Bulchinsa Faayinaansii


Goolaba Bu’uura Ka’umsaa raawwii (Base line summery)



Yüklə 0,87 Mb.
səhifə4/9
tarix09.01.2019
ölçüsü0,87 Mb.
#93723
1   2   3   4   5   6   7   8   9


2.9.2 Goolaba Bu’uura Ka’umsaa raawwii (Base line summery)

Akkaataa raawwii adeemsichaa irraa hubatameetti adeemsii hojii faayinaansii galii sassabuu, kaffaltii raawwachuu fi gabaasa faayinaansii qulqulluu dhiyeessuuf waajjira tokko yeroo dheeraa kan fudhatu ,baasii ol’aanaa kan geessisuu, qulullina barbaadame kan hin eegne fi uwwisa gadi anaa kan qabu ta’uu isaatiin kenni tajaajila faayinaansii si’aahina itii fayyadama horataalee mana hojichaa gadi busuun bu’aa qabesuumaa tajaajilichaa gaaffii keessa akka galu taasiseera.



Kutaa Sadii




Irraa deebi’anii kurfeessuu

(Redesigning stage)


3. Adeemsa Hojii Haaraa Kurfeessuu (Redesigning the new process)

3.1 Seensa
Dokmantiin kun jijjirama bu’uuraa Bulchiinsa Faayinaansii IIHBO boqqoonnaa sadaffaa kan ta’ee Adeemsa hojii haaraa diriirsuu irratti kan xiyyeeffateedha.

Gareen JBAH Adeemsa hojii haaraa qopheessuuf waraqaa qulqulluu (clean sheet) irraa ka’uudhaan qopheessuuf yaalii guddaan godhamee jira. Adeemsa hojii haaraa dirrirsuuf kan fayyadaminee,



  • Qajeelfamoota faayinaansii IIHBO bu’uura taa’an,

  • Benchimaarkii dhaabbilee adda addaa,

  • Rakkoolee adeemsa hojii faayinaansii fi

  • Barmaatiilee fi muxxannoo gaarii duraan gargaaramuun sirna haaraa diriiredha.

Beenchimaarkiin ragaaleen fudhataman qaamaan dhaquun ilaaluun dabalataan yaada Waaqoo (whacko idea) itti fayyadamuun filannoowwan haaraa adda addaa kaa’amaniiru.

Hojii Bulchiinsa Faayinaansii IIHBO jalatti



  • Hojii galii sassabuu,

  • Kaffaltii adda addaa raawwachuu,

  • To’annoo Istookii fi koostii,

  • To’annoo baajataa,

Gabaasaa fi taa`uumsaaf to`annaa harshamee faayinaansii ni haammata. Adeemsi kuniis jalqabaa hanga dhumaatti ( end to end ) walitti dhuufeenyaa fi qunnamtii kan qabaniidha. Haaluma kanaan, sadarkaa kurfeessuu irratti kaayyoo JBAH`n dhaabbateef galmaan gahuuf yaa`iinsa hojii wal fakkatan bakka tokkootti fiduun maamilootnii fi dhimmamtootnii tajaajila dedeebii hanbisuu (Hand Offis), yeroo fi baasii qussachuun itti quufiinsa maamilootaa dabaluu argamsiisuuf yaa`iinsii hojii qaban wal keessaa waan ta`eef Adeemsa Hojii bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa faana akka walitti dabalaman murteessineerraa.


Maqaan haarawaan yaa`iinsa hojii kanaaf walitti kennamees adeemsa hojii bulchiinsa faayinaansii (corporate finance) jedhamuun murteeffameera. Dokmantii kana keessaatti , rakkoolee,seeroota , barmaatilee haaraa fi moofaa , bu’aa argamuu ,kaayyoo diriiraa , yaa’iinsa hojii yaadoota haaraa filatamanii, raawwii hojii fi gahee raawwatoota adeemsa hojii bulchiinsa faayinaansii haala armaan gadiitiin dhiyaateera.
3.2 Barmaatilee fi Yaadamtoota Cabsuu (Breaking Assumptions)

3.2.1 Bulchiinsa Faayinaansii ilaalchisee
1.Rakkoo:-

Hujimaataa faayinaansii bara 2004 lakk 4.1.2.3 gabaasni herreega yoo ergamee malee dabarsii maallaqaa dhoorkamu.



Seera hin barreefamne:-

Qajeelfama bara 2004 Lakk 4.1.2.3 Murtee maanajimantii Hanga gabaasni herreegaa piroojektii dhiyaatutti dabarsii maallaqaa hin raawwatamu.


Barmaata moofaa:-

Dabarsa maallaqaa yoo qabamee malee gabaasa herreegaa hin dhiyeessan jedhamee waan yaadamuuf.



Sababa Cabuuf:

Gabaasni herreegaa akka akka dhiyaatuuf dabarsa maallaqaa qabuun gabaasa kan hin ariifachiifne fi caalmatuu kan hojii irratti gufuu ta’uun duubatti harkisu ta`uu.



Barmaata Haaraa (New Assumption):-

Dabarsii maallaqaa gabaasaa herreegaa irratti osoo hin hundaa’in yeroo barbaadamu keessaatti maallaqa dabarsudhaan herrega galii fi baasii piroojektotaa of danda’ee akka buluu fi cufamuu gochuun qaama hojjatuuf aangoo fi itti gaafatamummaan yoo kennameef hojiin haala karoorfameen akka raawatamuu fi gabaasnii herreegaa haala ka’ameen argachuun ni danda’ama.





  1. Rakkoo:-

Hojiin kaffaltii harka ogeessoota hedduu keessa kan darbuu fi yeroo dheeraa kan fudhatu ta’u isaa.

Seera:-

Herreegni hojjatoota adda addaatiin hojjatamuu qaba.

(Barmaatilee).

.Barmaata moofaa:-

Herreegni hojjatoota adda addaatiin yoo hojjatame dogoggoorri fi badiin ni xiqqaata, qulqullini herreegaa ni eegama jedhamee waan yaadamuu fi tajaajilii faayinaansii bakka tokko ta`uun siyaa’ina fi qusanna fida jedhamee waan yaadameef.

Sababa Cabuuf:

Hojiin kaffaltii harka ogeessoota hedduu fi nama adda addaa bira darbuun badii kan hambiisu, qulqullinaa herreegaa kan eegsisu fi hojii kan saffisisuu osoo hin ta’iin hojiin tokko tokkoon wal eeguun kan hin saffisifne waan ta’eef maamila kan hin gamaachiifneedha.



Barmaata Haaraa ( New Assumption ):-

Hojii tajaalaa kaffaltii wajjiin walqabate bakka bakka tokkkotti fiduudhaan hojjetaa ogummaa waliigalaa qabuuf aangoo fi itti gaafatamuummaa wajjiin keennuun yeroo gabaabaa keessatti kaffaltii raawwachuun maamila gamachiisuun ni danda’ama.





  1. Rakkoo:-

Aangoon kaffaltii ajajuu I/G/Ol’aanaa mana hojii fi I/G damee qofaatiin kan eeyyamamu ta`uu.

Seera barrefame:-

Itti gaafatamummaa fi aangoon ajajuu I/G/Ol’aanaa fi I/G adeemsa hojii qofaaf keennamuu qaba. (Danbii hundeeffama IIHBO)



Barmaata moofaa:-

Maallaqnii fi Qabeenyi ogganaa fi Itti gaafatamtoota hogganaan bakka buuseen qofaan yoo ajajame malee ni qisasama jadhamee waan yaadamuu.



Sababa Cabuuf:

Ogganaan mana hojii fi adeemsotni qofti aangoon kaffaltii ajajuu kennamuun hojiin bakka tokkotti guramuun tajaajilli saffisaan akka hin kennamine taasiseera.



Barmaata Haaraa (New Assumption):-

Aangoon ajaja kaffaltii eeyyamuu gosa kaffaltii fi daangaa maallaqaan qoqoodamee oggantootaa fi raawwattootoota dhimmi ilaaluu sadarkaa sadarkaadhaan jiraniif ittigaafatamummaa wajjiin yoo keenname tajaajila saffisaa kennuun itti quufinsa maamiltootaa ni dabala.


4.Rakko:-

Fandii ittiin eegannoo haala qajeelfama lakk 4.1.1.1 tiin heyyama hojiigaggeesaa olaanaa dhaabatichaa yookan namoota bakka bu’iinsi seeraan kennameef qofaan akka ka’amuu taasifamuu dhabuu.


Seera:-

Itti gaafatamummaa fi aangoon ajajuu qajeelfama lakk 4.1.1.1 I/G/Ol’aanaa fi namoota bakka bu`iinsi kennameef qofaaf keennamu dhiisuun galii argamee hundaa qabeenya dhaabbii intarpiraayizichaa hojiirraa oolanii galchaa maddisisaniif baasiin hir’ifama gatii dulluumaa qabeenyaa shallagamee otoo hin atanii fayyadamuu. (Seera hin barreeffaminee).



Barmaata moofaa:-

Maallaqnii argamuu hundii galiidha jechuun fudhachuu fi baasii dullumaa shallaguu dhabuu.



Sababa Cabuuf:

Herregnii gatii dullumaa qabamuu waan qabuuf qabeenya tajaajila isaa fixee bakka buufachuun waan barbaachiisuuf lakkoofsii herrega baankii waan barbaachiseef.



Barmaata Haaraa ( New Assumption ):-

Sirnii herregnii faandii kuufama meeshaa dullumaa ittiin bakka buufamuu uumuun durqama ta’uun hojiirraa ooluun qabeenya dullomee bakka buufachuu ni mirkaneessa.


5. Rakko:-

Kaffaltiin baasiwwan xixiqaa qajeelfama lakk 5.2.2.1 waajjira ol’aanaa irratti kan hundeeffamuu qarshii 20,000.00 yoo ta’u waajjira piroojektootaa irratti immo qarshii 5,000.00 qofa ta’uu.



Seera:-

Maallaqnii sanduuqa keessaa buluu qabuu qajeelfama lakk 5.2.2.1 waajjira olaanaatti Qr. 20,000 fi piroojektitti Qr.5000 caaluu hin qabu.



Barmaata moofaa:-

Maallaqnii sanduuqa keessatti yoo baayi`ate qisaasamuu danda`aa waan ta`eef kaazinaa keessa buluu hin qabu yaada jedhuu.



Sababa Cabuuf:

Humnii bituu maallaqaa yeroo dha gara yerootti gadi bu’uu fi durgoon olmaa fi kaffaltiiwwaan xixiqqaan dabalaniif maallaqnii sanduuqa keessaa buluus hin xiqqaata dedeebbiin baankiis fi baasiin bittaa paadii cheekii ni xiqqaata.Kana malees, Xiqqeenyaaf baayi`inni maallaqaa qisaasama maallaqaa dhorkuu hin danda`uu.



Barmaata Haaraa ( New Assumption ):-

Haala qabduun maallaqaa wabii qabduun kaazinaa maallaqni keessa ta`uu of eeggannoon qabinaan sodaan uumamu hin jiru.


6. Rakko:-

Qajeelfama lakk 4.1.1.3 irratti hundaawuun baaxiin ittiin eegannoo baasii xixiqqaa waajjira ol’aanaa irraa dhimma tokkoof altokkotti qarshii 1000 (kuma tokkoo) fi waajjira piroojketotaa irratti immoo qarshii 500.00 qofa ta’uu.



Seera:-

Qajeelfama 4.1.1.3 irratti hundaawuun baaxiin ittiin eegannoo baasii xixiqqaa waajjira ol’aanaa irraa dhimma tokkoof altokkotti qarshii 1000 (kuma tokkoo) fi waajjira piroojketotaa irratti immoo qarshii 500.00 qofa ta’uu qaba.



Barmaata moofaa:-

Baasiin waajjira ol’aanaa irraa dhimma tokkoof altokkotti pitikaashiin qarshii 1000 (kuma tokkoo) fi waajjira piroojeketotaa irratti immoo qarshii 500.00 qofa ta’uun qisaasama maallaqaa ni hanbisa.



Sababa Cabuuf:

Xiqqeenyaaf baayi`inni maallaqaa pitikaashii qisaasama maallaqaa dhorkuu hin danda`uu.



Barmaata Haaraa ( New Assumption ):-

Aangoon ajaja kaffaltii eeyyamuu oggantoota sadarkaa sadarkaadhaan jiraniif ittigaafatamummaa wajjiin yoo keenname itti quufinsa maamiltootaa dabaluun baasii cheekii sanadni ittiin kaffaltiin raawwatuu akka hin baayi`atneni taasisa.


7. Rakko:-

Qajeelfama 4.1.2.5 bu’aan piroojektiichaa karooraan qabamee galma ga’uuf dhiisuu isaa erga mirkaneeffameen booda maallaqnii darba.



Seera:-

Qajeelfama 4.1.2.5 bu’aan piroojeketichaa karooraan qabamee galma ga’uuf dhiisuu isaa erga mirkanee- ffameen booda maallaqnii darbuufii qaba.



Barmaata moofaa:-

Bu’aan piroojektii otoo hin ilaalamine dabarsii maallaqaa taasifamuun bu`aaf kisaaraan beekamuu waan hin dandeenyeef to`achuun hin danda`amu.



Sababa Cabuuf:

Maallaqa erguu dhiisuun hojii piroojektii duubattiharkisuun miidhaa qaqqabsiisa.



Barmaata Haaraa ( New Assumption ):-

Gamaagamaaf hordofiitaasifamu cimsuun maallaqa ergamee waan irraa oole beekuun ni danda`ama waan ta`eef maallaqa erguu dhiisuunhojii irratti gufuudha.


3.3. Adeemsa hojii Bul/Faaynaansii irratti Yaadota filataman
3.3.1. Madda ka’uumsaa yaadota filatamanii:-

Maddii ka’uumsaa yaadota filatamanii kun kan armaan gaditti ibsamanidha.



  • Fedhaa maamiloota fi dhimmamtoota,

  • Kaayyoo diriiraa (strech objective),

  • Barmaatilee caban(broken assumption) fi

Yaadoota bu’uura JBAH (Reengineering principle), muuxxannoo gaarii dhaabbilee misoomaa WWCE, ERA, EPCO, AWWCE, AARA fi KKF ni dha.


3.3. 2 Rakkoolee, Seroota, yaadamtoota moofaa, yaadamtoota moofaa soba taasisuu fi yaadamtoota haaraa

(Problems, rules, old assumptions, falsifying the old assumptions and new Assumptions)

Odeeffannoo maammiltootaa fi dhimmamtootaa irraa gaaffilee fi gaafannoon (Interview and questionnaires) funaanaman irratti hundaahee rakkooleen ka’an qindaa’aniiru.

Rakkooleen qinda’aan kunis mul’istuwwan isaanii wajjiin erga wal-duraa duubaan gabatee irratti tarreefamanii booda, seeroonni fi barmaatileen madda rakkoolee kanneenii tahanii fi yaadamootni(assumptions) seerootni fi barmaatiileen irratti hunda’anii bahan wal-biratti qophahanii akkaataa armaan gadiitti dhihaataniiruu.



L ak

Rakkoolee maamilootaa fi dhimmamtootaa


Seerotaaf qajeelfamoota

(Rules).

Seerotaaf qajeelfamoota durii

(old assumptions)

Yaadamtoota moofaa sobataasisuu

(falsifying the old Assumptions)

Yaadamtoota haaraa

(New assumptions)

1

Gabaasni herreega yoo ergamee malee

dabarsii maallaqaa

dhoorkamu.


Qajeelfama bara

2004 Lakk 4.1.2.3

Murtee maanaa- jimantii Hanga gabaasni herreegaa piroojektii dhiyaatutti dabarsii maallaqaa hin raawwatamu.


Dabarsa maallaqaa yoo

qabamee malee gabaasa

herreegaa hin dhiyeessan

jedhamee waan yaadamuuf.




Gabaasni herreegaa

akka akka dhiyaatuuf

dabarsa maallaqaa qabuun gabaasa kan hin ariifachiifne fi caalmatuu kan hojii irratti gufuu ta’uun duubatti harkisu ta`uu.


-Dabarsii maallaqaa

gabaasaa herreegaa

irratti osoo hin hundaa’in yeroo barbaadamu

keessaatti maallaqa

dabarsudhaan qaama

hojjatuuf aangoo fi

itti gaafatamuummaan

yoo kennameef hojiin

haala karoorfameen

akka raawatamuu fi

gabaasnii herreegaa

haala ka’ameen argachuun ni

danda’ama.


2

Hojiin kaffaltii harka

ogeessoota hedduu

keessa kan darbuu fi

yeroo dheeraa kan

fudhatu ta’u isaa.


Herreegni

hojjatoota adda

addaatiin

hojjatamuu qaba.

(Barmaatilee).


Herreegni hojjatoota

adda addaatiin yoo

hojjatame dogoggoorri

fi badiin ixiqqaata,

qulqullini herreegaa

ni eegama jedhamee

waan yaadamuu fi

tajaajilii faayinaansii

bakka tokko ta`uun

siyaa’ina fi qusanna

fida jedhame waan waan

yaadameef.




-Hojiin kaffaltii harka

ogeessoota hedduu fi

nama adda addaa bira darbuun badii kan

hambiisu, qulqullinaa herreegaa kan eegsisu fi

hojii kan saffisisuu

osoo hin ta’iin hojiin

tokko tokkoon wal

eeguun kan hin saffisifne waan ta’eef maamila kan

hin gamaachiifneedha.


- Hojii tajaalaa kaffaltii

wajjiin walqabate bakka bakka tokkkotti

fiduudhaan hojjetaa

ogummaa waliigalaa

qabuuf aangoo fi itti

gaafatamuummaa

wajjiin keennuun

yeroo gabaabaa keessatti

kaffaltii raawwachuun maamila gamachiisuun

ni danda’ama.




3

Aangoon kaffaltii ajajuu I/G/Ol’aanaa mana hojii fi I/G damee qofaatiin kan eeyyamamu ta`uu.


Itti gaafatamummaa fi aangoon ajajuu I/G/Ol’aanaa fi I/G adeemsa hojii qofaaf keennamuu qaba.

(Barmaatilee)



Maallaqnii fi Qabeenyi

Ogganaa fi Itti gaafatamtoota

Hogganaan bakka buuseen

qofaan yoo ajajame malee

ni qisasama jadhamee waan yaadamuu.


Ogganaan mana hojii fi

adeemsotni qofti aangoon kaffaltii ajajuu

kennamuun hojiin

bakka tokkotti guramuun

tajaajilli saffisaan akka

hin kennamine

taasiseera.


Aangoon ajaja kaffaltii

eeyyamuu oggantoota

sadarkaa sadarkaadhaan

jiraniif ittigaafatamu-

mmaa wajjiin yoo keenname itti quufinsa maamiltootaa ni dabala.


4

Fandii ittiin eeggannoo heyyama hoji igaggeesaa olaanaa dhaabatichaa yookan namoota bakka bu’iinsi seeraan kennameef qofaan akka bakkabu’uu godhamuu.

Itti gaafatamummaa fi aangoon ajajuu qajeelfama lakk 4.1.1.1 I/G/Ol’aanaa fi namoota bakka bu`iinsi kennameef qofaaf keennamu.

Maallaqnii Ogganaa fi

Itti gaafatamtoota

ogganaanAangoo isaa

qoodeef qofaan yoo

ajajame malee ni

qisasama jadhamee waan yaadamuu.




Ogganaan mana hojii fi

Itti gaafatamtoota ogganaan aangoo isaa qoodeef qofti aangoon kaffaltii ajajuuf kennamun hojiin

haala barbaadameen

saffisaan akka hin

raawwanne taasiseera.


Aangoon ajaja kaffaltii

eeyyamuu oggantoota

sadarkaa sadarkaadhaan jiraniif ittigaafatamummaa wajjiin yoo keenname itti quufinsa maamiltootaa ni

mirkaneessa.





5

Kaffaltiin baasiwwan xixiqaa waajjira ol’aanaa irratti kan hundeeffamuu qarshii 20,000.00 yoo ta’u waajjira pirooje- ktootaa irratti immo qarshii 5,000.00 qofa ta’uu.

Maallaqnii sanduuqa keessaa buluu qabuu qajeelfama lakk 5.2.2.1 waajjira olaanaatti Qr. 20,000 fi piroojektitti Qr.5000 caaluu hin qabu.


Maallaqnii sanduuqa keessatti yoo baayi`ate qisaasamuu danda`aa waan ta`eef kaazinaa keessa buluu hin qabu yaada jedhuu.

Xiqqeenyaaf baayi`inni

maallaqaa qisaasama

maallaqaa dhorkuu hin danda`uu.


Haala qabduun maallaqaa wabii qabduun kaazinaa maallaqni keessa ta`uu of eeggannoon qabinaan sodaan uumamu hin jiru.

6

Baaxiin ittiin eegannoo baasii xixiqqaa waajjira ol’aanaa irraa dhimma tokkoof altokkotti qarshii 1000 (kuma tokkoo) fi waajjira piroojketotaa irratti immoo qarshii 500.00 qofa ta’uu.

Qajeelfama 4.1.1.3 irratti hundaawuun baaxiin ittiin eegannoo baasii xixiqqaa waajjira ol’aanaa irraa dhimma tokkoof altokkotti qarshii 1000 (kuma tokkoo) fi waajjira piroojketotaa irratti immoo qarshii 500.00 qofa ta’uu qaba.

Baasiin waajjira ol’aanaa irraa dhimma tokkoof altokkotti pitikaashiin qarshii 1000 (kuma tokkoo) fi waajjira piroojeketotaa irratti immoo qarshii 500.00 qofa ta’uun qisaasama maallaqaa ni hanbisa.


Xiqqeenyaaf baayi`inni

maallaqaa pitikaashii

qisaasama maallaqaa

dhorkuu hin danda`uu.



Aangoon ajaja kaffaltii

eeyyamuu oggantoota

sadarkaa sadarkaadhaan jiraniif ittigaafatamummaa wajjiin yoo keenname

itti quufinsa maamiltoo

taa dabaluun baasii

cheekii sanadni ittiin

kaffaltiin raawwatuu

akka hin baayi`atneni

taasisa.


7

Bu’aan pirojektiichaa karooraan qabamee galma ga’uuf dhiisuu isaa erga mirkanee -ffameen booda maallaqnii darba.

Qajeelfama 4.1.2.5

bu’aan piroojeketichaa karooraan qabamee galma ga’uuf dhiisuu isaa erga mirkanee- ffameen booda maallaqnii darbuufii qaba.



Bu’aan piroojektii otoo hin ilaalamine dabarsii

maallaqaa taasifamuun bu`aaf kisaaraan beekamuu waan hin dandeenyeef to`achuun hin danda`amu.



Maallaqa erguu dhiisuun hojii piroojektii duubattiharkisuun miidhaa qaqqabsiisa.

Gamaagamaaf hordofii

Taasifamu cimsuun maallaqa ergamee waan irraa oole beekuun ni danda`ama waan ta`eef maallaqa erguu dhiisuunhojii irratti gufuudha.



3.4. Galma milkaa’inaa bulchiinsa faayinaansii fi loojistikii kaa’uu (Setting Straight Objectives).

3.4.1. Fedhiiwwan Sadarkaan (Prirotizing Needs)

Fedhiin Dhimmamtootaa fi Maamiltootaa ulaagaalee madaallii armaan gadii irratti hundaahuudhaan adda bahaniiru.









Ulaagaa Madaallii (Fedhii)

Lak

Fedhii

Irra deddeebiin ka’e

Dhimmamtootaa murteessoo ta’aniin ka’e.

Kun yoo guutame kan biraas waliin guutamuu danda’u

Dhimmamaa Ijoo Mana Hojichaaf faaydaa ol’aanaa qabu

Qabxii

Sadarkaa

1

Adeemsa dedeebii (steps) hin qabineen kaffaltii Adda addaa saffisaan raawwatamuu.

A

A

B

A

15

1

2

Maallaqaa piroojektotaaf yeroo haala eeggateen saffisaan argachuu,

- Foormaatii bu`aa hin qabineef hojii dedeebisan akka hafan.

- Galii interpiraayizii yeroo isaa eeggateef dedeebii (steps) xiqqaan argachuu.


A

A

C

A

14

2

3

Herrega baankii yeroo barbaadametti banuu fi cufuu.

A

D

D

B

9

5

4

Galmeeffama herregaa sooftiweerii ammayyaa fayyadamuun yeroon raawwachuun gabaasa faayinaansii,

  • Yeroo eeggate,

  • Qulqulluu,amansiisaa (reliable) fi

Komii oditarootaa irraa bilisa ta`ee argachuu.

C

A

B

A

13

3

5

Madaala to`annaa qabeenyaa (stock balance) yeroon argachuu.

D

D

A

B


9

4

Ibsa qabxii madaalli A = 4 B = 3 C = 2 D = 1

3.4.2. Tartiiba Fedhii Dhimmamtootaa fi Maamiltootaa
Fedhiin dhimmamtootaa fi maamiltootaa yeroo ilaalamu tartiibaan akka armaan gaditti kan taa`ee dha.

1. Adeemsa dedeebii (steps) hin qabineen kaffaltii saffisaan akka raawwatamuuf.

2. Maallaqa piroojektotaaf dabarfamu saffisaan argachuu,

- Foormaatii bu`aa hin qabineef hojii dedeebisan akka hafan barbaaduu,

- Galii interpiraayizii yeroo isaa eeggateef dedeebii (steps) xiqqaan argachuu.

3. Galmeeffama herregaa sooftiweerii ammayyaa fayyadamuun yeroon raawwachuun gabaasa faayinaansii,



  • Yeroo eeggate (timely),

  • Qulqulluu (clean),

  • Amansiisaa (reliable) fi

  • Komii oditarootaa irraa bilisa ta`ee argachuu.

4. Madaala to`annaa qabeenyaa (stock balance) yeroon argachuu.

5. Herrega baankii yeroo barbaadametti banuu fi cufuu kan ta`aan tartiibaan filatamaniiru.



3.4.3. Fedhii maamilaa, milkaa’ina barbaadamee fi galma akeekame (Sourse of stretched objectives).


Fedhii ammaa fi of-duraa

(Needs&expectation)

Bu’aa

(Outcome)

Milkaa’ina barbaadame

(Desired outcome)

Galma akeekame

(stretched Objectives)

Madda galma akeekii (source of stretched Objectives)

1. Adeemsa dedeebii (steps) hin qabineen kaffaltii

  • Faayidaa,

  • Durgoo,

  • Bittaa meeshaa,

  • Bittaa tajaajilaa fi kaffaltii

Adda addaa saffisaan argachuu.

Tajaajila kaffaltii saffisaan kenname.



-Itti quufinsa maamilootaa dabale.


-Adeemsa kaffaltii amma jiruu dedeebi`iinsa 10 qabu gara 4 tti xiqqeessuu fi yeroo fixuu fi baasii fixuu kan durii irraa %200 ’n xiqqeessuu.



-Fedhii maamilootaa.

- Muuxxannoo raawwii gaarii.



2.Maallaqaa piroojektotaaf dabarfamu saffisaan argachuu,

- Foormaatii bu`aa hin qabineef hojii dedeebisan akka hafan.

- Galii interpiraayizii yeroo isaa eeggateef dedeebii (steps) xiqqaan argachuu.


Dabarsa maallaqaa raawwachuu.

-Itti quufinsa maamilootaa dabale.


-Dabarsa maallaqaa dedeebii 9 qabu gara 4 tti xiqqeessuu fi baasii Qr. 6029.74 ture gara Qr. 2500 tti xiqqeessuu.

-Dedeebii galii sassabuu 8 tureef baasii qarshii 3152.30 fixuu gara qr. 1050.00 tti xiqqeessuu.



-Fedhii dhimmamaa fi maamilaa.

Muuxxannoo raawwii gaarii.



3.Galmeeffama herregaa sooftiweerii ammayyaa fayyadamuun yeroon raawwachuun gabaasa faayinaansii,

  • Yeroo eeggate,

  • Qulqulluu,

  • Amansiisaa (reliable) fi

Komii oditarootaa irraa bilisa ta`ee argachuu.

Gabaasa faayinaansii qulqulluu yeroo barbaadamutti argachuu.

-Itti quufinsa maamilootaa fi dhimmamtootaa dabaluu.


-Adeemsa galmeeffama herregaa, to`annoo istookii fi qophii gabaasaa amma jiruu dedeebi`iinsa turee, yeroo fixuu fi baasii fixuu %200 ’n xiqqeessuun galmeeffama herregaa dedeebii 14 qabu 7 tti xiqqeessuu.

-Fedhii dhimmamaa fi maammilaa.

- Muuxxannoo raawwii gaarii.



4. Herrega baankii yeroo barbaadametti banuu fi cufuu.


Herrega baankii

banuu fi cufuu.




-Itti quufinsa maamilootaa dabaluu.



Adeemsa herrega baankii banuu amma jiruu dedeebi`iinsa turee %200 ’n xiqqeessuun dedeebi`iinsa 4 turee 2`n akka xumuramu taasisuu.

-Fedhii dhimmamaa fi maamilaa

-Muuxxannoo raawwii gaarii.




3.5. Yaadota waaqoo Maddisiisuu /Generating whacko Ideas/.
Yaadotnii whacko adeemsa hojii xiqqaa faayinaansii keessatti hojiirraa ooluu danda`anii bu`uurreeffatee kan hojjetame,

  • Fedhii maamilaa amma fi gara duraa,

  • Kaayyoo diriiraa,

  • Yaadamtoota fudhatama hin qabine cabsuu fi

  • Yaadota haaraa bu`uuraa JBAH(BPR principles) irratti hundaawuun yaadotni haarawaan haala armaan gadiitiin dhiyaataniiru.

  1. Soofti weerii kaffaltii fi galmeeffamnii herregaa ittiin raawwatamu diriirsuun tajaajilamtoota faana wal quunnamsiisuun (interfaced) tajaajila kennuu.

  2. Hojii tajaalaa kaffaltii wajjiin walqabate bakka bakka tokkkotti fiduudhaan hojjetaa

ogummaa waliigalaa qabuuf aangoo fi itti gaafatamuummaa wajjiin keennuun yeroo gabaabaa keessatti kaffaltii raawwachuun maamila gamachiisuun ni danda’ama.

  1. Dabarsii maallaqaa gabaasaa herreegaa irratti osoo hin hundaa’in yeroo barbaadamu keessaatti maallaqa dabarsuu.

  2. Aangoon ajaja kaffaltii eeyyamuu oggantoota sadarkaa sadarkaadhaan jiraniif ittigaafatamummaa wajjiin kennuu.

  3. Kaffaltiin baasiiwwan xixiqaa waajjira ol’aanaa irratti kan hundeeffamuu qarshii 20,000.00 yoo ta’u waajjira piroojektootaa irratti immo qarshii 5,000.00 qofa ta’uu qaba jedhuu akka fooyya`uu taasisuu.

  4. Bu’aan piroojektiichaa karooraan qabamee galma ga’uuf dhiisuu isaa erga mirkanee- ffameen booda maallaqnii dabarfama kan jedhu fooyya`uu qaba.

  5. Adeemsa kaffaltii fi galmeeffamni herregaa yeroo tokko itti raawwatamu diriirsuun kaffaltii saffisaan raawwachuun herrega galmeessuu.

  6. Sadarkaa dandeetti raawwattootaa fooyyeessuu.

  7. Angoo murteessuu raawwattootaa guddisuu.

  8. Garee waliin hojjetu (Case Team) ykn ogummaa waliigalaa tiin dandeettiin hojjetu (Case worker) uumuu.

  9. Leenjii walitti fufiinsa qabuuf ogummaa raawwattootaa fooyyeessuu kennuun dandeetti raawwattootaa guddisuu.

  10. Adeemsa gabaasa herregaa qulqulluu fedhii maamiltootaa guutuuf odiitiif mijaahaa ta`ee uumuun xinxalsiisuu.

  11. Adeemsa galmeeffama galii sassabuu sooftiweeriin deeggarameef tajaajilamtoota faana wal quunnamuun (Interfaced)gabaasni argamu uumuu.

  12. Kaffalamaawwan adda addaa (different payables), walitti qabamaawwan adda addaa (different receivables), kabachiisa dirqama ijaarsaa (retention) fi inshuraansii (insurance) hordofuun galmeessuun duukaa bu`uu.

  13. Softweerii faayinaansii sirna kompiitaraatti fayyadamuun to’annoo fi waliin ilaaluu (checks and controls) hir’isuun ni danda’ama.

  14. Gaheen hojii hojjettoota hundaaf raawwattootaaf kennamuu qaba.

  15. Kaffaltiin dursaa adda addaa (Advance payment) kaffaltii kallatti ta`anii otoo hojjetamanii.

  16. Baaxiin fandii eeggannoo (petty cash fund) amma jiru akka amala piroojektotaatti otoo ol ka`ee murtaahee.

  17. Foormii gaaffii kaffaltii irratti kan gaafii gaafateef ragaasise qofaan otoo mallateessanii.

  18. Baankii faana waliigaluun tajaajilli ATM waajjira olaanaatti akka dhaabbatu otoo ta`ee.

  19. Kaffaltiin mindaa hojjetaan hundii lakkoofsa herrega baankii banameefiin akka raawwatamu otoo ta`ee.

  20. Gaaffiin kaffaltiif bittaa qaamaan dhufuun otoo hin barbaachiifine interneetiin (Internet) otoo keessumeessiffamee.

  21. Ajaja kaffaltii maallaqaa (PV), ajaja kaffaltii cheekii (CPV) fi cheekii mallateessuuf aangoon sadarkaa sadarkaan otoo kennamee.

  22. Qaamota gabaasa faayinaansii qulqulluuf yeroo eeggate dhiyeessaniif haala jajjabeessii maallaqaaf xaalayaa (Insentive) itti kennamu otoo mijaahee.

  23. Akkataa fedha maallaqaa (cash flow) qophaaheetiin gaafachuu otoo hin barbaachifine dabarsii maallaqaa otoo raawwatamee.

  24. Sanadni deeggaraa kaffaltii ragaa guutuu qabate tokkoo qofaa otoo ta`ee.

  25. Formaatiin adda addaa bakka tokkootti otoo gurmaahanii.

  26. Galiin ijaarsa irraa argamu kallatiin lakk. herrega baankii ijaarsaatti galee gaheen waajjira olaanaa booda kutamuun otoo deebi`ee.


3.6. Adeemsa hojii Bulchiinsa Faaynaansii irratti Yaadota filataman

      1. Madda ka’uumsa yaadota filatamani:-

Maddi ka’uumsa yaadota filatamani kun kan armaan gaditti ibsamanidha.

Fedhaa maamiloota fi dhimmamtootaa,



  • Kaayyoo diriire(strech objective),

  • Barmaatilee caban(broken assumption),

  • Yaadoota bu’uura JBAH(Reengineering principle),

  • Muuxxannoo raawwii gaarii dhaabbilee beench markii adda addaa,

  • Muuxxannoo gaarii Biyyoota Addunya biroo”enternet” irraa (Financial best practice) argannee fi KKF nidha.


3.5.2. Filannoowwan Sakatta’iinsa Gahumsaa (Fitness Assessment) Adeemsaalee tiif fudhataman

Filannoo 1

  • Gaafii kaffaltii dhiyaatu fudhachuun qulqulleessee tajaajilamtoof kaffaltiin akka raawwatamu gochuu, galii Interpiraayizii sassabuun baankiitti galchuun galmeeffama herregaa raawwachuu, Cheekii fi ajaja kaffaltii qophaahuu irratti mallateessuu, Sanada kaffaltiin ittiin raawwatame koodii kennuun koompiwutara galchuu fi gabaasa faayinaansii qopheessuun gareen qofaa (Case Team) ni raawwatama.

Filannoo 2


  • Gaafii kaffaltii dhiyaatu fudhachuun qulqulleessee tajaajilamtoof kaffaltiin akka raawwatamu gochuu, galii Interpiraayizii sassabuun baankiitti galchuun galmeeffama herregaa raawwachuu, Cheekii fi ajaja kaffaltii qophaahuu irratti mallateessuu, Sanada kaffaltiin ittiin raawwatame koodii kennuun koompiwutara galchuu fi gabaasa faayinaansii qopheessuun raawwataa herregaa tiin (Case worker) ni raawwatama.



3.6.3. Gabatee filannoowwan adeemsa hojii Bul. Faayinaansii agarsiisu.

Yüklə 0,87 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin