Gabaasa Raawwii Karoora Waggaa emtqoo



Yüklə 0,65 Mb.
səhifə1/6
tarix28.10.2017
ölçüsü0,65 Mb.
#18562
  1   2   3   4   5   6

rectangle 8rectangle 7rectangle 6


Ejansii Misooma Teekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoo Oromiyaa
Gabaasa Raawwii Hojii waliigalaa EMTQOO Bara 2007

Waxabajjii, 2007

Finfinnee

rectangle 3


  1. Seensa

Teeknolojii qunnamtii odeeffannootti fayyadamuudhaan biyyoottan hedduun hojiiwwan seektaroota isaanii bu’uraalee cimdaa fi saaphana Intarneetiin wal qunnamsiisuudhaan tamsa’ina odeeffannoo /Information penetration rate/ saffisaan waliif qooduun manneen hojii mootummaa, miti mootummaa, fi dhuunfaa yookiin interpraayiziwwan xixxiqqoo hanga warshaalee gurguddoo keessatti haala mijataa uumameen milkaa’inni hojii daran dabalaa fi jajjabeeffamaa dhufeera. Haalli kun ammoo hawaasni tajaajila qulqulluu fi saffisaa ta’e argachaa yaadaa fi duub-deebii haala salphaa ta’een qaama ilaallatuun deebiin hatattamaa akka itti kennamu gochuu, aadaan qusannoo fi baruumsa uummataa akka fooyya’u gochuu, aadaan walitti dhufeenya hawaasummaa cimaa adeemuudhaan biyyattii keessatti bulchiinsi gaariin akka mirkanaa’u taasisuurra darbee karoorri biyyattiin karoorfattu xiyyeeffannoo fi haala wixinee baheen akka raawwatu gochuu keessatti teekinoolojiin gahee ol-aanaa qaba.

Yeroon fudhaannaa teekinoolojii kanaa biyyaa biyyatti garaagarummaa haa qabaatu malee biyyoottan ardii keenyaa teekinoolojii kanaaf xiyyeeffannoo guddaa kennanii itti deeman kanneen akka Gaanaa, Naayijeeriyaa fi Keeniyaa biyyoottan milkaa’ina guddaa galmeessisaniidha. Naannoo keenyattis tekinoolojicha yeroo dhihoo ofitti haa fudhannu malee bu’aawwan teekinoolojii kana qabatamaan babal’isuu fi diriirsuudhaan manneen hojii mootummaa fi ummatni odeeffannoo gahaa fi qulqulluu ta’e saffisaan akka argatu gochuun hawaasa teekinoolojiin deeggaramee jiruuf jireenya isaa irratti jijjiirama agarsiisaa dhufe horachuun danda’ameera.

Haaluma kanaan Hojii gama kanaan gaggeeffaman hojjachuu, qindeessuu, gorsa teeknikaa /deeggarsa ogummaa/ kennuu, haala raawwii misooma TQO hordofuu fi yaada fooyya’iinsaa burqisiisuuf bara bajataa kanatti ejansichi bu’aawwan teekinoolojii kanaa hawaasa bal’aa biraan gahuuf manneen hojii mootummaa sadarkaa naannoo irraa eegalee hanga godaatti diriiran keessatti bu’uuraalee teekinoolojichaa babal’isuu, humna namaa fi moosaajiwwan misoomsuun hojiiwwan jajjabeeffamuu qaban hedduun hojjatamaa turaniiru.

Hojiiwwan kanneen seektaroota mootummaa keessatti diriirsuudhaan manneen hojii teekinoolojiin deeggarame uumudhaan tajaajila moofaa mulquun caasaa TQO hanga baadiyyaatti diriiraa jiruun ce’uumsa yaa’insa odeeffannoo gara teekinoolojii ammayyaatti tarkaanfachiisuuf hojiiwwan riifoormii kanneen akka JBAH fi SMBKT, babal’ina misooma TQO haala guutuu ta’een hojiirra oolchuun kenna tajaajilaa fooyyessuun sirna iftoomina qabu diriirsuuf waggoottan KGT 1ffaa darban kana keessatti yaalii godhamaa tureen manneen hojii 21f Sirna Bulchiinsa Odeeffannoo(MIS) baajata guddaan misoomee ture bara kana manneen hojii tokko tokko sirnichatti fayyadamuu kan danda’an yoo tahu, manneen hojii hafan ammoo haal dureen barbaachisu xumuramuun gara hojiitti akka galan gochuuf hojiileen bal’aan hojjatamaa turaniiru. Haaluma kanaan ergamaa fi mul’ata akka biyyaa fi naannootti gama kanaan kaawwame milkeessuuf kaayyoolee, galmoota fi toora xiyyeeffannoo karoora TQO kan bara baajataa 2007 keessatti raawwatamuuf qabaman raawwachuuf sochii taasifamaa jiruun, raawwii fi bu’aawwan hojii bara 2007 keessatti hojiilee gurguddoo karoorfamanii raawwataman, hojiilee karoorfamanii osoo hin raawwatamin hafan sababa isaa waliin , hojiilee karooraan ala raawwataman, ciminootaa fi hanqinaalee, rakkoolee qunnamanii fi kallattii gara fulduraa hordofamuu qabu haala argisiisuun gabaasni mana hojii keenyaa haala armaan gadiitiin dhiyaateera.



  • Hojii Ijoo: Naannoo keenya keessatti bu’ura misooma TQO sadarkaa isaa eeggate babal’isuu fi humna namaa gahumsaan itti fayyadamu horachuun kenna tajaajilaa fooyyessuudha.

  • Kaayyoo: Mootummaan naannichaa, uummatni naannichaa fi dhaabbileen adda addaa sirna TQO naannicha keessattii fi akka biyyaatti diriiree jiru irratti hubannoo akka argatan gochuudhaan fayyadamaa akka ta'an taasisuu dha.



  1. Aangoo fi Ga’ee Hojii Mana Hojichaa

Ejansiin Misooma Tekinoloojii Qunnamtii Odeeffannoo Oromiyaa manneen hojii Labsii 163/2003 keeyyata 45 jalatti Aangoo fi Hojii Qaamolee Raawwachiiftuu Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromyaa, bifa haaraan gurmeessuuf bahe keessaa isa tokko dha. Haaluma labsii kanaatiin aangoo fi ga’een hojii Ejansichaa akka armaan gadiitti kennameefii jira.

  1. Tarsiimoo fi karoora teeknoolojii qunnamtii odeefannoo ni qopheessa yommuu hayyamamu hojii irra ni oolcha.

  2. Hojiiwwan teeknoolojii qunnamtii odeefannoo ni karoorsa ,ni hojjeta ni hojjachiisa hojii irra oolmaa isaa ni hordofa.

  3. Hojiiwwan teeknoolojii qunnamtii odeefannootiin wal qabatanii fi manneen hojii mootummaa keessatti hojjataman ol’aantummaan ni qindeessa ni hojjata hojii irra oolmaa isaa ni hordofa.

  4. Sirna diriirsa neet workii hojjatamu ni qorata, ni hayyama.

  5. Sochii neet workii manneen barnootaa irratti ni hojjata, naannoo iskuulneetitti deeggarsa ogummaa fi teekinikaa ni kenna.

  6. Teeknoolojii itti fayyadamaan ala ta’e maqsa

  7. Bu’uurri misooma teeknolojii qunnamtii odeefannoo akka babal’atu ni karoorsa, mootummaadhaaf gorsa ni kenna, kan hojjatames ni too’ata.

  8. Misooma teknoolojii qunnamtii odeefannoo naannicha keessatti hojjatamuuf kan gargaaru mossaajjii (soft ware) ni qopheessa,akka qophaayu ni taasisa,kanneen qophaayaniif sadarkaa hojii jibajjii (hard ware) fi mosaajjii (soft ware) ni baasa qulqillina,nageenyummaa fi amansiisummaan odeefannoo kan eeggame ta’uu isaa ni mirkaneessaa ni hordofa.

  9. Manneen hojii mootummaa Cimdaa (Net work) dhaan akka wal qunnamanii fi siistemni koompiiteraa akka qophaayuuf hojiiwwan barbaachisan ni hojjata.

  10. Humna namaa teeknoolojii qunnamtii odeefannotti fayyadamu, hojjachuu fi suphuu danda’u horachuuf ni hojjata.

  11. Hawaasni Naannichaa bu’uura misooma teeknoolojii qunnamtii odeefannoo akka argatu hojii mootummaa,gabaa fi kkf argatee jireenya isaa akka fooyyessu haala ni mijeessa.




  1. Taajaajila teelokoominikeeshiinii naannicha keessatti kennamu ummatni taajaajila ga’umsa qabu akka argatu ni hordofa, qaama dhimmi ilaalu wajjiin ni hojjata.

  2. Ga’umsa teeknika meeshaa tajaajila teeknoolojii qunnamtii odeefannootiif oolan ni mirkaneessa.

  3. Sirna odeefannoo dhaabbilee mootumaa ijaaruu fi qindeessuu keessatti maqaa doomeenii ramada, teessoo ni galmeessaa,poortaalii naannoo irratti olkaawuudhaan ni too’ata.

  4. Odeefannoon naannichaa giddu galeessummaadhaan poortaalii irratti fe’amee akka hoogganamu ni qindeessaa,ni too’ataa ,raawwii isaatiifis deeggarsa barbaachisu ni taasisa.

  5. Odeefannoon haala saffina qabuu fi baasii madaalawaan argachuun itti danda’amu ni mijeessa.

  6. Kenniinsa tajaajila ummataa irratti xiyyeeffatamu siistemoonni bu’uuraa fi tajaajiltoonni koompiiteraan kan deeggaraman akka ta’anii fi sadarkaa sadarkaadhaan kallattiidhaan fayyadamttootaaf haala tajaajila kennuu itti danda’an mijaawuu isaanii ni mirkaneessa.

  7. Saaphannoonnii fi appiliikisheenotni koompiiteraa hojii irra ooluu danda’an teeknikaa fi hojimaataatiin qondoomina kan qabanii fi kan wal siman ta’uu isaanii mirkaneessa.

  8. Kalaqa teeknoolojii qunnamtii odeefannoo tiif deeggarsa ni taasisa,ni jajjabeessa.

3. Ergama, Mul’ataa fi Duudhaalee Ejensichaa

3.1Ergama

Naannicha keessatti misooma bu’uraa, qabeenya namaafi kenna tajaajila TQO babal’isuun yaa’insa odeeffannoo sadarkaa isaa eeggate dhiyeessudhaan ittifayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu dha.

3.2Mul’ata

Bara 2012 tti ummatni naannoo keenyaa bal’innaan bu’aa TQOtti fayyadamuun jiruu fi jireenya isaa fooyyessee addunyaa irratti hawaasa dorgomaa ta’e arguudha.

3.3 Duudhaalee

  • Itti gaafatamummaa

  • Iftoomina

  • Jijjiiramaaf qophaa’uu

  • Bu’aadhaaf hojjanna

  • Gareen hojjenna

  • Kalaqaa fi GuddinaTeeknooloojii ni jajjabeessina

  • Hirmaachisummaa

  • Tajaajiltummaa

  • Saffinaa fi qulqullina



  1. Hojiilee Gurguddoo Karoora Bara 2007 Keessaatti Qabaman

1. Pirojektii Sakatta’iinsa itti quufinsa Maamilaa gaggeessuu

    • Qophii ka’umsa hojii (TOR) fi meeshaalee ragaan ittiin funaanamu qopheessuu

    • Sakatti’iinsa gaggeessuu, ragaa sassaabame qaaccessuudhaan qindeessuu

    • Bu’aa argame irratti hundaa’uun yaada furmaata hanqinaalee kaa’uu fi duub-deebii kennuu

2. Pirojektii Misooma Bu’uura Cimdaa Fi Moosajii TQO

2.1 Pirojektii Babal’ina Misooma Bu’uura cimdaa TQO

    • Staandardii akka biyyoolessaatti bayee jiru haala qabatama naannootiin maamileessuun hojii irra oolchuu

    • Fedhii cimdaa manneen hojii naannichaa irraa dhufan adda baasuu

    • Sarvee hojii cimdaan wal qabate gaggeessuu

    • Dizaayinii cimdaa fi “specification” meeshaalee cimdaa hojjechuu

    • Hojii cimdaa diriirsuu gaggeessuu

    • Cimdaalee hojjetamaniif sirreeffama hojjechuu (both physical and logical/ ip address assignment and VLAN arrangement/ works)

    • Meeshaa wireless install gochuu( Install wireless machine)

    • Diizayinii cimdaa manneen hojii mootummaa sadarkaa naannootii fi godinaalee irratti argamanii bifa waltaawaan (in standard) qopheessuu

    • Cimdaa diriire irratti yaalii gaggeessuun hojii irra oolchuu

    • Manuwaalii hojii fi leenjii qopheessuun qaama barbaaduuf kennuu

    • Leenjii qaama irratti hojjattuuf kennuu

    • ADSL hordofuu fi hojiirra oolchuu,bakka barbaachisutti dabalataan galchuu

    • Walii galtee kenna tajaajila cimdaa adeemsa tajaajila kennu waliin gaggeessuu



2.2 Pirojeektii Misooma moosaajjiiwwan adda addaa

    • Misooma mosajjii ofumeessa SMBKT (automation)

    • Moosajiilee Ofumessaa JBAH Misooman Maamileessuun hojiirra Oolchuu

    • Sektoora mootummaa filataman Afuriif (4) sirna bulchiinsa odeeffannoo (MIS) haaraa qorachuu

    • Moosajiiwwan madda banaa haala qabatamaatiin leenjii kennuu (Leenjisuu)

    • Fedhii sekterootaa irratti hundaa’uun gargaarsa misoomsa moosaajii kennuu

    • Moosajiiwwan misooman adda addaa fedhii sekterootaa irratti hundaa’uun maamileessuun hojiirra oolchuu

3. Pirojektii Hojii E-Govarnmantii

3.1. Projeektii Kenna Tajaajila Cimdaa Foyyeessuu

    • Fedhii Manneen Hojii Kenna tajaajila Cimdaa Qorachuu fi furmaataf dhiyeessuu

    • Tajaajila rural connectivity kallatti karoora mootummaatiin hojii irra oolmaa isaatiif hubatanii gahee mataa isaanii akka ba’an gochuuf, maanaajaroota ganda baadiyyaa sadarkaa sadarkaadhaan jiraniif hubannoo uumuu

    • Deegarsaa fi hordoffii Tajaajila woredanet,schoolnet, tajaajila v.conference, Rural connectivity fi, public internet walirraa hin cinne taasisuu

    • Sarara Qunnamtii ”Optical Fiber,ADSL,VSAT” fi Tooftaa Kan Biroo 'Alternative WAN line” dhiyeessuu fi Itiyo Telekom Wajjin ta'uun Hojii Konfigareeshinii Cimdaa VPN Gaggeessuu.

    • Tajaajila Cimdaa Akka naannotii jiran to’aachuu fi furmaataf dhiyeessuu(Monitors bandwidth use, analyzes traffic patterns and volumes, and determines impact/implications of issues monitors and controls service levels of network suppliers.

    • Call manager server, MCU fi “Voice gate way router” naannoo irratti hundeessuu

    • Leenjiwwaan Tajaajiloota Cimdaa irraatti qindeessuun caasaalee gadiitif babal’isuu

    • Kanfaltii fi suphaa woredaneetii hordofuu.

    • Daataa qulqulluu fi odeeffannoo hunda qabate /site name, type, IP-Address, speed, telephone no, conactperosn.../ sarara cimdaa hundaatiif galmeessuudhaan documantii qindaa’aa qabachuu

    • MCU akka naannootti qabnuun fayyadamuun, tajaajila Viidiiyoo konfirensii baba’aalisuun decenteralize gochuu. Kana jechuun godinaaleen aanaalee isaanii al-tokko (MultiPoint)tti akka argatan taasiisuu.

    • Kenna Tajaajila Viidiyoo konfirensii seektaronni akka argatan deeggasa barbaachisaa ta’e kennuu

3.2 Projeektii kenna tajaajila E-mail, portalii fi FTP ol-guddiisuu fi saffiisiisuu (mail

server portal & FTP server upgrading & Accelareting project)

    • Kenna tajaajila “Mail server ”ol-guddiisuu fi “capacity ”isaa akka dabalu gochuu

    • Hojiiraa olmaa MIS biroolee Sakatti’iinsa gaggeessuu fi yaada furmaata hanqinaalef kennu.

    • Kenna tajaajila poortaalii sadarkaa biyyooolessaatti guddisuu

    • Kaadimaa “FTP server” “Anti-virus update, Application & File sharing” giddugaleessan qopheessu,”configaration” gaggeessuu, dokimantoota barbaachisan irratti fe’uun tajaajilamtoota bira ga’uu isaa mirkaneessuu

    • Applikashinoota MIS “Virtualization” taasisuu.

    • Manuwaalii hojii fi leenjii dhimma kana irratti qopheessuun qaama barbaaduuf kennuu

    • Sakatti’iinsa MIS fi Applikeeshinoota gaggeessuu, ragaa sassaabame qaaccessuudhaan qindeessuu

    • MIS seektarootaa Dhaabbatni Methodic PLCtiin Misoomanii fi sababa addaatiin hinxumuramin jiran /kan seektara Qonnaa, Biiroo Dhimmooa Komunikeshanii Mootummaa, BSSBGO, Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee, fi Ejansii Geejjibaa yeroo yerootti hordofuudhaan haala irra jiru qaama ilaallatuuf gabaasuu, /kurmaana hunda keessatti/.

    • Manneen hojii sadarkaa naannootti jiranii f poortaaliitti fayyadamaa hinjirre adda baasuun akka fayyadamniif deeggarsa teknikaa kennuu fi hojii irra oolmaa isaa hordoffii taasiisuu,

    • Ergaa Email serverii irra jiru yeroo yeroodhaan hordoofuun qaama ilaallatuuf tajaajila akka itti fuufinsaan kennuu mirkaneessuu,




    1. Projektii Dandeettii Raawwachiisuma Suphaa Meeshaalee TQO cimsuu

  • Suphaa Meeshaalee TQO olaanoo kan akka “Router’’ ,Switch, fi kkf raawwachuufi kan humnaa ol ta’an gabaasuun gara dhimmichi ilaallatutti dabarsuu

  • Suphaa Cimdaa manneen hojiif fedhii dhiyaatu irratti hundaa’uun Gaggeessuu,

  • Maanuwaalii Itti fyadama meeshaalee TQO Office machine irratti qopheessuun Ejansichaan gamaggamsiisuun seektaroota naannoofi godinaaleef raabsuu

  • Suphaa meeshaalee TQO sadarkaa naannootti seektaroota ogeessa TQO hinqabneefi suphaa humnaa olii qunnaman (laptop, desktop, office machines..kkf) suphaa jibaajii (hardware maintenance) raawwachuu fi moosaajiiwwan adda addaa (OS,application SWrs and anti-virus) fe’uudhaan suphaa gaafatame seeraan raawwachudhaan gabaasuu

  • Suphaa Meshaalee TQO sadarkaa godinaa fi aanaaleetti gaggeeffamu qindeessuu fi gabaasa qulqulluu qopheessuu,

  • Suphaa meeshaa school netii ilaalchisee deeggarsa barbaachisoo taasisuu

  • Meeshaalee kan akka janareetaraafii Air conditioner ballaa’anii hojii dhaaban akka suphaman taasisuudhaan, nageenyummaa meeshaalee TQO wiirtuulee daataa sentarii sadeen keessa jiran hordofuun tajaajila walirrraa hincinne akka kennamu taasisuu



    1. Projeektii kenna tajaajilaa, Haroomsaa fi Standardazeshinii Bulchiinsa Wiirtu Daataa (BWD)

  • Meeshaleen BWO keessa jiran akkataa Standardii BWO biyooleesatii hojii akka eegalan gochuu

  • Icciitii BWD eeguu fi akka eggamu tasiisuu(maintains a secure & manageable DC)

  • Meshaleen haaroftii BWO keessatti olka’aaman istandardii BWD guutuu isaa mirkaneefachuu(assures schudeuled test of upgraded existing & deployed of new system)

  • Tajaajila Kuusaa Deetaa “backup” waliigalaa akka rawatuu gareewan waliin hojjachuu fi “dc backup poolis” qopheessu

  • Tajaajila “ Replication across data center” akka waligalattii qindeessu fi hogganuu

  • Hubannoo waliigala ogeessota BWO waliin walitii hidhama qabaniif kennuu

  • Tajaajila waradaneetii naannichaa ga’uumsa fooyyessuu fi mosajjiiwwan saffisiisaan“WAN Optimization and application acceleration” gaggeessuu fi hordofuu.

  • Tajaajila waradaneetii naannichaa ga’uumsa isaa fooyyessuuf hojii Ethiyo telecom waliin bandwidth ol-guddisuuf eegalame raawwachiisuudhaan tajaajilli saffina qabu akka laatamuu gochuu

  • Tajaajila wiirtuu Daataa (WD) haala wal irraa hin cinneen kennuu fi haala barbaachisummaa isaatti filtering adda addaa gaggeessuu.

  • Tajaajila traffic monitoring and management guyyaa guyyaan taasisuu.

  • WaredaNetota akka naanichaatti jiran too’achuun haala ittiin danda’amu, Toolsii adda addaa barbaachisan (hardware & software) MCIT waliin qindaa’uudhaan hojii irra oolchuu.

3.5 pirojektii Ijaarsa Istidiyoo Vidiyoo konfiransii

  • Fedhii Ijaarsa istidiyoo Vidiyoo konfiransii dhiyeessuu(requirement presentation)

  • Hordoffii Ijaarsa Istidiyoo vidiyoo konfiransii irratti gabaasa yeroo yeroon dhiyeessuu

  • Sakatta’insa (testing and evaluation) gaggeessuu

  • Wal harkaa fuudhinsa taasisuun hojii irra oolchuu

4. Pirojektii Qorannoo, Misooma Qabeenyaa Namaa TQO fi WOH

4.1 Pirojektii Misooma Humna Namaa TQO

  • Giddu galeessaawwan leenjii TQO sadarkaa Godinaa , Aanaa fi Bul.Magaalaa Jajjabeessuu

  • Wiirtuu leenjii TQO/ICT Training Center/ sadarkaa naannoo irratti hundeessuu

  • Dandeetti itti fayyadama kompiyuutaraa hojjettootaa fi oggantoota Mootummaa cimsuudhaaf gaaffii manneen hojii irraa dhiyaatu ka’umsa godhachuudhaan leenjiin ogummaa akka kennamu gochuu

  • Fedhii Leenjii Olaanaa(Advanced computer training) ogeessota TQO adda baasuufi Carraa Leenjii Koompiitera Ol’aanaa (Advanced Computer Applications Training)Ogeessota TQOf akka kennamu taasisuu

  • Fedhii leenjii manneen hojii mootummaa MIS misoomsan (oggantootaa fi fayyadamtoota ) adda baasuu fi leenjiin dandeettii cimsuu akka kennamu gochuu

  • Leenjii Suphaa Koompiitera Ol’aanaa (Advanced PC Maintenance Training)Ogeessota TQO biiroo,goidinaa fi aanaa akka kennamu taasisuu

  • Leenjii Suphaa Meeshaalee TQO (Office Machines Maintenece Training)Ogeessota TQO biiroo,goidinaa fi aanaa akka kennamu taasisuu

  • Qormaata Ga’umsaa Ogeessota TQO gita hojii irratti ramadaman mirkaneessu kennuu

  • Leenjii itti-fayyadama moosaajii “On-line Exam” irratti ogeessotaTQO godina fi EMTQOO kennuu fi itti-fayyadamuu

4.2 Piroojeektii Wiirtuu Odeefannoo Hawaasaa fi Raadiyoo Hawaasaa Cimsuu

  • Bakka wiirtuun Odeeffannoo Hawaasaa itti hundaa’u adda baasuu

  • Meeshaalee barbaachisan adda baasuun spec qopheessuu

  • WOH haaraa hundeessuu

  • Qajeelfamaa fi danbii ittiin bulmaataa WOH fooyyeessuu

  • W OH hundeeffaman deeggaruu fi hordofuu

  • WOH kanaan duraa hundeeffamanif sarara interneetii diriirsuu ykn woredanet wajjin walquunnamsiisuu

  • Wiirtuulee “Incubation” jajjabeessuu fi hordofuu

  • Wiirtuulee Raadiyoo Hawaasaa “Community Radio” jajjabeessuu fi hordofuu

4.3 Pirojektii Dhaabbilee dhuunfaa tajaajila TQO kennan cimsuu

  • Gaaffii dhiyaatu irratti hundaa’uudhaan gosa daldala TQO adda baasuu.

  • Gosa daldala TQO erga adda bahee qajeelfamoota MCIT wajjin walsimuu isaa qaamaan deemanii mirkaneessu

  • Waraqaa ragaa mirkanno ga’umsaa daldala TQO kennuu

  • To’annoo fi hordoffii dhaabbilee dhuunfaa mirkannoo daldala TQO fudhatan gaggeessuu

5.Pirojektii Qophii Karooraa, Baajataa, Sirna Gamaaggamaa fi Hordoffii Raawwii Karooraa

  • Karoora mana hojichaa hirmaachisaa fi qulqullina qabu qopheessuu

  • Karoora baajataa ulaagaa irratti hundaa’e haala iftoomina qabuun qopheessuun akka hojii irra oolu gochuu

  • Raawwii karooraa fi baajataa ilaalchisee horddoffii fi gamaaggamaa gaggeessuu fi duub-deebii kennuu(physical and financial performance evualation)

  • Manuwaalii fi unkoota karooraa fi gabaasaa qophaa’an irratti sadarkaa naannoo , godinaa fi aanaleef raabsuu

  • Raawwii karooraa irratti ji’a ji’aan madaaluun adeemsaalee hunda waliin marii taasisuu

  • Sirna deeggarsaa fi hordoffii cimsuu


6. Pirojektii Dandeettii Raawwachiisummaa hojii cimsuu

  • Raayyaa Siivil Sarvisii gurmaaye Cimee akka itti fufu taasisuu

  • Dhimma dargaggoo fi HIV/AIDS irratti qixa barbaadameen hojjechuu

  • Rifoormiiwwan adda addaa qixa barbaadameen hojii irra ooluu isaanii hordofuu

  • Ga’umsa Oodiitii keessaa Cimsuu

  • Hojii irra Oolmaa Seerotaa fi qajeelfamoota faayinaansii cimsuu

  • Qajeelfamootaa fi seerota Bulchiinsa humna namaa baye sirnaan hojii irra oolchuu

  • Hirmaannaa dubartootaa fi dargaggootaa qophii fi raawwii karoora keessatti qaban guddisuu

  • Hojiilee rifoormii fi naamusa waliin walqabatan hojjachuu

  • Dhimma koorniyaa idileessuu irratti hojjachuu


7. Pirojektii Hirmaannaa fi itti fayyadamummaa ummataa cimsu gaggeesuu

  • Taajaajila walitti hidhamiinsa gandoota baadiyyaa (Rural connectivity) akk babal’atu taasisuun fayyadamummaa hawaasaa cimsuu

  • Waldaa ICT (ICT cooperatives) Gandoota 18 irratti haala qajeelfama ‘MCIT’ irraa ergameetin akka hundeeffaman taasisuu

  • Tajaajila bilbila bilisaa kennuu(free call center 888)


8. Pirojektii itti fayyadama miidiyaa guddisuu

  • Tajaajila poortaalittti fayyadamuun hojiilee mana hojichaa keessatti hojjataman beeksisuu

  • Raadiyoo fi televishiinitti fayyadamuun hubannoo hawaasni seektaricha irratti qabu cimsuu(DH.R.T.O fi ‘Fana Broadcasting corporation’)tti fayadamuun

  • Barreeffamoota adda addaa(biroosharii, maxxansaalee, kitaabbolee...) fayyadamuun hojiilee Ejansichaa beeksisuu


Yüklə 0,65 Mb.

Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin