1. SEENSA
Akka waliigalaatti seenaa biyya keenyaa keessatti waajjirri mootummaa waggoota dheeradhaaf kenni tajaajila fi aadaan hojii osoo hin fooyya’in turuudhaan boodatti kan hafe, komiin tajaajilamtoota irraa dhiyaatu yeroo yeroon heddummaachaa dhufuu,dhaabbileen hojii misoomaa irratti hirmaatan haala gahuumsa qabuun bu’aa fi jijjiirama gahaa ta’e fiduu dadhabuu irraa kan ka’e jireenyi uummataa boodatti hafaa fi hiyyummadhaan kan sakaalame ta’uun ni beekama.
Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaatis rakkoolee hanqina tajaajilaa maqsuudhaan, misooma itti-fufiinsa qabuu fi uummata naannichaa sadarkaa sadarkaan fayyadamaa taasisu gaggeessuudhaan hiyyummaa balleessee guddina ariifachiisaa fi jijjiirama amansiisaa ta’e fiduudhaan galma Karoora Guddinaa fi Tiraansifoormeeshinii (KGT) mirkaneessuuf sochiin adda addaa taasifamaa jira.
Galma gahuumsa sochii fi tarsiimoo misooma naannichi gaggeessaa jiruuf gumaachaa fi deeggarsa akka godhu Abbaan Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa (ATMJO) Adoolessaa bara 2005 keessa lakkoofsaa labsii 180/2005 tiin dhaabbatee jira. ATMJO Uummata Naannoo Oromiyaa keessa jiraatuuf Bishaan Jallisii Dhiyeessuu fi misooma jallisiii gaggeessuu irratti tajaajila wal-irraa hin cinneen dhiyeessee, uummanni jiruu fi jireenyi isaa fooya’e arguuf aangoo seeraan kenname itti fayyadamee ergamaa fi mul’ata isaa galmaan ga’uufi, akkasumas, fedhii maamilaa ykn gaaffii maamilaa haala saffinaa fi itti fufiinsa qabuun deebisuun barbaachisaadha. Abbaan Taayitichaa hojiiwwan Qorannoo fi Dizaayinii, Bulchinsaa Kotraataa fi To’annoo Ijaarsaa, Bulchiinsa Iskiimota Jallisii, Hojii Ekisteenshini Misooma Jallisii, hirmaannaa uummataa fi Qooda Fudhattootaatiin raawwachaa jira.
Haata’u malee, haalli gurmaa’insa fi kenniinsa tajaajila Abbaa Tayitichaa fedhii maamiltootaa fi Qooda fudhattootaa irratti hundaa’udhaan,gutumaan guututti haala quubsaa ta’een kennaa hin turre. Kanaafuu, tajaajila saffisaa fi gahaa ta’e fedhii maamilaa irratti hundaa’udhaan kennuuf jijjiirama adeemsa hojii bu’uuraa gaggeessuun murteessaa ta’ee argameera.
Kenni tajaajila adeemsa hojii quubsaa, gammachiisaa, saffisaa, qusannaa fi kabaja guddaadhaan fedhii fi dantaa hawaasichaa guutudhaaf raawwatamuudha. Hojiin kunis, hojii lakkaa’amu yookiin madaalamu akkasumas, safaramuu fi hawaasa tajaajila barbaadu biratti fudhatama kan qabu ta’uu qaba. Kenniinsi tajaajilaa dhimmoota ittiin madaalamu kan akka armaan gadiitti tuqaman of keessatti ni qabata:
-
Tajaajila quubsaa fi gammachiisaa kan ta’e
-
Qulqullina kan qabu
-
Qusannoo kan qabu ta'ee ,baasii xiqqaadhaan kan raawwatamu
-
Kan madaalamuu fi kan safaramu
-
Hawaasa biratti fudhatama kan qabu.
-
Fedhii fi faayidaa tajaajilamtootaa jiddu galeessa kan godhatee fi tajaajilamadhaaf kabaja guddaa kan kennu.
-
Iftoomina kan qabu.
Jijjiirama Bu’uura Adeemsa Hojii (JBAH) meeshaalee jijjiirama bu’uuraa gaggeessuudhaan raawwii dinqisiisaa galmeessuuf gahee ol'aanaa taphata. Haa ta’u malee,Abbaan Taayitichaa kan hundeeffamee yeeroo gababaa keessa waan ta’eef qorannoon JBAH hanga ammaatti hin gaggeeffamne ture.
Sababa kanaaf, hojimaataa fi gurmaa’insa sirrii ta’e diriirsuu dhabuu, adeemsa hojii wal-xaxaa fi dheeraa ta’e, akkasumas, eggattummaan bal'innaan kan mul’atu ta’uu, Kana irraa kan ka’ee fedhii maamiltoota fi Qoda fudhattoota irratti hundaa’udhaan qorannoo JBAH gaggeessuun murteessaa ta’ee argamee jira.
-
Seenaa Misooma Jallisii fi Caaseffama Isaa
Misoomni Jallisii aadaa fi bishaan cimmisuun yeroo dheeraa dura jalqabamuun isaa ragaaleen adda addaa kan ibsan yoo ta’an illee, feedhiin misooma jallisii guddachaa dhufuu isaatiin gara jallisii ammayyaatti aka ce’e hubachuun danda’ameera.Haaluma kanaan:-
-
Bara 1952 A.L.H.tti Jallisiin ammayyaa naannoo jiddugaleessa Awaashitti (middle Awash) Inveestara dhuunfaadhaan yemmuu jalqabamu, Shonkoora, kuduraa, muduraa fi jirbii bal’innaan Oomishamaa ture, kana irraa ka’udhaan misooma jallisii gara Awaashi fi sulula Waabee Shabaleetti babal'atee jira.
-
Labsii Lafa Baadiyyaa bara 1967 A.L.H.tti taa’een Qonni Jallisii gurguddoon( large irrigated farms) investaroota dhuunfaa irraa fudhatamee Ministeera Qonna Mootummaa jalatti akka bulu fi Iskimiin Jallisii xixiqqaan immoo ‘producers cooperatives’/ waldaa Oomishtoota qonnaan bulaatiin akka bulu ta’e .
-
Sababa beela hamaa bara 1976/77 A.L.H.tti muudateen, mootummaan Dargii humna jallisii xixiqqaa irratti wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf naannoo sadarkaa uummataa fi maatiitti xiyyeeffannaa argatee akka irratti hojjetamu godhee ture. Haata’u malee, hojiin gama kanaan hojjetamu hanga yaadamee miti.
-
Bara 1977 A.L.H.irraa eegalee misooma jallisii xixiqqaa abbummaan kan hojjatu ministeera Qonnaa jalatti Qajeelchaa Misooma Jallisii (IDD) dhaabbateeni. Haa ta’u malee, bara sana keessa xiyyeeffannaan hojii kanaaf kenname bu’aa siyaasaa ittin argachuuf malee hirmaannaa uummataa karaa sirrii fi uummata amansiisee hojiitti galchuu waan hin dandeenyeef jallisiitti fayyadamanii wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu kan dandeessisu hin turre.
-
Bara 1986 A.L.H. Qajeelchi misooma jallisii inni ture, sadarkaa naannootti Qabeenya uumamaa fi Eegumsa naannoo jalatti hundaa’ee maandeetii ijaarsa fi misooma jallisii xixiqqaa qabatee socho’aa ture.
Kanaaf, Qaamni Ijaarsaa fi too’annoo pirojektoota jallisii gaggeessaa ture, yeroo dheeradhaaf caasaa tokko irraa kan biraatti jijjiramaa fi daddarbaa kan dhufe yoo ta’u, isaanis;- kan akka IDD, EWWCA, BMQUEN, BQBAI, BQMB ,ATMJO fi BQB kaasuun ni danda’ama.
Gabatee-: Caaseffamni Jallisii Bara 1977A.L.H. Irraa Eegalee Hanga 2006tti Kan Jiru Akka Armaan Gadiitti Ibsameera
Lakk
|
Bara Caasseffamaa
|
Baka Caasseffamaa
|
1
|
1977
|
1985
|
MBB..........Jalatti
|
2
|
1985
|
1987
|
BQUENOJalatti
|
3
|
1988
|
1991
|
BQBIO
|
4
|
1992
|
1996
|
ATMJO kophaatti
|
5
|
1996
|
1997
|
BQMB......... Jalatti
|
6
|
1997
|
1999
|
ATMJO qophaatti
|
7
|
Sadaasaa 16, bara 2000
|
Waxabajjii 2005
|
BQBO, BQO fi IIHBO
|
8
|
Adoolessa, bara 2005
|
Hanga ammaa
|
ATMJO koophaatti
|
Yeroo Mootummaa ce’uumsaa irraa hanga aammaatti tarsiimoon hojii misooma jallisii haa jiraatuuyyu malee, hojiin hojjatamee fi bu’aan argame hanga yaadame hin turre. Kanaafuu, hanga yeroo ammaatti pooteenshaala Lafa jallisii jiru keessaa akka naannoo Oromiyaatti %49 qofa misoomee jira. Kun kan mul’isu, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, jiruuf jireenya uummata keenyaa jijjiiruu fi misooma qonnaa amansiisaa ta’e fiduuf hojiin cimaan offuul-duraaf kan nu eeggatuudha.
-
Qabeenya Jallisii (Irrigation Potential)
Oromiyaan Naannolee qabeenya uumamaa (bishaani fi lafa), misooma jallisiif oolu guddaa qaban keessaa sadarkaa duraa kan qabdu yoo taatellee qabeenya uumamaa jiru kana keessaa kan hojii irra oole baay’ee xiqqaadha. Haaluma kanaan, lafti jallisiin misoomuu danda’u heektaara miliyoona 1.7, bishaan lafarraa waggaatti metir kuubii biliyoona 58 ta’uu fi kan lafa jalaa immoo metir kuubii biliyoona 2.1tti tilmaamamuu fi uummata miliyoona 6.8 fayyadamaa taasisuu danda’u akka argamu qorannoowwan adda addaa kanaan dura gaggeeffaman ni ibsu. Pooteenshaala jallisii jiran keessa hojii irra kan oole %.49 akka ta’e ragaan ni ibsa.
-
Gahee Jallisiin Guddina Misooma Qonnaa Keessatti Qabu (Irrigation In Agricultural Development).
Misoomni Jallisii tooftaa oomishni Qonnaa ittiin guddatuu fi fedhiin midhaan nyaataa kan ittiin mirkaneessinu keessaa isa tokkoodha. Fedhii midhaan nyaataa dabaluun kan danda’amu karaa sadihiini (3).
1ffaa. Oomishaa fi Oomishtummaa qonna jallisii dabaluun,
2ffaa. Lafa Qonnaa babal'isuun
3ffaa. yeroo lamaa fi isaa ol Oomishuun, (cropping intensity) fedhiin midhaan nyaataa akka mirkanaa’u gochuun ni danda’ama. lafti biyyittii hedduun isaa qonna jallisiif mijaa’aa ta'uu dhabuu irraa kan ka'e,lafa qonna jallisii babal'isuun filannoo isa dhumaati. Oomishaa fi Oomishtummaa jallisii guddisuun kan danda’amu tooftaawwaan adda addaa fi teeknoloojiiwwanitti fayyadamuun filannoo ol' aanaa wabii midhaan nyaataa ittiin mirkaneessinuudha.
Akka biyyattiitti Sababa Oongee irra kan ka’e, rakkoon guddaan qunnamaa jiru wabii midhaan nyataa mirkaneeffachuu dadhabuudha.
Gufuuwwan wabii midhaan nyaataa keessatti muudataa jiran yeroodha gara yerootti bay'inni uummataa dabalaa deemuu fi manca’iinsa qabeenyaa uumamaati.akkasumas,Rooba ciccitaa biyyaatti keessatti mul'achaa jiruudha.kanaafuu,rooba Gannaa qofa irratti hundaa'uun Oomishuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun hin danda’mu. haaluma kanaan, lafa xiqqaa qabnu irratti jallisii fayadamnee yeroo lamaa fi isaa ol oomishuun wabii midhaan nyataa mirkaneessuu keessatti gahee ol'aanaa qaba. akkuma Barreessaan ,Bill and Melinda Get foundation ibsanitti " in Ethiopia indicates that, if successful, irrigation in Ethiopia could represent a cornerstone of the agricultural development of the country, contributing up to ETB 140 billion to the economy and potentially delivering up to 6 million households into food security. On the same document, BMGF indicated that accelerating irrigation development by scaling up local best practices and focusing on financial and environmental sustainability is one of the recommendations to accelerate Ethiopian Agriculture Development for Growth, Food Security, and Equity."
-
Misoomni Jallisii Karoora Guddinaa fi Tiransfoormeeshiinii Keessatti Yemmuu Ilaalamu (Irrigation In Growth And Transformation Plan)
Akkaataa karoora guddinaa fi Tiraansfoormeeshiinii (KGT) waggaa shaniif taa’e keessatti lafa jallisiin misoome hek. 640,000 kan ture gara hek. Milli. 1.8 gosa Jallisii gurguddaa, Jallisii Jiddu galeessaa, Jallisii xixiqqaa fi bishaan cimmisuutiin guddisuuf karoorfamee jira. Karoora biyya keenya keessatti Qabame keessaa gaheen Noonnoo Oromiyaa bal'aa ta’uun isaa ifa .fkn.karoorri Misooma jallisii bara 2006 hek. Mill 1.236. karoorfamee jira. Biyyi keenya Misooma jallisii Babal'isuuf Toofataalee Muuxannoo gaarii pirojektoota Jiddu galeessaa fi Gurguddaa Babal'isuu, Bishaan lafa jalaa sakatta'uun humna isaa qixa sirrii ta'een misooma jallisiitiif akka oolu gochuu.
Bishaan jallisii jireenya uummata baadiyyaa keessatti gahee ol'aanaa kan qabu waan ta’eef,karaa tajaajila bishaan ittiin argannu fooyyeessuun Oomishnii fi Oomishtummaan akka guddatuu carraa hojii uumuun galiin waggaa keessatti argatan akka dabalu ni taasisa. kun immoo diinagdeen baadiyyaa akka ariifatu ni godha.
Mootummaan misooma jallisiitiif xiyyeeffaannoo cimaa itti kennuudhaan jallisiin xixiqqaa fi gurguddaan akka babal'atu taasisaa jira.Oromiyaan rooba gahaa fi qabeenya heddu qabaattullee, tooftaan qonna keenyaa fi haal bishaan itti qabannu bu’aa jallisii irraa argachuu qabnu ammallee guutumaan guututti akka hin arganne taasisee jira.
Haala qabinsa bishaan keenyaa fooyessuun kan itti fayyadamnu yoo ta’e, Oomishaa fi Oomishtummaa keenya dabaluun rakkoo saaxilamuummaa beelaa jalaa bahuun ni danda’ama
Kallattiiwwaan faayidaa Jallisii irraa argaman:-
-
Oomishtummaa lafaa fi humna namaa dabaluu(increas productivity of land and labor)
-
Hirkattummaa Roobaa xiqqeessuu (Reduced reliance on rainfall, thereby mitigating vulnerability to variability in rainfall)
-
Manca'iinsa Qabeenya Uumamaa xiqqeessuu (Reduced degradation of natural resources)
-
Oomisha gara biyya alaatti erguudhaan galii biyyatti guddisuu (Increased exports)
-
Carraa hojii hoji dhabdootaaf akka banamu gochuu fi Intarpiraayizii Maayikiroo xixiqqaa akka babal'atu taasisuu (Increased job opportunities, and promotion of a dynamic economy with rural entrepreneurship).
Dostları ilə paylaş: |