Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa Oromiyaa Maanuwaalii Sirna Madaallii fi Badhaas


Adeemsa Madaallii Hojjetaa Dhuunfaa Ittin Raawwatamu



Yüklə 487,08 Kb.
səhifə13/67
tarix10.01.2022
ölçüsü487,08 Kb.
#101050
1   ...   9   10   11   12   13   14   15   16   ...   67

Adeemsa Madaallii Hojjetaa Dhuunfaa Ittin Raawwatamu


  • Madaalliin raawwataa dhuunfaa 3600 ta’ee,

  • Galma ga’iinsa iskoorkaardii Hojjetaa Dhuunfaa qophaa’ee kallattii madaallii afran (faayinaansii/baajata, maamila, adeemsa hojii keessaa fi ijaarsa dandeettii) irratti hundaa’uun hogganaa dhihoo iskoorkaardii/karoora hojjetichaa irratti hundaa’uun bu’aa argame 50% madaaluudhaan; dabalataan Bu’aan akka adeemsaatti ykn koreetti galmaa’u kan miseensota adeemsichaa ykn garichaa Madaallii hojjetaa irra jireessan kan irratti bu’uureffatu gahee hojii (job description) fi gumaacha bu’aa akka adeemsa/koree hojiitti eegamu milkeessuu keessatti hojiilee isaaf kennaman irratti kan xiyyeeffatu ta’a

  • Madaallii madda ragaa hojjetaan dhuunfaa % 10 keessaa ofiin ofmadaalu ta’a.

  • Madaalliin madda ragaa maamilaa/qooda fudhattootaa kan gaggeeffamu koree madaallii fi badhaasaa sadarkaa sadarkaan jiran % 20 keessaa kan madaalamu ta’a.

  • Madaalliin madda raga garee hojiin kan gaggeeffamu % 20 keessaa kan madaalamu ta’a.

  • Madaalliin madda raga maamilaa irraatti adeemsa/koree hojii tokko keessatti hojjettoota hojjetaniif kennamu yeroo baay’ee qunnamtii maamilaa waliin qaban irratti hundaa’a.kana irraa ka’uun hojjetaa bakka saditti qoodamuu.

    • Tokkoffaan hojjettoota amallii hojii isaanii waliitti hidhamiinsa guddaa qaban; inni tokko maamila waliin kallattiin kan qunnamntii qabu (on line workers) fi inni lammaffaan ammo maamila waliin kallattiin walqunnamtii hin qabnee (offline workers) (hojjettoota walitti hidhamuun bu’aa dhumaa tokko gumaachan yoo ta’an) bu’aa madaallii maamilli kennu adda baasuun waan hin danda’amneef madaalliin maamila adeemsa hojiif kennamu kan tokko tokkoon hojjetaa ta’a.

    • Inni lammaffaan hojjetaan adeemsa hojii tokko keessatti of danda’ee hojii jalqabaa hanga dhumaatti kan hojjetu ta’e kallaattiin maamilaan kan walqunnamu yoo ta’e, madaalliin maamilli akkaataa ulaagaa ta’een kennu guutumatti kan dhuunfaa isaa ta’a.

    • Inni sadaffaan hojjetaan adeemsa hojii tokko keessatti hojii hojjetuun waliqunnamtiin isaa maamila keessa waliin qofa yoo ta’e, raga maamilli maammilli adeemsa hojii keessaa isaaf guutun kan madaalamu ta’a.

  • Madaallii madda ragaa koree kan raawwatamu akka waliigalaatti sochii raawwataan hojii guyya guyyaatiin firii madaalli adeemsichaaf/garichaaf gumaacha taasiseen, hirmaannaa fi naamusa inni marii koree keessatti qabuunii, muuxannoo hojii dabarseen bu’aa argamsiise irratti xiyyeeffatee koree hojii (case team) kan madaalamu ta’ee sirrummaa isaa koree madaallii fi badhaasa mana hojichaatiin kan mirkanaa’u ta’a.

  • Madaalliin hojjettoota sadarkaa gandootaa madaalamu waajjiraalee caasaa isaanii sadarkaan itti waamamaniin ulaagaalee hojjetaan itti madaalamuun kan raawwatamu ta’a.

  • Madaalliin madda ragaa raawwii karoora hojjetaa (SMBKT) kan irratti xiyyeeffatu raawwii karoora hojjetaa fi gahee hojii tokko tokkoon hojjetaaf kenname irratti ta’ee; abbummadhaan hogganaa dhiyyoo hojjetaatiin kan raawwatamu ta’a.

    1. Yüklə 487,08 Kb.

      Dostları ilə paylaş:
1   ...   9   10   11   12   13   14   15   16   ...   67




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin