Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə12/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   ...   8   9   10   11   12   13   14   15   ...   23

18.21. Caalbaasii Ala Taasiisuu


1. Dorgomaan kamiyyuu badiiwwan armaan gadii keessaa tokko yoo raawwate qaamni bittaa raawwatu bu’uura labsii bittaa keewwata 18(5) dhaan aangoo kennameefiin caalbaasiin ala gochuu ni danda'a.

  1. Meeshaa ykn tajaajila biyyaa Itoophiyaa waliin daldaluuf qoqqobiin irratti gatame irraa kan dhufe yoo ta’e.

  2. Gochoonni Labsii Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa fi Qajeelfama kana caabsu raawwatamuun isaa kan mirkanaa’e yoo ta’e,

  3. Caalbaasiiwwan kanaan dura bahan irratti dirqama seene osoo hin kabaajiin hafuu isaatiin caalbaasii mootummaa irratti akka hin hirmaanne Biiroodhaan kan dhoowwame yoo ta’e,

  4. Kabachiisa caalbaasii ykn kabachiisa waliigalitee gaaffatame kan hin qabsiifne yoo ta'e;

  5. Caalbaasii mo’achuudhaaf hojjataa ykn abbaa taayitaa kamiifiiyyuu mooksaa kennuun isaa ykn yaada mooksaa kennuun isaa yoo mirkanaa'e,

  6. Dorgomaan sanada caalbaasichaa irratti hojii malaamaltummaa raawwachuun isaa yoo mirkanaa'e.

  7. Dorgomtootni sanada ykn ragaa kijibaa yoo dhiyeessan,

2.Armaan olitti keewwata 1 irratti kan tumame akka eegametti ta’ee, qaamni bittaa raawwatu sanada Caalbaasii irratti ulaagaalee dorgommii ala taasiisan ifaatti kaa’uu qaba.

18.22 Marii Dorgomtoota Waliin Taasifamu


        1. Adeemsa bittaatiin haala kaminiyyuu mariin kan taasifamu yoo dhimmii addaa qunname qofa ta’a. Mariin mana hojii mootummaa fi dhiyeesitoota gidduutti taassifamu dhimmoota lamaan armaan gadii irratti ta’a.

          1. Dhimmota xixiqqaa irratti mari’achuuf ykn

          2. Caalbaasii sadarkaa lamaa yeroo ta’u gosa bittaa caalbaasiichi hammatu irratti mariin ni taasifama.

        2. Kan armaan olitti keewwata kana keewwata xiqqaa 1 yoo ta’e malee mannii hojii caalbaasii baasee caalbaasiin erga banameen booda yaada dorgommi akka jijjiranii fi gatii dabalatee dhimmoota murtessaa akka foyyeessan dorgomtota waliin marii’achus ta’e hayyamuun dhorkaadha.


18.23 Caalbaasii Raggaasissuu


  1. Hojjettooni bittaa raawwatan ykn qaamni xinxaala bittaa gaggeessu kamiyyuu yeroon gatiin itti ragga’e turuu osoo hin darbiin caalbaasii xinxaalee yaada murtoo waliin qaama raggaasisuuf aangoon kennameefiif dhiyeessuu qaba.

  2. Qaamni qajeelfama kanaan caalbaasii akka raggaasisuu aangoon kennameef bittichii akkaataa seeraatiin raawwatamuu isaa, xinxaalli akkaataa ulaagaa sanada caalbaasiin ibsamee gaggeefamu isaa fi faayidaa mootummaa kan eggsisuu ta’uu isaa sakkata’e murtoo raggaasisuu ni dabarsa. Murtoon darbuu;

    1. Gabaasa gamaaggamaa dhiyaate guutumaan guutuutti fudhachuun hojiin itti anuu akka raawwatamu hayyamuu.

    2. Gabaasicha fudhachuu dhiisuudhaan gamaaggamichi irra deebi'ee akka hojjetamu gochuu.

  3. Qaamni bitticha raggaasisu barbaachisaadha jedhee yoo itti amane gabaasa gamaaggamaaf dhiyaate irratti gareen gamaagamicha raawwate ibsa akka kennuuf gochuu ni danda'a.

  4. Qaamni bittaa raggaassisu yaada murtee gamaaggamaa dhiyaate kan hin fudhane yoo ta'e sababa isaa ibsuudhaan garee duraan gamaaggamicha raawwateef akka deebi'u kan godhu yoo ta'u gareen gamaaggamichaas kallattii qaama raggaasistuu irraa kennameen gamaaggamicha irra deebiidhaan raawwatee gabaasa sirreeffame dhiyeessuu qaba.

  5. Gareen gamaaggamichaa ykn miseensi garee gamaaggama caalbaasii kamiyyuu kallattii qaama raggaasistuu irraa kennameen ykn bu'aa gamaaggamichaa irratti kan walii hin galle yoo ta'e yaada gabaasa gamaaggamichaa irratti walii hin galle ibsamee bu'uura murtee qaamni bittaa raggaassise kenneen bittaan akka raawwatu ta'a.

­­­­­­

18.24. Mo’ataa Caalbaasii Beeksisuu

  1. Manni hojii bittaa gaggeesse yeroo walfakkaatutti dorgomtoota caalbaasii keessatti hirmaatan hundaaf firii caalbaasii barreefamaan ibsuu qaba. Barreefamni dorgomtoota mo’amaniif ibsamu sababii mo’amaniif kan ibsuu fi mo’ataan enyuu akka ta’e kan agarsisuu ta’uu qaba.

  2. Xalayaan dorgomaa caalbaasicha mo’ateef mana hojii mootummaatiin ergamu akka waligaltee ta’ee tajaajilu hin danda’u. Mana hojii mootummaa fi dorgomaa gidduutti waliigalteen akka raawwatetti kan lakka’amu waliigalteen facaatii dhimmootaa hammate ittigaafatamaa mana hojichaa fi dorgomaadhaan yoo mallattaa’e qofa.

  3. Xalayaan beeksisaa dorgomaan waligaltee akka mallatessuu barreefamu kan armaan gadii qabachuu qaba.

    1. Mannii hojii mootummaa sanada yaada dorgommii dorgomaan dhiyeesse kan fudhate ta’u isaa,

    2. Gatii waligalaa waligalteen itti mallataa’u

    3. Hamma kabachiisa waligaltee dhiyeessaan qabsisuu qabu fi yeroo kabachiisni itti ragga’e turu.

    4. Guyyaa dhumaa waligalteen mallataa’u.

  4. Mo’ataan caalbaasii waliigaltee mallatessuuf yoo dide moo’ata lammaffaa irraa bittaa gaggeessuun faayidaa argamsiisuu madaaluun mo’ataa taassisanii filachuun ni danda’ama.

  5. Mannii hojii mootummaa mo’ataan caalbaasii akkuma kabachiisa waliigaltee qabsisee waliigaltee mallatesseen kabachiisa caalbaasii dorgomtoota mo’amanii deebiisuu qaba.



18.25. Kabachiisa Waligalitee


Bittaa dhiyeessa gatii fi tajaajila kiraa irraa kan hafe waliigaltee biroo kamifiyyuu manni hojii mootummaa kabachiisa waliigatee fuudhuu qaba.

  1. Dorgomaan Caalbaasii mo’ate mo'achuun isaa guyyaa ibsameef irraa kaasee guyyoota 15 keessatti waliigaltee bittaa mallatteessuun gatii bittaa irraa %10 kabachiisa waliigalitee qaama bittaa raawwatuutti qabsiisuu qaba.

  2. Kabachiisni waliigaltee dhiyeessan bu’uura waliigalteetiin dirqaama isaa bahu yoo baate kabachiisni waligaltee guutummaan gutuutti ni dhaalama. Qaamni bittaa raawwatu caalbaasii biraa ni baasa ykn dorgomaa lammaffaa bahe filachuun waliigaltee ni raawwata. Miidhaan gahe kabachiisa waliigaltee ol yoo ta'e, qaamni bittaa raawwatu garaaggarummaa dhiyeessicha irraa gaafachuu ni danda'a.

  3. Mo’ataan caalbaasii mo'achuun isaa guyyaa ibsameef ykn haala raawwii bittichaa irratti ol-iyyannoon kan itti dhiyaate yoo ta'e ykn ol-iyyannicha irratti guyyaa murteen itti kenname irraa kaasee guyyoota 5 keessatti kabachiisa waliigaltee kan hin qabsiifne yoo ta'e qaamni bitticha raawwatu kabachiisa caalbaasii dhaaluu ni danda'a.

  4. Dorgomaan caalbaasii mo’atee, walii galtee mallatteessuuf fedhii yoo dhabe, qaamni bittaa raawwatu duraan dursee faayidaa argamu gamaaggamuudhaan dorgommii irratti dorgomaa lammaffaa bahe mo’ataa gochuu ykn caalbaasii baasuu ni danda'a. Haala kanaan, dorgomaan lammaffaa yoo mo’ate faayidaan argamu ifatti ibsamuu qaba.

  5. Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti kan ibsame jiraatus:-

  1. Waliigaltee hojii ijaarsaa ykn bittaa qorichaa ykn meeshaalee wal’aansaa dhaabbata biyya keessaa waliin taasifamuuf kubbanniiyaa Inishuraansii beekamaa irraa kabachiisa waliigalteef inshuraansiin haala irratti kan hundaa'e dhiyaatu fudhatama qaba.

  2. Dhiyeessitootni hojii tajaajila gorsaa kennuu irratti bobba’an kabachiisa waligaltee gaafachuun barbaachisaa ta’u baatuus, tajaajilli gorsaa kennan mana hojii irratti midhaa akka hin geesisne wabummaa Inishuraansii beenyaa ogummaa galan akka kabachiisatti tajaajilu ni danda’a.

  3. Dhaabbiileen Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa bakka kabachiisa waligaltee xalayaa wabii qaama isaan gurmeesse irraa dhiyeffachuu qabu.

  4. Bittaa tajaajilaa Inshuraansii raawwachuuf caalbaasii bahe irratti dhaabbileen tajaajilaa wabummaa Inshuraansii kennuudhaaf mo’ataa ta'an, qaama bittaa raawwatuuf wabummaa kabachiisa caalbaasichif maallaqa of eeggannoodhaa baankii biyyooleessaa Itoophiyaa keessa kaawwatan wabummaa baankii yoo dhiyeeffatan fudhatama qaba. Haa ta'u malee, wabummaan kun fudhatama kan argatu maallaqaa ofeeggannoo gahaa ta'e kan qaban ta'uu isaa baankicha irraa ragaa mirkaneessu yoo dhiyeeffatan qofa ta'a.

  1. Qaamota waliigaltee mallatteessan lamaaniin haala addaattiin yoo murtaa’e malee kabachiisni waliigaltee akka waliigalteen yeroo fi haala waliigalameen yoo xummurame qaama qabsiseef ni deebi’a.




Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   8   9   10   11   12   13   14   15   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin