|
Kenniinsa Qabxii Intarpiraayizii Hanga Raawwataa dhuunfaatti Itti Raawwatamu
|
səhifə | 18/67 | tarix | 10.01.2022 | ölçüsü | 487,08 Kb. | | #101050 |
| Kenniinsa Qabxii Intarpiraayizii Hanga Raawwataa dhuunfaatti Itti Raawwatamu Kenniinsa Qabxii Madaallii SMBKT
Sirna madaallii qindaa’aa bu’aa irratti hundaa’e keessaa tooftaan tokko ragaa SMBKT irraa argamudha. Madaallii kana keessatti wanti madaalamu bu’aa tarkaanfilee tarsiimoo’aa fi kaayyolee tarsiimoo’aa ta’a. Sababiin isaas, bu’aan madaallii tarkaanfilee tarsiimoo’aa yeroo tokko tokko bu’aa madaallii kaayyolee tarsiimoo’aa waliin kan wal hin simnee fi kan madaalamuu qabus dhimmoota galtee (inputs) irraa kaasee hanga milkaa’ina (impact) karoora tarsiimoo waan ta’eef, bu’aalee tarsiimoo’aa fi tarkaanfilee tarsiimoo’aa ulfaatin mataa isaanii kennuun madaaluun barbaachisaa ta’a. Haaluma kanaan bu’aa boodaa madaaluuf dura bu’aa duraa madaalamuu qaba. Kanaafuu bu’aalee kaayyolee tarsiimoo’aa madaaluun dura raawwii tarkaanfilee tarsiimoo’aa hoogganuu fi madaaluun barbaachisaadha.
Haaluma kanaan ulaagaa fi kenniinsa qabxii SMBKT raawwatamu gabatee armaan gadiitti ibsamee jira.
-
Unkaa Kenniinsa Qabxii Madaallii SMBKT Intarpiraayizii, Dameelee, Qonnaalee, Adeemsaalee fi Gareewwanii 70%
Dostları ilə paylaş: |
|
|