Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaa biiroo induustirii fi misooma magaalaatti



Yüklə 230,34 Kb.
səhifə1/6
tarix14.01.2018
ölçüsü230,34 Kb.
#37787
  1   2   3   4   5   6


BULCHIINSA MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAAd

BIIROO INDUUSTIRII FI MISOOMA MAGAALAATTI



EJENSII MISOOMAA FI MANAAJIMANTII LAFA MAGAALAA OROMIYAA

BARREEFFAMA SIRNA FOYYAA’INSA BULCHIINSA LAFA MAGAALAA MISOOMAWAA DIRRIIRSUU FI HOJIIRRA OOLMAA ISAA ()Kutaa 1)

(MARII HOGGANSAAF KAN QOPHAA’E)


CAAMSAA,2008

ADAAMAA



Seensa

Biyyi keenya imala guddinaa jalqabde galmaan gawuun hiyyummaa fi doofummaa yeroo dheeraaf mallattoo keenya ta’ee ture seenaa gochuuf imaammata misooma diinagdeefi hawaasummaa baasuun hojiirra oolchaa turteetti, oolchaas jirti. Imaammatoota kanneen keessaas imaammatni misooma magaalaa, kanumaan walqabtees, imaammatni misoomaa fi manaajimantii lafa magaalaa kan eeramanuu dha. Naannoon keenyas, imaammataafi sagantaa misoomaa fi maanajimantii lafa magaalaa sadarkaa biyyoolessaatti bahe hojiirra oolchuun foyyaa’insa misoomaa fi bulchiinsa lafa magaalaa hojiirra oolchuuf karoora qabatamaa qopheeffachuufi ittiin hogganamuun sochii taasisuu erga jalqabee waggoottan lakkoofsifamaniiru.

Gama seektera lafa magaalaatiin rakkoowwan bu’uuraa mul’ataa turan keessaa inni ijoon seektarri kun madda gochaa fi ilaallichi kira sassaabdummaa ta’ee turuun kan irratti waliigalame ta’uu irraa ka’amee, hojiin rakkoo kana maqsuuf hojjetamu hojii misoomaa fi bulchiinsa gaarii dhugoomsuu keessatti ga’ee murteessaa akka qabu hubachuun hojiin sirna foyyaa’insa bulchiinsa lafa magaalaa misoomawaa diriirsuuf dandeessisu naannoo keenya keessatti raawwatamaa tureera. Hojiileen kunniin hojii foyyaa’insa sirna ragaa lafa magaalaa diriirsuu fi foyyaa’insa sirna misoomaafi dhiyeessii lafa magaalaa diriirsuu irratti kan xiyyeeffataniidha.

Hojiin kun hirmaannaa fi tumsa hoggaansaa fi qaamolee hawaasaa adda addaa kan gaafatu waan ta’eef, hirmaannaa qaamolee hundaa mirkaneessuun galma ga’iinsa hojii kanaa milkeessuuf adeemsa raawwii sagantaa sirna foyyaa’insa lafa magaalaa kana sakatta’uun hanqinaalee jiranu adda baasuun hubannoo waliinii uumaa deemuun barbaachisaa waan ta’eef barreeffamni kun qophaa’eera.

Barreeffama kana qopheessuuf maddoota odeeffannootiif qorannoowwan, kitaabotaa fi barruulee adda addaa mata duree kana irratti yeroo adda addaa qoomolee seektera kana irratti bobba’aniin qophaa’an, imaammataa, seerootaa fi gaabasota mataduree kanarratti jiranu sakatta’uun akka galteetti itti fayyadamuun yoo ta’u, hubannoof akka tajaajiluuf yaadamee seerota barreeffama qorannoo hordofee kan qophaa’e miti. Kanaaf, bu’aa yaadota qaamota adda addaa barreeffama kana keessatti tuqaman tokko tokkoo isaaniitiif madda ragaa taasifadhee tuquu dhisuu kiyyaaf dursee dhiifaman gaafadha.

Barruun kun kan xiyyeeffatu hojii sirna foyyaa’insa misoomaa fi dhiyeessii lafa magaalaa irratti yoo ta’u, kan sirna foyyaa’insa ragaa lafa magaalaa of danda’ee barreeffamni dhiyaatu ta’uu isaa eeraa, hojiileen lameenuu kan walitti hidhamu ta’uun dagatamuu akka hin qabne gamanumaan hubannoo qabatamuu qaba.

Barreeffamni kun kutaalee afur kan qabu yoo ta’u, kutaa jalqabaa keessatti yaadirimeewwanii fi yaada waliigalaa barbaachisummaa foyyaa’insa sirna bulchiinsa lafa magaalaa, kutaa lammaffaan, haala qubsummaa uummataa fi sirna bulchiinsa lafa biyya keenyaa, kutaan sadaffaan ammoo xiinxala raawwii sirna fooyyaa’insa lafa magaalaa hanga ammaatti turee kan haammate yoo ta’u, kan dhumaa rakkoolee fi kallattii furmaataa qabachuun kan qophaa’eedha.
Boqonnaa Tokko


  1. Yaada Ka’umsaa Waligalaa Barbaachisummaa Sirna Foyyaa’insa Bulchiinsa Lafa Magaalaa

    1. Yaada Ka’umsa Waliigalaa Sirna Foyyaa’insa Lafaa

Lafti qabeyna uumamaa isa murteessaa yoo ta’u, isaan ala jireenyi ilma namaa kan hin yaadamneedha. Kana malees, qabeenya murtaawaa fi dorgommiin isaaf jiru sababa saffisa babal’ina magaalaan, baay’ina uummaataa, guddina diinagdee, hir’ina wabii nyaataa baay’ina uummata addunyaan fi kkf yeroo gara yerootti kan dabalaa deemuudha. Lafti jireenya ilma namaa keessatti diinagdeen, hawaasummaa fi siyaasaan kan qabeenya walitti hidhamiinsa cimaa qabuudha.

Amala diinagdummaan lafaa yeroo ilaallu oomishaaf sababoota galtee ta’anu sadeen (kappitaala, humna namaa fi lafa) keessaa isa tokkoodha. Kun akkuma jirutti ta’ee, Lafti shaqaxa fiizikaalaa fi yaadrimee hin mul’anne (abstract concept) bifa mirga itti abboomuu ykn fayyadamuutiin kan walitti hidhamee akka wanta dachii keessatti hiidda qabuutti kan hubatamuu dha. Kanaaf bulchiinsi isaa har’aa madaalawaa yoo ta’e malee,jiraataa har’aas, kan boruus giddu gala kan godhate ta’uu waan hin dandeenyeef misooma fufiinsa qabu mirkaneessuun hin danda’amu.

Lafti ija seeraatiin yoo ilaalamu daangaan isaa handhuura dachii keessaa jalqabee hanga samii dhuma hin qabneetti gaha. Garuu daangaa waa’ee bulchiinsa isaa barreeffama kanaa irratti qofa xiyyeeffannee yeroo ilaallu dachii ijaan arginu kanaafi kan isaan walqabatan kan akka bishaani, albuuda, ijaarsa irra jiru… hunda dabalata.

Lafti amala siyaasaafi dinagdees qaba. Bilisummaan biyya tokkoo daangaa lafaan ibsama; warrannilleen sababa daangaa lafaan geggeeffamaa tureera. Qabeenya lafaa kana to’achuun aangoo siyaasaas harkatti galfachuuf haala majaawaa kan uumuu danda’uu dha. Lafti amala diinagdees waan qabuufakka qabeenya kamiittuu ofii isaaf ni gurgurama; qabeenyi irratti horatamuu danda’uun alattis qabeenyi irratti horatamus of-danda’ee yookiin walumaan gurgaramuu,dhalchifamuu, akka wabummaatti qabamuu, kennaan darbuu ni danda’a. Kana malees, ga’een lafti diinagdee biyya tokkoo keessatti qabu guddina diinagdee biyyaa (GDP) keessaa %20-40 akka gawu ragaaleen ni mul’isu. Biyyoota guddina irra jiranu keessatti ammoo qabeenya waliigalaa keessaa qabeenyai lafaafi lafaan walqabatu dhibbeentaa 45 hanga 75 kan haguuguu akka ta’e tilmaamama. Sababa kanaanis tasgabbii maakiroo ikonomii biyyootaarratti gahee guddaa qaba. Keessumattuu biyyoota guddataa jiranuufi guddina diinagdee ariifataa galmeessisuu keessa jiranu keessatti qaala’iinsi gatii waan olka’uuf (inflation) humni bittaa maallaqaa gadi bu’aa waan deemuuf, lafti ammoo haala kana keessatti gatiin isaa dabalaa waan deemuuf lammiileen qabeenya argatan bittaa lafaafi qabeenya lafaan walqabatanurratti oolchuuf akka deemanu qorannoowwan adda addaa ni dhugoomsu.

Kanaaf sirni bulchiinsa lafaa akka addunyaatti, keessumattuu biyyoota guddinarra jiranu kan akka biyya keenyaa keessatti xiyyeeffannaa argataa dhufeera. Sirni bulchiisa lafaakun mirgoota abboomuu, itti fayyadamuu fi shallaguu/safaruu(value) of keessatti qabata.Dhimmootni kun yaadrimeedhaan gargar ta’anus, gochaan(in practice) walitti hidhamoo dha. Sirna bulchiinsa lafaa kana akka waliigalaatti sirna qabiyyee lafaa yookiin sirna itti fayyadama lafaa(tenuer system) jechuuniin ni danda’ama.

Sirni qabiyyee lafaa kun biyyaa biyyaatti, kutaa hawaasaan, amantaan, siyaasaan… walqabatee gosa adda addaa kan qabu yoo ta’u, hojmaata idileen (formal) kan beekamanu gosa lama dha. Isaanis, sirna qabiyyee bilisaa(freehold) jedhamuun kan beekamuufi mirga guutummaatti abboomuu lafaa kan kennuu dha.Gosti kun kutaa dabalataa, abboomuu haalduree qabu (delayed or conditional freehold) yookiin haaldureen taa’e erga raawwateen booda kan mirga abboomuu gonfachiisu of keessaa qaba. Sirni qabiyyee kun jalqaba motummaa irraa kan maddu ta’ee, fayyadamtootaaf mirga abboomuu guutuu kan kennuu dha. Dhufaatiin seenaa sirna kanaas Ingilizi(Engilish common low) irraa yoo ta’u, biyyoota kolonii ishee jala turan keessatti bal’inaan kan hojiirra ooluun beekamuu dha. Sirni kun seera hariiroo hawaasummaa Roomiin (Roman Civil Low)dominiyuum (dominium) fi seera Isilaamaatiin ‘’Mulk’’ jedhamuun beekama. Haalli mirgootni sirni qabiyyee kun laatu mirga guutuu dabarsuu, mirga dhaalchisuu, mirga qabsiisuu, mirga guutuu itti fayyadamuu(seera biroon yoo hin daangeffamin) fi yeroo hin daangeffamneef kan tajaajiluu dha. Sirna Kanaan mirgootni kunneen kennamanus, daangeffamni itti fayyadamaa, sadarkaa fi gosti misooma hayyamamuu irratti ni jiraatu. Sadarkaa barbaadamuun itti fayyadamuu/misoomsuu dadhabuun ammoo imaammata taaksiitiin dadhabsiifamu.

Faayidaan sirni qabiyyee kanaa, akka dhaadhessitootni sirna gabaa bilisaa kaawanutti, gatii lafaa fi laficharratti foyyaa’insa taasisamuu abbaa qabiyyee sanaaf argamsiisuu waan waan danda’uuf invastimantii jajjajbeessuun guddina diinagdee ariifachiisuu danda’a jedhu. Dabalataanis, fedhii fi dhiyeessiin lafaa sirna gabaan waan hogganamuuf akka walmadaalu gochuun ga’eessummaa (efficiency) gabaa lafaa mirkaneessuu fi mirga namoota dhuunfaa kabajuu dandeessisa jedhu. Haata’u malee, hanqinni sirni kun qabu lammilee giduutti haqummmaa (equity) mirkaneessuu waan hin dandeessifneef kutaaleen hawaasaa galii gadaanaa qabanu miidhamoota ta’u. Kana sirreessuuf tarkaanfii mootummootni fudhatanu keessatti murna hawaasa kanaatiif deeggersa adda taasisuun mirga abbaa qabiyyummaa akka argatanuuf tarkaanfiin fudhatamu yoo jiraatellee dhumarratti gatii guddaa kafaluun murna hawaasaa kana kanneen qabeenya guddaa qabanu deebisanii harkatti kan galfatanu waan ta’eef(downward raiding` or`upward filtering`), hanqina kana maqsuun illee rakkisaa ta’ee argama. Hanqina kana hir’isuuf jecha gosa sirna qabiyyee bilisaa haalduree jedhamu, kan gubbaatti tuqame kana akka falaatti kaawuuf yaalu. Sirni kun biyyoota dhihaa sirna kappitaalizimii dhaadhessanu keessatti kan beekamu ta’us, bal’inni daangaa mirgi abboomuu biyyaa biyyatti garaa garummaa qaba.

Gosti inni lammataa sirna liizii yoo ta’u, hiika jecha kanaa yeroo ilaallu, “Liizii” jecha jedhuuf beektota adda addaatiin hiikaan adda addaa kan kennamuuf yoo ta’e illee, akka waliigalaatti hiika “waliigaltee namni tokko mirga qabeenya tokko jechuunis qabeenya manaa, lafa yookiin kan biroo, nama biroof yeroo murtaa’e tokkoof gatii itti fayyadamaa kanfalaa akka itti fayyadamuuf ittiin kennuu ta’uu agarsiisa”. Gara qabeenya lafaatti yoo dhufnus bifuma walfakkaatuun qabiyyee liizii galmaa’e(Registered leasehold) ta’ee kan fudhatamu yoo ta’u, mirga abbooma yeroon daanga’eewaliigalteen yookiin seeraan deeggeramee kan hogganamuu dha. Qabiyyeen lafa liizii mootummaan yookiin dhaabbileen yookiin nama dhuunfaan uumamuu ni danda’a. Mirgi abbummaa guutuun abbaa liiziin kennu biratti waan hafuuf mirga liiziin fudhataa/kireeffataa daangeessuun kan jiraachuu danda’u ta’us, raawwiin isaa garaagarummaa bal’aa qaba. Liiziin kennaan mootummaa bakka ta’etti ammoo daangeffamni seeraan taa’e yeroo baay’ee guutummaatti hojiitti hin hiikamu.Daangaan yeroo kun ji’oottanii hanga waggoota 999 kan gawu ta’uu barreeffamni qorannoo dhimma kanarratti xiyyeeffatanu ni mul’isu. Haata’u malee amantaan liqeessitootaa akka hin hubamne yeroon liizii waggaa 30 gadi akka hin taane gorfama.

Sirni akkanaa kun biyyoota sirna kappitaalizimii geggeessanu dabalatee(Fkn. Awstaralia, Esrael…), biyyoota sirna sooshaalizimiirraa gara kappitaalizimiitti cehaa (countries in transision) jiranu(Fkn. China, Veetinaam…) keessatti kan raawwatamaa jiruu dha. Sirni lameenuu dadhabinaafi cimina mataa isaanii kan qabanuu fi lamaanuu mirgi itti fayyadama lafaarratti gonfachiisanu garaagarummaa qabaatanus, walirraa fagoo miti. Lameenuu mirgi itti fayyadama lafaa daangaa seeraan taa’e qaba.

Gosootni sirna liizii lafaa yeroo turtii waliigaltee, eenyummaa walii galtootaa fi akkaataa gatii kiraa kanfalamuu bu’uura godhachuudhaan akaakuu adda addaatti qoodamuun ni dhiyaatu. Yeroo irratti hundaa’ee qoodinsi akaakuu liizii bakka lamatti kan qoodamu yoo ta’u, liizii yeroo dheeraa fi yeroo gabaabaa jedhamee seerota kanaaf bahanuun kan qoodamee kaawamuu dha. Enyummaa walii galtootaa irratti hundaa’uun walii galteen liizii walii galtee liizii namoota dhuunfaa jiddutti taasifamuu fi walii galtee liizii nama dhuunfaa fi qaama mootummaa jiddutti taasifamu jedhameetuu iddoo gurguddoo lamatti hirama. Walii galteen liizii namoota dhuunfaa gidduutti taasifamu gosa walii galtee liizii irraa caalaadhaan biyyoota sirna bulchiinsa lafaa dhuunfaa qabanitti mul’atuu dha. Walii galteen kun namoonni dhuunfaan walii galtee liizii lafaa jidduu isaanitti taasisanii dha. Bu’ura walii galtee kanaatiin namni abbaa qabeenyaa lafaa ta’e tokko walii galtee liiziin lafa isaa dabrsee kireessa. Walii galteen liizii nama dhuunfaa fi qaama mootummaa jiddutti taasifamu immoo gosa walii galtee liizii biyyoota sirna bulchiinsa lafaa waliinii hordofan keessatti bal’inaan mul’atuu dha. Gosa walii galtee kanaa keessatti mootummaan lafa qaabeenya waliinii ummataa ta’e iddoo ummataa bu’uun nama dhuunfaa waliin walii galtee liizii kan itti raawwatuu dha.

Kaayyoo barreeffama kanaa fi imaammata sirna bulchiinsa lafa biyya keenyaaf akka mijaawuuf bal’inaan kan ilaalamuu qabu, akkaataa gatiin kiraa liizii itti kanfalamuu bu’uura godhachuun walii galteen liizii iddoo gurguddoo sadiitti hiramuu ni danda’a. Inni jalqabaa, gosa liizii muraa (cash lease) yoo ta’u, akaakuu liizii Kanaan gatiin kiraan liizii itti fayyadama lafaa yeroo walii galteen taasifamutti adda bahee murtaa’uu fi hammi maalaqaa kun haal duree tokko malee yeroo itti walii galame keessatti mallaqaan kan itti kanfalamuu dha. Inni lammataa akaakuu liizii haala laallataa (flexible cash rent lease or a flex lease) dha. Gosti liizii kun walii galtee hammi kanfaltii kiraa liizii lafichaa dursaan hin murtoofne dha. Bu’ura gosa walii galtee kanaatiin hammi maallaqaa akka gatii itti fayyadama lafaatti kanfalamu faayidaa kireeffataan lafaa kun laficha kireeffate irraa argate irratti hundaa’a. Kana jechuun hammi gatii liizii lafaa kan murtaa’u erga lafichi misoomee booda galii laficha irraa argamu irratti hundaa’ameeti waan ta’eef yeero irraa gara yeerotti addaa addummaa qaba jechuu dha. Gosti inni sadaffaan immoo walii galtee liizii hirtaa (share lease) jedhamuun beekkamuu dha. Walii galteen liizii kun immoo gosa walii galtee liizii abbaan lafaa fi kireeffataan lafaa bu’aa lafa sanarraa argatan bu’ura walii galtee isaaniin adda qooddachuuf itti walii galanii dha.

Gosooni waliigaltee kun ciminaa fi hanqina mataa isaanii kan qaban ta’u fi biyyooni ykn namoonni akka isaaniif mija’etti kan filatan ta’uun hubtamuu qaba.Sirni liizii barreefama kana keessattii ilaalaa jiru waliigaltee mootummaan uummata bakka bu’ee namoota dhuunfaa ykn qaamolee biroo wajiin taasisu yammuu ta’u haallii waliigaltee kanfaltii gosa walii galtee liizii muraa (cash lease) dha.

Faayidaan sirna liizii nama mirga lafaa sirna Kanaan argate keessatti miiraa fi amantaa abbummaa waan keessatti uumamuuf lafa argate irratti qabeenya isaa dhangalaasuufi itti liqeeffachuufis kan jajjabeessuu dha. Kana malees, bu’aa bahii lafa misoomaaf gadi lakkisiisuuf qaamni mootummaa keessa darbu gabaabsuun yeroo fi dhamaatii ni xiqqeessa. Hundaa olitti biyyoota abbummaan lafaa kan mootummaa/uummataa ta’etti fedhii fi faayidaa uummataa waliigalaa fi dhuunfaa eeguu dandeessisuun haqummaa fayyadamummaa lammiilee gidduutti uumuun sirna biro irra filatamaa dha. Faayidaa armaan olitti tuqame kana qabaatus, sirni qabiyyee lafaa kun hanqinni isaa guddaan waliigaltee kennaan jiraachuun dirqama waan ta’eef caasaa kana raawwatu uumuu gaafachuu isaati.

Sirnootni mirga itti fayyadama lafaa hojmaata idileen bal’inaan adduunyaarratti beekumtiin kennamuufii dhabaatus qabatamaan biyyootaa fi kutaalee hawaasaa adda addaa keessatti jiranu hedduu dha. Fakkeenya kaasuuf, mirga kiraa mootummaarraa argame, lafa ykn mana ta’uu danda’a(Public Rental), kiraan kan nama dhuunfaarraa argame (Private rental), mirga waldaan argame (Co-operative tenure), mirga aadaan argame (Customary ownership), mirga amantaan hogganamu (Religious tenure system), mirga al-idilee ykn qabiyyee seeraan alaa (Non-formal tenure system) kaasuun ni danda’ama.

Gosoota sirna itti fayyadama lafaa kana gidduutti sarara garaagarummaa kaawuun kan hin danda’amneefi mirgoota walitti dhaabbatanu (continuum/range of land rights) ta’uun giraafii armaan gadiirraa hubachuun ni danda’ama.

Akka waliigalaatti yaada rimee armaan olii irraa kan hubatamuun danda’amu, hariiroon lafaa fi nama jidduu jiru mirga itti fayyadamaan kan ifu yoo ta’u, kun ammoo biyyaa biyyatti sirna siyaasaa, amantaa, guddina diinagdee fi hawaasummaa irra gaheen garaagarummaa kan qabu ta’uu isaati. Ija Kanaan haala mirga itti fayyadamaa lafaa jiraataan magaalaa qabu sadarkaa kam keessatti bal’inaan akka kufu uumama magaalotaa fi sirna bulchiinsa lafa biyya keenyaan waliin madaaluun ni danda’ama.

Mirga abdii Qabuu(Occupancy) Qabiyyee Garee Qab. Bilisaa galmaa’e


Mirga lafaa al-idilee

Mirga lafaa Idilee

Aadaa Buqqa’uu dhabuu liizii


    1. Barbaachisummaa Foyyaa’insa Sirna Bulchiinsa Lafa Magaalaa(Why Urban Land Reform?)

Woggoota 20 dura jijjiirama hoggansa siyaasaa sirna sooshalizimii keessatti dhufe bu’uura godhachuun Baankiin Addunyaa riifoormii himaammata lafaa biyyoota guddina irra jiranu keessatti akkamitti raawwatamuu akka qabu waraqaa qopheesse keessatti sababoota ka’umsa ta’anu sadii tarreesseera. Kaayyoon waraqaa kanaa kan mataa isaa ta’us dhugaan tarraa’e haala qabatamaa biyya keenyaaf walitti dhufeenya qabu waliin hubannoof akka tolu gabaabinaan kaasuuf yaalameera.

Haaluma kanaan, sababni jalqabaa riifoormii lafa magaalaaf ka’umsa ta’a jedhame saffisaafi babal’ina magaalotaa biyyoota guddataa jiranu keessatti mul’achaa turee dha. Akka waraqaan kun mul’isutti bara 1975 hanga 2025 A.L.A gidduutti biyyoota guddataa jiranu keessatti baay’inni uummata magaalaa %230n dabaluun Biliyoona 1.6 irraa gara Biliyoona 5.1 tti akka guddatu agarsiisa. Guddinni baay’ina uummataa kun qilleensarratti kan raawwatamu osoo hin ta’in lafarratti waan ta’eef, adeemsi hoggansa lafaa sakatta’amuun haqa dhiibee dhufaa jiru kana keessummeessuun dirqama akka ta’e mul’isa.

Sababni lammaffaan, faayidaa magaalotni guddina diinagdee keessatti qabanuu dha. Akka ragaan mul’isutti magaalotni guddina biyyoota guddataa jiranuu keessatti %50 hang %60 tti guddina diinagdee (GDP) keessatti akka gahee qabanuu dha. Kana malees, magaalotni bakka hawataafi kuufama kappitaalaa, teekinolojii, beekumsaa fi dhaabbilee hawaasummaafi diinagdee waan ta’aniif mootora guddina diinagdee biyya tokkoo ta’uun jeraa waan nama walgaafachiisuu miti. Kanarraa ka’uun lafti galtee sochii diinagdee waan ta’eef itti fayyadamni isaa pilaaniirraa eegalee yoo hin hogganamne rakkoon walqabatee gama hawaasummaan, faalama naannootiin, qisaasa itti fayyadama lafaa fi baasii dabalataa uumamaa deemuun deebisee guddina biyyaa gufachiisuu akka danda’u muuxannoo biyyoota guddatanii darberraa waan hubatameef foyyaa’insi hoggansa lafaa dirqama taasisa.

Inni dhumaa, waraqaan gubbaatti tuqame kun oomishittummaa magaalotaa foyyeessuun guddina diinagdee biyyaaf murteessaa ta’ee argamuu isaa tarreessa. Gama kanaan akka ka’umsaatti waraqaan kun kan fudhate guddina diinagdee biyyoota hiyyeeyyii turaniif yaada furmaataa dhiyaatee ture sagantaa jijjiirama caasseffamaa (Structural Adjustment Program-SAP) kan tureefi sagantaan kun ka’umsarraa kaayyoo biyyoota dhihaa galmaan gahuuf wixinamee kufaatii biyyoota Afirikaa hedduuf kan gumaache ta’us, qabxiileen sababa kana jelatti tuqaman keessaa kanneen amansiisaafi hiikoo nuuf qaban kaasuun barbaachisaa dha. Haaluma kanaan, ga’ee magaalotni guddina diinagdee keessatti qabanu bu’uura godhachuun dorgomtummaa magaalotaa foyyeessuuf barbaachisummaa invastimantii abbootii qabeenyaafi mootummaatiin bu’uuraalee misoomaa magaalotaa irratti taasifamuu qabanu kaasuun, lafti misoomaaf abbootii qabeenyaa fi jiraattotaaf barbaachisanu dursee pilaniin hogganamee akka qophaawuu qabu, dhiyeessi bu’uuraalee misoomaa kun gahumsa qabaachuu akka qabuu fi magalaaleen ykn kutaaleen magaalaa dullooman deebi’anii yoo haaromsaman malee diinagdeen magaalaa kan kufuu danda’u ta’uun ala sirna gilobaalayizeeshinii keessatti dorgomaa waan hin taneef, kun ammoo riiformii lafaan kan walqabatu ta’uu isaa ti.

Sababoota armaan olitti tuqamaniin dabalata barreeffamoota biroo keessatti dhimmi akka sababaatti dhiyaatu biroon biyyootni baay’een sirna diinagdee giddugalarraa karoorfamuun hogganamurraa(centeraly command economy) gara sirna gabaa bilisaatti deebi’uun ykn ce’uun dirqama yeroo waan ta’eef sababa uumamee dha. Sirna gabaa bilisaatiin diinagdee keessatti hirmaannaan abbootii qabeenyaa olaanaa ta’uun diqama waan ta’eef, abbootiin qabeenyaa qabeenya jaraa kan dhangalaasanu lafarratti waan ta’eef lafa kana akkamitti akka argachuu danda’anuu fi mirgi itti fayyadama lafaafi qabeenya lafarratti uumanuuf qabaachuu qabanu ifatti seeraan taa’uun dhimma murteessaa waan ta’eef riifoormiin lafaa barbaachisaa ta’ee argameera.

Sababoota armaan olitti tuqaman irraa ka’uun mootummaan foyyaa’insa hoggansa lafaa (Land reform) yeroo geggeessu amala lafti diinagdee keessatti qabu waliin yeroo ilaalamu gabaa lafaa keessa mootummaan harka akka galfatu ta’e jechuun ni danda’ama. Sirna biyyi keenya hordoftu waliin ija sirna gabaa bilisaatiin yeroo ilaalamu gaafiin kun ka’uu danda’us lafa ilaalchisee himaammata biyyootni dhadhessitoot gabaa bilisaa hordofonuun adda waan ta’eef hedduu falmisiisuu danda’a. Haata’u malee, gabaa lafaa keessa mootummaan akka inni harka galfatuuf (justification for government intervention in land market) biyyoota hundaafi sirna hunda keessatti sababootni irratti waliigalaman jiraachuun asirratti tuquun murteessaa dha. Kan jalqabaa qaawwa gabaa lafaa (Market imperfection) fi hanqina ga’eessummaa raawwii keessatti (failures in operating effecioncies) mul’atanumaqsuuf; kan lammataa, dhiibbaa bu’aa gabaan gahuu danda’u(market externalities) hambisuun baasii sababa gabaa lafaan hawaasarra gahu (social cost) xiqqeessuun gara baasii nama dhuunfatti akka deemuu gochuu fi qabeenya uumamaa muraasaa ta’e kana lammiif qooduun mirga itti fayyadama walqixxummaa lammiilee gidduutti, keessumattuu kanneen humna hinqabnee(disadvantaged group) qaqqabamaa gochuuf(Equity) dhimmoota jedhanuu dha.

Kanarraa wanti hubachuu dandeenyu sirna kamiinuu keessatti motummaan himaammata lafaa foyyeessuun gabaa lafa magaalaa keessa harka galfachuun dirqama diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa ta’uu isaa ti. Garaagarummaan jiraachuun danda’u bal’inaa fi gadi fageenya ga’ee mootummaaniifi namni dhuunfaan adeemsa kana keessatti qabanuu dha. Kun ammoo, kallattii siyaas- diinagdee biyyootni qabnu irratti garaagarummaa jiraachuu danda’u ta’a jechuu dha.


    1. Siyaas-diinagdee fi Sirna Bulchiinsa Lafa Magaalaa

Akaakuwwan sirnoota qabiyyee lafa magaalaa idileen beekamanu lameeniin walqabatee gostii fi adeemsoleen hojiilee hoggansaa fi bulchiinsa lafa magaalaa imaammata siyaasaa fi diinagdee biyyootni hordofanu irratti kan bu’uureffamu ta’a. Hojiileen gurgoddoon hoggansaa fi bulchiinsa lafa magaalaa kanneen kanatti aananuu dha.

  • Itti fayyadama Lafaa= Pilaanii itti fayyadama lafaa qopheessuu, to’annoo itti fayyadama lafaa fi qabeenya uumamaa

  • Misooma Lafaa=dhiyeessii tajaajilaa, bu’uuraalee misoomaa, karoora ijaarsaa, sagantaalee deebisanii misoomsuu fi jijjiirraa itti fayyadama lafaa

  • Mirga Qabiyyee Lafaa=Eegumsaa fi mirgadabarsa lafaa fi qabeenya uumamaa

  • Tilmaama lafaa=Tilmaamaa fi taaksii lafaa fi qabeenyaa

Haaluma Kanaan, Sirnota lameen keessatti dhimmonni walfakkaatan, fakkeenyaaf tajaajilli to’annoo (regulatory services) sochii misoomaa fi ittii fayyadama lafa magaalaa irratti taasifamu meeshaa pilaanii magaalaa fi hayyama ijaarsaatiin kan raawwatamuu fi tajaajiloota bulchiinsa qabiyyee lafa magaalaa gahee mootummaa irraa eegamanii dha. Keessattuu, gaheen misooma lafa irratti raawwataman pilaanii ittii fayyadama seera qabeessa ta’ee fi hayyama ijaarsaatiin kan qajeelfamu amala lafti qabeenya waliinii ta’uu irraa kan maddee fi misoomni iddoo(parcel) tokko irratti raawwatamu mirgaa fi faayiidaa namoota biroo irratti dhiibbaa kan qabu waan ta’efidha.

Kanarraa hubachuun kan danda'amu, lafti amala lama kan ofkeessatti qabu ta’ee argama. Isaaniis, amala akka shaqaxaatti fudhatamuu fi inni lammaffaan ammoo amala qabeenya waliinii kan umamaan argamee fi kan nama hundaa ta'uu isaa ti.

Kanaafuu, sirni bulchiinsaa fi maanajimantii lafa magaalaa amala ijaarsa siyaasaa fi heera mootummaan tokko ittiin ijaarame keessatti hikkaa walittii dhufeenya namaa fi lafa waliin maal akka ta’uu qabuun haala ibsameen kan murta’uu dha. Kana jechuun mootummonni biyyoota tokko tokkoo lafti amala shaqaxummaa waan qabuuf mirgi lafa dhuunfaan abbaa itti ta’uu fi gabaa biliisaatiin gurguruu fi bituun ni danda’ama. Gama biraatiin ammoo mootummoonni tokko tokko lafti qabeenya umaamaa fi qabeenya waliinii waan ta’eef kan abboomuu qabu uummataa fi mootummaa akka ta’uu qabu kallattii murtee siyaasaan akka hogganamu taasisu. Namoonni dhunfaan mirga itti faayyadamuutu kennamuu qaba jedhu.

Gosa Mootummoota lameen kana keessatti shoorrii fi caaseffamni sirna misoomaa fi maanajimantii lafa magaalaa iddoo tokkummaa fi garaagarummaa itti qabanitu jira. Sirna mootummaa isa duraa keessatti shoorri motummaa sirna misoomaa fi manajimantii lafa magaala kessatti qabu shoora to’aannoo (regulatory role) qofa yoommu ta’u, gaheen kun ammoo kan maddu yaad-rimee misoomni iddoo tokkotti gaggeeffamu jireenyaa fi nageenya nama kaaniif dhiibbaa hin mallee fiduu waan dandahuuf, akkasumas akka mootummaatti tajaajila bulchiinsa lafaa keennuun dirqama waan ta’eefi dha.

Gama biratiin ammoo, mootummaa isaa gosa lammaffaa keessatti shoorri mootummaa irraa eeggamu tajaajila to’aannoo qofa osoo hin taane tajaajila lafa uummataa eeguu, misoomsuu fi seera nama dhuunfaaf ittiin darbuu qabuun haala iftoominaa fi haqa qabeessa ta’een qaama misoomsuuf dabarsuutuu irraa eeggama.

Akka waliigalaatti, adeemsoonnii fi yaa’insi hojiilee sirna misoomaa fi maanajimantii lafa magaalaa sirnaa fi amala mootummaatiin osoo adda hin baasiin kan ilaallu yoo ta’e, akkaataa maappii kanatti aanee dihaate ta’ee argama.

Adeemsota pilaanii itti fayyadama lafaa

Adeemsota hojii Lafa gadilakkisisuu fi deebisanii kurfessuu

Adeemsota hojii gabaa lafa magaalaa

Adeemsota hojii hordoffii fi to’annoo ijaarsaa

Adeemsota hojii lafa misoomsuu

Adeemsota hojii bulchiinsa qabiyyee lafa magaalaa/ adeemsa sirna kaadasterii

Adeemsota hojii xinxala pilaanii fi kenninsa hayyama ijaarsaa

Adeemsota hojii to’annoo fi gamaaggamaa

Adeemsota hojii ragaa

Adeemsota hojii tilmaama qabeenyaa




Yüklə 230,34 Kb.

Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2022
rəhbərliyinə müraciət

    Ana səhifə