Boqonna tokkoffaa seensawaliigalaa


Tilmaamamummaa Murtii Manneen Murtii Sadarkaa Jalqabaa Dabaluu



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə2/12
tarix25.10.2017
ölçüsü0,57 Mb.
#12981
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12

Tilmaamamummaa Murtii Manneen Murtii Sadarkaa Jalqabaa Dabaluu

Manneen murtii himannaa jalqabaa ilaalaannii murteessuf aangoo qabaan bakka adda addaatti wal-irra fagataannii kan jiraan ta’uu irra kan ka’e, manneen murtii ol’iyyannoodhimmoota manneen murtii jalaaf ifaa hin tane fi ejjennoon garagaara hordofsissu danda’an irraatti hiikkoo seeraa, qajeelaa fi sirrii ta’ee kennuutiin, murtiilee manneen murtii sadarkaa hundatilmaamammoo fi walfakkata taasisaa.11 Kana malees,Manneen murtii ol’iyyannoo yeroo baay’ee abbootii seeraa sadiin dhimma ol’iyyannoon dhihaatu bilchiinna fi gad- fageenyaan waan ilaalaanif hiikkoo seerroota irratti ejjennoon sirrii ta’e akka jiraatu gochuu keessatti gahe gudda qabu.

Manneen murtii ol’iyyannoo, murtii tilmaamammaan akka jiratu gochuu keessatti caalmaan bu’aa qabeessa kan ta’aan biyyoota sirna Kooman low tiin bullaan keessatti dha.Sababni isa, manneen murtii jalaa dhimmoota walfakkaata fuulaa duraatti isaanii bira dhufaanif hiikkoo mana murtii ol’iyyannoon kennamme akka seeraatti hordofuf dirqama qabu waan ta’ef. Biyyootta sirna seera siviili tiin bulaan keessatti manneen murtii gadii hiikkoo seeraa manneen murtii ol’iyyannoon kennaame hordofuf sirni ittin dirqamaan hin jiru.Haata’uu malee, sodaa murtiin hiikkoo manneen murtii ol’iyyannoon faallaa kennamme abbaa dhimmaa dhaamasuun ta’a malee ni digaamaa jedhuu fi duudhaaleen garii baratamu h qabu ilaalcha jedhu irra ka’uun hordofu danda’u.12


Biyya keenyaatti akkaata labsii 454/1997 kwt, 1(2) irratti tumaamen hiikkoo seeraa manni murtii federaalaa dhaddachi ijibbaata kennee manneen murtii Naannoolee fi federaalaa sadarkaa hunda irra jiraan hordofuuf dirqama akka qabaanidha.Haata’u malee murtii yookiin hiikkoo seeraa manneen murtii sadarkaa ol’iyyannoo irra jiraan kennaannii manneen murtii sadarka gadi hordofuf seeri dirqisissu kan hin jire yoo ta’u ille abbootii dhimmaa dhammatti irra oolchuu fi wantii garii garaa olii jiru baratammu qaba ilaalcha jedhuu irra ka’uun manneen murtii gara gadii jiraan murtii baarsissoo fi fakkeenyuumma qabu mannee murtii sadarkaa oliin kenname hordofu danda’u.


  1. Haqni Akka Hin Hir’aneeGochuun itti Quufinsa Uummataa Dabaluu

Manni murtii jalqabaa sababoota ragaa sobaan, ragaan dhiyyaachu qabu dhiyaachu dhabuu yookiin dhiibbaa qaama adda addaan gahuun, bilisumma dhabuu irra kan ka’e haqa jallaate yookiin cabe sirressuuf ol’iyyannoon gahee guddaa qaba. Ol’iyyannoon akka mirgatti jirachuun dogogora manneen murtii sadarkaa jalqabaan uumaame sirreessuun amantaa fi itti quufinsa kenniinsa tajaajila sirna haqa irratti uummanii qabu guddiisa.13

Manneen murtii ol’iyyannoo falmii harka isaanii jiru irratti murtii sirrii fi haqaa qabeessa ta’e kennuun, haqa cabe sirresuuf dhimmammaani waan hojjeetanif itti quufinsa abbootii dhimmaa akka guddaatu taasisu.14Hima biraan, manneen murtii ol’iyyannoo murtii manneen murtii sadarkaa jalqabaa mirga dhuunfaa fi garee irratti dogoggora uumamuu sirreessun haqumma murtii manneen murtii cimsuu keessatti gahee guddaa qabu15.

Toorii xiyyeeffannoo Manneen Murtii Naannoo keenyaas ol’aantummaa seeraa mirkaneessuudhaan amantaa uummanii kenniinsa tajaajila abbaa seruummaa irratti qabu horachuuf dha.Kaayyoo kana galmaan gahuuf haqa manneen murtii jalaan hir’attee waan qaajelchanif ga’een manneen murtii ol’iyyannoo ilaalaan guddaadha.



  1. Sirna jaabessuuf

Kessummaayyu, biyyoota sirna mootummaa “Colonial” fi “Nation state federalism” (Biyya federaalaa sabni goosa tokko ta’ee keessaa jiraatu) keessatti ol’iyyannoon murtii tilmaamammoo fi walfakkata ta’aan akka uumaamu gochuun siyaasaa tokkuummessu danda’a jedhame yaadaama.16Ol’iyyannoon dogogora sirreessun, amantaa uummanii kenniinsa tajaajila haqa irratti qabu waan dabaluun faayidaa sirnawwa ta’e ni qabaata. Manneen murtii ol’iyyannoo ilaalaan murtii abbaa seeraa tokkoon ilaalaame, abbootii seeraa Sadi, muuxxannoo fi gahumsa qabaniin waan ilaaalamuf itti gafaatamumma abboottii seeraa sadarkaa mana murtii jalaa jiran mirkaneessuuf ni tajaajila.Hima biraan sirna itti gaafatamummaan abbootii seeraa manneen murtii sadarkaa jalqabaa jiraan qixa seeraa fi heeraan hojiira oolchuu keessaatti ol’iyyannoon gahee qaba jechudha.17

Kaayyoon Manneen Murtii Naannoo keenyaas ol’aantummaa seeraa akka mirkana’uu gochuun, tasgabbii fi nageenyaa hawaasa keessatti uumuudhaan, sirna siyaasaa, dinagdee fi hawaasuummaa heeraa mootummaa irratti tumaame mirkaneessu akka ta’ee labsii lak.141/2000, kwt 3 irra hubachuun ni danda’ama. Kaayyoo kana galmaan gahuuf manneen murtii sadarkaa ol’iyyannoo jiraan dogoggora manneen murtii tajaajila jalqabaa kennaaniin uumamee sirressuun kaayyoollee sirna kaneen galmaa akka gahuu gochuuf gahee guddaa akka qabaan dhimma gaaffii ta’u miti.



2.2 Daangaa Mirga Ol’iyyannoo

Mirgi ol’iyyannoo mirga daangaa seeraan ta’e keessatti itti dhimma bahamu dha.Daangaawwan mirga ol’iyyanno irra kaa’amanis:



  1. Daangaa yeroo.

Ol’iyyannoon daangaa yeroo taa’e keessatti dhihaachuu akka qabu seerota adeemsaa fi bu’uura keessa haala wal deeggaruun tumaamera.Bu’uura SDFHH kwt 323(2) fi kwt 327 tiin ol’iyyannoon kamiyyuu ol’iyyataadhaan,abukaatoo isaaniitiin,gorsitoota isaaniitiin,bakka bu’uuta isaaniitiin ykn dubbii fixxoota isaaniitiin mallattaa’ee guyyaa murtiin kennamerraa eegalee guyyoota 60(jaatama) keessatti manna murtii ol’iyyannoo dhagahutti dhihaachuu qaba.Ol’iyyannoon guyyoota jaatama keessatti yoo hin dhihaanne haala addaatiin sababa gahaadhaan hayyamsiisni gaafataamee yoo dhihaate maalee fudhatama hin qabu jechuudha.Dhimmoota ariitiidhaan ilaalaman(accelerated procedure) irratti ol’iyyannoon haala addaatiin seeraan hayyamamaa yeroo ta’utti gareen komii qabu guyyaa murtiin kennamerraa eegalee guyyaa 10(kudhan) keessatti ol’iyyannoo fudhachuu akka qabu seerichi ni ibsa.

Dhimma yakkaarratti bu’uura SDFY kwt 187(1) tiin gareen murtii kenname koomatu guyyoota 15 keessatti mana murtii dhimmicha ilaaletti komii ol’iyyannoo akka qabu beeksisuu akka qabu ni kaa’a.Gareen kun galagalchi ol’iyyannoo erga isa dhaqqabeen booda guyyoota 30 keessatti ol’iyyannoo dhiheeffachuu akka qabuu fi guyyoota 30 keessatti yoo hin dhiheeffanne ol’iyyannoon akka duraa hin fuudhamne ni kaa’a.

Haaluma wal fakkaatuun bu’uura laabsi lakk.128/1999,Labsii manneen murtii hawwaasummaa gandaa hundeessuuf baheekwt 34(2) tiin gareen murtii mana murtii hawwaasummaa gandaa irratti komii qabu gaafa murtichi kennamee kaasee guyyaa(10) kudhan keessatti galmeen garagalfamee akka kennamuuf barreeffamaan gaafachuu akka qabu fi ol’iyyataan galmeen garagalfamee erga isa dhaqqabeen booda guyyaa 30 keessatti ol’iyyatasaa dhiheeffachuu akka qabu ni kaa’a.Namni murtii jalaa komachuu barbaadu guyyaa murtiin kennamee eegalee guyyaa 10 keessatti galagalcha yoo hin gaafannee fi akkasumas guyyaa galagalchi isa dhaqqabee eegalee guyyaa 15 keessatti yoo gara mana murtii hin dhiheeffanne dhimmi isaa ol’iyyannoon akka hin ilaalamne ni ibsa.

Dabalataan labsiin lakk.377/2003, labsiin hojjetaa fi hojjechiisaa falmii hojjetaa fi hojjechiisaa irratti manni murtii sadarkaa duraa Naannoo ykn Feederaalaa murtii kennu namni komachuu barbaadu kamiyyuu guyyaa murtiin kennamee eegalee guyyoota 30 keessatti mana murtii aangoo qabutti ol’iyyannoo dhiheeffachuu akka qabukwt 138(3) irraatti ni kaa’a.Daangaa guyyoota taa’e keessatti komataan ol’iyyannoo yoo hin dhiheeffatiin hayyamsiisni haala addaan akkuma jirutti ta’ee mirgi ol’iyyachuu isaa ni daangeffama.



  1. Dhimmoota dhuma argatan qofaa irratti ta’uu isaa.

Komataan ol’iyyannoo kan fudhachuu danda’u dhimmoota dhuma argatan qofaa irratti akka ta’e SDFHH kwt 320(2) ni kaa’a.Keewwatni kuni seera kanaan ykn seera addaatiin haala biraa akka raawwatu tumaan ajaju yoo hin jiraatiin himataan ykn himatamaan tumaalee boqonnaa kanaa bu’uura godhachuudhaan murtii dhaddacha hariroo hawaasaatiin murtii dhumaa itti murtaa’e irratti ol’iyyannoo fudhachuu ni danda’a jedha.

Keewwatumti kuni muraan sadii (3) ajaja ykn murtii kennamerratti ol’iyyachuun kan danda’amu ta’ullee manni murtii dhimmicha ilaale aangoo seera kanaan kennameefiin murticha sirreessuuf, fooyyessuuf,keessa deebi’ee qulqulleessuuf kan danda’u yoo ta’u adeemsi kun utuu hin xumuramiin ol’iyyannoo dhiheeffachuun akka hin danda’amne ni ibsa.

Kana malees,manni murtii kamiyyuu yeroo falmii dhagahutti dhimmicharratti ajajoota tajaajila yeroof qaban yoo kennu,guyyaa beellamaa yoo kennu,mormii sadarkaa ka’urratti jal-murtii sirrii itti fakkaate yoo kennu,ykn deeggarsa abukaatoo argachuu ykn abukaatoo waliin dhihaachuu,ykn kaffaltii abbaa seerummaa utuu hin kaffaliin galmee bilisaan banachuuf gaaffii dhihaatu irratti galmeen akka banamuuf ajajakennamu fi ajajoota falmii ijoo irratti murtii kennuun dura jiran kamirrattiyyuu ol’iyyachuun akka hin danda’amne ni kaa’a.Haa ta’uutii ajajani kenname namni kamiyyuu mana boqonnaa(hidhaa) akka turu,qabeenyi harka isaatti argamu murtiidhaan dura harka garee biraa akka turu kan godhu yoo ta’e haala addaatiin ol’iyyannoo fudhachuun akka danda’amu tumameera.

Dhagaha yakkarrattis haaluma wal fakkaatuun dhimmootni utuu dhuma hin argatiin dursanii ol’iyyannoo fudhachuun akka hin danda’amne kwt 184 SDFY ifaan kaa’eera.Keewwatni kuni,ajaja manni murtii kennurratti ol’iyyannoo fudhachuun kan hin danda’amne ta’uu tumeera.Ajajoota manni murtii guyyaa beellamaa kennuu fi kennuu dhiisuu irratti bu’uura kwt 94 SDFY tiin kennu,ajajoota manni murtii mormii sadarkaa duraa irratti bu’uura kwt 131 SDFY tiin kennu,ajajoota manni murtii bu’uura SDFY kwt 146 tiin ragaa fudhachuu fi fudhachuu dhabuu ilaalchisee kennu irratti ol’iyyannoo fudhachuun akka hin danda’amne ni ibsa.Haa ta’uuti,sababootni kun dhumarra erga murtiin kenname sababoota ol’iyyannoo(ground of appeal) ta’uu akka danda’an seerichi utuu hin ibsiin hin darbine.



  1. Dhimmoota hariiroo hawwaasaa irratti yeroo tokko qofaa kan heeyyamamu ta’u.

Falmii dhimma hariiroo hawwaasummaa irratti murtiin mana murtii dakaatiin/jalaatiin kenname mana murtii ol’iyyannoo dhagahuun yoo kan cime ta’e kan dhumaa akka ta’u kwt 29 Lab.Lak.141/2000 Labsiin manneen murtii Oromiyaa irra deebiidhaan hundeessuuf bahe fi kwt 34 Lab.Lak.128/2000 Labsiin mana murtii hawwaasummaa naannoo Oromiyaa hundeessuuf bahe ni ibsa.Galagaltoon keewwata kanaa yeroo dubbifamu murtii manni murtii dakaa kenne mana murtii ol’iyyannoon kan jijjiirame yoo ta’e carraan ol’iyyannoo tokko garee biraan dhiheeffachuu ni jira.Haa ta’uuti ol’iyyannoon dhimma siivilii irratti daangaa malee mana murtii sadarkaa tokkoorraa gara sadarkaa biraatti hanga mana murtii sadarkaa dhumaatti kan heeyyamamu miti.

Kana malees bu’uura kwt 139(2) Lab.Lak.377/2003 Labsii hojjetaa fi hojjechiisaatiin manni murtii sadarkaa duraa Naannoo ykn Feederaalaa dhimma ilaalee murtii irratti kenne ol’iyyannoodhan mana murtii aangoo qabuun yoo ilaalame dhimmichi kan dhumaa akka ta’e ni ibsa.Akkaataa keewwata kanaatiin murtiin mana murtii ol’iyyannaa dhagahuu murtii jalaa yoo cimses ta’ee yoo fooyyesse kan dhumaa ta’a.

Dhimma yakkaa ilaalchisee gama kanaan bu’uura kwt 2(1) Lab.Lak 51/1968 Labsii seera deemsa falmii yakkaa fi seera deemsa falmii siivilii fooyyessuuf baheetiin yeroo lama ol’iyyachuun waan danda’amuuf daangaan yeroo taa’e hin jiru.Dabalataan labsiin manneen murtii Oromiyaa irra deebi’uudhaan hundeessuuf bahes dhimma kanarratti daangaa addaa kaa’e hin qabu.


  1. Dhimmootni murtii dhumaa argatanii ol’iyyannoon irratti hin fudhatamnes haala addaatiin ni jiru.

Seera keenya keessatti ol’iyyannoon mirga akka qajeeltootti nama murtii komateef kennamu akka ta’e kutaa seera adda addaa irraa hubachuun ni danda’ama.Haa ta’uuti haala addaatiin uumama dhimmoota irratti hundaa’uudhaan dhimmoota siivilii tokko-tokko irratti mana murtii aangoon kennameefiin takkaa ilaalamanii murtii argatanii jennaan murtiin kenname murtii dhumaa haalli itti ta’u ni jira.Dhimmootni kunis haala addaatiin kan taa’an waan ta’eef sababa addaa mataasaaniitiin kan deeggaramani dha.Dhimmoota kanneen keessa hanga ta’e ilaaluuf yaalameera.

Akkaata labsii lakk. 69/1995, Labsii seera maatii Oromiyaa labsuuf bahekwt 126 tiin diigamuu gaa’elaa qofaa bu’uura godhachuun ol’iyyannoo fudhachuun akka hin danda’amne ni ibsa.Kana jechuun murtii manni murtii hiikkaa gaa’elaa ilaalchisee kennu murtii dhumaa fi kan irratti ol’yyachuun hin danda’amne dha jechuu dha.Seera maatii Oromiyaa fi heera mootummaa naannoo Oromiyaatiin dhirsaa fi niitiin fedhii waliif utuu hin qabaatiin waliin akka jiraatan taasisuun waan hin danda’amneef garee tokko fedhii dhabuun gaa’elli yoo diigame garee biraan diiggaa taasifame irratti ol’iyyachuu hin danda’u.Gama biraatiin dhirsaa fi niitiin erga gaa’elli diigamee waliin jiraachuuf fedhee yoo qabaatan irra deebi’uudhan mirgi wal fuudhuu isaanii eegamaa waan ta’eef dhimma kana irratti mirga ol’iyyannoo eeguun barbaachisaa ta’ee hin mul’anne.

Kan biraa,bu’uura SDFY kwt 185(1) tiin himatamaan dhimma yakkaarratti jecha amantaa kenneen murtiin balleessummaa kan itti murtaa’e yoo ta’e murtii balleessummaa komachuudhaan ol’iyyannoo fudhachuu hin danda’u.Haa ta’uuti adabbii kenname komachuu ni danda’a.Kunis daangaa mirgi ol’iyyannoo qabu kan mul’isu dha.

Kana malees, hayyamsiisa ol’iyyannoo irratti murtii manni murtii kennu kan dhumaa waan ta’eef ol’iyyannoo irraa fudhachuun hin danda’amu.Bu’uura SDFHH kwt 326(3) tiin iyyatni hayyamsiisa ol’iyyannoo fudhatama hin qabu jechuun ajaja manni murtii kennerratti ol’yyannoo fudhachuun hin danda’amu.

Dabalataan,iyyatni murtiin mana murtii jalaatti kenname bu’uura SDFHH kwt 6 keessa deebi’amee naaf haa ilaalamu jechuudhaan dhihaaterratti ilaalamuu qaba moo? hin qabu? kan jedhurratti ajaja manni murtii keessa deebi’ee ilaalamuu hin qabu jechuun kennerratti ol’iyyannoon akka hin fudhatamne keewwatumti 6(4) ni kaa’a.

Murtiin himata ariitiidhaan boqonnaa sadii seera deemsa falmii siivilii jalatti kennamerratti haala addaan seeraan yoo tumame malee kan ol’iyyannoo irratti fudhachuun kan hin danda’amne ta’uu SDFHH Kwt 306 ni ibsa.Garuu akkaata SDFHH kwt 309-311 tti ol’iyyannoo fudhachuun ni danda’ama.

Galmeen hiyyummaannaaf haa banamu jechuun himata dhihaaterratti murtii manni murtii bilisaan akka ilaalamu murteessu irratti ol’iyyannoo fudhachuun akka hin danda’amne SDFHH kwt 320(3) ifaan tumeera.Gabaabumatti ol’iyyannoon mirga heera mootummaatiin beekamtii argatee fi akka qajeeltootti taa’e ta’us daangaa mataa isaa kan qabu ta’uu kutaalee seeraa armaan olitti ibsan irraa hubachuun ni danda’ama.

2.3. AANGOO MANNEEN MURTII OROMIYAA OL’IYYANNOO DHAGAHANII

2.3.1. Aangoo Manneen Murtii Oromiyaa

Naannoo Oromiyaatti, bu’uura Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa kwt.64 (1) fi labsii manneen murtii Oromiyaa irra deebi’anii hundeessuuf bahe lakk.141/2000 kwt.2 (3) fi 4 tiin manneen murtii naannichaa mana murtii Aanaa, mana murtii Ol-aanaa fi mana murtii Waliigalaa dha. Manneen murtii kun aangoo sadarkaa jalqabaan himannaa kallattii simachuun fi ol’iyyannoo ilaaluuf aangoon abbaa seerummaa kennameef jira.



Akkaataa kanaan, manni murtii Aanaa aangoo sadarkaa jalqabaa fi ol’iyyannoo ilaaluu qaba (labsii lakk.141/2000 kwt. 28). Manni murtii Aanaa seerota deemsa falmii jiran hariiroo hawaasaa, yakkaa fi kan biroo) bu’ureeffachuun dhimmoota hariiroo hawaasaa, yakkaa fi dhalattummaa ilaalchisee himannaa kallattii simachuun falmisiisee murtii kennuuf aangoo abbaa seerummaa sadarkaa jalqabaa qaba. Gama biraan, manni murtii Aanaa himannaa qabeenyaa hin sochoone tilmaamni isaa hanga qarshii 50,000 ta’e; qabeenyaa socho’u tilmaamni isaa hanga qarshii 30,000 ta’e irratti aangoo sadarkaa jalqabaa qaba. Kana malee, manni murtii Aanichaa, bu’uura labsii manneen Murtii Hawaasummaa Gandaa Irra Deebi’anii Dhaabuu fi Aangoo isaanii Murteessuuf Bahe lakk.128/1999 kwt.14-23tiin, dhimmoota manni murtii hawaasummaa Gandaa ilaalee murtii kenne irratti, aangoo abbaa seerummaa ol’iyyannoodhaan ilaalee murteessuu qaba.
Manni murtii Ol-aanaa ammoo aangoo sadarkaa jalqabaa fi ol’iyyannoo qaba (labsii lakk.141/2000 kwt. 27). Manni murtii kun seerota deemsa falmii jiran (hariiroo hawaasaa, yakkaa fi kan biroo) bu’ureeffachuun dhimmoota hariiroo hawaasaa, yakkaa ka’umsi adabbii isaanii waggaa 10 (kudhan) ol ta’e, dhimmoota aangoo mana murtii Federaalaa Sadarkaa jalqabaa ilaalchisee himannaa kallattii simate falmisiisee murtii kennuuf aangoo abbaa seerummaa sadarkaa jalqabaa qaba. Gama biraan, manni murtii Ol-aanaa himannaa qabeenyaa hin sochoone tilmaamni isaa qarshii 50,000 ol ta’e; qabeenyaa socho’u tilmaamni isaa qarshii 30,000 ol ta’e irratti aangoo sadarkaa jalqabaa qaba.Dhimma jijjiirraa dhaddachaa manni murtii Aanaa tokko irraa gara mana murtii Aanaa birootti, yookiin gara mana murtii Ol-aanaatti ilaalchisee iyyannoo dhiyaatu ilaalee murtii kennuuf aangoo qaba. Kana malee, manni murtii Ol-aanaa, dhimmoota manni murtii Aanaa murtii itti kennee fi qaamoleen aangoon abbaa seerummaa seeraan kennameef murtii kennan kan ol’iyyannoon mana murtii birootiif akka dhiyaatu hin tumamne ilaalchisee, aangoo abbaa seerummaa ol’iyyannoon ilaalee murteessuu qaba.
Manni murtii Waliigalaa aangoo sadarkaa jalqabaa fi ol’iyyannoo qaba (labsii lakk.141/2000 kwt. 26).Manni murtii Waliigalaa seerota deemsa falmii jiran irratti hundaa’uun dhimmoota aangoo mana murtii Federaalaa Sadarkaa Ol-aanaa ilaalchisee bakka bu’uudhaan himannaa kallattii simate falmisiisee murtii kennuuf aangoo abbaa seerummaa sadarkaa jalqabaa qaba.Dhimma jijjiirraa dhaddachaa mana murtii Ol-aanaa tokko irraa gara mana murtii Ol-aanaa birootti, yookiin gara mana murtii Waliigalaatti ilaalchisee iyyannoo dhiyaatu ilaalees murtii kennuuf aangoo qaba. Kana malee, manni murtii Waliigalaa, dhimmoota naannoo fi dhimmoota aangoo mana murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa bakka bu’ummaadhaan manni murtii Ol-aanaa ilaalee murteesse ilaalchisee, aangoo abbaa seerummaa ol’iyyannoodhaan ilaalee murteessuu qaba. Manni murtii Waliigalaa kun dhimmoota naannoo irratti murtiin kennu murtii isa dhumaa, ol’iyyannoo hin qabne ta’a. Garuu manni murtii Waliigalaa dhimma naannoo ilaalchisee murtii dhumaa dhimma argaterratti, ‘dogoggora seeraa isa bu’uuraa’ yoo qabaate dhaddacha ijibbaataatiin ilaaluuf aangoo qaba. Haa ta’u malee, manni murtii Waliigalaa dhimma mana murtii Federaalaa bakka bu’uudhaan ilaalee murteesse, dogoggora seeraa isa bu’uuraa ijibbaataan sirreessuuf aangoo hin qabu; ol’iyyannoonis kan dhiyaatu mana murtii waliigala Federaalaatti dha.


  1. Aangoo Sadarkaa Jalqabaa Ilaalchisee

Manneen Murtii Oromiyaa kun haalli itti aangoo sadarkaa jalqabaa fi ol’iyyannoodhaan dhimmoota itti ilaalanii murteessan dhimma ilaalamuu qabuu dha. Manneen Murtii kun aangoo sadarkaa jalqabaa haalli itti hojii irra oolchan, himataan himannaa/iyyannoo isaa barreeffamaan akkaataa keewwattoota SDFH Hawaasaa (foot note) rogummaa qabuun ulaagaa barbaadamu guutee kan dhiyeessuu qabu yoo ta’u; himatamaan, yoo jiraate, dhiyaatee barreeffamaan deebii isaa akka kennu erga taasifamee booda; manni murtichaa dhimmicha falmii jechaan bitaa fi mirga irraa qulqulleessa. Manneen Murtii kun haala kanaan walfalmitoota falmisiisuun, ijoo falmii adda baasuu keessatti, firii dubbii fi ijoo seeraa adda baasanii haala barbaachisaa ta’een qulqulleessanii murtii itti laachuu qabu (SDFHHlakk.246-255). Falmii yakkaa yoo ta’e ammoo abbaan alangaa aangoo qabu himannaa isaa barreeffamaan yoo dhiyeeffatu; himatamaan mormii, fi jecha amantaa fi waakkii isaa akkuma haala isaatti jechaan dhiyeeffatee falma (foota note).
Manneen Murtii kun himannaa kallattii simatanii aangoo sadarkaa jalqabaan yammuu ilaalan, hanga danda’ametti, firii dubbii fi ijoo seeraa qixa seerri jedhuun adda baasanii murtii kennuun isaanii murtii haqa ta’e kennuu fi hiikaa seeraa dagaagsuu keessatti gumaacha ol-aanaa qaba. Manneen Murtii kun yammuu aangoo sadarkaa jalqabaa hojii irra oolchan, haala kanaan firii dubbii fi/yookiin ijoo seeraa adda baasuun murtii kan kennan yoo ta’e, Manneen Murtii Ol’iyyannoo Dhagahanis haaluma walfakkaatuun firii dubbii fi/yookiin ijoo seeraa adda baasuun murtii haqa jedhan akka kennan gumaacha kan godhu ta’ee argama.


  1. Aangoo Ol’iyyannoo Dhagahuu Ilaalchisee

Sirni ol’iyyannoon itti adeemamu biyyaa biyyatti garagaarummaa kan qabuu dha (foot note). Sirnoota seera addunyaa keessatti, haalli falmiin ol’iyyannoo itti gaggeeffamu bifa bu’uuraa lamaanii dha.Innis “dhimmicha akkuma jirutti irra deebi’anii ilaaluu” (trial de novo) fi “ol’iyyannoo wanta galmee jalaa irratti galmaa’e qofa irratti hundaa’uun qabxii seeraa qofa ilaaluu” (appeal on the record) dha (foot note).Ol’iyyannoo irratti ‘dhimma akkuma jirutti irra deebi’anii ilaaluun’ jechuun mana murtii jalatti ragaalee fi falmii seeraa dhiyaatan akkuma jirutti irra deebi’anii ilaaluu dha.
Manneen Murtii Ameerikaatti irra caalaa kan baratame ‘ol’iyyannoo wanta galmee jalaa irratti galmaa’e qofa’ (appeal on the record) irratti kan hundaa’u dha; manneen murtii gaaffilee seera qofa irra deebi’anii ilaalu, gaaffilee firii dubbii ammoo abbaa seeraa mana murtii jalaa fi/yookiin juurii dhaaf dhiisu. Kanaafuu, Manneen Murtii ol’iyyannoo dhagahan kan ilaalan galmeewwan jalaa keessatti bakka rogummaa qabu, kan mana murtii jalaa ijoo seeraa irratti murtii kenne qofa yoo ta’u; ragaa jalatti dhiyaate hunda irra deebi’anii ilaaluun argannoo firii dubbii of-danda’e mataa isaan irra gahuuf miti. Garuu bifa ol’iyyannoo gosa lamaan kana jidduu garaagarummaan jiru ifa kan ta’u irra caala qabatamaatti otoo hin taane akka yaadaatti dha (foot note). Manneen murtii ol’iyyannoo dhagahan, dhimma hariiroo hawaasas ta’ee yakkaa irratti ol’iyyannoo ilaalchisee, ulaagalee lama—‘dogoggora miidhaa hin qabne’ (harmless error) fi Dogoggora ifatti mul’atu (plain error) (foot note) hojii irra kan oolchan ta’uu dha. Manneen murtii ol’iyyannoo dhagahan, dhimma isaanii dhiyaate ilaalanii murtii, ajaja kamiyyuu diiguu, cimsuu, fooyyessuun, kaasuu; diiguun akka irra deebi’amee ilaalamu mana murtii jalaatiif deebisuuf aangoo guutuu qabu.
Biyya Indii ilaalchisee, M/M/Waliigala Indii, manneen murtii ol-aanaa murtii kennan irratti ol’iyyannoo dhiyaatu kan ilaaluu dha. M/M/Waliigala Indii dhimmoota irratti ol’iyyannon kan dhiyaatuuf kallattii lamaanii dha (foot note).

1. Manni murtii ol-aanaa dhimmoota siviiliis ta’ee yakkaa, hiikoo Heeraan walqabatee ‘gaaffilee seeraa guddaa’ qaban ilaalchisee murtii, ajaja dhumaa kenname irratti abbaan dhimmaa ol’iyyannoo isaa M/M/Waliiagalaatiif akka dhiyeeffatu hayyama kennuuni dha.

2. M/Murtii Ol-aanaa hayyama kennuu yoo baate illee M/M/Waliigala Indii mataa isaatiin ‘hayyama addaa’ kennuun ol’iyyannoo dhiyeessisee kan dhagahu ta’uu dha. Garuu M/M/Waliigalaa kun murtiilee Mana Murtii Rayyaa Ittisa Biyyaa irraa dhiyaatuuf ‘hayyama addaa’ kennuun ol’iyyannoo dhiyeessee ilaaluu hin danda’u. Gama biraan, manni murtii ol-aanaa dhimmi yakkaa tokko M/M/Waliigalaatti ol’iyyannoodhaan dhiyaatee akka ilaalamu ‘waraqaa gahumsaa’ kan kennu: (foot note)


  1. M/M/Ol-aanaa ol’iyyannoo dhagahee murtii manni murtii jalaa himatamaan bilisa gaggeesse diiguun, himatamaa balleessaa dha jechuun adabbii du’aan ykn umurii guutuun ykn hidhaa waggaa 10 gadi hin taaneen akka adabamu yoo murteesse, ykn

  2. Dhimma manni murtii isaa gadi jirutti dhagahamuu qabu ofitti fuudhee dhagahee himatamaa balleessaa dha jechuun adabbii du’aan ykn umurii guutuun ykn hidhaa waggaa 10 gadi hin taaneen akka adabamu yoo murteesse, ykn

  3. Dhimmi tokko M/M/Waliigalaatti ol’iyyannoodhaan dhiyaatee ilaalamuudhaaf gahaa dha yoo jedhee dha.

Ol’iyyannoon mirga ta’us sirni mijataan ittiin hojii irra oolu diriiruu baannaan faayidaan inni qabu hin jiru. Bu’uura S/D/F/H/H/ lakk.320tiin himataas ta’ee himatamaan, seeraan haala biraan hanga hin tumamnetti, murtii kenname irratti ol’iyyannoo fudhachuu kan danda’an ta’uu dha. Garuu dhimma hariiroo hawaasaatiin walqabatee, mirgi ol’iyyannoo daangaa malee kan itti fayyadamuun danda’amu utuu hin taane, bu’uura seera irratti tumameen yeroo, dhimma fi sadarkaa mana murtii dhimma tokko ilaaleetiin kan daangahuu danda’u ta’uun hubatamuu qaba. Ol’iyyannoon kan ilaalamu, bu’uura qajeeltoowwan SDFHH,kwt.320-348 rogummaa qaban hojii irra oolchuun ta’a. Ol’iyyannoon kun barreeffamaan kan dhiyaatu ta’ee ulaagaa S/D/F/H/H/lakk.327 jalatti kaa’ame guutuu akka qabus tumameera.


Dhimma yakkaa ilaalchisee, bu’uura Heera Mootummaa Rippaabilika Dimokraatawaa Federaalaa Itoophiyaa kwt.20 (6) fi Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa kwt.20 (6)tiin ajaja yookiin murtii yakkaa irratti himatamaan ol’iyyannoo isaa mana murtii aangoo qabutti dhiyeeffachuuf mirga kan qabu ta’uu tumeera. Bu’uura S/D/F/Y/kwt.185tiin ol’iyyannoon mirga ta’uunis ibsameera.Labsii lakk.141/2000 jalatti ol’iyyannoo dhimma yakkaa ilaalchisee wanti tumame hin jiru. Dhimma yakkaa ilaalchisee ol’iyyannoon kan keessummaa’uu qabu qajeeltoowwaan S/D/F/Y/kwt.181 fi keewwattoota itti aananii dha. Keewwata kana irraa akka hubatamutti, ol’iyyannoon yeroo lammaffaa kan danda’amu ta’uu dha. Haa ta’u malee, dhimma yakkaa ilaalchisees akkaataa seeraan tumameen, mirgi ol’iyyannoon kun daangaa kan qabu ta’uu dha. Dhimma yakkaa irratti namni ol’iyyatu tokko, komii ol’iyyannoo isaa bu’uura S/D/F/Y/kwt.189tiin qopheeffatee mana murtii ol’iyyannoo dhagahuu tti dhiyeeffachuu qaba.
Manni murtii ol’iyyannoo dhagahu ol’iyyannoo dhiyaateef akkamitti ilaala kan jedhu ijoo ilaalamuu qabuu dha. Bu’uura sirna ol’iyyannoo, seerota deemsa falmii biyya keenyaa keessatti diriirfamaniin Ma/Mu/Ol/Dh garagalcha galmee jalaa irratti hundaa’anii falmii dhagahuun qulqulleessanii (trial de novo) murtii kennuuf aangoo kan qaban ta’uu dha. Ol’iyyataan komii ol’iyyannoo hariiroo hawaasaa irratti sababoota ol’iyyannoof ka’umsa ta’an (firii dubbii fi/yookiin ijoo seeraa) tokko tokkoon haala ifaa fi gabaaba ta’een tarreessee dhiyeessuu qaba (S/D/F/H/H/lakk.328(1)). Ol’iyyataan kun bu’uura S/D/F/H/H/lakk.329 (1)tiin falmii jalatti hin kaane, firii dubbii haaraa mana murtii jalatti hin dhiyaanne fi firii dubbii ragaa keessatti hin hubachiifamne, sadarkaa ol’iyyannootti kaasuu hin danda’u. Kana irraa hubachuun akka danda’amutti, ol’iyyannoon falmii jalatti gaggeeffamaa ture bu’ureeffatee kan falmamu malee akka haaraatti falmiin haaraan ka’ee kan keessummaa’u akka hin taanee dha. Kun ammoo manni murtii ol’iyyannoo dhagahu illee falmii jalatti hin kaane falmii haaraa simatee qulqulleessee murteessuuf aangoo kan hin qabne ta’uu dha. Haala addaan garuu, Ma/Mu/Ol/Dh bu’uura S/D/F/H/H/lakk.345 fi 327 (3) tiin, murtii haqaa kennuuf yookiin sababni gahaa ta’e yoo argame kaka’umsa mataa isaatiin, yookiin ol’iyyataan ragaan dabalataa akka dhiyaatuuf yoo gaafate, sababa isaa galmeessuun, ragaa dhiyaatee manni murtii jalaa utuu hin ilaalle yookiin hin dhageenye bira darbe, yookiin ragaa barreeffamaa yookiin ragaan namaa dabalataa jalatti hin dhiyaanne akka dhiyaatu ajajuu ni danda’a. Kana jechuun garuu manni murtii ol’iyyannoo dhagahu, ragaa manni murtii jalaa dhagahe yookiin ilaale cinaatti dhiisee falmii haaraa jalatti hin kaane irratti ragaa haaraa fuudhee murtii kenna jechuu akka hin taane hubatamuu qaba. Manni murtii ol’iyyannoo dhagahu ragaan jalatti dhiyaate akkuma jirutti ta’ee garuu falmii jalatti ka’e irratti murtii kennuu akka danda’uuf ‘ragaa dabalataa’ dhagahuu yookiin ilaaluu kan danda’u ta’uu hubachiisa. Garuu Ma/Mu/Ol/Dh murtii haqa ta’e kennuu sababa jedhuun falmii jalatti hin kaane irratti ragaa haaraa barbaaduun murtii kennuuf aangoo hin qabu. Kunis kan hubachiisu, falmiin jalatti eegalame akkasumatti deemee xumuramuu qaba malee sadarkaa manneen murtii keessa darbetti jijjiiramee ijoon haaraan itti dabalamee ragaan haaraan fuudhamee murtaa’aa deema taanan, falmiin eegalame tokko yeroo gahaadha jedhamu keessatti xumura argata jechuun hin danda’amu.
Gama kanaan, Robart Allen Sedler kitaaba isa ‘Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa Itoophiyaa’18 jedhu keessatti, Ma/Mu/Ol/Dh firii dubbii hunda kan manni murtii jalaa galmeesse akkuma jiruutti fudhachuuf dirqama akka qabu seerri tumu hin jiru. Garuu ol’iyyannoo dhagahu jechuun falmii hunda akka haaraatti irra deebi’anii dhagahuu waan hin taaneef, Ma/Mu/Ol/Dh firii dubbii manni murtii jalaa galmeesse hanga tokko fudhachuu qaba.Ma/Mu/Ol/Dhagahu, yoo murtii kennu, hanga danda’ametti, jecha ragootaa manni murtii jalaa galmeessee fi ragaa barreeffamaa jalatti dhiyaate fudhachuu qaba malee akka haaraatti ragaa hunda irra deebi’ee caqasuu hin qabu.Keessattuu, manni murtii jalaa jecha ragummaa ragootaa waldhahu keessaa jecha isa kamiitu amanamummaa (credibility) qaba isa jedhu adda baasee yoo murteesse, Ma/Mu/Ol/Dh ragaa namaa kana hanga ofiif hin dhageenyeetti amanamummaa jecha ragootaa ilaalchisee ejjannoo mana murtii jalaa irra gahe fudhachuu qaba. Jechi ragootaa yoo hin mormamne ykn ragaan dhiyaate kan barreeffamaa yoo ta’e, ragaa kana irratti hundaa’amee murtii kenname, garuu Ma/Mu/Ol/Dh ejjannoo mana murtii jalaatiin otoo hin dirqamne ofiif murtii irra gahuu danda’a. Manni murtii jalaa firiiwwan dubbii ragaan mirkanaa’an bira darbuun murtii yoo kenne, Ma/Mu/Ol/Dh ejjannoo mana murtii jalaa kana fudhachuuf hin dirqamu.Ragaan barreeffamaa fi ragaan namaa dhiyaate yoo ta’e, Ma/Mu/Ol/Dh ejjannoo manni murtii jalaa irra gahe akkuma haala isaatti fudhachuu fi dhiisuu danda’an.Murtiin jalaa ragaa barreeffamaa qofa irratti yoo hundaa’e Ma/Mu/Ol/Dh ammoo daangaa tokko malee irra deebi’ee ilaaluu danda’a.
Gama biraan, komiin ol’iyyannoo kun ni dhiyeessisa yoo jedhame, deebii kennaan dhiyaatee falmii jechaan deebii akka kennu ni taasifama. Haala kanaan, Ma/Mu/Ol/Dh bitaa fi mirga erga falmisiisee qulqulleessee booda murtii jalaa diiguun irra deebi’amee akka ilaalamu qajeelfamaan gadi-deebisuu, cimsuu, diiguu, yookiin fooyyessuuf aangoo kan qabu ta’uu S/D/F/H/H/lakk.341 (1), 343 (1) fi 348 (1) jalatti tumame jira. Ma/Mu/Ol/Dh firii dubbiis ta’ee ijoo seeraa ilaalee murtii itti kennuuf wanti isa daangessu kan hin jirre ta’u illee, jalqabaa kaasee ijoo qulqullaa’uu qabu yammuu qabatuu fi yeroo murtii kennu, firii dubbii fi/yookiin ijoo seeraa irratti murtii jalaa kan cimse, yookiin qeeqee kan diige ykn fooyyesse ykn diigee gadi-deebise ta’uu ifa godhee kaa’uu qaba. Ma/Mu/Ol/Dh haala kanaan falmii erga qulqulleessee booda murtii kan kennu ta’a. Manni Murtichaa kun bu’uura S/D/F/H/H/lakk.348 (1)tiin murtii jalaa diiguu, fooyyessuu, jijjiiruu, yookiin haquuf aangoo kan qabu ta’uu malee dogoggora gosa kamiif yookiin dogoggora hundamaaf kun ta’uu akka danda’u wanti ibsu hin jiru. Garuu manni murtii tokko yoo murtii kennu sababa isaa ibsuu akka qabu SDFHH lakk.182 (1) jalatti tumameera. Kana jechuun manni murtii ol’iyyannoo dhagahu ol’iyyannoo ilaalee yoo murteessu, sababa murtii sana irra gahuu isa dandeessise ibsuu akka qabuu dha. Asirratti sababni kun maal akka ta’uu qabu malee ulaagaan taa’e hin jiru. Haa ta’u malee, Ma/Mu/Ol/Dh murtii jalaa dogoggora salphaa mirga ol’iyyataa irratti dhibbaa hin qabne hundaaf diiguu hin qabu, kan ta’uu qabus dogoggora cimaa bu’uuraa mirga ol’iyyataa tuqu qofa ta’uu qaba. Murtiin jalaa dogoggora salphaa adeemsa falmii keessatti uumameef diigamuu ykn jijjiiramuu hin qabu. Kana jechuun murtiin jalaa diigamuu ykn jijjiiramuu kan qabu mirga garee tokkoo irratti miidhaa guddaa yoo qaqqabsiise ta’uu qaba malee ‘dogoggora miidhaa hin qabneef’ diigamuu ykn jijjiiramuu hin qabu. Kun ammoo murtiin jalaa dogoggora hundaaf diigamuu kan hin qabne ta’uu hubachiisa (foot note). Fkf manni murtii jalaa ‘ragaa gahumsaa fi rogummaa hin qabne’ irratti hundaa’ee murtii yoo kenne ‘miidhaa cimaa’ kan geessisuu dha. Manni murtii jalaa seera dogoggoratti hiikuun murtii yoo kenne dogoggora miidhaa cimaa geessisuu dha.Manni murtii jalaa firii dubbii dogoggora ta’e qabachuun murtii dogoggora ta’e yoo kenne, dogoggora seeraa isa bu’uuraa dha. Manni murtii jalaa sirni falmii itti gaggeesse, “dogoggora sirna falmii murtii seera qabeessa ta’e” akka hin kennine kan isa taasise yoo ta’e, murtii jalaa ni diigsisa jechuu dha (aangoo dhimma ilaaluu kan hin qabne yoo ta’e, falmii tokko irratti murtii seera qabeessa ta’e kennuuf garee murteessaa ta’e hambisuu) (foot note). Dhaddacha sirrii (fair trial) ta’etti dhagahamuu dhabuun, fkf mana murtii aangoo naannoo hin qabnetti sababa dhimmichi dhagahameef ‘murtiin haqa dabse yoo kenname’ murtichi diigamuu qaba. Gama biraan, manni murtii jalaa firii dubbii irratti hundaa’ee murtiin kenne fi ragaan dhiyaates murticha kan deeggaruu danda’u yoo ta’e, murtiin kun tuqamuu hin qabu yookiin fudhatamuu qaba.
Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin