1.2.2. Gabayaa buna Itiyoophiyaa
Buna Itoophiyaatiif magaalaan guddaan kan argamu biyyoota Awroophaa ti. Buna Itoophiyaa alatti ergamu keessaa walakkaan isaa gama biyyoota Awroophaa deema. Ruubiin buna Itoophiyaan alatti ergitu ammoo biyoota Eeshiyaa dhaqa. Gama Ameerikaa Kaaba kan dhaqu ammoo daldaltoota dhuunfaatiini. Itoophiyaa keessatti bunni waldootaan gama biyya alaatti gurguraaf ergamu dhibeentaa 6 (6%) qofa.
Bunni dhiqamaan sadarkaa olnaa Itoophiyaa kan Yirgaacaffee fi Sidaamoo sadarkaa 2ffaa ykn sadarkaa 3ffaa qabaata. Bunni gogiinsaan qophaaye kan Baha Itoophiyaa ammoo sadarkaa 3ffaa ykn sadarkaa 4ffaa qabaata. Garaagarummaan kunis kan uumamu dandae haala bunni itti qophaayu ykn raawwatamu irraa kan kae.
Buna Itoophiyaa keessaa dhibeentaan 63.7 (63.7) Oromia, dhibeentaan 34.4 (34.4) ammoo Naannoo Ummata Kibbaa keessatti hoomishama. Itoophiyaa keessatti bunni haala ykn sirna afuriin hoomishama. Isaanis buna daggalaa, buna gartokkeen isaa daggalaa, buna qeee fi buna dhaabbii jedhamuudhaan beekkamu. Buna Itoophiyaa kessatti hoomishamu keessaa bunni daggalaa dhibeentaa 10 (10%), bunni gartokkeen isaa daggalaa dhibeentaa 35 (35%), bunni qeee dhibeentaa 35 (35%) fi bunni dhaabbii ammoo dhibeentaa 20 (20%) qabatu.
1.2.3. Amalli addaa buna Itoophiyaa maal faaa?
Itoophiyaan biyyoota adunyaa hundarra biyya sanyiin bunaa baayinaan itti argamu. Qorannooleen garagaraa kan agarsiisan bunni Itoophiyaa asiidii, urgaa fi miaa guutuu qabaachuu isaatiin bekkama. Bunni Itoophiyaa urgaa ykn shurufkaa gaarii, dhangalaa namatti toluu fi asiidummaa uumamaa kan mataa isaa qaba.
Itoophiyaa keessatti, naanoolee buna gosa adda addaa biqilchan saditu jira. Itoophiyaan bahaa buna gogiinsaan hojjatamu kan hinmiicamnee fi uuma taeen beekkama. Bunni isaas buna Harar jedhamee kan beekkamu yammuu tau, mallattoon isaas buna cuunfamaa fi dhangalaa gaarii, sirna biqiltummaa addaa tae qabu, asiidummaa ifaa fi qaamaan jiddu-galaa fi guddaa kan qabu, akkasuma fiinxee isaarratti gogaa kan tae tauu isaati. Kibbi Itoophiyaa kan ittiin beekkamu ammoo buna jiidhinaan hojjatamu ykn miicamu fi urgaa ykn shurufkaa mataa isaa qabuuni. Bunni Yirgaacaffee kan beekkamu qaama lallaafaa, dhandhama miaayaa fi urgaa abaaboo fi fuduraa of keessaa qabaachuu isaati. Bunni Sidaamoo kibbuma Itoophiyaatti hoomishamu ammoo kan ittiin bekkamu qaama guutuu qabaachuun, afaanitti kan namatti toluu fi ifnana qabaachuu isaatiini. Bunni Gimbii dhiha biyyaattiti argamu ammoo kan ittiin beekkamu badhaadhina, asiidummaa cimaa, miaa fi urgaa ykn shurufkaa adda tae qabaachuu isaatiini.
Buna sanyii adda addaa, urgaa fi miaa garagaraa qaban hoomishuun keenya, aadaa waggaa dheeraa buna filatamaa jaalachuun keenya, buna uumama gaaddisa jalatti biqilu fi simbiraaf tolaa tae hoomishuun keenya, carraa addummaa (specialty) gurgura bunaa magaalaa adunyaa irratti akka argannu nu dandeessisa.
Haa tau malee, gaafiin gaafatamuu qabu: Haalota keenya gaarii taanii fi addummaa qaban kanatti fayyadamuudhaan akkamitti buna qulqullaawaa sirna hoomishaa fi sirna magaalaa fooyyaaa taee uummachuu dandeenna?
Dostları ilə paylaş: |