Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti biiroo qonnaa



Yüklə 0,92 Mb.
səhifə1/19
tarix12.01.2019
ölçüsü0,92 Mb.
#96458
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   19

KGT-II Sektara Qonnaa



BULCHIINSA MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAATTI BIIROO QONNAA
KAROORA GUDDINAA FI TRAANSFOORMEESHINII MARSAA 2FFAA (Bara 2008-2012)

SEKTERA QONNAA

Caamsaa, Bara 2007

Finfinnee

Bafaata


1. Seensa ……………………………………………………………………..……………………………… 3

2. Haala Naannoo ………………………………………………………………….…..............…….………4





2.2.Haala Hawaasaa fi Diinagdee Naannichaa. 4

3. Xiinxala Aangoo fi Gahee Hojii Biiroo Qonnaa 4

3.1.Aangoo fi Gahee Hojii Biiroo Qonnaa 4

10.1.Qorannoo Karoora Itti Fayyadama Lafaa 56

10.2.Lafa Baadiyaa Tajaajila adda addaatiif Qopheessuu 57

10.3. Lafa baadiyaa Haala Aadaatiin Safaruu fi Galmeessuu 59

10.4.Lafa Baadiyaa Haala Hammayyaatiin Safaruu fi Galmeessuu 59

10.5.To’annoo fi Hordoffii Eegumsa Naannoo 60

10.6.Xiinxala Dokumantii Sakatta’a Dhiibbaa Naannoo 62

13.4.1.Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa (Strategic Focus Area) 77

Galma 2. Misooma Qonna ArfaasaaMidhaanota Gurguddoo 84

Galma 3. Misooma Midhaan Hiddaa, Kuduraa fi Mi’esituu Rooba Gannaa 85

Maniiwwaan 89



Galma 1. Dandeettii rawwaattootaa cimsuu (capacity bulding) 91

Galma 2. W irtuu leenjjii qonnaan bulaa ijaaruu fi cimsuu 91

Galma 3. Kunuunsa Buna 96

Galma Tarsiima’aa 1. Ekisteenshinii Misooma Jallisii 111

Galma 1. Oomishaa fi Oomishtummaa midhaan gurguddoo misoomsuu/midhaan biilaa, agadaa, dheedhii, kuduraa, hiddaa, muduraa, mi`eessituu fi shonkoora/. 111



Galma Tarsiima’aa 2. Dhiyeessa Bishaan Jallisii 114

Galma 1. Pooteenshaala misooma jallisii adda baasuu 114

Galma 2. Qorannoo fi Dizaayinii projektoota misooma jallisii ammayyaa gaggessuu 114

Galma 3. Filannoo bishaanii Q/H/bulaa hundaaf uumuu. 116

Galma 4.Ijaarsa piroojektoota misooma jallisi ammayyaa gaggeessu 116

Galma Tarsiima’aa 3. Bulchinsa Iskiimota Jallisii 118

Galma 1. Bulchiinsa Iskiimotaa fooyyessuu 118

Galma Tarsiima’aa 4. Misooma Jallisii irratti Hirmaanaa Uumataa Guddisuu 118

Galma 8. Leenjii qonnaan bultootaa fi qooda fudhattootaf kennuu 154

Galma Tarsiima’aa 2. Bulchiinsa Lafa Baadiyaa 161

Galma Tarsiima’aa 3. Eegumsa Naannoo 162


Oromiyaan qabeenya misooma qonnaaf ooluu danda’u dachii bal’aa , qileensa gaarii fi kuusaa qabeenya umamaa hedduu waan qabduuf midhaan gosa adda addaa omishuu fi hormaata beeylada gaggeessuuf carraan jiru bal’aa dha. Bu’uuruma kanaan Oromiyaan guddina sektera qonnaa akka biyyaatti galmaa’aa jiru keessattis ga’ee ol aanaa kan qabdu yoo ta’u sekterri qonnaa waggoota shanan dhufan keessattis madda guddina dinagdee isa hangafa ta’ee akka itti fufutti eeggama. Karaa biraatiin, oomishni lafa qonnaan bultootaa (private peasant holding) irraa argamu guddina sektera kanaa keessatti ga’ee ol aanaa kan qabu waan ta’eef karoora waggoota shanan dhufuu keessatti xiyyeeffannoo ol aanaan kan kennamuuf yoo ta’u gama biraattin guddina sektera kanaatiif ga’een abbootii qabeenyaas kan duriirra kan fooyya’e akka ta’u ciminaan irratti hojjechuun barbaachisaa dha.

Yeroo karoora Guddinaa fi Traansfoormeeshinii jalqabaa keessa oomishaa fi oomishtummaa sektera qonnaa dhimmoota guddisuu danda’an teekinooloojiiwwan adda addaa fi hojimaata fooyya’aa ta’an qonnan/horsiisee bultootaaf akka dhiyaatan gochuu; geggeessaa, ogeessaa fi qonnan bultootaaf hojii ijaarsa dandeettii bal’inaan akka kennamu gochuu fi akkasumas abbootiin qabeenyaa gama qonnaatiin gahee isaanii akka bahan gochuuf deggersa cimaa ta’e gochuun guddina qonnaa haala itti fufiinsa qabuun bu’aan gaarii ta’e galmaa’ee jira.

Keessumaa bara KGT I darbe keessa sosochii uummataa cimaa ta’e uumuudhaan sululoota adda bahan keessatti hojiin eegumsa biyyee fi bishaanii hojjetame qabeenya uumamaa kunuunsuu keessatti gahee guddaa kan xabate fi uummata keenya fayyadamaa kan taasise dha. Kun immoo hojiiwwan sulula keessatti qindoominaan hojjetamaniif bu’uura gaarii kan uume ta’ee jira.

Walumaa-gala hojiiwwan gaggaarii galmaa’an haala fooyyee qabuun itti fufsiisuuf yeroo KGT jalqabaa keessatti ciminoota argamanii fi hanqinaalee mudatan adda baasuun ciminootni mul’atan caalmaan akka itti fufanii fi hanqinaaleen adda ba’an bifa isaan itti haquun danda’amu tooftaa uumuun irratti hojjechuun ni barbaachisa

Haata`u malee guddinni sektera kanaan waggoota shanan darban keessatti omishaa fi omishtumaa hanga barbaadamee akka galmaan hingeenyee xinxaalii raawwii karoora guddinaaf Traansfoormeeshin tokkoffa irra hubachuun danda`amee jira. Karoora guddinaf Traansfoormeeshini(KGT II) lammaffakana keessattis oomishtummaan qonnaa sadarka qonnan bulaatti dachaan dabaluuf xiyeefanoo olaanadhaan hojachuuf karoorfamee jira.

Kanaafuu, gamaaggamni raawwii KGT jalqabaa kan geggeeffamee fi karoorri Guddinaa fi Traansfoormeeshinii itti aanuu (2008-2012) kan qophaa’e waan ta’eef ka’umsi isaa KGT jalqabaa keessatti hojiiwwan raawwatamanii fi bu’aalee argaman; raawwii keessatti sadarkaa sadarkaadhaan muuxannoowwan gaggaarii galmaa’anii fi hudhaalee mudatan; tarkaanfiiwwan furamaataa fudhatamanii fi akkasumas irra caalmaatti guddina diinagdee ariifachiisaa fi itti-fufiinsa qabu galmeessisuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu irratti kan xiyyeefatedha. Akkasumas, karoorichi hudhaalee ilaalchaa, dhiyeessii fi dandeettiitiin qaamota adda addaa biratti mul’atan haala hiikuun danda’amu irratti xiyyeeffachuun caasaa sadarkaa sadarkaan jiran cimsuu, human raawwachiisummaa jajabeesuu fi raayyaa misoomaa ijaaramee jiru cimsuun hojii furtuu ta’a.

Gama biraatiin qabeenya uumamaa keenya sosochii uummataan hoinsaan jalliqabamee iitfuffinsaan fayyadamuun, kunuunsuun oomishtummaa keenya daran guddisuun, ce’umsa gama induustiriitti taasfamu Agro-Industriidhaaf galtee kan ta’an oomishoota baay’inaa fi qulqullinaan omishuun jijjirama hangaan ibsamuu qoffa ottu hintaanee jijjirame caasefama/stractural transformation/ fiduuf bu`ura yaadamee karoorfamee jira.


  1. Haala Naannoo

    1. Haala Taa’umsa Lafaa fi Qilleensa Naannoo

Bulchiinsi Mooummaa Naannoo Oromiyaa Naannolee salgan (9n) Mootummaa Federalawwaa Dimokiraatawwaa Itiyoophiyaa keessaaisa tokkoodha. Bal’inni Naannichaa km2363,136 qaba jedhamee beekama.

Akkaataan bulchiinsa naannichaas Godina/Zoonii 18, Aanaaleebaadiyyaa 265 fi Gandoolee 6,447 tiin gurmaa'ee kan jiruu dha. Haala Qilleensa Naanniichaa yemmuu ilaallu Gammoojjiin %43, Badda dareen %42.3, Baddaan %14.5 fi qorrii (wurciin) %0.2 yammuu ta’u, hoo’innidigirii-seentigreediitiin 14 0c - 25 0c dha. Baay’inni roobaa waggaatti milii meertira 200 – 2600 yoo ta’u haalli roobaas bakka lamatti kan qoodamu dha. Roobnii arfaasaa ji'a Bitootessaa eegalee hanga dhuma ji'a Eblaatti kan turu yoo ta’u, roobni gannaa immoo jalqaba ji'a Waxabajjii irraa eegalee hanga dhuma Hagayyaatti yookaan jalqaba ji’a Fulbaanaatti kan turu dha. Olka’insi lafaa galaana irraa meetira 500 hanga 4,377 (masl) akka qabu ragaaleen ni agarsiisu.




    1. Yüklə 0,92 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   19




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2022
rəhbərliyinə müraciət

    Ana səhifə