College of education and behavorial study departement of educational planning and management assessing the practice of diversity management in



Yüklə 0,92 Mb.
Pdf görüntüsü
səhifə37/39
tarix09.07.2023
ölçüsü0,92 Mb.
#128498
1   ...   31   32   33   34   35   36   37   38   39
18. Sirna Adabbii
18.1 Miseensi tokko buusii buusuu dhiisuun miseensummaa irraa haqamuun dura beeksifni 
bareefamaan yeroo tokko qofaaf nii kennamaaf. Yeroo beeksifni kennameef sana kessatti 
dirqama irraa barbaadamu raawwachuu yoo baate miseensummaa irraa ni haqama
18.2 Miseensi naamusaan adabamu kam iyyuu adabbii dura gorsii fi akeekachiisni barbaachisu 
karaa koree hojii raawwachiistuu ni kennamaaf.
KUTAA ARFAFFAA 
CAASEFAMA SEERICHAA 
 
19. Caaseffama
Caasaan waldichaa yaa'ii waliigalaa koree hojii raawwachiistuun ta'a
20. YAA'II WALII GALAA
Yaa'iin waliigalaa miseensota waldichaa kan ta,an hunda kan haammate yoo ta'u, miseensota 
woldichaa keessaa harki 2/3 yoo argame yaa'iin geggeefamuu ni danda'a.


86 
21. Gahee yaa'ii walii galaa
21.1 Ya'iin waliigalaa murtii dhumaa waldicha ilaallatu kan kennudha.
21.2 Gabaasa koree hojii raawwachiistuu nii dhaggeefata murtii sireefamaa nii kenna. 
21.3 Koree hojii raawwachiistuu nii filata.
21.4 Qaama odiitii godhu ni filata.
21.5 Yaada murtii hojii raawwachiistuu irraa dhiyaatu qoratee sirreefama barbaachisu
kennuun ni murteessa.
21.6 Seera ittiin bulmaataa kana ni fooyyessa.
22. Koree Hojiii Raawwachiistuu
Koreen hojii raawwachiistuu yaa'ii waliigalaa keessaa yaa'ichaan kan filatamu ta'ee miseensota 
ja'a kan qabaatudha
.
23. Caaseffama Coree Hojii Raawwachiistu
23.1 Dura taa'aa
23.2 Barreessaa
23.3 Abbaa Herregaa
23.4 Qarshii fi Meeshaa qabduu/qabaa
23.5 Miseensa
24. Gahee Hojiii Koree Hojiii Raawwachiistuu 
 
Koreen hojii raawwachiistuu itti waamaman isa yaa'ii walii galatiin ta'e gahee hojii armaan gadii 
nii qabata
24.1 Hojiiwwan waldichaa abbummaan ni hoggana ni geggeessas.
24.2 Murtii yaa'ii walii galaatiin kennaman hunda hojiirra nii oolcha.
24.3 Mirga miseensota seera ittiin bulmaataa kana irra jiran hordofuun hojiira nii ool-cha,


87 
24.4 Buusii miseensummaa miseensota irraa walitti qabuun ni bulcha. Akkaataa seera kanaan 
hojiira ni oolcha.
24.5 Yaa'iin waliigalaa yoo kennameef keessatti ni waamama. ewqGabaasa dhiyeessuun nii 
gamaggamsiisa.

Yüklə 0,92 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   31   32   33   34   35   36   37   38   39




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin