Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti


Itti Gaafatamummaa Fi Hojiiwwan Koree Raggaassituu Bittaa



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə4/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   23

7 . Itti Gaafatamummaa Fi Hojiiwwan Koree Raggaassituu Bittaa

Itti gaafatamummaan labsiidhaan kenname akkuma jirutti ta’ee koreen raggaassituu bittaa hojii fi itti gaafatamummaa armaan gaditti tarreeffaman ni qabaatu:-

1. Karoora bittaa waggaa Adeemsa hojjii bittaa tiin qophaa’e haala armaan gadii fi akka amala mana hojichaatti haala biroo ilaalamuu qaban qoratee itti gaafatamaa ol’aanaa mana hojichaatiif yaada murtii ni dhiyeessa.


  1. Fedhiiwwan bittaa adda addaa karoorichaan hammataman sagantaa mana hojichaa wajjin kan wal siman ta’uu isaanii,

  2. Fedhiiwwan bittaa dhiyaatan tokko tokkoon guutuuf bittaa irra kan fooyya’e filaannoon biroo kan hin jirre ta’uu isaa,

  3. Karoorichi bittaa bakka tokkotti raawwachuuf haala dandeessisuun qindaa’ee qophaa’uu isaa,

  4. Maloonni bittaa filataman dorgommii kan jajjabeessan, ifaa fi baasii qusataa ta’uu isaanii,

2. Sanadni caalbaasii adeemsa hojii bittaatiin qophaa’u haalawwan armaan gadii guutuu isaa ni mirkaneessa.

  1. Kutaan hojii bittaa yeroo sanada caalbaasii qopheessuu gosa bittichaa tiif sanada caalbaasii idilee biiroodhaan qophaa’ee kan fayyadame ta’uu isaa,

  2. Ibsi Fedhii tekiniikaa qophaa’e haalawwan labsichaa fi qajeelfama kana irratti ibsaman kan guutu ta’uu isaa,

  3. Ulaagaaleen ittiin dorgomamu kan loogii hinqabne, ifaa fi raawwatamuu kan danda’aman ta’uu isaanii,

  4. Unkaalee hojii sirrii ta’anii fi dhimmoota biroo labsichaa fi qajeelfama kanaan akkaataa gosa bittaatiin ibsamuu qaban kan haammate ta’uu isaa,

3. Akkaattaa qajeelfama kanaa keewwata 19 keewwata xiqqaa 2 tti akkuma gosa bittaa isaatti bittaawwan hanga mallaqaa murtaahee ol ta’aniif gabaasa gamaaggama bittaa qorate ni raggaasisa

  1. Gamaaggamichi Sanada Caallbaasii bahe irratti hundaa'ee hojjatamuu isaa;

  2. Tumaatiilee labsichaa fi qajeelfama kanaa kan eege ta’uu isaa;

  3. Murtoon bittichaa kaffaltii manni hojichaa kaffalamuuf kan wal-madaalu bu’aa kan argamsisuu danda’u ta’uu isaa mirkaneessuu;

4. Qajeelfama kana keewwata 18.21 irratti kan ibsaman hojiirra ni oolcha.

5. Gabaasaa gamaaggama bittaa dhiyaate irratti murtoon koreen kennamu kamiyyuu kan sababa irratti hundaahe ta’uu qaba.

6. Labsichi, qajeelfama raawwii fi seeroonni Biirichaan bahaan biroo eegamanii bittaan mana hojichaa haala hojimaata fooyya’een hojiirra itti oolu itti gaafatama ol’aanaa mana hojichaa ni nigorsa.

7. Hojiiwwan bittaa korichaan ragga’anii, rakkoolee quunamanii fi yaada furmaataa kan ibsu gabaasa kurmaa kurmaanan itti gaafatamaa ol’aanaa mana hojichaatiif ni dhiyeessa,

8.Adeemsa raawwii bittaa mana hojichaa keessatti murtoowwan koreedhaan raggaassifaman ilaalchisee itti gaafatama ol’aanaa mana hojiitiin ykn qaama aangoon kennameef biroo tiin yeroo gaafatamu ibsa ni kenna.

8. Itti Gaafatamummaa Walitti Qabaa Koree Raggaasistuu Bittaa

Walitti qabaan koree raggaasistuu bittaa itti gaafatamaa ol'aanaa mana hojichaatiin kan mogaaffamu ta'ee itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata.

1. Guyyaa fi sa'aatii waligahii koree raggaasistuu ni murteessa, walgahii ni gaggeessa

2. Hojiiwwan adeemsa caalbaasii wajjin walqabatan, labsii fi qajeelfama bittaa hordofee kan raawwatame ta'uu isaa ni mirkaneessa.



9. Itti Gaafatamummaa Barreessaa Koree Raggaassistuu Bittaa


Barreessaan koree raggaasistuu bittaa itti gaafatamaa ol'aanaa mana hojiichaatiin kan mogaaffamu ta'ee itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata.

  1. Qaboo yaa'ii koree raggaassistuu kamiyyuu ni qaba, korichi sanadootaa fi galmeewwan akka qabaatu ni godha, of eegganoodhaan ni egaa,

  2. Dhiyeessitoota wajjin mariin taasifamuu yoo jiraate, qaboo yaa'ii ni qaba.

  3. Qajeelfama walitti qabaa koree irraa kennamuuf bu'uureffatee ajandaa ni qopheessa.

  4. Walgahii koree caalbaasii irratti sagalee ni kenna.

Kutaa 3: Karoora Bittaa

10. Qophii Karoora Bittaa


  1. Manni hojii Mootummaa fi qaamoleen isa jalatti ijaaraman kamiyyuu sagantaalee hojii karoorfaman hojiirraa oolchuuf kan isaan barbaachisu bittaa yeroodhaan raawwachuuf kan dandeessisu karoora bittaa sagantaa dhaan deeggarame yeroodhaan qopheessuu qabu.

  2. Manneen hojii mootummaa bittaan raawwatan kamiyyuu karoora irratti kan hundaa'e ta’uu qaba. Karoorri bittaa qophaa'us kaayyoowwan armaan gadii galmaan gahuu kan dandeessisu ta’uu qaba:

a. Labsicha keewwata 5 irratti kan eeraman qajeeltoowwan bittaa mootummaa hojiirra akka oolu gochuuf,

b. Sagantaa hojii mana hojichaa fiixaan baasuuf,

c. Bittaa kukkutamanii raawwataman dhoowwuudhaan hojimaata mana hojichaa yeroo fi baasii qusataa gochuuf,

d.Rakkoolee ykn sodaalee raawwii bittaa irratti quunnamuu danda'an dursanii hubachuudhaan sirriitti dursanii qophii gochuuf.



11. Fedhii Bittaa Addaan Baasuu, Sasaabuu Fi Qindeessuu


  1. Manni hojii mootummaa kamiyyuu fedhii bittaa yeroo qopheessu kan armaan gadii yaada keessa galchuu qaba.

a. Fedhichi qabeenya mana hojichaa keessa jiruunii fi tajaajila irra hin ooliin guutamuu kan hin dandeenye ta’uu isaa mirkaneessuu.

  1. Fedhichi oomisha ykn tajaajila gabaa irra jiruun guutamuu kan danda’u ta’uu isaa mirkaneessuu,

c. Fedhiin bittichaa qabeenya faayidaa irra hin oollee kan hin dabalannee fi mana hojiicha baasii hin barbaachifneef kan hin saaxille ta’uu isaa mirkaneessuu,

d. Keessattuu yeroo dheeraa akka tajaajilan yaadame bittaa raawwataman yoo ta’an fedhiin bittichaa guddinaa fi fedhii gara fuulduraa uumamu yaada keessaa kan galchuu qabu ta’uu isaa,

e. Haallii dirqisiisaan hanga hin uummametti malee fedhichi dhiyeessaa idilee gabaa irratti argamuun ykn sadarkaa irratti kan hundaa'e ta’uu isaa mirkaneessuu,

f. Fedhiin bittichaa nageenyaa fi eegumsa naannoo uummatichaa kan hin miine ta’uu isaa mirkaneessuu.

2.Qaamoleen bittaa raawwatan fedhii bittaa funaanuudhaan fedhii manneen hojii kan waaggaa beekuuf haala armaan gadii raawwachuu qabu:

a.Faayyadamtooni mana hojiicha keessatti argaman fedhii bittaa isaanii kan waggaa akka dhiyeeffatan gaafachuu,

b. Fedhii faayyadamtoota irraa dhiyaate gosa bittaatiin, baayinaan, sadarkaa qulqullina fi iddoo itti argamaniin adda baasuu,

c. Meeshaawwan hojii ijaarsaa fi tajaajilawwan mana hojiichaan xiyyeeffanaa fi dursi kennamuuf adda baasuu,

d.Fedhiin dhiyaate dhiyeessaa gahaa kan qabu ykn kan hin qabne ta’uu isaa qulqulleessuu,

e. Qorannoo mana hojichaan adeemsifameen ykn ragaa gabaa burqaa biroo irraa argameen tilmaama gatii bittichaaf barbaachisu baruu,

f. Ibsi fedhii tekiniikaa faayyadamtootaan qophaa'uu isaa ykn gara fuulduraa kan qophaa'u ta’uu isaa mirkaneessuu.


  1. Manneen hojii mootummaa fedhii fayyadamtoota irraa sassaabee , ragaa qorannoo gabaa irraa argamu bu’uura gochuudhaan fi haala armaan gadii tilmaama keessa galchuudhaan bittaa qindeessuu qabu.

a. Hanga danda’ametti fedhii bittaa walfakkaatuu fi walitti dhiyaatu bakka tokkotti sassaabuudhaan,

b.Bittaawwan bakka tokkotti raawwatamaniif dhiyeessaa gahaan gabaarra jiraachuu isaa ykn bitticha gosa dhiyeessitoota jiraniin gargar qooduun dorgommii gahaan akka jiraatu kan dandeessisu ta’uu isaa mirkaneessuu,

c. Bitticha raawwachuuf haalli mijaa’aan jiraachuu isaa fi dhimmootni gufachiisaan kan hin jirre ta’uu isaa mirkaneessuu,

d. Labsicha keewwata 43 irratti kan ibsame akkuma eegametti ta’ee bittaa meeshaa, tajaajilaa ykn hojii ijaarsaa yeroo tokkotti raawwachuun yommuu barbaachisu gahee %50 ol gosa bittaa qabu bu’uureffachuudhaan raawwachuu.

e. Hanga danda’ametti carraa dorgommii oomishitoota biyya keessaaf haala bal’isuun bittaan akka gurmaahu gochuu.


Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin