Smbkt intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Ibsa Kallattiiwwan Madallii



Yüklə 2,07 Mb.
səhifə34/84
tarix09.01.2022
ölçüsü2,07 Mb.
#96981
1   ...   30   31   32   33   34   35   36   37   ...   84
7.1. Ibsa Kallattiiwwan Madallii

a) Maamila: Jechuun qaama hojii Intarpiraayizichaaf kontiraataan kennuu fi galma ga’iinsa hojichaa kan hordofu ta’ee karaa tokkoonis ta’ee gama biraan hojii ijaarsa tajaajila saffiisaa fi haawwata ta’e Intarpiraayizii irraa kan eegani dha.

Kanaafuu, hojii intarpiraayizichaan gaggeeffamu keessatti shoora ol’aanaa waan qabaniif kallattii madaallii sadarkaa duraa irra ka’uun xiyyeeffannoo kennuun hojjechuun barbaachisaa ta’ee argameera.

b) Faayinaansii: Kallattii madaallii faayinaansii jechuun qabeenya maallaqaa fi fiizikaalaa ta’e maallaqa hojiif qabamun galii hojii hojjatamee irraa argamu fi madda galii adda addaa irraa argamu yoo ta’u, qabeenya muraasa jiru kana qusannaan hojii ijaarsa irra olchun fedhii misooma fi ijaarsaa maamilaaf guutuun kan itti danda’amu ta’uu isaa kallattii ittiin ilaalamuu dha.

Akka yaad-rimee dhaabbata miisomaatti kallattiin faayinaansii qabeenya maallaqaa ykn baajata murtaa’aa ta’e tokkoon bu’aa dabalataa argamsiisuu irratti xiyyeeffatee kan hojjetuu fi madda galiiwwan adda addaa babal’isuun faayidaa bu’a qabeessa ta’eef oolchuu ni dabalata.

c) Adeemsa Hojii Keessaa: Jechun sirna waliigala adeemsa raawwii hojii, saffina, ga’umsaa fi qulqullinaan raawwachuf diriirsuun, gaaffii maamiltootaa fi dhimmamtootaaf deebii hatattamaa kennun saffina fi itti fayyadama qabeenyaa qusannoon raawwachuuf kallattii ittiin ilaalamuu dha. Dabalataanis bu’aaleen kallattii madaallii maamilaa fi faayinaansii keessatti eeggaman akka uumaman iddoo itti taasifamuu dha. Kanaafu intarpirayiizichi ergama kennameef kallattiidhaan hojii irra oolchuuf adeemsi hojii keessaa gahee ol’aanaa qaba.

d) Ijaarsa Dandeettii: Jechuun dandeettiin raawwachisummaa gaggeessitootaa fi raawwattoota intarpiraayizichaa keessatti sadarkaa adda addaatti argaman akka cimu, dhiyeessii fi itti fayyadama teekinooloojii ammayyaa fi qabeenya intarpiraayizichi kan hammatuu dha. Keessattuu qabeenyi humna namaa beekumsa, dandeettii fi ogummaa, ilaalcha aadaa hojii isaatiin jijjiiramee galma gahiinsa ergama intarpiraayizichaatiif shoora ol’aanaa taphachuu akka danda’u kan ittiin taasifamuu dha. Dabalataanis, gahumsi gaggeessummaa sadarkaa sadarkaan jiru cimee hoggansa bu’a qabeessa ta’e kennuuf akka danda’u kan keessatti ijaaramuu dha. Akka waliigalaatti kallattiin madaallii kun galmawwan kallattiwwan biroo keessatti argaman gara bu’aatti jijjiiruuf bu’uura waan ta’eef xiyyeeffannoo ol’aanaa kennuudhaan irratti hojjachuun barbaachisaa dha.


Yüklə 2,07 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   30   31   32   33   34   35   36   37   ...   84




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin