Qulqullina bunaa siinii
Qulqullina siinii jechuun qulqullina dhugaatii ykn dhangalaa bunaa jechuu dha. Qulqullinni siinii madaalli qulqullina bunaa keessatti isa guddaa fi kan gatii bunaa murteessuudhaaf shoora guddaa taphatudha.
Qulqullinni siinii kan madaalamu buna akaayamee fi danfifame dhandhamachuudhaani. Namoonni qulqullina bunaa dhandhamuudhaan beekan, buna danfifame hadheeffachuudhaan sadarka ykn hanga qulqullina bunichaa himu. Dhandhamaan bunaa tokkoo qulqullina bunichaa murteessuudhaaf haallan aramaan gadiitiif xiinxalina kenna: qulqullina bunaa siinii keessatti, sadarkaa hadhooma bunichaa fi miaa ykn toliinsa dhangalaaa bunaati.
Dabalataan ammoo, qaamni firii bunaas sirritti guutuu, guutuu jalatti kan dhiyaatu, jiddu-galaa fi saphlaa jedhamee madaalumu dandaa.
Erga sadarkaan qulqullina bunichaa dheedhumma isaa fi siinii keessatti madaalame booda, qulqullinni isaa kan waliigalaa ni murteeffama. Erga qulqullinni bunichi waliigalatti qabu murteeffame booda, qabxiin inni waliigalatti argate ilaalamuudhaan sadarkaan bahaaf. Fakkeenyaaf, qabxiin bunichaa kan waliigalaa 81 fi 100 jidduu yoo tae, buna akkasii saniif sadarkaa 1ffa tu kennamaaf. Qabxiin waliigalatti bunichi argate 63 fi 80 jidduu yoo tae ammoo, sadarkaa 2ffa tu kennamaaf. Akkaatuma qabxiin waliigalaa gadi buaa dhufuun, sadarkaan bunichi argatus gadi buaa deema jechuudha.
Hanga ammaa bunaaf sadarkaan akkamitti akka kennamu ilaallee jirra. Garuu maaltu qulqullina bunaa balleessa ykn miidha? Wantoota qulqullina bunaa huban beekuun qulqullina hoomishaa fi hojii bunaa sirritti eeynee argata ykn galii buna gurgurachurraa argannu fooyyeessu akka dandeenyu nu taasisa. Qulqulini bunaa kan hubamuu ykn miidhamuu dandau sadarkaa adda addaa keessatti yammuu tahu, kunis sirna hoomisharraa irraa jalqabee sirna hojii fi sirna gurgurtaa keessatti eeggannowwan godhamuu qaban eegufii fi eeguu dhabuu isaaniitu murteessa.
Fakkii 4. Qulqullina buna siinii dhandhammiidhaan yoo murtaahu
Dostları ilə paylaş: |