Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Shawaa Bahaatti Karoora Waggaa Bara 2010 Caamsa 2010 Adaamaa Seensa


Toftaalee raawwii Hojiilee Leenjii



Yüklə 0,86 Mb.
səhifə13/13
tarix27.12.2018
ölçüsü0,86 Mb.
#86821
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   13

Toftaalee raawwii Hojiilee Leenjii

  • Fedhii leenjii qaamolee hawaasaa, Aanolee fi Bul. Magaalota irraa adda baasuu.

  • Fedhii addaan bahe xiinxaluun keessaa filuu

  • Maanuwaalii leenjii qopheessuu.

  • Leenjii TOT ogeessota Aanolee fi Bul. Magaalotaaf kennuu.

  • Bu’aa leenjii fi jijjiirraa amalaa fide xiinxaluu.

  • Iddoo hanqinni jiru adda baasuun deeggarsa addaa gochuu.

Toftaalee raawwii Kenna heeyyamaa

  • Dhaabbilee sababoota adda addaa tiin heeyyama hin arganne addaan baasuu.

  • Kenna heeyyama dura abbootiin dhaabbilee hubannoo akka argatan gochuu.

To’annoo fi Hordoffii Dh/A/T

  • Kurmaanaan Dhaabbilee hunda deeggaruu

  • Ciminaa, Haaqinaa fi rakkoolee Dh/A/T qaban adda baasuun deeggarsa addaa gochuu.

  • To’annoo fi hordoffii cheek-liistii qopheeffachuun hojii supparviizyinii gaggeessuu.

  • Supparviizyiniin booda duub-deebii kennuun yaada sirreeffamaa kennuu.


17.Sirna hordoffii fi Gamaaggamaa(Mounitoring&

Evaluation System)

Sirna Hordoffii, Deggarsa, Madaallii fi Gamaaggamaa

(Monitoring and Evaluation System)


Adeemsi hordoffii, deggarsaa, madaallii fi gamaaggama, karoora qophaa’e tokko galmaan gahuuf sirna ittiin hordofamu keesaa meeshaa hoggansaa isa tokko dha. Kanaafuu, Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo (SMBKT) akka Waajjira Aadaafi Tuurizimii Godinaatti qophaa’e kun akkaataa karoorfameen akka gara hojii qabatamaatti jijjiiramuu danda’utti sirni hordoffii, deggarsaa, madaallii fi gamaaggama karoora tarsimoo’aa haala kanaatiin qophaa’ee jira.

17.1.Sirna Hordoffii fi Deggarsa

Hordoffii fi deggarsi walitti fufaa, tarsimoo’aa fi qinda’aa ta’e karoora kana galmaan gahuu keessatti gahee olaanaa qaba.Kanaafuu, adeemsoota waajjira keessatti argamaniifi caasaa magaalaafi aanaatti argamaniif sirni ittiin hordofamu fi deggaramu haala kanaan ta’eera.



17.2.Sirna Hordoffii fi Deggarsa Caasaa Godinaa, Magaalootafi Aanoolee

-Karoorri qophaa’e kun kan inni hojii irraa itti oolu caasolee kana biratti waan ta’eef sirni hordoffii fi deggarsaa tarsiimoo’aa ta’e diriirsuun hojiirra oolchuu dirqamafi murteessaa dha. Kanaafuu sirni deggarsafi hordoffii kunis kallattii inni itti geggeeffamu:

-Adeemsoota ijoo waajjiraa hunda irraa gareen walitti bahan qabxiiwwaan deggarsifi hordoffiin irratti geggeeffamu qopheessuun manaajimentiif akka dhiyaatu taasisuun gabatee akka qophaa’u godhama;

-Deggarsi fi hordoffiin kan geggeeffamu kurmaana kurmaanaan yammuu ta’u garee adda addaatti ogeessoota qooduun kutaa waajjirichaa hunda haala wal gahuu danda’uu kan geggeessamuu dha;

-Deggarsi kunis akka taasisameen duub-deebiin ogeessoota hojii kana irratti hirmaataniin qopheeffamee magaaloota fi aanolee hunda akka qaqqabu taasifama;

-Magaaloota fi aanolee sadarkaan haaluma waajjiraatiin ogeessoota haala hirmaachiseen kurmaana kurmaanaan deggarsafi hordoffii geggeessuu qabu. Duub-deebiis akkaatuma kanaan qopheessanii raawwattoota hunda waliin gahuu qabu;

-Waajjirris ta’ee magaalootaa fi aanoleen bakka rakkoon jira jedhamee amanametti osoo kurmaanni hin gahin deggarsaa fi hordoffii geggeessuu ni danda’u;

-Kallattiin hordoffiin ittiin geggeefamuu inni biraa gabaasa ji’a ji’aan yammuu ta’u adeemsi karooraafi adeemsi ijoo hundi qindoomina barbaachisaa uumuudhaan raawwii magaaloota fi aanolee akkaataa gabaasa dhufuun hordofuun bakka barbaachisaa ta’etti tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa kan deemamu ta’a.



15.3.Sirna Gamaggamaafi Madaallii

-Galma ga’iinsa sirna madaallii bu’aa karoora tarsiimoo’aa haala tarsimoo’aa ta’een itti fufiinsaan madaalafi gamaggamaa adeemuun barbaachisaadha. Raawwii karoora kanaa irratti gamaggama geggeessuun madaallii barbaachisu gochuudhaan qabxii karaa iftoomina qabuun kennuudhaan fiixa ba’insa guddina naannoofi biyya keenyaa mirkaneessuun caasaa mana hojichaa irraa kan eegamuu dha. Kanaafuu, tarsiimoon gamaggamaafi madaallii caasaa Waajjira Aadaafi Tuurizimii Godina Shawaa Bahaa akkaataa armaan gaditti ibsameen ta’a.



T.L. Mata duree Fuula

Seensa --------------------------------------------------------------------------------------1



  1. Haala Waliigalaa ----------------------------------------------------------------------------2

  2. Haala Mana Hojii Seektarichaa ----------------------------------------------------------3

  3. Rakkoolee fi fala ijoo ----------------------------------------------------------------------4

  4. Haala walii- gala fi xiinxalaa --------------------------------------------------------------6

  5. Ergama, Mul’ata , Dhuudhalee fi kaayyoo ------------------------------------------12

  6. Kallattiilee Dhaabaa Gurguddoo Salgan ---------------------------------------------15

  7. Deeggartoota fi Hirmaattoota karoorichaa ----------------------------------------18

  8. Karoora Hojii Bara 2009 karoorfaman -----------------------------------------------24

  9. Kaayyoolee Tarsiima’aa waliigalaa ---------------------------------------------------33

  10. Sagantaa Projektootaa ----------------------------------------------------------------- 34

  11. Kaayyoolee, Safartuulee, fi Manii ---------------------------------------------------35

  12. Toftaalee Raawwii Hojii ---------------------------------------------------------------- 35

  13. Sirna Hordoffii fi Gamaaggamaa ---------------------------------------------------- 36

  14. Karoora Hojii idilee (Action plan) ------------------------------------------------ 37-55



Raayyaa Jijjiiramaa cimaa taé ijaaruun Karoora Bara 2010 Gahumsaan ni Raawwanna! Fuula


Yüklə 0,86 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   13




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin