Kitaaboolee fi Bareefamoota Wabii /References/
-
Seensa
-
Ka’umsa Sirna Madaalli Bu’aa Karoora Tarsimoo
Mootummaan karoora guddinaa fi traansformeshinii waggaa shananii (2008-2012) baasee gara hojitti kan galee waan ta’eef kanuma yaada keessa galchuu fi dhimmoota mana hojii keenya ilaallatan irratti hojjechuun tumsa barbaachisu gochuuf Sirna Madaalli Bu’aa Tarsimoo hojiirra olchuun murteessaa dha.
Hojimaanni kuni akkaataa Waajjiri Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Go/ Lixa Shawaa gahee fi ittigaafatamummaa kennameen hojii isaa galmaan gahuuf karoora tarsima’aa waliigalaa baasee hawaasni mana hojiichaa hojilee ijoo fi gurguddoo ta’anii waliin karoorsun karoora waligalaa irrattis ogeessa irraa kaasee hanga ogganaa mana hojiichaatti irratti waliigaluun hojiin kun kan hunda isaanii ta’u hubatanii hanga sadarkaa dhunfaatti qooddatanii tumsa barbaachisu hunda akka taasisan kan godhu dha.
Hojimaanni kun karoora tarsiimoo waggaa shanii marsaa tokkoffaa keessatti hojiiwwaan akkataa karoorfaniin sirna ittigafatamuummaa hordofsiisuun akka raawwatamuuf ga’ee bakka bu’iinsa hin qabnee taphatuu isaa gamaaggama raawwii KGT Iffaa dhaan adda ba’ee hubatameera. Kanumaafuu bu’aa gaarii yo galmessan kan ittin badhaafaman yoo hin galmessinee garuu akka gareettis ta’e akka dhunfaatti kan isaan gaafachisu ta’u isaa beekanii miira gamtaan hojjechuu fi tajaajilamummaatiin hojjechuun hojii galmaan gahuu dhaan kan itti tattaafatan dha.
Jijjirama fi sadarkaa guddinaa biyyi keenya irraa jirtuu fi fedhiin tajaajilamummaa maammilaas akkaatuma sanaan jijjiramaa waan dhufef jijjirama dhufu kana waliin tajaajila gitu kennuuf muxannoowwaan KGT I ffaa keessatti argaman qindessuun KGTII ffaan daran bu’a qabeessa akka ta’uuf ni fayyada.
Tajaajila akkasiis kennu dhaaf danddeetti raawwachisummaa ogeessotaa gama hundaan cimsuun murtessaa dha. Danddetti raawwachisummaa cimsuun ogeessan tokkon tokko isaa bekumsa irratti hundaa’ee (knowledge based ) ta’ee hojjechuun isaa hojii hojjetuf angeffamee bu’aa dhufufiis kan itti badhaafamuu fi yoo bu’aa hin fidnees kan itti gaafatamu ta’u isaa (authority with responsibility) beekee akka hojjetu waan taasisuuf miira tajaajilamummaan hojjechuun itti qufiinsa maammilaa mirkanessuuf cimee akka hojjetu ni fayyada .
Kanumaafuu hojii Waajjiri Dhiimma Dubartootaa fi Daa’immanii sadarkaa olaanaa irra geessisu fi fayyadamummaa dubartootaa mirkanessu fi mirgaa fi nageenya daa’immanii kabachisuuf ,akkasumas JBAH ammaan dura hojjetamee hojiirra olaa jiru deggeruun gahee hojii hojjetaa tokkoo-tokkoof( pin point responsibility) raawwachuuf fi Sagantaa Foyya’iinsa Siviil Sarvisii (SFSS) waliin simsiisuun hojiirra olchuun kan yeroon gaafatu waan ta’eef Sirni Maddaalli Bu’aa karoora Tarsimootiin (SMBKT) ogganamuun dirqama dha.
Sirna Madaalli Bu’aa Tarsimoo,SMBT(BSC) adeemsa karoora tarsimmaa’aa fooyya’aa ta’ee hojii ijoo ta’an irratti kan xiyyeeffatu, quunnamtii yeroo dheeraa mana hojichaa hojjettoota yookiin ogeessota kan hubachiisuu fi hirmaachisu, hojiimaata tarsiimoo keessattti diriire gara hojiilee raawwatamaniitti kan jijjiiru, siirna oggansaa hojiilee guyyaa guyyaan raawwataman mul’ataa fi tarsiimoo mana hojiichaa waliin walquunnamsiisuun raawwii safaruu kan dandeesisuu dha.
Gama birootiin Sirni Madaallii Bu’aa Tarsimoo (BSC) hojjettoonni( ogeessonni ) mana hojjichaa waa’ee carraa fuuladuraa, tarsiimoo, gufuu(pains) fi haala waliigala mana hojichaa irratti akka mari’atan; raawwatiinsa ,tarsiimoo fi mul’ata waliigalaa mana hojichaa ijaaruuf; quunnamtii keessa fi alaa fooyyeessuuf; kutannoo bu’a qabeessummaa fi raawwii ola’aanaa galmeessuuf; hojii/raawwii guyyaa guyyaa hojjettootaa mul’ata mana hojjichaa waliin walitti hidhuuf; dhimmoota ijoo kan akka tarsimoo fi bu’aalee irratti xiyyeeffachuun ittigaafatammummaa fi abbummaa raawwattootaa dabaluuf ni fayyada.
Sirni Madaallii Bu’aa Tarsimoo kutannoo raawwattootaa gama hundaan kan barbaaduu, haala qophii karooraa baramee kan jijjiiruu, akkasumas beekkumsaa fi ooggansa ol’aanaa waan barbaaduuf hojii xiyyeffannoo guddaa barbaaduu dha.
Ijaarsi ”BSC” kun kan barbaachiseef dhimmoota ijoo kan akka maamilaa/lammii,faayinaansii, adeemsa keessaa fi ijaarsa danddetti giddugaleessa godhachuun jijjiirama waliigalaa mana hojiichaa(organizationala transformation) fiduuf haala tarsimaa’aa ta’een yaaduu fi karoorsuun akkasumas buu’aalee dhufan haala safaramuu danda’aniin qopheeffachuun kenna tajaajila fooyyeessuun ittfufiinsa mana hojjichaa dhugoomsuufiidha.
Hojiin ijaarsa “BSC” / Qophii Sirna Madaallii Bu’aa Tarsiimoo/ haala raawwii mana hojii KGT 1ffaa /caasaa Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii sadarkaa adda addaa irra jirun gadi fageenyaan qorachuun / qaacceessuun hojimaata jiru haala safaramuu fi bu’a qabeessa ta’uu danda’uu fi ifaa ta’een qopheessufii karoora KGT II hojjiirra olchuu dha.
Dokimeentiin qorannoo kun kutaalee torba qaba. Isaanis gulantaa 1ffaa Sakatta’iinsa haala dhabbaticha(organizational assessment) kan keessatti ibsameedha; gulantaa 2ffaa Toorrii xiyyeeffannoo fi bu’aalee tarsimoo(Strategic themes & Strategic results) kan keessatti tarreffamaniidha. gulantaa 3ffaan immoo Kaayoolee tarsimmaa’aa(Strategic objectives) kan keessattii tarreefamaniidha. gulantaa 4ffaa maappii tarsimaa’aa( strategic mapping) kan qabatuudha. gulantaa 5ffaa Safartuulee raawwii(Performance measures) kan qabatu yemmuu ta’u gulantaa 6ffaan Tarkaanfilee raawwii( Strategic initiatives ) kan ibsuudha. gulantaa 7ffaan Qoodiisa hojii(cascading) sadarkaalee caasaa man hojiichaa addaa addaatti jiru kan ibsuudha.
Sirni Madaallii Bu’aa karoraTarsimoo kun barreen KGT 1ffaa 2003 hanga 2007 kan hojiirra oolee fi bu’aa guddaa kan buusee ta’uun isaa beekkamee, BSC Marsaa 2ffaa kanas qaammoleen dhimmichii ilaalatu martinuu keessattuu caasaa Dhimma Dubartootaa Fi Daa’imman Lixa Shawaa sadarkaan jiran adda durummaa fi kutannoon akka hojjirra oolchan gareen ijaarsa sirna Madaalli Bu’aa Tarsimoo amantaa guddaa qaba.
-
Haala Waliigala Waajjiricha
Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii yeroo jalqabaaf bara 1994 itti labsii lakkoofsa 46/ 1994 waamama Biiroo Dhimma Dubartootaatiin erga hundaa’een boodatti hojii bal’aa gahoomina dubarootaa fi korniyaa idileessuu ilaallatan hojjechaa kan turee waan ta’eef dubartonni Godinichaa hanga tokko irraa fayyadamu jaqabaniiru. Ittii ansees labsii 144/2001 tiin angoo fi itti gaafatamummaan isaa iirra deebi’amee foyya’ee Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa ta’ee erga hundaa’een asitti hojii bal’aa gama dinagdee,hawaasummaa fi siyaasaatiin hojii hojjeteen hamma barbaadamuu ta’u baatullee dubartoonni akka fayyadaman taasisaa kan jiru yo ta’u labsii kanaan Dhimma Daa’immaniis dabalatee daa’imman Godinichaa mirgii fi nageenyi isaanii kabajamee fi abdii borii ta’anii akka guddatan taasisuuf dirqama itti kenname bahaa jira.
Dabalataaniis Biirichi JBAH qoratee erga xumureen boodatti gara hojiirra olmaa guututti kan seenee yo ta’u yeroo ammaa kanaatti adeemsaalee hojii ijoo 3 jechunis:-
-
Gahoomina Dubartootaa
-
Korniyaa Idilessuu
-
Mirkaneessa Mirga fi Nageenya Daa’immanii hojii isaa gaggessaati jira.
-
Raawwi KGT I (2003 – 2007) Akka Ka’umsaatti
Akkuma beekamu utubaawwan KGT I keessatti kaa’aaman keessaa, hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa gama hundaan jiru mirkaneessun toora xiyyeefannoo tokko ta’ee ibsameera. Utubaa kana bu’ura godhachudhaan, imaamata, maandeeti mana hojichaafi paakeeji misoomaafi jijjirma dubartootaa waliin haala walsimu danda’un karoora tarsima’aa mana hojichaa keesatti ammachisudhaan hojiwwan heeddun waggaa waggaatti qodhamani raawwatamaniru. Bu’aan heeddus argameera. Kun akkuma jirutti ta’ee raawwi KGT I xinxaludhaan bu’aa argameefi sochi taasifamee kana keessatti haalli mana hojichaa ummataa, haalii dubartootaa, (magaalaa, baadiyyaa, warshaa fi dubartoota horsisee bulaa) daa’immani fi korniya idileessun walqabatee haala seektarootaa xinxalunn ciminaafi haanqinnoota jiran adda baasudhaan akka ka’umsa KGT II tti fudhachuun da’nda’aameera.
Raawwi KGT I Kana Keessatti Bu’aawwan Galmaa’aan
-
Fayyadamummaa Dubartootaa Guddisuu ilaalchisee
-
Aadaa qusannoo dubartootaa ilaalchiisee hanga bara KGT 2003-2007 dubartoota rratti hirmaachisuuf karoorfamee ture, bara dhumaa KGT I kana irratti 152145 dubartootni 169027 ( % 100 ) qusannoo irratti akka hirmaatan taasifameera.
-
Dubartoota liqii qaama adda addaa irraa argamu irraa fayyadamtoota ta’anii hojii gara garaa ummatani sochi keessa galan, hanga KGT I keessaatti dubartoota 62470 fayyadamtoota liqii taasisuuf karoorfamee ture raawwiin isaa bara dhuma KGT kanatti dubaroota 65865 (100) ta’aniif akka fayyadamoo liqii ta’aanii hojii isanii uummatanii hirkatumma diinagdee jeala bahaniif haala godhameera.
-
Qindoomina Dhimmoota Seektaroota hundaa guddisuu/Korniyaa idileessu
-
Sekteroota mootumma keessatti koorniyaa idileessuu ilaalchiisee dhimma koorniyaa karoora mana hojii isaani keessatti hammachiisanii hojjechuu KGT I (2003-07) kana keessatti gara %100 hundumma keessatti idileessuuf hojiwwaan hojjetameen waggoota shanan darban kana keessatti dhimmi koorniyaa dhimma misooma ta’uun hubatamee yeroo ammma sekterootiin %70 ta’aan dhimma koorniyaa ajanda mana hojii isaanii gochuu eegalaniiruu. Kun gochunis jijjiiramni ilaalcha gama walqixxummaa korniyaatin /gender equality/mirkaneessuf hojjatamaa ture haanqinna haaqabaatu malee kan nama jajjabeessu fi fooyya’aa dhufe ta’un isaati.
-
Gahomina Dubartootaa Fooyyessuu
-
.Dubartoota hojiiwwaan madda galii argamsiisaan adda addaa irratti hirmachiisuu ilaalchiise. Kana bifa itti fufinsa qabuun itti adeemuuf KGT waggaa shanan darbaan keessatti dubartootiin 28278 hirmaachisuun maxxantummaa dinagdee jalaa baasuuf karoorfamee hojii qindoominaan qaamolee adda addaa waliin hojjatameen dubartoota 27279 (%96.5) hojiiwwan madda galii argamsiisan irratti hirmaachisuun danda’ameera.
-
Hojii mataa isaanii uumatani hirkattummaa dinagdee jalaa akka bahaniif dubartoota 4190 leenjii ogummaa adda addaa akka argatan taasisuuf waggoota shanan darban karoorfamee, hojii qindoominaan seektarootaa fi dhaabbilee barnootaa garagaraa waliin hojjatameen dubartoonni 4182 (% 99.80 ) leenjii ogummaa adda addaa akka argatan taasifameera.
-
Sirnna Mirgoota Dimookraasii Babal’isan Guddisuu
-
Waggotan shaaan KGT (2003-07) keessatti dubartota 100000 ta’an miseensa waldaa mirgaa akka ta’an karoorfamee, dubartoonni 58664 ta’an miseensa waldaa mirgaa ta’anii akka ijaaraman ta’eera. Kun akkuma jirutti ta’ee rakkoolee dubartootaa fi daa’imman irra gahu akka haafuf dubartootni mataa isaani ijjaaramani karaa ijaarsa isaanitin akka qabsaa’aanifi hirmaannaafi fayyadamummaan dubartootaa akka mirkanaa’u fi nageenyi daa’immani akka eggamu gochuf raayyaa misoomaa dame dubartootaattin ijaaru karoorfamee xumura KGT I kana keessatti dubartoota 368966 ta’aan ijaarudhaan kaayyo barbaadameef galmaan gahuun dand’aameera.
-
Rakkoolee kallatti adda addaatiin dubartootaa fi daa’imman irratti raawwatamu hambisuuf mirga dubartootaa fi daa’immanii irratti kutaa hawaasaf namoota 670552 hubannoo isaanii cimsuuf waggoota shanan darban karoorfamee, ummata 660551 hubannoo isaanii cimsuun mirga dubartootaa fi daa’immani akka hubatan taasifameera. Hubannoo kanaanis miidhaan dubartootaa fi daa’immanii baroottan darban irraa akka hir’atu taasisamee jira.
-
Sirna Gurmaa’insa Waldaalee fooyyessuu
-
Rakkoolee gama dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa dubartoota irra gahaa jiru ofii isaanitiif akka hiikkataniif dubartoota garee walgargaarsaa 214 kan miseensa dubartootaa 3247 qabuun ijaaruuf karoorfamee, garee 1011(%100) miseensa dubartoota 94585 (100) qabuun ijaaramani rakkoolee isaanii akka hiikatan taasifameera.
-
Waldaalee bu’uuraa dubartootaa 104 kan miseensa 1474 qabuun ijaaruun kaappitaala qarshii 445839 akka horatan gochuuf karoorfamee, waldaalee bu’uuraa 130(100) miseensa 6,412 (%100) kaappitaalaa qarshii 1,014,490 (%100) akka horatan taasisuun humni dinagdee dubartoota akka cimu godhameera.
-
Misooma Nageenya hawaasummaa Fooyyessuu
-
Daa’imman maatii dhabanii fi rakkoo adda addaatiif saaxilaman 39,447 deeggarsa daa’immanii hawaasa bu’uureffateen akka deeggaramani lammii gaarii ta’anii akka guddatan taasisuuf karoorfamee, daa’imman 48,930 (%100) deeggarsa daa’immaani hawaasa bu’uureffate (afooshaalee, dhaabbilee miti mootummaa, dhaabbilee amantaa, waldaalee hojjattootaa fi abbootii qabeenya) sochoosuun deeggarsa akka argatan taasifameera. Sababiin karooraa gad danda’aameef, dursa yeroo hojin daa’immani seektara biraa irraa gara seektara kanaatti dhufu raga ka’umsa ta’u danda’aan argachu dhabufi karoora tilmaamaan bahee ta’u isaa hubachun barbaachisaadha.
-
Guddifachaa biyya keessa jajjabeesuun, daa’imman rakkoolee hawaasummaaf saaxilaman guddifachaa biyya keessa daa’imman 1,180 akka argatan gochuuf karoorfamee, hojii hojjatameen daa’imman 79 (%43.8) guddifachaa biyya keessaa argatani hawaasa isaanii keessatti akka guddatan taasifameera.
-
Qorannoofi qo’aanno akkasumas Sakkatta’insa gaggeefaman
-
Haala qorannoofi qo’aannoo irratti hundaa’een rakko dubartootaa fi daa’immani hikuun barbaachisaa ta’u waan itti aamanameef, bara karoora KGT kana keessa,
-
Haala raawwi seera maatii,
-
Haala raawwi paakeeji misoomaafi jijjirama dubartootaa,
-
Haala daa’imman Godina Lixa Shawaa,
-
Haala dubartoota warshaalee keessa hojjatan irratti qorannoo adeemsifamee bu’aa qorannoo haala raawwi seera maatiifi paakeeji misoomaafi jijjirama dubartootaa irratti sadarkaan hubannoon kan umameefi irrattis kan hojjatameedha.
-
Sakatta’insa itti qufinsa maamilaafi yaada ummataatis keessattu xumura bara KGT I kana keessatti raawwachudhaan galtee hojii taasisun fayyadamun danda’aameera. Bu’aawan qorannoo kanaanis qaawwaa raawwii fayyadamummaa dubartootaa fi nageenya daa’immanii adda baasuudhaan irratti xiyyeeffatmee akka irratti hojjetmuuf kallattii kan agarsiisee fi hubanno guddaa kan kennee dha.
-
Projeektoota dubartootaafi da’imman irratti seektara keenna waliin waligalun hojjatan
-
Raawwi Kana Keessatti Cminootaafi Haanqinoota Xinxalaman
-
Akka Mana Hojichaatti
-
Raawwi aangoo fi gahee hojii seektarichaa hoji irra olchu ilaalchisee
Sochin mana hojichaa kan irraa ka’u angoofi gahee 17’n labsii lakk.163/2003 keewwata 29 jalatti keennameef waan ta’een ciminaafi hanqina jiru xinxalun toora xiyyeefannoo KGT II taasisun dhimma murteessaadha. Kanaafu aangoofi gahee mana hojii keennaa imaammata dubartootaa fi paakeeji misoomaafi jijjirama dubartootaa waliin haala walitti hidhameen hojiwwan heeddun raawwatamaniru. Raawwi raawwataman kanneen keessatti bu’aan heeddun kan argaman yoo ta’u dhimmonni akka haanqinaatti ilaalamanis nijiru.
Akka Ciminaatti dhimmonni ilaalaman
Gaheewwan keewwata 29/1, 29/3, 29/12, 29/17 ala ta’aan hanga danda’aameen karooratti jijjirudhaan hoji irra olchudaan fayyadamummaa dubartootaa fi da’immani mirkaneessuuf yaali taasifameen hanga tokko sadarkaa foyyee irra jira haal jeedhun xinxala keenya gaggeesineera.
Akka hanqinaatti keewwatttoota
29/1, 29/3, 29/12, 29/17 ilaalchisee, hojiwwan hojjataman jiraatanis, haala barbaadamuuna hojiirra oolchu irratti hanqinni kan jiru ta’uu isaa hubatameera.
-
29/1 qorannoon yeroo yeroon gaggefamee rakkollee hawaasa diingdee dubartootaa fi daa’immanii adda bahee yaada furmaataa qaamaa dhiimi ilaalatutti dhiyeessuuun argannoowwan qorannicha hojiirra akka oolu gochuu irratti akkataa fi haala barbaadamuun gaggeefamuu dhabuu fi hanqinaalen jiraachuun isaanit.
-
Fakkeennaaf:- seerri maatii Oromiyaa bakka tokko tokkotti haawas-aadaa (socio-cultural) godinichaa giddu galeessa godhachuun seerawwan aadaa yaada keessa iddon itti hin galchin jiraachu, aadaa guddifachaa hawaasni raawwachaa ture sana yoo mana murtiitti dhiyaate malee fudhatama akka hin qabne ibsuun sun qaawwa seeraa kan mul’isu ta’uu,(the modern legal system did not give due consideration for the ingenious cultural practices of the society like guddifachaa,).
-
Gama biraatiin aadaa godinichaa keessatti argamanifi mirgaa fi nageenya daa’immanii fi dubartootaa kabachiisan qoratee adda baasuun godinichaa keessatti akka baballatan gochuu irratti haanqinni jiraachu, fakkeennaaf:- akka aadaa Booranaafi Gujitti “namni shamarranitti bu’e loon sadii hanga 13 adabama” jedha, dabalataan kan dubara gudeede ragaan osoo hin dhiyaatiin hawaasichi waan wal amanuuf namni gudeede sun ni abaarama, sabaa fi gosa sana keessaas ni ari’atama. Haata’u malee seera yakkaa keessatti gudeeddiin yoo ragaan dhiyaate malee murtiin hin kennamu, kunimmoo dhugaan osoo jiruu raga sababeeffachuun miidhaan dubartootaa fi daa’imman irra ga’u akka babal’atu kan karaa bane ta’uu mul’isa waan ta’eef irratti hojjetamuu kan qabuu ta’uu.
-
Kana malees, daa’imman mana sirreessaatti haadha waliin hidhaman ilaalchisee, haati yakka raawwattee adabaan mana sirreessaa yoo galtee fi daa’imman baati 18 gadii yoo qabaatteefi namni kununsuuf hin jiraattin haala guddinna daa’ima sanitif jeecha, haadha waliin mana sirreessaa keessa akka turu yoo murtaa’u haanga umrii haammami akka turu qabu garu wanti ibsu hinjiru. Kun ta’u dhabu isaattin yoo haati umri guutuu irratti murtaa’ee daa’imni sun haanga waggaa 18 turu dhimma isa dhorku hinjiru waan ta’eef, haalli daa’imni sun keessa turu xinsammu daa’imichaa midhu danda’aa waan ta’eef,
-
Labsi itti fayyadama lafa baadiyyaattin walqabatee, tokkoffaa dhaaltummaa lafa maatitiin haalli jiru, nama maati sana biratti dhiyeenyaan argamuuf mirga kan keennu waan ta’eef, dubartootni heerumaan qa’ee maatii isaaniti gara qa’ee biraatti waan deemanif fayyadamtoota ta’u hin dandeenye. Haala qabatamaa amma jirun qa’ee keessatti fudhee kan jiraatu ilma dhiraa waan ta’eef, dhaaltumaaf kan abbaa mirgaa of taasisu ilma dhiraa maatitti kaleennaan jiraatu sanadha. Kanaaf dhimmi kun ilaalamee xinxalamee qajeelfamni raawwi jiraachu dhabuun,
-
Yaroo diggaan gaa’eelaa raawwatamu qoda qabeennaa irratti, lafa qonnaa heektaara walakkaa fi sani gadi ta’ee fi lafa jallisi heektaara kurmaana fi sani gadi ta’ee omishtummaa lafichaaf jeecha, qodamu kan hindanda’aamneefi walin akka fayyadaman haalli itti taa’ee jira. Haata’u malee ammas qa’ee abbaa manaa addaan bahaan sana dhuftee fayyadamuf haalli rakkisaan waan dubartoota qunnamaa jiruf, kana ilaalchisee hojimaanni raawwi taa’u dhabuun dubartoota midhaa kan jiru ta’u isaa,
-
29/3 ragaaleen mana hojiichaa ibsuu danda’an akkaakuu fi baayyinaan bifa guutuu ta’een qindaa’aanii kan hin jirreefii qaamolee ragaalee barbaadan bira akka barbaadametti kan hin geenye ta’uu isaa (foormaatiiwwan dhaabbatawaa ta’an kan ittiin ragaa dubartootaa fi daa’immanii sassaabanii qindeessan dhabamuu)
-
29/15 hojiirra oolmaa Konvenshinii fi chaarterii mirgaa fi nageenya daa’immanii fi dubartootaa kabachiisuuf bahee kaneen akka (UNCRC, ACRWC, CEDAW fi kkf) ilsaalchisee haala gutu ta’een hoji irra olchu dhabuun kan mul’atu ta’uu (fknf. akka UNCRC keewwata 21 a) fi b) jedhutti daa’imti tokko yoo rakkoo humnaa olii ta’e malee maatii isaa keessatti akka guddatu qaamni aangoon kennameef haala mijeessuu fi hordofuu qaba jedha. kunis haala barbaadameen itti deemamaa kan hin jirre ta’uun isaa nibeekkama. Akka ragaan ibsutti dhaabbileen guddisa daa’immanii filannoowwan hunda caalaa guddifachaa biyya alaa irratti xiyeeffachuu isaanii fkn tokkodha.
-
29/12 irratti, falmii hariiroo hawaasaa fi yakka dubartootaa fi daa’immanii haala seeratiin raawwatamu kan jeedhuuf haalli raawwii isaa ifa ta’e diriiruu dhabuun hanga ammaatti kan itti hindeemamin ta’uun isaa,xinxala maandeeti mana hojichaa ilaalamee keessatti haanqinoota mul’atanidha.
-
Kanaafuu gara fuulaaduratti gahee mana hojiichaaf kenname qixaan hojiirraa oolchuun dubartootaa fi daa’imman fayyadamtootaa taasisuun kenna tajaajila maamiltoota mana hojiichaa fooyyeessuun ittiifufiinsa caasichaatiif gumaacha guddaa kan taasisuu waan ta’eef xiyyeeffannoon ittii deemuuun murteessaadha.
-
Ciminaa fi Haanqinna gama caasaa keessaatti raawwi KGT 1ffaa keessatti mul’atan
Akka seektarichaatti, yeroo yeroodhaan haanqinna keessoo isaa madaalaa deemun humna raawwachisumaa isaa cimsachudhaan, karoora xinxala haalaa irratti hundaa’ee baafachudhaanifi raawwachisudhaan, maamiltootaafi dhimmamtoota isaa adda baafatee qindoominaan walin hojjachu yaalun, hoji riformii lafa qabsiisuu keessatti raayyaa jijjiramaa cimsachun hojitti galun, raayyaa misoomaa dame dubartootaa ijaaree hoji hundaa irratti garagaggalee akka hojjatu kallatti kaa’ee hojitti galchee hordofii taasiseen jijjiramni dhufuun isaa dhimmoota akka ciminaatti ka’u danda’aan keessaa isaan ijoodha.
Haata’u malee ammas haanqinoonni gama ilaalchaa, dandeettifi dhiyeessitin hoggantootaa fi ogeessa (ogeessota) sadarkaan jiran bira jiru dhimma akka salphaatti ilaalamu miti. Hoggantoota seektaricha keessatti sadarkaan jiran biratti ilaalchi qophi karooraa irraa calqabee hanga xumuraatti waan hunda qabsoon hogganuu fi ajandaa dubartootaafi daa’immani kan kallatti siyaasaatin hikkoon itti keennamee irratti hojjatamuf toora xiyyeefannoo ta’ee akka ilaalamu taasisu irra waayee dhimma korniya idileessutin ilaaluun kan jiru ta’un hanqina guddaadha. Dhimmi kun yeroo itti aanutti dhimma jijjirama barbaadudha.
Kana malees dandeettinis walqabatee hoggansi keenna, hojiin dubartootaa fi daa’immani haala qabatamaa yeroon barbaadu waliin hikko siyaasaa keennun waan hunda sakkata’aani xinxalani, haala xinxala irratti hundaa’een karoorsu irra dhimmootuma waligalaa fi baramee irratti rarra’un, waltajji irratti qofa haasawuma barameen dhama’aa olu kan mul’atu ta’u isaati. Dandeettin hoggansaa moo kan cimaa deemu waan hunda xinxaludhaan qabatamaa yaroon barbaadu walin karaa walsimatu danda’un furmaata keennaa yoo deemeefi waan waligalaa irraa dandeettifi beekkumsa gadi fageenna qabu yoo argatee waan ta’eef, gama kanaan haanqinni qabnu salphaa miti.
Gama ogeessaattini hanqini jiru kanaa gadi kan ta’ee waan hinta’inif yeroo heeddu karooraafi gabaasa hojimaata isaa eggatee qophaa’ee yeroo isaatitti argachuun rakko guddaadha. Adeemsi kun hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootni keenna gama hundaan argachu qabanifi mirgaafi nageenya daa’immani eegsiisan haalli guddina isaani akkaataa lammii ba’aa biyyaa boru baachu danda’un akka ta’u gochu keessatti rakkoo guddaa fida. Dhaloonni biyyaaf bu’aa hin buusnee eegeree biyyaa tokoo gaaffii keessa akka galchuu beekamadha.kanaaf KGT II keessatti humna raawwachisummaa mana hojichaa gama hundaan jiru cimsuun tora xiyyeefannoo ol’aanaa ta’u qaba.
-
Raawwi KGT I Keessatti Xinxala Haala Hirmaannaa Ummata, Dubartootaa Fi Daa’immani
Raawwi KGT I kana keessatti hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa gama hundaan jiru mirkaneessuf mirgaa fi nageenya da’immani eeguu keessatti hirmaannaan ummataa gahee ol’aanaa qaba. Dabalataanis akkuma paakkeejii misoomaa fi jijjirama dubartootaa irratti taa’ee adda durumaan qabsoo dubartootaa fininsun hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessu keessatti gahee ol’aanaa akka qabutti taa’eera. Gama kanaan hojin balinna qabu bara karoorichaa kana keessatti raawwatamaniru. Bara KGT itti aanutifis haala xinxalun, ciminaafi haanqinna adda baasudhaan galtee karoorichaa gochun dhimma murteessaadha. Haaluma kanaan xinxala gaggeefamee akka armaan gaditti kaa’un danda’aameera.
-
Dostları ilə paylaş: |