Goobanaa fayyisaa axinaafuu damissee nigaatuu balaachoo



Yüklə 0,62 Mb.
səhifə3/16
tarix01.11.2017
ölçüsü0,62 Mb.
#26235
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   16

Daangaa Qorannoo


Adeemsa Hojii hoggansa dhaabbolee misoomaa mootummaa fedhii maamiltootaa, Dhimmamtootaa fi Deeggartootaa ka’umsa godhachuudhaan qorannoo JBAH jijjiirama bu’uraa fiduu dandeessisuu uumuu dha. Kuniis gama ittiquufinsa maamiltootaatiin adeemsawwan hojii fi hojiiwwan raawwataman, bu’aawwan eeggaman, gurmaa’insoota mijaa’oo fi seerota waliin deeman uumuu kan dabalatu dha.
    1. Toftaa Qorannoo (Methodology)


Tooftaalee armaan gadii fayyadamuudhaan qorannoon kun gaggeeffameera

  • Maalummaa Jijjiirama Bu’uura Adeemsa Hojii (JBAH) gadi fageenyaan hubachuu

  • Mul’ata biyyaa fi naannoo akkasumas Imaammataa fi tarsiimoowwan mootummaa, labsiiwwanii fi kkfn ilaaluudhaan Dhaabbolee Misooma Mootummaa ogganuu fi gaggeessuu waliin walitti dhufeenya qaban adda baasuu

  • Adeemsa hojii dura ture gamaaggamuudhaan rakkoowwan hojmaata, seeroota, gurmaa’insaa fi kkfn adda baasuu

  • Yaadamoota dulloomaa hojmaatni durii irratti hundaa’e adda baasuun yaadamoota haaraa bakka bu’an kaa’uu

  • Fedhii maamiltootaa qorachuu fi irratti marii gaggeessuun adda baasuu

  • Ogeessotaa fi qaamota isaan ilaallatu waliin marii gaggeessuun ragaawwan sabsii /galtee qorannichaa walitti qabuu

  • Dhaabbolee /manneen hojii milkaa’ina /bu’aa hojii olaanaa qaban irraa muuxannoo fudhachuun qorannoo jijjiirama bu’uura adeemsa hojjichaaf ragaa sabsii/galtee ta’u walitti qabuu

  • Qorannoo fedhii maamilaa fi muuxannoo gaarii irraa ragaawwan argaman akka sabsiitti fayyadamuun qaawwota raawwii, kaayyoowwan gurguddoo fi galmoota hiixataa kaa’uu

  • Milkaa’ina kaayyoo adda addaa fi galmawwan hiixataa bira ga’amuu qaban yaada keessa galchuunii fi yaadamoota haaraa irratti mari’achuun adeemsota haaraa fedhii maamilaa bifa haaraadhaan waraqaa adii irraa ka’uun uumuu dha.
    1. Adeemsaalee Hojii mana hojichaa fi Qorannaa JBAH irratti gaggeessuuf filatamanii fi haala ittin filtaman


Manni hojii ATTDhMMNO hubannoo hojii JBAH keessa kan hundeeffame waan ta’eef caasaan isaa diriiraa ta’ee, Adeemsa hojii jahaan kan hundeeffame yoo ta’u, isaanis:

  1. Adeemsa Hojii Qorannoo, Karoora, Hordoffii fi Gamaggama raawwii Hojii Dhaabbolee Misoomaa

  2. Adeemsa Hojii Qo’anoo fi Ijaarsa Dandeetii Dhaabbolee misoomaa

  3. Adeemsa Hojii Odiitii fi Faayinaansii Dhaabbolee Misooma

  4. Adeemsa Hojii Dhimmoota komunikeeshiinii

  5. Adeemsa Hojii Qabeenya Bulchiinsa Humna namaa

  6. Adeemsa Hojii Karoora, Bittaa fi Bulchiinsa faayinaansii dha.


Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Figure Caasa ATTDhMMNO






Hojii Gaggeessaa ol`aanaa ATTDhMMO






Gorsaa Ogganaa




Dhimmoota Seektaroota hedduu




Odiitii keessaa




Ogeessa Seeraa

Og/Ol’aannaa Dh/ Boordii fi Bul/ fundii




Ad/H/Bul/ Qa/ H/ Nama




I/A/Hojii Gaggeessaa Ol`aanaa




Ad/H/ Q`annoo fi Ijaarsa Dandeettii Dh/M




Ad/ H/ Qor/ Kar/,Hord/ fi Gam/ Raawwii Hojii Dh/ M

Ad/ H/ O/ fi Faayinaasii Dh/M

A/H/ B/H namaa

A/H/ K/ B/fi B/Faay.

Adeemsa Hojii Kominikeeshinii




Dhaabboolee Misoomaa Mootummaa

Adeemsaalee hojii jiran kanneen keessaa ergama, mul’ataa fi aangoo mana hojichaa haala kallattii fi deeggarsaan galmaan gahuu keessatti gahee qabaniin bakka lamatti qoodamanii, kanneen ergama mana hojichaa kaallattiidhaan galmaan gahuu irratti hojjatan 1) Adeemsa Hoji Qorannoo, Karoora, Hordoffii fi gamaggama raawwii hojii Dhaabbolee Misoomaa 2) Adeemsa Hojii Qo’anoo fi Ijaarsa Dandeetii Dhaabbolee Misoomaa fi 3) Adeemsa Hojii Odiitii fi Faayinaansii Dhaabbolee Misoomaa hojiin isaanii kan waldeegaruu fi addaa baasaan bu’aa barbaadamuu galameesuu waan hin danda’amneef adeemsaalee sadeen akka qorannan JBAH irratti gaggeeffamu filatamaniiru. Kanneen hafan Adeemsoolee deeggarsaa sadeen immoo seektaroota biroo keessatti JBAHn qoratamee hojii irraa kan oole waan ta’eef, akkaataa amala mana hojichaatiin walsimsiisuun (Customized) gochuun akka fudhataman ta’eera.


KUTAA LAMAFFAA: SADARKAA HUBANNOO

    1. Sakata’insa Haala Adeemsa Hojii Amma Jiru (Moofaa)/Description of the Old Process End to End Showing Input to out put/

      1. Haala waliigalaa hundeefama Dhaabbolee misoomaa fi ATTDhMMNO


Mootummaan kallattiidhaan misooma keessatti kan hirmaatu hirmaannaa abbootii qabeenyaa otoo hin daangessine gabaa bilisaa keessatti kan hojjataniifi hir`ina gabaa kan guutan dhaabbilee misoomaa dhaabudhaan. Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggootii darban keessatti iddoowwan tarsima`aa fi hirmaannaan abbootii qabeenyaa gahaa hin taane keessatti kallattiidhaan hirmaachuun wabii nyaataa mirkaneessu fi guddina diinagdee keenya saffisiisuuf dhaabbilee misoomaa adda addaa hundeessudhaan sochii bal`aa keessa seenee turrr jira. Haala kanaanis karaa dhaabbilee kanaatiin hojiileen muuxannoo bal`aan irraa fudhatamuu danda`an heddu raawwatee jira.
      1. Ergamaa fi kaayyoo Dhaabbolee Misoomaa


Dhaabboleen misooma mootummaa akkaataa barbaachisummaa isaatiin hojiiwwaan garagaa irratti ergamaa fi kaayyo ifa ta’een kan hundeefaman ta’uu illee, Ergamni isaan bahaan akka waliigalaatti yammuu ilaalamuu:

  1. Hanqina gabaa guutuu (Address market deficit)

  2. Gudina diinagdee jajjabeessuu (promote economic growth)- rakkoolee diinagdee gabaanis ta`ee hirmaannaan abbootii qabeenya dhuunfaa furuu hin dandeenye furuu

  3. Hojii dhabdummaa hir`ìsuu

  4. Kaappitaala fi teeknolojii dirreewwan tarsiima`aa abbootiin qabeenyaa keessatti hirmaachuu hin dandeenye (kanneen akka industry gurguddaa, bu`uuraalee misoomaa gurguddaa kkf) keessatti dhiyeessun guddina dinagdee deeggaruu

  5. Gabaa too`achuu (control monopoly)-dhaabbileen dhuunfaa gurguddoon tajaajilaa fi oomisha diinagdee biyyaa murteessummaa qaban keessatti qophaa isaanii yoo hirmaatan gatii haala fedhii isaanitiin waan murteessaniif dhiibban inni gama hundaan(diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa) fiduu danda`an guddaa ta`uu danda`a. Miidhaa gahuu danda`u salphisuuf dhaabbileen misoomaa gahee akka taphatan taasifamaa turee jira.

  6. Fayyadamni sirna qabuu fi eegumsi qabeenya uumamaa akka mirkanaawu gochuuf ( to ensure proper utilization and conservation of natural resources) kanneen jedhan isaan gurguddoodha.

Kanaafuu, Waggootii itti aanan keessatti muuxannoowwan gaggaarii gama kanaan argaman babal`isuun dhaabboleen misoomaa keenya karoora Guddinaa fi Tiraansfoormeeshinii galmaan gahuu keessatti gahee isaan irraa eegu akka taphatan mootummaan xiyyeeffannoo kennee hojjachuurratti argama. Kanaafis dhaabboleen misoomaa gahee isaan irraa eegamu gahumsaan akka taphatan haala isaan irra jiran sakatta`uu, hanqinaalee isaanii addaan baasanii guutuu fi cimina isaanii daran akka guddifatan deeggaruun barbaachisaadhaa waan ta’eef ATTDhMMO mootummaa bakka bu’ee dhiyeenyatti akka deegaruu, hordofuu, dandeetii raawwachiisummaa isaanii cimsuu fi oggansa tarsima’an akka gahoomsuu ergamaa fi aangoo ifa ta’ee itti kenamee akka hundeefamu ta’ee jira.
      1. Aangoo fi itti gaafatamuummaa ATTDhMMO


  1. Karoora almawwan waliigalaa fi investimentii dhaabbolee misooma mootummaa mirkaneesuu:

  2. Karooraa fi raawwii hojii dhaabbolee misoomaa hordfuu, qorachuu fi gamaagamuu;

  3. Dhaabbileen misoomaa akka hundeeffaman qo’annoo pirojaktoota ni gaggeessa;

  4. Walitti qabaa fi miseensa boordii dhaabbilee misoomaa mootummaa qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuun akka ramadaman ni taasisa, raawwii hojiisaanii ni hordofa;

  5. Ramaddii odiitaroota alaa dhaabbilee misooma mootummaa ni mirkaneessa;

  6. Mootummaa waliin abbootii qabeenyaa hojii investimentii gaggeessuuf yaada piroojektootaa dhiheessan qoratee qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiheessa, yammuu mirkanaa’u hojii irra akka oolu ni hordofa, ni to’ata;

  7. Dandeettii dhaabbilee misooma mootummaa cimsuuf qo’anno ni gaggeessa qajeelfama waliigalaa ni kenna;

  8. Gabaasa herreega dhaabbilee misoomaa mootummaa odiitaroota alaatiin qorataman ni mirkaneessa;

  9. Herregni dhaabbilee misooma mootummaa galmee irraa haala itti haqamuu danda’u irratti qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata, raawwii isaas ni hordofa;

  10. Bu’aa qulqulluu dhaabbilee misoomaa mootummaa irraa dhibbeentaa mootummaadhaaf yeroo yerootti dhangala’uu qabu qoratee mana mare bulchiinsa naannichaatiif dhiheessuun akka murtaa’u ni taasisa;

  11. Kaapitaalli dhaabbilee misooma mootummaa akka dabalu yookiin akka hir’atu qoratee mana mare bulchiinsa naannichaatiif dhiheessuun akka murtaa’u ni taasisa;

  12. Dhaabbilee misooma mootummaa walitti makuun yookiin gargar baasuun yookiin diiguun barbaachisaa ta’ee yoo argame, gadifageenyaan qo’annoo gaggeessuun yaada murtii qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiheessa, yammuu hayyamamau hojii irra ni oolcha;

  13. Sirna onnachiiftuu bu’aa irratti xiyyeeffate hojii gaggeessitootaa fi miseensota maanajimantii dhaabbilee misooma mootummaatiif oolu ni qorata, qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiheessa, hojii irra oolma isaa ni hordofa;

  14. Yaa’ii waldaalee aksiyoona abba aksiyoonotaa irratti mootummaa bakka bu’ee ni hirmaata;

  15. Gaaffii hojjattootaa fi miseensoota maanajimantii dhaabbilee misooma mootummaa daangaa umurii sooramaa ol tajaajiluuf gaafatamu irratti bu’uura seeraatiin murtee dhumaa ni kenna;

  16. Dhaabbilee tajaajila bishaan magaalotaa fi baadiyyaa qaama dhimmi ilaalu waliin ni to’ata deeggarsa barbaachisaa ta’e ni kenna;

  17. Fandii misoomaa fi industirii dhaabbilee misooma mootummaa akka hundeeffamu ni taasisa, yamuu hayyamamu hojii irra ni oolcha


      1. Humna Namaa ATTDhMMO:


Akkaataa aangoo fi Ergama mana hojii ATTDhMMOtiif kenameen hojiin ijoo mana hojiichaa oggansa tarsiima’a kenuun dandeetii raawwachiisummaa dhabbolee misooma cimsuun dha. Haaluma kanaan hojiiwwan tarsiima’a ta’ee kana raawwachuuf caasaa gita hojii 62 qabuu hayyamsiisuun hojiitti kan galamee yoo ta’u, yeroo ammaa human namaa jiru hojataa 39 qofa dha.

Table Humna namaa mana hojii ATTDhMMNO



Lak

Adeemsa/kuta/

Humna namaa

Hayyamame

jiru

1

Waajjira Hojii Gageessa Ol’aanaa

9

7

2

I/A/ Hojii G/Ol’aanaa

2

2

3

Adeemsa HojiQorannoo,Karoora,H/Graawwii H/Dhaabbolee Misoomaa

8

5

4

Adeemsa Hojii Qo’anoo fi Ijaarsa Dandeetii Dhaabbolee misoomaa

8

4

5

Adeemsa Hojii Odiitii fi Faayinaansii Dhaabbolee Misooma

6

3

6

Adeemsa Hojii Dhimoota komunikeeshiini

4

2

7

Adeemsa hojii Qabeenya Bulchiinsa Humna namaa

10

8

8

Adeemsa Hojii Karoora, Bittaa fi Bulchiinsa faayinaansii

15

8

Ida’ama

62

39

Caasa Humna namaa Adeemsoolee Hojii Ijoo (3+4+5)

22

11

% Caasa Humna namaa Adeemsoolee Hojii Ijoo (3+4+5)

50

% Caasa humna namaan mana hojichaa guttamee

62.90


      1. Haala gurmaa’insaa fi teesoo waajjira


Hojatoonii mana hojii ATT hundinuu gamoo tokko keesa kan jiran ta’u illee, adeemsaalee hojii ijoo bakka saditii qoodamanii kutaa sadii keessatti hojachaa kan jiranii dha. Adeemsaalee ijoo mana hojiichaa hojii deegarsa, hordofii fi too’annoo raawwi karoora dhaabbolee misooma kan hojatan ta’u illee, haalii teesoo isaanii tajaajjila maaliilaaf, hordofii fi too’annoo qindomina qabu adeemsa ykn yeroo tokkoon gaggeesuuf mijataa miti.
      1. Tooftaa walqunnamtii


Adeemsaaleen ijoo mana hojii ATTDhMMO dhaabbolee misoomaa wajjin:

  • Qophii karoora tarsimaa fi waggaa irratti

  • Gabaasaan ji’aa fi kurmaanaa

  • Gamaagama gabaasa ji’aa fi kurmaanaan

  • Waltajii marii raawwii karooraa irratti

  • Gamaaggama hojii pirojektootaa fi karooraa iddilee irratti

  • Qorannoo pirojektootaa fi haala raawwii hojii irratti fi

  • Hojiiwwan deegarsa adda-addaa irratti wal qunamatii ni qabaatuu.

2.1.7. Ibsa Adeemsaalee Moofa


Manni hojii ATTDhMMO yeroo sirn Jijjirama Bu’ura Adeensa Hojii sadrkaa biyyaa fi naannootti hojii irra olee keessatti kan hundeefamee waan ta’eef caasan isaa diriiraa dha. Haaluma kanaan aangoo fi itti gaafatamuummaa mana hojii ATTf kenamee bahuuf adeemsaaleen kallatiin hojii ijoo hojatan adeemsaalee sadii yoo ta’an ibsii adeemsaalee kanneeniis armaan gaditii taa’ee jira.

A. Adeemsa Hojii To’annoo, Gamaggamaa fi Hordoffii Raawwii Karoora Dhaabbolee Misoomaa

Adeemsi kun hojiiwwan ijoo hoggansa tarsiima’a kennuu dandeessisan qophii karoora galmawwan waliigalaa, kan waggaa fi qabiyyee qophii karooraa kallattii agarsiisu qopheessuu, karoora Dhaabbolee misoomaa dhiyaate xiinxaluun akka mirkanaa’uuf haala mijeessuu akkasumas hordoffii raawwii karooraa akkaataa galmawwaan ijoo kaa’amaniin raawwatamuu isaa kan hordofuu fi deeggarsa kennu dha. Haata’u malee hojiin hojjataman hojii tarsiima’aa kan hin taanee fi sirna gahumsa (Efficiency) ogeessa ittiin maadaluu dandeessisuu kan hin jirree ta’uu irraa kan madde akka barbaadamuun karoorsuu, hordofuu, to’achuu fi deegaruun hin turre.

B. Adeemsa Hojii Qo’annoo fi Ijaarsa Dandeettii Dhaabbolee Misooma

Adeemsa Hojii Qo’anoo fi Ijaarsa Dandeetii dhaabbolee misoomaa humna raawwachiisummaa Dhaabbolee misoomaa cimsuu irratti Qawwaa jiru adda baasuuf qo’annoo fi qorannoo gaggeessuun kallattii kaa’uudha. Haat’a malee Adeemsicha abbummaadhaan qaamni qindeessee hojii kennee raawwii isaa madaalu kan hin jirree yemmuu ta’u, yeroo muraasaa as fooya’insi humna namaa irratti kan mul’ate ta’us, jalqabaa kaasee humna namaa gahaan kan hin ijaraamnee fi humni xiqqaan tures kaka’umsa guutuun hojjataa kan hin turre akka ta’e hubatameera.



C. Adeemsa Hojii Odiitii fi Faayinaansii Dhaabbolee Misoomaa

Adeemsi hojii Odiitii fi Faayinaansii dhaabbolee misoomaa humna Dhaabbolee misoomaa cimsuu fi gahoomsuudhaaf Qajeelfamoota faayinaansii qopheessuu fi hojii irra oolmaa isaa hordofuu keessatti gahee olaanaa qaba. Haa ta’u malee, hojiin ijoo adeemsa kanaa hojii to’annoo wajjin kan walqabatee fi sirna hojmaata raawwii hojii faayinaansii dhaabbolee misoomaa diriirsuu fi hojii irra oolmaa isaa hordofuu waan ta’eef, qaamoolee to’annaa, deegarsaa fi hordoffii gaggeessan wajjin qindoominaan hojjachuu irratti hanqinni waan jiruuf raawwiin hanga barbaadamu hin deemne.

Table Adeemsa Hojii Qorannoo, Gamaggama, Hordoffii fi Too’anno Raawwii Karooraa Dhaabbolee Misoomaa

Sabsii/Ciicata

Hojii ijooo

Bu’aa/Output

Milkaa’ina /Outcome

Faayidaa /Impact

Rakkoo adda baasuu

Qorannoo gaggeessuu

Dokumantii qorannoo rakkoo fi akkaataa hiikkoosaa adda baase qopheessuu

Gahumsa dhaabbolee misoomaa sadarkaa olaanaan irra gahee

 

 

Babal’ina misoomaa



  TOR qorannoo qopheessuu

   Ragaa qorannichaa walitti qabuu

Ragaa walitti qabame qaaccessuu

    Qabiyyee Galamwwan Waligalaa (Check List) Qopheesuun dhaabbileef ni ergama

Karoora qopheessuu

Karoora sadarkaa qulqulinaa isaa eeggatee qophaa’e

 

   Karoora Dhaabbolee misoomaa irraa dhiyaate xiinxaluu

 

 

 

Fayyadamummaan uumataa ni mirkana’ee

 

 



 

 


    Karoora dhiyaate mirkaneessuun duub deebbii kennuu

 

Deeggarsa, Hordoffii fi Gamaggama Raawwii Hojii Dhaabbolee Misoomaa



 

Sadarkaa raawwii karooraa dhaabbolee misoomaa beekuun duub deebbi kennuun hojii fuula duraa sirre’e



Gahumsa dhaabbolee misoomaa sadarkaa olaanaan irra gahee

 

 



 

   Gabaasa raawwii karooraa dhbboolee misoomaa (ji’a, kurmaan, waggaa)

    Dirree deemuun hojii dirreerratti qaamaan ilaaluu

  Waltajjii gamaggamaa uumuun rawwii karooraa yeroo yeroon gamaggama gaggeessuu

Table Adeemsa hojii Qo’annoo fi Ijaarsa Dandeettii Dhaabbolee Misooma

Sabsii/Ciicata

Hojii ijooo

Bu’aa/Output

Milkaa’ina /Outcome

Fedhii leenjii dhaabbolee misooma walitti qabuu

Ijaarsa dandeettii dhaabbolee misoomaa

Humna raawwachiisummaa dhaabbolee misoomaa cimsuu

 

 



 

 

 



 

 

 



 

Gahumsa dhaabbolee misoomaa sadarkaa olaanaan gahuu

 

 



 

 

 



 

 

 



 

 

 



Fedhii leenjii walitti qabame xiinxaluu

Dhaabbolee leenjii kennan adda baasuun waliigaltee mallatteessuu

Leenjii kennuu

Rakkoolee hojii riifoormii gaggeessuu dhabuun qunnaman irraatti oggansa dhaabbolee misoomaa waliin marii gaggeessuu

Hojii riifoormii gaggeessuu

Qaama riifformiiwwan adda addaa irraatti leenjii kennan adda baasu

Akkaataa leenjii itti kennamu irratti qaama leenjii kennuu fi oggansa dhaabbolee misoomaa waliin marii gaggeessuu

 Dhaabbolee misoomaa hunda keessattii koree JBAH dhaabuu leenjii kennuu

Hojii JBAH hojjechuu

Cheklisti hordoffi qopheessuun dhaabboleef kennuu

Hojiirraa oolmaa hojii JBAH hordofuu

 Gabaasa hojiirra oolmaa JBAH Dhaabbolee misoomaa irraa fudhachuu

Qaamaan bakka dhaabbolee misoomaatti argamuun hordoffii gaggeessuu



Yüklə 0,62 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   16




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin