Biiroo Industrii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa



Yüklə 1,05 Mb.
səhifə1/11
tarix03.01.2019
ölçüsü1,05 Mb.
#89860
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11



Biiroo Industrii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa


JBAH Adeemsa Hojii Ijoo Bulchiinsa Kontraata ijaarsaa To’annoo fi Galmee (Recalibrated First Draft)


Caamsaa 2004

Finfinne

..

JBAH Adeemsa Hojii Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa To’annoo fi Galmee

(Recalibrated)

BAAFATA

Mata duree Fuula


Mul'ataa, Ergama fi Aangoo Biiroo Industrii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa (Visioin, Mission, mandates) akka kanaan gadditti ka’aamee jira. 7

Ragaa heeyyamaa Kenname 20

Adeemsa hojii ijoo misooma Humna Namaa fi Deeggrsa Tajajila Magaalotaa 20

Adeemsa hojii ijoo Qophii,Mirkaneessaa fi walsimsiisa Dizaayinii 20

Adeemsa hojii ijoo Deeggarsa Projeketi Bu’uura Misooma Magaalaa fi Hirmaanna Uummataa 21

Adeemsa hojii ijoo To’annoo Raawwii Pilaanii fi magariisuu magaaalaa 21

Adeemsa hojii ijoo Bulchiinsa Kontraataa ijaarsaa To’anno fi Galmee 21

Adeemsa hojii ijoo Reguleeshinii,Qorannoo meeshaalee fi Teeknoloojii Ijaarsaa 21

Adeemsa hojii ijoo Babal’ina Misooma Industrii fi Ijaarsa dandeettii konistraakshinii 21

Adeemsa hojii ijoo misooma,dabarsaa fi bulchiinsa manneenii 21

Adeemsa hojii ijoo Bulchiinsaa fi Misooma Lafa Magaalaa 21

Adeemsa hojii ijoo Qophii, mirkaneess fi wal simsiisa dizaayinii 22

Adeemsa hojii ijoo Babal’ina Misooma Industrii fi Ijaarsa dandeettii konistraakshinii 22

Adeemsa hojii ijoo Reguleeshinii, Inspeekshinii 22

22

Adeemsa hojii ijoo Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa To’annoo fi Galmeeee 22



Jijjiirama Adeemsa Haraawwaatiin Argame 119

Seensa


Mootummaan tarsiimoowwan, imaammatawani fi hojimmatawwan adda addaa sirna bulchiinsa gaarii diriirsuu fi guddina ariifachiisa fiduuf dandeesisan baasudhaan hojiirra akka oolan taasisaa kan jiru ta’uun isaa ni beekama. Aadaa hojii booddetti hafaa fi haala kenna tajaajilaa nuffisiisaa keessaa bahuuf sirna dandeessisu diriirsuufis yaaliin hedduu kan akka sagantaa fooyya’iinsa siiviil sarviisi hojiirra oolchuu, sirni waalta’ina diiggamee sirna al-waalta’ina diriirsuudhaaan aangoon murteessuu ”empowerment” kan ummata akka ta’u taasifamee bu’aan abdatamaa ta’e argamee jira.

Haata’u malee, sagantaawwan dhimmoota adda addaa irratti bahan hojiirra oolchuuf hojimaatawwan diriirfaman kan waggoota dheeraadhaaf ittiin hojjetamaa turanii fi fedhii addunyaa haaraa keessummeessuf kan hindandeenye ta’uu isaaniirayyuu maamiltoota giddugaleessa kan hin godhatiin, duubatti hafaa fi wal-xaxaa kan ture, bu’aa argamu irratti /out come/ osoo hin ta’iin hojii irratti qofa /task based/ kan xiyyeeffatu ta’uun isaa beekamee jira. Kana irraa ka’uudhaan hojimaata fedhii tajaajilamtootaa giddu galeessa godhatee kan addunyaan haaraan feetu keessummeessuu danda’u fi bu’aa qabatamaa argamu irratti xiyyeeffatu /Jijjiirrama Bu’ura Adeemsa Hojii/ (JBAH) hojiirra oolchuun hojii murteessaa ta’ee argamee jira.

Magaalota keessattii bulchinsa gaarii fi misooma ariifachiisaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf adeemsoota guddina Magaalota sakaalani qaban qorannoo JBAH gaggeessuun furmaata kennuu akka danda’amu JBAHn duraan qoratame irra deebi’amee akka hojjatmu.

Haaluma kanaan qorannoon kun xumuramee gara hojiitti hiikuuf yaaliin godhamaa jira.

Biiroon Industrii fi Misooma Magaala Oromiyaas Kaayyoo, Muul’ata, fi Ergama dhaabbateef galmaan geessisuuf seektaricha keessatti sirna hojimaataa hundee irraa jijjiirrama bu’uraa fiduu fi bu’aa qabatamaa argamsiisuu danda’u /JBAH/ qorachuudhaan hojimaata rakkoolee kenna tajaajilaa irratti mul’atan hundeerraa dhabamsiisuuf dandeessisan irratti hojii guddaa hojjechaa jira.

Haaluma kanaan, Adeemsa hojii Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa To’annoo fi Galmee adeemsota kaan waliin JBAHn qoratamee hojiirra kan oole yoo ta’u, yeroo ammaa akkaataa gurmaa’insa caasaa haarawaatiin aangoo fi gahee hojii dabalataan kennameen akka adeemsa tokkootti fudhatamee kaayyoo diriiraa JBAH keessatti caqafamee fi Kaayyoo tarsiimo’aa Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimo’aa (BSC) keessatti kaawwame walsimsiisuun irra deebi’amee akka hojjetamu ta’eera.

Adeemsa hojii Bulchiinsa Kontraata Ijaarsaa To’annoo fi Galmee gareen qorannoo JBAH irra deebi’ee fooyyessu (recalibration) hundeeffamee qorannicha taasisudhaan jiijjiirrmni barbaadame seektara ijaarsaa keessatti akka dhufuu danda’u hojii guddaa irraa eeggamu bahuuf haala qorannichi itti gaggeeffamu fi yaad-rimeewwan dookimanticha keessatti kaa’aman akkaataa armaan gadiitti dhihaatee jira.

Kutaa 1. Sadarkaa karoorsuu yoota’u Kaayyoo Biiroon dhaabbateef dabalatee Aangoo fi gahee hojii Biiro fi Bulchiinsa magaalotaa, Kaayyoo qorannichaa, adeemsa qorannoo fi daangaa qorannichaa kan hammatee dha.

Kutaa 2. Haala hojiin ammaa itti hojjetamaa jiru(AS-IS), keessatti rakkoowwan gurguddooa deemsa hojichaa hudhanii qaban, seerotaa fi barmaatilee rakkinichaaf ka’umsa ta’ani fi yaadawwan seerotaaf ka’umsa bu’uraa ta’an kana keessatti ilaallamani dha.

Kutaa 3. Adeemsa hojichaa bifa haaarawaan kufeessuuf yaadawwan haaraa bu’ura ta’anii fi filannoowwan yaadawwan haaraa ka’aman itti filataman yaa’iinsa hojii isaanii waliin kan ibsamanii fi gurmaa’insa hojii fi humna namaa kan keessatti ilaallamani dha.

Kutaa4. Adeeemsa hojii bifa haarawaan kurfaa’e hojiirra oolchuu”Implementation” fi hojiirra oolmaa isaatiin jijjiirrama bu’uraa dhufu haala waliigalaatiin kan kaa’ame dha.

Kutaa 1

1.1 SADARKAA KAROORSUU /PLANNINIG STAGE/

1.2 Kaayyoo Biiroon dhabbateef.

Aangoo fi Itti gaafatamummaa /Mandet and Institutional jurisiction/ Mul’ata, Ergama, Aangoo fi gahee hojii seektara Industrii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa (vision, Mission & mandetes) akka armaan gadiitti kan kaa’manii dha.



Mul’ata, Ergama fi Aangoo

Yüklə 1,05 Mb.

Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin