Ido karoora bara 2006 fi 2007


Karoora Tarsiimoo hojii Waggoota shanii (2008-2012) IDO



Yüklə 1,08 Mb.
səhifə9/15
tarix22.01.2019
ölçüsü1,08 Mb.
#101588
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   ...   15

Karoora Tarsiimoo hojii Waggoota shanii (2008-2012) IDO

  1. KA”UUMSA KAROORICHAA

    1. MUL”ATA BIYYOOLESSAA


Biyyi keenya karoora yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa baafachuudhan hojiiwwan Misoomaa nageenyaa fi Bulchiinsa gaarii haala itti fufiinsa fi amansiisadhaan sadarkaa olaanarraan gahaati jirti. Bu’aawwan argaman kanarraayis hawwasni keenya sadarkaa sadarkaadhaan fayyadamaa kan ture yoo tahu yeroo ammaas irra caalaa akka fayyadamu sochiin bal’aan taasifamaa jira. Akkuma beekamu Mootummaan keenya karoora yeroo dheeraa keessatti hojiiwwan hojjatamuun biyyi keenya biyya galii giddu galeessa qabdu, biya hiyyumaan sadarkaa ol’aanadhaan irraa itti hir’ate, biyya hawaasni hundi misooma argamurraa fayyaadama itti ta’uu danda’uu fi sirni dimokiraasii fi bulchiinsa gaarii itti dagaagee walqixxummaan sabaaf sablammoota itti mirkanaa’e taasisuudhaaf mul’anni inni wixineessee tarakaafachaa jiru bu’aawwan qabatamaa laakkaawwamuu dandahan kan fidee waan taheef, Ammas koroora guddinaaf transfoormeeshinii marsaa lammaffaa kun yeroo karoorfamu mul’anni biyyattiin qabatee hojjechaa jirtu galmaa akka gahuuf gumaacha guddaa akka qabu waan amanamuuf akka dhaabbata IDO tti MUL”ATA biyyattiin kaawwatte kana keessatti qooda keenya bahuudhaaf karoora KGT 2ffaa innaa qopheeffannu hojiiwwan gurguddaa fuulduratti nu eeggatan beekudhaan galmaan gahuun akka dandahamuufidha.
      1. Imaamataa fi Tarsiimoo Sektara Bishaanii.


Manni hojii keenya Imaammataa fi Tarsiimawwan sektara bishaanii beekudhaan galma walfakkaatu fi hojiirra oolmaa imammatootaa fi galmoota kanaatiif hojjachuu waan qabuuf ka’uumsa karoora waggoottan shanan kanaatiif Imaammataa fi Tarsiimoowwan kana akka ka’umsa tokkootti itti fayyadamee jiraa.

4.1.2.1 Imaamata (Policy Issue)





  • Harcaatii hambisuudhaan qindoomina bulchiinsa qabeenya bishaani cimsuu,

  • Qabeenya Bishaan Naannichaa misoomsuu fi kunuunsuun bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyyeesuu,

  • Qabeenya bishaani akka qabeenya muraasaa (scarce resource) ta’etti hubatamee kuunuunsi isaa illee itti-fufiinsa akka qabaatu gochuu,

  • Qindoomina fi fayyadamni misooma qabeenya bishaanii akka misooma hawwaas-dinagdee waliigala naannichaatiin wal-simu mirkaneessuu,

  • Misoomni qabeenya bishaanii misooma qabeenya naannoo kan akka fayyaa, qonnaa fi kkf waliin qindoomina qabaachuu isaa mirkaneessuu,

  • Karoorri misooma bishaanii irratti hojjatamu hundi fayyadama, kunuunsa, suphaa , bakka buusuu fi baajata yaada keessa galchuu qaba,

  • Dhiyeesi bishaanii hanga danda'ametti al-loogumaa fi haqummaa irratti kan hundaa’e ta’uu mirkanneesuu,

  • Dandeettii raawwachisummaa misooma bishaaniif barbaachisankan akka caasaa, seera, faasilitii, qabeenya namaa, baajata, ragaa fi kkf cimsuudhaan ijaarsa dandeetti mirkaneessuu,

  • Mala aadaa fi beekumsa uummata naannoo irratti hundaa’uudhaan bishaan cimmisuu fi fayyadama isaa jajjabeessuu (muuxannoo gaarii),

  • Hirmaannaa ummataa fi abbootii qabeenyaa misooma bishaanii keessatti guddisuu fi cimsuu.
        1. Istraatejiiwwan sektara bishaanii.


Tarsiimoon qabeenya bishaani Naannoo keenyaa fiixaan baasudhaaf qabame keessatti hojiin guddaan dhaabata keenya istiraatejii Hojiiwwan bishaan qulqulluu ummatt Magaalaa Baadiyyaa waliin gahuuf mootummaan baase kutannoodhaan hojiirra oolchudha.Kanaaf istiratejiiwwan kana beekunii fi ka’uumsa karoora keenya waggaa shanii tassisuun sirrii waan tahreef akka ka’uumsa tokkootti fudhatamee jiraa.Istiraatejiiwwan kunis:-

  • Misooma bishaan dhugaatii keessatti hojiin xiyyeeffannoo kennamuuf dhiyeessa bishaan dhugaatii fi qulqullinaa yoo ta’u, misooma haawwaas-dinagdeetiif akka ooluuf tarsiimoowwan seektaroota biroo wajjin walsimsiisanii hojjechuu,

  • Iddoowwan hoongeen itti baayyatuu fi hanqina roobaa qabaniif xiyyeeffanno kennuudhaan bishaan qulqulluu dhiyeessuu;

  • Waliin gahiinsa bishaan dhugaatii teknolojii baasii xiqqaa barbaaduu fi dhiyeessii ofiin-ofiif (self supply) hirmaannaa ummtaatiin hojjetamuuf xiyyeeffannoo kennuu ,

  • Waliin gahiinsaa fi bulchinsa bishaan dhugaatii keessatti hirmaannaa fi qooda fudhannaa dubartootaa mirkaneessuu;

  • Karooraa fi raawwii pirojektootaa fi bulchinsa iskiimotaa keessatti miira abbummaa ummataatiif xiyeeffannoo kennanii hojjechuu;

  • Kunuunsa naannoo (watershed) cimsuudhaan qabeenya bishaanii qusannaan itti fayyadamuu, fayyadama bishaanii dabaluu, qulqullina bishaanii foyyeesuu,

  • Haala faalama qabeenya bishaanii ittiin to’atan, hordofanii fi ittisan diriirsuu fi qindeessu,

  • Sirna odeeffannoo ittiin qabatan bu'aa qabeessa, salphaa fi qindaa’aa taasisuu. (Database),
      1. KAROORAA fi RAAWWII IDO KAN WAGGAA LAMAA(2006-2007)


Raawwii Karoora tarsiima’aa mana hojii keenya kana bara 2006 fi 2007 madaaludhaan rakkoowwan baroota lamaan keessatti nu qunnaman addaan baasudhaan karoora waggaa shanii kanaaf akka galtee tahu itti fayyadamnee jirra.
      1. Kallattiiwwan BMNO, ATTDhMMO tiin kaawwaman fudhachuudhaan akka galtee tokkootti fayyadamuudhaan.

      2. Karoora tarsiima’aa marsaa 2 ffaa BBAIO baafate akka ka’uumsa tokkootti.


Akkuma beekkamu raawwii hojiiwwan keenya baroottan darbanii yoo ilaallu hojiiwwan keenya pirojektoota Qotiinsa Bollaa irra caalaan kan hojjatame kan BBAIO ti.Haaluma kanaan karoorri Tarsiima’aan KGT 2ffaa Biiron kuni qopheeffate ka’umsa karoora keenyaa akkaataa tahuu dandahuun ilaalamee jira.Akkatadhuma kanaan BBAIO waggootan shanan dhufan keessatti pirojektoota Boollota gadi fagoo 1500, Pirojektoota Boolota gabaabaa 840,akkasumas, pirojektoota haaromsa Boolla Bishaanii 2,723 raawwachuudhaaf karoorfatee jiraa.

  1. Yüklə 1,08 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   ...   15




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin