Bittaa Dhiyeessa Gatiitiin Raawwatamu
səhifə 17/23 tarix 06.09.2018 ölçüsü 0,57 Mb. #78731
27. Bittaa Dhiyeessa Gatiitiin Raawwatamu
Tumaatiileen Labsii keewwata 45 irratti tumaman akkuma eegamanitti ta’ee manneen hojii bittaa raawwatan dursanii karoorsuudhaan hanga danda’ametti bittaa caalbaasii ifaatiin raawwachuu qabu. Ta’us bittaa karoorfamuu hin dandenyee fi atattamaan hojii irra ooluu qaban ykn bittaa bakka tokkootti rawwatamuu hin dandenyee fi gatiin isaanii armaan gaditti keewwata xiqqaa 2 irratti daangaa kaa’ame kan hin caalle jedhamanii tilmaamaman mala bittaa ittiin dhiyeessa gatiitiin raawwatamuu ni dand’u.
Bittaa dhiyeessa gatiitiin raawwataman koree ragaasiftuu caalbaasiitti dhiyeessuun osoo hin barbaachisiin ittigaafatamaa ol’aanaa mana hojichaa tiin ykn bakka bu’iinsa inni kenne irratti hundaahuudhaan akka ragga’u godhamee bittaa raawwachuun ni danda’ama.
Gosa Bittaa
Daangaa Maallaqaa(Qarshiidhaan)
Sadarkaa Naannootti
Godinaa fi Bulchiinsa Magaalaa
Aanaa
a. Bittaa dame ijaarsaatiif hanga qarshii
250,000.00
150,000.00
100,000.00
b. Bittaa meeshaatiif
100,000.00
60,000.00
40,000.00
c. Bittaa Tajaajila gorsaatiif
60,000.00
30,000.00
20,000.00
d. Bittaa tajaajila birootiif
75,000.00
50,000.00
35,000.00
Manneen hojii mootummaa dhiyeessa gatii tiin bittaa yeroo raawwatan dhiyeessitoonni
dorgommicharratti hirmaatan tarreeffama dhiyeessitootaa keessaa kan filataman ta’ee hanga danda’ametti lakkoofsi isaanii sadii gadi ta’uu hin qabu. Dorgommicha haqa qabeessa gochuuf raawwiin isaa hojimaata armaan gadii hordofuu qaba.
Dhiyeessitoonni galmaa’an hundi marsaadhaan caarraa dorgommii akka argatan dhiyeessaa tokko ykn dhiyeessitoota murtaa’an qofa deddeebisanii affeeruun hin barbaachisu.
Manni hojichaa bittaa dhiyeessa gatii tiin deddeebisee raawwatuuf qorannoo gabaa adeemsa bittaatiin raawwatutti fayyadamuudhaan gatiin gadi aanaadha jedhamee filatamu gatii gabaa dhugaata’uu isaa mirkaneeffachuu qaba.
Gatiin dorgommii dorgomaa kaadhimamaan tokko akka dhiyeessu hayyamamuuf gatii tokko qofa yoo ta’u gatii dhiyeesse jijjiiruun hin hayyamamuuf. Gatii ittiin dorgommii dorgomaa kaadhimamaan kenne irratti mana hojii mootummaa fi dorgomaa kaadhimamaa gidduutti mariin kamiyyuu godhamuu hin danda’u.
Dhiyeesota sadarkaa qulqullinaa wal fakkaatan qabanii fi sadarkaa qulqulinaa manni hojichaa barbaadu guutan dorgomsiisuudhaan dorgomaa gatii gadi-aanaa dhiyeesse mo’ataa godhanii filachuun barbaachisaadha.
Manneen hojii mootummaa ittiin dhiyeessa gatii erga sassaabee booda bittaa raawwatu kamiyyuu, hanga danda’ametti sanada caalbaasii idilee Biiroon qopheessetti fayyadamuu qabu.
Mala bittaa dhiyeessa gatii tiin bittaawwan raawwataman gatii ittiin dorgommii dhiyeessaan kenne /Proofoormaa/ fi xalayaan ajaja bittaa manni hojichaa kenne akka waliigalteetti waan lakkaahamuuf waliigaltee dabalataa rawwachuun hin barbaachisu.
Manneen hojii mootummaa keewwata kana fayyadamuuf jedhanii bittaawwan bakka tokkotti raawwatamuu qaban qoqqoodanii bituu hin qabani.
Bittaan dhiyeessa gatiitiin raawwatamu dorgomiin gatii tasifamuu takksii ykn gibiraa kan dabalate ta’u qaba.
28. Bittaa Dhiyeessaa tokko irraa raawwatamuu
Bittaa dhiyeessaa tokko irraa raawwachuuf murteen kennamu kanneen armaan gadii kan bu’uureffate ta’uu qaba.
Manneen hojii mootummaa mala bittaa dhiyeessaa tokko irraa raawwachuu kan danda’an haalawwan labsii bittaa keewwata 41 keessatti ibsame yoo guuttaman ta’a.
Meeshaalee gosaa fi gatiidhaan tokko ta’an, tajaajilawwan, hojii damee ijaarsaa fi tajaajila biroo dhiyeessaa duraan dhiyeesse irraa raawwachuun faayidaa qabessa ta’uun isaa yoo itti amaname hayyama dhiyeessichaa irratti hundaa’ee hojimaata armaan gadii hordofee bittaa dabalataa raawwachuun ni danda’ama.
Bittaa hojii damee ijarsaa ykn tajaajila gorsaa dabalataan bitamu hamma bittaa duraan raawwatame %25 caaluu hin qabu.
Bittaa meeshaalee, hamma bittaa duraan raawwatame %50 caaluu hin qabu.
Keewwata xiqqaa ’a fi b’ kana bu’uureffachudhaan bittaa dabalataa ajajuudhaaf bittaan duraan raawwatame yeroo sana keessatti ykn erga waliigalteen xumuramee booda ji’oota 6 keessatti ajajni bittaa darbuu qaba.
Haala kanaan bittaan raawwatamu waliigaltee duraa keessatti gatii tokko ykn baaqqee bittaan itti raawwatame olitti foya’insa gatii taasisuun hin danda’amu.
Armaan olitti qubee (d) irratti kan kaa’ame jiraatus waliigalteen duraa sirreeffama gatii kan heeyyamu yoo ta’e fi keessa galoota sirreeffamni gatii itti hayyamamu waliigaltee dabalataa keessatti kan argaman yoo ta’e gatii waliigaltee duraa keessatti sirreeffama gatii ta’een hojmaata sirreeffama gatii bu’uureffatee sirreeffama gatii taasisudhaan bittaan raawwatamu ni danda’a.
Manneen hojii mootummaa akkaataa labsii keewwata 41 tumameeni fi haalawwan armaan gadii guutamuu isaanii mirkaneessudhaan hojjiwwan dame ijaarsa waliigaltee duraa keessatti hin hammatamanee dabalataan hojjechiisuu ni danda’u.
Manneen hojii mootummaa hojiiwwan dame ijaarsa dabalataan hojjachisuu waliigaltee duraa keessatti hammatamu kan irra jiruu fi hojiiwwaan kana addaan baasanii hojjachisuun raawwiidhaaf rakkisaa yoo ta’e ykn faayidaa dinagdummaa mana hojichaa kan miidhu ta’uun isaa yoo mirkanaa’e dhiyyeessaa tokko irraa bittaa raawwachuu ni danda’a.
Haala keewwata kana keewwata xiqqaa 3’a’tiin hojii ijaarsaa dabalataan ajajamu hammi maallaqaa isaa gatii hundaa waliigaltee duraa irraa %30 (harka dhibba keessaa sodomma) caaluu hin qabu.
Hojii damee ijaarsaa dabalataan ajajaman gatiin tokkoo isaa waliigaltee duraa keessatti kan argamu yoo ta’e hojichi dabalataa gatii baaqqee ykn tokkoo waliigaltee duraa bu’ura godhachudhan kan raawwatamu yoo ta’u gatiin tokkoo waliigaltee duraa keessatti kan hin argamne yoo ta’e gatiin mariidhaan irratti waliigalmeen ta’ee manni hojichaa gatii gabaa ta’uu isaa mirkanessuu qaba.
4. Manni hojii mootummaa meeshaa itti fayyadamuuf meeshaan jijjirraa barbaachisu kan argamu dhiyeessaa duraan meeshicha dhiyeesse qofa irra ta’uun isaa yoo mirkanaa’u dhiyeessaa tokko irraa bittaa raawwachuun ni danda’ama. Ta’us raawwii keewwata xiqqaa kanaaf dursa haalawwan armaan gadii guutamuun isaanii yoo mirkanaa’e dha.
Manni hojiichaa qorannoo gabaa gahaa ta’ee fi filannoo fooyya’aa biroo kan hin jiree ta’uun isaa mirkaneessuu qaba.
Manni hojii mootummaa meeshaa itti fayyadamu baayyina meeshaa jijjiirraa irra daddebidhaan bitamuu fi hamma maallaqaa irratti hundaa’ee gara fuula duraatti filannoo biraa barbaaduun kan barbaachisu ta’uu fi ta’uu dhiisuu isaa murteessu qaba.
Bittaan dhiyeessaa biroo irraa akka raawwatamuu yoo taasifame meeshichii bitamu ykn tajaajilichi meeshaa manni hojichaa itti fayyadamu ykn tajaajila waliin walsimee kan hin deemne ta’uu isaa ogeessan yoo mirkanaa’e.
Bittaan funaansaan ykn qinxaaboon gabaa idilee hin taane irraa raawwatamu tajaajila qorannoo fi qo’annoof kan barbaadamu fi dhiyeessitoota idilee irraa kan hin argamne ykn funaansaan osoo bitamee mana hojii mootummaa faayidaa dinagdee akka argamsiisu yoo mirkanaa’u hojimaata armaan gadii hordofuudhaan bittaan funaansaan raawwatamuu ni danda’a.
Bitticha funaansaan raawwachuun sababa barbaachiseef yaadannoo ibsuun itti gaafatamaa olaanaa mana hojii ykn hojii kanaa itti gaafatamaan qaama bakka bu’eef dhiyaatee hayyamamuu qaba.
Qaamni bittaa raawwatu bittaa funaansaan raawwatamu baayinni isaanii sadii kan hin caallee koree yeroo xalayaadhaan mogaafaman hanga danda’ametti hojjetaa beekumsaa waa’ee meeshaalee bitamanii miseensa koree akka ta’u gadhamu qaba.
Koreen yeroo hundaa’e bitticha waliin ta’uudhaan kan raawwachuu qabu yoo ta’u bitticha raawwachudhaaf guyyaa gabaa dhiyeessi gahaan jiru filachudhaan ittigaafatamaa dhimmi ilaaluuf ni beeksisa.
Koreen yeroof dhaabbate kun waliin ta’uudhaan dhiyeessaa gabaa keessaa jiru qulqullina gahaa qabuu fi gatii filachuudhaan gatii irratti marii gaggessa, bitticha ni raawwata.
Adeemsa raawwii bittichaan bittaawwan raawwataman baay’inaa fi gosaan bakka bittaan itti raawwatame hamma maallaqaa kaffalmee maqaa guutuu qaama dhiyeesse ykn gurguree fi teessoo kan ibsu sanadni qophaa’ee qaamni gurgure mallattoo isaan akka mirkaneessani taasisfamu qaba.
Bittaawwan funaansaan raawwataman yeroo geejibsiisan akka faayidaa ala hin taane fi akka hin banne of eeggannoodhaan qabamuu fi saffisa danda’ameen kutaan dhimmi ilaalu akka harkaa fudhinsa taasisu godhamu qaba.
Koreen yeroo bittaa funaansa waliigalaa raawwachuu isaa kan ibsu qaboon yaa’ii qophaa’ee mallattaa’ee gabaasa dhiyeessuu qabu.
Bittaawwan xixiqqaa funaansaa raawwataman irraa kan hafe qaamni bittaa raawwatu dhiyeessaa tokko irraa bittaa raawwatuuf hammaa fi gosa bittaa raawwachuu barbaadu dhiyeessaf ibsuudhaan yaada isaa akka dhiyeessu xalayaadhaan gaafachuu qaba. Haala kanaan xalayaan ergamu akka barbaachisummaa isaatti ibsa tarreeffama fedhii fi dhiyeessichi gatii dabalatee yaada guutuu ta’e akka dhiyeessu ragaa dandeessisu kan of keessatti qabate ta’uu qaba.
Qaamni bittaa raawwatu dhiyeessaa tokko bittaan irraa raawwatamu waliin gatii dabalataa haala tumaatii labsii fi qajeelfama kana akka hin cabsine mirkaneeffachudhaan dhimmoota marii irratti taasisuu barbaachisu erga adda bahanii booda marii tasisuu ni danda’a.
Akkataa armaan olitti ibsameen qaamni bittaa raawwatu qamolee marii gaggeessu danda’an filachuu fi mariin taasifamu itti gaafatamaa olanaa qaama bittaa raawwatauun kallatti mariin irratti xiyyeeffatu bu’urreffachuun adeemsisuu qaba.
Akkataa labsii keewwata 41 keessatti ibsameen irraa kan hafe qaamni bittaa raawwatu dhiyeessaa tokko irraa bittaa raawwateef waliigaltee mallatteessu qaba.
Akkaataa labsii bittaa keewwata 41 keewwata xiqqaa 2 bu’uureffachudhaan qaamoleen bittaa raawwatan bittaawwan karooraan hin hammatamiin gatii isaanii qarshii 1,500 (kumaa tokkoo fi dhibba shan) hin caallee bittaa kallattiin dhiyeessaa kamiyyuu irraa raawwachuu ni danda’u. Haa ta'u malee bittaa xixiqqaan haala kanaan raawwatamu bara bajataa tokko keessatti mana hojii tokkoof ida'amni isaa Biiroolee fi bulchiinsa magaalaatiif qarshii 15,000.00(kuma kudha shan); Godinaalee fi Aanaaleedhaaf qarshii 4,000.00(kuma afur) caaluu hin qabu
Dostları ilə paylaş: