Chaarterii Lammiilee Biiroo Daldala fi Misooma Gabaa romiyaa



Yüklə 122,3 Kb.
tarix29.10.2017
ölçüsü122,3 Kb.
#21710




Chaartarii Lammiilee

Biiroo Daldala fi Misooma Gabaa Oromiyaa

image001 (2).jpg

image0064.jpg
Amajjii /2005

Finfinnee


  1. Seensa

Chaartariin lammiilee waliigaltee mana hojii mootummaa tokkoo fi dhimmamtoota ykn lammiilee fayyadamtoota tajaajila mana hojii sana gidduutti tajaajila lammiileen mana hojichaa irraa argachuu qaban ilaalchisee waadaa taasifamu dha.

Ka’umsi chaarterii lammiilee, biyya Ingilizii keessatti bara 1991 yeroo Muummichi Ministeera biyyaa ‘John’ “lammiileen dhaabbilee siivil sarvisii waliin dhimma tajaajila irratti marii’achuuf akkuma kan dhaabbilee daldalaa waliin marii’atu mirga walqixa qabu” jedhu ibsan eegale. Yeroo sanatti dhaabbileen siivil sarvisii Ingiliz ga’umsaan (efficiently) maamila kan kunuunsanii fi maamila giddu galeessa kan godhatan, fedhii maamilaatiif deebii atattamaa kan kennan hin turre.

Yaadichisa lammiilee kan daddamaqsee fi dhaabbileen siivil sarviisii hundi chaarterii akka qopheessan dirqisiisuu danda’ee jira. Yeroo amma kanas chaarteriin kumaatamatti lakkaa’amu biyya Ingiliz manneen hojii mootummaa hunda keessatti sadarkaa hundatti qophaa’ee hojiirra oolaa jira.

Tajaajilamtootnii Biiroon Daldala fi Misooma Gabaa Oromiyaa irraa tajaajjila argachuu qaban fooyyessuuf meeshaaleen riifoormii akka hojii irra ooluu taasisaa kan turee fi bu’aaleen gaariin galmaa’aa turuun isaa ni beekama. Tajaajiloota kana caalmaan bifa qindoomina qabuunii fi itti fufiinsaan itti quufinsa maamiltootaa sadarkaa olaanaanitti ceesisuuf, Biirichi chaarterii lammiilee qopheessuun gara hojiitti hiikuuf karoorfatee hojjechaa jira. Dokumentiin kunis sadarkaa tajaajila kennamu bifa ifaa fi gabaabaa ta’een kan mul’isu ta’ee qabxiileen keessatti ibsaman kanatti aansuun dhiyaataniiru.



  1. Kaayyoo Chaartarichaa

Biiroon Daldala fi Misooma Gabaa Oromiyaa [BDMGO] Mul’ataa fi Ergama isaa akkaataa barbaadamuun galmaan ga’uuf lammiilee fi tajaajilamtoota isaatii tajaajila qulqulluu, iftoomina qabuu fi haqa qabeessa ta’e akkaataa ittigaafatamummaa qabuun kennuudhaaf kaayyolee armaan gadii qopheeffatee jira.

  • Lammiilee hundaaf tajaajila ga’umsaa fi saffisaa ta’e kennuuf;

  • Mirga lammiileen odeeffannoo daldala fi gabaa , Galmeessa ,kenninsa,haqinsa galmee, kenninsa heyyama daldala, fi sirna to’anoo qulqulina omishaa, Ijaarsa bu’uura gabaa ilaalchisee argachuu qaban mirkanneessuuf;

  • Ittigaafatammumaa fi iftoominaan mirkaneessuuf,

  • Gosa tajaajila fi sadarkaa kenna tajaajila lammiileen argaachuu qaban beeksisuuf;

  • Lammiileen hundi kenniinsa tajaajila mana hojii mootummaa irratti abbummaan itti dhaga’amee yaada, hubachisa fi galtee akka kennan mijeessuuf.

  • Kaka’umsa hojjettoota uumuun lammiileef tajaajila quubsaa ta’e kennuu akka danda’an taasisuuf;

  • Sagantaa fi istandardii hojii ifatti ka’uun yeroo tajaajilamtootaa qusachuun yeroo isaanii hojii misoomaaf akka oolchan taasisuuf;

  1. Daangaa Chaartarichaa

Chaarteriin kun sadarkaa Biiroo Daldalafi Misooma Gabaa Oromiyaatti lammiilee tajaajilli kennamuuf irratti hundaa’ee kan qophaa’e dha.

  1. Ergama (Mission)

Sirna daldala fi gabaa hammayya’aa fi haqa-qabeessa ta’e diriirsuun ummannii fayyadamaa akka ta’u taasisuu dha.

  1. Mul'ata (Vision)

Bara 2012tti Naannoo Oromiyaa keessatti misoomni daldala fi gabaa dagaagee, jiruu fi jireenyi uummataa Oromiyaa fooyya’ee gara biyyoottan galii gidduugaleessa irra gahanitti akka guddattu gochuu dha.


  1. Duudhaalee (Core Values)

Duudhaaleen galma gahiinsa mana hojichaatiif gargaaran haala armaan gadiin ibsamaniiru.


        1. Ittigaafatamummaa

        2. Iftoomina

        3. Tajaajila gahumsa fi saffisaa qabu

        4. Hirmaachisummaa

        5. Jijjiiramaaf hojjachuu

        6. Qindoominaan hojjachuu

        7. Malaammaltummaa irratti kutannoon qabsaa’u

        8. Bu’aadhaaf hojjechuu

        9. Guddina Teeknooloojii waliin tarkaanfachuu




  1. Dhimmamtootaa fi Tajaajilamtoota

  1. Maammiltoota (Customers)

  • Uummataa

  • Hawaasa Daldaaltoota

  • Fayyadamtoota (consumers)

  • Omishtoota

  • Abbootii qabeenyaa/Dhabbilee Misooma mootummaa

  • IMX /Intarpiraayizii Maayikroo fi Xixiqqaa/

  • Hojjattoota Biiroo (Godinaale, Magaalootaa fi Aanaalee)

  1. Dhimmamtoota (Stakeholders)

  • Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa

  • Bulchinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

  • Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa

  • Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

  • Biiroo Qonnaa Oromiyaa

  • Biiroo Haqaa Oromiyaa

  • Biiroo Barnoota Oromiyaa

  • Biiroo Siviil Sarviisii fi Bulciinsaa Garii Oromiyaa

  • Biiroo Dhimmoota Kominikeshiinii Mootummaa Oromiyaa

  • Biiroo Lafaa fi Eegumsa Naannoo Oromiyaa

  • Komishinii Poolisii Oromiyaa

  • Mana Maree Daldaltootaa fi Waldalee Seektaroota

  • Naannoolee ollaa

  • Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa

  • Abbaa Taayitaa Qulqullinaa fi Sadarkaa Mootummaa Federaalawwa

  • Komishinii Misooma, Naannoo Horsiisee Bulaa Oromiyaa

  • Ejansii Geejiibaa Oromiyaa

  • Ejansii Misooma, Egumsa fi Fayyaa Qabeenya Beeyladaa Oromiyaa

  • Ejansii Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa

  • Ejansii Misooma ICT Oromiyaa

  • Institiyuti Qorannoo Qonnaa Oromiyaa

  • Komishinii Investimantii Oromiyaa

  • Komishinii BLTO Oromiyaa

  • Ministeera Daldalaa

  • Abbaa Taayitaa Omisha Gabaa Ityophiyaa (Ethiopia Commodity Exchange Authority)

  • Dhaabbata Omisha Gabaa Ityophiyaa (Ethiopia Commodity Exchange)

  • Dhaabbilee Barnoota olaanaa

  • Abbaa Taayitaa Gumurukaa fi Galiiwwanii Fedeeraalaa

  • Dhaabbilee Mootummaa fi Miti-mootummaa/ Arjomtootaa

  • Manneen Hojii Biroo (others)

  • Waajjiralee Bulchiinsa Godinaa, Magaalaa,Aanaa, fi Ganda

  • Dhaabata Gabaa Omishaa Qonnaa Oromiyaa (Buraayuu)

  1. Qajeeltoowwan Waliigalaa Qulqullina Tajaajila BDMGO

  • Tajaajila haqa qabeessaa fi doggogara irraa bilisa ta’e ni kennina;

  • Naamusa gaariidhaan lammiileef tajaajila ni kennina;

  • Duudhaalee keenya ni kabajna;

  • Yeroo hundaa fedhii lammiilee guutuuf ni hojjenna;

  • Gaaffii fi yaada lammiileef deebii atattamaa ni kennina.

  • Murteewwan keenyaa fi tajaajila kenninuuf ittigaafatamummaa ni fudhanna.




  1. Tajaajilawwan Gurguddoo Lammiileef Kennaman

  • Tajaajiila Galmeessaa fi Heyyama Daldalaa Labsii, Danbi, fi Qajeelfama irratti hunda’udhan keenuu.

  • Tajaajiila Haroomsa, Galmeessaa fi heyyama Daldalaa Labsii, Danbi, fi Qajeelfama Daldalattiin irratti hunda’udhan keenuu.

  • Tajaajiila Seera Qabsiisaa Hojii Daldala gaggeessuu.

  • Sirna Odeffanno fi Raabsaa meeshaalee bu’uuraa diriirsuu fi Labsii, Danbii fi Qajjelfamaa baahan irratti Mirga Fayyadamtoota kabachiisuu

  • Sirna gabaa fi Ijarsa bu’uura gabaa sadarka fi qulqulinii omishaa qonna ittin hogganamu fi mirkaanaa’u ni diriirsa.

  • Tajaajila Oddeffannoo fi Babal’inaa Gabaa irratti hojachuun Hammayessu.

  • Omiishoota fiilatamanii irratti Misooma Funca Duudhaa (Valu Chain Development) gaggeessun wal-qunnamsiisa gabaa Uumuu.



  1. Tajaajilawwan Birichaan Kennamanii fi Istaandardii Kenna Tajaajila

Lak.

Gosa Tajaajilootaa

Istaandardii Kenna Tajaajila

Tajaajila Argachuuf Haal-Dureewwan Barbaachisan

Bakka Tajaajilli Itti Kennamu

Yeroo

Haala itti kennamu




Hojiiwwan Tajaajjilaa Keenninsa, Haaromsaa Galmeessa fi Heyyama, Ammeeyeessa Hojii Daldallaa Raawwachuu



Tajaajila Galmeessaa Hojii Daldalaa




  • Tajaajila Galmeessa Daldala dhuunfaa

  • Godina

  • Magaala

  • Aanaa

  • Daqiiqa 20-24

  • Warraqqaa Ragaa Galmeessa




  • Uunka Iyyannoo gutamee mallattaa’ee dhihaate, Qr.5

  • Suura yeroo dhihoo lama(ji’a jahaa asii)

  • Umurii waggaa 18 fi isaa oli

  • Bakka bu’aa yoo ta’e raga seeraan ragga’e

  • Waraqqaa enyuumma/paaspoortii/

  • Lakkooffsa Eenyummaa Kaffalaa gibiraa( TIN)

  • Mana dhuunfaa isaa yoo ta’e, kaartaa fi Plaannii, kiraa yoo ta’e, Waliigalte Kiira mirkanaa’e,

  • Kappitaala hojii daldalaaMikanaa’e,

  • Ragaa gahumsaa mirkanaa’e,

  • Kaffaltii tajaajila Qarshii 100

  • Tajaajila Galmeessaa Hojii Daldalaa Haaraa Dhaabbata Misooma Mootummaa

  • Biiroo,

  • Daqiiqa 20-24

  • Warraqqaa Ragaa Galmeessa




  • Uunka Iyyannoo gutamee mallattaa’ee dhihaate, Qr.5

  • Labsii/dambii ittiin hundeeffame,

  • Xalayaa hoji-geggeessan ittiin muudame,

  • Suura yeroo dhihoo Hojii geggeessaa lama(ji’a jahaa asii)

  • Lakkooffsa Eenyummaa Kaffalaa gibiraa( TIN)

  • Ragaa gahumsaa mirkanaa’e,

  • Kaffaltii tajaajila Qarshii 120

  • Tajaajila Galmeessaa Hojii Daldalaa Waldaalee Daldala Aaksiyoonaa




  • Biiroo,

  • Daqiiqa 20-24

  • Warraqqaa Ragaa Galmeessa




  • Uunka Iyyannoo gutamee mallattaa’ee dhihaate, Qr.5

  • maqaa dhaaba daldalaa Ministeera Daldalaa irraa mirkanaa’e

  • Suura hoji-geggeessaa yeroo dhihoo lama(ji’a jahaa asii)

  • Bakka bu’aa yoo ta’e raga seeraan ragga’e

  • Waraqqaa enyuumma hoji-geggeessaa

  • Lakkooffsa Eenyummaa Kaffalaa gibiraa( TIN)

  • Barreeffama hundeeffamaa fi dambii ittiin bulmaataa mirkanaa’e,

  • Mana dhuunfaa yoo ta’e, kaartaa fi Plaannii, kiraa yoo ta’e, Waliigalte Kiira mirkanaa’e,

  • Sheerii gurgurame keessaa harki- afur(1/4) Baankii keessa herrega cufamaan kan taa’e ragaa,

  • Ragaa gahumsaa mirkanaa’e,

  • Kaffaltii tajaajila Qarshii 120

  • Tajaajila Galmeessaa Hojii Daldalaa waldaalee daldalaa Aaksiyoona hin taane(PLC,fi kkf)

  • Godina

  • Magaala

  • Aanaa

  • Daqiiqa 20-24

  • Warraqqaa Ragaa Galmeessa




  • Uunka Iyyannoo gutamee mallattaa’ee dhihaate, Qr.5

  • maqaa dhaaba daldalaa Ministeera Daldalaa irraa mirkanaa’e

  • Barreeffama hundeeffamaa fi dambii ittiin bulmaataa mirkanaa’e,

  • Suura yeroo dhihoo lama(ji’a jahaa asii)

  • Bakka bu’aa yoo ta’e raga seeraan ragga’e

  • Waraqqaa enyuumma hoji-geggeessaa

  • Lakkooffsa Eenyummaa Kaffalaa gibiraa( TIN)

  • Mana dhuunfaa yoo ta’e, kaartaa fi Plaannii, kiraa yoo ta’e, Waliigalte Kiira mirkanaa’e,

  • Mahaallaqni sheeriin gurgurame Baankii keessa herrega cufamaan kan taa’e ragaa,

  • Ragaa gahumsaa mirkanaa’e,

  • Kaffaltii tajaajila Qar.120

  • Waraqaa Ragaa Galmeessaa Jijjiiruu ykn fooyyessuu

  • Biiroo

  • Godina

  • Magaala,

  • Aanaa




  • Daqiiqa 20

  • Warraqqaa Ragaa Galmeessa Fooya’e

  • ulaagaale galmeessa haaraaf ta`an guutuu,

  • Waraqaa ragaa galmeessaa haara`e,

  • Suuraa yeroo dhiyoo lama(pass port size),

  • Waldaa yoo ta’e, Qaboo yaa’ii mirkanaa’e

  • Miseensa haaraa fudhahuu yoo ta`e koopii waraqaa enyumma miseensa haaraa,

  • miseensa lubbudhaan hinjirre yoo ta`e sanada mirkaneessa du`aa,

  • Hojii gaggeessa haara yoo ta`e waraqaa enyumma/koopii paaspoortii)

  • Kaffaltii tajaajila Qar.80

  • Galmeessaa hojii daldalaa bakka buusuu

  • Biiroo,

  • Godina

  • Magaala,

  • Aanaa

  • Daqiiqa 15.

  • Warraqqaa Ragaa Galmeessa bakka bu’ee

  • Iyyannoo guutamee mallattaa’e, Qr.5

  • Warraqqaa Qulquliina Abbaa Taaytaa Galiiwwan

  • Ragaa galmeessaa Manca’e deebisuu

  • Kaffaltii Tajaajila Qr 80

  • Galmeessa dhuunfaa /Waldaa daldalaa haquu

  • Biiroo

  • Godina

  • Magaala,

  • Aanaa

  • Daqiiqa 15

  • Xalayyaa Barreeffamaa

  • uunka Iyyannoo gutamee mallattaa’e, Qr.5

  • Warraqqaa Ragaa Qulquliina

  • Waldaa yoo ta’e, Raggaa heerreega qulqullaa’ee dhihaate

  • Waldichaa Diiguuf qaboo yaa’ii miseensootaa mirkanaa’e,

  • Beeksisa baasii dhaabichaan gaazexatti bahe,

  • Kaffaltii Tajaajila Qr. 80

  • Haareessaa Galmeessaa

  • Biiroo

  • Godina

  • Magaala,

  • Aanaa

  • Daqiiqa 15

  • Waraqaa Galmeessaa haara’e

  • Iyyannoo guutamee mallattaa’e, Qr.5

  • Waraqaa Ragaa galmeessaa bara baajata darbe keessaa haara’e,

  • Kaffaltii tajaajila Qr 100

  • Galmeessa Wabiin qabiinsa dhaabbilee daldalaa

  • Biiroo,




  • Daqiiqa 30

  • sartifikeeta

  • Xalayyaa Baankiif Bara’ee

  • Iyyata Baanki dhimmi ilaalu irraa mallattaa’ee dhihaate

  • Teessoon dhaabbatichaa fi heyyamni Oromiyaa kan ta’ee

  • Heyamnii fi Galmeessii kan haaromfame,

  • Uunkaa Biiroon qophaa’ee meeshaaleen wabiin-qabaman dhaabbatichaa itti guutamanii dhihaatan

  • Kaffaltii tajaajila Qrshii 300 haaraa yoo ta’e,

  • Kaffaltii tajaajila Qarshii 50, fooyyessuuf



Kenna Tajaajila Heyyamaa Hojii Daldalaa




  • Godina

  • Magaalaa

  • Aanaa

  • Daqiiqa 20

  • Waraqaa Ragaa heyyama

  • Iyyata guutamee mallattaa’ee dhihaate, Qr.5

  • waraqaa enyummaa/ Paaspoortii/

  • bakka bu`aadhaan kan gaafatamu yoo ta`e ragaa bakka bu`uumma seeraa

  • suura yeroo dhiyoo/ji’a jahaa/ lama ,

  • Waraqaa Ragaa galmeessa haaraa kenname ykn haara’e,

  • Lakkoofsa Eenyummaa kaffalaa gibiraa ,

  • Ragaa mirkaneessaa ga’umsaa dhiyeessuu,

  • Iddoo hojii kan dhuunfaa yoo ta’e, Kaartaa fi pilaanii,kiraa yoo ta’e waliigaltee kiraa seeraan ragga’e.

  • Ragaa kappitaala hojii daldalaaf ramadame,

  • Kaffaltii tajaajila Qr. 100




  • Heyyama hojii daldala haaraa Waldaalee Daldala Aaksiyoonaa




  • Biiroo

  • Daqiiqa 20

  • Waraqaa Ragaa heyyama

  • Iyyata guutamee mallattaa’ee dhihaate, Qr.5

  • Iyyati kan mallattaa’e bakka bu’aan yoo ta’e, ragaa bakka bu’iinsaa,

  • Ragaa mirkaneessaa ga’umsaa dhiyeessuu, fi Kaapitaala

  • Galmeessa haaraa kenname ykn haara’e,

  • Barreeffama hundeeffamaa fi dambii ittiin bulmaataa,

  • Suuraa hojii-geggeessaa 2/lamaa/ ji’a jahaa asii

  • Kaffaltii tajaajila Qr.120




  • Heyyama hojii daldala haaraa waldaalee daldalaa Aaksiyoona hin taane(PLC,fi kkf)

  • Godina

  • Magaalaa

  • Aanaa

  • Daqiiqa 20

  • Waraqaa Ragaa heyyama

  • Iyyata guutamee mallattaa’e, Qr.5

  • Iyyati bakka bu’aan yoo dhihaate, ragaa bakka bu’iinsaa

  • Waraqaa Ragaa galmeessaa haaraa ykn haara’e,

  • Barreeffama hundeeffamaa fi dambii ittiin bulmaataa,

  • Suuraa Hoji-geggeessaa ji’a jahaa asii,

  • Ragaa ga’umsaa seektera dhimmi ilaalu irraa

  • Kaffaltii tajaajila Qr.120




  • Heyyama hojii daldala haaraa Dhaabbata Misooma Mootummaa

  • Biiroo

  • Daqiiqa 20

  • Waraqaa Ragaa heyyama

  • Iyyata guutamee mallattaa’e, Qr.5

  • Iyyati bakka bu’aan yoo dhihaate, ragaa bakka bu’iinsaa

  • Waraqaa Ragaa galmeessaa haaraa kenname ykn haara’e,

  • Labsii/dambii ittiin hundeeffame,

  • Xalayaa muudama hojii-geggeessaa,

  • Kaffaltii tajaajila Qr.100




  • Heyyama Baazarii/Agarsiisa Daldala

  • Biiroo

  • Daqiiqa 20

  • Waraqaa Ragaa Heyyama Agarsiisaa/ baazarii kenname

  • Yaada ka’umsa Pirojektii(project proposal)

  • Bakki agarsiisaa heyyamamuu isaaf xalayyaa Deegarsaa ,

  • Heeyamnii fi Galmeessii kan haaromfame

  • Kaffaltii tajaajila Qarshii 200




  • Haaressa heyyama Daldalaa dhuunfaa/Waldaalee daldalaa

  • Biiroo

  • Daqiiqa 15

  • Waraqaa Ragaa heyyamaa Haara’e,

  • Iyyata guutamee mallattaa’e,

  • Iyyati bakka bu’aan yoo dhihaate, ragaa bakka bu’iinsaa

  • Waraqaa ragaa Galmeessaa haara’e,

  • Ragaa qulqullinaa kaffalltii galii gibira fi gibiroota biro,

  • Kaffaltii tajaajila Qr.100




  • Kenna Heyyama Babal’iinsa ykn fooyya’insa Hojii Daldalaa

  • Biiroo

  • Godina

  • Magaala,

  • Aanaa

  • Daqiiqa 15

  • Waraqaa Ragaa heyyamaa babal’iinsaa ykn fooyyassaa

  • Iyyata guutamee mallattaa’e

  • Ulaagaalee kenna heyyama haaraa dhuunfaa ykn Waldaalee daldalaa guutee dhihaachuu

  • Waraqaa Ragaa galmeessaa,

  • heyyama daldalaa duraanii,

  • Suuraa ji’a jahaa asii

  • Kaffaltii tajaajila Qr.100




  • Heyyama Hojii Daldalaa Bakka buusuu

  • Biiroo

  • Godina

  • Magaala,

  • Aanaa

  • Daqiiqa 15

  • Waraqaa Ragaa heyyamaa bakka bu’e

  • Iyyata guutamee mallattaa’e,

  • Ragaa qulqullinaa kaffalltii galii gibira fi gibiroota biro,

  • heyyama manca’e yoo ta’e, kan manca’e deebisuu

  • Kaffaltii tajaajila Qr.80




  • Haqiinsa Heyyama Hojii Daldalaa

  • Biiroo

  • Godina

  • Magaala,

  • Aanaa

  • Daqiiqa 15

  • Ragaa haqiinsa heyyamaa

  • Iyyata guutamee mallattaa’e,

  • Ragaa qulqullinaa kaffalltii galii gibira fi gibiroota biro,

  • heyyama daldalaa duraanii,

  • Kaffaltii tajaajila Qr.80




  • Haqiinsa Heyyama Hojii Daldalaa PLC fi Waldaalee

  • Biiroo

  • Godina

  • Magaala,

  • Aanaa

  • Daqiiqa 15

  • Ragaa haqiinsa heyyamaa

  • Iyyata guutamee mallattaa’e,

  • Ragaa qulqullinaa kaffalltii galii gibira fi gibiroota biro,

  • Qaboo Ya’ii Miseensoonii irratti wali galuun Malatoon Mirkana’e

  • Gaazeexa Ji’a Sadii qileensaa irra olu isa



Kenninsa Tajaajjila Misooma Daldalaa (TMD)




  • TMD daldaltootaaf kennuu

  • Godina

  • Magaala,

  • Aanaa

  • Feedhiin TMDn jiraachuu isa Qorannoon erga mirkana’e booda haala itti fuffinsaan Ji’a Afuriif ni keenama

  • Haala daldalaa xiinxaluu (situational analysis)

  • daldalaa waliin mari’achuun furmaata rakkoof sagantaa baafachuu

  • Feedhii TMD daldalaan qabu dhijhaate






Tajaajiila Seera Qabsiisaa Hojii Daldala Gaggeessuu.













  • Hawaasa daldalaaf Labsii, Dambii, Qajeelfamaa fi beeksisa uummata bahuu irratti hubannoo uumuu

Adeemsa Hojii Seera Qabsiisaa Hojii Daldala

  • Qorrannoon fedhiin erga adda bahe guyyaa 15Woorkshoopii, Burooshoora raabsuu fi Mediaan tamsaasuu

  • Woorkshoopii dhaan

  • Burooshoora raabsuudhaan

  • Media Tamsaasuudhaan

  • To’annoo Dhaabbata daldalaa seera qabeessaa fi seeraan ala ta’an addaan baasu

Adeemsa Hojii Seera Qabsiisaa Hojii Daldala

  • Dhaabbata tokko Daqqiiqaa 15 (torbaantti guyyaa sadii)

  • Hordoofii Uula-ulaatiin

  • Sagantaadhaa qopha’eenu

  • eeru yeroo dhihaate

  • To’annoo Meeshaalee Safartu fi Madallii Sakata’e (Inspeekeeshiini).

Adeemsa Hojii Seera Qabsiisaa Hojii Daldala

  • Inspeekshiinii safartuu madaalii (Kan Midhaanii;Buna) sakata’uf daqqiiqaa 15-30 ni raawwatamaa.

  • Yoo siirii ta’e istiikarii maxxansuu/rakkoo salphaa yoo ta’e suphuu/suphuu yoo hin dandamnee ni makfamaa

  • Baayi’inaa safartuu madaalii kan hojatuu adda baasuu

  • Waamichaa darbeen Safartuu Madaalii qabate argamu

  • Istiikarii Maxxansuu fi Kafaltii Barbaachiisuu

  • Giirama 1-Kiillo 1=Qr0.25;

  • KG1-10KG=Qr1.50;

  • KG10-KG50=Qr.2.OO;

  • KG50 fi Isa Oli=Qr3.00



Sirna Odeffanno fi Raabsaa meeshaalee bu’uuraa diriirsuu fi Labsii, Danbii fi Qajeelfamaa baahan irratti hunda’udhaan Mirga Fayyadamtoota kabachiisuu




  • Sirna Odeffanno fi Raabsaa meeshaalee bu’uuraa diriirsuu

Adeemsa Hojii Kabachiisa Mirga Fayyadamtootaa

  • Meeshaalee bu’uuraa sukaraa guyyaa 45; Zayita fi Qamadii Ji’a al tokko daldaltoota filatamanf keenuu

  • Xalayya Kootaa ramadamee fi iddoo irraa fudhatan ibsu fudhachu.

  • Warraqqaa Kiliraansii Seeraan raabsuu isa ibsuu WDMGO Godiina/Magaala irra




  • Labsii, Danbii fi Qajjelfamaa Mirga Fayyadamtoota irratti Hubannoo kennuu

Adeemsa Hojii Kabachiisa Mirga Fayyadamtootaa

  • Qorrannoon fedhiin erga adda bahe waggaatti allama Woorkshoopiin keenuu

  • Woorkshoopii dhaan




  • Feedhiin Qorannoon adda bahe

  • Sagantaadhaa qopha’een

  • Komii/eeruu dhiyaate fudhachuun qulqulleessuu, Ragaa qindeessuu, Himannaa dhiyeessuu fi Bu’aa himannaa qindeessuun gabaasuu



Adeemsa Hojii Kabachiisa Mirga Fayyadamtootaa

  • Komii dhihaate Guyyaa 7-10 keessatti qulqulleessuu

  • Feedhiin Qorannoon adda bahe

  • Sagantaadhaa qopha’een

  • Komii/eeruu qabatama Baruudhaan, Bilbiilaan, Qaamaan dhiheessu



Sirna Gabaa fi Ijarsa Bu’uura Gabaa Sadarka fi Qulqulinii Omishaa Qonna Ittin Hogganamu fi Mirkaanaa’u ni Diriirsina.







Adeemsa Hojii Sirna Gabaa fi To’annoo Qulquliina Omishaa fi Ijaarsa Gabaa

  • Qorrannoon fedhiin erga adda bahe Ji’a Jahaa keessatiWoorkshoopiin keenuu

  • Dokumentii qopheessuun Woorkshoopii kennuu fi raabsuun

  • Feedhiin Qorannoon adda bahe

  • Sagantaadhaa qopha’een

  • Warraqqaa Ragaa Gahumsaa kenu

Adeemsa Hojii Sirna Gabaa fi To’annoo Qulquliina Omishaa fi Ijaarsa Gabaa

  • Foormiin Iyyataa Guutamee fi Mallatta’e erga dhihaate booda Daqiiqa 20ni raawwatamaa.

  • Warraqqaa Ragaa Gahumsaa

  • Omisha Dhiheessee Qulquluu ta’u

  • Magaazanaa Istaandardiin Ijaarame

  • Miizaana Sakata’ame fi Mirkana’e yoo qabate

  • Sheedii idii gabaa irratti yoo ijaaree

  • Heyyama Dabarsaa (Pass Permit) kenu

Adeemsa Hojii Sirna Gabaa fi To’annoo Qulquliina Omishaa fi Ijaarsa Gabaa

  • Foormiin Iyyataa Guutamee fi Mallatta’e erga dhihaate booda Daqiiqa 20ni raawwatamaa.

  • Heyyamaa Dabarsaa

(Pass Permit)

  • Omisha qulquluu qabaachu (Feee’uu)

  • Konkolaata qulquluu irratti fee’uu

  • Abaan Omishaa/Bakka Bu’aa argamuu qaba

  • Iddo Gabaa Jalqabaa fi sadarkaa Lammaffa Ijaaruu/Hundeessu




Adeemsa Hojii Sirna Gabaa fi To’annoo Qulquliina Omishaa fi Ijaarsa Gabaa

  • Qorrannoon fedhiin erga adda bahe waggaa tokkokeessatti.

  • Iddo Gabaa Jalqabaa fi Sadarkaa Lammaffaa ijaaruu

  • Feedhiin Qorannoon adda bahe

  • Sagantaadhaa qopha’een

              1. 6

Tajaajila Oddeffannoo fi Babal’inaa GabaanWal-Qunnamsiisa Gabaa ni Uumaa.







  • Sirna odeffannoo Gabaa itti sassaabamuu fi tamsa’u dirirsuudhaan Odeeffannoo gabaa sasaabuu, qindeesuu ,Xinxaaluu fi tamsaasuu

Adeemsa Hojii Tajaajila Odeeffanno fi Babal’ina Gabaa

  • Torbaaniin guyyaa lama

  • Yeroo gaaffin dhiyaatee daqqiqaa 30-Guyyaa-1

  • Xalayaadhaan

  • Bilbilaan

  • E-mail

  • weebsaayitiin

  • Kool seentariin 888 Bilbiiluudhaan

  • Gaaffi Ragaa Barbaadamu haala ifa ta’een dhiyeessuu

  • Raadiyoo fi Televiziini hordofu

  • Qaamaan Xalayaan Gaaffii dhiyessu

  • Wal-tajjii marii mijeessuun kan omishuu fi kan bituu giddutti Wal-qunnamsiisa Gabaa Uumuu

Adeemsa Hojii Tajaajila Odeeffanno fi Babal’ina Gabaa

  • Qorrannoon fedhiin erga adda bahe waggaatti allama Woorkshoopiin keenuu

  • Woorkshoopii dhaan




  • Feedhiin jiraachuu isa Qorannoon fi duub-deebiin adda bahe






Omiishoota fiilatamanii irratti Misooma Funca Duudhaa gaggeessun wal-qunnamsiisa gabaa Uumuu.







Adeemsa Hojii Misooma Funca Duudhaa Gabaa

  • Qorrannoon fedhiin fi dhiheessiin erga adda bahe Ji’a Jaha keesatti Misoomsuu

  • Wali-galtee Mallateessisuun

  • QorannoonDhiheessii Omishaa Jiraachuu

  • Feedhii Qorannoon Omishaa Jiraachuu

  • Wali-galtee Taasissuu fi Hirmaatoota gidduti marii gaggeessuu

  • Sagantaa qopha’een



  1. Waadaa Tajaajilamtootaaf Galame

Akkaataa chaartarii kana irratti qophaa’een lammiileef tajaajila ni kennina; tajaajilamtoota kabajaan, haqaani fi loogii tokko malee ni tajaajilla.

  1. Mirga Lammiilee

  • Tajaajila biirichaan kennamuun wal qabatee odeeffannoo quubsaa ta’e argachuu.

  • Tajaajila biirichaan kennamuun yeroo ka’amee keessatti argachuu.

  • Tajaajila barbaadu yeroo kaa’ame keessatti yoo argachuu dhabe sababa isaa ifatti beekuu.

  • Tajaajila fi murtii haqa-qabeessa argachuu.

  • Qaama miidhamtoonni, manguddootnii fi qaamoleen hawaasaa tajaajila addaa isaan barbaachisu. haala adda ta’een qajeelfama irratti hundaa’uun keessumsiifamuu fi tajaajiila argachuu

  • Yaadaa fi komii jiru dhiyeessuu.

  • Komii dhiyaateef deebii haqa-qabeessa fi ariifataa ta’e argachuu.

  • Ragaa karoora fi raawwii biirichaa argachuu.

  • Yoo deebii quubsaa argachuu hin dandeenyetti sirna komiin itti dhiyaatuun qaama itti aannuf dhiheefachu mirga ni qabaata.

  • Riifoormii hojii irra oolchuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keessatti dammaqinaan hirmaachuu.

  1. Dirqama Lammiilee

  • Sadarkaa kenniinsa tajaajila qopheessinne kanatti seeraa fi kabajaan itti fayyadamuu;

  • Haaldureewwan tajaajila argachuuf barbaachisan guutanii dhiyaachuu;

  • Odeeffannoowwan tajaajila kennamuun wal qabatan yeroo gaafataman deebii siirrii kennuu

  1. Sirna Komiin Itti Dhiyaatu

Lammiin haala chaartarii qophaa’een tajaajila hin argatiin mirga komee dhiyeeffachuu ni qaba. Akkaataa komiin itti dhiyaatuu fi furmaata argatu haala armaan gadiitiin kan raawwatu ta’a.

  • Lammiin komii qabu komii isaa raawwataa/ittigaafatamaa tajaajila sana kenneef qaamaan argamuun afaaniin, barreeffamaan ykn bilbilaan, faksiidhaan fi emeeliidhaan ibsachuu ni danda’a.

  • Ittigaafatamaan ykn raawwataan komiin ittidhiyaate komiicha qulqulleessuun guyyaa tokko keessatti qaama komii dhiyeeffateef deebii quubsaa kennuu qaba;

  • Lammiin deebii kanatti quufuu dhabe ofiisera naamusaatti dhiyeessuun guyyaa tokko kan hin caalle keessatti deebii argachuu qaba;

  • Lammiin haala kanaanis itti quufuu dhabe dhimmicha qaama ol-aanaa mana hojichaatiif dhiyeessuun guyyaa sadii keessatti deebii argachuu qaba;

  • Dhumarrattis sadarkaalee armaan oliitiin yaalii taasifamee fi murtee keenameen lammiin itti hin quufiin Waajjiraa Preesdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Dhaabbata Abbaagar ykn Dhaabbata Mirga Namummaattii fi sab-quunnamtii (media) uummataatiif dhiyeessuun furmaata barbaaduu ni danda’aa.

  1. Hirmaannaa Gochuu fi Yaada Kennuu

Lammiileen yaada fooyya’insaa, eeruu, gaaffii fi ibsa qaban haala armaan gadii kanaan dhiyeessuu ni danda’u.



  • Biiroo keessatti saanduqa yaadaa fi galmee yaadaa argamutti fayyadamuu ykn afaaniin ibsuun;

  • Waltajjii maree qophaa’utti fayyadamuun

  • Xalayaan, Lakkoofsa Sanduuqa Postaan-7979

  • Bilbilaan 011-3-71-00-84

  • Faksiidhaan 011-3-72-81-94

  • Weebsaayitiidhaan http://10.105.1.185/otmdb

  • E-mailiidhaan oromiacsggb@yahoo.comykn bssbgo@gmail.com

  1. Sirna Hordoffii fi Gamaaggama Biiroo KanaanTaasifamuu Qabu

  • Biirichi akkaataa Chaartarichaan lammiileen tajaajila argachuu isaanii hordoffii fi deeggarsa gochuun ni mirkaneeffata;

  • Dhimmoota kana irratti ittigaafatamtoonnii fi raawwatoonni adeemsaaleen hojii ittigaafatamummaa qaban akkaataa Chaartarichaatiin tajaajila kennuu isaanii raayyaa jijjiiramaatiin torban torbanii fi ji’a ji’aan gamaaggama taasisuun hooggansa ol-aanaa Biirichaaf gabaasni ni dhiyaata;

  • Gabaasota hordoffii fi gamaaggama yeroo yeroon dhiyaatu bu’uura gochuun tarkaanfiiwwan sirreeffamaa ni taasisa;

  • Waltajjiiwwan tajaajilamtootaa gurmaa’uu fi hojii irra ooluu isaanii ni mirkaneessa;

  • Qaama bilisa ta’een itti quufinsi tajaajilamtootaa akka sakatta’amuu ni taasisa;

  • Sirni komiin itti keessumeeffamu diriiruu fi hojii irra ooluu isaa ni mirkaneessa.

  • Sirna Tajaajjila Lammilee kenyaaf kennaa jiru irratti Ji’a 3, 3n duub deebii ni kennina,

  1. Teessoo

Biiroo Daldala fi Misooma Gabaa Oromiyaa

Magaalaa Finfinnee:Saar-Beeti-

Gamoowwanii Waajjiraalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa itti argamuu:

Darbii 1ffaa fi 2ffaa,

1.Ogganaa Biiroo: Darbii 2ffaa, Lakk.-----01,

2.I/A ogg. fi I/G Damee Dal.,Darbii 2ffaa,Lakk-08,



3.I/A Ogg. fi I/G Damee Gabaa,Darbii 2ffaa,Lakk. 02

Gabatee 2: Teessoo Bilbilaa Hoogganaa Biiroo, Itti aantota Biiroo fi Adeemsaalee Hojii

T.L

Iddoo/Adeemsaalee Hojii Ijoo

Teessoo

Lakk. Bilbilaa

Faaksii

E-maile



Hoogganaa BDMGO

011-3-71-00-84

011-3-72-81-92






I/A Hoogganaa Biiroo fi Gaggeessaa Damee Daldala

011-3-72-81-89









I/A Hoogganaa Biiroo fi Gaggeessaa Damee Misooma Gabaa

011-3-71-02-04









Adeemsa Hojii Galmeessaa, Heyyama fi Ameeyyeessa Hojii Daldala

011-3-69-02-10

011-3-72-82-44






Adeemsa Hojii Seera Qabsiisa Hojii Daldala

011-3-72-81-89









Adeemsa Hojii Kabachiisa Mirga Fayyadamtoota

011-3-71-00-47

011-3-71-00-65

kezinaabdula@yahoo.com



Adeemsa Hojii Sirna Gabaa,To’annoo,Qulquliina Omishaa fi Ijaarsa Bu’uraa Gabaa

011-3-71-02-04









Adeemsa Hojii Odeeffanno fi Babal’ina Gabaa

011-3-72-81-81




mhirpa138@gmail.com



Adeemsa Hojii Misooma Funca Dudhaa fi Walqunamsiisa Gabaa

011-3-71-00-98









AH Dhimmootaa Kominikeshiini Mootumaa

011-3-72-82-02









Yüklə 122,3 Kb.

Dostları ilə paylaş:




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin