Qabeenya Dhumataa: - kanneen kun meeshaalee waajjira keessatti itti fayyadamnu kan akka waraqaa, peennaa, qalama Kompiiyutaraa, fi k.k.f akkasumas boba’aafi dibata qisaasa tokko malee qusannaan itti fayyadamuu, baasiin seeraan alaa akka hin baaneef kan fayyadu dha.
G) Hojii Qulqullina Qabu Hojjechuu
IIDOn hojii ijaarsaa raawwatu keessatti qulqullina fi yeroo isaa eegatee raawwachuun irraa eeggama. Qulqullina yeroo jennu hojiin ijaarsaa haalli itti raawwatamu Istaandaardii fi noormii mataa isaa waan qabuf sana eeggatee raawwatamuu qaba. Akkasumas, meeshaaleen ijaarsaaf oolan garaagaraa qulqullina isaanii mirkaneessuun hojiidhaaf qopheessu. Kanaafu, Interpiraayizichi hojii ijaarsaa kamiyyuu yeroo raawwatu qulqullinaa fi yeroo isaa eeggatee raawwachuun isaa itti quufiinsa maamilaa fiida.
-
Dostları ilə paylaş: |