Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa



Yüklə 1,97 Mb.
səhifə38/42
tarix03.01.2022
ölçüsü1,97 Mb.
#39165
1   ...   34   35   36   37   38   39   40   41   42

Parts to be assembled

 




 

2,000,000.00

8,000,000.00

11,000,000.00

21,000,000

18

Consumable Items







1,500,000.00

1,700,000.00

1,800,000.00

2,600,000.00

7,600,000

Ida'ama

 



3,861,200.00

6,427,500.00

9,598,950.00

14,833,400.00

19,829,600.00

54,550,650


Gabatee-33

Karoora Baasii Inshuraansii Maashinarii fi konkolaataa,Qr’000n

Lakk

Ibsa Gosa Baasii




2008

2009

2010

2011

2012

1

Uwwisa Insuraansii guutuu (kan turaniif)




1,982,130.00

1,982,130.00

1,982,130.00

1,982,130.00

1,982,130.00

2

Uwwisa Insuraansii guutuu (haara kan bitamaniif)







847,655.00

1,478,732.00

2,427,257.00

2,998,598.00

3

Uwwisa qaama 3ffaa qofaaf




133,353.70

133,353.00

133,353.00

133,353.00

133,353.00




Ida'ama




2,115,483.70

2,963,138.00

3,594,215.00

4,542,740.00

5,114,081.00


2.4.7.6. Haala Dhiheesii Meeshaalee Ijaarsaa fi Kan Biroo

Bara karoora Guddinaa fi Tiraansfoormeeshinii lamaffaa (KGT II) kana keessatti galteewwaan gurguddoo hojii ijaarsaatiif barbaachisaan fi sadarkaa waajjira ol’aanaatti bitamuun dhiheessuuf karoorfaman haala gabatee armaan gadii keessaatti mul’atuun qindaa’ee dhihaateera.


Haaluma kanaan, waggootii shanan dhufan keessatti meeshaalee ijaarsaa (Construction material) tilmaama gatii waliigalaa qarshii biliyoona 1.44 bituun dhiheesuuf kan karoorfame yammuu ta’u meeshaalee biroo (Non construction material) isaa gurguddoo ta’an (kan akka boba’aa, dibataa, gommaa, meeshaalee jijjiirraaa fi kkf) ammoo tilmaama gatii waliigalaa qarshii biliyoona 1.66tiin bittaa raawwachuun dhiheessuuf karoorfameera.
Walumaagalatti, meeshaalee ijaarsaa fi kan biroo tilmaama gatii waliigalaa qarshii Biiliyoona 3.10 ta’u bituun waggoota shanan keessa hojii ijaarsaatiif dhiheesuuf karoorfameera.
Gabatee-34

Meeshaalee Ijaarsaa fi Kan Biroo Piroojektootaaf karoorfamanii Bittaan isaanii

Giddugalleessan (W/O) raawwatu kan Bara 2008 -2012

Lak.

Gosa Meeshaa

safartu

2008

2009

2010

2011

2012

Ida'ama (2008-2012)

Baayyina

Baasii

Baayyina

Baasii

Baayyina

Baasii

Baayyi

Baasii

Baayyina

Baasii

Baayyina

Baasii

"000"

(Qr000n)

"000"

(Qr000n)

"000"

(Qr000n)

"000"

(Qr000n)

"000"

(Qr000n)

"000"

(Qr 000n)

1

Meeshaalee
Ijaarsaa


 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 







1.1

Simintoo

Kuntala

98.45

26,938

247

67,681

251

68,595

313

85,702

401

109,670

1,310

358,585

1.2

‘Purlin/Timber

m3

0.74

8,451

2.86

32,612

4.69

53,636

3.42

39,049

4.25

48,426

15.95

173,731

1.3

Mismaara

Kg

79.83

2,877

237

8,486

261.99

9,330

297

10,666

369

13,256

1,245

44,616

1.4

Qorqoorroo

Lakk

13.47

1,959

185

5,317

39.87

5,805

50

7,256

64

9,288

352

29,626

1.5

Sibiila Armaataa

Kg

443

16,453

3,917

117,175

4,462.09

134,864

4,988

152,595

6,085

187,840

19,895

608,926

1.6

Dimaamitii
(Explosive)

Qr




2,021




7,000




8,000




6,000




5,000




28,021

1.7

Mallattoo
Tiraafikaa

M2

1.48

10,684

3

11,000

3.8

12,000

5

15,000

6

10,000

3,826

58,684

 

Ida’ama

 




69,382




249,271




292,229




316,268




383,481




1,302,188

2

Meeshalee Biroo

 





































2.1

Boba’aa

Lt

14,234

229,167

12,546

206,479

9,702,644

158,485

10,011

162,527

8,222

132,778

54,716

889,444

2.2

Dibata

Li

105

6,057

84

5,021

56.72

2,526

41

1,890

12

850

56,963

16,344

2.3

Baatirii

Lakk

0.67

3,038

1

3,744

684

4,446

1

4,628

1

5,304

687

21,160

2.4

Gommaa

Lakk

0.388

2,392

4.41

46,186

4.8

51,257

5.46

58,167

5.79

62,282

20.84

220,283

2.5

Meeshaa Jijjiirraa

Qr




10,904




28,014




28,827




27,095




27,849




122,689

2.6

"Chip wood"

Lakk

11.85

2,062

28

5,317

34.43

6,646

43

8,307

55

10,634

172

33,156

2.7

Uffata Hojii

Qr




1,601




905




610




333




333




3,780




Ida’ama







255,222




643,862




252,796




262,946




240,029




1,655,052

 

Hundaamtaa

 




324,604




911,768




568,323




611,846




675,360




3,092,098

      1. Bulchinsaa fi Misooma Humna Namaa

Qabeenyi humna namaa meeshaalee, faayinaansii fi odeeffannoo jiru gara hojii qabatamaatti jijjiiruun milkaa’ina barbaadamu fiduuf shoori taphatu ol’aanaa fi murteessaa dha.

Hojjetaan gahumsaa fi dandeettii qabu uummachuuf sirni hoggansa qabeenya humna namaa cimaa ta’e diriirsuu, sirna qaxarrii, guddinaa fi jijjiirraa iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabu gahumsa dandeettii fi raawwii hojii raawwattootaa irraatti hundaa’e diriirsuu fi raawwachuu; karoora fedhii qabeenya humna namaa qopheessuun haala beekumsa, dandeettii, ogummaa fi qulqullina irratti hundaa’uun fo’annoo fi filannoo gaggeessuu fi ramaduun ni eegama. Keesatuu humna namaa ga’umsaa fi dandeetti qabu gabaa irraa arkisuu fi tursiisuu keesati sirni qophii gurmaa’insaa fi caassefamaa akkassumas ramaddiin gitoota hojii hojjechiisuu danda’u jiraachuun isaa murteesaa waan ta’eef hojii xiyyeefannoon itti kenaamuu qabuudha.




  • Qabeenyi humna namaa amaa jiru gahuumsa qabuu fi baay’inaan galmeefachuun qabachuu fi too’achuu,

  • Raawwataan karoora adeemsaa irraa qooddachuun karoora dhuunfaa baafachuun akka hojjatu gochuu.

  • Foo’annoo fi filannoo hojjatoota qulqullinaa fi hojimaataa eeganii raawwwachuu akkasumas hojjatootoota yeroo isaanii sooramaaf gahe adda baasuun haala qajeelfamaatiin waan barbaachisu raawwachuu.

  • Ragaa hojjatootaa bifa qindaa’een kompiitaraan qabachuu

  • Hojjataa hojiidhaan madaalaa duumuun Kan hojjetuu fi hin hojjetine adda baasuun bakka hanqinni jiru sirreessaa deemuu

Dandeettii humna raawwachisuummaa isaa cimsuuf Intapiraayizichi hojjatoota qabu leenjii fi muxannoodhaan cimsuun alattis akkaataa hojiin barbaaduun bakka hanqinni jirutti humna namaa gabaa irraa qacaruun guutachaa ni deema. Haaluma kanaan humni namaa bara baraan barbaachisuu danda’u akkaataa gabatee armaan gadii keessatti muul’ate ta’ee qacarriin kan raawwatu garuu haalaa yeroo irratti hunda’uun kan raawwatu ta’a.


2.4.8.1 Carraa hojii uumuu

IIDO’n hanga hojiin daandii kontiraata seenamu raawwatutti ummata naannoo hojiitti argamaniif carraa hojii ni uuma. Haaluma kanaan, hojjattootnii heddun pirojaktoota adda addaa irratti hojii garaa garaa irratti qacaramanii hojjachaa jiraniif carraa hojii uumaa turee ammas uumaa jira.Haaluma kanaa bara 2008-2012tti carraa hojii uumuun kan itti fufu ta’a. Haaluma kanaan bara baraan giddu galeessaan namoota 12,000 ol ta’aniif carraan hojii uumamuu ni danda’a.




2.4.8.2 Leenjii

Daandeettii raawwachisummaa hojjatootaa cimsuuf hojjatoota turanii fi haaraa qaxaraman kanneen ogummaa adda addaa qabaniif leenjiin gosa adda addaa kan yeroo gabaabaa fi dheeraa ni kennama. Haaluma kanaan bara 2008-2012tti leenjii gosa adda addaa baasii qarshii miiliyoona 5 ta’uun kennuuf karoorfamee jira.


Haaluma walfakkaatuun gahumsa hojjattootaa cimsuuf jecha akkaatuma qajeelfamni baheen hojjattoota ogummaa adda addaa qaban waggota shanan keessatti hojjatoota 225 ta’an Madaallii Gahumsa Ogummaa (COC) akka fudhatan Wiirtuu Madaallii Gahumsa Ogummaa Oromiyaa fi Komishiinii Barnoota Leenjii Teeknika Ogummaa Oromiyaa wajjin ta’uun irratti ni hojjatama. Baasiin kanaaf barbaachisuu tilimaaman mataa nama tokkootiin qarshii 2,000 yammuu ta’u waligalaa baasiin qarshii 450,000.00 karoorfameera.
Dabalataanis humna waajjirichaa caalatti cimsuuf gosa baruumsa hojii Intarpiraayizichaa waliin walqabatuuf carraa barnootaa Diigrii 2ffaa hojjatoota 12f kennuuf karoorfameera.

Gabatee- 35

Humna Namaa Bara 2008-2012tti Barbaachisu

Lakk

Gosa qaxarrii

Dhuma 2007 kan jiran

Bara baraan Kan dabalataan barbaachisu

2008

2009

2010

2011

2012

1

Dhaabbataa

220

35

4










2

Kontiraataa

1,030

207

27

16

35

39




Dhiira

1,111

205

24

12

24

25




Dhalaa

239

37

7

4

11

14

Ida’ama

1,250

242

31

16

35

39

3

Hojjataa yeroo (Ji’aan Jiddugaleessaan)

5,976

4,100

4,500

5,000

5,500

6,500




Dhiira

5,379

3,567

3,825

4,100

4,400

5,200




Dhalaa

597

533

675

900

1,100

1,300

Hojj. Dhaabbataa fi Kontiraata waliigalaan barbaachisuu

1,250

1,492

1,170

1,107

1,118

1,150



      1. Karoora Hojii Seeraa Bara 2008-2012

Hojiiwwan hojii seeraa Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaatiin walqabatanii bara 2008-2012 keessa hojjachuuf karoorfataman keessaa:


  • Olaantummaan seeraa hojii irra akka oolu gochuu,

  • Gorsaa fi yaada seeraa, hojii Gaggeessootaa fi itti gaafatamtoota waajjirichaatiif kennuu,

  • Manneen murtii sadarkaa adda addaatti dhiyaachuudhaan intarpiraayizicha bakka bu'uun falmuu,

  • Mirgaa fi dirqama hojjetoota Waajjirichaa beeksisuu fi eegisisuu seeraa irratti hundaa'uudhaan akka raawwatamu taasisuu,

  • Hojjattootni qabenyaa fi maallaqatti dhiyeenya qaban, qabduu maallaqaa fi qabaan qabeenyaa wabii akka waaman taasisuu; qabeenyaa fi maallaqni waajjirichaa akka hin qisaasamnee taasisuu, yoo qisaasamee argame yeroodhaan himata mana murtiitti dhiyeessuudhaan deebisiisuu,

  • Leenjii eegumsaa qabeenya fi maallaqa Mootummaa irratti qaamoolee dhimmi ilaaluuf kennu

  • Ol'iyyannoo yeroo seeraan murtaa'ee keessatti qopheessee komii isaa mana murtii aangoo qabutti dhiyeessuu

Hojii Gurguddoo

  1. Yeroo waajjirri himatu, raga walitti qindeessuudhaan guyyaa gababaa(kudhan) keessatti himata mana Muritti dhiyeessu,

  2. Yeroo waajjirri himataamu guyyaa beellama eegee deebii qopheessuu,

  3. Ol’iyyannoo yeroo seeraan murta’ee keessatti qopheessee komii isaa mana murtii aangoo qabutti dhiyeessuu,

  4. Murtii keenname raawwachuuf yeroo seeraan murta’ee keessatti himannaa raawwii banu,

  5. Yakka qabeenya waajjiricha irratti raawwatamu hordoofuudhaan qaama aangoo qabuuf kan poolisii fi Abbaa Alangaatti eeruun dhiyaatee eerga farra malaamaltummaa, kkf qoratamee booda M/Murtti akka dhiyaatu taasisuu (hordofu).

  6. Karoora hojii (Cheek list) qopheessuudhaan haaluma karooraatiin gabaasnii raawwii hojii waggaa waggaan dhiyeessu, kan kurmaanaa fi kan waggaa qopheessuu,

  7. Hojii lakkawamee itti kenname fudhachuudhaan yeroo gabaabaa keessatti raawwachuu



      1. Karoora Hojii Odiitii Bara 2008-2012

Hojiiwwan odiitii fi gorsa ogummaa garagaraa kennuuf karoorfameera. Kunis hojiiwwan to’annoo keessaa (internal control), hojiiwwan bulchiinsa (Governance) fi “Risk management” Intarpiraayizichaa gamaaggamuun yaada fooyya’insaa kennuudha. Haaluma kanaan hojiiwwan odiitii fi gorsa ogummaa adda addaa bara baajataa 2008-2012 keessa hojjatamuuf karoorfaman:



  • Hojii odiitii herrega maallaqa callaa galii fi baasii Waajjira Ol’aanaa raawwachuu.

  • Hojii odiitii Meeshaalee fi Qabeenya biro Waajjira Ol’aanaa raawwachuu

  • Hojii Odiitii Herrega funaannii fi kaffalamaa bara Baraan raawwachuu,

  • Odiitii hojii irra oolmaa, seerota, qajeelfamootaa, damboota fi meeshaaleewwan riifoormii akka IIDO fi mootummaatti bahan mirkaneessuu. (Waajjira Ol'anaa fi Pirojektoota adda addaa irratti gaggeessuu

  • Hojii Odiitii Galii fi baasii pirojaktoota xumuramnii gaggeessuu.

  • Hojii odiitii tasaa pirojaktota adda addaa irratti taasisuu.

  • Hojii Inspekshinii pirojektoota adda addaa irratti gaggeessuu.

  • Hojii Odiitii Addaa taasisuu.

  • Hojii odiitii raawwii (performance Audit) gaggeessuu.

2.4.11 Karoora Dhimma Seektara hundaa Bara 2008-2012

2.4.11.1 Hojiiwwan Ittisa Dhukkuba HIV/Aidsii Ilaalchisee:

  • Hojii dhimma HIV/AIDS idileessuu irratti hojjechuuf mareewwan adda addaa waajjiricha keessatti gaggeeffamuuf ajandaa ta’ee akka ka’uu tasiisuu;

  • HIV/AIDS dhimma koorniyaa waliin qindaa’ee hojii irra akka ooluuf hojmaata IIDO tiin wal simee akka deemuuf hordofuu;

  • Waa’ee HIV/AIDS irratti manaajimeentii fi hojjettoota Waajjira Ol’aanaa fi pirojektootaaf yeroo yerootti hubannoo uumuu fi qorannoo dhiigaa akka tasisan haala mijeessuu,

  • Guyyaa fi yeroo kabbajaa Ayyana HIV/AIDS waliin walqabsiisuun deegarsi barbachisaa ta’e nammoota dhibbeetiin qabamaniif akka taasisamuuf hubbannoo uumuun haala mijeessuu,

  • Lammiileen dhukkubaan qabamanii jiran fi maatii isaaniitiif deeggarsi barbaachisaan akka taasifamu ni godhama,

  • Dhimma HIV/AIDsii waliin walqabatee fandiin bara 2008 keessa hunddeessuu,

  • Hojiin ittisaa fi to’annoo HIV/AIDSii idileeffamee irratti hojjachuun akka danda’amu bara baraan Qr 50,000 ramaduun hojii irra akka dhimma kanaaf oolu taasisuu,

2.4.11.2 Hojii Dhimmi Koorniyaa Ilaalchisee:

  • Hordoffii fi deeggarsa raawwii hojii gaaggeeffamu keessatti dhimmi korniyaa dhimma xiyyeeffannoo oggansaa fi ogeessaa mana hojiichaa akka ta’u gochuu fi cheeklistii qopheessuun hojii waajjiraa waliin akka oggansa argatu gochuu,

  • Ijaarsi Daandiiwwan Baadiyyaa fi Magaalaa keessatti gaggeeffamaa jiru hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa fi dargaotaa akka mirknaa’uu taasisuu;

  • Dubartootnni mana hojiichaa sadarkaan keessatti argamanitti ijaaramanii adeemsa sirna dimookiraasii fi bulchiinsa gaarii dagaagsuu keessatti shoora irra eegamuu akka ba’aniif hirmaatootaa fi fayyadamtootaa gama hundaan akka ta’an hubannoo uumuu qindeessuu;

  • Hojii koorniyaa idileessuu qabatama gochuuf sagantaalee kamiyyuu keessatti dubartootni carraa misoomaa hundaa keessatti akka hammataman, hirmaannaa guutuu akka qabaatan jajjabeessuuf, hirmaannaa cimaa misooma keessatti qaban ol kaasuuf hojiin itti fufinsa qabu walqixxummaa koorniyaa irratti akka hojjetamu tasifamuu;

  • Wal-qixxummaa korniyaa (dhiiraa fi dubartootaa) heeraa fi seera Mootummaan bahe irratti hubannoo argatanii guddina, qacarrii fi jijjirraa gaggeeffamu keessatti mirgi dubartootaa eegamuu isaa hordofuu fi qaama dhimmi ilaaluuf gaabaasuu;

  • Dorggommii leenjii fi barnootaa taasifamu keessatti dubartootni ulaagaalee bu’uura guutan, dubartummaa isaanitiin adeemsa qabxii dabalataa ittin argatan hojii irra oolchuu;(Affirmative action)

2.4.12 Karoora Hordoffii Naamuusaa fi Malaamaltummaa

Muxannoowwan gaggaarii fi aadaa hojii gaarii ta’an gabbisuun kanneen fudhatama hin qabne fi hojiitti gufuu ta’an hunda dhaawwata dhaawwataan dhabamsiisuuf, bara 2008-2012 keessa kana wajjiin walqabatee dhimmoota kana gadii hojjachuuf karoorfameera.



  • Ilaalcha fi gocha kiraa sassaabdummaa irratti hojii hubannoo cimsuun ol-irraa hanga dakaatti hojjachuu,

  • Iddoowwan qisaasamaaf qaawwaa bananii jedhamanii adda bahan hordofuun madaalaa deemuu akkasums iddoo kiraasassaabdumaaf saaxilamuu danda’anu qorannoon adda baasuun irrati hojjechuu

  • Hojimaata Malaammaltummaa fi Hojimaata Badaaf Qaawwa banan kanneen biroo irratti Qo’annoo Geggeessuun irrati hojjechuu,

  • Hojjatoota haaraa qacaraman waa’ee naamuusa gaarii fi farra malamaltummaa ilaalchisee hojiitti seenuun dura hubannoo kennuu,

  • Fookaalii naamusaa fi fookaalii raayyaa hundeeffamanii jiran cimsuu fi pirojektoota haaraa banaman irratis hundeessuu,

  • Intarpiraayizichi haala hojimaata diriirseen kenninsi tajaajilaa gahaa ta’uu isaa hordoffuu,

  • Aadaa qusannoo qabeenyaa babal’isuu, jajjabeessuu fi kanneen badii qaban hir’isuu irratti hojjachuu,

  • Badinsa mul’atu hojjataa keessaa eeruu argachuun akka danda’amu hojjataa wajiin ni mari’atama, haalli fi iddoo eeruun itti kennamuu mijeessuun yakki malaanmalummaa akka saaxilamu taasisuu.

  • Qindoomina Qabsoo Farra malaammaltummaa Uumuu

  • Hojii Qabeenya beeksisuu fi galmeesisuu qindeessuu

  • Qajeelfama Naamusaa haaraa qophaa’ee mirkanaa’ee jiru bara bajaata 2008-2012 irraa eegalee hojiirra akka ooluufi akka itti hojjetamu taasisuu,

  • Sirna Hordoffii fi Gamaggamaa cimaa diriirsuun:

  • Tajaajila hojjataa keessaa

  • Tajaajila dhiheessotaa, maamiltoota fi kkf mirkaneessuu.

2.4. 13 Karoora Hojii Bulchiinsa Gaarii fi Fooyya’iinsa Siivili Sarvisii
IIDO bara darban keessa meeshaalee riifoormii adda addaa hojiirra oolchuun haala hojii isaa mijeessuuf hojjachaa turee jira. Bara 2008-2012 keessa hojiiwwan gurguddoon karoorfaman kunneenis:-

  • Raayyaa jijjiiramaa ijaaramee jiru cimsuun itti fufsiisuu.

  • Paakejiilee riifoormii hojii irra olee fi oolaa jiru bu’aa isaa madaalaa deemuun jijjiirama dhufaa deemuu galtee godhachuun hojimaata fooyyessaa deemuu.

  • Bulchiinsa gaarii mirkaneessuun kiraa sassaabdummaa hir’isuu.

  • Hooggansa kaayizanii gara pirojaktotaattis babal’isuu.




        1. Sochii Raayyaa jijjiiramaa

  • Gurmii raayyaa jijjiiramaa tokko-shanee 117, garee raayyaa 23 fi gumii adda durootaa kana dura sadarkaa hundatti ijaaramee ture keessa deebi’uun sakata’uun bakka hanqinni jirutti akkaataa qajeelfama gurmaa’insa raayyaa jijjiiramaatiin irra deebi’uun ijaaruu.

  • Marii tokko-shanee sadarkaa hundatti bifa walfakkaataan guyyaa guyyaan akka adeemsifamu kallattii kaa’uu fi hordoffuu.

  • Mariin garee raayyaa torbe lamatti al tokko haala itti fufiinsa qabuun akka adeemsifamu kallattii kaa’uu fi hordoffuu.

  • Waltajjiin marii adda durootaa ji’atti al tokko haala itti fufiinsa qabuun akka adeemsifamu kallattii kaa’uu fi hordoffuu.

  • Hojii isaanii irratti hundaa’uun adda duroota filachuu fi hojjatoota adda duroota (fakeenya) ta’aniif sagantaa onachiiftuu qopheessuu.

        1. Jijjiirama Bu’uura Adeemsa Hojii (JBAH), Sirna Madallii Bu’a Karoora tarsimaa’aa (SMBKT) fi Chartarii Lamiilee (CHL)

  • JBAH, hanqiinaalee yeroo yaalii keessatti mul’ate irratti hundaa’uun keessa deebi’amee qoratame manajimantiif dhiyeessuun mirkaneessuun guutumaa guututti hojiirra akka ooluuf deeggaruu.

  • Haalli raawwii JBAH’s yeroo yerootti hordofuun jijjiramaa isaaa madaaluu fi xiinxaluun deeggarsaa fi hordoffii taasiisuun akka sirraa’u taasisuu.

  • SMBKT, qoratamee manajimantiin mirkanaa’e hojii irra akka oolu taasisuu fi raawwata hundaaf bara 2008 ji’a Fulbaanaa-Onkololeessatii leenjii hubannoo uumuu qopheessuu.

  • Chaartarii Lamiilee wixinee dhumaa baasuun krmaana 3ffaa keessa labsuu fi maamilaaf hubannoo uumuu.

        1. Hooggansa Kaayizanii

  • Hooggansa kaayizaniin walqabatee muuxannoo wiirtuu garaajii giddu galeessaa irraa argame qindeessuun hoggansa kaayizanii sadarkaa waajjira ol’aanaa fi pirojaktoota hundaatti babal’isuu.

  • Gareen/Gumiin jijjiirama kaayizanii yeroo yerootti wal argee akka mari’atu taasisuu ji’atti al tokko gabaasa akka dhiyeessu gochuu.

  • Gamaaggama bu’aa hojii irra oolmaa kaayizanii gaggeessuu.

  • Sirna beekkamtii argachuu hooggansa kaayizanii irratti hojjachuu fi hojjataa jajjabeessuu.

  • Hooggansi kaayizanii akka of duuba hin deebineef Toftaalee hooggansa kaayizanii shanan (5s) itti fufiinsaan hordofuu.

  • Bulchiinsa gaarii akka lafa qabatu haala mijeessuu


      1. Karoora Hojii Dhimmoota Kominikeeshinii

Uummanni naannoo Oromiyaa ijaarsa sirna dimookiraasii, bulchiinsa gaarii fi misoomaa geggeeffamaa jiru keessatti dammaqinaan hirmaatee irraas fayyadamaa akka ta’u gochuuf odeeffannoo wayitaawaa fi qulqullina qabu kennuufiin barbaachisaadha. Intarpiraayizichi hojiiwwan raawwatu keessatti rakkoo ilaalchaa fi hanqina hubannoo mul’atan hikkuuf karooraa fi raawwii isaa irratti hojii kominikeeshinii kallattii /face to face/ fi hojii kominikeeshinii miidiyaan hojjechuun haala itti fufinsa qabuun odeeffannoon ummataaf kennuu qaba.

        1. Hojiiwwan bara 2008-2012 keessa Hojjetamuuf karoorfaman

  • Hojjettoota intarpiraayizichaa ergama mana hojii isaanii hojii kominikeeshinitiin deeggaruuf gahumsa akka qabaatan gochuuf, maalummaa kominikeeshinii irratti leenjii waggaatti al tokko baay’inaan 5 akka argatan gochuu,

  • Karooraa fi haala yeroo irratti waltajjii marii hojjettoota waliin waggaatti yeroo 2 baay’inaan 10 gaggeessuu

  • Egzibishinii suuraa foddaa kophii kurmaana kurmaanaan al tokko ta’e waggaatti 4 Baay’ina 20 qopheessuu,

  • Qorannoo haalaa (Kiraa sassaabdummaa fi Bulchinsa gaarii) adda baasuudhaan hojii kominikeeshinii irratti hojjechuu,

  • Qaama ilaaluuf Duub-deebii si’ataa yeroon kennuun haala itti danda’an uumuu

  • Miidiyaa affeeruudhaan ykn gaaffii miidiyaatiin dhimma 8 ta’u irratti ragaa fi ibsa kennuu

  • Maxxansa barruu mana hojii yoo xiqqaatte waggaatti al tokko kan qophaa’u yoo ta’u, fi biroosharootni adda addaa odeeffannoo intarpiraayizichaa ibsan koppii 6,000 qindeessuun hawaasaaf tamsaasuu,

  • Ajandaa fi kaalandarii bara haaraa bara baraan koppii 1000 qopheessuu.

  • Dokumentariii fi sagantaalee TV adda ddaa waggaatti 2 baay’ina 10 kan hojii waliigalaa intarpiraayizichaa ibsan hojjechuun tamsaasuu

  • Raawwiin hojii fi milkaa’inni intarpiraayizichaa yeroo yerootti akka hojjetamu miidiyaaf eeruu kennuu

      1. Hojii Karooraa fi Dagaagina Bizinasii

Karooraa fi Dagaagina Biizinasii bara 2008-2012 keessa hojjachuuf karoorfaman keessaa ijoon:-

  • Karoora IIDO bara 2008-2012 qopheessuun qaama ilaalatuun, maanajimantii IIDO, Boordii IIDO, ATTDHMO, tiif dhiyeessuun akka mirkanaa’u taasisuu,

  • Karoora waliigalaa KGT II irra karoora IIDO bara bara gadi fageenyaan qopheessuun qaama ilaalatuun, maanajimantii IIDO, Boordii IIDO, ATTDhMO, tiif dhiyeessuun akka mirkanaa’u taasisuu,

  • Karoora Intarpiraayizichaa Maanajimantii fi Boordiin mirkanaa’ee hojiitti galamu kanas hojjataan hundi beekee karoora kana irratti hundaa’uun hundumtuu karoora dhuunfaa isaa qopheefatee ga’ee isaa akka ba’u hojjata hunda biraan gahu, hubachiisuu,

  • Dookumantii Karooraa irratti mari’atamee yaadaan gabbifame qindeessuun raabsuu,

  • Hojiiwwan karoorfaman haala karooratiin deemaa jiraachuu isaanii hojjatamaa jiraachuu yeroo yeroon hordoffii wal irraa hin cinne taasisuu,

  • Hanqina fi cimina jiraachuu danda’an adda baasuun hanqinnoonni hojii irratti mul’atan atattamaan sirreeffamuun hojiin duubatti hafe yeroon akka bakka bu’uuf deeggarsi barbaachisaa ta’e qaama ilaallatuun akka taasifamuuf waajjiraaf yaada fi bu’aa hordoffii fi gamaaggamaa ji’a, kurmaanaan fi waggaan duubi-deebii kennuu,

  • Rakkoolee keessaa fi alaa hojii intarpiraayizichaa irratti gufuu ta’aa jiran adda baasuun osoo hojii irratti miidhaa hin geesisin hojjata sadarkaa sadarkaan jiru wajjin mari’achuu fi rakkoolee ciccimoo sirritti adda baasuun ajandaa marii qopheesuun maanajimantii IIDOf ta’u ji’aa fi Kurmaanaan marii fi murteef dhiyeessuu,

  • Gabaasa dhiyaatu xinxaluun raawwii hojii waliin madaaluun ji’aa fi Kurmaanaan qopheessuun qaama ilaallaltuuf dhiyeessuu.

  • Kurmaana kurmaanaan dirree irratti argamuun too’annoo fi hordoffii gaggeessuun hojiin haala karooratiin adeemuu isaa xiinxaluun hanqinaalee hojii keessatti mudachaa jiran adda baasuun tarkaanfin sirreefamaa akka fudhatamu qindeessuun dhiyeessuu, akkasumas muxannoowwan gaaggaarii bakka tokko jiru gara birootti akka babal’atu deeggarsa gochuu,

  • Ragaa qorannoo funaanuun qindeessuu,

  • Carraa gabaa adda addaa qoraachuun kannee Intarpiraayizichaaf bu’aa qaban adda baasuun dhiyeessuu,

  • Intarpiraayizichi Biizinasii amayyaa keessa galee dorgomaa cimaa akkaataa itti ta’u danda’u karoora dagaagina bizinasii gadi fageenyaan bara 2008 keessa konsaltaantiin qorachiisuu,

  • Ragaalee (data) karoora bara baraa kan waggoota shananii qopheessuuf gargaaran funaanuun qindeessuu

  • Bara 2012 keessa ragaa barbaachisaa qindessuun fi gamaagama hojii barreen darbanii adeemsisuun karoora wagga shanii barren itti anaan Intarpiraayizichaaf qophessuu.

  • Sirna bulchiinsa odeeffannoo hammayyaan (MIS) konsaltaantiin qorachiisuun akka diriiru godhuu,

  • Odeeffannoo barbaachisu kamiiyyuu karaa salphaan argachuu fi eegumsa qabu uumuu,

  • Odeeffannoo /ragaa qulqullina qabu fi itti fufiinsa qabu akka uumaamuf ni hojjetama

  • Weeb saayitii fi Face bookii intarpiraayizichaa hojjetamee hojiirraa oolchuu

  • Wiirtuu daataa meeshalee barbaachiisan kan qabaatu dhaabuu,




      1. Hojii Faayinaansii

Karoora hojii galmaan gahuu keessatti gaheen maallaqni qabu murteessaa waan ta’eef sirna itti fayyadama maallaqa Intarpiraayizichaa guddisuun maallaqa muraasa jiru hojii bu’a qabeessaa fi fedhii Intarpiraayizichaa guutuu danda’u irratti oolchuun barbaachisaa dha. Kana dhugoomsuufis karoorri qophaa’u hojiiwwan ijoo ta’an wal duraa duubaan kaa’uun baajata murtaa’aa jirutti fayydamuun bu’aa ol’aanaa argamsiisuuf maallaqa ramadamu akkaataa seera faayinaansii eeggateen hojii ramadame qofaaf oolchuu dha.



Sirna hordoffii fi gamaaggama raawwii hojii fi itti fayyadama maallaqa irratti xiyyeeffannoo guddaa kennuun qaama hunda sadarkaa adda addaatti argamuuf hubannoo uumuu, hojii irra oolmaa sirnichaa cimsuu akkasumas bu’aa raawwii karooraa fi fayyadama maallaqaa yeroo yeroodhaan maadaaluun tarkaanfii sirreeffamaa barbaachisu fudhachuun murteessaa ta’a. Dabalataanis haalli itti fayyadama maallaqa seera faayinaansii eeggateen kan raawwatame ta’uu fi ta’uu dhabuu sirna odiitii jiru cimsuun fi itti fayyadamuun argannoo bu’aa odiitii irratti hundaa’un tarkaanfii barbaachisaa ta’e saffinaan fudhachuu irraa eegama. Haaluma kanaa gahumsaa fi bu’a qabeessuummaa dabaluun maallaqni osoo hin qisaasamne hojii karoorfameef oolee bu’aa eegamu fiduun ni danda’ama.



  • Herrega bara baraan hanga Fulbaana dhumaatti cufuudhan ibsa Faayinaansii manajimantii fi Boordiif dhiyessuu,

  • Maallaqa Intariraayizichaa hordofuun qarshii biiliyoona 9.85 walittiqabuu,

  • Herrega bara baraan hanga Muddeetti oditaraa alatiin oditii gosisuun manajimentii fi boordiif dhiyeessuu

  • Soofti weerii herreega ammayyaawaa bara 2008 irraa eegalee hojiirra oolchuun qabannaa herregaa ammayeessuu.

  • Ibsa galii fi baasii akkasumas ibsa Faayinaansii guutuu ta’ee kurmaana kurmaanan bara baraan qopheessuun manajimantii fi Boordiif dhiheessuu.

  • Meeshalee fi qabeenya Waajjiraa hala qajeelfama fi danbii jiruun hojii irraa oluu fi halaa qabinsaa galme meeshaale to’achuu fi deggarsa barbaachisuu godhuu

  • Qabeenya hirri’inaan/darbaadhaan mul’ataan bara baraan darban qulqulleessaani sirressuu

  • Meeshaalee mana kuusaa Damee Suphaa saglan keessa jiran kan tajaajilu gara pirojektii akka darbuu kan hojiif hin barbachisnee ammoo bara 2008-2012 keessa akka maqsamu taasisuu,


Gabatee-36

Karoora Sassaabbii fi Baasii Mallaaqa bara 2008-2012, Qr 000n

Dhimma

2008

2009

2010

2011

2012

Ida’ama

Qarshii sassaabamu

1,386,700.00

1,761,299.86

1,948,753.00

2,351,243.00

2,405,767.44

9,853,763.30

Kafaltii raawwatu (Baasii)

1,308,649

1,631,229

1,842,589

2,109,546

2,138,880

9,030,893

Garaagarummaa

78,051.00

130,070.86

106,164.00

241,697.00

266,887.44

822,870.30


2.4.16.1 Galii fi Baasii Bara 2008-2012 Karoorfame

Bara 2008-2012 walumaa galaan galii Qr Biiliyoona 9.93 kan argamu yoo ta’u kana keessaa Qr Miiliyoona 77.40 ta’u gurgurtaa maqsuu qabeenyaa irra akka argamu kan tilmaamamee dha. Hojii barreen kanneen keessa raawwatamaniif baasiin Qr Biliiyoona 9.03 akka barbaachisu karoorfameera. Baasiin kunis raawwii hojii piorjektootaa fi tajaajila jiddu galeessaan kennamuuf baasii barbaachisuu ilaallata. Bu’aan waliigalaa waggootaa shananii kan taaksii duraa Qr Miiliyoona 820.90 dha. Bu’aan kunis galii gurgurtaa dhabamsiisa meeshaalee irra argamu hin hammatu. Kanuma wajjin walqabatee hundamtaa baasii kun haala arman gadiitin taa’eera.



Gabatee -37

Galii fi Baasii Bara 2008-2012, Qr 000n

Lakk

Gosa Galii fi Baasii

2008

2009

2010

2011

2012

Ida’ama

1

Galii hojii pirojektoota irraa argamuu

1,373,100.00

1,738,320.00

1,929,450.00

2,315,150.00

2,353,750.00

9,709,770.00

2

Galii meeshaa Maqfamuu irraa argamuu

12,670.00

18,289.86

13,283.00

15,283.00

17,872.44

77,398.30

3

Galii omishalee irraa argamuu

4,590.20

7,758.00

11,759.50

20,703.00

30,986.50

75,797.20

4

Suphaa konk.alaa

430.00













430.00

5

Galii biraa

500.00

4,690.00

6,020.00

20,810.00

34,145.00

66,165.00




Ida’ama Galii

1,391,290.20

1,769,057.86

1,960,512.50

2,371,946.00

2,436,753.94

9,929,560.50

5

Baasii pirojektoota

1,182,557.95

1,448,681.29

1,625,012.72

1,848,015

1,832,838

7,937,104.16

6

Baasii giduugaleessaan Raawwatu (overhead cost)

82,863.09

92,830.95

92,349.58

98,894.04

106,372.14

473,309.80

7

Baasii omishaleetiif raawwatuu

3,861.20

6,427.50

9,598.95

14,833.40

19,829.60

54,550.65

8

Suphaa konk.alaa

366.00













366.00

9

Baasii hirrina dulluminaa Ikup.fi meeshaalee dhabbataa

35,000.00

83,288.94

115,627.30

147,803.93

179,839.98

561,560.15




Ida’ama baasii

1,304,648.24

1,631,229

1,842,589

2,109,546

2,138,880

9,030,893.00




Bu’aa waliigalaa (taaksiii bu’aa dura)

74,337.96

119,539.32

104,640.95

247,116.63

280,001.78

820,903.59




  1. Yüklə 1,97 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   34   35   36   37   38   39   40   41   42




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin