Hojiilee Ijoo fi Gurguddoo KGT-II (2008-2012 )
səhifə 3/9 tarix 27.10.2017 ölçüsü 0,68 Mb. #15367
16. Hojiilee Ijoo fi Gurguddoo KGT-II (2008-2012 )
1.6.1. Hojiilee ijoo
Qabiinsa Mirga namoomaa sir/seeraa mirkaneessu,
Nageenya manneen sirreessaa fi sirr/seeraa mirkanneessuu,
Sirreeffamtoota seeraa sirreessuu,
Ijaarsaa raayyaa sadarkaa sadarkaan cimsuu.
16.2. Hojilee Gurguddoo
Ga’umsa dadeettii raawwachistummaa cimsuu.
Bulchiinsa gaarii diriirsuun kenninsa tajaajila qulqullina qabu keennuu.
Rakkoolee hudhaalee sadanii fi rakkoo keessoo keenya qabsoon furaa deemuu
Muxxannoowwan gaggaarii qindeessuun babalisuu
Ga’umsaa fi bu’a qabeessummaa bajataa fooyyessuu fi ittifayadama qabeenyaa cimsuu
Hirmaanaa uummataa fi qindoomina qooda fudhatoota cimsuu
Sirna qabiinsa ragaa fi odeeffannoo cimsuu
Meeshaalee jijjiiramaa itti fufiinsan hojiirra oolchuu
Kallatti Arfaniin Hojiwwan Raawwatamuu Qaban
Kallatti Madaallii Ijaarsa Dandettitiin
Ga’uumsaa fi Dandeettii Raawwachiftummaa Cimsuu Ilaalchisee
Qabeenyi humna namaa meeshaalee, faayinaansii fi odeeffannoo jiru gara hojii qabatamaatti jijjiiruun hojjetaa gahumsaa fi dandeettii qabu uummachuuf sirna hoggansa qabeenya humna namaa cimaa ta’e diriirsuu, sirna qaxarrii , guddinaa fi jijjiirraa iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabu gahumsa dandeettii fi raawwii hojii raawwattootaa cimsuun raawwachuudha. Haaluma kanaan :-
Humna Namaa Hojirra Jiru:-
dhi. ……………………………………………………………………………………………………….2565
dub………………………………………………………………………………………………………… 434
ida’ama ………………………………………………………………………………………………..2999
dhi. ………………………………………………………………………………………………………………74
dub. ……………………………………………………………………………………………………………..77
ida’ama……………………………………………………………………………………………………..151
Ida’ama Waliigalaa…………………………………………………………………………..3150
Miseensa Poolisii fi siviliidhaaan walitti
dhi……………………………………………………………………………………………………3700
dub…………………………………………………………………………………………………… 644
ida’ama nama……………………………………………………………………………………………4344
Walumaa galattii akkaataa qorannoo JBAHtiin waggaa shanan kana keessatti humin namaa keenyaa 7494 kan barbaachisu ta;uu isaa ti.
Humna dandeettii raawwachiiftummaa koomishinichaa cimsuudhaaf bara KGT 2ffaa kana keessatti :-
Caasaa fi faayidaalee adda addaa haala qabatamaa naannoo hojii giddu galeessa godhateen (area based scale) sirreessuu, akkasumas kaka’umsaa fi bu’aa raawwii hojii isaa giddu galeessa gochuun haala sirna badhaasaa fi onnachiiftuu adda addaa bu’aa irratti xiyyeeffateehojii irra oolchu
Carran barnootaa biyya keessaa nama 300f akka kennamu taasisuu.
Kana keessaa hoggattoota keenya sadarkaan jiraniif carraan barnootaa kun ni kennama
Namoota carraa barumsa biyya keessaa KGT-I keessatti argatan nama……………….193
Namoota KGT-II keessaatti argachuu qaban dhi. 200 dub. 100 ida’ama nama……300
Gaggeessitoota sadarkaan jiran 258’ f leenjii gahumsa dandeetii cimsu kennuu
Kallattii Adeemsa Keessaatiin
Hojiiwwan Qabiinsa Mirga Namoomaa Sir/Seeraa Ilaalchisee Hojjetamuuf Karoorfaman:-
Qabiinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa akeekawwan qabiinsa mirga namoomaa addunyaa biyyattiin mallatteessite kabajuu fi kabachiisuu, fedhii bu’uuraa fi tajaajila hawaasummaa isaanii guutuudhaan qabiinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa akka mirkanaa’u taasisudha. Bu’uruma kanaan bara KGT 2ffaa kana keessatti mul’ata gama qabinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seraa mirkaneesuuf kaa’ame milkeessuuf :-
Heeraa fi Seera biyyattii hojiirra oolchuudhaan olaantummaa seeraa fi qabiinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa mirkaneessuu.
Dargaggoota balleessitoota mana sirreessaa hunda keessa jiran sirreeffamtoota seeraa kaan irraa manaa fi mooraan adda baasuun akka qabaman gochuu.
Daa’imman haadha waliin gara manneen sirreessaa galan firoottanitti ykn qaama fudhatee guddisutti qaama ilaallatu waliin ta’uun akka kennaman haala mijeesuufidha.
Sirreeffamtoota seeraa manneen sirreessaa keessa jiran hunda gorsitoota seeraa, abbootii amantaa fi ogeessota yaalaa akkasumas maatii fi firoottan isaanii wajjin torban guutuu akka wal-argan ykn dubbisan gochuu.
Kenniinsa tajaajila hawaasummaa Sirr/seeraa kan akka amakiroo, ol’iyannoo, jijjiirraa fi kkf kan seeraan eyyamamuuf qulqullinaan raawwachuun rakkoo jiru akka hiikamu taasisuu.
Bakka jireenya sirreeffamtoota seera akkaataa barbadamuun mijeessuuf manneen sirreessaa magaalaan marfamanii jiran magaala keessaa baasuun bifa haaraan ijaaruun tajaajilaaf akka oolu taasisuu.
Manneen sirreessaa hedduun bara dheeraa kan lakkoofsisanii fi dulloomaa waan ta’aniif baay’inni sirreeffamtoota seeraa dabalaa dhufuu isaatiin rakkoon dhiphina mana jireenyaa fi bakka ciisichaa adda baasuun suphuu fi haaromsuu.
kilinikoota manneen sirreessaa keessatti argaman hunda sadarkaa isaanii ol guddisuun ogeessoota yaalaa jiran dandeettii isaanii cimsuudhaan yaala akka argatan yommuu taasifamu kanneen humnaa ol ta’an gara manneen yaalaa ol’aanaa sadarkaan jiranitti yaala guutuu akka argatan taasisuu.
Nyaatni sirreeffamtoota seeraaf dhiyaatu nyaata ga’aa fi qulqulluu ta’e ,yeroo isaa eeggatee fi fayyaa dhala namaa tiif mijataa ta’e ,qisaasamaa fi kiraa sassaabdumaa irraa bilisa ta’ee fi madaalamaa ta’e maanneen sirreessaa hunda keessatti guutummaa guutuutti waldaa IMX tiin akka dhiyaatuuf xiyyeeffannaan ol’aanaa itti kenname akka raawwatamu taasisuu dha.
Siree ciisichaa irraa fi jalaan ciibsuu fi Firaashii ispoonjii bituudhaan sirreeffamtootni seeraa tajaajila gaarii akka argatan gochuu.
Dubartoota, daa’imman haadha waliin mana sirreessaatti argaman qaama miidhamtoota , maanguddoota, namootaa dhibee adda-addaa hin fayyineen qabamanii fi dargagoota balleessitootaaf xiyyeeffannaan addaa kennamee dhaabbilee dhuunfaa, mootummaa fi mit-mootummaa waliin ta’uun haala mijaawaa uumuun deggartoota horachuu fi Kan jiran cimsuun kan hojjetamu ta’a.
Dargaggoota balleessitoota Gi/Ga/le/og/fi teekiniikaa Adaamatti argamaniif kununsa ,leenjii fi hojiiwwan jijjiirama amalaa fidan irratti xiyyeeffachuun kan hojjetamu ta’uu isaa.
Manneen sirreessaa mana baruumsaa hin qabne lama keessatti hanga saayikilii lammaffaatti banuu (GAONF fi Aanaa Najjoo)
Daa’imman haadha waliin mana sirressaa keessatti argaman manneen sirreessaa hunda keessatti bifa wal-fakaataa ta’een bakka oolmaa daa’immanii akka hojjetamu taasisuu.
Manneen sirreessaa mijataa ta’e keessatti hojiin ijaarsaa fi tajaajila Baayoo gaazii akka babal’atu taasisuu.
Manneen sirreessaa hunda keessatti bakki bashannanaa sirreeffamtoota seeraa fi jajjabina qaamaa kan itti gaggeeffamu akka guutaman gochuu.
Hojii Haaromsaa fi Ijaarsa Manneen Sirreessaa KGT-2ffaa Keessaatti Raawwachuuf Karoorfame :
Bara
Mana jireenyaa S/S
Daree barnootaa
Mana yaalaa (kilniks
Wirtuu leenjii ogummaa fi teknika
Bilookii haaraa ijaaruu
Bilookii ture haaromsu
Ida’ama
Daree haaraa ijaaruu
Daree ture haaromsu
Ida’ama
haaraa ijaaruu
Kan ture haaromsu
Ida’ama
haaraa ijaaruu
Kan ture haaromsu
Ida’ama
2008
23
5
18
10
20
30
2
2
4
-
1
1
2009
6
8
14
5
15
20
3
2
5
1
1
2
2010
2
12
14
7
5
12
2
2
4
1
1
2
2011
4
12
16
5
10
15
2
2
4
1
1
2
2012
5
10
17
2
2
4
2
2
4
-
1
1
Ida’ama
22
55
77
29
52
81
11
10
21
3
5
8
Dostları ilə paylaş: