Haala Waliigala Biiroo Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Oromiyaa



Yüklə 15.74 Kb.
tarix29.10.2017
ölçüsü15.74 Kb.

Haalaa Waliigala Biiroo Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Oromiyaa
  1. Haala Waliigala Biiroo Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Oromiyaa


Biiroon Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Oromiyaa Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalatti hunda’aan keessaa isaa tokko. Biiroon kun bara 1985 Biiroo Eegumsa Naannoo fi Qabeenya ummamaa Oromiyaa jedhamee kan hundeefame yoo ta’u , isa booda Jijjirama caasaa mootumaan taasiseen jalqaba bara 1988 irraa eegalee caasefama isaa jijjiiruun Biiroo Qabeenya Bishaan, Albuuda fi inarjii Oromyaa jedhamee hundeefamuun hojechaa turuun isaa ni beekama. Hata’u malee dhuma bara 1994 irra debi’amee ilaalamuun Adoolessa 1 bara 1994 irraa eegalee bakka lamatti qoodamuun of danda’anii Ejensii Albuudaa fi Inarjii Oromyaa fi Biiroo Qabeenya Bishaan Oromyaa ta’anii hunda’anii hojachaa turan. Haala caasefama kanaan erga hojiisaanii raawwachaa turanii booda hojiin qaamolee lamaan kanaan hojjetamaa ture kan waldeggeru fi kan waliitti dhufu waan ta’eef qaamoolee kun labsii Qaamni raawwachiiftuu Bulchiisni Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooyyessuuf bahe Lakk. 162/2003 gurmaa’insa haraawaan walitti dhufanii Biiroo Biishaan, Albuudaa fi Inarjii oromiyaa ta’anii hundeefamuun hojii isaa raawwachaa jira.
  1. Raawwii hojii waggoota shanan darbanii (1998-2002)




  1. Gama Biiroo Qabeenya Bishaan tiin

Waggoota shanan darban keessatti Biiroon Qabeenya Bishaan Oromiyaa Tajaajila Bishaan Dhugaatii Magaalaa fi Baadiyyaa keessatti babal’isuun, akkasumaas hojiilee jallisii fi qoorsaa lafaa heedduu hojechuun rakkoo gama kanaan ture furuuf hojiilee hedduu hojjetaa ture.

Bishaan lubbuudha kan jechisiisu lubbu qabeeyyiin dachee kana irraati uumaman hundi kan jiraataanii fi kan misooman bishaan yoo jiraate qofa waan ta’eef. Bishaan dhugaatii qofa otoo hintaanee qulqulina dhuunfaa fi naannoof , Akkasumas hojii misoomaa gaggeeffamaniif kan ooludha. Misoomni kamiiyyuu kan gaggeeffamu bishaaniin alatti akka hintaane kan hundi irratti waliigaludha.

Qabeenyi kun kan argamu lafa irrattii fi lafa jalatti akka ta’e kan beekamudha. Oromiyaan qabeenyaa bishaan lafa irraa meetir kuubii biiliyyona 58 fi kan lafa jalaa meetir kuubii biliyoonaan 23.5tti shalagamu waggaatti kan dhangala’u akka qabdu ni tilmaamama. Qabeenyaa bishaani kana eeguu fi kunuunsuudhaan haalaa itti fufiinsa qabuun faayidaa uummataa fi misooma dinagdeef oolchuun ni barbaachisa.

Imaammatni misooma qabeenya bishaan biyya keenyaa itti-fayyadama, al loogummaa fi bu’aa qabeessummaa qabeenya bishaanii biyyattii keessatti cimsuudhaan fayadamni ittifufiinsa qabu fi misoomni dinagdee fi hawwaasummaan amansiisaa ta’ee akka jiraatu gochuudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara 1988 irraa eegalee karoora missomaa waggaa shanii marsaa sadiin qophesse hojii irra oolche keessaatti haala qabeenyi kun misooma dinagdee fi hawwaasummaaf bu’uura ta’ee hiyyummaa fi gadadummaa dhabamsiisuu danda’u irratti xiyyeeffatee adeemaa jira. Sochiiwwan misooma qabeenya bishaanii gaggeeffaman kunis qorannoo fi dizaayinii, ijaarrsa, babl’insa, suphaa fi haaromsa buuffattooota dhiyeessa bishaan dhugaatii baadiyyaa fi magaalotaa, akkasumas qorannoo fi ijaarsa misooma jallisii fi qorsa lafaa kan off keessatti qabatedha.

Ijaarsa dhiyyeesa bishaan dhugaatii gaggeeffameen yoo madaalamu uummatni naannoo oromiyaa carraa bishaan dhugaatii qulqulluu argate bara 1987tti % 23 (%25 baadiyyaa, %76 magaala) kan ture dhuma bara 1992tti % 30.1, dhuma bara karoora waggaa shanii kan marsaa lammaffaa (1997)tti %42, dhuma bara karoora waggaa shanii kan marsaa sadaffaa ( 2002) tti ammo %48.3 irra gahee jira.

Bara karooraa waggootaa shanii marsaa sadaffaa (1998-2002)tti qorannoo fi dizaayiiniin dhiyeessa bishaan dhugaatii 2676 (2620 baadiyyaa, 27 magaala) gaggeeffameera. Ijaarsa ilaalchisees buuffatootni bishaan dhugaatii 13269 (13242 baadiyyaa, 27 magaala) kan raawwate yoo ta’u, fooyyessuu fi babal’isuu buuffatoota bishaan dhugaatii magaalota 42, suphaa fi haaromsi buuffattoota bishaanii 2099 (1978 Baadiyyaa, 121 magaala) gaggeeffameera. Haaluma kanaan uwwisni dhiyeessa bishaanii naannnichaa bara 1997tti % 42 ture hanga bara 2002tti ijaaraman 24705 ykn %20tti tilmaamaman off keessatti qabateeti waan ta’ef buufattootni tajaajila hinkennine kun yoo keessa bahe uummatni naannichaa carraa bishaan dhugaatii qulqulluu argateera jedhamu %48.3 kan hincaalle akka ta’e agarsiisa.

Gama misooma jallisiitiin Naannoo Oromiyaa lageewwan hedduu fi lafa hojii misooma jallisiif mijaa’aa ta’an akka qabdu kan beekamu dha. Akka qorannoo Oromiya ”Economic Study Office” bara 1999tti gaggeesse ibsutti Oromiyaan lafa bishaan lafaa irraatiin misoomuu dandaa’u heektaara 1,700,000 tti tilmaamamu akka qabdu ni mirkaneessa. Akka raga CSA(centeral stastical Authority) jedhutti jallisii gosa hundaa dabalatee hanga bara 2002tti lafti misoome hektaara 120,900 akka hincaalledha. Hojii misooma jallisii naannichaa babal’isuu fi callaaa fi callummaa omisha qonnaa guddisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara karoora waggota shanii (1998 – 2002) keessaatti jallisiiwwan gurguddaa kan akka jallisii Fantaallee, Tibiilaa fi kan biroo ijaaruun hojii cimaa hojjeteera. Haat’u malee haala mijaa’aa hojii misooma jallisiif ta’u naannichi qabu fi hanga ammatti lafa misoomeen waliin yoo madaalamu lafti misoome baayisee gadi aanaa akka ta’e ragan CSA ni mirkaneessa. Haaluma kanaan uwwisni misooms jallisi dhuma bara 2002 itti % 7.1 gaheera.



  1. Gama Ejensii Misooma Qabeenya Albuudaa fi Inarjii

Gama Ejensii Misooma Qabeenya Albuudaa fi Inarjii Oromiyaa tiin qabeenya Albuudaa fi Inarjii naannicha keessa jiru addaan baasuu irraa eegalle hanga misoomsuutti hojiin hojjetama turera.

Haaluma kanaan waggoota shanan darban (1998-2002) keessatti: hayyama hojiiwwan Albuudaa gosaa fi sadarkaa adda addaa 2,817 kennuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga dhumaa bara 2002tti hayyamni 3,076 (%109) raawwatameera. Raawwiin kunis karooraa ol kan ta’eef qaamootni misooma qabeenya albuudaa irratti bobba’an yeroodhaa gara yerootti dabalaa waan dhufeef. Hayyamootni 3,932 ta’an haaroomfamuuf karoorfamanii, hanga dhuma bara 2002tti hayyamni hojiiwwan albuudaa 2,495 (% 63) raawwatameera. Raawwiin kunis karoora isaatti gadi kan ta’eef abbootiin qabeenyaa hayyama isaanii yeroodhaan waan hin haaromsinee fi hayamni tokko tokko ammoo kan haqaman waan ta’eefi Kaartaa lafa hayyama hojiiwwan albuudaa gaafatame 3,401 kaasuu fi qopheessuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga dhumaa bara 2002tti kaartaa lafa hayyama hojiiwwan albuudaatiif gaafatame 3,947 kaafameera kunis, karoora keessaa (%129) raawwatameera. Raawwiin kunis karooraa ol kan ta’eef gaaffiin hayyama hojiiwwan albuudaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa waan deemeef bakka hojii hayyama albuudaa 480 to’achuuf karoorfamee, hanga dhuma bara 2002 bakkeewwan hayyamaa 2,295 kan to’ataman yoo ta’u, kunis karoora ol guddaa raawwatameera. Raawwiin kunis karooraa ol kan ta’eef, hayyamni hojiiwwan albuudaa kennaman waan dabaleef akkasumas, hojii seeraan ala dhabamsiisuuf to’annoon deddeebidhaan waan raawwatameefi .

Galii hojii albuudaa irraa argamuu Qr. 49,000,000 kan karoorfame yoo ta’u, hanga dhuma bara 2002tti Qr.61,620,430 (%125) sassaabamee jira. Raawwiin kun karooraa ol kan ta’eef misoomni albuudaa daran dabalaa waan dhufeefi. Muka qorannii (Calorific value’n) isaa olaanaa ta’e qorachuu fi akka babal’atu gachuudhan bosona muka qoraanitiin manca’u salphisuuf waggoottan darban keessatti gosa mukaa 20 irratti qorannoo gaggeessuuf karoorfamee hanga dhuma bara 2002tti gosa mukaa 20 (%100)irratti qorannoon gaggeeffameera .

Bara 2000-2002tti geemmoo Inarjii qusatan mil. l ummata biraan gahuuf karoorfamee 979,000 (%95) kan raabsame yemmuu ta’u, bal’inaan raabsuuf hubannoon itti fayyadamtoota bira jiru daran dabaluu akka qabu hubatameera.Waggootan sadan darban (2000-2002)tti mana omisha geemmoo 315 ijaaruuf karoorfamee mana 189 (%60) kan raawwate yemuu ta’u, raawwin hanqina baajataan gadi bu’uu danda’eera. Bara karooraa darban keessa wiirtuu leenjii 75 ijaaruuf karoorfamee 147(%196) ijaarameera. Daajastarii baayoogaazii 150 ijaruuf karoorffamee, baayoo gaazii 140 (%94) kan raawwate yemmuu ta’u, hojiin kunis qindoomina aanalee fi godinaatiin akkasumas deeggarsa baajata miti mootummaa (SNV) jedhamuun kan raawwateedha. Dhaabbilee hawaasaa (mana barnootaa, paampii bishaani fi kilinikoota) 560 irratti soolarii dhaabuuf karoorfamee dhaabbilee hawaasaa 314 (%56) irratti raawateera.

Waldaa elektrifikeeshinii baadiyaaf ijaarsa (Solar Home System) SHS gaggeeffameen abbootiin warraa 11,816 ta’an itti fayyadamoo ta’aniiru. Qorannoo fedhii humna elektrikaa dhaabbilee hawaasaa 314 fi waldaalee elektrifikeeshinii saayitoota 418 irratti gaggeeffameera.

Hata’uu malee bu’aan hanga ammaatti argame gara bu’aa caalmaa qabutti ceesisuuf Biiroon Bishaan,Albuuda fi Inarjii Oromiyaa bifa tarsiimo’aa ta’een raawwii tarsiimoo ogganuu fi madaaluu waan qabaniif akka waliigalaatti sirna madaallii raawwii hojii bu’aa irratti xiyyeeffate bifa tarsiimo’aa taéen kan walitti hidhu(strategic alignment) qopheessuun hojii irra oolchuun murtteessaa ta’a.



Sirni madaallii bu’aa irratti xiyyeeffate Biiroon Bishaan,Albuuda fi Inarjii Oromiyaatiin qophaa’e kun rakkoo sirna oggansa raawwii tarsiimoo kanaan dura ture bu'uura irraa furuu haala dandeessisuun kallaattii madaallii afuriin (lammii, faayinaansii, adeemsa hojii keessaa fi ijaarsa dandeettii) irratti xiyyeeffatee waan qophaa’eef, Waggoota Tarsiimo’aa shanan dhufan keessatti Karoora Guddinaa fi Tiraansiformeshinii Naannichaa galmaan ga’uu keessatti shoora olaanaa kan taphatu fi bu’aa Biiricha keessatti galmaa’u madaaluun ni dandeessisa.
Dookumantiin Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo’aa (SMBKT/Balanced Scorecard) Biiroon Bishaan,Albuuda fi Inarjii Oromiyaaf qophaahe kun kutaa gurguddaa lama of-keessaa qaba. Kutaan tokkoffaa, Ijaarsa Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo’aa/Balanced Scorecard Building Phase) yoo ta’u, kutaan lammaffaa ammoo, Hojii Irra Oolmaa Sirna Madaallii Bu’aa tarsiimoo’aa /Balanced Scorecard Implementation Phase) jedhamee beekkama.

Kutaan tokkoffaa, sadarkaalee jaha: sakatta’iinsa mana hojii (environmental scan), toora xiyyeeffannoo tarsiimo’aa (strategic themes), kaayyolee tarsiimo’aa (strategic objectives), maappii tarsiimo’aa (strategic maps), safartuulee raawwii tarsiimo’aa (strategic performance measures), fi tarkaanfilee tarsiimo’aa (strategic initiatives) kan agarsiisu yoo ta’u; kutaan lammaffaa: sirna qabiinsa ragaa raawwii (automation), kaayyolee, safartuulee, mannii fi tarkaanfilee tarsiimo’aa sadarkaa sadarkaan gadi buusuu (cascading) kan agarsiisu ta’ee qophaa’eera.


Dostları ilə paylaş:


Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2019
rəhbərliyinə müraciət

    Ana səhifə