Ido karoora bara 2006 fi 2007


Sakata’iinsa Naannoo (Environmental Scanning)



Yüklə 1,08 Mb.
səhifə2/15
tarix22.01.2019
ölçüsü1,08 Mb.
#101588
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   15

2Sakata’iinsa Naannoo (Environmental Scanning)

Gama sakata’iinsa naannootiin xiinxala keessaa fi alaa dabalatee; angoo fi gahee hojii IDO akkasumas Ergama, Mul’ata fi Duudhaalee Mana Hojiichaa gabaabinaan walduraa duuban tahaaniiti jiruu.



2.1Kayyoo Karooraa

2.1.1Kaayyo Waliigala(gooroo)


Hojiiwwan Qotiinsa Boolla Bishaaniti fi isaan walqabatan karaa amansiisaa taheen raawwachuuf karoora baroota hojii shanan(2008-2012) karaa qulqullina fi gahumsa qabuun hojjachuudhaan Karoora mootummaan sektatra bishaanitiif baase keessatti qooda fudhachuu, fedhii maamiltoota keenyaa guutu , gabaa bilisaa keessatti hirmaachuu fi galmoota gurguddoo raawwii waggaa shanan kana keessatti kaawwaman fiixan baasudhaan humna raawwachasiimummaa dhaabbatichaa dabaluudha .

2.1.2 Kaayyo Suduudaa





  1. Pirojektoota keenya fi hojiiwwan kanaan walqabatan yeroo karoorfameef keessatti raawwachuudhaan abbotii pirojektiif kennuu, raawwii pirojektii Qotiinsa Boolatti fi isaan walqabatu raawwii yeroo ammaa Boolota 45 ture xumura bara karoora KGT tti gara 180 tti olguddisuu

  2. Baroota shanan dhufan kana keessatti Hojiilee Qotiinsa Boolla Bishaanii gadi fagoo 402, Boolla bishaan gabaabaa 225 Yaalii pampii 415,haaromsa boollaa bishaanii 109, Paampii harkaa 232, Paampii dhaabuu qofa 180, fi hojiilee elektiromakanikaalaa dhiheesuu fi dhaabuu 52 raawwachuun galii qarshii 759,314,789.00 argachuu yoo ta'u, hojii kanaaf baasii qarshii 609,176,649.00 baasuudhaan bu'aa hinqulqulloofne qarshii 150,138,140.00 (giddugaleessan bu’aa hinqulqulloofne 20%) argachuu dha

  3. Pirojektoota keenya gatii madalawaadhaan hojjachuudhaan tajaajila nurraa eegamu kennuudhaan dhaabbata keenya bu’a qabeessa taasisuu fi danddeettii raawwachiisummaa keenya dabaluu, Riigota amma sadarkaa gaarirra jiran 7 dhuma bara karoora kanaa riigota tekinlojii gaarii qaban dabalatee lakkoofsaan 15 tti ol-guddisuu.

  4. Humna namaatifi qabeenya harka keenya jirutti karaa sirrii taheen itti fayyadamuudhaan galmoota karoora waggaa shaniif tahan fiixaan baasuu,Humna namaa yeroo ammaa 55% harka keenya jiru bara xumura karoora kanaatti 100% taasisuudhaan bu’aa dhaabbatichaa hin qulqulloofne ammo 23% ttitti ol-guddisuu.

2.2Aangoo fi Gahee Intarpiraayzii Diriilingii Oromiya (IDO)


Akkaataa danbii lakk 165/2006keewwata 8 jalatti taa’een angoo fi gaheen hojii IDO akka armaan gadiitti ka'amee jira:

  1. Naannicha keessatti qotiinsa boollawwan gadi-fagoo fi gabaabaa, dhiyeessa tajaajila Bishaan dhugaatii qulqulluu fi jallisiif oolan ni gaggeessa; boollawwan tajaajila irra turan ni haaromsa ni gabbisa, humna fi qulqullina bishaan maddoota kanaa ni sakatta’a, ni xiinxalla.

  2. Barbaacha fi misooma bishaan lafa jalaa, qotiinsa boollaa fi sakatta’insa humna bishaan lafa jalaa ilaalchisee teekinoolojiiwwan jiran ni bara, ni beeksisa, hojiirra ni oolcha. Tarsiimoowwan hojii kana bu’aa qabeessa taasiisuuf barbaachisan ni baasa, hojiirra ni oolcha.

  3. Hojii isaatiif kan oolan maashinoota qotiinsa boollaa, konkolaattota, meeshaalee jijjiirraa maashinoota fi meeshaalee qotiinsa fi ijaarsa boollaatiif galtee ta’an biyya alaatii gibira irraa bilisaan ni fichisiisa, ni fayyadama.

  4. Hojii qorannoo fi xinxala humnaa fi qulqullina bishaanii boollota qotamanii ni gaggeessa.

  5. Hojii suphaa fi buulchiinsa maashinoota boolla qotanii, konkolaattota fi dhiyeessa meeshaalee jijjiirraa waalin deeman hundaa ni gaggeessa.

  6. Ragaa misooma fi barbaacha bishaan lafa jalaan walqabatan irratti xinxala ni gaggeessa, ni gurmeessa, ni qabata.

  7. Fedhii qotiinsa boollaa bishaanii naannichaa sadarkaa hinmiineen hayyama boordii dhaabbatichaatiin bu’aa qabeessumaa gabaa irratti hundaa’uun hojii qottinsa boolla naannolee biroo keessatti dorgomee fudhachuun ni raawwata.

  8. Hayyama boondii baafachuun gurguruu, qabsiisuun liqeeffachuu fi gabaa akisiiyoonaa invastimantii gaggeessuu keessatti ni hirmaata.

  9. Karoora fi tarsiimoowwan yeroo gabaabaa fi dheeraa baafachuun boordiin erga mirkanaa’een booda hojiirra ni oolcha.

  10. Tajaajila kennu irraa galii argachuu qabuu ni funaana.

  11. Itti fayyadama faayinaansii, humna namaa fi qabeenyaa haala seera qabeessa, bu’aa qabeessa fi sirna gabaa biyyatii giddu galeessa gochuun hojiirra oolchuuf imaammata ni maddisiisa, yoo hayyamamuuf hojiirra ni oolcha.

  12. Kaayyoo isaa galmaan gahuuf teeknoolojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an uumuu fi fayyadamuuf qaamolee dhimmi ilaalu waliin qorannoo fi qu’annoo ni gaggeessa bu’aa isaas hojiirra ni oolcha.

  13. Akka barbaachisummaa isaatti qaamolee biyyaa keessa fi alaa hojii wal fakkaatu irratti bobba’an waliin walqunnamuu fi walgargaaruun ni hojjata.

  14. Humna dandeetii fi faayinaansii dhaabbatichaa cimsuuf gargaarsa meeshaalee fi faayinaansii barbaachisan walitti qabuuf tooftaa ni uuma, yoo boordiin hayyamame hojiirra ni oolcha.

  15. Akkaataa seeratiin waliigalteewwan ni mallatteessa, qabeenya ni horata, ni himata, ni himatama.

  16. Hojiiwwan dabalataa boordiin kennamuuf ni raawwata.

2.3Mul’ata, Ergama fi Duudhaalee Mana Hojiichaa (IDO)

2.3.1Mula’ta (Vision)


  • Baha-Afrikaa keessatti bara 2020 A.L.E tti Intarpiraayizii Diriilingii Omishtummaan isaa qulqullina qabu,humna namaa gahumsaa fi danddeettiin raawwachiisummaa isaa olaana tahe naannoo diriiliingiitti kan uumu, bu’a qabeessa, dorgomaa, beekkamaa fi filatamaa ta’ee arguudha.

2.3.2Ergama (Mission)


  • Hojiiwwan Qotiinsa Boollaa,tajaajila dhiheessa Bishaanii, qorannoo haala lafa jalaati fi barbaacha albuudaalee guddina hawaas dingdee oromiyaa kan mirkaneesse akka tahu,Gabaa bilisaa keessatti hirmaachudhaan gatii driiliingi fi isaan walqabatan tasgabeessuudhaan dhaabbata diriilingii gahumsa ol-aanaa horate galii ofiitiin of bulchu fi jiruu fi jereenya hojjattoota isaa kan jijjiiru fi kan fooyyessu gochuu dha.

2.3.3Duudhaalee(Value)


Karoora tarsiimoo haala walfakkaatu fi safaramuu danda’uun galmaan ga’uu keessatti Intarpiraayiziin Diriilingii Oromiyaa duudhaalee fi amantaa cimaa qabaachuu qaba. Haaluma kanaan duudhaaleen mana hojichaa keessattii calaqqisuu qaban akka armaan gaditti kaa’amaniiru.

  1. Bishaan lubbuudha,Diriiliingiin ammoo hojii lubbuu baraaruti.

  2. Kiraa sassaabdummaa fi hojiimaata badaa lagachuu

  3. Iftoominaa fi itti gaafatamummaan hojjechuu

  4. Teeknoolojii dirrillingi madaqsuu fi kalaquun hojjachuu.

  5. Beekumsa hawaasaa kabajuu, itti fayyadamuu.

  6. Qusannaa aadaa godhachuu amananii fudhachuu.

  7. Qabeenyi keenya guddaan humna namaati amantaa jedhu qabaachuu.

  8. Qindoominaan hojjachuun karaa guddinaa tahuu fudhachuu.

  9. Hirmaachisummaan bu’ura milkaa’inna keenyaa jadhani amanuu.

  10. Saffisaa fi qulqulinaan hojjachuun amantaa ummataa horachuu.

  11. Duudhaa misoomawaa dhaabbataa qabaachuu.

  12. Nageenya Induustirii mirkaneessuuf amantaa guutuu qabaachuu.

Yüklə 1,08 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   15




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin