Ido karoora bara 2006 fi 2007


Dandeessitoota/haala mijaa’aa fi hudhaalee (Enablers and Pains)



Yüklə 1,08 Mb.
səhifə4/15
tarix22.01.2019
ölçüsü1,08 Mb.
#101588
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   15

2.5Dandeessitoota/haala mijaa’aa fi hudhaalee (Enablers and Pains)


Haala xiinxala mana hojii irraa ka’uudhaan dhimmoota hudhaalee fi dandeessitoota ta’an haala asiingaditti ta’een ibsamee jira.

Gabatee : Dhimmoota hudhaalee fi dandeessitoota ta’an




Lakk.

Dhimmoonni Gufuu ta’an (Pains)

Tarkanfiiwwaan fudhatamu qabaan

1

Karoora tarsiima'aa qopheesuu fi qorannoon Jijjiirama Bu’uura Adeemsa Hojii (JBAH) akka mana hojiitti kan hin qophoofne tahuu.


  • Dokumantti jelqabaa karoora tarsiima'aa fi qorannoo JBAH eegalamee ture ragaa barbaachisu waliin IIHBO irraa fudhachuu

  • Dhaabbilee hojii walfakkaatu hojjatanii fi bu'aa gaarii galmeessisaa jiran addaa baafachuu fi muxannoo irraa fudhachuu

  • Haala qabatamaa dhaabbata keenyaa qorachuun karoora tarsiima'aa qophaa’etti fayyadamuu.

  • Karoora Tarsiima'aa qopheeffanne galmaan gahuuf kan nu gargaaran meeshalee jijjiiramaa (JBAH) qorachuu fi hojii irra oolchuu

  • Raayyaa misoomaa cimsuun hojii keenya hunda rayyaan raawwachuu karooricha kara raawwii qabatamaatti jijjiiruu.

2

Hirmaannaa fi hubannoon maamiltoonni/ qooda-fudhatootni gama baldhinna hojii qabnuu, fedhii dhiheesilee adda addaa barbaanu fi gosaa fi maashinoota qotiinsa qabnutiin jiru laafaa ta'uu.

  • Weebsaayitii ofii qabaachuun gosaa fi baay'inna hojii qorannaa hojjanuu, fedhii dhiheessii nu barbaachisuu fi kkf hubannoo uumuu.

  • Maxxansaalee adda addaa fayyadamuun dhaabbaicha beeksisuu

  • Weebsaayitoota hojii walqunnamsiisuu hojjatan irratt maammila ta'uudhaan odeeffannoo barbaachisaa dabarfachuu ykn fudhachuu

  • Maamilootaa fi qooda fudhatoota keenya adda baafachuun hariiroo cimaa fi itti fufiinsa qabu uumuu




3

Ragaa hojii hojjannuu yeroo hunda sassaabuun ala qindeessuu, haalla hammayyawaa ta'een qabachuu fi yeroo barbaachise baasanii itti fayyadamuu irratti hanqinni jiraachuu

  • Ragaan suphaa maashinootaa (Machine history jacket) mataa mataa maashinaatiin qabamaa ture cimee akka itti fufuu fi xiinxalli godhamaa bu'a qabeessuumaan tokkoo tokkoo maashinaa too'atamaa akka deemu godhuu

  • Ragaan gatii meeshaalee adda addaa yeroo yeroon sassaabamaa, xiinxalli barbaachisaan geggeefamaa gatiin hojii kan yeroo isaa eeggate akka qophaahu taasisuu

  • Ragaa haala qotiinsaa nu mudatu sassaabuun haala naannotii fi gadifageenyaan qindeessanii qabachuun hojii fi gatii hojii kenninnu irratti itti fayyadamuudhaan bu'a qabeessummaa hojii keenyaa mirkaneesaa deemuu

4

Sadarkaa adda addaatti horodoffii fi deeggarsi hoggansaan kennaamu laafaa ta’u fi hrdoffii fi deegarsi itti fufiinsa qabu haala qindoomeen jiraachuu dhabuu


  • Oggantootni sadarkaa adda addaa irra jiran hordoffii fi deegarsa hojii itti fufiinsa qabu gaggeessuu

  • Akka mana hojiitti sadarkaa waajira ol'aanaa irraa hanga pirojektiitti sirni hordoffii fi deegarsa hojii diriiree akka hojii irra ooluu taasisuun akka barbaachisummaa isaatti sadarkaa hundatti duub-deebiin yeroo isaa eegee akka kennamu taasisuu.

  • Gabaasni raawwii hojii yeroo fi qulqulina isaa eeggatee akka dhihaatuuf haala qophii gabaasaa irratti sadarkaa adda addaatti hubannoon wal-fakkaatu uumamee bifa wal-fakkaatuun akka darbuu fi qindaa'uu taasisuu

  • Hggantootni fi raawwatootni mana hojii sadarkaa adda addaa jiran yeroo murta'e keessatti raawwii karooraa irratti marii akka taasisan gochuu, kurmaana kurmaanaan itti gaafatamtootaa fi hojjetoota sadarkaa waajira ol'aanaa fi pirojektii waliin haalla mijjeessuun marii gaggeessuun koroora fiixaan baasuu keessatti ciminaa fi dhadhabina mul'ate addaan baasuudhaan irratti akka hojjetamu taasisuu

5

Rakkoo ilaalchaa, hanqina dandeettii fi dhiyeessii jiraachuu


  • Oggantootnii fi hojjetootni sadarkaa sadarkaan jiran beekumsa gahumsa hojii fi dandeettii, kaka’umsa hojii fi kutannoo akka horatan taasisuu

  • Sirna hooggansa humna namaa raawwii hojii fi bu’aa qofaan madaaluu hojii irran oolchuu

  • Hojmaata kenna tajaajilaa saffisiisuu danda’u diriirsuun rakkoowwan ijoo ta’an hiikuun manuwaalii fi qajeelfamoota baasanii hojiirra oolchuu

  • Sirna hordoffii fi deegarsaa bu’a qabeessa taé diriirsuun hojiirra oolchuu

  • Muuxannoowwan gaggarii raawwii keenya darbe keessattti galmaahanii jiru addaan baasuun qindeessuun akka babal’atu gochuu

  • Hojii irratti yeroo yeroon leenjii gabaabaa kennuun dandeettii fi gahumsa oggantootaa fi hojjetootaa fooyyessu

  • Carraa leenjii biyya keessaa fi alaatti fayyadamuudhaan dandeetti

  • raawaachiisummaa hojjetootaa cimsuu




Hojjatoonni(ogeessonni) ogummaa ol’aanaa qaban dhuunfadhaan ykn karaa gurma’een hojii kan gadi lakkisan tahuu.

  • Sirna jajjabeessituu diriirsuu.

  • Mindaa iddoodhaan walsimuu fi hawwataa kanfaluu.

  • Carraa barnootaa kennuu fi dhaabbaticha dorgomaa taasisuu.

  • Rakkoo bulchiinsa gaarii sakatta’anii hiikaa deemuu.

6

Mana kuusaa gurguddaa fi ogeessota ciccimoo qabaannus haalli qabiinsaa fi ittt fayyadama meeshaa keenya kindoomina qabaachuu dhabuu

  • Galmee meeshaalee qotiinsaa fi suphaa maashinootaa qabnu galmeessuun hammayyeesinee qabachuuf eegalame cimee akka itti fufu godhuu

  • Ragaa galmee haala hammayyaatiin qindeessanii kompitaraan qabachuun yeroo barbaadames haala salphatti argachuu akka dandeesisu godhuu

  • Sirna bulchiinsa qobeenyaa iftoomina fi itti gaafatamummaa qabu diriirsuu fi hojii irra oolchuudhaan Ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabdummaa naannoo bittaa meeshaa irratti jiru hambisuu

7

Ergama fi mul’ata dhaabbatichaa galmaan gahuuf qindoomni fi hirmaannaan qooda-fudhatootaa laafaa ta'uu

  • Qooda-fudhatoota dhaabbatichaaf murteessoo ta'an addaan baasuudhaan haala itti walitti dhufeenyi umamuu fi cimuu danda'u uumuu

  • Qooda-fudhatoonni gahee isaanii akka bahanii fi galma gahiinsa mana hojii keenyaa keessatti qooda akka fudhatan taasisuu

  • Hojii mana hojichaa raawwatu irratti qooda-fudhatoota waliin bifa itti hordofuuf gamaaggamuun danda'amu uumuun hojii irra oolchuu

Gabatee : Dhimmoota ijoo ciminaa fi carraa gaarii irraa maddanii fi tooftaa itti fayyadama isaanii




Lakk.

Carraa Gaarii jiru

Tooftaa itti-fayyadamaa isaanii



Karoora waggaa SHANII KANA qophaa’e galmaan gahuuf humni namaa barate haala gaariin uumamaa jiraachuu

  • Ogummaa fi dandeettii jiru hojii qabatamaa ta’e wajjin akka walsimu taasisuu

  • Sirna faayidaa adda addaa haala qabatama raawwii hojii waliin walsimu diriirsuun humna nama gahumsa qabu haawwachuu



Teeknooloojii walqunnamtii ammayyaa kan akka ICT fi telephoonni iddoo hundatti jiraachuu.

  • Itti faayyadama teekinooloojii wal-qunnamtii ammayyaa fooyyessuuf dandeetti raawwachisummaa cimsuu

  • Kenna tajaajilaa fi qabiinsa ragaa teeknooloojii ammayyaatiin deeggaruun bu’a qabeessummaa isaa mirkaneessuu




Yüklə 1,08 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   15




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin