansa siyaasa sadarkaa hundatti jiru caalmaan akka cimuu fi murteewwan hirmaanna oggansa dubartootaa jajjabeessuuf bahan hojiirra ooluu isaanii hordofuu(tarkaanfileen sirreeffamaa/”affermative action”) akka hojirra oolu taasisuun, dubara maneen barnootaa sadarkaa 1ffaa, 2ffaa , yuniversitootaafi kollejjeta keessa jiraniifi hanqina diinagdeetiin barachuu hindandeenye deeggaruun, dubartoota hojjettoota mootummaa carraa baruumsa sadarkaa ol aanuu akka argatan haala mijeessuun, hojiilee madda galii argamsiisan irratti akka hirmaatan gochuu fi leenjii oggummaa akka argatan gochuun, sadarkaa naanoo hanga aanaatti ni raawwatama.Gama biraatiin dubartootni maxxantummaa diinagdee jalaa baasuuf qabeenyaa fi carraa jiruun dhiiraa wal-qixa haala fayyadamuu danda’an sochiwwan garagaraa taasifamuu kan qabuudha. Tarsiimoo guddina baadiyyaa irraa dhiiraan qixa fayyadamoo akka ta’aniif omishtummaan dame dinagdee akka fooyya’u hirmannaa fi fayyadamummaa isaanii bal’isuu, teknolojiiwwan haaraawwan bahan hundaa akka fayyadamoo ta’aan hojii hubannoo uumuun irratti hojjtamuu kan qabuudha. Gama hawasummaniis Barnoota ilaalchisee paakeejii misoomaa fi jijjiirama dubartootaa (PMJD) irratti gama misooma barnoota ilaalchisee hirmaannaan barattoota dubartootaa akka dabalu fi garaagarummaan hirmaannaa dhiiraa fi dubaraa jidduu jiru akka dhiphatu gochuu fi hirmaannaan barattoota dubaraa sadarkaa 2ffaa fi olaanaatti akka dabalu hojjachuu, barnoota qinda’aa gochaa irratti xiyyeeffateen dubartootni akka argatan (BQGX) gochuu, gahumsa dubartoota shamarranii cimsuu fi harcaatii barattoota dubaraa xiqqeessuu fi hojjachuun fayyadamummaan dubartootaa mirkaneessuu keessatti hojiin bal’inaan kan irratti hojjetamuu ta’a. Fayyaa wajjiin wal-qabatee paakeejii keessatti dubartootnni fayyaa ofii isaanii fi maatii isaanii eeguun misooma diinagdee keessatti ga’ee isaanii karaa raayyaa misoomaa dame dubartootaan akka ba’an qaama ilaalu waliin hojjachuun, tajaajila fayyaa dubartootni kara guutuu ta’een akka fayyadaman taasisuu irratti dhimmoota guutuu ta’uu danda’an adda baasuudhaan du’aatii haadholee fi daa’immanii salphisuu fi kallattii hundan hojjachuu fi mirgi fayyaa hormaata guutuumman akka eggamu gochuu fi walii gala “PEF” hojii irra oolee galmi “Kgt akka galma gahuf xiyyeeffannoodhan kan irratti hojjetamuu kan qabuudha.



Bu’aa:- Hirmaanna fi fayyadamummaa dubartootaa gama hundaan dabale.

Milkaa’ina; Gahoomina dubartoota gama hundaan guddatee

7. Mirgaafi Nageenya dubartootaa irratti hirmaannaa uummataafi dhimmamtootaatiin ilaalcha hawaasaa fooyyessuu.

Ibsa:- :- Mirgaafi nageenya dubartootaa kabachisiisuudhaaf hirmaannaa uummataafi dhimmatootaan hubannoo hawaasaa jijjiiruun baay’ee barbaachisaadha. Hubannoo hawaasaa akka dabalu taasisuuf hirmaannan hawaasaafi dhimmamtootaatiin akkasumas sochii finiinsa hawaasaa keessatti raayyaa misoomaa dame dubartootaatin ijaaramudhaan mirga isaanitif falmachuun fakkeenyummaa gaarii qabuu gama hundaan cimsuun barmaatilee miiidhaa geesisan akka maqfamu taasisuu dha. Hojiin kunis barbaaachisummaa fi faayidaa gurmaa’ina dubartootaa iratti dubartootni haala addaatiin,hawaasni haala waligalatiin akka beekuu; ilaalchota boodatti hafoo fi dhiibbaa barmaatileen miidhaa geesisan fidan, dubartoonni gamtaan mirga isaanitiif akka qabsaa’an, hawaasnis gummacha isaa akka taasisu; rakko gama siyaas-diinagee fi hawwasumaatiin qaban jalaa bahuu akka danda’an hubachiisuudha.

Dhimmichas waltajjiiwwan marii mijeessuun,iddoo dubartoonni fi hawaasni baayyinaan argamu irratti fayyadamuun,waltajjiiwwan qaamoleen adda addaa qopheessanitti fayyadamuun , akkasumas qaamolee gurmaa’ina irratti hojjetan waliin qindoomina uumuun raawwatama.

Dhimmi dubartootaa dhimma hawaasa waliigalaa waan ta’eef finiinsa sochii hawaasaa mirkaneessuun lammiin godinichaa keessatti argamu hundi quuqamee gahee isa irraa eegamu akka bahuu gochuuf dhimmi hubannoo gabbisuuf xiyyeeffannoodhan hojjetamuu qaba. .

Bu’aa:: hirmannaa uummataa fi dhimmamtootaa dabalee

Milkaa’ina Jijjiirama ilaalcha hawaasaa fooyya.een mirgaafi nageenya dubartootaa kabajame

9. Gurmaa’insa dubartootaa mirgoota diimookraasii isaanii dagaagsanii fi kabachiisan cimsu

Ibsa:-Dubartootni gamtaa fi tokkummaan walitti dhufeenya seera qabeessa ta’e uumanii hojii qabatamaa keessa akka galan gochuuf kan hojjetamu dha.

Gurmaa’inni dubartootaa kan mirgaa fi kan dinagdee Dubartoota waldaa dinagdee adda addaa jechuunis garee wal-gargaarsaa, garee qusannoo fi liqii, Waldaa Hojii Gamtaa, yuuniyeenii fi kkf keessatti sirna qinda’aa fi bakka hundatti bifa wal fakkaatuun cimee akka hojii irra oolu taasisuu dha. Hojiin kunis bu’aa fi faayidaa gurmaa’inaa hubachiisuun qaamoolee adda addaa waliin ta’uun akka ijaaraman taasisuu, ijaaramoota dubartootaa adda addaatiif deggarsa isaan barbaachisu hunda akka argatan gochuun kaayyoon dhimma kana akka galma gahu taasisuu dha.Dubartoota ogummaa adda addaan akka ijaaraman jajjabeessuu, cimsuu fi haala barbaachisa ta’e mijeessuufiin kan hojjetamuu dha.

Dubartoota gurmaa’uu qaban keessaa hanga yoonaatti kan gurmaa’an baay’ee muraasa waan ta’aniif sirna kana fooyyessuu fi tajaajila gama kanaan kennamu irratti xiyyeeffannoo guddaa itti kennuun hojjetamuu qaba.

Sirna ijaarsa dimookiraasii bulchiinsa fedhii ummataa irratti hundeeffame daran cimsuudhaan mirgoota dhuunfaa fi waliinii godinichaa keessatti kabajamanii kallattii misooma, siyaasa, hawaas- dinagdee fi olaantummaa seeraa mirkanaa’un lammiileen sirna jiru irraa fayyadamtoota akka ta’an taasisuu jechuu dha.



Bu’aa: - Gurmaa’insa isaaniitiin mirgoota dubartootaa kabajaman

Milkaa’ina:- Dubartoota gama hundaan fayyadamtoota ta’an.

10. Mirgaafi Nageenya dubartootaa irratti Hirmannaa Ummataan Kunuunsa fi deeggarsa dubartootaa miidhaa adda addaf saxilaman guddisuu

Ibsa:- Barmaatileen dubartoota irratti miidhaa geessisan baroota hedduuf akka aadaatti ilaalamanii jireenya hawaasummaa, dinagdee fi siyaasa dubartootaa miidhaa kan turan yammuu ta’u rakkoon isaan fidanu adda baasamee akkasumas seeronni barmaatilee kana dhorkanu bahanii kutaa hawaasa hundaaf hubannoon barbaachisaan kennuun kan hojjetamuu dha .

Miidhaawwan kunneen dhufuu kan danda’an Yaada ykn ilaalcha boodatti hafoo fi barmaatilee dubartootaa irratti miidhaa fidan hawaasa keessaa maqsuuf barumsa hubannoo cimsu kennuu, akkasumas guumiiwwan shamarranii fi farra barmaatilee miidhaa geessisanii manneen barnootaa cimsuun ,koree gorsiitoota seeraa sadarkaa gandaatti jiran cimsuu,haawasnii seera aadaa akka naannoo isaatti akka baafatu taasisuu, seerota dhimma kana ilaalchisanii bahan hojjiirra akka ooluu gochuuf bal’inaan kan hojjatamu ta’a.Gama biraatii dubartoota miidhaan irra ga’ee haala itti isaan deggersa fi kunnunsa itti argatan irratti hojjechuu dhimma xiyyeeffannoodhaan hojjetamuu qabu,gochoota kana balleessuun mirga fi nageenya dubartootaa mirkaneessuu irra darbee humna walakkaa uummataa ta’e misooma keessatti hirmaatee biyyattii guddisuuf shoora olaanaa kan qabuu dha.



Bu’aa:: Hirmaanna uummataan barmaatilee dubartoota irratti miidhaa geessissanii hir’ate

Milkaa’ina - jijjiirama Ilaalcha fi amalaa hawaasa keessatti dhufe

  1. Sirna sakatta’iinsaafi qorannoo guddisuu

Gahee hojii Godinaa keenyaa karaa guutuu ta’een hojiirra oolchuuf Qaawwa imaammatootaa, seerotaa, qajeelfamootaa fi hojii irra oolmaa waliigalteewwan addunyaa fi afrikaa adda baasuun fayyadamummaa dubartootaafi daa’immanii mirkaneessuu barbaachisaadha.Haalma kanaan Gahee fi Aangoo mana hojii keenyaaf kenname keewwatttoota 29/1, 29/3, 29/12, 29/17 ilaalchisee, hojiwwan hojjataman jiraatanis, haala barbaadamuuna hojiirra oolchu irratti hanqinni kan jiru ta’uu isaa hubatameera. Bu’uuruma kanaan mandeetii mana hojii keenya sakatta’uun haanqinoota mul’atan addaan bahanii kan hojjatamu ta’a.Haaluma wal fakkaatuun, qorannoo bilchinaafi gad fageenyaan rakkoolee hawaasa diingdee dubartootaa adda bahee yaada furmaataa qaama dhimmi ilaallatutti dhiyeessuuun argannoowwan qorannicha hojiirra akka oolu gochuun barbaachisaadha. Walumaagalatti sirna sakata’iinsaafi qorannoo cimsuun qaawwaa seeraa fi hanqinaalee hojiirra oolmaa keessatti mul’atan addaan baasuun gara fuulaaduratti gahee mana hojiichaaf kenname qixaan hojiirraa oolchuun dubartootaa fayyadamtootaa taasisuun kenna tajaajila maamiltoota mana hojiichaa fooyyeessuun ittiifufiinsa caasichaatiif gumaacha guddaa kan taasisuu waan ta’eef xiyyeeffannoon ittii deemuuun murteessaadha.

Bu’aa:-Hudhaawwan hojimaataa furamee fi rakkoo dubartootaa addaan bahan

Milka’ina:- Fayyadamummaa Dubartoota

12 . Idileessa Dhimmoota seektaroota hunda guddisuu

Ibsa:- Qindoomina dhimmmoota sekteroota hundaa jechuun dhimmmoota xiyyeeffannoon qaamooleen mootummaa hundi hojjechuu qaban kanneen akka HIV/AIDS , ,dhimma dargaggoo , malammaltummaa balleesuufi eegumsa naannoo, fi kkf hojii idilee keessatti idileessuun hojjechuu akkasumas kaayyoo hojii tokko galmaan gahuuf walitti dhufeenya qaama ykn sektera kan biraa waliin taasisuudhaan kan hojjatamuudha. Sektaroota mootummaa,dhaabbilee miti motummaa,waldaalee hawaasaa fi dhaabbilee maykiro faayinaansii gahoomina dubartootaa irratti hojjetan fi kutaalee hojii mana hojiichaa waliin walitti dhufeenya walirraa hincinnee kan leenjii/hubannoo/, qophii karooraa, ittifayyadama qabeenya , ragaa fi gabaasa waliin kennu fi kkf irratti hundaa’e umuudhaan adeemsi kaayyoo tarsiima’aa kana caalmaatti bu’a qabessa ,saffisaa fi dubartootaaf fedhii isaanii kan guutu akka ta’u taasisuu dha.

Bu’aa :- Hojii Qindoominaan hojjachuu cime

Milkaa’ina:- Dhimmota seektaroota hundaa idilaa’an

14. Koorniya idileessuun hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa guddisuu

Ibsa:-Hojiin dhimma korniyaa idileessuu sadarkaa fi caasaaleee adda addattin kan hojjatamuu qabuudha. Kuniis kan gargaaruu rakkoleeniifi dhibbawaan kanan dura dubartoota irratti taasifama turaan hiddaa irra maqfaamanii mirgii dubartootaa kabajamee hirmaatootaa fi fayyadamtoota sagantaa misoomaa akka ta’aan gochuudhaf. Yaaduumaa kana dhugoomsuu fi mirkaneessuf manni hojiichaa Seektaroota mootummaa,dhaabbilee miti mootummaa,waldaalee fi hawaasaa waaliin qindoominaan hojjachaa jira.

Kanaafuu, qamoolee kanaa fi dhabbileewwan kallattidhan dubartoota irratti hojjetan akkasuumas kutaalee hojii mana hojiichaa waliin walitti dhufeenya walirraa hincinnee umuun, gama leenjii/hubannoo kennuun, qophii karooraa, ittifayyadama qabeenya , ragaa fi gabaasa hojii waal jiijiruun sirna cimaa qindoomina hojii diriirsuun adeemsi idileessa Koorniyaa caalmaatti bu’a qabessa ,saffisaa fi fedhii maamiltootaa akka gutu hojjachuu dha.

Dhimmi korniyaa idileeffamee, walqixxuumman korniyaa mirkkana’uu kan danda’uu, duraan dursee, karoora kayyoo kana galman ga’uu danda’uu qopheessuun barbaachiisadha. Dabaalataanis, dhimmiichi qamoolee adda addaattin kan raawwatamu waan ta’eef, manni hojiichaa/adeemsichii, hojii idileffama korniyaa qamoolee biroos kan qindeesu ta’uu isaattin hojiin hordooffiifi deeggarsaa taasiisuu iddoo oola’ana qaba. Godinaa fi caasiichii hojii raawwii karooraa yeroo yeroon hordofuu, akkasuumas deegaarsaa ogummaafi teekniikaa yeroofi iddoo barbaadameetti kennun milka’inn kayyichaa mirkannessuf kan hojjatamuudha.

Hojiichiis, sochiin raawwii karoora akkaataa karorfameen haala bu’aa qabessa ta’een, hojjetamuu isaa yeroo-yeroon haala itti fufiinsa qabuun madaaluu dhaan bakka ciminni jiru jajjabessuu dhaan bakka hanqinni jiru deggersa teeknikaa kennuun galam gahiinsa hojimaataa mirkannessudha.

Gama biraatiin qamoolee mootummaa fi dhabbilleewwan adda addaa keessatti akka lafa qabaatu taasiisuuf, dhimmi korniyaa sagantaalee, projektoota, karoora fi hojiimaata mana hojii isaanii keessatti hammattamee xiyyeffannaan hojii irra akka oluu gochuun,deeggersa teeknikaa kennuu,madaallii hojii gageessuun sirreefamni barbaachisaan akka fudhatamu taasiisuun, duub-deebii qaamolee kanaa kennuun akkasuumas mana hojii isaannii keessatti qama abbumman dhimma kana hordofuu fi qindeessu (Gender Focal Person) akka hundeessun haala mijeessun baayyina isaanii dabaluuf hojjechuu dha

Bu’aa. Dhimma korniyaa idila’ee

Milkaa’ina:- :- Hirmannaa Fi Fayyaadamaa Dubartootaa Mirkana’ee

15. Humna raawwachiisummaa seektarichaa cimsuun kenna tajaajilaa fooyyeessuu

Ibsa :-Dandeettii hojjettootn gahoomina dubartootaa tajaajila isaan irraa eegamu gahumsa fi qulqullinaan akka kennan taasisuuf humna dandettii raawwii isaanii cimsuuf hojjechuu dha.

Hojichis kan hojjetamu hanqinaalee dandeettii raawwii hojjettoota gahoomina dubartootaa sadarkaa hundatti jiranii addaan baasanii beekuun , leenjiiwwan gaggabaaboo beekumsa ,tekenolojiwwan haaraa wajjin wal qabatan fi kan hojiirraa jiranis sakata’iinsa fedhii irratti kan hundaa’ee haala itiifufiinsa qabuun leenjii humna raawwii isaanii cimsuu danda’uu kennuu; akkasumas jijjiirama leenjichi raawwii hojii irrattii fide yeroo yeroon madaalaafi gamaggamaa deemuun leenjii rakkoolee adda ba’aaniif leenjii itti fufiinsaan qamoolee deggertootaa waliin irratti hojjetamuu kan qabuudha.

Humna raawwii hojjettootaa guddisuun dubartoota haala barbaadamuun akka galma gahu waan taasisuuf hojjettoota raawwii hojii irratti ciccimoo ta’an adda baasuun beekamtii kennuufii badhaasuu akkasumas kanneen hanqina qaban leenjii isaan cimsuu danda’u akka argatan taasisuun dhimma murteessa dha.

Bu’aa:- Dandeettii raawwachiisummaa rawwattootaa fooyya’e

Milkaa’ina:- Raawwii hojii fooyya’e

16. Ittifayyadama teeknooloojii ammayyaa dabaluu

Ibsa:- Humni raawwii hojjettoota gahoomina dubartoota teknooloojii ammayyaan deeggaramee sadarkaa olaanaa irra akka gahuu fooyeessudha.Hojiin kuniis meeshaalee teeknooloojii guutuu, neet-woorkiii diriirsuu, hojjetoota leenjiissuu,haala hojii mijjeessuudhan kan raawwatuu ta’a.

Teeknooloojiiwwaan ammayyaa amala hojichaaf barbaachisan kan akka woreda net (sadrkaa Naannoo hanga Aanaatti fi sadarkaa adeemsota hojitti), sirna quunnamtii Godinaalee fi Adeemsota waliin jiraachuu malu fi fayyadama isaa diriirsuun, tooftaalee meeshaaleen teeknooloojichaa ittii guutaman maddisiisuun, hojjettotta akkaataa amala hojii isaanitiin leenjiisuun fayyadammummaa teeknooloojii ammayyaa hojimmaata caasichaa taasisuu dha.

Haalii hojii yeroo amma guudina addunya irra gesse fi jijjirama jiru waliin tarkaanfaachuf dhiyeesii fi itti fayyadamni teeknoloojii guddisuun dhimma murteessadha.

Bu’aa:- Fayyadama teekinoolojii dabale.

Milkaa’ina:- Saffisa tajajila qunnamtii dabale.

17.Aadaa fi Naannoo hojii foyyessuu

Hojeetoonni gahoomina dubartootaa sadarkaa sadarkaan jiran dudhaa mana hojichaa hubaachuuf fi hojiitti jijjiruu akkasuumas haalii naannoo hojii akka mija’uuf gochuu dha.

Hojii gahoomina dubartootaa kana galmaan gahuuf aadaa waliin hojjechuu (team sprit) dagaaguun barbaachisaadha. Kuniis hojjeettoni hundi hubannoo gaha hojii irratti argataanni wal bakka bu’anni ykn hojii wal harka fuudhani hojjechuun maamilii akka itti quufu gochuudha.

Hojii safiisuu fi qulqullina akka godhatuu hojjettooni muuxannoo gaarii bakka biroo irraa akka fudhatan mijeessuu, kannen raawwii hojiin cima ta’an badhasuu akkasuumas meeshaalee hojii barbaachisa ta’an akka guutamuuf taasiisudha. Gama biraan rakkoolee hawaas-dinagdee isaan qabaan mala furmata itti argachu danda’u mijeessuun hojjetamu qaba.



Adaa fi naannoo hojii akkaataa amala hojiichaattin gabbisuudhan hojjettonni kaayyoo ka’ame galmaan gahuuf onnee guutuu, kaka’umsa olaanaa fi fedhii hojii gudda horatanii akka hojjetani taasiisuf barbaachisa waan ta’eef xiyyeffannoo gudda kennamuufi qaba.

Bu’aa: Aadaa hojii fooyya’ee fi naannoo hojii mijaawaa uumame

Milkaa’ina: Kaka’umsaa fi raawwii hojii dabale

      1. Toora xiyyeeffannoo 2ffaa :- Mirkanessaa Mirgaa Fi Nageenya Daa’immanii

Bu’aa tarsimaa’aa:- Daa’imman mirgi fi nageenyi isaanii kabajamee guddatanii abdii gaarii egeree biyya ta’an.

Kallatii/perspective

Kaayyoo tarsimaa’aa

Lammi/maamila

  1. Amantaa daa’imman mootummaa irratti qaban guddisuu

  2. Itti quufiinsa daa’immanii dabaluu

Faayinaansii




  1. Gahumsaa fi Bu’aa qabessummaa baajataa    fooyyeessuu

  2. Ittifayyadamaa maallaqaa fi qabeenyaa fooyyeessuu




Adeemsa keessaa

  1. Hojiimaata Bulchiinsa gaarii fi kenniinsa tajaajilaa foyyessuu

  2. Sirna qabiinsa ragaa fi odeeffannoo daa’immanii foyyessuu

  3. Sirna karoora , hordoffii, deeggarsa, to’annoo fi gamaaggamaa foyyeessuu

  4. Mirgaafi Nageenya daa’immanii irratti Hirmannaa Ummataa fi dhimmamtoota guddisuu

  5. Kunuunsa fi deeggarsa daa’immanii miidhaa adda addaf saxilaman guddisuu

  6. Gurmaa’insa daa’immanii mirgoota diimookraasii isaanii dagaagsanii fi kabachiisan cimsu

  7. Sirna sakatta’iinsaafi qorannoo guddisuu

  8. Dhimma daa’immanii idileessuun hirmaannaa fi fayyadamummaa daa’immanii guddisuu

Ijaarsa Dandeettii

  1. Humna raawwachiisummaa seektarichaa cimsuun kenna tajaajilaa fooyyeessuu

  2. Fayyadama teeknooloojii ammayyaa dabaluu.

  3. Aadaa fi Naannoo hojii foyyessuu

3.2.3. Toora xiyyeeffannoo :Mirkaneessa Mirgaa Fi Nageenya Daa’immanii

1. Amantaa daa’imman mootummaa irratti qaban guddisuu

Ibsa: Godinichaa keessatti bulchiinsa gaarii diriirsuun, hoggansa fi siiviil sarvaantii ilaalcha ummatummaa qabu uumuun daa’immanii fi hawaasni tajaajila saffisaa ,qulqullinaa fi loogii irraa bilisa ta’e haala itti fufiinsa qabuu fi walirraa hincinneen akka argatu taassisuun barbaachisaa dha.

Daa’immanii fi maatii isaanii yeroo yeroon mariisisuun waliigaltee irra gahame irratti hundaa’udhaan hojiiwwan mirga fi nageenyaa daa’immanii eegsisuu fi kabachiisuuf akkasumas kunuunsa fi deggrsa isaaniif karoorfaman rawwatamuu isaanii irratti sakatta’iinsa gaggeessudhaan hanqinaalee mul’atan sirreessuun irratti hojjachuu; s sirna haqaa ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu danda’u cimuu isaa, uummanni mirga daa’immani kabajee kabachiisuu irratti , amantaa mootummaa irratti qabu mirkaneessudhaan daa’immanii haala isaan kallattii hundaan eegumsa fi kunuunsa barbaachisaa ta’e argatanii rakkoo fi miidhaa irraa bilisa ta’anii guddatanii biyyaaf bu’aa buusan taasisuu dha.



Bu’aa: Daa’immaniif haala fi naannoo mijataa uumame

Milkaa’ina: Amantaa daa’immanii fi hawaasaa dabale

2.Itti qufiinsa daa’immanii dabaluu

Ibsa:- Aangoo fi gahee hojii Waajjira keenyaaf keenname keessaa dhimmi daa’immanii isa tokkoo dha, kuniis rakkoolee daa’imman gama adda –aaddaatiin qaban furuu dhaan mirgi fi nageenyi isaanii kabajamee,naamuusa gaariin abdii borii ta’anii akka guddatan taasiisuuf kallattii hundaan hijjechuun nurraa eggama.Kuniis kan ta’uu danda’u feedhii fi rakkoo daa’immanii maal akka ta’ee dursinee sakatta’uun furmaata barbaachisaa ta’ee kennuun itti qufinsa isaanii mirkanessuun ta’a.

Daa’imman /Maammiltonni /lammiin/ akkaataa fedhii isaanitiin jechuuniis haala miirgi fi nageenyi isaanii eggameen,tajaajila barbaadan yokiin tajaajila seera qabeessa dhimma isaanii ilaalchisee gaafatamu hunda haala saffisaa,qubsaa fi daddebii malee argatanii tajaajila kunuunsa fi guddisa gutumaa gututti argatanii akka gammadan gochun lammii egere biyya dhaaluu dhaan bulchan horachuu ta’uun bekkame xiyyeffannoo cimaan irratti hojjetamu dha.

Sadarkaan itti qufiinsa isaaniis madaalame kan kan foyya’u ;yaada tajaajilamtootaa sassaabun,xiinxala fedhii maammilaa gaggessuun,gaappii fedhii fi raawwii giddu argame tajaajila qubsaan bakka busanii duchuun itti qufiinsa maammiltootaa dabalu dhaan ta’a.

Bu’aa:- Itti quufinsa dabale

Milkaa’ina:- Mirga fi nageenya daa’immanii mirkanaa’e.

3. Gahumsa fi Bu’aa qabessummaa baajetaa fooyyessuu.

Ibsa :-Baajatni qabeenya xiqqaa ( scarse resourse) waan ta’eef karoora ijoo fi rakkoolee gurguddoo hiikuu dhaaf qussannaa dhaan ittiin fayyadamuun barbaachisaa dha. Maalaqni xiqqaan qabnu oso hin qisaasamiin kaayyo karoorfamee fi hojiilee dursa kennamu qabuuf seera kaffaltii eguun hojii bu’aa qabessa ta’ee hojjechu u dha.Akkaataan hojiirra olmaa isaatiis haala karoora hojii (action plane ) dhaan ogganamuun feedhii maallaqaa ji’aa fi kurmaanaa (cash need) qopheessuun ta’a.

Akkaataan hojiirra olmaa isaatiis hangam seera faayinaansii egee haala bu’aa qabeessa ta’een raawwatamuu isaatiis sirna to’annoo keessaa dirirsuun deggersa fi hordoffii odittii keessaa cimsuun yeroo-yeroon oditii faayinaansii taasisuun arganno argame irrattiis tarkaanfiin seera qabeessa fi yeroo isaa eggate fudhachuun baassiin bahe fi bu’aan argame kan walgitu ta’u isaa mirkanessuun kan raawwatamu ta’a.


Bu’aa:- Baajeta haala bu’aa qabeessummaan hojii irra oole.

Milkaa’ina:-karoora galmaan gahe.

4 .Itti fayyadama maallaqaa fi qabeenyaa fooyyessuu

Ibsa:-Hojii dhimma daa’immanii galmaan gahuuf qabeenya baajata xiqqaa ta’e irraa qoddachuun hojimaata adeemsichaa galmaan gahuuf bitaman hanga umriin tajaajila isaanii dhumee maqfamanitti qusannaan fi haala bu’aa qabessa ta’een fayyadamuun barbaachisaa dha.Meeshaaleen kuniis kan dhaabbii fi dhumataa kan ilaallatan yo ta’u dhimma hojii ramadamaniif qofa oluu isaanii mirkanessus ni dabala. Meeshaalee kunuunsa fi guddina daa’immaniif bitaman ykn kennaman hojjettonni quqama qabaatanii kunuunsa meeshaa irratti shoora taphachuu akka danda’an taasiisuun barbaachisaa dha.

Kunis kan hojjetamu meeshaalee haarka hojjettotaatti jiran sirritti akka kunuunsaman gochuun, kan suphamuu qaban akka suphamanii tajaajila barbaadamu akka kennaanu gochuun, kan yeroo isaanii fixan akka maqfaman kutaa qabeenyaatti dhihessuun raawwatama.



Yüklə 2,42 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   20




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin