|
|
səhifə | 143/156 | tarix | 02.01.2022 | ölçüsü | 4,87 Mb. | | #33263 |
| Ergama ATDO
Qaama hirmaachuu qabu hunda hirmaachisuun misooma daandii baay’inaan babal’isuu, bulchuu fi to'achuun facaatii fi neetworkii daandii gahaa ta’ee fi qulqullina qabu diriirsuudhaan tajaajila wal irra hin cinne naanniicha keessatti mirkanaa’ee jiruu fi jireenyi uummataa akka fooyya’u gochuu.
Mul’ata ATDO
Bara 2012tti facaatii daandii sadarkaa isaa eeggate bakka hunda walgahee gobbinni daandii biyyoota galii jiddu-galeessaa biraan gahuun uummata naannichaa fayyadamaa taasisuu dha
Duudhaalee ATDO
-
Ittigaafatamummaa
-
Tajaajila gahumsaa fi bu’aa qabeessummaa
-
Hirmaachisummaa
-
Qophaa’ina jijjiiramaa
-
Iftoominaan hojjachuu
-
Malaanmaltummaa irratti kutannoon qabsaa’uu
Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa
Misoomaa Daandii(Road Development)
Bu’aa: Daandii baay’inaa fi qulqullinaan dabale
Bulchiinsa Qabeenya Daandii (Road Asset Management)
Bu’aa: Daandii itti fufinsaan tajaajila gahaa kenne
Ibsa Hojii(purpose statement): Kaayyoon adeemsa hojii hordoffii fi deegarsa odiitii keessaa wajjira ATD sadarkaa adda addaa keessatti argaman qabeenya murtaa’aa jiru qusannaan, karooraa amansiisaa fi bu’a qabeessa ta’een sirni herregaa fi qabeenya diriiree kabajamee hojii irra oolu isaa xiinxala ammayya’aa ta’e gaggeessuun hojii irra oolmaa isaa mirkaneessuu
Dostları ilə paylaş: |
|
|