Gabaasa Raawwii Karoora Waggaa emtqoo


Pirojektii Muuxannoowwan gaggaarii qindeessuu



Yüklə 0,65 Mb.
səhifə2/6
tarix28.10.2017
ölçüsü0,65 Mb.
#18562
1   2   3   4   5   6

9. Pirojektii Muuxannoowwan gaggaarii qindeessuu

  • Muxannoowwan gaggaarii hojii E-Govarnmantii irratti jiran qindeessuu fi babal’isuu(%1)

  • Muxannoowwan gaggaarii Misooma Bu’uura Cimdaa Fi Moosajii TQO irratti jiran qindeessuu fi babal’isuu(%1)

  • ‘Study Tour’ naannoolee adda addaa irratti gaggeessun Muuxannoowwan gaggaarii gama Misooma Qabeenyaa Nama Fi WOH TQO irratti jiran qindeessuu fi hojii irra oolchuu(%2)

10. Pirojektii Sirna Qo’annoo Fi Qorannoo Gaggeessuu

  • Itti-fayyadama leecaalloo TQO(ICT resource usage) irratti qajeelfama (guideline )qopheessuu(%1)

  • Imaammata TQO Biyyoolessaa “ICT policy” akka naannootti maamileessuu(%2)

  • Qorannoo hojii E-Govarnmantii gaggeessuu(%2)

  • Qorannoo misooma Bu’uura Cimdaa Fi Moosajii TQO gaggeessuu(%1)


5.Raawwii Hojiilee Gurguddoo Bara kanaa (2007)
1. Pirojektii Sakatta’iinsa itti quufinsa Maamilaa


  • Itti quufinsa maamilaa akka mana hojii keenyaatti sadarkaa irra jiru baruuf akkaatuma karooraatiin waggaatti ala lama kan itti adeemamaa ture yoo ta’u kurmaana lammaffaa keessatti gaafannoon qophaa’ee raabsamuun kan adda bahe ennaa tahu kurmaana afraffaa kana keessas gaafannoon akka mana hojii keenyaatti qophaa’ee manneen hojii sadarkaa naannoo 20 fi waajjiraalee Siiviil Sarviisii fi Bulchiinsa Gaarii godinaalee 18 tajaajila nu irraa argataniif raabsamee funaanamaa kan jiru yoo ta’u hanqina yeroo fi manneen hojii yeroo gabaabaatti guutanii ijaa hin deebisiniif ammaaf sadarkaan itti quufinsa maamilaa keenya kurmaana 4ffaa adda hin baane. Kanaaf yeroo gabaabaa keessatti akkaatuma gaafannoo raabsinee funaanameetiin kan adda baasnu ta’a.

  • Kana malees Tajaajila kennamu irratti itti-quufinsa maamilaa sadarkaa irra jiru beekuuf jecha dookumantiin tokko qophaa’ee maamilli tajaajila guyyaa guyyaan argatu irratti yaada akka kennu taasisuun sadarkaa adeemsaaleetti irratti hojjatamee jira.



2. Pirojektii Hojii Babal’ina Misooma Bu’uura cimdaa fi Moosaajjii TQO

2. 1 Pirojektii Hojii Babal’ina Misooma Bu’uura cimdaa TQO

  • Cimdaa Manneen hojii Haaromsuu fi fooyyessuun Hojiirra Oolmaa MIS’f haala mijeessuuf hojii hojjatameen godinaalee 18 irratti suphaan cimdaa gaggeeffameera.

  • Fedhii irratti hundaa’uun cimdaa manneen hojii mootummaa sadarkaa naannoo jiran jahaaf diriiree jira.

  • ‘Logical Design’ cimdaa manneen hojii mootummaa sadarkaa naannoo jiran WaredaNet keessa galaniif hojjetamee jira.

2. 2 Pirojektii Hojii Babal’ina Misooma Moosaajjiiwwan adda addaa

    • Misoomni Mosaajjii SMBKT (BSC automation) ogeessota TQO Godinaalee fi Aanaalee qindeessuun hojjetamaa kan ture yoo ta’u yeroo gabaabaatti xumuramee hojiirra oola jedhamee yaadama.

    • Mosaajii (DMS) dhaabbata gorsaa INSA’n Misooma haala qabatamaa mana hojii keenyaaf hojiirra oolchuuf hojjetamaa tureera. Kunis sirna qabiinsa raga mana hojichaa baay’e kan fooyyessuudha.

    • Haala waliigalaa siistamoota MIS irratti xiinxallii fi suphaan gaggeeffamee jira.



  1. Pirojektii Hojii E-Govarnmantii

3.1. Projeektii Kenna Tajaajila Cimdaa Fooyyessuu

  1. Kenna Tajaajila Waradanetii,

  • Akka naannoo keenyaatti Aanaalee 265 qabnu keessaa sarara ADSL 203 fi VSATn 62 kan jiran yemmuu ta’u kanneen kana keessaa kan sababa adda addaatiin kan hojjachaa hin jirre 56, kan hojjatan ammoo 209 ta’uun isaanii hojii Ethiyo telecom waliin hojjatameen adda baasuun danda’ameera.

  • Gama biraatiin sararoota Fiberii fi ADSL sadarkaa naannoo irratti argaman adda baasuun irratti hojjatamee jira.

  • Sadarkaa godinaatti sararoota cimdaa 132 kan jiranii fi kaffaltiin isaanitis raawwatamaa kan ture yemmuu ta’u godina godinaan sararonni jiran kun haalaan hojii keessa jiraachuu isaanii irratti hordoffiin taasifamee jira.

  • Ogeessota TQO 980 irratti galmeessisuuf carraan ‘pirevilage’ laatameef itti fayyadamaa jiraachuu isaanii hordofuun, ogeessa gadilakkise adda baasuun kan bakka bu’etti akka jijjiramu xalayaan Ethiyo telekomiif erguun ogeessi haaraan rakkoo kenna tajaajila Woredanet yeroon akka beeksisu godhamee jira.

  • Kenna tajaajila cimdaa fooyya’aa ta’e kennuuf hojiileen hedduun hojjatamaa kan turan ta’uu isaa fi sakkatta’iinsa guyyaa guyyaadhaan taasisuudhaan foyya’insi adda addaa taasifameera. Kana jechuun bakka sararri ADSL hinjirretti sarara VSAT akka itti fufu bakka ammoo VSATiin rakkoo ta’etti ADSL’n akka dalagu akkasumas sarara saffisaa qaba jedhamee, filatamaa ta’e VDSL bakka barbaachisaa ta’etti akka galu taasisuudhaan hojiileen bal’aan sadarkaa naannoo fi godinaaleetti hojjatamaniiru. Kanaanis kenni tajaajilaa sadarkaa sadarkaan qaamolee garagaraatiif laatamu akka fooyya’u, bu’aa bahiinii fi qisaasni maallaqaa akka xiqqaatu taasifameera.




  • Sakkatta’insa taasfimeen Sararoota cimdaa akka naannootti jiran hunda kanneen lakkoofsa herreegaa waliigalaa keessa hin jirre adda baasuudhaan akka galan taasifameera.

  • Kanneen lakkoofsa herregaa keessa galanii fi discount %25 hin hojjatamneef sararoota 67 adda baasuudhaan akka hojjatamuuf taasifameera.

  • Kanneen lakkoofsa heerregaa waliigalaa keessa jiran 430, sababii adda addaatiin hin xumuramin 10 /kudhan/, lakkoofsa herregaa kan waliigalaa keessa kan hin galin 9 /sagal/ yemmuu ta’an waliigala daataa qulquluu 449 (dhibba afurii fi afurtamii sagal) qindeessuun hojirra akka oolu taasifamameera.




  • Optical fiber, VSAT fi ADSL tajaajila irratti jijjiirrama fide (impactassessement) qorachuudhaan kanneen tajaajila kennaa jiran irratti qorannoo gaggeessuudhaan bakka DSLn rakkoo ta’etti VSATiin akka itti fufu, kan hindanda’amne irratti optical fiberiin akka galu taasisuudhaan dokumantiin qindaa’aa tokko qophaa’ee hojiidhaaf mijataa ta’eera.

  • Sararri Cimdaa Giddu galeessa Qormaataa Ejansii Geejjiba Oromiyaa 27f systama DPA Driver Profficency Assurance “ Ga’umsa Konkolaachisaa Mirkaneessuu” jedhu irratti tajaajila online kennuun akka danda’amuuf sararri cimdaa akka galuuf gaaffiin dhiyaateera.

  • Kenna tajaajia Vidiyoo Konfaransii ilaalchisee, Tarsiimoo fi imaammata mootumma irratti barattoota yuniversiitii naannoo keenya keessa jiran biratti hubannoo uumuudhaaf leenjii ga’umsa cimsu wiirtuulee 32 irratti sararri cimdaa akka galu taasisuudhaan haala barbaadameen barattoota baay’inni isaanii 5803 (kuma shanii fi dhibba saddeetiif sadi) ta’aniif leenjin qaama oolaanootiin akka kennamu taasifameera. Sagantaa idilee seektaroota guca armaan gadii keessatti ibsamanii fi qaamota mootummaa adda addaatiin gaggeeffameera.

  • Maanuwaaliin kenna tajaajilaa leenjii ogeessota keenya sadarkaa sadarkaadhaan jiranuuf irratti laachuun danda’amu haala barbaadameen akka qophaa’u taasifameera. Kanaaf maanuwaalii kana irratti hundaa’uun ogeessota TQO sadarkaan jiraniif leenjii kenna tajaajilaa TQO mata duree adda addaa kennuuf haalli mijataan uumamee jira.



Guca Tajaajila Viidiyoo koonfaransii 2007 kenname










Kenna Tajaajilaa VCOn Waliigalaa bara 2007









M/Hojii Tajaajila gaafate


Maqaa Godinaa/Aanaa/Mana Hojii

Baay'ina Hirmatootaa

Geejibaa Dhaqaa galaa

Geejiba waliigala

Durgo guyyaa

Bay'ina guyyaa

Durgo waliigalaa

Basii shayii/buna /kiraa galmaa

Maallaqa Mootumma Baasii Irraa Hafe seektaran




Biroo Misoma Qonna,IMX,EGO,Biroo Haqa,Bulchinsafi Nageenya,Komishinii Poolisi oromiya,BSSBGO,BFO,Ejansii Manejemant lafa magala,

Godinalee oromiyaa 18+ Bulchinsaa magalalee oromiyaa+ Anaalee godinalee VC qaban

1060

17825

181920

18715

310

15090200

78000

863528




2944

73120

634085

64320

704

1285786

227200

2147071




6919

57495

1280145

57253

858

4151830

420950

5852925




568

14260

99325

14972

248

340810

48400

488535




Sagantaa Leenjii VC qaamolee haqaa fi Nageenyaa

7005

2800

2103500

1855

89

13877500

0

15981000




Saganta Leenjii VC Maneejaroota Gandaatiif kennamee

8520

4570

2550900

3535

42

11487553

2000

14040453




Leenjii Hogganaa fi Rawwataa IMX'f kennamee

25003

4570

7500000

3535

36

28950000

2000

36452000




Sagantaa Leenjii VC Baraattotaa Barnoota ol'aanoof kenname

5803

16320

1667320

16132

194

1049217

310150

2957956




Sagantaa Leenjii VC Konkolachistota “Adama express”-EGO'f kenname

6243

3670

936000

3320

42

5974500

2000

6912500




Waligalaa Sagantaa VC Bara 2007

64065

194630

16953195

183637

2523

82207396

1090700

Qarshii 85,695,968.00





  • Raawwii hojii Tajaajila VC seektaroota guca armaan olii irratti sagantaa idileetiin laatamaa ture irratti bara kana keessa rakkoolee ciccitiinsa networkii jiru kallattii adda addaatti fayyadamuudhaan hojjatamaa kan ture yemmuu ta’u waliigalatti sadarkaa naannootti tajaajila viidiyoo konfaransii kennamaa tureen tilmaamaan qarshiin 85,695,968.00 qusatamuu danda’ameera.


3.2 Projeektii kenna tajaajila E-mail, portalii fi FTP ol-guddiisuu fi saffiisiisuu (mail

server portal & FTP server upgrading & Accelareting project)


  1. Tajaajila email Server Ilaalchisee,

Ragaa Yaa’insa Odeeffannoo Guyyaa tokko keessatti wal-jijjiirame kan agarsiisu,



Bara baajataa 2007 keessatti xalayaaleen fuula 22,298 qaban qaama garagaraaf kan ergaman (sent) yoo ta’u xalayaaleen fuula 8150 qaban ammoo kan gara naannoo dhufan tahuun mirkanaa’ee jira.




Bittaa Sarvarootaa fi meeshaalee biroo ilaalchisee

  • Dhiyeessii meeshaalee servarootaafii fi kanneen biroo hojii bara kanaaf barbaachisan adda baasuudhaan Ejansii bittaadhaaf dhiyaateera. Bittaan isaatis koree teeknikaa mana hojii keenyaatiin hordofamaa kan ture yoo ta’ellee hanga ammaatti meeshaaleen kunniin bitamanii guutummaatti galii hin taaane.

Poortalii ilaalchisee,

  • Hojiin poortaalii waradaneetiidhaan qofa hojjatamaa jiru ol-guddisudhaan ykn ‘host’ gochuudhaan alatti bahee tajaajila akka kennuu danda’uuf irratti hojjachaa turuu keenya kan ibsame yoo ta’e illee, hojiin kun ammallee kan hinxumuramneefii bittaa meeshaa ‘firewall’ gaggeeffamaa kan jiru ta’uu isaatiin kan ka’e alatti bahee tajaajila kennuu kan hin eegalle ta’uun isaa adda baheera. Haa ta’u malee sadarkaa Kenna tajaajila poortaalii hanga ammaatti jiruun, sadarkaa naannootti manneen hojii 10 BSSBGO, Biiroo Lafaa fi Eegumsa Naannoo, Komishinii BLTO, Biiroo Gabaa fi Daldalaa, Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii, Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii, Komishinii Naamusaa fi Farra Malaamaltummaa, Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii, Abbaa Taayitaa Galiwwan Oromiyaa fi Biiroo Industrii fi Misooma Magaalaa qabiyyee tajaajila mana hojii isaanii galchuudhaan itti fayyadamaa turaniiru.


MIS ilaalchisee

  1. Tarreeffama Raawwii Hanga Ammaa

Bu’uura waliigaltee hojii kanaatiin hanga ammaatti hojiiwwan qaama waliigaltee ta’an dhaabbilee kanaan raawwatamuu qaban hanqina tokko illee hin qaban yoo jedhamuu baate illee hundinuu sadarkaa gaariidhaan raawwataniiru.

  1. Qorannoo fedhii mosajjii manneen hojii 20

  2. Marii mosajjii misoomee

  3. Sakatta’iinsa mosajjii Cimdaa ‘Waradaaneetii’

  4. Leenjii itti fayyadamtoota moosajjichaa

  5. Mariiwwan maaneejimaatii manneen hojii I/A Pireezidantii waliin ‘MIS’chairratti

  6. Leenjii ogeeyyii TQO manneen hojii

  7. Hojii diizaayinii ‘MIS’chaa

  8. Hojii misoomsun mosajjichaa (Software developed) Bu’aawwan galmaa’an (Deliverables)

  9. Sanada qorannoo fedhii (Requirement Study doc)

  10. Maanuwaalii itti fayyadama MIS

  11. Maanuwaalii bulchiinsa MIS (Administrator manual)

  12. Maanuwaalii leenjii bulchiinsa ‘MIS’ (Systems Adminstraining documents)

  13. Maanuwaalii leenjii ogeeyyii TQO ‘MIS’ misoomsanii (Developers

training doc)

  1. Sanada xiinxala Fedhii (Sys Analysis doc)

  2. Sanada Diizaayinii “MIS”chaa

  3. Source Code (including intellectual property right thereof)

  4. Mosajjii (Software Package)

  5. Sanada diizaayinii cimdaa keesaa (LAN design document)

  6. Sanada diizaayinii cimdaa alaa (WAN)

  7. Sanada hojmaata cimdaa (Network configuration document)

Gabatee 1. Sadarkaa raawwii MIS Biiroolee



Lakk

Haaldureewwan Barbaachisan

Sadarkaa irra jiru

Yaada

1

Itti fayyadamtoota leenjii argatan (Trained users)

Raawwateera




2

Ogeeyyii TQO ‘MIS’aan suphuu fi fooyyessuu danda’an hoorachuu (inhouse developers and maintenance staffs)

Raawwateera

Tooftaan ittiin raawwate leenjii bulchiinsa MIS, leenjii bu’uura teekinolojii ‘MIS’chaa, leenjii fi argarsiisa ‘source code’ MIS’chaa, shaakallii saamudaa ‘MIS’chaa (sample source code maintananic exercise)

3

Hubannoo hoggansa manneen hojii

Hojjatamaa jira

Sagantaa karoora kanaa

4

Koomputaroota raawwattootaa fi abbootii adeemsaa (computers to access MIS)

Raawwateera

BSSBG fi EMTQO’nraawwateera

Garee Supparviishinii Waajjira Pireezdaantii

Bara 2006 keessa kallattii Kabajamoo Pireezdaaantii BMNO irraa kennameen w/ri Pireezdaantii BMNO garee supparviishinii tokko hundeessuudhaan hojiin MIS naannoo keenyaa sadarkaa maal irra akka jiru qoratee akka dhiyeessu taasisee jira.

Haaluma kanaan bu’aa qorannoo garee supparviishinii kanaa irratti hundaa’uun rakkoolee qorannoo kanaan adda bahan kallattii furmaataa kaa’uun Ejansiin keenya haala armaan gadiin furmaata itti kennee jira.

Haaluma kanaan rakkoolee ijoo ta’anii adda bahan:-



  1. Rakkoo humna ogeessa keessaa fayyadamuu

Humna namaa TQO akka naannoo keenyaatti jiru keessattuu ammoo ogeeyyii TQO manneen hojii dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsuudhaan hojii MIS kanaaf akkka gumaachan taasisuu irratti hin hojjatamne kan jedhu garee suupparviishinii kanaan akka rakkoo ijootti adda bahee ture. Kanaafuu rakkoo kana hiikuudhaaf ogeeyyii TQO manneen hojii MIS qaban hundaaf karoora (TOR,RFP,Specification) qopheessuu irraa kaasee madaallii qaamolee leenjii kennanii hamma gaggeessuutti hirmaachisuudhaan leenjii guutuu akka argatan taasifamee jira. Haaluma kanaan toora itti aansee jiru irratti leenjiin kennamee milkaa’ina olaanaatiin xumuramee jira.

  1. Daataa Beezii MIS irratti(Back End) :- ogeessota 82tiif ji’a sadiif, Oracle DB fi Microsoft SQL server irratti haala quubsaa ta’een(hanga ogeessotni leenjichi nu gaheera jedhanitti) laatamee milkaa’ina guddaan xumuramee jira.

  2. Sooftiweerii/Moosaajii MIS’n ittiin misoome (Development front End Application):- ogeessota 82tiif ji’a sadiif, Java fi c#/ASP.Net irratti haala quubsaa ta’een (hanga ogeessotni leenjichi nu gaheera jedhanitti) laatamee milkaa’ina guddaan xumuramee jira.

  3. Moosaajjii misoomsuu irratti ogeessota leenji’an keessaa raawwii isaaniitiin qabxii olaanaa kan galmeessisan filatamanii hojii sooftiweerii misoomsuu

-Sooftiiweerii sirna gabaasa TQO naannichaa fi

- Sooftiiweerii Otoomeeshinii SMBKT (BSC automation using web based application with oracle and java) hojjatanii gahumsa isaanii akka mirkaneessan taasifamee jira.

d) Lakaddaa MIS sakatta’uu (MIS source code maintenance)

Akkuma beekamu haala addaatiin “source code”n MIS gorsaawwan keenya irraa gara Ejansiitti galii akka tahu taasisuudhaan qabeenya mootummaa gochuun keenya ni beekama. Haalli kun muuxannoo gabaa irraa addaadha. Haala muuxannoo gabaatiin “source code” dabarsanii mootummaaf kennuun hin jiru. Nuti garuu kana gochuu danda’uu keenyaan faayidaa olaanaan akka argamu gochuu dandeenyee jirra.

Kanaafuu faayidaa kana qabatamaa taasisuudhaaf ogeeyyiin TQO seektarootaa leenjii gahumsa isaanii gabbisu erga fudhataniin booda “source code” MIS kana baasii gooneefii akka sakatta’anii fi suphaa isaa akka shaakalan taasisaa jirra. Hojii kanaanis rakkoolee “source code” irra jiran ogeeyyii kanaan adda bahee gorsaa MIS kanaatiif akka dhiyaatu taasifnee jirra. Raawwii isaas hordofaa jirra.


  1. Rakkoo Applikeeshinoota filataman hojiirra oolchuu dhabuu

Rakkoo kana jalatti kan ibsame moosaajjiiwwan hojjataman keessaa muraasni filatamanii hojjiirra ooluu maaliif dadhaban kan jedhu ture. Rakkoon kunis moosaajjiiwwan hojjatamaniif agarsiisa gaarii(model application) hojiirra ooluu qaba kan jedhuudha.

Haaluma kanaan manneen hojii hoggansa hubannoo faayidaa teeknolojii qaban irratti xiyyeeffachuun akkasumas fedhii isaanii ulaagaa gochuun manneen hojii sadi irratti MIS’n hojiirra oolaa jira. Manneen hojii kun:-



  1. Biiroo Siiviil Sarviisii fi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa:- Moosaajjii human resource information system ofitti fudhatanii sarverii Ejansii keenyaan kenname irratti daataa galchaa jiru. Raawwii hanga ammaatiin piroofaayiliin/ragaan hojjattoota mootummaa naannoo Oromiyaa kuma soddomaa(30,000) ol sistama kanaan qabachuun danda’amee jira.

  2. Mana Murtii waliigala Oromiyaa:-Moosaajjii human resource information system ofitti fudhatanii sarverii Ejansii keenyaan kenname irratti daataa galchaa jiru.

  3. Ejansii Geejjiba oromiyaa:- Moosaajjii qulqullummaa konkolaachistootaa (Drivers proficiency assurance) xiyyeeffannoo hoggansa amma jiruun kennameen hojiin isaa haala quubsaa ta’een xumuramee leenjiin itti fayyadamtootaa irratti kennamee yeroo ammaa hojii eegaluun tajaajila kennaa jira.

Waliigala hojii MIS hojiirra oolchuun walqabate bara kana raawwatamaa ture gabaabinaan yoo ilaallu:

  • Moosajii Sirna Gabaasaa “Oromiya Reporting System” Maanuwaalii irratti qopheessuudhaan leenjiin ogeessota mana hojii keenyaa, WSSBG godinaalee 18, WSSBG Bulchiinsa Magaalaa 12 fi WSSBG aanaalee 265 ta’aniif giddu galeessa leenjii afur irratti (magaalaa Shaashamannee, Adaamaa, Walisoo fi Naqamtee) irratti walii gala ogeessota 560 (dhibba shaniif jaatama) ta’aniif akka kennamu taafameera.

  • Leenjii laatame kana irratti hundaa’udhaan Godinaalee 18 fi Bulchiinsa magaalaa 12’f fayyadamaa (user) fi too’ataaf (Administrator) maqaan fayyadamaa (username) fi furtuun iccitii (password) uumameefi ragaa Moosajii Sirna Gabaasaa (“Oromiya Reporting System”) irratti akka guutan taasifameera.

  • Godinoonni 18 fi Bulchiinsi magaalaa 12 Sirna Gabaasaa (“Oromiya ICT equipments Reporting System”) irratti ragaalee barbaaddaman guutuu fi dhiisuu isaanii adda baasuun akka guutan itti fufiinsaan hordofamaa tureera. Kunis rakkoo sirna gabaasa meeshaalee TQO kanaan dura ture furuu danda’eera.

  • Gama biraatiin dogongoroonni Moosajii Sirna Gabaasaa (“Oromiya Reporting Systam”) keessatti mul’atan karaa ogeessota sirnicha hojjetaniin gulaalamuun sirreeffamee jira.

  • Hojii MIS manneen hojii dhaabbata Methodikiin hojjatamaa turee keessaa, hordoffii fi deeggarsa cimaa taasisuudhaan bara kana keessa systama Ejansii Geejjiba Oromiyaa DPA “Driver Profficency Assurance “Oromiffaan” jedhu developmantiin isaa xumuramee magaalaa sabbataa irratti qormaatni maamiltoota 300/dhibba sadii/ ta’aniif akka kennamu taasifameera. Systamichi kun sadarkaa qormaata itti kennamuu isaa erga mirkanaa’ee booda sirni Eebba isaa Waxabajjii 1/2007 magaalaa Adaamaatti taasifameera.

  • Waxabajjii 2/3007 irraa eegalee teeknishaanoota sadarkaa godinaa fi aanaaleetti argaman namoota 80 ta’aniif leenjiin itti fayyadamtootaa humna ogeessoota keenyaatiin kennamuun danda’ameera. Daataa leenjitootaa guutuudhaan kan fidu dhaabbata leenjii akka naannootti jiran waan ta’eef Dhaabbilee kanaaf akaataa Excel irratti daataa barbaachisoo guutuudhaan erguu danda’an irratti leenjii hubannoo cimsuu guyyaa tokkoof laatameeraaf.

  • Biiroo Siviil Sarviisii Oromiyaa systamni HRM “Human Resource Management” jedhu hojiin isaa xumuramee deploy ta’ee ragaan ittiin qabamaa jira.

  • Kan biiroo dhimmoota komunikeeshinii yaadni ‘comment’ kan itti laatame yoo ta’u, bu’uuruma kanaan irratti hojjatamaa jira.

Manneen hojii kana keessatti MIS hojiirra oolchuun kan danda’ameef xiiyyeeffannoo hoggansi mana hojii taasiseen qofaadha. Kanaaf manneen hojii biroos MIS hojiirra oolchuuf furtuun isaan barbaachisu xiiyyeeffannoo fi kaka’umsa teeknolojiitti fayyadamuun sirna tajaajila ammayyaa’aa diriirsuun hoggansa olaanaati.

Akka waliigalaatti MIS naannoo keenyaa hojiirra oolchuudhaaf hojiiwwan bu’uraa hojjatamanii jiru. Humni ogeessa TQO ” MIS”icha sadarkaa dandeettii gorsaatti(consultant firm) baatee deemuu danda’u uumamee jira. MIS hojjatame suphuu fi fooyyessuuf hundee kan ta’e “Source code”n harka keenya jira. Kanaaf carraa qabnutti fayyadamnee MIS guutumaa guututti hojiirra oolchuudhaaf kutannoo fi xiyyeeffannoon hoggansa seektarootaa gahee bakka bu’iinsa hin qabne waan qabaatuuf mootummaan naannoo xiyyeeffannoo olaanaa itti kennee seektaroota kanniin qorachuutu irraa eegama.



    1. Yüklə 0,65 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin