Out come/ osoo hin ta’in hojii irratti qofa /task based



Yüklə 0,83 Mb.
səhifə1/8
tarix03.01.2019
ölçüsü0,83 Mb.
#89859
  1   2   3   4   5   6   7   8

Seensa

Mootummaan tarsiimoowwan, imaammatawwanii fi hojimatawwan adda addaa sirna bulchiinsa gaarii diriirsuu fi guddina ariifachiisa fiduuf dandeessisan baasudhaan hojiirra akka oolan taasisaa kan jiru ta’uun isaa ni beekama. Aadaa hojii boodatti hafaa fi haala kenna tajaajilaa nuffisiisaa keessaa bahuuf sirna dandeessisu diriirsuufis yaalii hedduun; kan akka sagantaa fooyya’iinsa siviil sarviisi hojiirra oolchuu, sirni waalta’iisaa diigamee sirna al-waalta’iinsaa diriirsuudhaaan aangootti fayyadamuun kan ummataa akka ta’u taasifamee bu’aan abdatamaa ta’e argamee jira.



Haata’u malee, sagantaawwan dhimmoota adda addaa irratti bahan hojiirra oolchuuf hojimaatawwan diriirfaman kan waggoota dheeraadhaaf ittiin hojjetamaa turanii fi fedhii addunyaa haaraa keessummeessuf kan hin dandeenye ta’uu isaaniirayyuu maamiltoota giddugaleessa kan hin godhatin, duubatti hafaa fi wal-xaxaa kan ture, bu’aa argamu irratti /out come/ osoo hin ta’in hojii irratti qofa /task based/ kan xiyyeeffatu ta’uun isaa beekamee jira. Kana irraa ka’uudhaan hojmaata fedhii tajaajilamtootaa giddu galeessa godhatee kan addunyaa haaraan feetu keessummeessuu danda’uu fi bu’aa qabatamaa argamu irratti xiyyeeffatu /Jijjiirrama Bu’ura Adeemsa Hojii/ (JBAH) hojiirra oolchuun hojii murteessaa ta’uun isaa kan yaadatamu yoo ta’u, yeroo ammaa ammoo hanqinaalee JBAH fi SMBKT irratti mul’atan dhabamsiisuuf irra deebi’anii kurfeessuun /redisigning/ barbaachisaa ta’ee argamee jira.

  1. KAAYYOO BIIROON DHAABBATEEF.

Aangoo fi Itti gaafatamummaan /Mandet and Institutional Jurisiction /, mul’atni, ergamni, aangoo fi gaheen hojii Biiroo Industrii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa (vision, Mission & mandetes) akka armaan gadiitti kan kaa’manii dha.



    1. Mul’ata, Ergama fi Aangoo fi Gahee Hojii

Mul'atani, Ergamni fi aangoo fi gaheen hojii Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa (Visioin, Mission, mandates) akka kanaan gadditti ka’aamee jira.


  1. MUL’ATA (Vision)

Bara 2012tti Naannoo Oromiyaa keessatti misoomni industirii fi magaalaa dagaagee, seerri dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa industiriiwwaan keessatti kabajamee jiruu fi jireenyi uummataa fooyya’ee gara biyyoottan galii gidduugaleessa argatanitti akka guddattu gochuu dha.


  1. Ergama (Mission)

Naannoo Oromiyaa keessatti misooma IMX fi investimantii babal’isuu, hojii dhabdummaa hir’isuu, Magaalaa hammayyeessuu, nageenyi industirii uumamee, dinaagdeen industiriin akka hogganamu gochuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuun jiruu fi jireenya uummataa fooyyeessuu dha.


  1. Aangoo fi Gahee Hojii Biiroo Industrii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa

Akkaataa aangoo fi gahee hojii qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Naannichaa fooyyessuuf bahe, Labsii Lakkoofsa 163/2003 baheen Biirichi sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti kan hoogganamuu ta’ee, aangoo fi gahee hojii armaan gadii ni qabaata;

  1. Industiriin aannicha keessatti akka babal’atuu fi dhimmoota misooma industirii saffisiisuuf gargaaran sakatta’uun haalawwan mijaawaan akka uumaman ni taasisa,

  2. Naannicha keessatti industiriiwwan xixiqqaan, giddugaleessaa fi gurguddoon babal’atanii cehumsi dinagdee gara industiriitti saffinaan akka taasifaamu cimee ni hojjata,

  3. Gosoota Industirii tarsiimoo’aa taa’anif xiyyeeffannoo kennuudhaan deeggarsa addaa ni kenna,

  4. Waldaalee ogummaa gama industiriiwwan gurmaa’an ni jajjabeessa, deeggarsa barbaachisaa ta’es ni kenna,

  5. Qophii fi raawwii karoora hojii fi bajaata bulchiinsa magaalota yeroo yeroodhaan ni hordofa; ni gamaggama; magaalota olaantummaan ni hoggana,

  6. Misooma magaalaa, dizaayinii fi ijaarsa ilaalchisee imaammata, tarsiimoo fi seerotni Mootummaa bahan hojiirra oolchuu isaanii ni mirkaaneessa, ni hordofa, ni to’ata,

  7. Mirgi ofiin of bulchuu magaalotaaf kenname haala itti cimu irratti qorannoo ni gaggeessa daandeettii raawwachiisummaa isaanii akka guddisan deeggarsa ni kenna,

  8. Bakka bu’ummaa argatuun qaama seerummaa magaalotaa ni kenna,

  9. Magaalota keessatti misooma ariifachisaa fiduuf, akkasumas demokiraasii fi bulchiinsa gaarii dhugoomsuuf tattaaffii taasifamuuf deeggarsa barbaachisaa ta’ee ni kenna,

  10. Sadaarka magaalotaa qoratee yaada murtii qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyyeesa: yommuu heyyamamus hojirra ni oolcha,

  11. Rakkinni mana jireenyaa magaalota keessa jiru haala itti salphaatu qoraachuudhaan mootummaadhaaf yaada murtii ni dhiyyeessa; yommuu heyyamamuus hojirra ni oolcha,

  12. Namoota mana jireenyaa ijaarachuuf waldaan gurmaa’aan ni galmeessa; ni gurmeessa, waraaqa ragaa qaama seerumma ni kenna; mannen jireenya qusannan ijaaraman ilaalchisee qoraanna ni gaggeessa; yommu heyyamamuus hojiirra ni oolcha,

  13. Taajaajiloonni bu’uura misooma adda addaa kan akka ibsaa, bishaanii, bilbila, daandii, sarara dhangaala’aa kan kana fakkaatu magaalota keessatti akka babal’atu qaama dhimmi ilaaluu waliin ni hojjeta; haala ni mijeessa;

  14. Magaalonni humna gaalii isaanii akka cimsaatan qaama dhimmi ilaalu waliin yeroo yeroon quunnamtii taasisuun haala mijaa’aa ni uuma, ni hordofa, ni qorata deeggarsa barbaachisaa ta’ees ni kennal;

  15. Gatii kiraa fi akkaataa murteen gibira manaa itti murtaa’u ni qopheessa, akka qophaa’us ni taasisaa, yommu heyyamamuus hojiirrra;

  16. Waliigaltee gurgurtaa fi bittaa manaa fi mannen wabiin qabaman ni galmeessa;

  17. Gatii yeroo meeshaa ijaarsaa fi humna namaa qindeessuun seekterootni akka beekaan ni taasisa

  18. Magaalonni humna taajaajilaa fi bu’uura misoomaa diriirsuuf dandeettii cimsaachuuf kan isaan dandeessisuu deeggarsa akka argatan dhaabbilee Mit-mootummaa fi qaamota gargaarsa biroo waliin quunnamtii ni taasisaa; haala ni mijeessa; ni hordofa; magaalonnis magaalota biyya biroo waliin michummaa akka uummataaniif qaama ilaalu waliin ni hojjeta;

  19. Magaalota keessaatti rakkoon dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa haala furmaata itti argachuu danda’u ilaalchisee qaama mootumma dhimmi ilaalu waliin ni qorata; tooftaa ni baasa; akka hojiirra oolus ni taasisa;

  20. Dandeetti raawwanna magaalotaa cimsuuf leenjiiwwaan adda addaa qopheessee ni kenna; akka kennamus haala ni mijeessa;

  21. Bulchiinsa magaalota gidduutti walitti dhufeenyi fi wal-gargaarsi akka jiraatu ni qindeessa; waldaan gurmaa’anii akka waldeggeran qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta;

  22. Manneen mootummaa magaalota keessatti argaman akkaataa ittiin bulanii fi darban ilaalchisee qajeelfaama ni qopheesa; yommu mirkaa’us hojirra akka oolu ni taasisa;

  23. Guddinni magaalotaa fi baadiyyaa akka wal deeggaree deemu qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta;

  24. Magaalonni haala hammayyummaa qabuun pilaanii guddinaa magaalaa eeganii deemuu issnuii ni hordofa ni to’ata;

  25. Qulqllinnii, miidhaginnii fi magarisummaan magaalaa akka eegamu ni taasisa; faalamni naannoo magaalotaa akka hin uumamne qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta;

  26. Damee ijaarsaa keessatti haala hirmaannaan hawaasaa itti babal’atu ni qorata hojiirra ni oolcha;

  27. Sadarkaa fi koodota ijaarsa gamoo naannicha ni qopheessa; dizaayiniin ijaarsa naannicha keessatti gaggeeffaman sadarkaa fi koodii eeguu isaanii xiinxaluudhaan ni mirkaneessa; olaantummaan ni to’ata;

  28. Dizaayiniin piroojaktoota ijaarsa dhuunfaa ykn invastimantii gaggeeffaman sadaarka fi koodii eeguu isaanii xiinxaluudhaan ni mirkaaneessa; heyyama hojii ijaarsa ni kenna; ykn qaamni biroo akka kennu bakka bu’iinsa ni kenna.

  29. Pirojeektoota bajaata mootummaatiin gaggeeffamaniif waliigaltee-wwan hojii fi dizaayinii ijaarsa akka qophaa’u ni taasisa; barbaachisaa ta’ee yoo argame ni qopheessa,waliigaltee hojii ijaarsaa mootummaa bakka bu’uun ni mallatteessa,raawwii isaa ni hordofa,ni to’ata;

  30. Ijaarsa piroojeektoota mootummaa ilaalchisee madaallii caalbaasii xiinxalee ni mirkaneessaa; ykn qaama birootiif bakka bu’iinsan ni kenna.

  31. Jijjirammaa ykn dabalata hojii ijaarsaa, jijjiraama gatii, waldidaa piroojeektoota ijaarsa irratti uumamuu fi gaaffiilee kanneen irratti dhiyyaatan xiinxalee furmaata akka argatan haala ni mijeessa;

  32. Ijaarsa piroojeektoota, Gamoowwaan mootummaan gaggeessu ni hordofa, kaffaltiin akka raawwatamu ni taasisa; raawwii isaas ni madaala,rakkoo mudate qorachuun yaada furmaataa mootummaadhaaf ni dhiyeessa;

  33. Sadarkaa caalibaasii,ijaarsaa fi wal harkaa fuudhinsa ijaarsa gamoowwanii ilaalchisee yeroo barbaachisaa ta’etti to’annoo ni gaggeessa;tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata;

  34. Meeshaa ijaarsa naannootti argamuun gamoowwan akka ijaaramanii fi gatiin piroojeektoota gamoowwaniii akka gadi bu’u qorannoo fi sadaarka adda addaa qopheessa akka hojiirra oolu ni taasisaa;

  35. Hojii ijaarsa irratti hirmaachuudhaaf gaaffiin heyyama kontiraaktarummaa yommuu dhiyaatu xiinxaluudhaan heyyama ni kenna; ni haaromsa; sadaarka ni guddisa; ni galmeessa; heyyamni kenname seeraa fi naamusaan ala hojiirra ooluu isaa yoo mirkaneesse ni haqa, haala raawwii isaanii irraatti hundaa’uun kontiraaktaroota gareedhaan addaan basee seektaroonni akka beekan ni taasisa.

  36. Sadaarka Dizaayini bulchiinsa kontiraataa, ijaarsaa fi gatii piroojaktoota gamoowwaanii akka qophaa’u ni taasisaa; kan qophaa’ee dhiyaatee ni mirkaaneessa; dhimmoota kana ilaalchisee mootummaadhaaf gorsa ni kenna;

  37. Bu’uura misooma magaalota keessatti hojjetamaniif hojii dizaayinii fi sadaarka ijaarsa eeggatanii hojjetamu isaanii ni xiinxaala; ni mirkaaneessa.

Biiroon Industrii fi Misooma Magaala Oromiyaas kaayyoo, mul’ataa, fi ergama dhaabbateef galmaan geessisuuf seektaricha keessatti sirna hojmaataa hundee irraa jijjiirrama bu’uraa fiduu fi bu’aa qabatamaa argamsiisuu danda’u /JBAH/ qorachuudhaan hojimaata rakkoolee kenna tajaajilaa irratti mul’atan hundeerraa dhabamsiisuuf dandeessisan irratti hojii guddaa hojjechaa jira.

Haaluma kanaan, Adeemsa hojii Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa To’annoo fi Galmee adeemsota kaan waliin JBAHn qoratamee hojiirra kan oole yoo ta’u, yeroo ammaa akkaataa gurmaa’insa caasaa haarawaatiin aangoo fi gahee hojii dabalataan kennameen akka adeemsa tokkootti fudhatamee kaayyoo diriiraa JBAH keessatti caqafamee fi Kaayyoo tarsiimo’aa Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimo’aa (BSC) keessatti kaawwame walsimsiisuun irra deebi’amee akka hojjetamu ta’eera.



Adeemsa hojii Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa To’annoo fi Galmee gareen qorannoo JBAH irra deebi’ee fooyyessu (recalibration) hundeeffamee qorannicha taasisudhaan jiijjiirrmni barbaadame seektara ijaarsaa keessatti akka dhufuu danda’u hojii guddaa irraa eeggamu bahuuf haala qorannichi itti gaggeeffamu fi yaad-rimeewwan dookimanticha keessatti kaa’aman akkaataa armaan gadiitti dhihaatee jira.


  1. KAAYYOO QORANNICHAA /OBJECTIVES OF THE STUDY/

Kaayyoon Qorannoo kanaa industrii ijaarsaa biyyattii babal’achaa jiru keessatti;

  • Koontiraaktarootaa, gorsitoota fi ogeessotni hojii ijaarsaa irratti bobba’an ga’umsa qabaachuu isaanii mirkaneessuuf heyyama daldala hojii ijaarsaa kennuun barbaachisaa waan ta’eef,

  • Ijaarsa pirojektota Mootummaa raawwachiisuuf koontiraaktaroota gahumsa qaban gatii fooyya’aa ta’een argachuuf

  • Ijaarsi yeroo barbaadametti haala dizaaynii fi waliigalteetiin sadarkaa qulqulinaa eegee akka raawwatamu taasisuuf.

  • Industirii ijaarsaa baballisuudhan hojii dhabdummaa hirrisuuf kan gargaaru waan ta’eef.


Haaluma kanaan rakkoowwan adeemsa hojii kanaan mudatan ka’umsa irraa sakatta’uudhaaan miidhama maamiltootaa (customer pain) addaan baasuu fi hojmaata haaraa tajaajila saffisaa kennuu danda’u, iftoominaa fi qulqullina qabu, fedhii maamiltootaa giddu galeessa godhatee fi jijjiirama raajii fiduu danda’uun bakka buusuu dha.


  1. DAANGAA QORANNICHAA /SCOPE OF THE STUDY/

Daangaan qorannoo kanaa hojimaata adeemsa hojii kana keessatti gufuu ta’an addaan baasuu piriinsiipiloota JBAH hordofuudhaan adeemsa hojii haaraa seektara IMM Oromiyaa hunda keessatti diriirsuun akka hojiirra oolu taasisuun industrii ijaarsaaf hala mijaa’a ta’ee qaama dhimmi ilaalu hundinuu akka irratti hirmaatanii taasisuu dha.


  1. TOFTAA QORANNICHAA /METHODOLOGY OF THE STUDY/

    1. Dokumantiiwwan, galmeewwanii fi hojmaatawwan durii walitti qabuu fi sakatta’uu

  • Toftaa raawwannaa adeemsa hojichaa seektaricha keessatti ademsifaman ilaluu.

  • Qorannoowwan kanaan dura adeemsa hojii kanaaf gaggeeffamee fi kan biroo sakatta’uun.

  • Dookimantoota “BPR”, odeeffannoowwan fi ragaawwan qorannichaaf bu’a qabeessa ta’an saamuda fudhachuudhaan xiinxaluu.

  • Dokumeenti qorannoo JBAH federaalaa fi barreeffama adda addaa industrii ijaarsaa ilaallatan fi interneetii muuxannowwan biyya alaa sakatta’uun



    1. Mala daataan ittiin funaanamu /Data gathering system/

  • Daataa qorannoo jBAH duraanii yammuu gaggeeffamu itti fayyadaman

  • Gaaffi afaanii samuudoota filatamaniif dhiheessuun (Interview)

  • Qaamaan argamanii daawwachuu (Observation)

  • Ragaalee galmee keessaa sakatta’uu

  • Qaama saamudoota keessaa filataman wajjin gareedhaan mar’achuudhaan (Focal group discussion), ka’umsa rakkoowwanii fi miidhaa geessisan tarreessuun rakkinoota ijoo ta’an fo’anii baasuu.

  • Interneetiidhaan muuxannoo biyya adda addaa qaban ilaaluun




    1. Adeemsa Hojii Haaraa kurfeessuu

Fedhii maamiltootaa irratti hundaa’udhaan milkaa’ina galma qorannichaa taassisuu fi kaayyoowwan diriiraa qopheessuu, piriinsiippiloota JBAH hordofuudhaan yaadawwan duubatti hafaa ta’an yaaadawwan haarawaan bakka bu’anii filannoowwan adeemsa hojii haaraa dhiheessuudhaan filannoo filatame haala hojii irra itti oolu fi jijjiirama caaseeffama adeemsi hojii haaraa gaafatu gurmeessuu dha.


  1. HANQINOOTA QUUNNAMUU DANDA’AN /LIMITATIONS/

Qorannoon kamiyyuu yeroo gaggeeffamu hanqinoota garaa garaa qabaachuun isaa hin oolu. Haaluma kanaan, qorannoo JBAH Adeemsa Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa to’annoo fi Galmee gaggeessuu keesattis hanqinootni qunnamuu danda’an:

  • Baay’inni miseensoota garee qorannoo gaggeessanii akkataa barbaadameen guutamuu dhabuu;

  • Hanqina yeroon fayyadamuu koree kana qopheessuuf ramadaman;

  • Qorannoo JBAH qaama biroon dhimma kana irratti hojjatame argachuu dhabuu;

  • Hanqina lojestiiki fi yeroo bakka adda addaa deemanii ilaaluu dadhabuu. (fkn konkolaataa).

  • Koreedhan hojjachuuf bakka kutaa baldhaa fi kompitara gahha argachuu dhabuu.

  • Miseensootni koree kana keessa jiran sababa hojiitiin gara hojii idleetti wamamanii akka hojjatan taasisuu;

  1. MALA FURMAATAA

  • Rakkolee jiran hooggantoota Biiroo waliin mari’achuun furmaata akka kennamu taasiisuu;

  • Miseensootni jiran kutannoodhaan hojjechuuf walii galuu;

  • Faayidaa qoraannichaa ilaalcha keessa galchuun dokimantoota adda addaa dubbisuu fi marii gaggeessudhaan hubannoo cimsachuu, bakka ibsa barbaachisutti gaaffii qaama ilaaluf dhiyeessuu;

  • Yeroo boqonnaa itti fayyadamuun hojjechuu fi iddoo humnaa ol ta’etti dabalata yeroo gaafachuu;




  1. CICATA /INPUT/

  • Sochii adeemsa hojii sektara ijaarsa keessatti qaawwaa uumamu.

  • Ijaarsa dandeettii keessatti walitti dhufiinsa qaamolee fi hirmaannaan taasifamu.

  • Deggersa ogummaa sektaroota mootummaa fi Bulchiinsa magaalotaa irraa gaaffii dhiyaatu.

  • Raawwii hojii ijaarsa projeektootaa irratti to’annoo fi hordoffii barbaadamu.

  • Industrii ijaarsaa naannoo keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf galmee heeyyamaa gaafatamu.

  • Hordoffii ijaarsa projeektoota irratti gaaffii federaalaa irraa dhiyaatu.

  • Hojimaatni sirriin imaammataa fi seeraan deeggaraman kan hin diriirre waan ta’eef seektaricha keessatti sirni hojiin ittiin gaggeeffamu karaa baratamaa fi duubatti hafaa ta’ee argamuu isaa ti.




  1. BU’AA QORANNICHAA /OUT PUT/

  • Heeyyama ijaarsaa kenname /Construction permit/ kontraaktaroota ijaarsa industrii keessatti akka hirmaatan ta’e.

  • Adeemsa hojii ijaarsaa keessatti waldiddaa uumame furmaata argatee projeektii dhimma barbaadamuuf akka oolu ta’e.

  • Ijaarsa projeektootaa qulqulinaan yeroo barbaadame keessa baajata qabameen hojjatamee tajaajila ummataaf oole.

  • Sirna caalbaasii iftoomina dorgomtoota walqixa ta’een diriiree naanno keessatti rakkoo tokko malee gaggeeffame.

  • Hojimaatni sirri ta’e, iftoomina fi qulqullina qabu diriiree tajaajila si’oominaan maamiltootaaf kenname.

  • Buchiinsi gaariin magaalaa keessatti sadarkaa sadarkaan hojiirra oolee mirkanaa’e.

  • Magaalota naannoo keenyaa daataan bu’uuraa isaanii sirnaan qindaa’ee fi qaama barbaaduf mijataa ta’e.

  • Bulchiinsa magaalaa keessatti ijaarsa gamoo ta’e bu’ura misoomaa seera qabatee hojjatamee miidhagina magaalaa mirkaneesse.




  1. ADEEMSOTA HOJII BIIROO INDUSTRII FI MISOOMA MAGAALAA

ADDAAN BAASUU

Koreen Ol’aanaan JBAH Seektara Industrii fi Misooma Magaala Adeemsota Hojii Ijoo (Core Processes) fi Adeemsoota Hojii Degarsaa (Supporting Processes) haala gabatee kanatti aanee jiruun adda baasee jira.


Gabatee 1. Adeemsaalee Hojii Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa


"Core Processes"

"Supporting Processes"

  1. Adeemsa Hojii Deeggarsa piroojektii Bu’uura Misooma Magaalaa fi Hirmaannaa Uummataa

  2. Adeemsa hojii To’annoo Raawwii Pilaanii fi Magariisuu Magaalaa

  3. Adeemsa Hojii Misooma, Dabarsaa fi Bulchiinsa Manneetii

  4. Adeemsa Hojii Misooma Humna namaa fi Deeggarsa Tajaajila Magaalotaa

  5. Adeemsa Hojii Gurmaa’insa Magaalaa fi Bulchiinsa Alwaaltessaa

  6. Adeemsa Hojii Bulchiinsaa fi misooma Lafa Magaalaa

  7. Adeemsa Hojii Babal’ina Misooma Industirii fi ijaarsa Dandeettii konistiraakshinii

  8. Adeemsa Hojii Qophii mirkaneessa fi Walsimsiisa Dizaayinii

  9. Adeemsa Hojii Bulchiinsa Kontiraataa, To’annoo fi Galmee

  10. Adeemsa hojii Reeguleeshinii, Insipeekshinii, Qorannoo Meeshaalee teeknoloojii Ijaarsaa

  • Adeemsa Hojii Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa

  • Adeemsa Hojii Qophii karoora,

Hordoffii fi Gamaggama Rawwii

  • Adeemsa Hojii Bittaa fi Bulchiinsa

Faayinaansii

  • Adeemsa Hojii Bulchiinsa Qabeenya Humna Nama

  • Adeemsa hojii hordoffii fi Odiitii keessaa

  • Tajaajila seeraa

  • Garee TQO/ICT


  1. ADEEMSA HOJII JIJJIIRAMNI BU’URAA IRRATTI ADEEMSIFAMU ADDAAN BAASUU (IDENTIFYING BUSINESS PROCESS TO BE RE-ENGINEERED)

Kaayyoo fi ergama mana hojichaa galmaan gahuuf taasifamu keessatti gahee guddaa qabu jedhamanii Adeemsota Hojii ijoon sadarkaa garee ol’aanaa JBAH (core staff) tiin ilaalamanii, adeemsaaleen hojii sektara kana keessa turan irratti qorannoon JBAH gaggeeffamee hojii keessa seenamee bu’aa guddaa kan argamsiise yoo ta’u, yeroo amma haala caaseffama gurmaa’insa haaraatiin aangoo fi gaheen hojii dabalataan sektara kanatti waan kennameef adeemsaalee haaraa dhufaniif qorannoo gaggeessuu fi kan duraan turan irra deebi’amee fooyyessuun barbaachisaa ta’ee argameera.

Haaluma kanaan Adeemsa Hojii Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa To’annoo fi Galmee irratti JABHn irra deebi’amee akka fooyya’u /Recalibrate/ ta’eera.




  1. SAGANTAA QORANNICHI ITTIIN GEGGEEFFAMU

Qorannoo JBAH duraanii yemmuu gaggeeffamu koreen dhimma kanaaf dhaabbate sagantaa mataa isaa baafatee kan hojjate yammuu ta’u sanada qophaaé kana irra deebi’amee koree biraatiin yammuu ilaalamu adeemsa kana adda bahee kan ilaalame osoo hin taane bakka tokkotti adeemsa hojii kenna lafaa fi raawwii ijaarsaa jedhamee kan qoratame fi hojii adeemsa kanaan hojjatamu adda bahee sadarkaa adeemsatti yoo kan hojjatamu ta’e raawwii hojiitiif kan mijaa’u tauu isaa irra caasa mana hojiis haaluma kanaan kan gurmaa’e waan ta’eef qorannon irra deebi’amee akka gaggeeffamu ta’eera.

Bu’uruma kanaan koreen qorannaa kana geggeessuuf ramadaman dhimmoota adda addaa irratti garee kaan waliin mari’atee sagantaa mataa isaa qopheeffachuun hojii kana keessa akka galamu ta’eera.


KUTAA 1

SADARKAA KAROORSUU /PLANNINIG STAGE/
Kutaa 1. Sadarkaa karoorsuu yoota’u, kaayyoo Biiroon dhaabbateef dabalatee aangoo fi gahee hojii Biiroo fi Bulchiinsa Magaalotaa, kaayyoo qorannichaa, adeemsa qorannoo fi daangaa qorannichaa kan hammatee dha.

Kutaa 2. Haala hojiin yeroo ammaa ittiin hojjetamaa jiru /AS-IS/, keessatti rakkoolee gurguddoo adeemsa hojichaa hudhanii qaban, seerotaa fi barmaatilee rakkinichaaf ka’umsa ta’ani fi yaadawwan seerotaaf ka’umsa bu’uraa ta’an kana keessatti ilaalamani dha.

Kutaa 3. Adeemsa hojichaa bifa haaarawaan kufeessuuf yaadawwan haaraa bu’uura ta’anii fi filannoowwan yaadawwan haaraa ka’aman itti filataman yaa’iinsa hojii isaanii waliin kan ibsamanii fi gurmaa’insa hojii fi humna namaa kan keessatti ilaallamani dha.

Kutaa4. Adeeemsa hojii bifa haarawaan kurfaa’e hojiirra oolchuu ”Implementation” fi hojiirra oolmaa isaatiin jijjiirrama bu’uraa dhufu haala waliigalaatiin kan kaa’ame dha.

KUTAA LAMA

SADARKAA HUBANNOO UUMUU
Adeemsa hojii amma jiru hubachuu (understanding the current process)
Adeemsi Hojii Misooma industirii fi Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii adeemsaalee hojii ijoo Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa keessaa isa tokko dha. Innis, hojiilee gurguddoo armaan gadii raawwachuuf kan dhaabbate dha.

  1. Hojiiwwan misooma industirii fi

  2. Ijaarsa dandeettii konstrakshinii

Haa ta’u malee, gaaffii maammilootaa fi qooda fudhattootaa akkasumas, odeeffannoo fi ragaalee barbaachisoo ta’an yeroo barabaachisaa ta’etti argachuudhaaf akksumas, dandeettii raawwannaa seektra konistiraakshinii cimsuuf rakkoolee armaan dura turan furuu danda’uu fi bifa haarawaan diriirsuuf Qorannoo Jijjiirama Bu’uura Adeemsa Hojii armaan dura geggeeffame irra deebi’uun fooyyessuun barbaachisaa ta’ee argamee jira.
Qophii qorannoo jijjiirama bu’uura adeemsa hojii kanaa irra deebi’uun fooyyessuu keessatti;

  • Adeemsa hojii seektara industirii deeggaruu fi babal’isuu danda’u filachuu,

  • Adeemsa hojii ture sakatta’u, rakkoolee turan addaan baasuu fi hubannoo argachuu,

  • Adeemsa hojii haaraa irra deebi’anii kurfeessuudhaan maanuwaalii fi chaartarii adeemsa hojichaa irra deebi’anii qopheessuun hojiirra oolchuu ta’a.


MOGGAASA MAQAA

Adeemsi hojii kun Adeemsa Hojii Ijoo Misooma Industirii fi Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii jedhamee kan moggaafame yoo ta’u, adeemsaalee hojii xixiqqaa afur of keessaa qaba. Isaanis;



  1. Adeemsa Hojii Xiqqaa Qorannoo Hojiiwwan Misooma Industirii,

  2. Adeemsa Hojii Xiqqaa Qindeessa Ragaalee Bu’uuraa Industirii,

  3. Adeemsa Hojii Xiqqaa Piromooshinii Hojiiwwan Industirii fi +A

  4. Adeemsa Hojii Xiqqaa Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii jedhamanii addaan

bahuudhaan akkataa armaan gadiitiin dhiyaatanii jiru.



  1. ADEEMSA HOJII XIQQAA QORANNOO HOJIIWWAN MISOOMA INDUSTIRII

Hojiiwwan gurguddoo (Major activities)

  • Pootenshaala industirii naannichaa qorachuudhaan gosaa fi facaatiidhaan adda baasuu,

  • Pirofaayilii pirojektii industiriiwwanii qopheessuu,

  • Hojiirra oolmaa teeknooloojii industirii babal’isuu,

  • Odeeffannoo teeknooloojii industirii babal’isuu,

  • Pirofaayilii pirojektii industiriiwwanii qophaa’e abbootii qabeenyaatiif kennuu,

  • Pirofaayilii pirojektii industiriiwwanii abbootii qabeenyaa dhuunfaan qophaa’aanii dhiyaatan gamaggamuu,

  • Deeggarsa indsutiriin wal-qabate qaamolee barbaadaniif taasisuu,

    • Imamamataa fi tarsiimoo industrii naannichaa qopheessuun qaama ilaaluun raggaasisuu,

    • Fedhii humna namaa fi caasaa seektara industrii deeggaruu fi misoomsuu danda’u irratti yaada keennuu,


Galtee (Inputs)

    • Fedhii/gaaffii maamilaa,

    • Karoora misooma industirii irratti bahee jiru,

    • Carraalee/pootenshaala misooma industirii jiranii,

    • Gaaffilee/fedhii babal’ina teeknooloojiiwwan industirii,

    • Pirofaayila pirojektii industiriiwwanii abbootii qabeenyaan qophaa’anii dhiyaatan,

    • Gaaffilee deeggarsaa qaamolee adda addaa irraa dhiyaatan.

Bu’aa (Output)

  • Pootenshaala/carraalee misooma industirii gosaa fi facaatiidhaan adda bahee beekame,

  • Pirofaayila pirojektii industiriiwwanii qophaa’an,

  • Pirofaayila pirojektii indutiriiwwanii gamaggamaman,

  • Industiriiwwan teeknooloojiidhaan deeggaraman,


Maappii Adeemsa Hojii Xiqqaa Qorannoo Hojiiwwan Misooma Industirii






  1. ADEEMSA HOJII XIQQAA QINDEESSA RAGAALEE BU’UURAA INDUSTIRII

Hojiiwwan gurguddoo (Major activities)

  • Qe’eewwan/zooniiwwan industirii pilaanii magaalichaatti haammataman keessaa dursanii misoomuu kan danda’an filachuu,

  • Bakkeewwan filatamaniif tajaajilootni bu’uura misoomaa akka guutaman taasisuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjechuu,

  • Hojiirra oolmaa qe’eewwan industirii filatamanii hordofuu fi to’achuu,

  • Ragaalee bu’uuraa industiriiwwanii odeeffannoo guutuu fi yeroosaa eeggatee keennuu danda’u walitti qabuu, xiinxaluu, qindeessuu,

  • Daataa beezii industirii naannichaa qopheessuu fi qaama barbaaduuf dabarsuu,


Galtee (Inputs)

    • Barbaachisummaa ragaalee bu’uuraa industirii,

    • Fedhii/karoora misooma zooniiwwan industirii,

Bu’aa (Output)

  • Daataa beezii industirii naannichaa qophaa’e,

  • Zoonii/qe’ee industirii misoome,


Maappii Adeemsa Hojii Xiqqaa Qindeessa Ragaalee Bu’uuraa Industirii

Hojiiwwan hojjetamuu hin qabne keessa baasuu

























  1. ADEEMSA HOJII XIQQAA HOJIIWWAN PIROMOOSHINII INDUSTIRII

Hojiiwwan

  • Pootenshaala /carraalee misoomaa/ industrii naannichaa workishooppii, siimpooziyamii, seeminaraa, birooshara, maasmidiyaa fi agarsiisa bu’aawwan industirii /exhibition/ fayyadamuudhaan bebbeeksisuu ykn kan qaamoleen biroo qopheessan irratti hirmaachuudhaan muuxannoo horachuu.


Galtee (Inputs)

    • Pootenshaala misooma industirii gosaa fi facaatiidhaan adda bahee beekame,

    • Pirofaayila pirojektii industirii qophaa’e,

    • Ragaalee fi odeeffannoowwan industirii bifa odeeffannoo guutuu kennuu danda’uunii fi bifa hammayyoomeen qindaa’e.

    • Agarsiisa /exhibition/, baazaarii, simpooziyamii fi kkf. qophaa’e,

Bu’aa (Output)

  • Abbootii qabeenyaa kaka’umsa invastimantii industirii horatan.


Maappii Adeemsa Hojii Xiqqaa Hojiiwwan Piromooshinii Industirii
















  1. ADEEMSA HOJII XIQQAA IJAARSA DANDEETTII KONISTIRAAKSHINII




  • Dandeettii raawwachiisummaa ogeessotaa fi geggeessitoota seektara konistiraakshinii tooftaalee adda addaa fayyadamuudhaan cimsuu,

  • Madaallii gahumsa ogummaa /COC/ irratti qaamolee dhimmichi ilaalu waliin ta’uudhaan ogeessotaa fi geggeessitoota naannichaaf hubannoo uumuu,

  • Madaallii gahumsa ogummaa /COC/ ogeessota konistiraakshinii naannichaa qaamolee dhimmichi ilaalu waliin ta’uudhaan geggeessuu,


Galtee (Inputs)

    • Gaaffii/fedhii leenjii ogeessotaa,

    • Fedhii madaallii gahumsa ogummaa ogeessota konistiraakshinii.

Bu’aa (Output)

  • Ogeessota konistiraakshinii gahumsi ogummaa isaanii madaalame,

  • Dandeettii raawwannaa ogeessotaa cime,


Maappii Adeemsa Hojii Xiqqaa Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii










Lakki





Eeyyee

1

Yüklə 0,83 Mb.

Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin