Haala Godina Qellem Wallaggaa


Sakatta’iinsa Mana Hojiii



Yüklə 1,78 Mb.
səhifə3/36
tarix10.01.2022
ölçüsü1,78 Mb.
#101804
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   36
Sakatta’iinsa Mana Hojiii

  1. Aangoo fi Ga’ee Hojii WDMG G/Q/Wallaggaa

Akkaataa Heera Mootummaa Naannichaa fooyya’ee bahe, Labsii Lakk. 163/2003 irratti ibsameen aangoo fi hojii Biiroo Daldala fi Misooma Gabaa Oromiyaa akka armaan gaditti ibsameera.

  • Akkaataa labsii Lakk. 199/2009 Kewwata 27 mootummaan naanichaa aangoo fi gahee hojii qaamolee raawwachiiftuu irra deebiin fooyyessuuf baaseen Biiroon Daldalaa fi Misooma Gabaa Oromiyaa tiif aangoo fi gahee hojii armaan gadii tarreeffame keenameefi jira.

  • Naannichaa keessattii Daldalii seeraan akka gaggeefamuu galmee galmeesssa daldala ni hundeessa; ni bulchaa; heyyama daldala ni kenna; ni haaroomsa; galmeessa fi heeyyama daldalaa ni haqa; ni jijjiira; ni foyyeessa. Gara biraatinis, hojii daldalaa seeraan ala hojjataman irratti hubannoo ni kenna; to’annoo, gamaaggamaa fi hordoffii gaggeessun gara seeraatti akka dhufan ni godha; tarkaanfii bulchiinsa fi seeraa ni fudhata; ni fudhachiisa.

  • Sirna gabaa Saliixaa fi boloqqee fi kanneen biroo ni diriirsa; rakkoo walittii hidhamiinsaa gabaa intarpiraayizii maaykiroo fi xixiqqaa qaban ni qorataa, yaada furmaata ni dhiheessaa, carraa gabaa amansiisaa akka argatan deeggarsa ogummaa ni kenna.

  • Iddowwaan gabaa omishaa sadarkaa jalqabaa, sadarkaa lammaffaa fi sadarkaa sadaffaa naannichaa keessattii bakka barbaachiisuu hundattii ni hundeessa, sirna ittin bulmaata ni diriirsaa, qaama abbumaan bulchuttii ni dabarsa, raawwii isaa ni hordofaa.

  • Akkasumas, to’annoo qulqullina omishaa fi daddabarsa teekinolojii irratti ni hojataa. Dabalataanis, qaamoolee adda addaaf waa’ee gabaa ilaalchisee deeggarsa keennu fi haala mijjeessuu irratti ni hojjata.

  • Wirtuulee sassaabbii fi tamsaasa odeeffannoo gabaa ni hundeessa, sirna sassaabbii fi tamsaasa odeeffannoo gabaa hammaya’aa ni diriirsa, dandeettii itti fayyadama teekinolojii fi humna namaa ni cimsa, odeeffannoo gabaa yeroo fi qulqullinaan qaama dhimmii ilaalu irraa ni sassaaba, ni qindeessa ni tamsaasa.

  • Akkasumas, hojii misooma gabaa kan akka qorannoo gabaa gaggeessuu, misooma buu’ura gabaa babal’iisuu fi piromoshinii gabaa (egzibishinii, baazaarotaa fi agarsiisota) biyya keessaa irrattii ni hirmaata, akka qophaa’u ni godha, haala ni mijeessa, kan biyya alaattii qophaaú irratti ni hirmaata. Tajaajila Misooma Daldala (TMD) fi gorsa mala daldala ni kenna, qorannoo gaggeessudhaan bu’aa argame babal’insa daldalaaf ni olcha.

  • Dubartoonni fi dargaggoonni hojii misooma daldalaa fi gabaa irratti waldaan gurmaa’an ni jajjabeessa, gorsa fi deegarsa teeknika akka kennuu danda’u aangoodhaan akka kennameef hubatameera.


Yüklə 1,78 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   36




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin