Haala Godina Qellem Wallaggaa



Yüklə 1,78 Mb.
səhifə1/36
tarix10.01.2022
ölçüsü1,78 Mb.
#101804
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   36

1. SEENSA

Mootummaan naannoo Oromiyaa misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf hiyyummaa hidda isaa gogsuuf karoora misoomawaa waggaa shanii (2008-2012) karoorfate hojiitti galuun bu’aawwan gurguddaa argamsiisaa jira. Akkuma beekamu galma karoora waggaa shanii bira gahuuf kan danda’amu karoora misoomawaa waggaa shaniif qabanne karoora waggaa waggaatiin qabnuun hojii irra oolchuun yoo dandaa’ame qofaadha.

Karoora KGT marsaa 2ffaa qophaa'e keessaa hojiileen bara baajataa 2009 keessa hojjetamuu qaban raawwatamaaturaniiru. Kanaafuu karoorri bara 2010 haaromsa paabilik servaantii bara 2009 keessa geggeeffameen kallattiiwwanii fi qophii dursaa godhaman kanaan karoorsuu fi raawwachuun dhimma murteessaadha.

Kaayyoon karoora 2010 inni guddaan hojiiwwan gurguddoo fi murteessaa sochii diinagdee fi hawaasummaa keessatti shoora olaanaa taphatan addaan baasuu fi sochii hanga xumura bara 2009 taasifamaa jiruun sadarkaa irra gahamee hubachuun bara karoora 2010tti galma bira gahamu agarsisuu dha. Haaluma kanaan,karoora kana keessatti kan tuqaman xiinxala haala waliigalaa,haala caasaa keenya sadarkaa sadarkaan jiranii fi uummata,haala Karooraa fi raawwii keenya bara 2009 fi rakkoowwan nu mudachuu danda’anii fi furmaata isaa kan of keessatti qabatee dha.Galmootni gurguddoo haala kanaan ta’an karoora gad fagoo (operational plan) kan mana hojii keenyaa qopheeffannee hojiitti kan hiiknu yoo ta’u; milkaa’ina karoora 2009’f hordoffii fi deggersa wal irraa hin cinne kan taasifamu ta’a.

Haaluma kanaan haaromsa paabilik sarvaantii kana booda karoorri hojii bara 2010 kan waajjira Daldalaa fi Misooma Gabaa haala armaan gadiitiin akka qindaa'u ta'eera.



    1. Yüklə 1,78 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   36




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin