Abbaa taayitaa misooma jallisii oromiyaa dokimeentii qorannoo "jbah" adeemsa hojii deegersaa misoomaa fi bulchiinsa qabeenya namaa



Yüklə 404,95 Kb.
səhifə1/11
tarix29.10.2017
ölçüsü404,95 Kb.
#21709
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11


MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAATTI
ABBAA TAAYITAA MISOOMA JALLISII OROMIYAA
c:\documents and settings\user\desktop\bpr bara 2006\loogoo atmjo.jpg
DOKIMEENTII QORANNOO “JBAH”
ADEEMSA HOJII DEEGERSAA MISOOMAA FI BULCHIINSA QABEENYA NAMAA

Hagayya, 2006

Finfinnee

Contents


1.Haala Waliigalaa 3

1.1.Seensa 3

1.2.Aangoo fi Gahee Hojii Abbaa Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa 4

1.3.Ergama, Mul’ata fi Duudhaalee Abbaa Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa 8

1.4.Haal -Duree Hojii Qorannoo JBAH Mijeessuu 9

Kaayyoo Qorannoo JBAH 10

Kaayyoo Gooroo (General Objective) 10

Kaayyoo Gooree (Specific Objectives) 10

1.5.Daangaa Qorannoo 11

1.6.Tooftaalee Qorannoo 11

1.7.Gurma’ina CaasaaATMJO Amma Jiruu 11

2. Qaawwaa Adeemsaa Hojii Hubachuu (Understanding Stage) 17

2.1. Ibsa Hojiiwwaan Adeemsichaa 17

2.2.Maamiltoota fi Dhimmamtootaa 22

2.2.1.Maamiltoota 22

2.2.2.Dhimamtoota (Stakeholders) 22

2.3.Quunnamtii Keessaa fi Alaa (Internal and External Interface) 23

2.3.1 Quunnamtii Keessaa 23

2.3.2. Quunnamtii Alaa 24

2.4.Rakkolee, Seerotaa fi Yaadamoota Adeemsa Hojii Misoomaa fi Bulchinsaa Qabenyaa Namaa 27

2.5. Xiinxala Haala Adeemsaalee Hojii Amma Jiru 29

3.Adeemsaa Hojii irraa Deebi’anii Kurfeessuu (Redesign) 31

3.1. Gaaffilee Bu’uuraa Misoomaa fi Bulchinsaa Qabenyaa Namaa 31

3.1.3. Yaadamoota Moofaa Sobsiisuu Fi Yaadamoota Haarawaan Bakka Buusuu 33

3.2.Kaayyoo Hiixataa Kaawwachuu (Stretched Objectives) 35

3.2.1 Madda Kaayyoo Hiixataa 35

3.2.2. Ulaagaaleen Fedhiiwwan Maamiltootaa Dursa Qabaachu Qaban Ittiin Filataman: 35

3.2.3.Kaayyoo Hiixataa Ka’uu fi Fedhi Maamiltootaa fi Dhimamtootaa Filachuu 35

3.3.Quunnamtii Keessaa fi Alaa (Internal and External Interface) 38

3.3.1 Quunnamtii Keessaa 38

3.3.2 Quunnamtii Alaa 39

3.4. Mul’ata, Ergama, Angoo fi Duudhaalee Adeemsa Hojii 42

3.4.1. Ergama 42

3.4.3. Aangoo fi gahee hojii 42

3.4.4. Duudhaalee Adeemsichaa 42

3.5.Yaa'insa fi Istaandardi Hojii Adeemsa Hojii Deeggarsaa Hooggansa Qabeenya Namaa 44

3.6.Tartiiba Hojiiwwanii, Gurmaa’iinsa Hojii, Ogummaa, Muxxannoo fi Baayina Raawwaattootaa 53

3.7.Baay’ina Humna Namaa Adeemsaa Hojii Deggarsaa Misooma fi Bulchinsaa Qabenyaa Namaa 58




  1. Haala Waliigalaa

    1. Seensa

Abbaan Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa imaammataa fi tarsiimoo misooma jallisii baahani fi hojiilee kallattii adda addaatiin jalqabaman fiixaan baasuuf galmootaa fi kaayyoowwan kaa’aman, akkasumas tarsiimoolee raawwii diriirfaman hojii irra oolchuuf humna raawwachiiftuu sadarkaa Naannoo hanga Aanaatti gurmeessee sochii barbaachisu taasisaa jira.

Sochiilee misooma jallisii taasifamaa jiran keessaa humni raawwachiisummaa qaamoleen gara garaa cimee misooma ariifachiisaa fi itti fufiinsa qabu dhugoomee ummatni irraa fayyadamaa ta’e galmeessisuuf hojjatameen bu’aan hanga ammaatti galmaa’e jajjabeessaa dha. Bu’aalee hanga ammaatti itti fufiinsaan galmaa’aa dhufan ciminaa fi dachaadhaan itti fufsiisuudhaaf sochii misooma jallisii gama hundaan taasifamuun caasaan ATMJO sadarkaa hunda irraa kan eeggamuu fi kalattii xiyyeeffannaa keessaa isaan ijoo ta’an akka armaan gadiiti ibsamanii jiru.

Kaayyoolee gurguddoo kanneen haala barbaadameen hojii irra oolchuudhaaf mootummaan naannichaa sagantaalee jijjiirama adda addaa diriirsuudhaan hojiilee hojjatamaniin bu’aaleen jajjabeessaa ta’an kan galmaa’an yemmuu ta’u daran cimsuuf waggootaa shan darban irraa eegalee qo’annoon Jijjirama Bu’uuraa Adeemsa Hojii(JBAH) haala guutuu ta’een gaggeeffamee hojii irra olun isaa ni beekkama. Hojii irra olmaa meeshaa rifoormii kanaan walqabatee jijjiiramaa fi bu’aaleen gama gahumsaatiin dhufee jira. Haata’u malee, fedhii ummataa yookiin maamilaa irraa ka’uun gurmaa’insa manneen hojii yeroo yeroon irra deebiin hojjatamuu fi sadarkaan kenna tajaajilaa haala qabatama jijjiirama yeroo wajjin walsimsiisudhaaf hojjachuun barbaachisaa dha.


Kenninsaa tajaajilaa adeemsa hojii quubsaa, gammachiisaa, saffisaa, qusannaa fi kabaja guddaadhaan feedhii fi dantaa hawaasichaa guutuudhaaf kan raawwatamuudha. Hojiin kunis hojii lakka’amu yookin madaalamu akkasumas safaramuu fi hawaasa tajaajila barbaadu biratti fudhatama kan qabu ta’uu qaba. Kenniinsi tajaajilaa dhimmoota ittiin madaalamu kan akka armaan gadiitti tuqaman of keessatti ni qabata:

  • Tajaajila quubsaa fi gammachiisaa kan ta’e

  • Qulqullina kan qabu

  • Qusannoo kan qabu ta'ee baasii xiqqaadhan kan raawwatamu

  • Kan madaalamuu fi kan safaramu

  • Hawaasa biratti fudhatama kan qabu.

  • Fedhii fi faayidaa tajaajilamtootaa jiddu galleessa kan godhatee fi tajaajilamaadhaaf kabajaa guddaa kan kennu.

  • Iftoomina kan qabu.

Jijjiirama Bu’uura Adeemsa Hojii (JBAH) meeshaalee jijjiiramaa bu’uuraa gaggeessuudhaan raawwii dinqisiisaa galmeesuuf gahee ol-aanaa qabaa. Haa ta’u malee Abbaan Taayitaa Misooma Jallisii kan hundeefamee yeeroo gababaa keessa waan ta’eef qorannoon JBAH hangaa ammaati hin gaggeefamne ture. Sababa kanaaf hojimaataa fi gurmaa’insa sirrii ta’e diriirsuu dhabuu, adeemsa hojii wal-xaxaa fi dheeraa ta’u, akkasumas eggatumaan baldh’inaan kan mula’atuu ta’uu fi kana irraa kan ka’ee fedhii maamiltoota fi qodaa fudhatootaa irratti hundaa’udhaan qorannoo JBAH gaggeesuun murteesa ta’e argame jira.




    1. Yüklə 404,95 Kb.

      Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin