Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Safartuulee Raawwii Tarsiimo’aa (Strategic Performance Measures)



Yüklə 1,97 Mb.
səhifə39/42
tarix03.01.2022
ölçüsü1,97 Mb.
#39165
1   ...   34   35   36   37   38   39   40   41   42

Safartuulee Raawwii Tarsiimo’aa (Strategic Performance Measures)

Safartuuleen raawwii kaayyolee kaa’aman sadarkaa bu’aa fi milkaa’ina isaanii madaaluuf meeshaa gargaaranii dha. Kaayyolee tarsiimoo’aan haala kallattii madaalliitiin addaan ba’anii kan taa’an yoo ta’u, safartuuleen immoo tokkoon tokkoon kallattii madaallii jalatti addaan ba’anii kaayyolee kaa’aman sadarkaa raawwii isaanii madaaluuf kan gargaaran agarsiistuu bu’aaleeti. Akka waliigalaatti safartuuleen raawwii, raawwii tarsiimoo’aa mana hojii hordofuu fi bara tarsiimichaa keessatti sadarkaan milkaa’ina kaayyolee irra ga’amuuf yaaddame kan ittiin beekkamu dha.


Dabalataanis safartuuleen raawwii milkaa’ina kaayyolee tarsiimoo’aa mirkaneessisuuf xiyyeeffannoo guutuu hoggantootaa fi hojjettootaa walitti hidhuuf ni gargaaru. Hoggantonnii fi hojjettoonni dhimmoota bu’aa fidan irratti akka xiyyeeffatan gochuudhaan tarsiimoon qophaa’e sirriittii hojjetamuu isaa mirkaneeffachuu ni dandeessisu.
Sadarkaa raawwattoota hundaatti bu’aalee eeggaman ifa gochuudhaan raawwattoota gidduutti waliigaltee uumuuf akkasumas bu’a qabeessummaa fi dadhabbina raawwii mana hojiichaa adda baasuurratti akka meeshaatti ni tajaajilu.

Safartuun raawwii gosoota bu’aalee madalamaniin murtaa’a. Bu’aawwan immoo fageenya yeroo itti argaman, gosa raawwataa (mana hojii, garee, hojjetaa) dhimma madaallii itti xiyyeeffatamu fi kkf’n addaan ba’u.

Bu’uuruma kanaan, safartuuleen raawwii kaayyoolee waliigalaa Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyyaa akka armaan gadiitti dhiyaatee jira.


Yüklə 1,97 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   34   35   36   37   38   39   40   41   42




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin