Qabiyyee Fuula Kutaa Tokko: Seensa 2


Abbaataayitaa Daandiiwwan



Yüklə 0,51 Mb.
səhifə3/14
tarix23.11.2017
ölçüsü0,51 Mb.
#32617
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14

Abbaataayitaa Daandiiwwan




  1. Daandii Harbuu Seenxaa – Shaabuu

Ijaarsi daandii kanaa Bara 1997 birii 104,864,540 Kan eegale yoo ta’u, umman harkifanaa daandii kanaa irrat komii guddaa qabaa ture. Daandiin kun magaala Shaambuu Aanaa Dongoroo wajjin kan walqunnamsiisudha. Daandichi dheerina km 40 kan qabu yoo ta’u yeroo ammaa hojiin daandi kanaa hundi xumuramee hojii daangaa kabachiisu qofatuu hafe.Hojii kana haala addaatiin xumursiisuuf qaama federaala wajjiin ta’un irrat ni hojatama.Haala kanaan daandiin kun ji’a Caamsa keessatti waan hundi xumuramee tajaajila guutuu kennuu ni eegala.

  1. Harbuu Seenxaa -Tulluu Waayyuu

Ijaarsi daandii kanaa Bara 2005 birii 32,189,591.07kan eegale yoo ta’u umman daandii kun km isaa dabalameef akka hojatamuu gafataa kan jiruuf ATDO yeroo ammaa dabalata gaafatame qorachiisaa jira. Daandiin kun Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Aanaa Dongoroo Godina wajjin kan walqunnamsiisudha. Daandichi dheerina 10km kan qabu yoo ta’u yeroo ammaa hojiin daandi kanaa hundi xumuramee hojii daangaa kabachiisu qofatuu hafe. Hojii kana haala addaatiin xumursiisuuf qaama federaala wajiiin ta’un irrattini hojjatama. Haala kanaan daandiin Kun ji’a Caamsa keessatti waan hundi xumuramee tajaajila guutuu kennuu ni eegala.

  1. Asfaaltii Magaala Shaambuu

Ijaarsi daandii kanaa Bara 2003 birii 104,591,694 eegale. Daandiin kun teessoo Godina Horroo Guduruu kan taate Magaala Shaambuutti kan ijaaramaa jiru yoommu ta’u dheerina km 6 qaba. Daandiin kana irrat harkifanaa pirojektii wojiin wol qabatee kan qabu yoota’u darbee darbee km daandii kanas akka dabalamuuf gaafachaa ture.Yeroo ammaa daandii kun kan xumuramaa jiru waan ta’ef ji’a Bitootessaa keessatti waan hundi xumuramee tajaajila kennuu ni eegala.

  1. Daandii Qarsaa_Shiree

Ijaarsi daandii kanaa Bara 2004 birii 142,204,560 eegale. Daandiin kun Godina Arsiitti fi Arsii Lixaa keessat kan argamu yoommu ta’u teessoo Aanaa Muneessaa magaala Qarsaa ganda wajjin kan walqunnamsiisudha.Daandii kun yeroo ammaa kan xumurameeru yoo ta’u umman harkifanaa wojiin wol qabatee komii kan qabu ture. Daandichi dheerina km 38.6 kan qabu fi ji’a Bitootessaa keessatti waan hundi xumuramee tajaajila guutu kennuu eegala.

  1. Pirojektii Daandii Dabbasoo – Samaroo

Daandiin kun Godina Lixa Wallaggaatti kan argamu yoommu ta’u Aanaa Sayyoo Noolee Godina wajjin kan walqunnamsiisudha.

Ijaarsi daandii kanaa Bara 2005 birii 18,340,025 kaneegalee fi bara 2006tti xumurama jedhamee kan karoorfamee ture. Haata’u malee, daandiin kun yeroo karoorfame keessatti waan xumuramuu hin dandeenyeef, ummatni harkifannaa pirojektii kana irratti komii qaba.

Daandii dheerina km 19.6 qabu kana keessaa hanga ammaa %87 ol waan raawwatameef, hojiin hafe kontiraakitara wojiin haala addaatiin iddileedhan gamagamaa,hanqiin baajataa nuqunamuu waan danda’uuf baajata dabalataa Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee wojiin mari’achuun hiiku ykn jijiiraa keessaatin furuun pirojekitii kana caamsa 30, bara 2008tti xumuramee tajaajila guutuu kennuu eegala jedhamee humna guutuun hojjetamaa jira.


  1. Pirojektii Daandii Ganjii – Yuubddoo

Daandiin kun Godina Lixa Wallaggaatti kan argamu yoommu ta’u Aanaa Ganjii fi Yubdoo kan walqunnamsiisudha.Ijaarsi aandii kanaa Bara 2005 birii 52,884,833 eegale yoommu ta’u bara 2007 xumurama jedhamee yaadama ture.Komiin uummataas, daandichi haala karoorfameen, yeroo jedhame keessatti hin xumuramne kan jedhuu fi daandii kun qulqulina barbaadamuun nuuf hojatamaa hin jiru kan jedhuudha.Daandii dheerina km 32 qabu kana hanga ji’a Caamsa bara 2008tti guutummaa guututti xumuruudhaan tajaajila guutuu kennuu akka eegalu humna guutuun hojjetamaa jira.

Pirojektiin kun Waxabajjii 30, bara 2008 akka xumuramuuf ATDO kontiraakitera daandii kana hojataaru wojiin iddileedhaan mari’achaa hordofii keenya cimisuun kan xumursiisu ta’a.



  1. Pirojektii Ijaarsa Riqaa Laga Birbir

Ijaarsi Riqaa meetira 32 qabu kunbara 2004 eegalee Godina Lixa Wallaggaatti kan Aanaa Ganjiitti ijaaramaa jiru yoommu ta’u daandii Aanaa Ganjii fi Yubdoo walqunnamsiisu irratti kan gaggeeffamudha. Akka waliigalteettis waxabajjii, 2007 xumuramuu qaba ture.Garuu, akka karoorfametti xumuramuu hin dandeenye.

Komii uummatni pirojektii kana iraa qabus ‘riqichi kun qulqullinaan ijaaramaa hin jiruu fi yeroo isaatti xumuramee tajaajila nuu kennuu hin dandeenye’ kan jedhu dha.

Waan kana ta’eef, hanga Waxabajjii 30, bara 2008tti xumuramee tajaajila kennuu eegala jedhamee xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Kontiraakiter riqaa kana hojachaa jiru rakkoo humnaa guddaa kan qabu waan ta’e yoo deegarsaafi hordofii amaan booda godhamuufin kan hin siroofne ta’e, yeroo armaan oliit ibsame kana keessat woliigalteen kun addaan cituu danda’a.


  1. Pirojektii Daandii Haroo – Sebbuu- Laaloo - Qaaqqee

Ijaarsa daandiin kun Godina Qeellam Wallaggaatti kan argamu yoommu ta’u Aanaa Daallee Sadiiii fi Gaawoo Qeebbee kan walqunnamsiisudha.

Ijaarsi aandii kanaa Wax. 30, bara 2005 birii 203,336,132kan eegale yoo ta’u Hagayaa 2007, xumuramuu qaba ture. Haata’u malee sababa hojii dabalataa fi qabeenya karaarraa kaasuu dadhabuun yeroo karoorfame keessatti xumuruu hin dandeenye.

Kanaafuu, Daandii dheerina km 36 kan qabu kana hanga ammaa % 80 ol waan raawwatameef, hojiin hafe kontiraakitara wojiin haala addaatiin iddileedhan gamagamaa,hanqiin baajataa nuqunamuu danda’uuf baajata dabalataa Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee wojiin mari’achuun hiiku ykn jijiiraa keessaatin furra hanga ji’a Waxabajjii 15, bara 2008tti xumuramee tajaajila kennuu eegala jedhamee humna guutuun hojjetamaa jira.


  1. Pirojektii Daandii Kittoo – Furdisaa

Ijaarsi daandii kanaa Bara 2007 birii 14,184,000 eegale. Daandiin kun Godina Jimmaatti kan argamu yoommu ta’u Aanaa Maannaa teessoo Godinaa Magaala Jimmaa wajjin kan walqunnamsiisudha. Daandichi dheerina km 3.5 kan qabu fi hanga ji’a Waxabajjii bara 2008tti xumuramee tajaajila kennuu eegala jedhamee humna guutuun hojjetamaa jira.umman daadii kan wojiin wollqabatee qulqulin daandii kanaa akka foya’ufi gaafachaa jira.kanaaf rakkoo haala komiitiin umman kaasu kana iddileedhan mari’achaa hordoofiif deegarisa ATDO cimisuun ni furra. hanqiin baajataa nuqunamuu danda’uuf baajata dabalataa Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee wojiin mari’achuun hiiku ykn jijiiraa keessaatin furra.

  1. Pirojektii Daandii Irjaajjoo – Qalaaxee – G/Jimaataa

Daandiin kun Godina Sh/Lixaatti kan argamu yoommu ta’u Aanaa Abuunaa Gindabaratii fi Aanaa Gindabarat kan walqunnamsiisudha. Ijaarsi aandii kanaaAmajii Bara 2005 birii 33,962,725kan eegale yoo ta’u Amajjii bara 2007 xumuramuu qaba ture. Yeroo karoorfame keessatti waan hin xumuramneef madda komii uummataa ta’ee jira.

Daandichi dheerina km 14.4 qabu keessaa hanga ammaa %97 waan xumurameef hanga Ebla 30, bara 2008tti hojiin xumuramee tajaajila guutuu kennuu eegala jedhamee humna guutuun hojjetamaa jira.Daandii kana xumursiisuuf rakkoon baajata kan nuqunamu yoo ta’u Jijiira keessaatiin rakkoo kana ni hiikna.



  1. Pirojektii Daandii Baabbich – Munyoo

Daandiin kun Godina Sh/Lixaatti kan argamu yoommu ta’u Aanaa Tokkee kuttaayyee Aanaa Dirree Incinnii fi T/Kuttayee kan walqunnamsiisudha.

Ijaarsi daandii kanaa Bara 2007 birii 34,397,850 eegale waan ta’eef komii hedduu hin qabu garuu daandii kun km isaa akka dabalamuuf kan gaafachaa jiran yoo ta’u gaafiin isaan xinxalamaa jira. Daandichi dheerina km 13 kan qabu fi hanga ji’a Waxabajjii bara 2008tti xumuramee tajaajila kennuu eegala jedhamee humna guutuun hojjetamaa jira.rakkoo baajataa nuqunamu Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee wojiin mari’achuun hiiku ykn jijiiraa keessaatin furra.



  1. Shanan – Godarraa -Babbich

Daandiin kun Godina Sh/Lixaatti kan argamu yoommu ta’u Aanaa Jibaat, Diree Incinnii fi Tokkee Kuttaayyee kan walqunnamsiisudha. Ijaarsi aandii kanaa Bara 2003 kan eegale yoo ta’u, Onkololeessa bara 2006 xumuramuu qaba ture.

Komiin Uummataas, ijaarsi daandii kanaa harkifachuu fi iddoo gahuu qabu nuu hin geenye kan jedhu dha.



Gaaffiin uummataa daandicha dheeressuuf dhiyaate karooraan kan of dura deebi’u ta’ee dheerina daandii km 45.35 waliigaltee seename kana hanga Waxabajjii 20, bara 2008tti xumuruun tajaajila guutuu kennuu akka eegalu gochuuf humna guutuun hojjetamaa jira. Daandii kana xumuruuf rakkoo daangaa daandii wojiin wolqabatu gaggeesitoota sadarkaa gadii jiran wojiin kan irrat hojatamu yoo ta’u dhima hanqina baajataa wojiin nuqunamuuf Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee wojiin mari’achuun hiiku ykn jijiiraa keessaatin furra.

  1. Pirojektii Daandii Galoo – Angar - Bareed

Ijaarsi aandii kanaa Bara 2003 birii 111,834,420kan eegale yoo ta’u Onk, bara 2006 xumuramuu qaba ture. Komiin uummataas, harkifannaa ijaarsa daandchaati. Daandiin kun Godina Walagga Bahaatti kan argamu yoommu ta’u Aanaa Saasigaa baadiyyaa wajjin kanwalqunnamsiisudha. Daandii dheerina km 55.4 qabu keessaa yeroo ammaa % 92 waan raawwatameef, hojiinhafu hanga Waxabajjii 30, bara 2008tti xumuramee tajaajila kennuu eegala jedhamee humna guutuun hojjetamaa jira. Hojiin hafe kontiraakitaraafi gorsaa wojiin haala addaatiin iddileedhan gamaggamaa,deeggarsaaf hordofii keenya cimsuun kan raawatamu ta’a.

  1. Pirojektii Daandii Amboo - Kaarraa

Daandiin kun Godina Sh/Lixaatti kan argamu yoommu ta’u Aanaa Amboo baadiyyaa Nyamar wajjin kan walqunnamsiisudha.Ijaarsi aandii kanaa Sadaasa Bara 2005 birii 63,846,597 kan eegale fi Sadaasa 2008tti xumuruuf kan karoorfame ture. Komiin uummataas harkifachuu ijaarsaati. Kanaaf, daandii dheerina km 35.6 qabu kana keessaa hanga ammaa %99 waan xumurameef, hojiin hafu hanga Ebla 30, bara 2008tti xumuramee tajaajila kennuu eegala jedhamee humna guutuun hojjetamaa jira.Daandiin kun dabalata hojii guddaa waan qabuuf baajata dabalataa nubarbaachisuun isaa hin oolu kanaaf Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee wojiin mari’achuun hiikuun ni yaalama.

  1. Pirojektii Daandii Shanoo – Dannabaa

Daandiin kun Godina Sh/Kaabaatti kan argamu yoommu ta’u teessoo Aanaa Qimbibit, magaala Shanoo baadiyyaa wajjin kan walqunnamsiisudha. Ijaarsi daandii kanaa ji’a Onko.bara 2003birii 116,158,121 kan eegale yoo ta’u Fulb. 2007 keessa xumuramuu qabaa ture.Waan yeroo jedhame keessatti hin xumuramneef uummatni komii kaasaa jira.Daandichi dheerina km 56 kan qabu fi hanga ji’a Waxabajjii bara 2008tti xumuramee tajaajila guutuu kennuu eegala jedhamee humna guutuun hojjetamaa jira.Daandiin kun kan harkifatee hanga ammaa ture human kontiraaktaraa wojiin wolqabatee waan ta’ef deegarsaaaf hordofii kenya cimsuun daandii kan yeroo kaayame keessat xumursiisuf ni hojatama.

  1. Silxaanaa - Micituu

Daandiin kun Godina Arsiitti kan argamu yoommu ta’u teessoo Aanaa Hanqolo Waabee, magaala Silxaana baadiyyaa wajjin kan walqunnamsiisudha.Ijaarsi daandii kanaa Bara 2003 birii 95,495,310 kan eegale fi jia’a Muddee bara 2008 keessa xumuramuu qabaa ture. Waan yeroo jedhame keessatti hin xumuramneef uummatni komii kaasaa jira.gama biraatiin ummatni daandiin kun dabalataan itti fufee godinaa baale wojiin akka wol qunamsuuf gaafachaa jira.Daandii dheerina km 28.4 qabu keessaa hanga ammaa %99 waan raawwatameef hojiin hafu hanga Waxabajjii 15, bara 2008tti xumuramee tajaajila kennuu eegala jedhamee humna guutuun hojjetamaa jira. Daandiin kun kan harkifatee hanga ammaa ture human kontiraaktaraa wojiin wolqabatee waan ta’ef deegarsaaaf hordofii kenya cimsuun daandii kan yeroo kaayame keessat xumursiisuf ni hojatama.gama rakkoon baajatas nuqunamuu waan danda’uf jijiiraa keesssaatiin ni furama.

  1. Pirojektii Calalaqaa – Bordoddee

Daandiin kun Godina H/Lixaatti kan argamu yoommu ta’u teessoo Aanaa Ancaar, magaala Calalaqaa daandii Guddaa Finfinnee _ Ciroo wajjin kan walqunnamsiisudha.Ijaarsi daandii kanaa Bara 2003 eegale birii 185,225,903 kan hojjetammaa jiru yoo ta’u, ji’a Adoolessaa bara 2006 keessa xumuramuu qaba turee.Komiin uummataa inni guddaan harkifannaa ijaarsichaati. Daandichi dheerina km 42.06 kan qabu fi hanga ji’a Waxabajjii bara 2008tti xumuramee tajaajila guutuu kennuu eegala jedhamee humna guutuun hojjetamaa jira.Daandiin kun hojii dabalataa guddaaf baajata dabalataa guddaa kan gaafatu waan ta’ef xiyyeefanoo addaatiin kan hordofamu ta’a.Gama biraatiin rakkoo baajataa nuqunnamu

Biiroo mallaqaaf Misooma diinagdee wojiin ta’un kan furamu ta’a.



  1. Pirojektii Daandii Ejersa Gooroo – Cinaaqisan

Ijaarsi aandii kanaa Bara 2000 eegale birii209,435,626. Daandiin kun Godina H/Bahaatti kan argamu yoommu ta’u Aanaa Jaarsoo fi Aanaa Cinaaqisan wajjin kan walqunnamsiisudha. Daandichi dheerina km 56.33 kan qabu fi hanga ji’a Waxabajjii bara 2008tti xumuramee tajaajila kennuu eegala jedhamee humna guutuun hojjetamaa jira. Daandiin kun hojii dabalataa guddaaf baajata dabalataa guddaa kan gaafatu waan ta’ef xiyyeefanoo addaatiin kan hordofamu ta’a.Gama biraatiin rakkoo baajataa nuqunnamu Biiroo mallaqaaf Misooma diinagdee wojiin ta’un kan furamu ta’a.

  1. Pirojektii Daandii – Shawee Angeetuu

Pirojektiin kun Godina Baalee Aanaa Harannaa Bulluq keessatti yoommu ta’u km 18.6 dheerata. Daandii kun duraan dizaaynii malee kan hojjetamedha. Bara 2006 irraa jalqabee sadarkaa isaa hanga ta’e fooyyessuuf jecha ijaarsi haaraa kan gaggeeffamaa jiru yoo ta’u;komiin uummataa, daandichi qulqullina barbaadamuun hojjetamaa dhabuu km dabalataa akka nuuf hjatamu jechuun gaafataa.Gaafiin ummatni dabalata km wojiin kaasa jiru sirrii waan ta’e daandii sadarkaa Federaalaatiin hojatamaaru keessat akka yaada keesa galu irrat hojatamaa.Daandii kun hojii waliigaltee keessa jiru hunda hanga ji’a waxabajjii 30, bara 2008tti xumuruun akk tajaajila kennuu eegalu hojjetamaa jira.

  1. Asfaaltii Magaala Shaashamannee (Lootii II)

Ijaarsi Daandii kun bara 2006 jalqabee birii54,350,809, teessoo Godina Arsii Lixaa, magaala Shaashamannee keessatti yoommu kan gaggeefamaa jiru yoo ta’u km 3 dheerata. Ijaarsi xiqqo harkifatee jira kan jedhu ummatni komii qaba.Daandichi hanga ji’a waxabajjii 30, bara 2008tti xumuramee tajaajila kennuu eegala.

  1. Asfaaltii Magaala Shaashamannee (Lootii III)

Ijaarsi Daandii kun bara 2007 jalqabee Kan gaggeeffamaa jiru teessoo Godina Arsii Lixaa, magaala Shaashamannee keessatti yoommu ta’u km 1.5 dheerata. Daandichi hanga Caamsa 30, bara 2008tti xumuramee tajaajila kennuu eegala.Daandii kun haaluma karooratiin deema jira waan ta’ef haaluma jalqabameen akka itti fufu godhama.

  1. Asfaaltii Magaala Jimmaa (Lootii I)

Ijaarsi Daandii kun bara 2005 kan eegalee ture yoommu ta’u kontiraakarri duraanii humna waan dhabeef kontiraata adda kutuun yeroo fudhatee ture. Komiin uummataas, ijaarsichi yeroo dheeraa fudhachuu isaa fi hojiin hojatamaa jiru qulqulina hin qabu jechuun komachaa jira. Pirojektii Ijaarsa Asfaaltii magaala keessa keessatti gaggeeffamaa jiru kun teessoo Godina Jimmaa, magaala Jimmaa keessatti yoommu ta’u km 6 dheerata. Yeroo ammaa ijaarsi isaa kontiraaktara biraatiif darbee raawwiin isaa %96 ol irra gahee waan jiruuf kan hafu hanga ji’a waxabajjii 30, bara 2008tti xumuramee tajaajila kennuu eegala jedhamee yaadama.Daandiin kun erga hojiin isaa irra caalaan xumurame yeroo gudda kan fixe waan ta’ef xiyyeefanoon keennameef xumursiisuuf irrat hojatama.

Akka waliigalatti rakkoo bulchinsa gaarii sektara daandii hiikuuf armaan olitti karoorfaman karaa itti gaafatamummaa sadarkaa sadarkaan hordofsiisuun raawwatmuun dirqama ta’a.




    1. Yüklə 0,51 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin