Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Kaayyolee fi Tarkaanfiiwwan Tarsiimo’aa (Strategic Initiatives)



Yüklə 1,97 Mb.
səhifə42/42
tarix03.01.2022
ölçüsü1,97 Mb.
#39165
1   ...   34   35   36   37   38   39   40   41   42
Kaayyolee fi Tarkaanfiiwwan Tarsiimo’aa (Strategic Initiatives)

Kallattii Madaallii

Kaayyolee Tarsiimo’aa

Tarkaanfiiwwan Tarsiimo’aa

(Strategic Initiatives)



Baajata (000)

Maamila

  1. Amantaa maamilaa dabaluu

  2. Itti quufinsa maamilaa guddisuu

  • Sagantaa sakatta’insa yaadaa fi itti quufinsa maamilaa (client opinion & satisfaction survey)

180.00



Faayinaansii

  1. Gahumsa fi bu’a- qabeessummaa maalaqaa fooyyessuu

  • Sagantaa fooyya’insa bulchiinsa fi to’annoo baasii




1,150.00

  1. Galii guddisuu

  • Sagantaa sassaabbii galii

500.00

  1. Itti fayyadama qabeenyaa fooyyessuu

  • Sagantaa bulchiinsa qabiinsa qabeenyaa intarpiraayizii (inveentarii, inispeeksshinii )

3,750.00


Adeemsa Hojii Keessaa

  1. Qindoomina dhimmoota sektaroota foyyeessuu

  • Qindoomina Dhimmoota sekteroota idileessuu (mainstreaming cross cutting issues)

250.00

  1. Wal-harkaa fuudhiinsa hojii dabaluu

  • Sagantaa hordoffii fi deeggarsaa

  • Istaandardii fi noormii hojiifayyadamuu




2,326.00

  1. Qulqulliina hojii ijaarsaa dabalu

  1. Qulqulliina fi Yeroo Ragaa kanfaltii foyyeessu



972.00


  1. Sirna ’’Risk managment” diriirsu

  • Sagantaa inshuraansii

  • Leenjii kennuu

  • Sagantaa of eeggannoo bakka hojii (Safety programm)

  • Sagantaa hirmaannaa Investimenti adda addaa

95,806.95

  1. Sirna hordoffii, deggarsaa fi gamagamaa fooyyessuu




400.00

  1. Ga’umsa (Efficiency) Ikkupimantoota dabaluu

  • Sagantaa gahumsa maashinarii cimsu (Hubannoo uumuu, PM fi CM cimsuu)

3,142,056.00

  1. Dhiheessii ijaarsaaf barbaachiisu Qulqullinaa fi yeroo dhiheessu

  • Sagantaa ispeesifikeeshinii (waliigaltee)

  • Karoora gocha hojii

200.00

  1. Baay’ina pirojaktootaa hojii guddisuu

690.00

  1. Qo’annoo fi qorannoo guddisuu

  • Sagantaa sakata’iinsaa hojii haaraa

350.00

  1. Hojimaata bulchiinsa gaarii fi kenniinsa tajaajilaa fooyyeessuu

  • Paakeejii bulchiinsa gaarii

  • JBAH, BSC, Muuxannoo gaarii babal’isuu

  • Raayyaa jijjiiramaa

230.00

Ijaarsa Dandeettii

  1. Aadaa fi naannoo hojii fooyyesuu

  • Sagantaa fooyya’iinsa humna namaa

  • Sagantaa riifoormii




80.00

  1. Dandeettii raawwachiisummaa hoggantootaa fi raawwattootaa fooyyessuu

  • Sagantaa barnootaa fi leenjii

  • Sagantaa muuxannoo gaarii babal’isuu

  • Paakeejii badhaasaa fi onnachiiftuu




5400.00

  1. Dhiyeessii, itti fayyadama teknoloojii fi meeshaa dhaabataa guddisuu

  • Sagantaa dhiyeessii ikkupimentii(teeknoolojii)

  • itti fayyadama ikkupimentii ( teekinooloojii)

3,365,138.61

Ida’aama

7,830,657.00



3.2 Sirna Hordoffii, Deggarsa, Gamaaggamaa fi Duub-deebii

(Monitoring and Evaluation System)
Hordoffii fi gamaaggamni raawwii tooftaa to’annoo raawwattootaa qofa osoo hin taane, raawwattoonni hojii isaanii irratti caalmaan fooyya’anii akka argaman haala deeggarsi itti kennamuuf, guddina jijjiramaan wal-qabatanii mana hojii tokko keessatti uumaman irratti walta’iinsi waliin akka uumamu, guddinaa fi bu’aa gaariin itti fufiinsa qabu mana hojii keessatti akka jiraatu haala gaarii mijeessuuf adeemsa hoggansa hojii mirkaneessuu ni dabalata.
Kaayyoon hordoffii fi gamaaggamaa, raawwii hojii sirna odeffannoo diriiree ittiin hojjetamu irratti hundaa’uun raawwii hordofuu fi gamaaggamuu; tarsiimoo, kaayyoolee, safartuulee raawwii fi mannii kaawamaniin bu’aaleen argaman dhugoomuu isaanii mirkanneessuu; akkasumas, hojiin haala barbaadamuun adeemaa jiraachuu isaa agarsiiftuuwwan safartuu milkaa’inaatiin sakatta’uun rakkoolee uumamaniif deebii atattamaa itti kennuuf ni gargaara.

Gamaaggamni hir’ina sirreeffamuu qabu addaan baasuun tarkaanfii sirreeffamaa taasifamuu qabu murteessuuf ni dandeessisa. Hordoffii fi gamaggama keessatti qabxiileen dhimmoota bu’uura ta’anii ka’uu qaban:



  • Bu’aan argame maaliif argame? Galteewwanii fi adeemsa

  • Hojilee sirrii ta’an hojjechaa jirraa? Raawwii tarsiimoo’aa (strategic)

  • Hojiilee hojjennu sirritti hojiechaa jirraa? Raawwii guyyaa guyyaa (operational)

  • Bu’aalee argaman sirriitti safaraa jirraa? Sirrummaa safartuu mirkaneessuu

  • Bu’aalee safaramuu qaban safaraa jirraa? Sirrummaa bu’aalee argamanii mirkanneessuu

  • Sagantaalee fi pirojektoota bu’aa caalmaa argamsiisan gaggeessaa jirraa?

  • Maniin (target) kaawame sirritti kaawamee jiraa?

  • Kaayyoon aggaamame galma barbaadame gahee jiraa?

  • Kaayyoo tarsiimoo’aa kamtu walitti hidhatiinsa, safartuulee raawwii, mannii fi tarkaanfiiwwan tarsiimoo’aa barbaachisan waliin adeema, kamtu fooyya’uu, dabalamuu ykn haqamuu qaba?

  • Sirna qabiinsa ragaa haala kamiin fooyya’aa taasisuun danda’ama?

  • Walitti dhufeenyi kaayyoo fi safartuulee raawwii gidduu jiruu fi sababni fi bu’aan walitti hidhamiinsa kaayyoo tarsimo’aa kan biroo waliin qabu haala barbaadameen mul’atee jiraa? kan jedhan kaasuun sirrummaa tarsiimoo’aa mirkaneessuun barabchisaadha.

3.4 Sirna Hordofii, Gamaaggamaa fi Dub-Deebii Hojii Irra Oolmaa Karoora Waggaa Shan (2008-2012)


Adeemsi Hordoffii, deeggarsa, gamaaggama fi dub-deebii karoora qophaa’e tokko galmaan gahuuf sirna ittiin hordofamu keesaa meeshaa hoggansaa isa tokkoo dha. Barbaachisummaan isaas hojiiwwan karoorfaman raawwiin isaa hordofamee rakkoolee adeemsa keessatti qunnaman karooran maqsuun, tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun galma gahinsa hojiiwwan karoorfamanii mirkaneessuudhaaf ni gargaara.

Hojii irraa oolma Karoora waggaa shanii ilaalchisee dhimmi xiyyeffannoo argachuu qabu gamaggama raawwii karoora waggaa waggaa dhan qopha’uu hunda ittigafatammummaa oolaanaan hordoffuudhan raawachuun barbaachisa dha. Bu’uuruma kanaan, karoora KGT II kanaaf qopha’ee kana akkaata Intarpiraayizichaatiin gadibuusuun gabatee raawwi fi cheeklistii dhan addaa bahee pirojektoota jiran qaama ilaaluun akka mirkana’uu ta’ee raawwiin hojii irra oolmaan isaa erga mirkanaa’ee booda gabaasni raawwii isaa madaalamuu qaba.



Haaluma kanaan:-

  • gabaasni raawwii bu’aa karooraa kan ji’aa, kurmaanaa fi waggaa yeroo yeroon qindaa’ee kan gabaafamu ta’a.

  • Sirna gabasaa keessattii dhimmii xiyyeeffannoo argachuu qabu qulqullina ragaa waliin walqabatee rakkoo quunnamu yeroon furuuf bifa ammayyaa ta’een adeemsa ragaa walittii qabuu, qindeessuu, xinxaaluu fi qaama mirkaneessuun erga ragga’ee booda gaggeessaan mana hojii sirrummaa isaa itti gaafatammummaa fudhatee kan dabarsuu ta’uu qaba.

  • Akka Intarpiraayizichaatti gamaagamni raawwii hojii ji’a ji’aan ni raawwata, pirojektoota waliin ji’a sadiitti al tokko gamaaggamni ni gaggeeffama.

  • Gamaaggamaa geggeffamuun hojiiwwan raawwataman, rakkoolee qunnamanii fi tarkaanffiwwan fudhataman ibsuun gabaasa caasaa sadarkaa ol argamutti dhiyeessuun irra jira.



Yüklə 1,97 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   34   35   36   37   38   39   40   41   42




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin