Yeroo ammaa Intarpiraayizichi baayyina pirojeektoota 27 hojii ijaarsa daandiiwwan bonaa gannaa dheerina waliigalaa km 1,131.28 fi Maallaqaan ammoo Qr Biiliyoona 5.16 kontiraata seenee of harkaa qaba. Kana keessaa hojiin isaa kan raawwataame km 642.21 fi maallaqaan qarshii Biliyoona 2.38 yammuu ta’u yeroo ammaa km 489.07 fi hojiin gatii qarshii Biliyoona 2.76 ta’u kan hafee dha.
Intarpiraayizichi gabaa keessatti dorgomaa ta’ee argamuun kaayoo dhaabbateef bakkaan ga’uun irraa eegama. Kana waan ta’eef hojii harkaa qabu qulqullinaan raawwatee maamilaa isaa qubsuun yeroo waliigaltee keessatti raawwatee dabarsuun alatti dabalataan gabaa iraa hojii garagaraa barbaaduun argachuutu irra jira. Haaluma kanaan, bara 2008-2012 keessa hojii daandii bonaaa gannaa km 1,110 Qr Biliiyoona 5.54 kan ta’u argamuu akka daanda’u karoorfamee jira. Walumaagalatti daandii bonaa gannaa harkaa qabu dabalatee km 1,599.07 fi maalaqaan qarshii Biiliyoona 8.27 irratti hojjatamuuf karoofameeraa. Akkasumas, hojii suphaa daandiii km 760 fi maalaqaan miiliyoona 391.25, ijaarsa gamoo alaa argamu fi dameewwan suphaa adda addaa irratti ijaaruuf karoorfame maalaqaan qarshii miiliyoona 260, hojii bishaanii qarshii miiliyoona 350, suphaa Asfaaltii km 450 maalaqaan qarshii miiliyoona 960, asfaaltii haaraa km 125, maalaqaan qarshii Biiliyoona 1.06 waggootan shanan kana keessa argachuuf akka irratti hojjatamu karoorfameera.
Pirojaktoota bara 2008-2012 keessa fi sana dura xumuraman 44 wal harkaa fuudhinsi duraa akka raawwatu taasisuu, akkasumas bara baraan kan xumuraman bifa wal fakkatuun raawwachuu.